Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
በምስራቅ ጉጂ ዞን ዋደራ ወረዳ የአምስት አመት ህጻን በብልፅግና ጦር መደፈሩ ተገለፀ።
ታህሳስ 3 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ኢሰብአዊው የብልፅግና አገዛዝ የኦሮሞን ህዝብ ለመስበር እና በቅኝ ግዛት ስር እንዲገዛ የተለያዩ ስልቶችን ነድፎ ኢኮኖሚውን እየዘረፈ፣ ስራና ትምህርት ቤት እየከለከለ፣ ወጣቶችን በየእስር ቤቱ እያሰረ እና ሰራዋቱን በሁሉም የኦሮሚያ ስፍራዎች በማስማርት ንፁሀንን እያስደፈረ ነው ።
በዚህም መሰረት በታህሳስ 1 ቀን 2024 ዓ.ም ረጋሳ ፊቃዱ ሃሮ የተባለ የአምስት አመት ህጻን በምስራቅ ጉጂ ዞን ዋደራ አውራጃ በዋደራ ከተማ እራሱን የብልፅግና ጦር ብለው በሚጠሩት በኮሾሮ እና እስቃጤላ በማታለል እንደደፈሩት ነዋሪዎች ገልፀዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ የአምስት ዓመቱ ህጻን በብልፅግና ሰራዊት በተፈጸመው መደፈር ለከፍተኛ የጸጥታ ችግር ተጋልጧል። እናም ይህ ህፃን በአዶላ ዋዩ ሆስፒታል ህክምና ቢደረግለትም መታከም ባለመቻሉ ወደ ሀዋሳ ሆስፒታል መሸጋገሩን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በኦሮሞ ህዝብ ላይ እየደረሰ ያለው ችግር ካለፉት አምባገነን መንግስታት የከፋ ነው ሲሉ አስተያየታቸውን የሰጡን አንዳንድ የአካባቢው ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
በምስራቅ አርሲ ዞን በሲርካ ወረዳ የብልፅግና አንጃ አንድ ወጣትን መግደሉ ተሰማ።
ታህሳስ 3 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ከላይ በመጣ ትእዛዝ የተሰማሩ ታጣቂዎች ሰላማዊ ሰዎችን በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላቸውን ቀጥለዋል።
ይህን በማስመልከት በምስራቅ አርሲ ዞን በሲርካ ወረዳ ጉዳ ሳቦሌ መንደር አወል አደም ከድር የተባለ ወጣት በብልፅግና ጦር በጥይት ተመትቶ መሞቱን ነዋሪዎቹ ገለፁ።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ወጣቱ በዲጋሉ ወረዳ የአረቢ መንደር ተወላጅ ሲሆን ለተፈጸመው አሰቃቂ ግድያ ምክንያቱ ኦሮሞ በመሆኑ ብቻ ነው ሲሉ ነዋሪዎች ገልፆዋል።
[12/3, 5:18 PM] J Nafileet: የኦሮሞ ጋሻ እና ጥላ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት በተለያዩ የኦሮሚያ አካባቢዎች ጠላት ላይ የሚሰነዘረው ጥቃት ተጠናክሮ ቀጥሎል።
ታህሳስ 3 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ፍርጣማው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ንፁሀንን ለማሰቃየትና ለመዝረፍ በተሰማሩት የብልፅግና ጦር ላይ የማያዳግም እርምጃ እየወሰደ ነው።
በዚህም መሰረት በሰሜን ሽገር ዞን ውስጥ በደገም ወረዳ በያያ ሀሮ ቀበሌ ውስጥ ታህሳስ 1 ፥ 2024 ዓ.ም ላይ በጠላት ሀይላት ላይ በወሰደው እርምጃ በጥይቶች ወላፍን ጠላትን እንደልነበረ አርጎታል።
በዚህ ጥቃት ላይ 23 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 18 ቆስሎል።
እንድዚሁም በወረ ጃርሶ ወረዳ በDhahee ስላሴ ቀበሌ ውስጥ በወሰደው ጥቃት የጠላት ሀይላትን ሽባ አርጎታል።
በዚህ ጥቃት ላይ 28 የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ 25 ቆስሎል።
አክሎም በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በዳዌ ሀረዋ ወረዳ አዳሎ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ጭብራ ሀሰን ጉሌ ማለዳ 12 ስዓት ላይ አይደክሜው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ለዘረፋ በተሰማሩት የፋሽስቱ ጦር ላይ በወሰደው ጥቃት በጥይቶች ውርጅብኝ ጠላትን ድባቅ አርጎታል።
