Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti lukkeeleen PP jiraattota saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 17,2024 Ajaja Koloneel Abiy Ahimediin itti kenname hordofuun ergamtoonni isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa irratti saamichaa fi hidhaa daangaa darbe raawwachuu kan durii caalaa jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Sirba Looyyaa jedhamu keessaa loltoonni sirnichaa Muddee 13,2024 ilma keetu bosona jira jechuun nama maqaan isaa Tamasgeen Baqqalaa jedhamu loon mooraa tokko guutuu fi qabeenya mana keessaa hundas jalaa saamuun, mucaa isaa Biyyaansaa Tamasgeen jedhamu ammoo bakka inni hojii hojjetuu qabanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen saamicha isaanii ittuma fufuun, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa ammoo jiraattota maqaan isaanii:
- Tashoomaa Nagaroo jalaa loon 30 fi
- Taayyee Guutamaa jalaa ammoo hameessa 7 waatii torba waliin saamanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa kan ta'anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa kan jiran ta'uun ibsameera.
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachootti jiraattonni waraana faashistii PP'n ukkaamfamuun jabaate
ONM-ABO Muddee 17,2024 Dhiittaa mirgoota namoomaa fi dararaa murni Bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taasisaa jiru impaayera Itiyoophiyaa keessatti daangaa darbuun, namoonni lagaa fi kutaan akkasumas ilaalcha paartii Bilxiginnaaf qabaniin addaan fo'amuun ajjeefamuu, saamamuu fi hidhamuun achi buutee dhabamsiifamuun jabaatee itti fufeera.
Akka kanaanis umuriin isaa sadarkaa dargaggummaa keessatti kan argamuu fi hojiin isaas barataa kan ta'e dargaggoon maqaan isaa Tashoomaa jedhamu Muddee 13,2024 halkan sa'a 3:00'tti aanaa Bachoo bulchiinsa magaalaa Tullu-Boolloo keessaa poolisii idileen qe'ee isaa keessaa maatii biraa ukkaamfamuun dhagaa'ameera.
Barataa Tashoomaan nama siyaasa kam keessayyuu hin jirre yoo ta'u, barnoota isaa qofa irrattis xiyyeeffachuun kan jiraatu ta'us, ilaalcha sobaa fi gochaa barataa kanaa kan hin taane WBO waliin hidhata qabda fi eeruu laattaaf akkasumas, hojiilee shororkeessummaa isaan waliin hojjechaa jirta jechuun yakkanii qabuun hanga gabaasni kun qindaa'ettis achi-buutee dhabamsiisuun isaanii ibsameera.
Goleessitoonni murna PP Godina Booranaa Aanaa Eel-wayyee keessatti obboleeyyan lama shamarree tokkoo fi dhiira tokko rasaasa itti roobsuun galaafan
ONM-ABO Muddee 17,2024 Dhachee lubbuun ilmaan ishee irra jiraachuu hin dandeenye Oromiyaan har'as ilmaan ishee hamma bineensaa hanqachuun murnoota abbaa irree impaayerattiin rasaasaan waadamuun dhiigaa fi lafee isaanii bobeessaa jiru.
Bara bulchiinsa mootummoota abbaa irree darbanii kamiyyuu caalaatti duguugiinsa sanyii irratti raawwachaa kan jiru guddisi ilmaan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed, uummata Oromoon ani mootummaa keessani jedhee afaaniin itti odeessaa, duubaan ammoo gara jabeeyyii waraana isaa dhala namaaf kabaja hin qabne itti bobbaasee sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofa yakka taasisuun rasaasaan bobeessee lubbuu nagaa akka baala mukaatti harcaasaa oola.
