Naannoo Amaaraa Godina Buree Aanaa Qucciitti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo doorsisaa jiraachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 8,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho'an kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa gargaarsa murnoota Bilxiginnaan hanga funyaaniitti hidhachuun gara jabina hamaa ilmaan Oromoo meesha maleessa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta'u, ilmaan Oromoo naannoo Amaaraa godina Buree aanaa Quccii jiraataniin ammoo lafa keenya irra maaltu isin fide jechuun hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo doorsisaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Quccii ganda Sontomaa fi Caaboo jedhaman keessaa hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo gandoota kanneen keessa jiraatan irratti doorsisa raawwachuun, Muddee 4,2024 ilmaan Oromoo walitti qabuun meeshaa waraanaa isaan harkaa qaban hanga Muddee 08,2024'tti akka galii godhaniif akeekachiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Gama isaaniif danda'ame maraan ilmaan Oromoo hacuucuu kan amaleeffatan finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen "isin marfamtaniittu; Kana booda isin foon xuwwee keessaati" jechuun itti dhaadachaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsanii jiru.
Uummanni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu ONM'tti himan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Impaayerattii keessatti jiraachuun ilma namaa mataan isaayyuu ija siyaasaan kan ilaalamu, qabeenyi uumamaa bosonni, gaarrenii fi bakkeewwan da'oo Waraana Bilisummaa Oromoo ta'uu danda'u jedhamuun shakkaman hunduu gubachuun barbadeeffamuun waanuma baratamaa ta'aa jira.
Kanumaan kan walqabatuun taateen Muddee 4,2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca'aa naannoo Warshaa Sukkaaraatti qabeenyaa jiraattotaa irra ga'e haalaan jibbisiisaa ta'uu jiraattonni kan himan yoo ta'u, guyyoota sadiif walitti aansuun shonkoorri heektara 270 ol ta'u shira Bilxiginnaan gubachuu himuun waraanni fi kaadiroonni murna Bilxiginnaa shakkii waraanni Bilisummaa Oromoo quubsuma keessa taasifata jedhuun ibidda akka itti shidan jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Shonkoorri Warshaa Sululichaa kunis marsaa jalqabaa sa'atii 3:00 oliif gubachaa akka ture kan himamu yoo ta'u, murni Bilxiginnaa diraamaa fakkeessii uumuuf hojjettoonni fi jiraattonni naannoo sanaa ba'anii akka dhaamsaniif sagalee guddistuu qabatanii uummata garasitti yaasaa akka turan ifoomeera.
Akka jiraattonni jedhanitti maddi gubachuu warshaa sanaa inni olaanaa fi ijoon hundeeffama caasaa mootummaa abbaa irree Bilxiginnaa yeroo ammaa gandoota baadiyyaatti maqaa caasaa keenya lafa qabsiifannaan kan jedhu irraa kan madde yoo ta'u, sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo shonkoora warshichaa da'oo godhatee nu haleela kan jedhuunis akka ta'e itti dabaluun jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Dabalataan godinichuma ona Amuuruu ganda Hoofii jedhamu keesatti hidhattoonni Faannoo kan Bilxiginnaan tumsaman Uummata Oromoo gidirsuu, ajjeesuu fi jiraattota bakkichaa hedduu ukkaamsanii fudhachuun dararaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Akka kanaanis Sadaasa 24,2024 namoota maqaan isaanii
Obbo Gammachuu Abarraa,
Obbo Mangistuu Alamuu,
Obbo Nagaraa Darajjee,
Obbo Baabbushee Miijanaa fi
Obbo Fiqiruu Bakakkoo kanneen jedhaman ukkaamsanii fudhachuun hanga ammaatti maatiin ni du’anii fi lubbuun jiruu isaanii adda baafachuu hin dandeenye.
Uummatni aanaa kanaa Sochii Hawaasummaa garaa garaa irraa daangeffamuun gabaa deemuu fi mana barnootaa dhorkamuun gidiraa ilma namaaf hin malle mara dhandhamaa jiraachuu maddeen dabaluun ifa godhaniiru.
Walii galtee Mootummaan Naannoo Oromiyaa Faannoo Amaaraa jabeessuuf maallaqa ramadee Waraana Bilisummaa Oromoo lolla jechuun ifatti bara 2022 walii galanii booda dararaan uummatni yoomillee argee hin beekne irra gahaa jiraachuu hundiyyuu kan quba qabuudha.
Itti Dabaluu aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daadoo jedhamu keessaa loltoonni hanna irratti bobba'anii jiraatan Muddee 03,2024 nama maqaan isaa Tufaa Abdataa jedhamu jalaa loon 7 fi harree tokko saamanii deemuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees, Mudde 04,2024 ganduma kana keessaa loltoonni kunneen namoota maqaan isaanii Abbayyaa Olqabaa fi Nagaroo Darajjee jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Aanaadhuma kana ganda Abbillee Igguu jedhamu irraa ammoo nama maqaan isaa Habtaamuu Abarraa jedhamuu fi ganda Dachaa Caabir irraa immoo nama Daanyee Lammeessaa jedhamu hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.
Injifannoo WBO Zoonii Giddu Galeessaa
WBOn Zoonii Giddu Gala Oromiyaa Lixaa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa ganda Dheebisaa Hangaasaa keessattii tarkaanfii kaleessa Muddee 7,2024 fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 5 ajjeesuun 3 madeesseera.
