onm_abo11 | Unsorted

Telegram-канал onm_abo11 - Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

35953

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Subscribe to a channel

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Shakkamaan Jeneraala Raashiyaa ajjeese jedhame gara bakka yakki itti raawwatameetti geeffame

ONM-ABO Muddee 19,2024 Shakkamaan ajjeesaa jeneraal olaanaa Raashiyaa Igor Kirillov gara bakka yakki itti raawwatame Moskootti geeffamuu dhaabbati oduu TASS Kamisa kaleessaa qaamolee seera kabachiisuu wabeeffachuun ibseera.

Hogganaa loltoota Eegumsa Niwukilaraa, Baayoloojii fi Keemikaalaa Raashiyaa kan turan Letenaant Jeneraal Kirillov Kibxata darbe Moskootti ajjeefamaniiru.

Kun kanaan osoo jiruu lola cimaa naannoo Kursik keessatti humnoota Yukireen waliin taasisaniin Raashiyaan geggeessaa jirtuun yoo xiqqaate loltoonni Kooriyaa Kaabaa 100 gara Raashiyaatti bobbaafaman ajjeefamuun 1,000 ammoo madaa’uu miseensi mana maree Kooriyaa Kibbaa Kamisa kaleessaa dhaabbata basaasaa biyyattii wabeeffachuun ibseera.

Kasaaraan guddaan kun kan ka’e loltoonni Kooriyaa Kaabaa lola diroonii irratti muuxannoo dhabuu fi lafa banaa lola kana irratti hirmaatan beekuu dhabuu isaanii irraa kan ka’e ta’uu miseensi paarlaamaa Lee Seyong-kiweyun gaazexeessitootaaf ibsaniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi saamuu jabeessanii itti fufan.

ONM-ABO Muddee 19,2024 Fedhii fi dantaa murna tokkoo qofa tiksuuf kan bobbaafaman loltoonni faashistii Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa dararaa ilmaan Oromoo irraan gahan jabeessanii itti fufanii jiru.

Muddee 15,2024 loltoonni Bilxiginnaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee keessaa namoota maqaan isaanii:
- Taarikee Hambisaa,
- Masqalee Itichaa,
- Daarragaa Jabeessaa,
- Addunyaa Baqqaanaa fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu ta'an badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu saamichaan ammoo guyyaadhuma kana Muddee 15,2024 gandichuma keessaa nama maqaan isaa Xiiqii Guuttataa jedhamu jalaa re'ee tokko qalatanii nyaachuu maddeen himan.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan hammeessuun, guyyaadhuma kana namoota hedduus badii tokko malee reebicha hamaa ta'e irraan gahanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gubaatiin manneenii, saamichi fi hidhaan loltoota PP'n hawaasa nagaa irratti raawwatu Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 19,2024 Uummanni Oromoo baroota dhufaa darbaan sababa Oromumummaa isaa qofaaf cubbamuun qe'ee fi qabeenyaa isaa rratti ergamtoota sirnichaan ajjeechaan, saamichi, hidhaa fi gubaatiin manneenii irratti raawwatamaa jira.

Aanaa Saasiggaa ganda Gelaa Qarsaa jedhamu keessaa Muddee 16,2024 ergamtoonni sirnichaa ilmaan namaaf gara laafina tokkollee hin qabne loltoonni Koloneel Abiy Ahimed nama maqaan isaa Obbo Shaanqoo Booboo jedhamu qabeenya mana isaa keessa jiru tokko osoo hin hambisin erga jalaa saamanii booda, mana isaa ammoo ibidda itti shiduun barbadeessanii deemuu maddeen ONM'tti himan.

Ganduma kana irraa guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Taammiruu Timqataa,
- Geetaachoo Taaddasaa,
- Hindhibuu Amsaaluu,
- Caalaa Asaffaa,
- Jarman Duulee,
- Ittafaa Gammadaa,
- Malkaamuu Waaqtolee,
- Misgaanaa Gabbisaa,
- Hindhibuu Mulaatuu jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta'an ammoo badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM'tti himaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

ታህሳስ 19-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa Keessatti Diina Du'aa fi madoon adabe

ONM-ABO Muddee 19,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaatee yeroo dheeraaf ummata nagaa hiraarsaa turte guyyaa kaleessa Muddee 18,2024 aanaa Sirkaa ganda Soojjii Saadee keessatti loltoota ergama jibbiinsa uummata Oromoo fudhattee uummata dararaa jirtu haleeluun 7 irraa ajjeessuun 5 madoo dandammii hin qabneen adabuun gandicha keessa baqachisee baasee jira.

Loltoonni PP rarkanfii kanaan baaragdee gandicha keessa iddoo lolaa irraa yeroo ol deebitu lubbuu namoota nagaa lama galafachuu fi qabeenya namoota hedduu sammuun gara Mayibaasa Gadoo jedhamutti darbuun barameera.


Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Dhiha Sudaanitti Humnootni Dafee qaqqabaan dhukaasa banuun namoonni 10 ajjeefamuun, 20 madaa’an

ONM-ABO Muddee 19,2024 Dhiha Sudaan Kaaba Daarfuur magaalaa El Fasher keessatti dhukaasa meeshaa waraanaa humna dafee qaqqaba (RSF)n raawwatame jedhameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 10 du’uu fi 20 madaa’uu aktivistoonni roobii kaleessaa gabaasan.

“Hospitaala Sa’uudii dabalatee naannoowwan hedduun El Fasher keessatti humnoota waraana garagaraatiin boombii meeshaa waraanaatiin rukutamaniiru.

Kunis namoonni nagaa 10 du’uun, 20 ammoo madaa’aniiru,” jedha gareen qindoomina koreewwan diddaa El Fasher
El Fasher Caamsaa 10 irraa eegalee waraana Sudaan fi RSF gidduutti walitti bu’iinsa hamaa kan argite yoo ta’u, magaalattiin UN fi dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa akka wiirtuu hojii namoomaa naannoo Daarfuritti itti fayyadamaa jiru.

Haala kanaan walqabatee Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) sababa dhukaasa dhiheenya kana raawwatameen maatiin 650 magaalaa Kabkabiyaa Kaaba Daarfuur irraa buqqa’uu isaanii beeksiseera.

Maatiin buqqa’an magaalattii keessaa fi guutuu bulchiinsa naannootti baqachuu isaanii ibseera jechuun BBC'n gabaaseera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii kan itti fufan ogguu ta'u, Lixa Wallaggaa Aanaa Begiittis hidhaan jabaatee jira

ONM-ABO Muddee 19,2024 Murni garboomfataan PP kufaatii dinagdee hamaa gama hundaan impaayerattii mudatee jiru irraa of bararuuf jecha sababoota adda addaa wabeeffachuun kaffaltii seeraan alaa nagahee hin qabneen saamicha daangaa darbe uummata Oromoo irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Baakkoo Tibbee bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dhahuun saamuu ittuma fufuun, ganda Biqiltuu Lakkuu bakka addaa Facaasee Kooraa jedhamu keessaa Muddee 16,2024 jiraattota walitti qabuun gandi tokko mootummaaf dirqama qawwee 15 bituu qaba jechuun mana tokkotti qarshii 1500 saamaa kan jiran ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu ona biraatiin ammoo aanaa Begii ganda Abshaala Diinqaa keessaa Muddee 12,2024 Abrahaam Dirribaa nama jedhamu loltoonni sirnichaa qotiyyoo 1 jalaa fudhatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees guyyuma kana ganda kana keessaa Abdii Dabalaa fi Tafarii Mikaa'el jiraattota jedhaman ammoo hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, Abdiin daa'ima maalummaa siyaasaa hin hubannee fi daa'ima umurii 12 ta'uu himuun, Tafariin ammoo ogeessa walaloo ta'uu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti tiksitoota sirnichaan manneen uummataa jumlaan gubachuu fi saamichi jiraattota irratti hammaate

ONM-ABO Muddee 19,2024 Faashistichi impaayera Itiyoophiyaa koloneel Abiy Ahimed waraana isaa sansakkaan waraanaaf naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisne tiksitoota barcuma isaa uummatatti bobbaasuun sarbamiinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachiisaa jira.


Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti goolessitoota murna PP'n dararaa hamtuu keessummeessaa kan oolu uummanni Oromoo qe'ee isaa keessatti mirga lubbuun jiraachuu haalamuun guyyuu dhiigni isaa lola'uu, lubbuun obba'uu, hidhamuu, saamamuu fi manneen irratti gubachuun ilmaan isaa bakka jireenyaa dhabuun bakkeetti rakkachaa jira.


Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Darroo Libaanos keessatti waraanni sirnichaa manneen jiraattotaa jumlaan gubuu maddeen ONM'tti himan.

Namoonni manneen jalaa gubate kunneenis; Tolchaa Naggasaa jalaa mana 1 qabeenyaa guutuu waliin, Muluu Naggasaa jalaa mana 1 qabeenyaa guutuu waliin, Tamasgeen Ayyalaa jalaa mana 1 qabeenyaa guutuu waliin gubuun horiis jalaa saaman, Abarraa Roobaa jalaa mana 2 qabeenyaa guutuu waliin, Baayyuu Abbabee jalaa qotiyyoo 3 qalatan, Ayyaanaa Mitikkuu jalaa loon 1 qalatan, Dabalee Mootii jalaa re'oota 5, Shibbiruu Ayyalaa jalaa horii 29, Muluu Nagaasaa jalaa re'oota 14, Dabalee Naggasaa jalaa re'oota 4 fudhachuu maddeen ONM'tti himan.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 19-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raashiyaan US waliin hariiroo ‘sirrii’ irratti mari’achuuf qophii ta’uu ministeerri dhimma alaa ibse

ONM-ABO Muddee 19,2024 Raashiyaan hariiroo waliinii gara “baramaatti” deebisuuf yaada Ameerikaa irraa dhihaate kamiyyuu ilaaluuf qophii ta’uu ishee dhaabbati mootummaa Raashiyaa TASS itti aanaa ministeera haajaa alaa Raashiyaa Sargee Riyabkov wabeeffachuun Roobii kaleessaa ibseera.