Haaluma kanaan Godina Booranaa Aanaa Eel-wayyee ganda Saabbaatti waraanni shiftaan PP, uummata nagaatti dhukaasuun ilmaan haadha tokkoo, obboleeyyan dhiiraa fi dhalaa kan maqaan isaanii Deebanoo Bonayyaa Waaqoo fi Xuunnee Bonayyaa Waaqoo jedhaman balleessaa tokko malee Oromoo ta'anii jiraachuu isaanii qofa jibbuun bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen ONM'tti himan.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsootti ajjeechaan waraana faashistii PP'n raawwate
ONM-ABO Muddee 17,2024 Loltoonni Abiy Ahimed qawwee harkaa qabanitti dhimma ba'uun gocha duudhaa fi safuu hawaasichaa cabsurra darbee, gurraan illee dhaga'uuf nama qaaneessu uummata Oromoo irratti raawwachuu fi ajjeesuu itti fufanii jiru.
Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Haroo Sadan bakka addaa Gomboo jedhamutti Muddee 14,2024 waraanni murna gabroomfataan PP uummata nagaa irratti dhukaasa banuun uummatni sagalee dhukaasa itti baname rifachuun bakka dalagaatii yeroo baqatan uummatatti gadi qabuun dhukaasanii akka bineensaatti dargaggoo Magarsaa Nagawoo Mul'ataa jedhamu ajjeesanii gatanii deeman.
Dhukaasni ta'ee dargaggoon kun ajjeefamuu hawaasni erga baree booda bakka itti gatamee uummanni awwaaluuf yeroo reeffa Isaa kaasan ammas irratti dhukaasuun irraa buusanii reeffa isaa konkolaataatti hidhuun lafa irra harkisanii magaalaa Jaarsootti fuudhanii galuun du'aa isaan taphachaa turuu maddeen ONM'tti himan.
Gochi safuu hawaasaa cabsu ammoo godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo magaalaa Yuubdoo keessatti geggeeffameera.
Poolisiin aanichaa Gammachuu jedhamu dargaggoo tokko kan gudeede yoo ta'u, yakki isaa seeraan ilaalamee murtiin itti kennamus gochi akkasii aadaa Oromoo keessatti balaaleffatamaa waan ta'eef uummatni murtii waggaa 11 itti kennametti akka hin quufne himuun, kun kan uummatni saaxilee seeratti akka dhiyaatu taasiseedha malee hedduun caasaa waraana PP gocha cigaasisaa kana akka raawwatan ibsaniiru.
Torban lamaan darbes waraanni raayyaa ittisa impaayerattii daa'ima dhiiraa waggaa 5 godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa keessatti gudeedee turuun ni yaadatama.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 17-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa tarkaanfii ONM-ABO Muddee16-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 16-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
https://www.facebook.com/OromiaNationalMedia/videos/2236739116722245/?app=fbl
Читать полностью…Tel Aviv 'imaammata farra Israa'el kaasuun Imbaasii Ayerlaanditti argamu cufte
ONM-ABO Muddee 16,2024 Israa’el Dilbata kaleessaa Imbaasii ishee Ayerlaanditti argamu akka cuftu ibsuun, Dabliin ''imaammata farra Israa'el garmalee hordofuu ishee'' himatte.
Beeksisni kun kan ba’e Ministeera Dhimma Alaa Israa’el Gideyon Sa’ar irraa yoo ta’u, Ayerlaandi gochaa fi dubbii “farra Yihudootaa” irratti bobba’uu ishee, “seera dhabsiisuu fi mootummaa Yihudootaa” irratti hundaa’uun himatan.
''Aayilaandi hariiroo Israa'el waliin qabdu keessatti sarara diimaa hunda qaxxaamurtee jirti."
Murteen kun kan kenname erga waldhabdeen dippilomaasii biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf turee booda.
Ji’a Caamsaa keessa Israa’el Ayerlaanditti ambaasaaddara ishee Daanaa Erliich kan yaamte yoo ta’u, Dabliin Ispeenii fi Noorweey cinatti gama tokkoon mootummaa Falasxiin beekamtii kennuuf karoora qabaachuu ishee erga beeksistee booda.