Gama meeshaan qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin iirraa hiikeera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Injifannoo WBO Zoonii Kibba
Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta'e WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii lixaa aanaa Abayyaa ganda Ladoo bakka adda dukkicha jedhamutti kaleessa Muddee 7 ganama sa'a irratti waraanaa faashisti Abiy Ahimed irratti tarkaanfii WBOn fudhateen 6 battalatti ajjeesuun 8 madoon adabe jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 7-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የሶሪያ አማጽያን ሁለተኛዋን ትልቅ ከተማ ተቆጣጠሩ።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የሶሪያ አማጽያን ሃማ የተሰኘችውን ትልቅ ከተማ ሙሉ በሙሉ በቁጥጥር ስር ማድረጋቸውን ገለጹ።
አማጽያኑ ከተማዋን የተቆጣጠሩት የአገሪቱ ጦር ከከተማዋ መውጣቷን ተከትሎ ሲሆን ለአገሪቱ ፕሬዚዳንት በሽር አል አሳድ ሌላ ውድቀት ነው ተብሏል።
የታጣቂው ቡድን ሃያት ታህሪር አል ሻም (ኤችቲኤስ) መሪ አቤ መሃመድ አል ጃውላኒ ድል ካወጁ በኋላ "ምንም የበቀል እርምጃ እንደማይወስዱ" ቃል ገብተዋል።
ቀደም ሲል የኤችቲኤስ ተዋጊዎች እና አጋሮቻቸው በከባድ ውጊያዎች የሐማ ማዕከላዊ እስር ቤትን ተቆጣጥረው እስረኞችን አስፈትተዋል.
ጦሩ በበኩሉ ወታደሮቹን ከከተማው ውጭ ማሰማራቱን አስታውቋል።
ከአሌፖ በስተደቡብ 110 ኪሎሜትር ርቀት ላይ የምትገኘው ሃማ የአንድ ሚሊዮን ህዝብ መኖሪያ ናት። አማጽያኑ ባለፈው ሳምንት በሰሜን ምዕራብ ከሚገኘው ጠንካራ ይዞታቸው ድንገተኛ ጥቃት ከፈጸሙ በኋላ አሌፖን መቆጣጠራቸው ይታወሳል።
የአማጽያኑ አዛዥ ከአሌፖ ወደ ደማስቆ በሚወስደው አውራ ጎዳና በስተደቡብ ለምትገኘው የሆምስ ከተማ ነዋሪዎች "ጊዜው የናንተ ነው" ሲል ተናግሯል።
ከዚህ ቀደም አሳድ ተፋላሚ አካላትን ለመርታት በሩሲያ እና ኢራን ድጋፍ ይተማመኑ ነበር።
ነገር ግን ሁለቱም አጋሮቻቸው በራሳቸው ጉዳይ መጠመዳቸውን ተከትሎ የመንግሥታቸውን ህልውና አደጋ ላይ ሊጥል የሚችለውን ይህንን ግስጋሴ እንዴት ሊገቱት እንደሚችሉ ግልጽ አይደለም።
የአሳድ መንግሥት በዲሞክራሲ ደጋፊ ተቃዋሚዎች ላይ የኃይል እርምጃ መውሰዱን ተከትሎ በአውሮፓውያኑ 2011 በተነሳው የርስ በርስ ጦርነት ከግማሽ ሚሊዮን በላይ ሰዎች ተገድለዋል።
አማጽያኑ የሃማ ከተማን መቆጣጠር የቻሉት ከመንግሥት የመከላከያ ስራዊት ጋር ጠንከር ያለ የቀናት ፍልሚያ ካደረጉ በኋላ ነው።
ጦሩ አሌፖ በአማጽያን እጅ ከወደቀች በኋላ ተጨማሪ ወታደሮችን ወደ አሌፖ ልኮ ነበር።
ነገር ግን የሩሲያ አየር ጥቃቶች እንዲሁም በኢራን ተዋጊ ሚሊሻዎች ድጋፍ ቢደረግለትም የአገሪቱ ጦር ሃማ በአማጽያን እጅ ከመውደቅ አላተረፋትም።
የአማጽያኑ የጦር አዛዥ ሃሰን አብዱል ጋኒ ተዋጊዎቻቸው በተለያዩ ወረዳዎች ጦርነት ገጥሟቸው እንደነበር ትናንት ጥዋት አስታውቀው ነበር።
ከሰዓት ላይ በመቶዎች የሚቆጠሩ እስረኞችን ከሐማ ማዕከላዊ እስር ቤት አስፈትተናል አሉ። ከደቂቃዎች በኋላ "የሰላማዊ ዜጎችን ህይወት ለመጠበቅ እና የከተማ ውጊያን ለመከላከል" ጦሩ ወታደሮቹን ከሐማ ውጭ አሰማርቻለሁ ብሎ ነበር።
ከስፍራው የወጡ እንዲሁም ዋሽንግተን ፖስት ያረጋገጣቸው ፎቶዎች እና ቪዲዮዎች በሰሜን ምስራቅ ስፍራዎች ተዋጊዎችን አሳይተዋል። የተፈቱት እስረኞችም ከማዕከላዊ ማረሚያ ቤት ውጭ ደስታቸውን ሲገልጹ ታይተዋል።
"ኃይላችን ወታደራዊ ውጊያውን አጠናቋል። ሃማ ሙሉ በሙሉ ነጻ መውጣቷን ስነግራችሁ በደስታ ነው" ሲል አብዱል ጋኒ ገልጿል።
በምዕራብ ወለጋ ዞን ባቦ ጋምቤል እና ለተ ሲቡ ወረዳዎች አንድ አርሶ አደር እና አንድ ወጣት በፒፒ የማፍያ ወታደሮች ተገደሉ።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፋሽስቱ ፒ.ፒ. አገዛዝ ህብረተሰቡን ለመለወጥ የፕሮፓጋንዳ ቡድኖችን ከመገንባትና ከማሰማራት ባለፈ ወታደራዊ ሃይሉን በማሰማራት ግድያ እየፈፀመ ነው።
በዚህም መሰረት በምዕራብ ወለጋ ዞን በጋምቤል ወረዳ በዳሞ መነ ጃርቴ መንደር በታህሳስ 5 ቀን 2024 ዓ.ም ከቀኑ 9፡00 ሰዓት ላይ የሁለት ቤተሰብ አባት የሆኑት አቶ ዱላ ጉዲና የተባሉ ገበሬ በአምባገነኑ ጦር ተይዘው ወደ ባቦ ጋምቤል ወረዳ ወታደራዊ ካምፕ ተወስደው በአንድ ሌሊት ስቃይ ደርሶባቸዋል።
ሰራዊቱ ለማን እንደሚታገል፣ ለምን እንደሚታገል የማያውቀው እና የህዝቡ የዲሞክራሲያዊ አስተዳደር ትርጉም ያልገባው አቶ ዱላ የሚባሉትን የቤተሰብ አባት ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም ለአንድ ቀን ካሰቃዩት ብኋላ ከቤቱ አጠገብ ጪላሎ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በታህሳስ 6 ፥ 2024 ዓ.ም ገድለው መጣላችውን የአከባቢው ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በተጨማሪም በባቦ ጋምቤል ወረዳ በታጋዮች ቤተሰቦች ላይ ዘረፋ፣ እስራትና ዛቻ እየተባባሰ መምጣቱን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
በሊና ዋቅወያ በምዕራብ ወለጋ ዞን በለተ ሲቡ አውራጃ በቡኪ ለቡ መንደር የተወለደ ሲሆን ከልጅነቱ ጀምሮ ለማህበረሰቡ መልካም ስራዎችን እና ታማኝነትን ሲያደርግ ቆይቷል።