Moskoon gaaffii Waashingitan Ameerikaatti ambaasaaddara haaraa Raashiyaa akka raggaasiftu gaafatteef hanga ammaatti deebii hin arganne jedhan Riyabkov itti dabaluudhaan ibsuu isaanii Rooyiters gabaaseera.

US. Ameerikaa fi Raashiyaan erga Guraandhala 2022 weerara guutuu Yukireen irratti geggeessitee hariiroon isaanii gadi bu'uu irr darbee wal himachaa turuun ni yaadatama.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti uummanni Amaaraa deggersa Faannoof qarshii walitti qabaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 19,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa "Faannoo" jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi murnoota Bilxiginnaa hunda firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe'ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Dhidheessa jedhamu keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa dhokatanii nama nagaa fakkaachuun dhalattoota Amaaraa bira deemuun yeroo adda addaatti wal dadammaqsanii qarshii walitti guuruu fi meeshaa waraanaa bituun waliif gumaachaa kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Gandicha keessaa dhalatoonni Amaaraa qaamolee bilxiginnaa qarshii itti kennanii sossobuun hundee isaanii jabeeffatanii ilmaan Oromoo buqqisuuf yaalii adda addaa godhaa kan turanii fi kan jiran yoo ta'u, "hidhattoota keenya Faannoo waammanna" jechuun namni Amaara ta'e tokko akka qarshii 500 buusuuf dirqama walitti taasisanii qarshii walitti guuraa kan jiran ta'uun himamee jira.

Ergama Faannoo fudhachuun namni maqaan isaa Hayiluu Bayyanaa jedhamu Muddee 14,2024 magaalaa Angar Guutee irraa ka'uun gara aanaa Daaboo Haannaa deemee qarshii akka walitti qabaniif garicha dursaa kan turee fi haala ittiin ilmaan Oromoo lafa irraa duguugan mari'achaa turuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namichi armaan olitti maqaan isaa eerame kun torban tokkoon dura dargaggoo Oromoo tokko halkan naannoo sa'atii 4:00 keessa waraana PP eegumsa irra jiru tokkoon walii galee dargaggeessa Muluqan Mitikkuu jedhamu ajjeessuuf hoggaa mana dhaqu yaaliin isaa osoo hin milkaa'in hafuun isaa ibsameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Finfinnee kutaalee magaalichaa garaa garaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa namoota ukkaamsuun hidhuu jabeessanii jiru

ONM-ABO Muddee 19,2024 Nama nagaa dararuun gootummaa jabaa kan itti fakkaatu ergamtoonni murni PP humnaa fi aangoo qabanitti fayyadamuun yeroo fedhanitti afaan qawwee fayyadamuun ilmaan Oromoo balleessaa isaanii malee maqaa uummanni quba hin qabne itti maxxansuun gochoota hamminaa garaa garaa irratti raawwachaa jiru.


Oromiyaa bakkoota addaa addaa keessatti duguugiinsa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeessaa kan jiran ergamtoonni sirnichaa waan deemaniif akkasumas waan lolaniif kan hin beekne ajaja qaama isaanii olii hordofuun guyyuu dhiiga qulqulluu dhangalaasuu, ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabanii achi buutee dhabamsiisuu jiruu idilee isaanii godhatanii jiraachuun kan beekamuudha.


Muddee 16,2024 magaalaa Askoo keessatti galgala irraa nama maqaan isaa Margaa Tamasgeen jedhamu balleessaa fi gaaffii seeraa tokko malee butuun qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 18-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

የሩሲያ የኒውክሌር ክፍል ኃላፊ ሞስኮው ውስጥ በተፈፀመ የቦምብ ጥቃት ተገደሉ።


ታህሳስ 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).



የሩሲያ ጦር ኃይል ከፍተኛ ጀኔራል እና ረዳታቸው ሞስኮው ውስጥ በቦምብ ፍንዳታ መገደላቸው ተሰማ።


ሌተናንት ጀኔራል ኢጎር ኪሪሎቭ የኒውክሌር፣ ባዮሎጂካል እና ኬሚካል መከላከያ ኃይል ኃላፊ ነበሩ።

ጀኔራሉ ማክሰኞ ጥዋት ከመኖሪያ ቤታቸው ሲወጡ ስኩተር በተባለ መሽከርከሪያ ላይ የተጠመደ ቦምብ ፈንድቶ መሞታቸውን የሩሲያ መርማሪ ኮሚቲ አስታውቋል።