Waldhabdee kana dabaluudhaan, Ayerlaand dhiheenya kana Afrikaa Kibbaatti makamtee Israa’el duguuggaa sanyii Falasxiinota irratti raawwatte jechuun Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) keessatti himannaa dhiheessiteetti.
Cufamuu kana ilaalchisee, Sa’ar akka jedhanitti, Israa’el qabeenya dippilomaasii ishee jijjiirtee biyyoota caalaatti deggaran waliin hariiroo cimsiti jedheera.
Tel Aviv waggaa itti aanu keessatti imbaasii Moldovaatti banuuf karoorfattee jirti jechuun BBCn gabaaseera.
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti ergamtoonni sirnichaa jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 16,2024 Ergamtoonni sirna nama nyaataan PP faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqishoo argataniif ilmaan Oromoo irratti yakkoota suukkanneessoo fi qaanessoo ta'an garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.
Muddee 12,2024 ergamtoonni Bilxiginnaa aanaa Gidaamii ganda Afteer Saamboo jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Muhaabbaa Saddeetaa,
- Yaasin Saffaa fi
- Raamadaan Himaamuu jedhaman badii tokko malee halkan mana jireenyaa isaanii dhaqanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta'anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa jiraachuu himuun, isaan keessaa namni Muhaabbaa jedhamu armaan duras maallaqa guddaa kaffaluun hidhaa irraa gadi lakkifamee kan ture ta'uu dubbatu.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu jabeessan
ONM-ABO Muddee 16,2024 Aanaa Sibuu Siree ganda Dichoo Abbaa Garmaamaa jedhamu keessaa Muddee 11,2024 loltoonni Abiy Ahimed "Qeerroo Bilisummaa Oromooti" jechuun, namoota maqaan isaanii; Habtaamuu Biraanuu fi Qaabataa Kitilaa jedhaman loon 10 jalaa saamanii, maatii isaanii ammoo qabanii deemuun halkan tokko guutuu reebicha hamaa irraan gahaa bulanii du'aa fi jireenya gidduutti hambisanii gadi lakkisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godinuma kana aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo ganda 01 fi ganda Goossanii Baabboo keessaa ammoo Muddee 12,2024 ergamtoonni tarsiimoon hojii harkaa bade dirqamaan uummata baasuun bosona cirsiisaa turuu maddeen eeran.
Oduu biraatiin ammoo Muddee 13,2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee jedhamtu keessatti abbaa warraa fi haadha warraa kanneen maqaan isaanii, Obbo Asmaaree Guddisaa fi Aadde Dasii Mangistuu haadha daa'ima 2 kan taate, qabanii yoo hidhuun, yeroo ammaa ijoolleen isaanii rakkina jabaaf saaxalamii jiraachuu maddeen ONM'tti himaniiru.
Oromo Liberation Army's Recent Operations Inflict Heavy Casualties on Enemy Forces
ONM-ABO December 16, 2024: The heroic Oromo Liberation Army (OLA) has continued its intensive operations against enemy forces in central Shagar. On December 14, 2024, in the Western Shagar district of Abuna Gindabarat, in a local village called Gago Bitee, OLA attacked enemy positions in the localities of Dhaksa, Kotota, Lenca, and Bitee simultaneously early in the morning, inflicting heavy casualties on enemy forces stationed in these regions.
This surprise attack was carried out by the coordination of three OLA brigades: Murto Guto, Magarsa Bari, and Risa Brigades. In this well-planned and coordinated attack against the fascist forces of the Ethiopian regime, the Oromo Liberation Army neutralized 70 enemy combatants, while 82 others sustained serious injuries, and 10 more were captured alive.
In this intense fighting that lasted for several hours, OLA captured various military-grade weapons, including 3 heavy machine guns, 3 sniper rifles, 51 automatic rifles, various hand grenades, and many more ammunitions Despite the regime's recent orchestrated fake disarmament and reconciliation with a few OLA members who voluntarily surrendered, the gallant Oromo Liberation Army has continued its intensive campaign against enemy forces deployed across Oromia to commit atrocities against innocent civilians.