ወጣት በልና የ20 አመት ወጣት ሲሆን ቤተሰቡን እና የአካባቢውን ማህበረሰብ በግል ተግባራቱ ከማገዝ ጎን ለጎን በትምህርቱ ላይ ብቻ ትኩረት ሰጥቶ እየሰራ የነበረ ሲሆን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በፋሽስቱ ጦር መግደሉን ምንጮቻችን ገልጸል
በቡኖ በደሌ ዞን በጨዋቃ ወረዳ የአብይ አህመድ ወታደሮች በነዋሪዎች ላይ እያደረሰ ያለው ድብደባ ተጠናክሮ ቀጥሏል።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በጦርነት ማሸነፍ ያልቻሉት አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች ወደ ሲቪል ማህበረሰቡ በመመለስ በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች በኦሮሞ ህዝብ ላይ ዘግናኝ ሰቆቃ እየፈጸሙ ነው።
ሞራል እና ጨዋነትን የማያውቁት ወታደሮቹ በጨዋቃ አውራጃ ከዳበና መንደር በታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም አቶ ሴፊ ኢብራሂም እና አንጋቱ ዩሱፍ በሚባሉ ንፁሀን ላይ ከፍተኛ ድብደባ ፈፅመዋል ሲሉ የመንደሩ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
ምንም አይነት ፖለቲካ የማይከተለው ነዋሪዎቹ አቶ ሴፊን "ስልክህ ንጹህ አይደለም" በማለት ስልክን መዝረፋችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በዳዊ ሀራዋ ወረዳ 5 የተፋላሚ ቤተሰቦች በአገዛዙ ታጣቂዎች ደብዛችው ጠፍቶዋል።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ ታጣቂዎች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም ንፁሀን ቤተሰቦችን እየገደሉ፣ እያፈናቀሉ፣ እያሰሩ እና እያሰቃዩ ነው።
በታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም የገዥው ቡድን ሚሊሻዎች በሰሜን ኦሮሚያ ውስጥ በዳዌ ሃረዋ ወረዳ አጆ ፣ጀጀባ ፣አዳሎ ፣ሀሪሮ እና ቱሉ አባ አዲ መንደር ውስጥ ሰላማዊ ሰዎችን ለማሰቃየት ተሰማርተዋል።
ይህን በማስመልከት አምስት ሰላማዊ ዜጎችን ደብዛችውን አጥፍቶዋል። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-ከአጆ መንደር አደም ሙሄ፣ ከአሬሮ መንደር አብራሀም ሀሰን ፥ ከጀጀባ መንደር መሀመድ አህመድ ፥ ከአዳሎ መንደር አደም ሞሄ ፥ ከአጆ መንደር አቶ አወል ኡርቤ እና ከቱሉ አባ አዴ መንደር ኢንዲሮ ጎጆቤ ከፍተኛ ድብደባና እስራት ደርሶባቸዋል።
በአገዛዙ ታጣቂዎች ከፍተኛ ድብደባ የተፈፀመባቸውና የተሰወሩት አርሶ አደሮችና ባሎች ሲሆኑ የአገዛዙ ታጣቂዎች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ለማጥፋት የታጋዮች ቤተሰቦችን ማጥፋት አስፈላጊ ነው በማለት ንፁሀንን በማፈናቀል እና ለአንድ አመት ያህል ምርታቸውን ለማሳጣት ተሰማርተዋል።
በዚሁ ወረዳ ታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም ከምሽቱ 5፡00 ላይ የአገዛዙ ታጣቂዎች በህብረተሰቡ ቤት ውስጥ ተኩስ በመክፈት ሁለት አህዮችን ተኩሰው መግደላችውን ምንጮቻችን ገልፀው። እናም በርካታ ፍየሎች እና በጎችን አርደው መብላታችውንም አክሎል።
Lukkeeleen Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti walii isaanii hidhuu jabeessuun bulchaa magaalaa Cirratti dabalatee namoota hedduu ukkaamsanii hidhuun barame
ONM-ABO Muddee 7,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf malee guyyaa tokkoofillee dhimmi sabaa isaan yaachisee hin beekne, yeroo adda addaatti bu'aa xixiqqoo irratti wal dhabanii walii isaanii wal nyaachuu, ajaja walii fudhachuu diduun wal gaarreffannaa fi seeradhablummaa moonaa isaanii keessatti dagaageen guyyuu walii isaanii ajjeesuu, wal madeessuu fi reebanii walii isaanii hidhaatti darbachaa oolu.
Muddee 4,2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa walii isaaniif illee naasuu tokko hin qabne kun ergamaa sirnichaa kan ta'e namni Adam Wadaddar jedhamu bulchaa magaalaa Cirrattii kan ta'e nama maqaan isaa Obbo Ahimed Hasan jedhamuu fi milishaa maqaan isaa Adam Booree jedhamu dabalatee milishoota hedduu waliin qabee reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Caffaa Roobiti keessatti yoo hidhu, manneen hidhaa kana keessaas umurii keessan guutuu yoo baatan jedhee itti dhaadachaa turuun barame.
