Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa manneen daldalaa jiraattotaa jalaa saamsaa jiraachuun himame
ONM-ABO Muddee 8,2024 Impaayera Itiyoophiyaa dinagdeen ishee gama maraan kufe suphuuf lukkeeleen maafiyaa PP sababoota garaa garaa wabeefachuun uummata Oromoo saamuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Suudee magaalaa Arrabbaa ganda 01 keessaa Muddee 05,2024 irraa eegaluun ergamtoonni sirna nama nyaataa PP maqaa "heyyama daldalaa" jedhuun manneen daldalaa gandicha keessatti argaman hunda jiraattota jalaa saamsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, yeroo ammaa kana nama tokko irraa qarshii 20,000 matta'aa fudhachuun bansiisaa jiraachuu himuun, daldaltoonni hedduunis waan kaffalan dhabuun hojii hiikanii jireenya gadadoof saaxilamaa jiraachuu itti dabaluun dubbatu.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti dararamni ilmaan Oromoo irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun beekamee jira.
ONM-ABO Muddee 8,2024 Uummanni dur jireenyi irraa hafee ormayyuu nyaachisee obaasee beela baasu uummanni Oromoo, yeroo ammaa kana saamicha hamaa ergamtoonni Bilxiginnaa guyyuun irratti raawwachaa jiraniin dinagdeen isaa mataan gadi baduun ofiifuu sadarkaa harka namaa ilaaluu irra gahee jira.
Muddee 03,2024 waraanni sirna nama nyaataan PP aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee keessaa namoota maqaan isaanii:
• Hordofaa Xiiqii fi
• Guddataa Goobanee jedhaman jalaa loon 2 saamuun qalatanii nyaachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun guyyuma kana godinichuma aanaa Jimmaa Raaree ganda Ceekuu Kaalloo jedhamu keessaas Obbo Dajanee Olaanaa nama jedhamu jalaa Loon 7 saamuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Namoonni loltoota sirnichaan saamaman kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta'anii fi yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti saamichi qabeenya hawaasa nagaa irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Agamsaa keessaa Muddee 3,2024 daldaaltota maqaan isaanii:
- Aadde Yaadashii,
- Shambaal,
- Waaqoo,
- Caalaa jedhamaniif kanneen biroo hedduu ta'an badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta'anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii hiraarfamaa kan jiran ta'uun ibsameera.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 8-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Ajajaan garee mormitoota Siiriyaa ‘gosummaa’f bakki hin jiru jedhan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Ajajaan garee mormitoota hidhannoon socho'anii Siiriyaa Hasan Abd al-Gaanii Sanbata kaleessaa loltoonni isaanii magaalota ijoo fi naannoo bal’aa to’annoo mootummaa jalaa erga qabatanii booda namoota amantiin lakkoofsi isaanii xiqqaa tasgabbeessuuf yaalaniiru.
Yaadni isaa kun kan kenname yeroo finciltoonni gara magaalaa sadaffaa Siiriyaa Hoomsitti tarkaanfachuuf barbaadanitti yoo ta’u, gamtaan isaanii Bulchiinsa Hojii Waraanaatiin durfamu torban darbe haleellaa jalqabee guyyoota muraasa booda magaalaa lammaffaa Aleppoo fi Hamaa dhuunfatee booda. Abd al-Gaani naannoolee “ gareen amantaa adda addaa fi namoonni xiqqaan” jiraatan erga dhuunfatee booda ibsa Telegiraamii irratti kenneen akkas jedhe: “Gareewwa hundi akka tasgabbaa’an gaafanna... sababiin isaas barri garee fi gabroomfataa bara baraan waan badeef” jechuun dubbatan.
Qaama gamtaa Bulchiinsa Hojii Waraanaatiin hogganamu kan ta’an Abd al-Gaaniin, “Humnoonni keenya naamusa isaanii qajeelfamaa fi ajaja hoggansa keenyaan dirree irratti mirkaneessee akka jiru hundaaf ifa ta’eera” jedhan.
Hordoffiin waraanaa Siriyaatti Observatory for Human Rights akka jedhetti humnoonni mootummaa loltoonni mormitootaa hidhatanii gara magaalaa Homs erga qarqara ishee ga’anii booda akka hin tarkaanfanne dhorkuu danda’aniiru.
Sanbata ganama waraanni Siiriyaa “dhaabbilee shororkeessummaa fuulduratti bulchiinsa Homs fi Hamaa keessatti deebi’ee to’achuu eegaleera” jedheera.
Observatory'n kan Biriteen keessatti argamu kan hoogganan Rami Abd al-Rahman akka jedhanitti humnoonni mootummaa naannoo magaalaa Homs “humna cimsaa guddaa” kan fidan yoo ta’u, Raashiyaa fi Siiriyaan ammoo finciltoota baadiyyaa kaaba Homs keessatti haleellaa fi dhukaasa meeshaa waraanaa bananiiru AFPn gabaaseera.
