Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
ኤቢሲ ኒውስ ስሜን አጥፍቷል ብለው የከሰሱት ዶናልድ ትራምፕ 15 ሚሊዮን ዶላር ካሳ እንዲከፈላቸው ተወሰነ።
ታህሳስ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ኤቢሲ ኒውስ የተባለው የአሜሪካው ሚድያ የዶናልድ ትራምፕን ስም በማጥፋቱ ለተመራጩ ፕሬዝደንት 15 ሚሊዮን ዶላር ለመክፈል ተስማማ።
ታዋቂው የኤቤሲ ኒውስ ዜና አንባቢ ዶናልድ ትራምፕ "በመድፈር ወንጀል ተጠያቂ ናቸው" ማለቱን ተከትሎ ነው ክስ የተከፈተው።
ጆርጅ ስቴፋኖፖለስ ባለፈው ዓመት መጋቢት በተላለፈ ፕሮግራም ላይ ነው በተደጋጋሚ ዶናልድ ትራምፕን የተመለከተ አስተያየት ሲሰጥ የተሰማው።
ዶናልድ ትራምፕ ላይ የቀረበውን የፍትሕ ብሔር ክስ ተከተሎ ባለፈው ዓመት ከሕዝብ የተውጣጣ ችሎት [ጁሪ] ፕሬዝደንቱ "በወሲብ ጥቃት ተጠያቂ ናቸው" ማለቱ ይታወሳል።
ኤቢሲ ኒውስ 15 ሚሊዮን ዶላር ለመክፈል ከመስማማቱ በተጨማሪ በዜና አንባቢው ንግግር "መፀፀቱን" የሚገልፅ መግለጫ ይለቃል።
ውሳኔው የገንዘብ ካሳው በእርዳታ መልክ "ለፕሬዝደንታዊ ፋውንዴሽን አሊያም ለከሳሹ ይሰጣል" ይላል።
ከዚህ በተጨማሪ የዜና ጣቢያው ትራምፕ ላወጡት የጠበቃና ሌሎች ወጪዎች መሸፈኛ የሚሆን 1 ሚሊዮን ዶላር ይከፍላል።
አልፎም ባለፈው ዓመት መጋቢት ከታተመው ዘገባ ግርጌ ሥር የዋና አዘጋጁ መግለጫ እንደሚሰፍር ውሳኔው ያሳያል።
መግለጫው "ኤቢሲ ኒውስ እና ጆርጅ ስቴፋኖፖለስ፤ መጋቢት 10/2024 ዓ.ም ጆርጅ ስቴፋኖፖለስ ከናንሲ ሜስ ጋር ያደረጉት ቃለ ምልልስ ላይ ፕሬዝደንት ዶናልድ ጄ ትራምፕን በተመለከተ ባቀረበው ዘገባ መፀፀታቸውን ይገልፃሉ" ይላል።
የኤቢሲ ነውስ ቃል አቀባይ በመግለጫቸው ኩባንያው "ሁለቱ ወገኖች ጉዳዩን በስምምነት ለመፍታት በመወሰናቸው" ደስተኛ ነው ብለዋል።
በአውሮፓውያኑ 2023 የኒው ዮርክ ፍትሐ ብሔር የሕዝብ ችሎት ትራምፕ በ1996 በአንድ አፓርትማ የመልበሻ ክፍል ውስጥ ኢ ጂን ካሮል የተባለችው ግለሰብ ላይ ወሲባዊ ጥቃት አድርሰዋል ማለቱ ይታወሳል። በተጨማሪ ትራምፕ የግለሰቧን ስም በማጥፋት ጥፋተኛ ሆነዋል።
ዳኛ ሉዊስ ካፕላን በወቅቱ ኢ ጂን ካሮል ትራምፕ እንደደፈራቸው የሚያሳይ በቂ ማስረጃ ለሕዝባዊው ችሎት ማቅረብ አልቻሉም ብለው ነበር።
እኒሁ ዳኛ ዶናልድ ትራምፕ ከሳሿ ኢ ጂን ካሮል ላይ ላደረሱት የስም ማጥፋት 83.3 ሚሊዮን ዶላር እንዲከፍሉ መወሰናቸው አይዘነጋም።
መጋቢት 10 በተላለፈው የኤቢሲ ኒውስ ዘገባ ላይ ስቴፋኖፖለስ የሳውዝ ካሮላይና ሪፐብሊካን የኮንግረስ አባል የሆኑት ናንሲ ሜስ እንዴት ትራምፕን ይደግፋሉ ሲል ይጠይቃል።
ዜና አንባቢው በሐሰት "ዳኞች እና ሁለት የተለያዩ የሕዝብ ችሎቶች ትራምፕን በመድፈር ወንጀል ተጠያቂ ናቸው ብለዋል" ሲሉ ወቅሰዋል።
ስቴፋኖፖለስ በዚህ ፕሮግራም ላይ በተደጋጋሚ ይህንን አስተያየት ሲሰጥ ተሰምቷል።
ትራምፕ ከኤቢሲ ኒውስ በተጨማሪ የቢቢሲ የአሜሪካ አጋር የሆነው ሲቢኤስን ከካማላ ሐሪስ ጋር በነበረው ቃለ-ምልልስ ምክንያት ከሰዋል።
በ2023 ትራምፕ ሲኤንኤን የተባለው የዜና ጣቢያ ከአዶልፍ ሂትለር ጋር አመሳስሎኛል ብለው ቢከሱም ጉዳዩ ችሎቱን በሚመሩት ዳኛ ውድቅ ሆኗል።
ተመራጩ ፕሬዝደንት ኒው ዮርክ ታይምስ እና ዋሺንግተን ፖስት የተባሉት ጋዜጣዎች ላይ ያቀረቡት ክስም ውድቅ ሆኖባቸዋል ሲል ኒውርክ ታይምስ አስነብቦዋል።
የፒፒ ወኪሎች በምዕራብ ሸገር ዞን በባኮ ቲቤ አውራጃ በሲቪሎች ላይ እስራትን አጠናክረው ቀጥለዋል።
ታህሳሳ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የብልፅግና ወታደሮች ጦርነቱን መቋቋም ባለ መቻላችው ምክንያት ወደ ሲቪል ማህበረሰቡ በመመለስ ከባድ ስቃይ ማድረጋቸውን ቀጥሎል።