Akka namni Bilxiginnaa keessaa rakkoo nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne fedhu tokko ONM'tti himetti, sababni hidhamuu bulchaa magaalaa Cirrattii kanaa inni ijoon ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu bulchaa magaalaa Cirrattii sanatti bilbiluun milishootaa fi hawaasa naannoo keetti argaman namni tokko osoo hin hafne walitti qabii sakattaa WBO akka geggeessan taasisi jechuunii ibsuu dha.
Bulchaan magaalaa Cirrattii hidhamuuf jiruu fi milishoonni sirnichaa waliin ta'uun hawaasa keessa deemanii namoota sakattaa WBO baasan waan dhabaniif yeroo magaalichatti deebi'an ergamaan murna faashistii PP Adam Wadaddar jedhamu kun konkolaataa kaafachuun magaalaa Cirrattii deemee bulchaa magaalichaa fi milishoota hedduu reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Caffaa Roobiti keessatti hidhee asiin booda jireenya mana hidhaa keessaa ba'uu miti, jireenya irraayyuu abdii muradhaa ittiin jechuun doorsisaa akka ture namni keessoo PP kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 7-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Sagalee Bosonaa ONM-ABO Muddee 7-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti reebichi loltoota Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 7,2024 Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban gara hawaasa nagaatti deebi'uun dararaa suukkaneessaa ta'e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Loltoonni safuu fi safeeffannaa hin beekne kunneen aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa jedhamu irraa Muddee 04,2024 badii tokko malee namoota maqaan isaanii Obbo Seefii Abraahimii fi Angaatuu Yusuuf kanneen jedhaman irratti reebicha hamaa ta'e raawwachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.
Jiraattonni kunneen badii tokko kan hin qabnee fi siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta'an, Obbo Seefii jalaa "bilbilli kee qulqulluu miti" jechuun bilbila tokko saamanii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessaa maatii qabsaa'otaa kan ta'an namoonni 5 milishoota sirnichaan achi buutee yoo dhabamsiifaman, qabeenyaan jiraattotaa saamamuu fi barbadaa'uun jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 7,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hidhattootni murna nama nyaataa PP maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun sababoota adda addaa itti maxxansanii sabboontoota ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesuu, qe'ee irraa buqqisuu, qabanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi dararaa garaa garaa irratti raawwachaa jiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Muddee 4,2024 milishoonni sirnichaa uummata nagaa akka dararaniif gandoota aanichaa kanneen akka Ajoo, Jajjabaa, Adaaloo, Hariiroo fi Tullu Abbaa Adee keessatti bobbaafaman maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun qonnaan bultoota 5 ganda Hariiroo irraa Abrahim Hasan, ganda Jajjabaa irraa Mahammad Ahimed, ganda Adaaloo irraa Adam Muhee, ganda Ajoo irraa ammoo jaarsa biyyaa Obbo Awwal Urbee fi ganda Tulluu Abbaa Adee irraa Indirroo Gojobee kanneen jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun ukkaamsanii qabanii deemuun yeroo ammaa achi buutee dhabamsiisaniiru jedhu maddeen keenya onicha irraa ONM dubbise.