Naannoo Amaaraa Godina Buree Aanaa Qucciitti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo doorsisaa jiraachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 8,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho'an kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa gargaarsa murnoota Bilxiginnaan hanga funyaaniitti hidhachuun gara jabina hamaa ilmaan Oromoo meesha maleessa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta'u, ilmaan Oromoo naannoo Amaaraa godina Buree aanaa Quccii jiraataniin ammoo lafa keenya irra maaltu isin fide jechuun hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo doorsisaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Quccii ganda Sontomaa fi Caaboo jedhaman keessaa hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo gandoota kanneen keessa jiraatan irratti doorsisa raawwachuun, Muddee 4,2024 ilmaan Oromoo walitti qabuun meeshaa waraanaa isaan harkaa qaban hanga Muddee 08,2024'tti akka galii godhaniif akeekachiisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Gama isaaniif danda'ame maraan ilmaan Oromoo hacuucuu kan amaleeffatan finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen "isin marfamtaniittu; Kana booda isin foon xuwwee keessaati" jechuun itti dhaadachaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsanii jiru.
Uummanni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu ONM'tti himan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Impaayerattii keessatti jiraachuun ilma namaa mataan isaayyuu ija siyaasaan kan ilaalamu, qabeenyi uumamaa bosonni, gaarrenii fi bakkeewwan da'oo Waraana Bilisummaa Oromoo ta'uu danda'u jedhamuun shakkaman hunduu gubachuun barbadeeffamuun waanuma baratamaa ta'aa jira.
Kanumaan kan walqabatuun taateen Muddee 4,2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca'aa naannoo Warshaa Sukkaaraatti qabeenyaa jiraattotaa irra ga'e haalaan jibbisiisaa ta'uu jiraattonni kan himan yoo ta'u, guyyoota sadiif walitti aansuun shonkoorri heektara 270 ol ta'u shira Bilxiginnaan gubachuu himuun waraanni fi kaadiroonni murna Bilxiginnaa shakkii waraanni Bilisummaa Oromoo quubsuma keessa taasifata jedhuun ibidda akka itti shidan jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Shonkoorri Warshaa Sululichaa kunis marsaa jalqabaa sa'atii 3:00 oliif gubachaa akka ture kan himamu yoo ta'u, murni Bilxiginnaa diraamaa fakkeessii uumuuf hojjettoonni fi jiraattonni naannoo sanaa ba'anii akka dhaamsaniif sagalee guddistuu qabatanii uummata garasitti yaasaa akka turan ifoomeera.
Akka jiraattonni jedhanitti maddi gubachuu warshaa sanaa inni olaanaa fi ijoon hundeeffama caasaa mootummaa abbaa irree Bilxiginnaa yeroo ammaa gandoota baadiyyaatti maqaa caasaa keenya lafa qabsiifannaan kan jedhu irraa kan madde yoo ta'u, sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo shonkoora warshichaa da'oo godhatee nu haleela kan jedhuunis akka ta'e itti dabaluun jiraattonni ONM'tti himaniiru.
Dabalataan godinichuma ona Amuuruu ganda Hoofii jedhamu keesatti hidhattoonni Faannoo kan Bilxiginnaan tumsaman Uummata Oromoo gidirsuu, ajjeesuu fi jiraattota bakkichaa hedduu ukkaamsanii fudhachuun dararaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Akka kanaanis Sadaasa 24,2024 namoota maqaan isaanii
Obbo Gammachuu Abarraa,
Obbo Mangistuu Alamuu,
Obbo Nagaraa Darajjee,
Obbo Baabbushee Miijanaa fi
Obbo Fiqiruu Bakakkoo kanneen jedhaman ukkaamsanii fudhachuun hanga ammaatti maatiin ni du’anii fi lubbuun jiruu isaanii adda baafachuu hin dandeenye.
Uummatni aanaa kanaa Sochii Hawaasummaa garaa garaa irraa daangeffamuun gabaa deemuu fi mana barnootaa dhorkamuun gidiraa ilma namaaf hin malle mara dhandhamaa jiraachuu maddeen dabaluun ifa godhaniiru.
Walii galtee Mootummaan Naannoo Oromiyaa Faannoo Amaaraa jabeessuuf maallaqa ramadee Waraana Bilisummaa Oromoo lolla jechuun ifatti bara 2022 walii galanii booda dararaan uummatni yoomillee argee hin beekne irra gahaa jiraachuu hundiyyuu kan quba qabuudha.
Itti Dabaluu aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daadoo jedhamu keessaa loltoonni hanna irratti bobba'anii jiraatan Muddee 03,2024 nama maqaan isaa Tufaa Abdataa jedhamu jalaa loon 7 fi harree tokko saamanii deemuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees, Mudde 04,2024 ganduma kana keessaa loltoonni kunneen namoota maqaan isaanii Abbayyaa Olqabaa fi Nagaroo Darajjee jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Aanaadhuma kana ganda Abbillee Igguu jedhamu irraa ammoo nama maqaan isaa Habtaamuu Abarraa jedhamuu fi ganda Dachaa Caabir irraa immoo nama Daanyee Lammeessaa jedhamu hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.
Injifannoo WBO Zoonii Giddu Galeessaa
WBOn Zoonii Giddu Gala Oromiyaa Lixaa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa ganda Dheebisaa Hangaasaa keessattii tarkaanfii kaleessa Muddee 7,2024 fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 5 ajjeesuun 3 madeesseera.