በዚህ ጥቃት ላይ ከ6 በላይ የጠላት ሀይላት ሲገደሉ ፥ በርካቶች ቆስሎል። እናም የተለያዩ የጦር መሣሪያዎችን ከጠላት ጀርባ ላይ በመፍታት ለኦሮሞ ህዝብ ትግል ገቢ አርጎዋል።
በሌላ በኩል በምዕራብ ጉጂ ዞን መልካ ሶዳ ወረዳ አንድ የፒፒ ወታደር ለጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት እጅ ሰጠ።
በኦሮሞ ህዝብ ላይ እየደረሰ ያለው ያለፍላጎት እስር፣ ጭቆና እና ማሰቃየት፣ የአገዛዙ ወታደሮች በሀገሪቱ ላይ ያለ ህጋዊ ምርመራ ሰላማዊ ዜጎችን ማሰር እና መገደል ለስርአቱ የሚያገለግሉ የኦሮሞ ልጆች ተሰምቷቸዋል እና አዝነዋል።
ይህን በማስመልከት በምዕራብ ጉጂ ዞን መልካ ሶዳ አውራጃ ከHaadha ካምፒ መንደር በዲቲቻ ከተማ የፋሺስቱ ቡድን ፒፒን ሲያገለግል የነበረ ወታደር ከነሙሉ ትጥቁ አገዛዙን ውድቅ በማድረግ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ተቀላቅሎል።
ወታደሩ በአካባቢው ለሚንቀሳቀሰው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት 1የኤኬም ክላሽ ፥ 222 የኤኬም ጥይቶች እና 6 ካዝናን ለኦሮሞ ነጻነት ትግል አበርክቶዋል።
አባሉ አክሎም ካምፓችው በከፍተኛ መናወጥ ውስጥ እንደሚገኝና ለስርዓቱ አገልጋይ በሆኑ ብሄር ብሄረሰቦች መካከል ተደጋጋሚ ግጭቶች እንደሚፈጠሩም አክሎዋል።
በመጨረሻም በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በተደረገለት ደማቅ አቀባበል ተደስቶ በማይመለከታቸው ጦርነቶች ውስጥ የሚሳተፉ የኦሮሞ ተወላጆች ተግባራቸውን አቁመው የህዝባችውን ትግል እንዲቀላቀሉ ሲል መልክቱን አስተላልፎዋል።
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii fi Boojjii Coqorsaa keessatti jaleewwan bilxiginnaa uummata dararuu jabeessan
ONM-ABO Muddee 3,2024 Sammuu ittiin yaadan kan hin qabnee fi hawaasuma bulchaa jirra jedhaniif waanuma gaarii tokkollee kan hin yaadne loltoonni faashistii Abiy Ahimed, sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti darbatanii gaaffii seeraa tokko malee yeroo dheeraaf reebicha ulfaataa fi mirga namoomaa sarbuu raawwachaa jiru.
Aanaa Gimbii bulchiinsa magaalaa Gimbii waajjira poolisii ganda 02 keessatti shakkamtoota siyaasaati jechuun sabboontota ilmaan Oromoo nama 260 ol ta'an xiqqaaf guddaa, jaarsaa fi jaartii, qeerroo fi qarree akkasumas barsiisaa fi barataa osoo hin jenne hidhanii gaaffii seeraa tokko malee gidirsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni:
- Feenet Yiggazuu Ittaanaa barattuu kutaa 9'ffaa, •
- Caaltuu Shuggux barattuu kutaa 10'ffaa,
- Barsiisaa Hiikaa Taayyee Ciibsaa,
- Dubbaalee Tarfaasaa wayyeessaa,
- Alamii Tasgaraa Bulii,
- Abbabee Dinqaa,
- Abdii Kindee,
- Daawit Taaddasee,
- Fiqiruu Mitikkuu,
- Gammachiis Asaffaa,
- Kennasaa Asfawuu,
- Misgaanuu Baqqalaa,
- Hambisaa Tuunee,
- Dinqaa Bultii fi kanneen biroo hedduu ta'uun ibsameera.