ከሥፍራው የወጡ ፎቶዎች እንደሚያሳዩት የሕንፃው መግቢያ በፍንዳታ ክፉኛ የተጎዳ ሲሆን በፍንጥርጣሪ ምክንያት ግድግዳዎች እና መስኮቶች ፈራርሰዋል። ሁለት አስከሬን የያዙ ከረጢቶችም መንገድ ላይ ይታያሉ።

ባለፈው ጥቅምት ዩናይትድ ኪንግደም ጀኔራል ኪሪሎቭ በዩክሬን ለተፈፀመው የኬሚካል ጦር መሣሪያ ጥቃት ተጠያቂ ናቸው፤ አልፎም "የክሬምሊን የተሳሳተ መረጃ ስርጭት ቀንደኛ ሰው ናቸው" በማለት ማዕቀብ ጥላባቸው ነበር።

ሰኞ ዕለት የዩክሬን ሲክሬት ሰርቪስ (ኤስቢዩ) "የኬሚካል የጦር መሣሪያ በመጠቀም ተጠያቂ ናቸው" በሚል በሌሉበት ፍርድ እንደተሰጣቸው በቴሌግራም ገፁ አስታውቋል።

ሩሲያ ከዩክሬን የሚቀርቡትን ክሶች አትቀበላቸውም።

መራማሪው ኮሚቲ በሩሲያ ዋናው መርማሪ ባለሥልጣን ሲሆን "በሁለቱ የሀገር አገልጋዮች ግድያ ዙሪያ የወንጀለኛ ምርመራ ከፍተናል" ብሏል።

"መርማሪዎች፣ የሬሳ ምርመራ ባለሙያዎች እና ሌሎች ሙያተኞች ግድያው በተፈፀመበት ሥፍራ ተገኝተው እየሠሩ ነው" ብሏል ኮሚቲው።

ነባሩ ጀኔራል የተገደሉበት አካባቢ የሚኖሩ ሩሲያዊያን ፍንዳታ ከፍተኛ ድምፅ እንደነበረው ተናግረዋል።

ፍንዳታው በሞስኮው ከተማ በደቡብ ምስራቅ ክፍል ከክሬምሊን 6.5 ኪሎ ሜትር ርቀት ላይ ነው የተሰማው።

ቦምቡ በርቀት ቁጥጥር የሚሠራ ሲሆን 300 ግራም የሚመዝን ፈንጂ ውስጥ ይዞ እንደነበር የሩሲያ መገናኛ ብዙኃን ዘግበዋል።

በዩናይትድ ኪንግ  የውጭ ጉዳይ ቢሮ ማዕቀብ መሠረት ኪሪሎቭ ንብረቱ እንዳይንቀሳቀስ እና ከሀገር ሀገር እንዳይዘዋወር ዕግድ ተጥሎባቸው ነበር።


ዩናይትድ ስቴትስ ባለፈው ግንቦት ሩሲያ ኬሚካል መሣሪያ በዩክሬን "እንደ የጦር መሣሪያ" ተጠቅማለች ስትል መውቀሷ አይዘነጋም። በዓለም አቀፍ ሕግ መሠረት ኬሚካል መሣሪያዎችን በጦርነት ጊዜ መጠቀም የተከለከለ ነው።

በውቅቱ ሩሲያ የዩናይትድ ስቴትስን ወቀሳ "መሠረተ-ቢስ" ስትል አጣጥላው ነበር.

ኪሪሎቭ የኒውክሌር፣ ባዮሎጂካል እና ኬሚካል መከላከያ ኃይል ሆነው የተሾሙት በአውሮፓውያኑ 2017 ነው።

በሩሲያ መከላከያ ኃይል በተለያዩ እርከኖች ያገለገሉት ጀኔራሉ ከዩናይትድ ኪንግደም በተጨማሪ በካናዳ እና በሌሎች ምዕራባዊያን ሀገራት ማዕቀብ ተጥሎባቸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን ሀርጡማ ፉርሴ አውራጃ አንዲት ሴት በፒፒ የማፍያ ወኪሎች በቡድን ተደፍራ በኋላ ላይ ተገድላ መጣሏ ተገለፀ።

ታህሳስ 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

ሥነ ምግባር የጎደላቸው የብልፅግና ጦር በተለያየ ጊዜ ምኞታቸውን መቆጣጠር ባለመቻላቸው ሰዎችን መድፈር ፥ መግደልና ለእንስሳት መመገባቸውን ቀጥለዋል።

ታህሳስ 14፣ 2024 ዓ.ም  የአገዛዙ ታጣቂዎች የአንድ ልጅ እናት የሆነችውን ሃሊሚ የተባለች ሴት በወሎ ዞን ሀርጡማ ፉርሴ  አውራጃ ውስጥ በሚገኘው ቁርቁሮታ መንደር ውስጥ ከገብያ ስትመለስ ተደፍራለች። እናም በታህሳስ 15 ፥ 2024 ዓ.ም ተገድላ በእንስሳ ከተበላች በኋላ ፀጉር እና ልብሷ መታየቱን ነዋሪዎች ገልፆዋል።