Gama meeshaan qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin iirraa hiikeera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Injifannoo WBO Zoonii Kibba
Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta'e WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii lixaa aanaa Abayyaa ganda Ladoo bakka adda dukkicha jedhamutti kaleessa Muddee 7 ganama sa'a irratti waraanaa faashisti Abiy Ahimed irratti tarkaanfii WBOn fudhateen 6 battalatti ajjeesuun 8 madoon adabe jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 7-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የሶሪያ አማጽያን ሁለተኛዋን ትልቅ ከተማ ተቆጣጠሩ።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የሶሪያ አማጽያን ሃማ የተሰኘችውን ትልቅ ከተማ ሙሉ በሙሉ በቁጥጥር ስር ማድረጋቸውን ገለጹ።
አማጽያኑ ከተማዋን የተቆጣጠሩት የአገሪቱ ጦር ከከተማዋ መውጣቷን ተከትሎ ሲሆን ለአገሪቱ ፕሬዚዳንት በሽር አል አሳድ ሌላ ውድቀት ነው ተብሏል።
የታጣቂው ቡድን ሃያት ታህሪር አል ሻም (ኤችቲኤስ) መሪ አቤ መሃመድ አል ጃውላኒ ድል ካወጁ በኋላ "ምንም የበቀል እርምጃ እንደማይወስዱ" ቃል ገብተዋል።
ቀደም ሲል የኤችቲኤስ ተዋጊዎች እና አጋሮቻቸው በከባድ ውጊያዎች የሐማ ማዕከላዊ እስር ቤትን ተቆጣጥረው እስረኞችን አስፈትተዋል.
ጦሩ በበኩሉ ወታደሮቹን ከከተማው ውጭ ማሰማራቱን አስታውቋል።
ከአሌፖ በስተደቡብ 110 ኪሎሜትር ርቀት ላይ የምትገኘው ሃማ የአንድ ሚሊዮን ህዝብ መኖሪያ ናት። አማጽያኑ ባለፈው ሳምንት በሰሜን ምዕራብ ከሚገኘው ጠንካራ ይዞታቸው ድንገተኛ ጥቃት ከፈጸሙ በኋላ አሌፖን መቆጣጠራቸው ይታወሳል።
የአማጽያኑ አዛዥ ከአሌፖ ወደ ደማስቆ በሚወስደው አውራ ጎዳና በስተደቡብ ለምትገኘው የሆምስ ከተማ ነዋሪዎች "ጊዜው የናንተ ነው" ሲል ተናግሯል።
ከዚህ ቀደም አሳድ ተፋላሚ አካላትን ለመርታት በሩሲያ እና ኢራን ድጋፍ ይተማመኑ ነበር።
ነገር ግን ሁለቱም አጋሮቻቸው በራሳቸው ጉዳይ መጠመዳቸውን ተከትሎ የመንግሥታቸውን ህልውና አደጋ ላይ ሊጥል የሚችለውን ይህንን ግስጋሴ እንዴት ሊገቱት እንደሚችሉ ግልጽ አይደለም።
የአሳድ መንግሥት በዲሞክራሲ ደጋፊ ተቃዋሚዎች ላይ የኃይል እርምጃ መውሰዱን ተከትሎ በአውሮፓውያኑ 2011 በተነሳው የርስ በርስ ጦርነት ከግማሽ ሚሊዮን በላይ ሰዎች ተገድለዋል።
አማጽያኑ የሃማ ከተማን መቆጣጠር የቻሉት ከመንግሥት የመከላከያ ስራዊት ጋር ጠንከር ያለ የቀናት ፍልሚያ ካደረጉ በኋላ ነው።
ጦሩ አሌፖ በአማጽያን እጅ ከወደቀች በኋላ ተጨማሪ ወታደሮችን ወደ አሌፖ ልኮ ነበር።
ነገር ግን የሩሲያ አየር ጥቃቶች እንዲሁም በኢራን ተዋጊ ሚሊሻዎች ድጋፍ ቢደረግለትም የአገሪቱ ጦር ሃማ በአማጽያን እጅ ከመውደቅ አላተረፋትም።
የአማጽያኑ የጦር አዛዥ ሃሰን አብዱል ጋኒ ተዋጊዎቻቸው በተለያዩ ወረዳዎች ጦርነት ገጥሟቸው እንደነበር ትናንት ጥዋት አስታውቀው ነበር።
ከሰዓት ላይ በመቶዎች የሚቆጠሩ እስረኞችን ከሐማ ማዕከላዊ እስር ቤት አስፈትተናል አሉ። ከደቂቃዎች በኋላ "የሰላማዊ ዜጎችን ህይወት ለመጠበቅ እና የከተማ ውጊያን ለመከላከል" ጦሩ ወታደሮቹን ከሐማ ውጭ አሰማርቻለሁ ብሎ ነበር።
ከስፍራው የወጡ እንዲሁም ዋሽንግተን ፖስት ያረጋገጣቸው ፎቶዎች እና ቪዲዮዎች በሰሜን ምስራቅ ስፍራዎች ተዋጊዎችን አሳይተዋል። የተፈቱት እስረኞችም ከማዕከላዊ ማረሚያ ቤት ውጭ ደስታቸውን ሲገልጹ ታይተዋል።
"ኃይላችን ወታደራዊ ውጊያውን አጠናቋል። ሃማ ሙሉ በሙሉ ነጻ መውጣቷን ስነግራችሁ በደስታ ነው" ሲል አብዱል ጋኒ ገልጿል።
በምዕራብ ወለጋ ዞን ባቦ ጋምቤል እና ለተ ሲቡ ወረዳዎች አንድ አርሶ አደር እና አንድ ወጣት በፒፒ የማፍያ ወታደሮች ተገደሉ።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፋሽስቱ ፒ.ፒ. አገዛዝ ህብረተሰቡን ለመለወጥ የፕሮፓጋንዳ ቡድኖችን ከመገንባትና ከማሰማራት ባለፈ ወታደራዊ ሃይሉን በማሰማራት ግድያ እየፈፀመ ነው።
በዚህም መሰረት በምዕራብ ወለጋ ዞን በጋምቤል ወረዳ በዳሞ መነ ጃርቴ መንደር በታህሳስ 5 ቀን 2024 ዓ.ም ከቀኑ 9፡00 ሰዓት ላይ የሁለት ቤተሰብ አባት የሆኑት አቶ ዱላ ጉዲና የተባሉ ገበሬ በአምባገነኑ ጦር ተይዘው ወደ ባቦ ጋምቤል ወረዳ ወታደራዊ ካምፕ ተወስደው በአንድ ሌሊት ስቃይ ደርሶባቸዋል።
ሰራዊቱ ለማን እንደሚታገል፣ ለምን እንደሚታገል የማያውቀው እና የህዝቡ የዲሞክራሲያዊ አስተዳደር ትርጉም ያልገባው አቶ ዱላ የሚባሉትን የቤተሰብ አባት ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም ለአንድ ቀን ካሰቃዩት ብኋላ ከቤቱ አጠገብ ጪላሎ በሚባልበት ልዩ ስፍራ በታህሳስ 6 ፥ 2024 ዓ.ም ገድለው መጣላችውን የአከባቢው ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በተጨማሪም በባቦ ጋምቤል ወረዳ በታጋዮች ቤተሰቦች ላይ ዘረፋ፣ እስራትና ዛቻ እየተባባሰ መምጣቱን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