Dabalataan Itti Gaafatamaa dhimma nageenyaa aanaa Gimbii kan ta'e namni maqaan isaa Kifiluu Waggaarii jedhamu hidhamtoota kanneen irraa gadaanaan qarshii 30,000 fudhachuun qondaaltota waraana Bilxiginnaa waliin nyaachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Aanaa Boojjii Coqorsaa keessattis loltoonni PP saamicha tilmaama hin qabne raawwachuu itti fufuun, ganda Giddaa Niqqiir jedhamu keessaa Sadaasa 29,2024 namoota maqaan isaanii hin eeramne jalaa loon dallaa shan guutuu saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees Sadaasa 28,2024 aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa bakka addaa Xiilloo jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
• Yaasin Bal'ataa,
• Tamaam Bonjaa fi
• Jamaaloo Taaffasaa jedhaman jalaa qabeenya isaanii guutummaan guutuutti saamanii mana jireenyaa isaaniis caccabsuun boodarra ammoo namoota kanneen fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuu fi nama kan biroo Maammush jedhamu jalaa ammoo loon lama qalatanii nyaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti Ajjeechaa, gubaatiin manneen maatii qabsaa'otaa fi jiraattotni danuun qe'ee isaanii irraa buqqifamuun beekame
ONM-ABO Muddee 3,2024 Murni beekamtii seeraa fi filannoo uummataa malee ani mootummaadha ofiin jedhu Bilxiginnaan afaaniin nagaa labsaa keessoo isaan ammoo duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatu jabeessuun loltoota isaa naatoo dhala namaaf hin qabne itti bobbaasee dhiigni namoota qulqulluu guyyuu dhangala'uu, maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun manneenii fi qabeenyaan jiraattotaa gubatee barbadaa'uu fi hawaasni nagaan qe'ee isaa irraa buqqifamuun gidiraa hangana hin jedhamne keessummeessaa jira.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Adaaloo keessatti Muddee 2,2024 dhukaasa hidhattootni sirnichaa hawaasa nagaa irratti bananiin daa'imni ganna 5 kan maqaan ishee Hayaat Maammaa jedhamtu rasaasa loltoota sirnichaan madaa'uun yeroo ammaa du'aa fi jireenya gidduutti kan argamtu ta'uus jiraattotni dubbatan.
Guyyama kana Muddee 2,2024 aanichuma ganda Manduuboo fi Qurqurootaa keessatti loltoota impaayera Itiyoophiyaan manneen maatii qabsaa'otaa gubachuun kan barbadaa'e yoo ta'u, namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneenis muraasni maqaa arganne ganda Adaaloo irraa Obboloota 3'n Moggee Ibraahim,
Adam Ibraahim,
Huseen Ibraahim fi
Ahimedee Alii kanneen jedhaman jalaa mi'a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii yoo barbadeessan, Huseen Mahaammad Abduu nama jedhamu jalaa ammoo midhaan ardaba 20 dabalatee mana isaa guutummaatti barbadeessaniiru.
Hidhattootni sirnichaa gubaatii manneen maatii qabsaa'otaa ittuma fufuun guyyuma kana aanichuma ganda Qurqurootaa irraa mana Haadha Hayaat kan bara 2023 maqaa abbaa warraa keetu bosona jira jedhuun mana qorqorroo mana lama jalaa gubuun barbadeessan turan, mana malee waan hin jiraatamneef isa isheen irra deebitee ijaarratte deemanii ibidda itti shiduun mi'a mana keessaa cufa waliin jalaa gubanii barbadeessaniiru.
Aanicha keessatti gubaatii manneeniin cinaattis dhukaasa shiftoonni Koloneel Abiy Ahimed guyyuu hawaasa nagaa irratti banaa oolaniif jiraattotni lakkoofsaan danuu ta'an gandoota akka Buukkoo, Manduuboo, Adaaloo, Qurquroota, Ajoo, Qilleentii fi Tullu Booraa irraa buqqifamuun yeroo midhaan isaanii ooyruu irraa haammachuu qabanitti hidhattoota sirnichaan reebamanii oomisha isaanii osoo hin galfatin firoottan isaanii biraa fi bosonatti dheessanii jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM dubbise himaniiru.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 3-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 3-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Humna Weelluu ONM-ABO Muddee 3-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti milishoonni hojiilee uummata ajjeesuu irratti murna faashistii PP'n bobbaafaman waraana Bilisummaa Oromoon to'atamuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 3,2024 Roorroo uummata Oromoo irratti hiddaan gadi dhaabuu, gabroomsanii bulchuu aadaa gaarii taasifachuu fi impaayera Itiyoophiyaa lafee fi dhiiga ilmaan Oromoo irratti dhaabbatte jabeessanii dararaa uummata Oromoo irra bulchuuf murni Bilxiginnaa, waraana, humnoota milishaa fi poolisoota Kuma dhibbootaan ijaaranii bobbaasuu irratti argamu.
Bu'uurama kanaanis humnoonni waraanaa mirga namoota nagaa ajjeesuu fudhatanii golee Oromiyaatti bobba'anii jiran, haamilee loltummaa kanneen hin qabne, shakkii sanyummaa walii isaaniif qabanii fi fedhii gaarii loltummaa impaayerrattiif dhabuu irraanis kan ka'e, lola irratti hirmaatan keessatti akka baalaa harca'uu, dhibbootaan harka laattachuu fi fayyaatti harkaan qabamuudhaan seenaan isaanii dubbatama.
Akkuma kanaanis Muddee 1,2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti humnoonni milishoota sirna faashistii PP kanneen dirqamaa fi maallaqaan goyyomsuun impaayerrattiif akka hojjetaniif bobba'an haxxee waraana Bilisummaa Oromootti seenuun namoonni sagal jiraatti booji'amuu maddeen waraana Bilisummaa Oromoo onichaa ONM'f eeraniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 3,2024 Waraanni sirna dhab-leessi faashisticha Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun gara hawaasa nagaatti deebi'anii dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.