Namoonni milishoota sirnichaan reebichi cimaan irratti raawwatamuun achi buutee dhabamsiifaman kun qonnaan bultootaa fi abbootii warraa yoo ta'an, milishoonni sirnichaa kun garuu maqaa maatii qabsaa'otaati, nuti ammoo dursa WBO balleessuuf maatii qabsaa'otaa dhabamsiisuu qabna maqaa jedhuun jiraattota hedduu qe'ee irraa erga buqqisanii booda namoota kanneen ammoo iddoo isaan oomisha isaanii waggaa tokkoof itti dadhaban galfachuuf ooyiruu isaaniitti galuun jiraachaa jiranitti itti marsanii qabuun reebichaan laaffisanii boodarra ammoo achi buutee dhabamsiisuu jiraattotni gochaa kana ijaan argan dabaluun ibsaniiru.
Aanichuma ganda Manduuboo keessatti Muddee 4,2024 halkan keessaa toora sa'a 5:00'tti milishoonni sirnichaa WBO'tu dhufe jechuun baaraaganii dhukaasa qe'ee hawaasaa keessatti bananiin wadala harree lama kan ammaaf maqaa abbaa adda baafachuu hin dandeenye rasaasa itti roobsuun ajjeesanii ganama ammoo walii isaaniitti quba qabuun situ WBO'n dhufe jedhee ajjeese jedhanii wal nyaachaa turuu fi qabeenyaa maatii qabsaa'otaa danuu qatiyyoo, re'ee fi hoolota dabalatee qalatanii nyaachaa jiraachuu maddeen keessoo PP maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko ONM'tti himeera.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti gudeeddiin shamarran Oromoo irratti loltoota Bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM'tti himan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Loltoonni Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun hawaasa nagaatti bobbaafaman guyyuu Oromiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa fi yakkoota waraanaa raawwatan jabeessuun shamarran Oromoo haadhaa fi abbaa biraa afaan qawween manaa baasuun gedeedaa jiru.
Loltootni safuu, oodaa fi kabaja abbaaf haadhaa akkasumas dhalootaaf hin qabne akka waan nageenya hawaasaa eeganitti fakkeessuun gocha silaa waraana irraa hin eegamne hawaasa keessatti babali'suun safuu hawaasaa cabsuu irratti bobba'anii jiru.
Aanaa Muneessaa ganda Cophaa keessatti Roobii darbe Muddee 4,2024 shamarran lama kanneen safuu hawaasaaf jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feene haadhaa fi abbaa isaanii biraa fuudhamuun dirqamaan gudeeddiin irratti raawwatamuu ONM jiraattota irraa odeeffatee jira.
Akka jiraattonni dubbatanitti shamarran kanneen sobanii yakka qabu ni qoranna jedhanii erga maatii biraa fuudhanii ba'anii booda osoo baay'ee hin turinii fi mana irraa hin fageessin guddeeddiif akka dirqamsiisan himu.
Shammarran kunneenis gudeeddii loltoota Bilxiginnaa kanaan irratti raawwatameen iyya guddaa akka dhageessisanii fi hawaasnis maali jedhee yoo gadi bahu isaanis namoota kanneen rifachuun sobanii nama yakka hojjete reebnee qorachuu hin dandeenyuu jechuun namoota birmannaa dhaqe dabalatee shamarran kanneen irratti reebicha ulfaataa raawwachuus himan.
Namoonni reebicha isaanii kanaan miidhaa guddaan irra gahe shammarran gudeedaman dabalatee yeroo ammaa hospitaala keessatti yaalamaa akka jiran illee dabaluun ibsaniiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti gudeeddiin shamarran Oromoo irratti loltoota Bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM'tti himan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Loltoonni Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun hawaasa nagaatti bobbaafaman guyyuu Oromiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa fi yakkoota waraanaa raawwatan jabeessuun shamarran Oromoo haadhaa fi abbaa biraa afaan qawween manaa baasuun gedeedaa jiru.
Loltootni safuu, oodaa fi kabaja abbaaf haadhaa akkasumas dhalootaaf hin qabne akka waan nageenya hawaasaa eeganitti fakkeessuun gocha silaa waraana irraa hin eegamne hawaasa keessatti babali'suun safuu hawaasaa cabsuu irratti bobba'anii jiru.
Aanaa Muneessaa ganda Cophaa keessatti Roobii darbe Muddee 4,2024 shamarran lama kanneen safuu hawaasaaf jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feene haadhaa fi abbaa isaanii biraa fuudhamuun dirqamaan gudeeddiin irratti raawwatamuu ONM jiraattota irraa odeeffatee jira.
Akka jiraattonni dubbatanitti shamarran kanneen sobanii yakka qabu ni qoranna jedhanii erga maatii biraa fuudhanii ba'anii booda osoo baay'ee hin turinii fi mana irraa hin fageessin guddeeddiif akka dirqamsiisan himu.
Shammarran kunneenis gudeeddii loltoota Bilxiginnaa kanaan irratti raawwatameen iyya guddaa akka dhageessisanii fi hawaasnis maali jedhee yoo gadi bahu isaanis namoota kanneen rifachuun sobanii nama yakka hojjete reebnee qorachuu hin dandeenyuu jechuun namoota birmannaa dhaqe dabalatee shamarran kanneen irratti reebicha ulfaataa raawwachuus himan.