በሊና ዋቅወያ በምዕራብ ወለጋ ዞን በለተ ሲቡ አውራጃ በቡኪ ለቡ መንደር የተወለደ ሲሆን ከልጅነቱ ጀምሮ ለማህበረሰቡ መልካም ስራዎችን እና ታማኝነትን ሲያደርግ ቆይቷል።
ወጣት በልና የ20 አመት ወጣት ሲሆን ቤተሰቡን እና የአካባቢውን ማህበረሰብ በግል ተግባራቱ ከማገዝ ጎን ለጎን በትምህርቱ ላይ ብቻ ትኩረት ሰጥቶ እየሰራ የነበረ ሲሆን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በፋሽስቱ ጦር መግደሉን ምንጮቻችን ገልጸል
በቡኖ በደሌ ዞን በጨዋቃ ወረዳ የአብይ አህመድ ወታደሮች በነዋሪዎች ላይ እያደረሰ ያለው ድብደባ ተጠናክሮ ቀጥሏል።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን በጦርነት ማሸነፍ ያልቻሉት አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች ወደ ሲቪል ማህበረሰቡ በመመለስ በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች በኦሮሞ ህዝብ ላይ ዘግናኝ ሰቆቃ እየፈጸሙ ነው።
ሞራል እና ጨዋነትን የማያውቁት ወታደሮቹ በጨዋቃ አውራጃ ከዳበና መንደር በታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም አቶ ሴፊ ኢብራሂም እና አንጋቱ ዩሱፍ በሚባሉ ንፁሀን ላይ ከፍተኛ ድብደባ ፈፅመዋል ሲሉ የመንደሩ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
ምንም አይነት ፖለቲካ የማይከተለው ነዋሪዎቹ አቶ ሴፊን "ስልክህ ንጹህ አይደለም" በማለት ስልክን መዝረፋችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በዳዊ ሀራዋ ወረዳ 5 የተፋላሚ ቤተሰቦች በአገዛዙ ታጣቂዎች ደብዛችው ጠፍቶዋል።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ ታጣቂዎች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም ንፁሀን ቤተሰቦችን እየገደሉ፣ እያፈናቀሉ፣ እያሰሩ እና እያሰቃዩ ነው።
በታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም የገዥው ቡድን ሚሊሻዎች በሰሜን ኦሮሚያ ውስጥ በዳዌ ሃረዋ ወረዳ አጆ ፣ጀጀባ ፣አዳሎ ፣ሀሪሮ እና ቱሉ አባ አዲ መንደር ውስጥ ሰላማዊ ሰዎችን ለማሰቃየት ተሰማርተዋል።
ይህን በማስመልከት አምስት ሰላማዊ ዜጎችን ደብዛችውን አጥፍቶዋል። የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-ከአጆ መንደር አደም ሙሄ፣ ከአሬሮ መንደር አብራሀም ሀሰን ፥ ከጀጀባ መንደር መሀመድ አህመድ ፥ ከአዳሎ መንደር አደም ሞሄ ፥ ከአጆ መንደር አቶ አወል ኡርቤ እና ከቱሉ አባ አዴ መንደር ኢንዲሮ ጎጆቤ ከፍተኛ ድብደባና እስራት ደርሶባቸዋል።
በአገዛዙ ታጣቂዎች ከፍተኛ ድብደባ የተፈፀመባቸውና የተሰወሩት አርሶ አደሮችና ባሎች ሲሆኑ የአገዛዙ ታጣቂዎች የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ለማጥፋት የታጋዮች ቤተሰቦችን ማጥፋት አስፈላጊ ነው በማለት ንፁሀንን በማፈናቀል እና ለአንድ አመት ያህል ምርታቸውን ለማሳጣት ተሰማርተዋል።
በዚሁ ወረዳ ታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም ከምሽቱ 5፡00 ላይ የአገዛዙ ታጣቂዎች በህብረተሰቡ ቤት ውስጥ ተኩስ በመክፈት ሁለት አህዮችን ተኩሰው መግደላችውን ምንጮቻችን ገልፀው። እናም በርካታ ፍየሎች እና በጎችን አርደው መብላታችውንም አክሎል።
Lukkeeleen Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti walii isaanii hidhuu jabeessuun bulchaa magaalaa Cirratti dabalatee namoota hedduu ukkaamsanii hidhuun barame
ONM-ABO Muddee 7,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf malee guyyaa tokkoofillee dhimmi sabaa isaan yaachisee hin beekne, yeroo adda addaatti bu'aa xixiqqoo irratti wal dhabanii walii isaanii wal nyaachuu, ajaja walii fudhachuu diduun wal gaarreffannaa fi seeradhablummaa moonaa isaanii keessatti dagaageen guyyuu walii isaanii ajjeesuu, wal madeessuu fi reebanii walii isaanii hidhaatti darbachaa oolu.