Sadaasa 30,2024 waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Gooban keessaa namoota maqaan isaanii:
• Bulchaa Kabbadaa fi
• Gannatii Xaasoo jedhaman badii tokko malee mana isaaniitii ukkaamsuun waajjira Poolisii aanaa Jimmaa Raareetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "hidhata WBO qabdu" jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu ibsaniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 3-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Chaansilarri Jarmanii Ischolz gargaarsa waraanaa Yukireenii daawwannaa tasa Kiiv keessatti taasisaniin beeksise
ONM-ABO Muddee 3,2024 Chaansilarri Jarman Olaf Ischoolz daawwannaa hin eegamne Wiixata kaleessaa Kiivitti taasisaniin, biyyi isaanii Awurooppaa keessatti deeggartuu guddaa Yukireen taatee akka itti fuftu dhaadachuun, ji’a kana keessa gargaarsa waraanaa Yuuroo miiliyoona 650 (Doolaara miiliyoona 683) akka kennu waadaa galaniiru.
Daawwannaan kun erga gara waggaa sadii dura Raashiyaan Yukireen guutummaatti weerartee booda isa lammaffaa yoo ta’u, yeroo mirkanaa’aa hin taane kanatti Jarmaniin deeggarsa akka qabdu kan agarsiisuudha.
Daawwannaan kun pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Waayit Haawus keessatti aangoo qabachuu isaanii dura fi humnoonni Raashiyaa bu’aa naannoo argatanitti. Ischolz torban kana walgahii Biraaselsitti gaggeeffamu irratti pirezidaantii Volodymyr Zelenskyy waliin ni mari’atu.
Daawwannaan Chaansilara Jarmanii kun kan ta’e yeroo gamtaan isaanii baatii Guraandhalaa keessa kufee booda ji’a Sadaasaa keessa sagalee ariifachiisaa irratti irra deebi’anii filatamuuf lola cimaa isaan mudateetti.
Galmeen mataa isaa Yukireen deggaruu irratti qabu namoota Kiiv gargaaruuf caalaatti akka hojjetu barbaadanii fi gama biraatiin ammoo filattota Jarmaniin meeshaa waraanaa fi gargaarsa Yukireen erguu irraa akka duubatti deebitu barbaadan irraa qoratamaa ture.
“Jarman Awurooppaa keessatti deggartuu cimaa Yukireen taatee itti fufti,” jechuun chaansilarri Jarmanii X irratti barreesse. Walgahii Zelenskyy waliin taasisaniin, “meeshaalee waraanaa dabalataa Yuuroo miiliyoona 650 gatii qaban, kan Muddee keessa geejjibamuuf jiru ni beeksisa” jedheera jechuun Rooyitars gabaseera.
Hidhattoota sirnichaan Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhaa fi doorsisni namoota nagaa irratti raawwatamu jabaate
ONM-ABO Muddee 3,2024 Lolli Impaayerattii keessatti adeemaa jiru sirnichaaf yaaddoo guddaa ta'ee kan jiru yoo ta'u, namoota dhuunfaa irraa qabee hanga gartuulee mootummaa fi leellistoota sirnichaan duulli ilmaan Oromoo irratti labsamee jiru tokko tokkoon maatiilee hundaatti babaldhachaa dhufeera.
Sadaasa 30,2024 aanaa Dawwee Harawaa ganda Manduuboo keessatti hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun gandichatti bobbaafaman hawwan 4 kan maqaan isaanii;
Mareemaa Huseen Alii,
Kaddoo Huseen,
Zaaraa Huseen Umaree,
Haloo Huseen Moommee fi abbaa warraa maqaan isaa Abduu Qaasim Amiinuu jedhaman manneen isaanii keessaa qabuun reebicha jibbisiisoo irratti raawwachuun konkolaataa keessa buusanii magaalaa Booraa geeffachuu jiraattotni ganda Manduuboo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himaniiru.
Namoonni hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin garmalee reebamuun hidhaman kun irra caalaan isaanii haadha maatii yoo ta'an, namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta'uun ofii fi ijoollee isaanii jiraachifatan ta'uu jiraattotni himuun, ergamtootni maafiyaa PP kun ammoo maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ni deggartu jedhuun reebichaan qaama laalessanii haadholii irraa hidhuun ijoollee isaanii bakkeetti hambisaniiru jechuun dabaluun dubbatan.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 3,2024 Hidhattootni ajaja gubbaa irraa fudhachuun bobbaafaman namoota nagaan jiruu idilee isaanii geggeefatan wantoota isaan dhimma keessaa hin qabneen yakkanii, lubbuu namaa akkuma salphaatti ilaaluun ajjeesuu itti fufanii jiru.