የመንደሩ ነዋሪዎች እንደሚሉት ሀሊማን የአንድ ልጅ እናት ነች።
ከቂጪጮ  ከተማ በወጣች ቁጥር የብልፅግና አባል የሆነው አደም ወዳዳር የሚባል ሰው በጣም ቆንጆ እንደሆነች አቀረቦላት ሊያገባት እንደሚፈልግ ቢጠይቃትም በምላሹ እቺ እንስት ትዳር አልፈልግም ካለች ብኋላ እንደሚገድላት መዛቱን የአይን እማኞች ተናግረዋል።
 
ታህሳስ 14 ቀን 2024 ዓ.ም  አደም በጨፋ  ሮቢት ከተማ ነበር እና ከዚያ ወደ ቂጪጮ  ከተማ በመጣ ጊዜ ከአገዛዙ ታጣቂዎች ጋር በመሆን በቡድን ከደፈሯት ብኋላ በአሰቃቂ ሁኔታ ገድለው በመጣል ለእንስሳት መመገባችውን  የቂጪጮ  ከተማ እና የቁርቁሮታ ምንጮቻችን ገልጸዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Makkootti kaabinoonni PP lafa qonnaan bultoota Oromoo saamuun dhalattoota Amaaraaf kennan

ONM-ABO Muddee 19,2024 "Kan firaaf eelee hin dhaabne, ormaaf eegee dhaabdi" akkuma Oromoon jedhu ilmaan Oromoo fagootti diinomfachaa ifatti immoo ergamtoonni bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa daangaa ce'anii dhufan kanneen Faannoo jechuun of waaman gargaaruun utubanii caasaa isaanii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ijaaraafii kan jiran ta'uun ni beekama.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti kaabinoonni PP lafa qonnaan bultoota Oromoo saamuun dhalattoota Amaaraaf kennanii jiraachuun bira gahamee jira.

Torban tokko dura ergamtoonni bilxiginnaa magaalaa Makkoo irraa hawaasa Oromoo buqqisuuf yaalii adda addaa gochaa kan turuun rakkoo diinomfannaa ilmaan Oromoo irraa qaban irraa ka'uun, lafa magaalaa kutanii ilmaan Oromoo irraa fuudhuun uummata Amaaraaf kennanii jiraachuu jiraataan magaalichaa ONM'f yaada isaa kennee jira.

Akka jiraataan kun jedhutti, dhalatoonni Amaaraa gargaarsa ergamtoota bilxiginnaan utubamanii ilmaan Oromoo dararanii ofii jireenya gaarii kan jiraataa jiran ta'uu himuun rakkoo hamaan ilmaan Oromoo gandicha keessa jiran irra gahu heddummachuu irraa kan ka'e falli dhumaa inni qabu qabsoo bilisummaa Oromootti makamuun hidhatee diina daangaa ceetee dhufte kana adabuun biyya irraa dhuftetti deebisuun barbaachisaa ta'uu hima.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtootni sirnichaa oomisha namootaa mancaasisuun qamadii qofa akka qotaniif jiraattota dirqamsiisaa jiru

ONM-ABO Muddee 19,2024 Qotee bulaan Oromoo lafa isaa irratti waan barbaade oomishachuuf mirga guutuu osoo qabuu faallaa kanaa ammoo garee abbaa irree bilxiginnaan dirqisiifamuun kan nuti jenne malee hin oomishtan jedhamanii oomishni isaan yeroo dheeraaf itti dadhaban jalaa mancaafamuun jabaatee itti fufeera.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee gandoota akka; Bishee, Bal'aa, Buttuu, Elemoo fi kanneen biroo maqaan hin eeramin hedduu keessatti Muddee 16,2024 bulchaa godina Walloo Obbo Ahimed Ali Abbaa Afuroo dabalatee caasaaleen Bilxiginnaa gandoota armaan olitti caqafaman kanneen keessa naanna'anii jiraattotaan qamadii facaaftu jechuun dirqiin oomisha buqqisiisaa turan.

Oomishni jiraattotaa lukkeelee bilxiginnaan dirqiin buqqifamaa jiru kunneen qallubbii adii, qullubbii diimaa, timaatima, qaaraa, loozii, baala shaayee, burtukaana, maangoo, paappayyaa fi kkf'n ta'uu maddeen himuun, yeroo jiraattotni kun lafti keenya qamadii qotuuf hin ta'u, oomisha keenya nu jalaa hin mancaasinaa jedhanii ergamtoota maafiyaa PP kana kadhatanitti, dirqama qottanii facaaftu kana hin gootan yoo ta'e ajaja keenya diddan, ilaalcha biraatu isin keessa jira booda itti gaafatamaan matuma keessani jedhanii akeekkachiisuun qabeenyaa kana mancaasisanii dirqiin akka qotan taasisaa jiraachuu dabaluun dubbatan.