Muddee 4,2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa walii isaaniif illee naasuu tokko hin qabne kun ergamaa sirnichaa kan ta'e namni Adam Wadaddar jedhamu bulchaa magaalaa Cirrattii kan ta'e nama maqaan isaa Obbo Ahimed Hasan jedhamuu fi milishaa maqaan isaa Adam Booree jedhamu dabalatee milishoota hedduu waliin qabee reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Caffaa Roobiti keessatti yoo hidhu, manneen hidhaa kana keessaas umurii keessan guutuu yoo baatan jedhee itti dhaadachaa turuun barame.
Akka namni Bilxiginnaa keessaa rakkoo nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne fedhu tokko ONM'tti himetti, sababni hidhamuu bulchaa magaalaa Cirrattii kanaa inni ijoon ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu bulchaa magaalaa Cirrattii sanatti bilbiluun milishootaa fi hawaasa naannoo keetti argaman namni tokko osoo hin hafne walitti qabii sakattaa WBO akka geggeessan taasisi jechuunii ibsuu dha.
Bulchaan magaalaa Cirrattii hidhamuuf jiruu fi milishoonni sirnichaa waliin ta'uun hawaasa keessa deemanii namoota sakattaa WBO baasan waan dhabaniif yeroo magaalichatti deebi'an ergamaan murna faashistii PP Adam Wadaddar jedhamu kun konkolaataa kaafachuun magaalaa Cirrattii deemee bulchaa magaalichaa fi milishoota hedduu reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Caffaa Roobiti keessatti hidhee asiin booda jireenya mana hidhaa keessaa ba'uu miti, jireenya irraayyuu abdii muradhaa ittiin jechuun doorsisaa akka ture namni keessoo PP kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii fi Haroo Sabbuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Murni beekamtii seeraa fi filannoo uummataa tokko malee ani mootummaadha ofiin jedhu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa bobbaasuun hawaasa nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun dararuu itti fufee jira.
Aanaa Gidaamii ganda Baataa Mukarbaa jedhamu keessaa Muddee 06,2024 ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Obbo Alamaayyoo Ayyaanaa jedhamu jalaa loon 20 saamuun, isas badii tokko malee ukkaamsanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Alamaayyoon hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun miidhaan kunneen irratti raawwatamuu dubbataniiru.
Kana malees godinuma kana aanaa Haroo Sabbuu gandoota hunda keessatti Fulbaana 11,2024 irraa eegaluun maqaa kaffaltii gosa garaa garaan saamichi ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuunis itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti ergamtoota maafiyaa PP'n namoonni nagaan hidhamuu, reebamuu fi saamamuu dabalatee dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe raawwatame
ONM-ABO Muddee 8,2024 Murni hawaasa qulqulluu hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaa irratti raawwachuun akka waan nagaa buusaa jiruutti fudhatu Bilxiginnaan, guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti gochoota hammeenyaa raawwachaa jiru daran jabeessee itti fufeera.