Additionally, the Oromo Liberation Army has launched a fresh attack against enemy forces in the Western Shagar zone in the district of Meta Walqixe, inflicting similar casualties on enemy forces deployed to the area to commit atrocities against innocent civilians. The Oromo Liberation Army (OLA) will continue to protect innocent civilians and intensify its struggle for the liberation of Oromia and the emancipation of the Oromo people until the unconditional liberation of Oromia is achieved.
In intensified operations against enemy forces that are deployed across Oromia to commit crimes against humanity, the OLA has conducted sustained attacks in various Oromia zones. In the Marti District, Eastern Arsi zone, the gallant Oromo Liberation Army has taken decisive action against enemy forces stationed in the area.
On December 14, 2024, the brave Anole Brigade took punitive measures against enemy forces in the Marti District at a local village called Wataro Dino, in a locality called Itisa. In this intense engagement, OLA neutralized 68 enemy combatants, while 84 others sustained injuries.
The Oromo Liberation Army will continue its sacrifice for the liberation of Oromia without any reservation until the occupying enemy forces are completely defeated. The OLA will continue its unwavering commitment and sacrifices until Oromia is liberated and the respect and dignity of the Oromo people are fully restored.
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni maafiyaan PP jiraattota gara leenjii waraanaatti guuruu, qe'ee irraa buqqisuu fi saamuu cimsee itti fufe.
ONM-ABO Muddee 16,2024 Ergamtoonni PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti akkuma saree maraatuu oliif gadi fiiguun hawaasa nagaa gaja'uu itti fufanii jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Bayimoo Guusaa jedhamu keessaa Muddee 12,2024 namoota maqaan isaanii:
- Ifaa Dabballee,
- Badhaasoo Gabuu,
- Badhoo Xuufee,
- Daggafaa Sabbataa,
- Bayyanaa Sabbataa,
- Battee Kafanii fi kanneen biroo hedduu lakkoofsaan 30 ol ta'an loltoonni sirnichaa ukkaamsuun fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ganduma kana keessaa maanguddoo Lammii Leenjisoo jedhamu ammoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo" qabda jedhuun qe'ee fi qabeenyaa isaa rraa buqqisuun oomisha isaas jalaa saamaa akkasumas, loon itti naquun jalaa mancaasaa kan jiran ta'uu maddeen himan.
Obbo Lammiin abbaa ijjoollee 14 kan ta'ee fi wayita ammaa kanas maatiin isaa adda faca'uun jiruu gadadoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuun ibsameera.
Aanichuma ganda Tuchii Dambal jedhamu keessaa ammoo Muddee 14,2024 midhaan qonnaan bultootaa saamaa kan turan ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Aanicha keessatti dararaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaachuun, hawaasni ba'ee galuuf iyyuu haala ulfaataa keessa kan jiru ta'uun dabalataan himamee jira.
Hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti hidhaa fi reebichi maatii qabsaa'otaa irratti raawwatamu jabaate
ONM-ABO Muddee 16,2024 Waraana dirree irraa isaan lolu dheessuun uummata meesha maleeyyii nagaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan maqaalee adda addaa itti moggaasuun kan dararan mindeeffamtootni Koloneel Abiy Ahimed godina Walloo aanaa Baatee keessatti maatii qabsaa'otaa umurii fi saalaan osoo adda hin fo'in manneen hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufaniiru.