በታህሳስ 13፣ 2024 ዓ.ም የአብይ አህመድ ወታደሮች በባኮ ቲቤ ወረዳ በቢቂልቱ ላኩ መንደር ማርቆስ ደሳለኝ የተባለ ንፁህ ሰው በቁጥጥር ስር አውለው ማሰቃየታችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለፃ ሰውዬው የየትኛውም ቡድን የፖለቲካ ግንኙነት እንደሌለው እና በአካባቢው ማህበረሰብ ዘንድ ከፍተኛ ተወዳጅነት ያለው መሆኑ ተገልፆዋል።
በምዕራብና በባሌ ዞን ውስጥ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት እጅ በሚል ስም የብልፅግና አንጃ ከህብረተሰቡ ገንዘብ መዝረፋችውን አጠናክረው ቀጥለዋል።
ታህሳሳ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የምዕራብ እና ምስራቅ ባሌ ወረዳ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በሰላማዊ መንገድ ገብቶዋል በሚል ስም ህብረተሰቡ አቀባበል እንዳደረገላችው እና ለዚህም ድጋፍ ያስፈልጋል በሚል ከንፁሀን ገንዘብ እያሰባሰቡ ይገኛል።
በጎባ፣ ጋሳራ፣ አጋርፋ፣ ሲናና፣ ዲንሾ፣ ጎሮ፣ ሃሮ ዱማል (ባርባሬ እና ሌሎች የነዚህ ዞን ወረዳዎች) ከሱቅ ባለቤቶች፣ ከተሸከርካሪዎች እና ከድሆች ነዋሪዎች ገንዘብ እየሰበሰቡ ነው።
ከዚህ በተጨማሪም ለብልፅግና ፓርቲ ግንባታ እንዲሁም ለታጣቂዎች ምግብና አልባሳት በሚል በጎዳና ላይ ቆመው ከነዋሪው ገንዘብ እየሰበሰቡ ይገኛሉ።
አንድ የኦሮሞ እና የአፋር ብሄር ተወላጅ ወጣት በወሎ ዞን በፋሽስቱ ጦር ተይዘው ደብዛችው ጠፍቶዋል።
ታህሳሳ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ወጣቱ አኑዋር ስይድ በቦራ ከተማ የዳዌ ሀረዋ ወረዳ ተወላጅ እና የባጃጅ ሹፌር ነበር። እናም ይህ ወጣት የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ትደግፋለህ በሚል ስም በአገዛዙ ታጣቂዎች ከቦራ ከተማ ተባሮ ወደ አፋር ክልል ወዳራጌ ከተማ ገብቷል።
ታህሳስ 12 ቀን 2024 ዓ.ም ወጣቱ በውዳራጌ ከተማ አውቶቡስ እየነዳ እያለ ከአፋር ዋና ከተማ ሰመራ የመጣው የኢምፔሪያል መከላከያ ሰራዊት በአፋር ብሄረሰብ የBaldhaadulloo መንደር ነዋሪ የሆኑትን አኑዋር እና አጆን በቁጥጥር ስር አውሎ ከፍተኛ ድብደባ በመፈፁም አሁን ደግሞ ከከተማ አሶጥቷቸዋል።
እነዚህ ወጣት የኦሮሞ እና የአፋር ወጣቶች ቤተሰቦች ወደ ከተማው ደውለው የፒፒ ፋሽስት ጦር አዛዥን ሲጠይቁ ልጆቻቸውን ይዘው ወደ ሰመራ እንደሚመጡ ተናግሯል እና ለማምጣት እምቢ ካላችሁ ደግሞ የምትሆኑት ነገር አብረን እንመለከታለን በማለት እንዳስፈራርዋችው የአፋር ክልል ነዋሪዎች ገልፆዋል።
Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa marsaa 2'ffaaf inshuraansii fayyaa, nyaata milishaa fi deggarsa ijaarsa paartii badhaadhinaa jechuun jiraattota saamuu jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 15,2024 Koloneel Abiy Ahimed guutuu Oromiyaa keessatti loltoota isaa kumaatamaan qe'ee uummata Oromootti bobbaasuun Oromiyaa dirree dhiigaa fi dachee ilmaan ishee irratti dararaman taasisee osoo jiruu kallattii biraan ammoo jiraattota afaan qawwee itti qabuun gibiraa fi inshuraansii fayyaa humnaa ol itti fe'uun rakkisaa kan jiruun cinaatti, maqaa deggarsa ijaarsa paartii badhaadhinaa fi nyaata milishaa jedhuun hawaasa nagaa doorsisanii saamuu hammeessaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanicha keessatti argaman cufa keessaa baatii Onkoloolessaa keessa maqaa inshuraansii fayyaa fi nyaata milishaa jedhuun jiraattota humnaa ol saamaa kan turan yoo ta'u, yeroo ammaa ammoo bifa adda ta'een deggarsa ijaarsa paartii badhaadhinaaf qarshii hangi isaa adda hin baane, nyaata milishaaf jechuun ammoo namni tokko midhaan kiiloo 25 dirqiin kennaa jiraachuu jiraattotni onichaa ONM'tti himan.
Itti dabaluunis jiraattotni akka jedhanitti, inshuraansii fayyaaf irra deebiin jechuun namni tokko qarshii 2,500-3,000'tti kaffalaa jirra, gibiraafis jechuun maallaqa humnaa olii nu gaafachaa jiru, namni maallaqa hanga jedhameen hin kaffalle ammoo ni reebamaa fi ni hidhama nuti kaffaluulleen hin dandeenyu, sababn isaas 1'ffaa kaffaltiin gibiraa fi inshuraansii fayyaa kan bara kanaa dachaan dabaleeras jechuun himan.
Erga kaffallee baatii lama reef geenye, sanuu wantoota qabnu mara gurguruu fi kan hin qabne ammoo liqii fudhachuun ofirraa kaffalle kan jedhan jiraattotni kun, nuti hanga yoonaatti liqii namoota irraa fuuneellee ofirraa galchuu hin dandeenye jechuun miira aarii fi gaddaan guutameen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa loltoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe.
ONM-ABO Muddee 15,2024 Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Bulee Caalaa jedhamu keessaa Muddee 12,2024 waraanni maafiyaan PP maanguddoo maqaan isaanii Obbo Boshoo Waggaarii jedhaman badii tokko malee maqaa "ilma keessantu bosona jira" jedhuun ukkaamsuun hidhaatti yoo darbatan, ijoollee isaanii Dinqinash Boshoo fi Galaanee Boshoo kan jedhaman ammoo bilbila harkaa 2 jalaa saamanii deemuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaatti ammoo tibba kana maqaa leenjii waraanaa jedhuun hawaasni ba'ee galuuf iyyuu rakkoo cimaa keessa kan jiru yoo ta'u, Muddee 12,2024 ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu keessaa barsiisaa Wangeelaa Waldaa Guutuu Wangeelaa Alamganaa kan ta'e nama maqaan isaa Paaster Mulgeetaa Sanbatoo jedhamu ergamtoonni sirnichaa leenjii waraanaaf hoggaa ukkaamsan, hin deemu jechuun mormii agarsiisnaan hidhanii dararaa kan jiran ta'uu maddeen himan.