Muddee 3,2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti loltootni impaayera Itiyoophiyaa maqaa sakattaa WBO jedhuun gandoota akka Hilloo, Hariiroo, Adaaloo fi Manduuboo keessatti torban lamaa oliif bobbaafamanii jiran jiraataa ganda Hilloo kan ta'e nama maqaan isaa Hasan Xoyib jedhamu ooyruu isaa keessaa qabuun reebicha irratti raawwachuun yoo hidhan, jiraataa ganda Jajjabaa kan ta'e dargaggoo Abduu Mahaammad jedhamu ammoo obbolaa keetu bosona jira ittiin jechuun uleedhaan tumanii erga laaffisanii booda bakkeetti gatanii biraa deemuun maatiin bakkeedhaa kaafatanii hospitaala geeffachuu dhorkamuun du'aa fi jireenya gidduutti argamas jedhan.
Guyyaama kana Muddee 3,2024 aanichuma ganda Qurqurootaa keessaa mana Obbo Huseen Mohaammad Abduu mi'a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii yoo barbadeessan, midhaan inni galfates kuusaa keessaa baasisuun biyyoon jalaa makanii midhaan isaa guutummaatti jalaa mancaasanii isas garmalee reebuu jiraattotni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Loltootni sirnichaa kun aanichuma keessaa maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun jiraattota danuu qe'ee irraa kan buqqisan yoo ta'u, torban lamaa oliif qe'ee hawaasaa gandoota akka Adaaloo, Qurquroota, Hilloo, Manduuboo, Buukkoo fi Ajoo keessa buufachuun balbala namootaa caccabsanii nama maqaan isaa Sa'iduu Yasee jedhamu jalaa damma nyaachuun kan hafe saamanii deeman. Dhadhaa baksaa jiraattotni mana keessaa qaban gandoota maqaan isaanii olitti eerame kanneen keessaa jalaa saamanii achumatti nyaachaa jiraachuu fi poolisootaaf jedhanii ammoo magaalaa Harawaa fi Booraatti erguun qabeenyaa hawaasaan garaa isaanii furdifachaa jiraachuu dabaluun dubbatan.
Atrocities in Western Guji Zone: 4 Civilians Executed, 2 Wounded
ONM-ABO, December 8, 2024
On November 19, 2024, Ethiopian regime forces brutally killed four civilians and critically injured two others in Dango Huro, a town in the Galan district of Western Guji Zone. The attack occurred at approximately 4:00 AM local time.
Those executed were:
1. Fayisa Mushu
2. Xuge Ture Oda
3. Gisso Morma
4. Eliyas Bilbili Bonaya
The wounded individuals are:
1. Tamiru Fayisa
2. Bashadu Kabada
This incident adds to a series of atrocities committed by the Ethiopian regime under Prime Minister Abiy Ahmed, who has spent the past six years promoting a façade of peace while turning Oromia into a site of systematic violence. The Ethiopian military continues to commit these atrocities with impunity, targeting innocent Oromo civilians under the guise of maintaining order.
In other news, despite claims by the Ethiopian government that the Oromo Liberation Army (OLA) has disarmed and joined the regime, the OLA has intensified its military operations across Oromia. These assertions, part of the regime's propaganda campaign, aim to sow confusion and undermine the liberation movement.
On December 5, 2024, the OLA's Nadhi Gamada Brigade conducted a surprise operation in the Mitana Gado area of the Sirka district, Eastern Arsi Zone. The OLA neutralized 10 enemy combatants and inflicted severe injuries on 15 others during the attack. The remaining government forces abandoned their camp and sought refuge among local residents.
The OLA asserts that the defections of a few members will not derail its mission to liberate Oromia and secure the rights of the Oromo people. The movement remains steadfast in its commitment to fighting against the oppressive Prosperity Party regime.
Haala Yeroo Irratti Miseensotni Waraana Bilisummaa Oromooti maal jedhu kan jedhu irratti Gaazexeessituun Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Jaal Sabaanboon Aliyyii turtii jaala tokko waliin goote galgala sa'a 12:00 irratti qabannee isiniif dhiyaanna.
Arraata Biyyoolessa Oromiyaati ❗
Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti reebicha, saamichaa fi hidhaan jiraattota irratti ergamtoota sirnichaan raawwatamu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 8,2024 Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti reebicha, saamichaa fi hidhaan jiraattota irratti raawwatu murna Bilxiginnaan jabaachuun uummatni Oromoo dararaa guddaa argaa jira.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo jumlaan sababa tokko malee yakkuun gama dinagdee fi qaamaaf qalbiin gidiraa ulfaataa irraan gahaa jiru. Namoota hedduus hidhaatti darbachuun erga hidhanii ammoo waajjira poolisii keessaa hoggaa baasan "qarshii mana kiraa" jechuun gatii mana hidhaa illee irraa fudhachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, araddaadhuma kana irraa milishoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii kan itti fufan yoo ta'u, Muddee 03,2024 dubartoota abbaa manaa hin qabne hunda walitti qabanii ukkaamsanii deemanii jiru.
Araddicha keessatti kaffaltii gosa adda addaa nagahee hin qabne gibira da'oo godhachuun walitti qabachaa kan jiran ergamtoonni sirnichaa haala duraan barameen olitti yeroo yeroon qarshii hedduu uummata qaala'iinsi jireenyaa dararaa jiru kana irraa saamaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti gudeeddiin shamarran Oromoo irratti loltoota Bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM'tti himan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Loltoonni Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun hawaasa nagaatti bobbaafaman guyyuu Oromiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa fi yakkoota waraanaa raawwatan jabeessuun shamarran Oromoo haadhaa fi abbaa biraa afaan qawween manaa baasuun gedeedaa jiru.