Koloneel Abiy Ahimed yeroo adda addaatti oomisha qonnaan bultoota Oromoo mancaasisuun qamadii akka qotaniif dirqisiisee boodarra ammoo nuti qamadii biyya alaatti ergaa jirra jedhee ija mootummoota idil-addunyaa duratti beekamtii fi jaallatamummaa argachuuf jecha of dhaadessuun yeroo dubbatu mul'atus uummatni impaayerattii miliyoonni 20 ol gargaarsa kan eeggatanii fi miliyoonni 86 ammoo hiyyummaa keessa jiraachuu ragaan Dhaabbata Mootummoota Addunyaa ni addeessa.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 19-2024 itti dgiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 19-2024 itti dgiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

WBOn godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti diina du'aa fi madoon adabe

ONM-ABO Muddee 19,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa keessa socho'u tarkaanfii walirraa hin cinne torbee tokkoof loltoota PP irratti fudhachaa tureen hedduu du'aa fi madoon adabee jira.


Muddee 17/2024 jajjabeen WBO zoonii kibbaa Aanaa Bulee Horaa ganda Dibbisaa Oggoo seenuun waraana PP achii kessaa mandheeffatte jirtu rasaasaan akkaayee baaruudaan macheesuun mooraa keessaa ari'ee jira. Tarkaanfii kanaanis loltoota Abiy Ahimed irraa 3 madoon adabee, 2 ajeesuun meeshaa AKM 1 irraa hikee Jira.

Cichitootni kaayyoo tarkaanfii diina irratti fudhatamu itti fufuun kaleessa Muddee 18 aanaa Qarcaa ganda Goroo Me'eetti ol itti seenuun olii fi gadii ari'e 3 battala ajjeesee 2 madoo dandammii hin qabneen adabee meeshaa AKM 3 irraa hiikee galii mooraa qabsootiif taasisee jira.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Bulee Horaa ganda Odaa Muudaa seenuun tikoota Bilxiginnaa aanaa irraa ganda irratti ramadamtee uummata saamsiisaa jirtu irratti WBOn tarkaanfii fudhateen 3 du'aan adabuun qawwe AKM 1 irraa hiikee jira.




Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessaa namoota ukkaamsanii dirree waraanaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 19,2024 Lola wal irraa hin cinne guyyuu impaayerattii keessatti adeemsifamaa jiruun loltootni Koloneel Abiy Ahimed akka baala mukaatti harca'uu, booji'amuu fi mooraa sirnichaa balfanii huccuu jijjiirachuun keessaa badaa jiraniin, moonaan murna bilxiginnaa garmalee diigamee bittinaa'aa dhufeera.

Muddee 6,2024 irraa eegaluun bifa adda ta'een godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa maqaa leenjii waraanummaa deemtu jedhuun jiraattota magaalichaa cufa hulaa isaanii irra deemanii maqaa galmeessuun fedhii namootaa malee dirqamaan ukkaamsanii mooraa leenjii aanaa Baatee Laga Burqaatti fe'aa jiraachuu jiraattotni magaalichaa ONM'tti himaniiru.

Akka jiraattotni magaalaa Kamisee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise kun jedhanitti, ergamtootni murna Bilxiginnaa kun yoo namoonni leenjii kana hin deemnu jedhanii mormii agarsiisan ni ajjeefamtu jedhanii sodaachisuu fi barattoota manneen barnootaa irraa qabaniin ammoo isin gaafa leenjii xumurtan poolisii taatu jedhanii goyyomsanii fe'aa akka jiran dabaluun ifoomsaniiru.

Dabalataan magaalaa Kamisee keessatti namni deggaraa paartii badhaadhinaa hin taane marti reebamuu, kaffaltii waliin isaa hin beekamne kaffalchiifamuu fi ilaalcha biraa qabdu jedhamuun dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuun addeeffameera.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti saamichi ulfaataan jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

ONM-ABO Muddee 19,2024 Koloneel Abiy Ahimed ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun afaaniin waa'ee nagaa lallabaa ifatti immoo, amala abbaa irrummaa isaa agarsiisaa kan jiru murni gabroomfataan PP ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa gama isaaf danda'ame maraan hacuucuun rakkoo ulfaataa qaqqabsiisaa jira.

Aanaa Daarimuu hunda keessatti torban darbe irraa eegaluun saamichi uummata irratti karaa loltoota sirnichaan raawwatamu maqaa " galii sassaabuu" jedhu uummata irratti labsuun: uffata milishaa, gaachana sirnaa, ijaarsa waajjira gandaa fi kanneen biroo hedduu sababeeffachuun nama waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 2,000 guuruun kanneen jireenya xiqqoo sadarkaa olaanaa irra jiran irraa immoo dandeettii uummataa malee filannoo mataa isaaniin namoota adda duree jedhanii filuun qarshii 3000-5000'tti dirqamaan guuruu fi boqqolloo callaan ardaba 80-150 irraa guuramee kan jiru ta'uu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa godina Jimmaa keessatti hidhaa, ajjeechaa fi saamicha uummata irratti hammeessan

ONM-ABO Muddee 19,2024 Jiruu fi jireenya uummataa burjaajessuuf malee nageenya waaraa sabichaaf buusee kan hin beekne Bilxiginnaan guyyaa irraa gara guyyaatti ergamtoota isaan hiraarfama jiraattota irratti jabeessaa jira.