Muddee 14,2024 aanaa Baatee magaalaa Baatee fi ganda Malkaa Luugoo irraa maatii qabsaa'otaa kan ta'an Aadde Zeenabuu Alii maanguddoo umurii 80 magaalaa Baatee ganda 02,
Zabuuraa Adee,
Xuruu Adee haadha ijoollee 8 kan taate, ganda Malkaa Luugoo Facaa irraa ammoo Ahimed Awwal Ahimed, Ahimed Sayid Abduu,
Aanshaa Sheek Muhee fi Amiinuu Abduu ta'uu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattotni kun dabaluun himanitti, haadholii fi abbootiin warraa hidhattoota sirnichaan garmalee reebamuun magaalaa Baateetti hidhaman kunneen qonnaan bultoota ta'uu ibsuun, hidhattootni murna bilxiginnaa kun garuu maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun reebanii kan hidhanii fi akkuma aanichaatti maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun loltoota sirnichaan dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota naannichaa irratti geggeeffamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ifoomsaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 16-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Birmajjii fi Najjoo keessatti namoonni 3 loltoota PP'n ajjeefaman
ONM-ABO Muddee 17,2024 Goleewwan Oromiyaa mara keessatti ergamtoonni sirna nama nyaataan PP maqaa garaa garaa itti maxxansuun guyyuu dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Boojjii Birmajjii ganda Inimaayii Boolii jedhamu keessaa Muddee 10,2024 ergamtoonni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu amaleeffatan nama maqaan isaa Margaa Indaaluu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeessanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabne ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa erga ajjeesanii booda qarshii kuma jaatamaa 60,000 fi Meetii giraama kudhanis irraa fudhachuu dubbatu.
Godinuma kana aanaa Najjoo keessattis ajjeechaan lammiilee nagaa irratti loltoota Bilxiginnaan raawwatu jabaachuun, ganda Giddaa Buruusoo jedhamu keessaa guyyaadhuma walfakkaataa Muddee 10,2024 jiraattota maqaan isaanii Daawwit Baaruu fi Lammii Indaaluu jedhamanis waraanni sirnichaa sababa tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti loltoonni faashistii PP jiraattota saamuu, reebuu fi hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 17,2024 Mootummaan faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu" jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa saamuu, reebuu fi hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa irraa Muddee 10,2024 loltoonni sirnichaa hawaasa nagaan qe'ee isaa irra jiraatu ''hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jechuun nama Mahaammad Aliyyii Muraad jedhamu jalaa midhaan ardaba 18 hoggaa saaman, nama Abdurahmaan Mahaammad Hamiidoo jedhamu jalaa immoo boqqolloo ardaba 16 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.
Muddee 15,2024 ammoo ganduma kana irraa nama Mahaammad Abdallaa jedhamu jalaa boqqolloo ardaba 6 saamanii deemuun barameera.
Ganduma kana irraa lukkeeleen Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii guutuuf jecha hawaasa nagaa miidhan guyyaadhuma kana Muddee 15,2024 namoota maqaan isaanii Xahaa fi Ibraahim Ahimad Abdallaa jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun reebicha ulfaataa ta'e irraan ga'anii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata nagaa irratti raawwachaa kan jiru ta'uu fi jiraattonni hedduunis dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuramaa jiraachuunis ibsameera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa'otaa hidhaatti guuruu fi doorsisuu jabeessanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 17,2024 Tiksitoonni impaayera bututaa loltoonni Abiy Ahimed, tibba kana goleewwan Oromiyaa hunda keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam waliin hariiroo hin qabne maatii qabsaa'otaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta'uun ibsameera.
Aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Bareedaa keessaa Muddee 13,2024 namoota maqaan isaanii:
- Mitikkuu Ittafaa,
- Taarikuu Saqqataa,
- Girmaa Taa'aa,
- Abaatee Hordofaa,
- Kaasech Mokonnon,
- Bungulee Baabuu,
- Mitikkee Nagaash,
- Ebbisee Abdiisaa fi kanneen biroo hedduu ergamtoonni sirnichaa maqaa isin maatii qabsaa'otaati jedhuun ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees aanichuma ganda Haroo Folaa keessaas lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen ijoollee keessan galfadhaa jechuun mana maatii qabsaa'otaatti jaarsolii biyyaa ergaa kan jiranii fi akkasumas walga'ii ba'aa jechuun beellama qabanii doorsisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni murna Bilxiginnaa shamarree ganna 15 irratti gudeeddii raawwachuun hidhan
ONM-ABO Muddee 17,2024 Waraanni faashistii Abiy Ahimed goleewwan Oromiyaa hundaa keessatti gochaa hammeenyaa malee gaarii ummataaf kan hin yaanne, maqaa deggartoota WBO'ti jedhuun jiraattota hiraarsaa kan jiran yoo ta'u, qorannoo fi heyyama mana murtii malee kan fedhan ajjeesuu, qabuun hidhuu fi hiraarfama gurguddaa taasisuu cimsanii itti fufanii jiru.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdallaa keessatti Muddee 14,2024 shamarree ganna 15 maqaan ishee nageenya isheetiif jecha akka eeramu hin feene waraanni goolessaan Bilxiginnaa gochoota safuu uummataa cabsu gudeeddii irratti taasisuun himameera.