Namoonni reebicha isaanii kanaan miidhaa guddaan irra gahe shammarran gudeedaman dabalatee yeroo ammaa hospitaala keessatti yaalamaa akka jiran illee dabaluun ibsaniiru.
Injifannoo WBO Zoonii Giddu Galeessaa
WBOn zoonii gidduu gala Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Dagaa Leencoo Boorsuu keessattii tarkaanfii kaleessa Muddee 7,2024 waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 4 ajjeesuun 3 madeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 8-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 7-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የፒፒ የማፍያ ወኪሎች በምስራቅ አርሲ ዞን መርቲ አውራጃ የሲቪል ማህበረሰብን መዝረፋቸውን ቀጥለዋል።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኢምፓየርን ኢኮኖሚያዊ ውድቀት ተከትሎ የስርአቱ ተላላኪዎች ትኩረት አድርገው የኦሮሞን ህዝብ ሃብት በመዝረፍ ላይ ናቸው።
በመርቲ ወረዳ የደምበቃ ኢፍቱ መንደር ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደተናገሩት የፋሽስቱ ተላላኪዎች በታህሳስ 5 ፥ 2024 ዓ.ም ከአቶ አደም ኦሊሹ ስር 8 የቀንድ ከብቶች መዝረፋችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ግለሰቡ ከየትኛውም ፖለቲካ ነፃ ነው ሲሉ የአገዛዙ ተላላኪዎች ግን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በሀሰት ስም ንብረቶቹ ተዘርፎዋል።
በምስራቅ ሸገር ዞን በዱግዳ ወረዳ የብልፅግና ጦር አንድ ወጣትን በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላችው ተገለፀ።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ታላቁ የአፍሪካ ቀንድ ብሔር የሆነው ኦሮሞ በአባት ሀገሩ ኦሮሞ ነኝ በሚለው በብልፅግና ቡድን ከፍተኛ ስቃይ እየደረሰበት ነው።
ይህን በማስመልከት በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ በወልዳ ቀሊና መንደር ታህሳስ 5 ፣ 2024 ዓ.ም ባልዳ ቱፋ ኤሌሞ የተባለ ወጣት በፒፒ ጦር በአሰቃቂ ሁኔታ መገደሉን ነዋሪዎች ገልፆዋል።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ፣ ሰራዊቱ በታህሳስ 4 ቀን 2024 የ8 ዓመቱን አብዲ Dhigaan ሲገድሉ እና በጠዋቱ ደግሞ ባልዳ ቱፋን ገደለ መጣላችውን አክለው ፥
ከዚህ ቀደም የዚህን ወጣት መኖሪያ ቤትን ማቃጠላችሁን እና የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውን ከዚህ ቀደም መዘገባችን ይታወሳል።
በምስራቅ ሀረርጌ ዞን በቁምቢ ወረዳ የብአዴን ካቢኔዎች ፕሮፓጋንዳ እንዲያሰራጩ እየተገደዱ ነው።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በምስራቅ ሀረርጌ ዞን ቁምቢ ወረዳ የፋሽስቱ መንግስት የኦሮሞን የነጻነት ትግል ለማደናቀፍ ካቢኔዎችን እየተጠቀመባቸው ነው::
ታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም በቁምቢ ወረዳ ሚኖ ከተማ ውስጥ ሁሉንም ካቢኔዎች ከላይ እስከ ታች ከአንድ ሰአት በላይ ሰብስበው መቆየታቸውን የቅርብ ሰዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በወረዳው ያሉትን የብልፅግና አመራሮችን በሙሉ የትምህርት ቤቶችን እና የጤና ጣቢያዎችን አመራሮችን በማሰባሰብ ወቅታዊውን ሁኔታ በሚዲያ እንዲዘግቡና የውሸት ፕሮፓጋንዳ እንዲነዙ አስገድዷቸዋል።
በኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ላይ ሲያሴሩ የነበሩት ከሃዲዎች ጋር በተያያዘ በኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ላይ ለሚካሄደው የስም ማጥፋት ዘመቻ እርስ በርስ የሚዲያ ሽፋን እንዲሰጡ እርስ በርሳቸው በማስገደድ ላይ መሆናቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Beerut irra balali’uun kibba Libaanos rukutan
ONM-ABO Muddee 7,2024 Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Jimaata kaleessaa Beerut irra balali’uun kibba Libaanos keessa bakka tokko rukutanii waa'ee dhukaasa dhaabuu yeroo dhiyootti taasifamee ture cabsaniiru.
Dhaabbanni oduu mootummaa Libaanos (NNA) akka jedhetti dirooniin Israa’el naannoo kibba Beerut irraa olka’iinsa gadi aanaa irratti balali’aniiru.
Itti dabaluudhaanis xiyyaaronni waraanaa Israa’el naannoo laga Litaniitti dhihoo jiru magaalota Yohmor al-Chaqif fi Zawtar al-Sharqiyah gidduutti argamu kan kibba Libaanos aanaa Nabatiyeh keessatti argaman rukutaniiru.
Aanaa Marjayuun, akkasumas kibba Libaanos keessatti, Israa'el gamoo dabalataa magaalaa Odayissee keessatti irratti boombii dhoostetti.