Loltootni safuu, oodaa fi kabaja abbaaf haadhaa akkasumas dhalootaaf hin qabne akka waan nageenya hawaasaa eeganitti fakkeessuun gocha silaa waraana irraa hin eegamne hawaasa keessatti babali'suun safuu hawaasaa cabsuu irratti bobba'anii jiru.
Aanaa Muneessaa ganda Cophaa keessatti Roobii darbe Muddee 4,2024 shamarran lama kanneen safuu hawaasaaf jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feene haadhaa fi abbaa isaanii biraa fuudhamuun dirqamaan gudeeddiin irratti raawwatamuu ONM jiraattota irraa odeeffatee jira.
Akka jiraattonni dubbatanitti shamarran kanneen sobanii yakka qabu ni qoranna jedhanii erga maatii biraa fuudhanii ba'anii booda osoo baay'ee hin turinii fi mana irraa hin fageessin guddeeddiif akka dirqamsiisan himu.
Shammarran kunneenis gudeeddii loltoota Bilxiginnaa kanaan irratti raawwatameen iyya guddaa akka dhageessisanii fi hawaasnis maali jedhee yoo gadi bahu isaanis namoota kanneen rifachuun sobanii nama yakka hojjete reebnee qorachuu hin dandeenyuu jechuun namoota birmannaa dhaqe dabalatee shamarran kanneen irratti reebicha ulfaataa raawwachuus himan.
Namoonni reebicha isaanii kanaan miidhaa guddaan irra gahe shammarran gudeedaman dabalatee yeroo ammaa hospitaala keessatti yaalamaa akka jiran illee dabaluun ibsaniiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti gudeeddiin shamarran Oromoo irratti loltoota Bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM'tti himan
ONM-ABO Muddee 8,2024 Loltoonni Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun hawaasa nagaatti bobbaafaman guyyuu Oromiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa fi yakkoota waraanaa raawwatan jabeessuun shamarran Oromoo haadhaa fi abbaa biraa afaan qawween manaa baasuun gedeedaa jiru.
Loltootni safuu, oodaa fi kabaja abbaaf haadhaa akkasumas dhalootaaf hin qabne akka waan nageenya hawaasaa eeganitti fakkeessuun gocha silaa waraana irraa hin eegamne hawaasa keessatti babali'suun safuu hawaasaa cabsuu irratti bobba'anii jiru.
Aanaa Muneessaa ganda Cophaa keessatti Roobii darbe Muddee 4,2024 shamarran lama kanneen safuu hawaasaaf jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feene haadhaa fi abbaa isaanii biraa fuudhamuun dirqamaan gudeeddiin irratti raawwatamuu ONM jiraattota irraa odeeffatee jira.
Akka jiraattonni dubbatanitti shamarran kanneen sobanii yakka qabu ni qoranna jedhanii erga maatii biraa fuudhanii ba'anii booda osoo baay'ee hin turinii fi mana irraa hin fageessin guddeeddiif akka dirqamsiisan himu.
Shammarran kunneenis gudeeddii loltoota Bilxiginnaa kanaan irratti raawwatameen iyya guddaa akka dhageessisanii fi hawaasnis maali jedhee yoo gadi bahu isaanis namoota kanneen rifachuun sobanii nama yakka hojjete reebnee qorachuu hin dandeenyuu jechuun namoota birmannaa dhaqe dabalatee shamarran kanneen irratti reebicha ulfaataa raawwachuus himan.
Namoonni reebicha isaanii kanaan miidhaa guddaan irra gahe shammarran gudeedaman dabalatee yeroo ammaa hospitaala keessatti yaalamaa akka jiran illee dabaluun ibsaniiru.