Shamarreen gudeedamte kunis iyyitee hawaasa dammaqsinaan seelii WBO'ti jechuun maqaa dharaanis qabanii kan hidhan ogguu ta'u, yeroo ammaas bulchiinsa magaalaa Maqiitti haala rakkisaa keessa jiraachuun ibsameera.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 16-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 16-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 16-2024 itti dhiyaadhaa!
Haaala Yeroo Irratti WBO zoonii Lixaa Birgeedii Soonsaa
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar Aanaa Warra Jaarsoo Keessatti Diina Du'aa fi Madoon Adabe
ONM-ABO Muddee 16,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun Kaabaa Shaggar keessatti diina adabe.
Har'a Muddee 16 waaree booda toora sa'a 9:30 irratti gootichi WBO Zoonii Giddu Galeessaa Birgeedii Mul'ata Shinniiggaa fi Simbirtuu Barii waliin ta'uun aanaa Warra Jaarsoo ganda Liiban keessatti loltoota Abiy Ahimed irratti tarkaanfii laalessaa fudhataniin hedduu du'aa fi madoon adabaniiru.
Guutuu gabaasa isaan walitti deebina!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Godina Jimmaa bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti saamichi jiraattota irratti loltoota sirnichaan raawwatu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 16,2024 Kutaalee Oromiyaa mara keessatti mootummaan garboomfataan bilxiginnaa maqaa garaa garaatiin loltoota isaa bobbaasuun saamee saamsisaa kan jiruu fi uummata Oromoo gama dinagdeen illee garmalee quucarsaa kan jiru ta'uun ni beekama.
Torbee darbe irraa eegaluun magaalaa Jimmaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa "deggarsa paartii badhaadhinaa" jedhuun jiraattota magaalichaa irraa dirqamaan qarshii 1,000 tokko tokkoon isaanii irraa fudhachaa jiraachuu jiraattonni saamaman kunneen ONM'tti himan.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, bulchiinsa magaalaa Jimmaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu yeroo yeroon saamaa jiraachuu himuun, qaala'iinsa gabaa waliin wal qabatee hawaasni rakkoo hamaaf saxilamaa jiraachuus dubbataniiru.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti hidhaan loltoota Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 16,2024 Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.
Loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa bakka addaa Googoo jedhamu irraa badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun Muddee 12,2024 namoota maqaan isaanii:
- Ahimad Sayid,
- Mahaammad Huseen,
- Abdii Jihaadoo,
- Yaasin Adamee fi
- Ibsaa kanneen jedhaman ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni kunneen badii tokko kan hin qabnee fi siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta'an, maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 16-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Siiriyaa kufaatii al-Asaad hordofuun qoqqobbii irraa akka hir’atu gaafate
ONM-ABO Muddee 16,2024 Ergamaan addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Siiriyaa irratti kaleessa Dilbata erga pirezidaantii Bashar al-Asad aangoo irraa kaafamanii booda qoqqobbii biyyoota dhihaa saffisaan akka dhaabbatu gaafataniiru.