Akkasumas namni maqaan isaa Obbo Waaqwayyaa Guddinaa jedhamus haaluma walfakkaatuun leenjii waraanaa hin deemu jechuun hoggaa didu ergamtoonni sirnichaa ujummoo qawween gurra isaa baqaqsuun osooma dhiiguu yaala fayyaa tokko malee fuudhanii deemuu maddeen himan.
Lukkeeleen PP kunneen ganduma Eebbaa keessaa hawaasa meesha maleessa hiraarsuu ittuma fufuun, Muddee 12,2024 Obbo Tashoomaa Olumaa namni jedhamu innis leenjii milishummaa hin deemu jechuun mana jireenyaa isaa cufatee maatii isaa waliin hoggaa baqatu loltoonni Bilxiginnaa toora halkanii mana isaa cabsanii seenuun qabeenya inni qabu tokko osoo hin hambisin hanga humni isaanii danda'u saamanii kan deeman ta'uu maddeen itti dabaluun ONM'f eeraniiru.
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 15-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 15-2024 itti dhiyaadahaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Mudde 15,2024
Godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbiitti murni Bilxiginnaa har'aa Mudde 15,2024 waaree booda sa'a 8:00'tti maatii qabsaa'otaa hunda magaalaa Gimbii ganda 03'tti dirqamaan waltajjii waamaa jirti. Dhimma marii kanaas akkuma odeeffanneen kan isiniif gabaasnu ta'a.
WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti waraana faashistii PP wal irra naquun barame
ONM-ABO Muddee 15,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun Zoonii Kibba Bahaa keessatti diina wal irra naqee jira.
Haaluma kanaan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo iddoo addaa Ittisa jedhamutti kaleessa Muddee 14,2024 Cibraan Hambaa Aanolee waraana faashistii Abiy Ahimed sakattaaaf bobbaate irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun 68 battalatti irraa ajjeessuun 84 ammoo madoon adabee jira.
Abdiin sabaa WBOn akeekni qabsoo bilisummaa Oromoo hanga galma geessuutti dantaa fi sadoon kaayyoo irraa hin deebi'u jechuun lubbuu isaa tokkitti osoo hin mararsiifanne kennee dirree irraa diina kuffisuun akeeka diinaa fashaleessee injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Murni faashistii PP Kamisa darbe tarkaanfii qe'ee hawaasaa irratti meeshaalee gurguddaan fudhateen namootni du'anii fi miidhaman adda ba'an
ONM-ABO Muddee 15,2024 Waraanni impaayera Itiyoophiyaa Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Janjam Meelaa keessatti Muddee 12,2024 meeshaa gurguddaa BM, Madfii, Taankii, Moorteeraa fi Zu 23 dhukaasuun uummata nagaa irraan miidhaa guddaa qaqqabsiisuun barameera.
Hanga yoonaatti namoota lubbuun isaanii darbe keessaa kan maqaan adda ba'e
1. Sanbatuu Adinoo Suyyumee daa'ima waggaa 10
2. Haannaa Lammaa Nagaa daa'ima waggaa 2 yoo ta'an, daa'ima kana osoo Sanbatuun baattee jirtuu mana keessatti irra bu'ee walumaan ajjeese. Akkasumas daa'imni biraa meeshaa waraanaa PP'n ajjeefame Dirribaa Botee Faayyisaa daa'ima waggaa 8 ta'uun barameera.
Ol adeemtota ilmaan Oromoo waraana faashistii PP'n ajjeefaman malee kanneen madaa'an;
1. Baaccuu Bojaa Sanbataa daa'ima umurii 9
2. Ijaarree Sanbata Dabalaa ga'eessa umurii 45
3. Ayyaluu Dabalaa Ayyaanee umurii 47
4. Jaalannee Abboomaa Dhufeera shamarree umurii 22
5. Shantamee Daanyee Biqilaa umurii 19
6. Diittaa Geetuu Abiyyii umurii 28 yoo madaa'an warri kun hundi isaanii matii tokkoodha.
Sababa mana isaanii irratti bu'eef firaa fi aanteen achi keessa ture guutuutti balaa kanaaf saaxilamee jira. Ganduma kana keessatti Muddee 13,2024 Baqqalaa Katamaa nama umurii 50 ooyiruu isaa keessaa osoo dalagachaa jiruu meeshaa gurguddaa akka feteen dhukaasan irra bu'ee ajjeesuun barameera.