Sadaasa 30,2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Guddaa Saboolee jedhamu keessatti waraanni bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Awwal Adam Kadir jedhamu sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni ONM'tti himanitti dargaggoon kun dhalataa aanaa Diigaluu ganda Arabii yoo ta'u, sababni ajjeechaan suukkanneessaan kun irratti raawwatameefis yoo jiraate sababa Oromoo ta'e qofaaf ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 3-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 2-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የፒፒ ታጣቂዎች እና ካድሬዎች የህዝብ አገልግሎቶች በሚል ስም ገንዘብ እየዘረፉ ነው።
ታህሳስ 3 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ገዳ ስርዓት ከፈራረሰበት ጊዜ ጀምሮ የስርዓቱን ዙፋን ለመጠበቅ እንባ እና ደም እያፈሰሰ የሚገኘው አንጃ ዛሬ እኩይ ተግባሩን አጠናክሮ ቀጥሏል።
የፒፒ ታጣቂዎች ከመጋቢት 26,2024 ዓ.ም ጀምሮ በቡኖ በደሌ ዞን ጨዋቃ አውራጃ በገጠር መንደሮች ከህዝቡ ከ 7ሺ እስከ 8ሺ ብር እየዘረፉ እና እስከ ታህሳስ 3,2024 ዓ.ም ሰብስበን እናጠናቅቃለን እያሉ ነው። አምባገነኑ የአብይ አህመድ መንግስት በገጠር
መሠረተ ልማት ስም ህብረተሰቡን እንዲዘርፉ ተላላኪዎችን እያስገደደ መሆኑ ይታወቃል።
የህብረተሰቡን ክፍተት መሙላት ግዴታ የሆነው የፒፒ ማፍያ ቡድን ከህገ መንግስቱ እና ከአለም አቀፍ ህግጋቶች በተቃራኒ ህዝቡን እያዋከበ ነው ሲሉ የአካባቢው ማህበረሰብ ለኦኤንኤም ተናግሮዋል።
Waraanni Maalii hoggantoota olaanoo shororkeessitootaa dhabamsiise
ONM-ABO Muddee 3,2024 Waraanni Maalii Wiixata kaleessaa magaalaa kaaba Tinzawuten naannoo Kidal jeequmsa keessa jirtu keessatti duula geggeesseen ajajoota gareewwan shororkeessummaa hedduu ajjeesuu isaa beeksiseera.
Hojiin Wiixata kaleessaa raawwatame miseensota sadarkaa olaanaa networkii shororkeessummaa kaaba Maalii keessatti socho’an hedduu jiddugaleessa ta’uu ibsi raayyaa ittisa biyyaa ni mul’isa.
“Shororkeessitoonni kunniin namoota nagaa fi Humna Waraanaa Maalii irratti haleellaa xiyyeeffannoo hedduu irratti hirmaatan, ergama isaanii naannoo Kidal eeguuf qaban gufachiisan,” jedha ibsichi.
Akkasumas, Tinzawuten tarkaanfiiwwan nageenya naannichaa miidhan karoorsuu fi raawwachuuf akka bu’uura tarsiimootti tajaajiluu ishee hubachiiseera.
Xiinxalaan siyaasaa Giddugala Qorannoo Tarsiimoo, guddina kanaa ilaalchisee yaada kennaniin, “Mootummaan biraa akka uumamuu sodaan jira.
Dhiheenya kana gareewwan hidhatan hedduun diigamuun qaama haaraa uumuuf mallattoon mul’achaa jira.”
Itti dabaluunis, “Milkaa’inni hojii kanaa kutannoo waraanni Maalii shororkeessummaa bifa hundaan ittisuu fi nageenya biyyaalessaa cimsuuf qabu agarsiisa,” jedhan jechuun France 24 gabaaseera.
Godina Baha Shaggar Aanaa Duukamitti ilmaan Oromoo manneen hidhaa keessatti dararamaa jiraachuun ibsameera
ONM-ABO Muddee 3,2024 Mirga sabaa fi sab-lammootaa kabajuun uummanni tokkummaan akka jiraatu, nagaa waaraa buusuuf fedhii guutuu kan hin qabne fi jijjiirama diimokiraasii diriirsuun isaaniif kan hin taane murni Bilxiginnaa, hojiilee hamoo saboota walitti buusu, hokkora kaasuu fi finxaaleessummaa dagaagsu jabeessaniiru.
Godina Baha Shaggar aanaa Duukamitti hojiitti bobbaatee kan jiraattu shamarree maqaan ishee Arfaasee Addunyaa jedhamtu baatii tokko dura maqaa hidhata WBO qabda jedhuun waraana maafi'aa PP'n qabamtee hanga gabaasni kun qindaa'etti hidhaan hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.
Shamarree Arfaaseen dhalattuu Kaaba Shaggar yoo taatu, hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba taatee jiraattus, Oromummaa ishee qofaan yakkamtee akka hidhamte ibsameera.