Hojiirra oolmaan waliigaltee kanaa Ameerikaa fi Faransaayiin kan to’atamu yoo ta’u, malli raawwii waliigaltee kanaa garuu bal’inaan ifa miti.
Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwatteen namoonni 4,000 ol ajjeefamanii, 16,500 ol ammoo madaa’aniiru.
Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee namoonni miliyoona 1 ol buqqa’uu isaanii ministeerri fayyaan Libaanos beeksiseera jechuun BBC'n gabaaseera.
Godina Lixa Harargee Aanaa Gubbaa Qorichaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 7,2024 Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni faashistii Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun saamuu fi badii tokko malee hidhaa irratti raawwachaa jira.
Aanaa Gubbaa Qorichaa araddaa 20 jedhamu keessaa qonnaan bultoota maqaa adda addaa itti dhahuun saamicha yeroo yeroon geggeessaa kan jiran loltoonni sirnichaa torban darbe irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii 2,000 nama tokko irraa saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, araddaadhuma kana irraa namoota maqaan isaanii Jamaal Abdii fi Mahaammad jedhaman Muddee 05,2024 ganama hirriba irraa kaasuun hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Araddoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun qarshii 7,000 saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu dadhaban immoo reebichaa fi hidhaan dararuun, gibirri humnaan olii itti fe'amuunis jiraattonni aanichaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Uummanni Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessaa loltoota sirnichaan gidiraa hamtuu argaa jiraachuun beekame
ONM-ABO Muddee 7,2024 Murni Bilxiginnaa alagaa michoomfachuun dachee Oromiyaa irra qubsiisaa uummata Oromoo ammoo qe'ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun buqqisaa kan jiru ta'uun ni beekama.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu keessatti maqaa ijaarsa bu'uuraalee misoomaa jedhuun yeroo ammaa ergamtoonni sirna nama nyaataan PP jiraattota gandichaa cufa beenyaa tokko malee qe'ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, hawaasni fincila nu irratti kaasuu danda'a yaada jedhuun dursanii Mudde 2,2024 waraana naannoo gandichaa dhoksanii bulchuun, Kaabinoonni sirnichaa ammoo Muddee 3,2024 gandicha deemuun, lafti kan keenya waan isiniif kaffallu hin qabnu mana keessan qofa irraa kaafadhaa jechuun hawaasatti dhaadachaa turuu dubbatu.
Aanaa Waamaa Agaloo ganda Goossanii Killoo jedhamu kessaa ergamtoonni Abiy Ahimed Mudde 01,2024 barattoota maqaan isaanii:
- Mangistuu Fayyeeraa,
- Naggaa Jaafar,
- Abdii Mokkoree,
- Eebbaa Waaqumaa,
- Kennasaa Dhugumaa,
- Mirreessaa Tasfee,
- Garramuu Biraanuu,
- Biqilaa Shurafaa fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, barattoonni ukkaamfaman kunneen baay'inni isaanii 25 ol ta'uu himuun, badii tokko malee ergamtoonni sirnichaa mana barnootaatti ol itti seenuun barnoota irraa ukkaamsanii hidhaatti darbachuu ibsan.
Godinichuma aanaa Diggaa ganda Dagagaa Dhidheessaa irraa loltoonni sirnichaa Muddee 04,2024 nama maqaan isaa Ahimed Rashaad Abdullaa jedhamu jalaa horii 8 saamuun isas badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkanii ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii fuudhanii deemuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Itoophiyaa bakkoota hedduutti ibsaan badee jira. Mataa Bilxiginnaa Abiy Ahimed yeroo darbe ekektirikii irraa hafaa oomishna jechuun dubbatus baadiyaan impaayerattii hedduun garuu tajaajila ibsaa malee jiru.
Inuma guyyaa har'aa Muddee 7,2024 gara galgalaa ibsaan bakkoota hedduutti Naqamtee, Gambeelaa, Finfinnee fi bakkeewwan biroo irraa badee jiraachuu jiraattota irraa odeeffanneerra.
Turkii Erdoyaan humnoonni mormitoota Siiriyaa tarkaanfii isaanii akka itti fufan abdii qaba jedhan
ONM-ABO Muddee 7,2024 Pireezidaantiin Turkiyaa Recep Tayyip Erdoyaan Jimaata darbe humnoonni mormitoota Siiriyaa humnoota mootummaa Siiriyaa keessa jiran irratti tarkaanfii isaanii akka itti fufan abdii qaban ibsaniiru.
Erdoyaan salaata Jum’aa booda gaazexeessitootaaf akka dubbatanitti, waamicha jalqaba bara kanaa waliin wal arguu fi walitti dhufeenya isaanii idileessuuf godhaniif ammallee deebii gaarii prezidaant Bashar al-Asad irraa hin arganne jedhan. “Amma ammaatti sochiin mormitootaa itti fufee jira... Abdiin keenya deemsi Sooriyaa kun dhimma tokko malee akka itti fufudha,” jedhan.
Gama biraan gareen hidhate Libaanos Hizboollaa halkan tokkotti “humnoota to’annoo” muraasa Libaanos irraa gara Siiriyaa erguun loltoonni mormitootaa magaalaa tarsiimoo Hooms akka hin qabanne gargaaruuf akka ta’e maddeen nageenyaa olaanoo Libaanos lama Rooyitarsiif himan.