Godina Baalee Lixaa fi Balee Bahaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo harka kennateef jechuun murni Bilxiginnaa hawaasa irraa maallaqa saamuu jabeessanii jiraachuun ibsame
ONM-ABO Muddee 15,2024 Murni Bilxiginnaa gantoota maqaa WBO'n Bilxiginnaatti harka kennatan WBO karaa nagaan galaniif ummanni ba’uun simannaa taasisaa jira maqaa jedhuun godinaalee Baalee Lixaa fi Baalee Bahaatti tumsaa fi deggersi akka barbaachisu jiraattotatti himuun, dharaan uummata qaala'iinsa jireenyaan dararamaa jiru irratti saamicha daangaa darbe irratti taasisaa akka jiran jiraattotni hadheeffachuun dubbatu.
Bifuma kanaanis aanaalee godinoota kanneenii aanaa Goobbaa, Gaasaraa, Agarfaa, Sinaanaa, Diinshoo, Gooroo, Haroo Duumaal ( Barbaree ) fi kanneen birootti abbootii qabeenyaa kanneen dukkaana qaban, abbootii konkolaataa qaban irraa kaasee hanga jiraattota harka qalleeyyiitti maallaqa irraa guuraa jiraachuun barameera.
Kana malees maqaa kaffaltii gibiraa, inshuraansii fayyaa fi deggersa ijaarsa Paartii Badhaadhinaa akkasumas nyaataa fi uffannaa milishootaa jedhuun maallaqni deggersaaf akka ooluuf daandii gubbaa dhaabbatanii jiraattota irraa guyyoota gabaa harkaa guuraa jiraachuus maddeen ibsaniiru.
Dargaggoon Oromoo tokkoo fi dargaggoon sabaan uummata Affaar ta'e tokko naannoo Affaar keessaa waraana faashistii PP'n qabamuun achi buutee dhabamsiifaman
ONM-ABO Muddee 15,2024 Dargaggoon Oromoo maqaan isaa Anuwaar Sayid jedhamu dhalataa aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa kan ta'e, magaalaa Booraa keessaa hidhattoota sirnichaan maqaa WBO deggarta jedhuun ari'amee naannoo Affaar magaalaa Wadaraagee jedhamutti galuun jiraachaa kan tureedha.
Dargaggoon kun konkolaachisaa baajaajii yoo ta'u, Muddee 12,2024 magaalaa Affaar Wadaraagee jedhamu keessatti osoo baajaajii oofaa jiruu waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii magaalaa guddittii Affaar Samaraa jedhamu irraa dhufuun dargaggoo Oromoo Anuwaar fi sabaan uummata Affaar kan ta'e jiraataa ganda Baldhaadulloo dargaggoo Ajjoo jedhamu waliin qabanii garmalee reebuun magaalaa Samaraa yoo geessan, yeroo ammaa ammoo magaalicha keessaas baasanii achi buutee dhabamsiisaniiru jedhu maddeen.
Maatiin dargaggoota kanneenii yeroo magaalichatti bilbilchiisuun itti gaafatamaa waraana faashistii PP gaafatanitti, ijoollee keessan ni fudhattu magaalaa Samaraa koottaa jedheenii wayita maatiin kunneen ijoollee isaaniif jecha qarshii guddaa baasanii magaalicha ga'anitti, itti gaafatamaan sirnichaa isaan waame kun nuti ijoollee keessan hin argine nurraa deebi'aa, yoo hin deebinu jettanii diddan ta'e ammoo waan ta'uuf jirtan walumaan argina jedhee itti dhaadachuun sodaachisee akka galan taasisuu odeessi naannoo Affaar magaalaa Wadaraagee irraa ONM dhaqqabe addeesseera.