Kana malees magaalaa Duukam keessa jiraattonni Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa garas hojii humnaa hojjechuun jiraatan, kanneen waajjiraalee fi hojiiwwan birootti hirmaatanis shakkamanii manneen hidhaatti jumlaan guuramuun jabaatee itti fufuun ibsameera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruutti ajjeechaa jumlaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraan uummata Oromoo irratti raawwatame
ONM-ABO Muddee 3,2024 Waggoota jahan darban irraa kaasee xiyyeeffannoon murna Bilxiginnaa akkaataa Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin balleessan qofa dhaadannoo isaanii taasifachuun akka waan WBO'n uummata nagaa ajjeesuu ofii isaanii ammoo finxaaleeyyii Amaaraa meeshaa hidhachiisuun har'a uummanni Oromoo qabeenyaa fi lubbuu isaa humnoota kanaan dhabaa jira.
Ofumaa maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun gareen faashistii PP uummata Oromoo irratti meeshaa hidhachiisuun afaaniin ammoo waanuma ofiif godhan kana fakkeessuuf akka finxaaleeyyii Amaaraa kana hin balleessine kan nu gochaa jiru WBO'dha jechuun Shimallis Abdiisaa torban darbe magaalaa Naqamteetti dubbachuun isaa kan yaadatamuudha.
Gochi suukkanneessaa fi dubbachuuf nama saalfachisu kun guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 2,2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu ganda Jawajaa jedhamutti hidhattootni Faannoo namoota konkolaataan deeman irratti dhukaasa banuun namoota danuu ajjeesuun gariin madeessuun beekamee jira.
Namoota ajjeefaman keessaa kanneen maqaa arganne Araarsaa Margaa, Taayyee Akkumaa fi Taayyee Tashaalee kanneen jedhaman dabalatee namoota danuu ajjeesuun beekamee jira.
Akka maddeen himanitti Baabbuu Geetachoo abbaa qabeenyaa konkolaatichaa kan ta'e konkolaataa isaa gubuun sammuu isaas rukkutanii hospitaala kan seene yoo ta'u, Tamee Margaa jilba isaa rasaasaan daakanii jiraachuun beekamee jira.
Haleellaan kun ganda Jawajaa irraa gadi siqee bakka addaa Teelee jedhamu irraa fageenya meetira dhibba lama hin caalle irratti akka ta'es dabaluun ibsaniiru.
Injifannoo WBO
ONM-ABO Muddee 3,2024
WBOn Zoonii Giddugala Oromiyaa Lixaa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa magaalaa Mogor keessatti waraana faashistii PP galgala kana rasaasaan asii fii achi ari'ee gugsaa jira.
Murna PP kufuutii irraa ooluuf diraamaa sobaan WBOtu galeen burjaajii geggeessaa jiruuf deebiin keenya hanga gaaffiin siyaasaa Oromoo deebi'utti afaan qawwee akka ta'e beekuu qaba.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 3-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Waraanni Sudaan magaalaa giddu galeessaa Sudaan RSF jalaa deebisee qabate
ONM-ABO Muddee 3,2024 Waraanni Sudaan magaalaa Giddugaleessa Sudaan keessa jiru tokko Wiixata kaleessaa deebisee qabateera.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Yaasiin Ibraahim akka jedhanitti, humnoonni waraanaa magaalaa Um Al-Quraa Baha Godina Al-Jaziraa irraa to’annoo jala oolchaniiru.
“Humnoonni keenya naannoo Kaaba Kordofan (Kibba Sudaan) magaalaa Umm Ruwabaattis tarkaanfachaa jiru,” jechuun ibsa kennaniin dabalaniiru.
Um Al-Quraan magaalaa guddoo Naannoo Al-Jaziraa kan bara darbe Muddee keessa milishaa RSFn qabamte Wad Madanii irraa kiiloo meetira 45 fagaatti.
Loltoonni waraana Sudaan suuraa bobbaa isaanii magaalattii keessatti waltajjiiwwan miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniiru.
Ibsa raayyaa ittisa biyyaa kana irratti hanga ammaatti yaada RSF irraa kenname hin jiru.
Gama biraatiin ammoo, lixa Sudaan, Godina Daarfuur Kaabaa, Magaalaa Al-Fasher keessatti, milishaan RSF mooraa Zamzam namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniitti dhukaasa banuun namoonni lama yoo du’an, namoonni 12 ammoo madaa’aniiru.
Aktiivistoonni kunneen akka jedhanitti, dhukaasni RSF naannoo mooraa irratti baname guyyaa lammaffaaf walitti aansuun itti fufee jira.