Godina Jimmaa aanaa Saxxammaa Magaalaa Gaattiraa lafa gabaa guddaa Dilbataa irratti Muddee 14,2024 namootni maqaan isaanii;
Abdulkariim Diiggaa fi
Za'iim Zeenuu jedhaman horii manaa gurgurachuu lafa gabaa deemanii beeyladni isaan gurgurtaaf gabaa baasan gurguramuufii didnaan yeroo fudhatanii manatti galuuf  mooraa horii keessaa ba'an milishaan kaffaltii qaraxaa gaafate.

Namoonni kunneenis qarshii of harkaa hin qabnu horii hin gurguranne waan isiniif laannu hin qabnu oggaa ittiin jedhan milishaan tokko kokkee qabee kabalee darbatee yoo kuffisu kanneen birootis nama sadii ta'uudhaan kopheedhaan mormarra ejjataa lafanni kufee ciisutti  uleedhaan reebicha suukkaneessaa irratti raawwatan.


Qaamni hawaasaa lafa gabaatti daldalaachuuf iddoo sana jiru nama reebame akka lafaa fuudhee gara buufata fayyaa hin geessine dhorkaman.


Miidhamaan kun lafa kufe irraa gara Hospitaala Saxxammaa yeroo geeffamuttis qaama nageenyaa poolisiidhaan kutaa inni jirutti akka ogeessi fayyaa ol itti hin galle dhorkame.

Ibsaan waan hin jirreef  tajaajila fayyaa argachuu hin danda'u maqaa jedhuun  guyyaa guutuu otuu hin yaalamin ture. " Maatiin isaas erga ibsaan hin jirree asitti nu duraa hin ajjeesinaa  ilma keenya nuuf kennaa gara Hospitaala guddicha Jimmaa geessinee yaalchifannaa " jedhanii waan gaafataniif badii isaanii malee gaaffii mirgaa gaafataniif akka hidhaman taasifame.

Namni reebichi hamaan irratti raawwatame kunis tajaajila yaalaa gahaa ta'e otuu hin argatin halkan tokko hospitaala bulchanii amma mana hidhaa waajjira Poolisii aanaa Saxxammaa keessatti dararamaa jira.

Kana malees ergamtoonni sirnichaa Muddee 15,2024 magaalaa Jimmaa keessatti halkan keessaa toora sa'a 1:40 irratti hoteela Kabbadee jedhamu irratti boombii yoo darbatan guyyuma sana magaalicha keessatti halkan naannoo sa'a 4:30'tti konkolaachiisaa Bajaajii kan ta'e nama maqaan isaa Fu'aad jedhamu maaliif sa'a kana deemta ittiin jechuun rasaasa 3'n rukutuun akka ajjeesan maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oromo Liberation Army Scores Decisive Victory in Eastern Wallaga

ONM-ABO, December 19, 2024 – The Oromo Liberation Army (OLA) of the Western Command executed a strategic and successful operation against regime forces in the Eastern Wallaga Zone, delivering a significant blow to enemy forces.

In the early hours of December 18, OLA units launched a surprise attack on enemy positions in the district of Diga, specifically in the locality of Bareda Sorama. The intense battle resulted in heavy casualties: 31 enemy combatants were neutralized, 39 sustained severe injuries, and 9 were captured alive.

The operation also yielded a substantial cache of captured equipment, including 20 automatic rifles, over 1,000 rounds of ammunition, communication devices, and additional military gear.

In a related operation, the OLA breached a prison in the area, liberating numerous individuals who had been unjustly detained by regime forces. Furthermore, livestock that had been confiscated from local residents and held at a military camp for slaughter were returned to their rightful owners.

Despite repeated claims by regime officials to disarm the OLA within a few months, the OLA has continued to grow stronger, expanding its operations and intensifying the liberation struggle across Oromia.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Bosheetti waraanni Bilxiginnaa nama tokko reebicha hamaa irraan ga'uun ajjeesan

ONM-ABO Muddee 19,2024 Gara jabeeyyiin ilmaan namootaaf naasuu tokkollee hin qabne loltoonni Bilxiginnaa, akkuma fedhan bobba'uun uummata Oromoo irratti harkaa fi miilla isaanii adaba hin qabne kaasuun miidhaa gurguddaa hangana hin jedhamne raawwachaa kan oolan ta'uun ni beekama.