Injifannoo WBO Zoonii Giddu Galeessaa
WBOn zoonii gidduu gala Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Dagaa Leencoo Boorsuu keessattii tarkaanfii kaleessa Muddee 7,2024 waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana impayeera Itoophiyaa irraa 4 ajjeesuun 3 madeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 8-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 7-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የፒፒ የማፍያ ወኪሎች በምስራቅ አርሲ ዞን መርቲ አውራጃ የሲቪል ማህበረሰብን መዝረፋቸውን ቀጥለዋል።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኢምፓየርን ኢኮኖሚያዊ ውድቀት ተከትሎ የስርአቱ ተላላኪዎች ትኩረት አድርገው የኦሮሞን ህዝብ ሃብት በመዝረፍ ላይ ናቸው።
በመርቲ ወረዳ የደምበቃ ኢፍቱ መንደር ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ እንደተናገሩት የፋሽስቱ ተላላኪዎች በታህሳስ 5 ፥ 2024 ዓ.ም ከአቶ አደም ኦሊሹ ስር 8 የቀንድ ከብቶች መዝረፋችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ ግለሰቡ ከየትኛውም ፖለቲካ ነፃ ነው ሲሉ የአገዛዙ ተላላኪዎች ግን ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በሀሰት ስም ንብረቶቹ ተዘርፎዋል።
በምስራቅ ሸገር ዞን በዱግዳ ወረዳ የብልፅግና ጦር አንድ ወጣትን በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላችው ተገለፀ።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ታላቁ የአፍሪካ ቀንድ ብሔር የሆነው ኦሮሞ በአባት ሀገሩ ኦሮሞ ነኝ በሚለው በብልፅግና ቡድን ከፍተኛ ስቃይ እየደረሰበት ነው።
ይህን በማስመልከት በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ በወልዳ ቀሊና መንደር ታህሳስ 5 ፣ 2024 ዓ.ም ባልዳ ቱፋ ኤሌሞ የተባለ ወጣት በፒፒ ጦር በአሰቃቂ ሁኔታ መገደሉን ነዋሪዎች ገልፆዋል።
እንደ ነዋሪዎቹ ገለጻ፣ ሰራዊቱ በታህሳስ 4 ቀን 2024 የ8 ዓመቱን አብዲ Dhigaan ሲገድሉ እና በጠዋቱ ደግሞ ባልዳ ቱፋን ገደለ መጣላችውን አክለው ፥
ከዚህ ቀደም የዚህን ወጣት መኖሪያ ቤትን ማቃጠላችሁን እና የቀንድ ከብቶችን መዝረፋችውን ከዚህ ቀደም መዘገባችን ይታወሳል።
በምስራቅ ሀረርጌ ዞን በቁምቢ ወረዳ የብአዴን ካቢኔዎች ፕሮፓጋንዳ እንዲያሰራጩ እየተገደዱ ነው።
ታህሳስ 7 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በምስራቅ ሀረርጌ ዞን ቁምቢ ወረዳ የፋሽስቱ መንግስት የኦሮሞን የነጻነት ትግል ለማደናቀፍ ካቢኔዎችን እየተጠቀመባቸው ነው::
ታህሳስ 4 ቀን 2024 ዓ.ም በቁምቢ ወረዳ ሚኖ ከተማ ውስጥ ሁሉንም ካቢኔዎች ከላይ እስከ ታች ከአንድ ሰአት በላይ ሰብስበው መቆየታቸውን የቅርብ ሰዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በወረዳው ያሉትን የብልፅግና አመራሮችን በሙሉ የትምህርት ቤቶችን እና የጤና ጣቢያዎችን አመራሮችን በማሰባሰብ ወቅታዊውን ሁኔታ በሚዲያ እንዲዘግቡና የውሸት ፕሮፓጋንዳ እንዲነዙ አስገድዷቸዋል።
በኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ላይ ሲያሴሩ የነበሩት ከሃዲዎች ጋር በተያያዘ በኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ላይ ለሚካሄደው የስም ማጥፋት ዘመቻ እርስ በርስ የሚዲያ ሽፋን እንዲሰጡ እርስ በርሳቸው በማስገደድ ላይ መሆናቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Beerut irra balali’uun kibba Libaanos rukutan
ONM-ABO Muddee 7,2024 Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Jimaata kaleessaa Beerut irra balali’uun kibba Libaanos keessa bakka tokko rukutanii waa'ee dhukaasa dhaabuu yeroo dhiyootti taasifamee ture cabsaniiru.
Dhaabbanni oduu mootummaa Libaanos (NNA) akka jedhetti dirooniin Israa’el naannoo kibba Beerut irraa olka’iinsa gadi aanaa irratti balali’aniiru.
Itti dabaluudhaanis xiyyaaronni waraanaa Israa’el naannoo laga Litaniitti dhihoo jiru magaalota Yohmor al-Chaqif fi Zawtar al-Sharqiyah gidduutti argamu kan kibba Libaanos aanaa Nabatiyeh keessatti argaman rukutaniiru.
Aanaa Marjayuun, akkasumas kibba Libaanos keessatti, Israa'el gamoo dabalataa magaalaa Odayissee keessatti irratti boombii dhoostetti.
Hojiirra oolmaan waliigaltee kanaa Ameerikaa fi Faransaayiin kan to’atamu yoo ta’u, malli raawwii waliigaltee kanaa garuu bal’inaan ifa miti.
Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwatteen namoonni 4,000 ol ajjeefamanii, 16,500 ol ammoo madaa’aniiru.
Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee namoonni miliyoona 1 ol buqqa’uu isaanii ministeerri fayyaan Libaanos beeksiseera jechuun BBC'n gabaaseera.
Godina Lixa Harargee Aanaa Gubbaa Qorichaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 7,2024 Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni faashistii Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun saamuu fi badii tokko malee hidhaa irratti raawwachaa jira.
Aanaa Gubbaa Qorichaa araddaa 20 jedhamu keessaa qonnaan bultoota maqaa adda addaa itti dhahuun saamicha yeroo yeroon geggeessaa kan jiran loltoonni sirnichaa torban darbe irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii 2,000 nama tokko irraa saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, araddaadhuma kana irraa namoota maqaan isaanii Jamaal Abdii fi Mahaammad jedhaman Muddee 05,2024 ganama hirriba irraa kaasuun hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Araddoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun qarshii 7,000 saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu dadhaban immoo reebichaa fi hidhaan dararuun, gibirri humnaan olii itti fe'amuunis jiraattonni aanichaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.