Magaalaan Al-Fasher, Caamsaa 10 irraa eegalee, magaalattiin wiirtuu hojii namoomaa naannoolee Daarfuur lixa Sudaan hundaaf taasifamu waan taateef akeekkachiisni addunyaa taasifamus, waraana Sudaan fi morkataa ishee RSF gidduutti walitti bu’iinsi cimaan mul’ateera.
Bara darbe walakkeessa baatii Eblaa irraa eegalee waraanni Sudaan fi RSF waldhabdee lubbuu namoota 20,000 ol galaafachuu fi namoonni gara miliyoona 10 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii UN ibseera
Godina Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa keessaa loltuun PP tokko gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate
ONM-ABO Muddee 3,2024 Fedhii isaanii malee qabamuu, dhiittaa fi roorroon uummata Oromoo irra gahaa jiru, namoonni nagaan qorannoo seeraa malee hidhamuu fi ajjeefamuun sabicha irratti loltoota sirnichaan adeemaa jiru ilmaan Oromoo sirnicha tajaajilaa jiranitti dhaga'amuu fi gaddisiisuun yeroo irraa gara yerootti mooraa Bilxiginnaa gananii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO'n geggeeffamaa jirutti dabalamaa jiru.
Muddee 2,2024 godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Haadha Kamphii magaalaa Dhiitichaa keessaa loltuun garee faashistii PP tajaajilaa ture tokko meeshaa fi hidhannoo isaa guutuu waliin mooraa dabni keessatti dagaage mooraa PP keessaa bahuun WBO'tti harka kennachuu hooggansi WBO Zoonii Kibbaa ONM'tti himan.
Loltuun kunis AKM 1 rasaasa AKM 222 fi gumbii 6 qabachuun gara WBO bakkicha keessa socho'uutti kan dabalame yoo ta'u kanaan duras dirqamaan hojii isaa idilee irraa qabamuun akka mooraa garee kanaa seene dubbata.
Dabalataan mooraan isaanii kun raafama guddaa keessa akka jiru kaasuun sabaaf sab-lammoota hidhatanii sirnicha tajaajilaa jiran gidduutti yeroo hedduu irra deddeebiin wal dhibdeen kahaa akka jiru kaasuun keessattuu ilmaan Oromoo fi Amaaraa gidduutti fincilli jabaan akka jiru hima.
Dhuma irrattis simannaa hoo'aa WBO'n taasiseefitti gammaduun ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaatanii saba isaanii miidhaa jiran gocha isaanii irraa dhaabbachuun gara saba isaaniif qabsaa'uutti akka deebi'an jechuun dhaamsa dabarseefii jira.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti waraanni maafiyaan Bilxiginnaa manneen jiraattotaa gubuu, saamuu fi hidhuu cimsee itti fufe
ONM-ABO Muddee 3,2024 Kaayyoo uummata Oromoo gara badiisaatti oofuu qabatanii kan jiran hidhattootni garee maafi'aa PP namni yoo yakka hojjete gara seeraatti dhiheessuun furmaata tokko ta'ee osoo jiruu sababa tokko malee lafuma itti dhufanitti qabeenya namootaa mancaasuu fi lubbuu namaan taphachaa jiru.
Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Dirree Qanyii jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa Sadaasa 24,2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Danbaluu Gashul,
- Lataa Danbaluu fi
- Tufaa Fufaa jedhaman jalaa manneen isaanii qabeenya hunda waliin jalaa gubanii barbadeessuun, qabeenyaa fi horii isaanii guutummaa saamuu fi maatii isaanii hunda waliin qabanii deemuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu jiraattotni himuun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu" jedhu itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa hammeenyaan guute irratti raawwachuu dubbataniiru.
Oromo Liberation Army Operations Report - December 2, 2024
Operation in Northern Oromia Zone of Wallo District of Dawe
ONM-ABO December 3, 2024. The heroic Oromo Liberation Army (OLA) has continued its operation across Oromia in an effort to root out the criminal military forces of the Ethiopian regime and ultimately liberate Oromia. Accordingly, on December 2, 2024, in Wallo zone district of Dawe Harawa in a town called Adalo, OLA took decisive action against enemy forces early in the morning at 6:00 AM local time.
In this engagement initiated by OLA units of Hasan Gule Brigade, OLA neutralized 6 enemy combatants while several others sustained serious injuries. The remaining enemy units retreated in disarray and called for reinforcements from Kamise town.
The reinforcements that arrived in the area engaged in revenge attacks against civilians. The Ethiopian military forces often carry out revenge killings and destruction of public property whenever they are decisively defeated by the Oromo Liberation Army.
Operation in Central Oromia Region in District of Warra Jarso
ONM-ABO December 2, 2024. The heroic Oromo Liberation Army has taken decisive action against enemy forces in Northern Shagar district of Warra Jarso in a town called Dhahe Silase.
In this surprise and lightning attack against enemy troops, which took place on December 1, 2024, OLA neutralized 28 enemy combatants while over 25 enemy forces sustained severe injuries.