Mootummaan Siiriyaa bara 2011 mormii farra mootummaa karaa nagaa ta’ee jalqabee boodarra gara waraana biyya keessaatti ce’eef deebii gara jabinaa al-Asaad kenneen waggootaaf Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi kanneen birootiin qoqqobbii cimaa jala ture.
Walitti bu’iinsi kun namoota gara walakkaa miliyoonaa kan galaafate yoo ta’u, lakkoofsi ummata biyyattii waraana duraa miliyoona 23 ta’u walakkaan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Qoqqobbii bu’uuraalee misoomaa fi qabeenyi miidhaman naannoo mootummaan qabate keessatti furmaanni siyaasaa yoo hin argamne deebi’anii akka hin ijaaramneef kaayyeffameen deebisanii ijaaruun hanga guddaan gufachiiseera.
Ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Geir Pedersen daawwannaa Damaasqoo irratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, “Dhugumaan hiriira naannoo ijaarsa Sooriyaa arguu akka dandeenyuuf qoqqobbii saffisaan akka xumuramu arguu dandeenya jennee abdanna.”
Pedersen gara magaalaa guddoo Siiriyaa kan dhufe qondaaltota mootummaa yeroo haaraa Bulchiinsa Hojii Waraanaa kan Al-Assad erga kufee “Hayat Tahrir al-Sham,” ykn HTS’n durfamuun hundeeffame waliin wal arguuf akka ta'ee barameera.
HTS garee shororkeessummaa jedhamuun Ameerikaan kan moggaafame yoo ta’u, kunis tattaaffii deebisanii ijaaruu walxaxaa taasisuu danda’a. Garuu bulchiinsi Baayiden maqaa kana haquuf yaadaa akka jiru qondaaltonni Waashingitan agarsiisaniiru jechuun Al Arabiyaa fi Asoosheetid Pirees gabaasaniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 16,2024 Ergamtoonni murna bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qalaa'iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu hojii idilee taasifachuun itti fufanii jiru.
Muddee 12,2024 waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Guduruu ganda Reef Tokko Taanee jedhamu Keessaa Araarsoo Gannatii jalaa korma 1 qalachuun qarshii 60,000 saaman,
- Camadaa Ittaanaa jalaa re'oota 6 qalachuun qarshii 60,000 saaman,
- Waaqumaa Doorsaa jalaas korma 1 qalachuun qarshii 60,000 saamuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta'uu himuun, waraanni sirnichaa erga horii isaanii saamanii qalatanii boodas gatii rasaasaa jechuun qarshii 60,000-60,000 harkaa fudhatanii deemuu dubbatu.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti waraanni faashistii PP daa'ima tokko rasaasa itti roobsuun ajeessan
ONM-ABO Muddee 16,2024 Akeekaa fi kaayyoo qawwee dhukaasaniif homaa tokkollee kan hin beekne loltoonni Abiy Ahimed, guutuu Oromiyaa keessatti guyyuu qaqqaalii ilmaan Oromoo irbaata rasaasaa taasisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Lataa Sibuu ganda Tulluu Incinnii jedhamu keessaa Muddee 14,2024 loltoonni maafiyaan impaayerattii daa'ima maqaan isaa Maatiwoos Bookaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, daa'imni kun nama umuriin isaa 13 ta'ee fi barataa kutaa 2'ffaa ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa maqaa sakatta'an bobba'an daandii gubbaatti sababa tokko malee rasaasa 3'n rukutuun madoo ulfaataa taasisuun, maatiin isaa hospitaala geessuun yaalamaa erga turee booda guyyuma kana waaree booda lubbuun isaa darbuu dubbatu.
Qophii Dilbii Dilbataa ONM-ABO Muddee 15-2024 itti Dhiyaadhaa!
Dhumaatii uummata Oromoo irratti meeshaa gurguddaan raawwatamaa jiru, Tarkaanfii WBO, holola Bilxiginnaa fi rakkoo impaayerattii ilaalchisuun maree Jaal Niimoonaa Sabaa fi Jaal Daandii Elemoo waliin taasisan!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️