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Irree fi Galchaani Uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessassa Waraana faashistii PP Irraatti fudhatu Jabbeesauun lixa shaggaar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti Bireenaa fi isnaayippera irraa hiike
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን የፋሺስቱ ጦር ሰላማዊ ዜጎችን መዝረፉን ቀጥሏል።
ታህሳሳ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ማንም ምንም ቢል ደንታ የላቸውም እና ምንም አይነት የሰው ልጅ ሀፍረት የማይሰማችው የኦሮሞን ህዝብ በየቀኑ እየዘረፉ ኢኮኖሚያቸውን እያዳከሙ ይገኛሉ።
በታህሳስ 11 ቀን 2024 ዓ.ም የግዛቱ የማፍያ ጦር ከሚከተሉት ሰዎች የቀንድ ከብቶች ዘርፎዋል።
- ከጫልቺሳ ዱንጉላ ስር 14 የቀንድ ከብቶች
-ከጫምዴሳ ኢዴሳ ስር 3 የቀንድ ከብቶችን ያለ ምንም ጥፋት ዘርፈዋል እና ስማቸው በውል ባልታወቁ በርካታ ሰዎች ላይ ከመጠን ያለፈ ዘረፋ ማድረጋቸውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
በአገዛዙ ወታደሮች የተዘረፉ ሰዎች ምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ የማይገቡ እና የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን ትደግፋላችሁ በሚል ስም እያሰቃይዋችው እንደሚገኝ ምንጮቻችን አክለው ገልፀዋል።
በሰሜን ሸገር ዞን በኩዩ አውራጃ የህዝቡ የቀንድ ከብቶች በፒፒ አገዛዝ ሚሊሻዎች ተወስደዋል እና ንብረት ተዘርፏል።
ታህሳሳ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የህዝብ ንብረት እየዘረፈ፣ ቤት እያቃጠለ፣ ሴቶችን እየደፈረ እና የሰብአዊ መብት ጥሰት እየፈጸመ ያለው ፋሽስታዊው የብአዴን አገዛዝ በተሰማራበት ቦታ ሁሉ ጭቆናና ማስፈራሪያውን አጠናክሮ መቀጠሉን ነዋሪዎች ለኦኤንኤም ገልጸዋል።
በታህሳስ 13፣ 2024 ዓ.ም የፒፒ ሚሊሻዎች የሶስት ሰዎች የቀንድ ከብቶችን ወስደው ቀይ ሽንኩርት በኩዩ ወረዳ ደሮ ወሊንጪ መንደር ውስጥ ከገበሬዎች ማሳ ላይ መውሰዳችው ተገለፀ።
ዘረፋውን የፈጸሙት ሚሊሻዎች :- ተሾመ አዱኛ ፥ ስየሙፕም ፉፋ መሆናችው ታውቆዋል።
በተጨማሪም ከቅርብ ጊዜ ወዲህ በሰሜን ሸገር ዞን ህዝብ ላይ ከደረሰው ዘረፋ ጋር ተያይዞ በአረመኔው የብልፅግና መንግስት በድሮኖች ፣መዳፍ ፣ ታንኮች እና ሌሎች ከባድ መሳሪያዎች ቤታቸውን እና ንብረታቸውን አውድሞዋል።
የብልፅግና ተላላኪዎች በምዕራብ ወለጋ ዞን በቤጊ ወረዳ የተለያዩ መንደሮች ሰላማዊ ዜጎችን ማሰሩን ቀጥለዋል።
ታህሳሳ 15 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በስልጣን ዘመናቸው አመሻሽ ላይ የሚፋለሙት አንጃ ወንጀለኞቹን በኦሮሞ ህዝብ ላይ በማሰማራት በኦሮሞነታቸው ምክንያት ብቻ በወንጀል በመወንጀል ያልተነገረ ጥፋት እየፈፀመባቸው ነው።
ታህሣሥ 12 ቀን 2024 ዓ.ም የብልፅግና ወታደሮች በቤጊ ወረዳ ጃጋን መንደር ለገሰ ሚካኤል፣ Badhaasaa ነጋሳ እና ጃቢር ሚልኪያስ “ከኦሮሞ ነፃነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል ስም አስረው ማሰቃይታችውን ቀጥሎል።
በዚሁ ወረዳ አብዱረሀማን አብዱላህ እና ረመዳን ተሬሳ የተባሉ ነዋሪዎች በአብሻላ ዲንቃ መንደር ታህሣሥ 12 ፥ 2024 ዓ.ም ተይዘው መሰቃየታቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በተጨማሪም በሆሮ ዶንጎሮ መንደር ውስጥ ደጉ ዱላ ፥ ባጫ ዱላ እና ሽፈራ ባልቻ በተመሳሳይ ቀን አስረው ክፉኛ ደበደቡዋቸው እና በወረዳው ፖሊስ ጣቢያ ማሰራችውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
Miseensonni Waraana PP 4 Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Yuubdoo fi Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaa hidhannoo guutuudhaan gooticha WBO'tti harka kennatan.