Qondaalli waraanaa Siiriyaa fi qondaaltonni naannoo lama Teyiranitti dhihoo ta’an akkasumas humnoonni Hizboollaa Iraan deggaramu Libaanos irraa qaxxaamuruu isaanii Rooyitarsiif himaniiru.
Hogganaan humna Kurdoota Siiriyaa Ameerikaan deggaran ammoo Jimaata darbe akka jedhanitti ISIS baha Siiriyaa naannoolee tokko tokko to’achuu isaa ibsaniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.
Godina Baha Harargee Aanaa Qumbiitti Kaabinoonni Bilxiginnaa holola akka facaasaniif dirqisiifamaa jiraachuun ibsame
ONM-ABO Muddee 7,2024 Ijaarsa mootummaa garboomfataa impaayerattiin ergama fudhachuun diinummaan isaanii gaafa baramu bakkuma irraa dhufanitti kan deebi'anii fi mootummaan faashistii Abiy Ahimed dhimma itti ba'uun qabsoo bilisummaa Oromoo gufachiisaa kan jiran yoo ta'u, godina Harargee Bahaa aanaa Qumbiitti Kaabinoonni bilxiginnaa holola akka facaasaniif dirqisiifamaa jiraachuun ibsame.
Aanaa Qumbii magaalaa Minootti Muddee 04,2024 halkan sa'atii tokkoo oliif kaabinoota gubbaa hanga gadiitti jiran hunda walitti qabuun haala yeroo irratti wal mari'ataa turuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsan.
Qaamolee hooggansa bilxiginnaa aanicha keessatti argaman hunda walitti qabuun hooggansa manneen barnootaa fi buufata fayyaa dabalatee haala yeroo irratti akka isaan uwwisa miidiyaa godhanii fi holola sobaa facaasan dirqamsiisanii kan jiran ta'uun itti himamee jira.
Akka maddeen himanitti, gantoota maqaa qabsoo bilisummaa Oromoo da'oo godhachuun shiraa fi xannacha qabsoo bilisummaa Oromoo ta'aa turanii fi diinatti galan ilaalchisuun akka Waraana Bilisummaa Oromoo irratti duula maqa balleessii raawwataniif uwwisa miidiyaa akka godhaniif kan walii isaaniin wal dirqisiisaa jiran ta'uu dubbatu.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessaa maatii qabsaa'otaa kan ta'an namoonni 5 milishoota sirnichaan achi buutee yoo dhabamsiifaman, qabeenyaan jiraattotaa saamamuu fi barbadaa'uun jabaatee itti fufe.
ONM-ABO Muddee 7,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hidhattootni murna nama nyaataa PP maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota WBO'ti jedhuun sababoota adda addaa itti maxxansanii sabboontoota ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesuu, qe'ee irraa buqqisuu, qabanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi dararaa garaa garaa irratti raawwachaa jiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti Muddee 4,2024 milishoonni sirnichaa uummata nagaa akka dararaniif gandoota aanichaa kanneen akka Ajoo, Jajjabaa, Adaaloo, Hariiroo fi Tullu Abbaa Adee keessatti bobbaafaman maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun qonnaan bultoota 5 ganda Hariiroo irraa Abrahim Hasan, ganda Jajjabaa irraa Mahammad Ahimed, ganda Adaaloo irraa Adam Muhee, ganda Ajoo irraa ammoo jaarsa biyyaa Obbo Awwal Urbee fi ganda Tulluu Abbaa Adee irraa Indirroo Gojobee kanneen jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun ukkaamsanii qabanii deemuun yeroo ammaa achi buutee dhabamsiisaniiru jedhu maddeen keenya onicha irraa ONM dubbise.
Namoonni milishoota sirnichaan reebichi cimaan irratti raawwatamuun achi buutee dhabamsiifaman kun qonnaan bultootaa fi abbootii warraa yoo ta'an, milishoonni sirnichaa kun garuu maqaa maatii qabsaa'otaati, nuti ammoo dursa WBO balleessuuf maatii qabsaa'otaa dhabamsiisuu qabna maqaa jedhuun jiraattota hedduu qe'ee irraa erga buqqisanii booda namoota kanneen ammoo iddoo isaan oomisha isaanii waggaa tokkoof itti dadhaban galfachuuf ooyiruu isaaniitti galuun jiraachaa jiranitti itti marsanii qabuun reebichaan laaffisanii boodarra ammoo achi buutee dhabamsiisuu jiraattotni gochaa kana ijaan argan dabaluun ibsaniiru.
Aanichuma ganda Manduuboo keessatti Muddee 4,2024 halkan keessaa toora sa'a 5:00'tti milishoonni sirnichaa WBO'tu dhufe jechuun baaraaganii dhukaasa qe'ee hawaasaa keessatti bananiin wadala harree lama kan ammaaf maqaa abbaa adda baafachuu hin dandeenye rasaasa itti roobsuun ajjeesanii ganama ammoo walii isaaniitti quba qabuun situ WBO'n dhufe jedhee ajjeese jedhanii wal nyaachaa turuu fi qabeenyaa maatii qabsaa'otaa danuu qatiyyoo, re'ee fi hoolota dabalatee qalatanii nyaachaa jiraachuu maddeen keessoo PP maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko ONM'tti himeera.