Aanaa Billoo Bosheetti jiraataa ganda Yaada Hundaa kan ta'e nama maqaan isaa Shallamaa Baayisaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa torban darbe keessa badii tokko malee haala rifaasisaa ta'een reebicha hamaa qaama laalessu irratti raawwachuun, lubbuun isaa hafnaan tiratee hospitaala ga'uun yaalamaa osoo jiruu Muddee 16,2024 manuma yaalaatti lubbuun darbee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam irraa bilisa ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun miidhuu ibsaniiru.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 19,2024 Finxaaleeyyiin Amaaraa godinaalee Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti deggersaa fi tumsa ergamtoota maafiyaa PP'n bobbaafamuun, uummata Oromoo qe'ee fi qabeenyaa isaa irratti badii tokko malee yakkuun gochoota gara jabinaa garaa garaa dhaggeettii gurraafuu hin tolle irratti raawwachaa kan jiran ta'uun ni beekama.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Mootii Qawoo bakka addaa Marar jedhamu keessaa ji'a darbe keessa Sadaasa 22,2024 finxaaleeyyiin Amaaraa daangaa qaxxamuranii naannoo Oromiyaatti ce'uun dargaggoota Oromoo kanneen maqaan isaanii:
- Abdii Dajanee,
- Kaasahuu Qixxeessaa fi
- Hundee Birriisaa jedhaman harroota 4 waliin ukkaamsuun gara naannoo Amaaraa Goojjam geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen dhalattoota godina Lixa Shaggar aanaa Calliyaa ganda Walqixxummaa ta'uu himuun, isaanis Obbo Naggasaa Misgaanaa nama jedhamu biratti qacaramanii hojii guyyuu hojjechuun kan of jireessanii fi yeroo ammaa kanas erga butamanii haalli nageenya isaanii maal irra akka jiran kan hin beekamne ta'uu dubbatu.

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 19-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

https://www.facebook.com/OromiaNationalMedia/videos/479982661787478/?app=fbl

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሰሜን ሸገር ዞን በወረ ጃርሶ ወረዳ ከባድ መሳሪያ በመተኮሱ አንድ ሰው ሲገደል፣ ንብረት ተዘርፏል ።


ታህሳስ 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የፒፒ የማፍያ ተላላኪዎች የሰው አእምሮ የሌላቸው እና እንገዛለን ለሚሉት ዜጎች ምንም የማይጠቅም ነገር በማሰብ በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች የኦሮሞ ብሄርተኞችን እያደኑ በተለያየ ስም ያለ ምንም የህግ ጥያቄ ለረጅም ጊዜ በማሰር ላይ ይገኛሉ።

የፒፒ ፋሺስት ጦር በሲቪል ቤቶች ላይ የአየር እና የምድር ጥቃቶችን አጠናክሮ በመቀጠል በሰው እና በእንስሳት ህይወት ላይ ጉዳት አድርሷል።


በታህሳስ 15፣ 2024 ዓ.ም የፒፒ ፋሺስት ጦር በሰሜን ሸገር ዞን ቀርሬ ጎሃ ከተማ በወረ ጃርሶ ወረዳ በከባድ መሳሪያ ተኩስ በመከፍት 6 የቀንድ ከብቶች እና 1 አህያ ገድሎ በንብረት ላይ ጉዳት አድርሷል።

በተጨማሪም በጃንጃም ሜላ መንደር መዳፍ እና ሌሎችም ከፍተኛ የጦር መሳሪያ በመተኮሳቸው የቤተሰቡን አባት አቶ ለሚ ታዬ ሲገድሉ እና ከአቶ አዳሬ ቶላ ስር የተከመረውን እህል በአንድ ቦታ አቃጥለውታል።


በዚሁ ወረዳ በፋጂ ኤጀርሳ መንደር 16 ኩንታል እህል ከአቶ ሽፈራ ጆቢራ፣ ከአቶ ወንድሙ ሽፋራዉ 8 ኩንታል እህል እና ከአቶ አለማዮ መርጋ ስር 6 ኩንታል እህል ዘርፈዋል።

Читать полностью…

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

በሸገር ከተማ አስተዳደር በለገ ጣፎ ለገ Daadhii የብልፅግና አንጃ የኦሮሞ ተወላጆችን ማሰር እና ማሰቃየትን ቀጥለዋል።


ታህሳስ 18 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).

የብልፅግና ወታደሮች ምንም አይነት ወታደራዊ ስነምግባር ስለሌላቸው ሁሉንም የኦሮሞ ልጆች ወንድ እና ሴት ሳይቀር እያንገላቱ ይገኛል።

በለገ ጣፎ ለገ Daadhii ከተማ ብዙ ወጣቶች በአብይ አህመድ ወታደሮች ተይዘው ወደ እስር ቤት እየተወረወሩ "ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አላችሁ በሚል ስም ታስረው እየተሰቃዩ ይገኛሉ ሲል ምንጮቻችን ገልጸዋል።



እንደ ምንጮቻችን ገለጻ በርካታ ወጣቶች እየታሰሩ እና ለውትድርና ስልጠና እየተመለመሉ እና በተለያዩ ስሞች በወንጀል እየተከሰሱ እና ከፍተኛ ገንዘብ እየጠየቁ ነው።

Читать полностью…
Subscribe to a channel