ONM-ABO Muddee 15,2024 Loltoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa abbaa irree Abiy Ahimediin hoogganamtu jalatti goonkuma qawwee ormaa baannee hawaasa irraa dhalanne kan dhiigaaf lafeen tokko taane irratti daba hin hojjennu jechuun qalbii isaanii jijjiiratan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan gooticha WBO'tti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 2 godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Yuubdoo keessaa Muddee 12,2024 qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin qabatanii qe'ee Bilxiginnaa balfuun gara moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo nagaan gahanii jiraachuun himamee jira.
Kana malees Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa loltoonni faashistii PP maqaa farra riphee lolaan of-waaman lama qawwee AKM 2, rasaasa 180 fi gumbii 6 moonaa sirnichaa keessaa baasuun galii dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen sabaan Oromoo yoo ta'an, uummata Oromoos osoo hin beekin wallaalummaa isaaniitiin dararaa irraan gahaa turaniif dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo mooraa Bilxiginnaatti hafanis dafanii yeroon meeshaa baatan qabatanii gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka makamaniif carraa argatan kanaan ergaa isaanii dabarsaniifii jiru.
Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsoo keessatti murnoonni PP jiraattota hidhuu fi achi-buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 15,2024 Gadaa aangaa koloneel Abiy Ahimed achi butuuf kan dhama'an tiksitoonni impaayerattii dararaa ilmaan Oromoof bobbaafan yeroo irraa gara yerootti gochoota isaan quba hin qabne itti maxxansuun hiraarfama uummata irratti jabeessaa jiraachuu yeroo garaa garaa gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.
Haa ta'u malee faashistoonni Bilxiginnaa gochoota dabaa saba irratti raawwachaa jiran kan laaffisan osoo hin taane irratti jabeessuun guyyuu dhiiga qulqulluu dhangalaasuu, ajjeesuu, saamuu, hidhuu, fi achi buutee dhamsiisaa jiraachuu odeessi jiraattota irraa nu dhaqqabaa jiru nii addeessa.
Muddee 13,2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Qorgoogoo Luuxuu keessatti humnoonni badii Bilxiginnaa Kun dubartoota lama kan yeroof maqaan isaanii adda hin baane qabanii deemanii yeroo muraasa booda kan gadhiisan oggaa ta'u abbaa maatii 8 kan ta'e nama maqaan isaa Geetaachoo Katamaa jedhamu achi buutee dhabamsiisuun hanga ammaatti eessa akka inni jiru kan hin beekamne ta'u maddeen keenya ONM'f eeran.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni Bilxiginnaa marroo sadaffaaf manneen hawaasaa hedduu irratti gubaatii raawwatan.
ONM-ABO Muddee 15,2024 Jireenya gadadoo jiraachuu ilmaan Oromootti kan gammadan ergamtoonni sirna nama nyaataan PP, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba'uun haadha hiyyeessaa boochisuu itti fufanii jiru.
Ergamtoonni hiraarsaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan akka ciminaatti lakkaawwatanii fi qaama isaanii olii gammachiisuuf ifaajan loltoonni Abiy Ahimed aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Barakaa bakka addaa Gola Booyyee jedhamu keessaa Muddee 11,2024 fi 12,2024 manneen hawaasaa lakkoofsaan 50 ol ta'u guyyaa 2 guutuu gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Jiraattonni araddichaa kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan yoo ta'n, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo maqaa "deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti" jedhu itti maxxansuun manneen isaanii jumlaan qabeenya mana keessa jiru hunda waliin barbadeessanii jiraachuun ibsameera.
Kana duras, aanichuma bakkeewwan adda addaa keessaa manneen 300 ol ta'anii fi afoosha hedduu irratti marsaa lama gubaatiin raawwatamee jiraachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.
ታህሳስ 15-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn zoonii Harsadee godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa fi Fantaallee keessatti WBO Zoonii Baha waliin waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise
ONM-ABO Muddee 15,2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Harsadee fi Zoonii Bahaa, Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Saalaa jedhamu keessatti tarkaanfii qindaa'aa waloon kaleessa Muddee 14,2024 waraana maafiyaaa Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota 25 irraa ajjeesee 16 madoon adabe jira.