Operation in Central Oromia Northern Shagar Zone in District of Dagam
ONM-ABO December 2, 2024. Continuing its series of operations in central Oromia in Northern Shagar, OLA has taken additional measures against enemy forces in the district of Dagam in a town called Yaya Haro.
In this surprise attack against enemy positions that took place on December 1, 2024, OLA neutralized 23 enemy combatants while 18 others sustained serious injuries.
Godina Buunnoo Beddellee keessatti hidhattoonni pp fi kaadiroonni maqaa tajaajila hawwaasaa guunna jedhuun maallaqa saamaa jiraachuun beekame.
ONM-ABO Muddee 3,2024 Murni imaayerattii jireenya ummata Oromoo qorqee jiraachuu bare bara gadaan Oromoo cabee kaasee imimmaanii fi dhiiga ummata Oromoo dhagalaasuun teessoo sirnichaa tikfataa ture hardhallee gochaa badii isaa daran jabeessee jira.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa gandoota Baadiyyaa aanichaa guutuu keessatti hidhattoonni pp Sadaasa 26,204 irraa eegalee hanga Muddee 3,2024'tti xummurra jechuun tajaajila, Ibsaa, Bishaanii fi Daandiilee baadiyyaaf qarshii oolu jechuudhaan ummata of jireessuuf rakkoo keessa jiru irraa qarshii 7,000 hanga 8,000'tti irraa guuraa jirachuun barameera, sirni garboomfataan Abiy Ahimed silaa kan rakkoolee hawaasummaa mootummaan guutuuf dirqama itti qabu, hawaasa dirqisiisee maqaa bu'uuraalee misooma baadiyyaa jedhuun ummata irratti samicha gaggeessaa jira.
Karoora saamichaa guyyaa irraa gara guyyaatti baafachaa kan oolu murni maafiyaan PP, kan ofiin qaawwaa hawaasaa guutuuf dirqama itti qabu, akka heerri fi seerri idil addunyaa jedhuun faallaa uummata rakkisaa jira, haawasni rakkatee jireenya isaa geggeffachuu akka hin qabne kan dafqinee walitti qabanne mootummaan nu saamaa jira jechuun haawasni naannichaa ONM'tti himanii jiru.
Dararaan hidhamtoota siyaasaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaa irratti waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin jabaate
ONM-ABO Muddee 3,2024 Aanaa Gudayyaa Biilaatti qonnaan bulaan maqaan isaa Obbo Eebbisaa Tolasaa jedhamu jiraataa ganda Caalii Jimaa kan ta'e kaabinoota murna PP aanichaan qe'ee isaa irraa maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun qabamee yeroo dheeraaf hidhamaa turuun ibsameera.
Obbo Eebbisaan guyyaa qabame irraa kaasee Waajjira Poolisii aanaatti seelii WBO'ti, ni deeggartaa fi hojii loojistikii irratti bobba'uun hojjetta maqaa jedhuun milishaa fi waraana raayyaa ittisa impaayerattiin reebichi mana hidhaa onichaatti irratti taasifamaa kan ture ogguu ta'u, miidhaan qaamaa ulfaataan irra ga'uun mana yaalaa akka hin deemnes akka dhorkame ni himama.
Kanumaan kan walqabatuun qaamni isaa mammadaa'uun, fayyaa guutuu akka dhabes jiraattonni ijaan argan kan himan yoo ta'u, abdiin lubbuun jiraachuu isaas dhukkana cillimii itti ta'uun, sodaa yaaddoo lubbuun hafuu keessa seenuun lubbuu isaa balleessuuf walakkeessa halkanii Sadaasa 25,2024 qarabaa fayyadamuun morma isaa irra akka of qales beekameera.
Akkuma inni miidhaa jabaa of irratti taasiseenis hidhamtoonni siyaasaa isa waliin hidhamanii jiran hirriba irraa dammaquun lubbuu isaa oolchuu jirattoonni ONM'tti himaniiru.
Obbo Eebbisaan yeroo ammaa kana miidhaa isa irra ga'een haalli fayyummaa isaa haala yaaddeessaa irra jiraachuunis kan himamu yoo ta'u, mana yaalaa olaanaa gara Finfinneetti rifeeriin barreeffamuufiin yaalamaa jiraachuun ibsameera.
#Yuuniversitii Finfinnee
Goototni barattoota Yuuniversitii Finfinnee dararaan uummata Oromoo irra ga'aa jiru akka dhaabbatuu fi uummatni Oromoo falmaa mirga isaa kabachiisuuf taasisu akka jabeessuuf waraqaa #Ka'iQeerroo jettu kan sagalee Warraaqsaa mooraa Yuuniversitii keessa kaleessa galgala Muddee 2,2024 facaasaa bulaniiru.
#JusticeForOromoo
#OromoLivesMatter
ታህሳስ 2-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 2-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️