Gaachanni saba Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii harsadee tarkaanfii isaa itti fufuun ergamtoota waraana Bilxiginnaa irratti kaleessuma Muddee 14 godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Ilmoo Cuqqaalaa keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed haxxee itti hidhuun battalumatti loltoota 10 ol irraa ajjeessuun 11 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis gama meeshaatiin kilaashii AKM 3,isnaayipeerii 1, boombii 4 fi rasaasa 300 dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godhee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 15-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Balaa bidiruu godaantota Giriik keessatti mudateen namni tokko du'e, kudhanootaan achi buuteen isaanii dhabame
ONM-ABO Muddee 15,2024 Namni tokko Sanbata galgala bidiruun godaantootaa Qereet qarqara galaanaa lixuu isheetiin du’uu isaa eegduun qarqara galaanaa Giriik himaniiru. Balaa kanaanis namoonni 40 kan dhabaman yoo ta’u, namoonni lubbuun hafan 39 baraaramuun isaanii gabaafameera.
Bidiruun kun kibba dhiha odola kanaa irraa maayilii galaanaa 12 fagaatee akka seente ERTNEWS kan namoonni 40 akka dhabaman gabaase ibseera. Halkan walakkaa booda bidiruun kun erga garagaltee booda galaana kibba odola Gavdos keessatti hojiin baraarsaa guddaan hojjetamaa jiraachuu eegduun qarqara galaanaa beeksiseera.
Helikooptaroonni Xaaliyaanii bakka sanatti socho'aa kan turan yoo ta'u, dooniiwwan dabalataa gara naannoo sanaatti qajeelaa turan.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti namni biraa helikooptaraan gara hospitaalaa magaalaa Chaaniyaa kan Qereet jedhamtutti geeffamee yaala cimaa keessa seenuu himaniiru.
Giriik bara kana walumaa galatti lakkoofsi godaantota gara waraanaa fi hiyyummaa seenaniin, baqatan dhibbeentaa 25n kan dabale yoo ta’u, gara Roodis fi kibba baha Eejiyaatti dhibbeentaa 30n dabaluu isaa ministeerri godaansaa beeksiseera.
Torban darban keessa balaawwan wal fakkaatan hedduun mudataniiru. Kan dhumaa dhuma baatii Sadaasaa keessa godaantonni saddeet, isaan keessaa ja'a daa'imman umuriin isaanii hin geenye, kaaba odola Saamos, daandii kontirobaandii namootaa yeroo baayyee itti fayyadaman irratti du'aniiru jechuun magaalaa Ateens irraa AFPn gabaaseera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 15,2024 Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa bakka saayinsiin waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne namuma hunda irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Muddee 9,2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa irraa waraanni nama nyaataan impaayerattii namoota maqaan isaanii Aadde Buurkee Beenyaa fi Baqqalaa Firoo jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistuu fi deggertu" jedhuun lafa isaan midhaan haamanii haamtuu midhaanii waliin ukkaamsuun mana hidhaatti darbachuu himu.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii gandoota adda addaa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 15,2024 Murni galgalli bara aangoo isaa golgolaa'ee waan qabee gadi lakkisu dhabee wargamaa jiru Bilxiginnaan, jaleewwan isaa akkuma fedhe uummata Oromootti bobbaasuun sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irratti raawwachiisaa jira.
Aanaa Begii ganda Jagan jedhamu keessaa Muddee 12,2024 loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Laggasaa Mikaa'el, Badhaasaa Nagaasaa fi Jabiir Milkiyaas jedhaman maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun yakkanii qabuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanaadhuma kana ganda Abshaala Diinqaa jedhamuus guyyaadhuma kana Muddee 12,2024 ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf ifaajan jiraattota maqaan isaanii Abdurhamaan Abdullaayii fi Ramadaan Tarreessaa jedhamanis badii tokko malee qabuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen himan.
Ganda Horoo Dongoroo jedhamu keessaas guyyaadhuma kana "maatii qabsaa'otaati" jechuun namoota maqaan isaanii Dagguu Duulaa, Baacaa Duulaa fi Shifarraa Baalchaa jedhaman ukkaamsuun reebicha ulfaataa ta'e irraan gahuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 15-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 14-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 14-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️