Qophii Dilbii Dilbataa ONM-ABO Muddee 22-2024 itti dhiyaadhaa!
Goolama PP Oromiyaa, Miidhaa Uummata Oromoo Itti Fufe, Ga'umsa WBO, Impaayerattii fi Gaanfa Afrikaa Ilaalchisuum Turtii Jaal Niimoonaa Sabaa fi Jaal Daandii Elemoo Waliin Taasisan!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti guyyaa har'aa waraana faashistii PP du'aa fi madoon adabee 4 harkaan qabe
ONM-ABO Muddee 22,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Sarbaa Adii jedhamu keessatti har'a Muddee 22 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis humna diinaa irraa 9 ajjeesuun 7 madeessee 4 jiraa booji'ee jira. Dabalataanis qawwee AKM 6, galaa waraanaa, kophee fi uffata irraa booji'uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
በምስራቅ አርሲ ዞን በሙኔሳ ወረዳ አንዲት ነፍሰ ጡር ሴት በቁጥጥር ስር መዋሏ ተገለፀ።
ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኢትዮጵያ ኢምፓየር ሰው በላ አገዛዝ ታህሣሥ 20 ቀን 20204 ዓ. ም በሙኔሳ ወረዳ በሄባን Dhuboo መንደር ለመውለድ የተቃረበቺውን ወ/ሮ ባሳ አዲሎ የተባለች ነፍሰ ጡር ሴት ለመያዝ ወታደራዊ ሃይሎችን አሰማርቷል።
ሴትየዋ ሙሉ እርጉዝ ሆና ሳለ፣ አብረዋት ያሉት ሴቶች፣ በአምባገነኑ ኮሎኔል አብይ አህመድ ጦር ቤት ውስጥ እየፀለዩ በነበሩበት ወቅትም ድብደባ እንደደረሰባቸው ተናግረዋል።
እንዲሁም በሄባን Dhuboo እና ኦዳ ቶአ መንደር ሰዎችን በተመሳሳይ ቀን በቁጥጥር ስር አውለዋል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
- አቶ Dhiiboo ባቢሌ
-ሹፌር ኡሴ
-ተሾ ዲታ
-አማን ቢሻ
-አማን አብዲሳ
-አቢዬ ቱሎ
-ቱሎ ዲቺሳ
-በሺ ሮባ
-መኪያ ሮባ
- ገመቹ ያቆብ
-ከማል Badhaasoo
-ቲቤሶ ጃምቦ
-ኡሺ አርጎ የሚባል ሲሆኑ። ከኦዳ ቱአ መንደር ደግሞ:-
-ተሺቴ ሮባሌ
-ቁቦ ጠይቦ
-ሼኪ ዎንጂ
-ኢዳሶ ከዲሮ
-ቀዲ ከበሮ
-ገሜ ከድር
-ፈረንጆ ነጌሶ መሆናችውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በምስራቅ ወለጋ ዞን ጅማ አርጆ እና ጉቶ ጊዳ ወረዳዎች በፒፒ ወታደሮች እየተወሰደ ያለው እስር እና ዘረፋ ቀጥሏል።
ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በታህሳስ 18 ቀን 2024 ዓ.ም የአገዛዙ ወታደሮች በጅማ አርጆ ወረዳ በመታ መንደር ለታ በቀለ የተባለውን ሰው በቁጥጥር ስር በማዋል አሰቃይተዉታል።
እንደ ምንጮችችን ገለፃ አቶ ለታ ከፖለቲካ ነፃ መሆናቸውን ገልጸው መከላከያ ሰራዊቱ ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በቁጥጥር ስር አውለዉታል።
ባለፈው አመት በጉቱ ጊዳ ወረዳ በአርጆ መንደር ዳሎ በሚባልበት ልዩ ስፍራ ውስጥ "ልጅህ ጫካ ውስጥ ነው ያለው በሚል ስም አቶ ሾሮ አመንቴ ከተባለው ግለሰብ ስምንት የቀንድ ከብቶች መሰረቃቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በተመሳሳይ ቀን ከተመሳሳይ መንደር በርካቶች ከልማት ስፍራ በቁጥጥር ስር ውለዋል።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
- ቄስ ምስጋነ ኤቢሳ
- ተስፋዬ ሂርጻ
- ታሜ አባተ
- ሾሮ አመንቴ ፣
- ልሳኑ አባተ
- ኢተፋ አዱኛ
- አይናለም ኢተፋ
- አቶ ግርማ አወቀ እና ሌሎች በርካቶች እየታሰሩና እየተሰቃዩ ነው።
በምስራቅ አርሲ ዞን በመርቲ ወረዳ የብልፅግና ቡድን የህብረተሰቡን ንብረት በግብር ስም እያሸጡ ነው ።
ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በአስተዳደር ስም የግዛቱን ዙፋን የያዘው የብልፅግና በድን ከጊዜ ወደ ጊዜ የህብረተሰቡን ህይወት ለማጥፋት እያሰበ ነው።
በዚህም መሰረት በታህሳስ 20, 2024 ዓ.ም እራሱን የኢትዮጵያ ግዛት አምባገነን ነኝ ብሎ የሚጠራው ኮሎኔል አብይ አህመድ ውድቀቱን መሸከም አቅቶት ህዝቡን እያደነ፣ እያሰረ፣ እየገደለና ሃብቱን ሁሉ ለማዳከም በሚል ስም እየዘረፈ ይገኛል።
ሲቪል ህዝብ በሁሉም አቅጣጫ በመርቲ ወረዳ በሞለሜ አርጆ መንደር የአካባቢው ነዋሪዎች ለኦኤንኤም እንደተናገሩት ከህዝቡ ፍየሎች ፥ ዶሮች እና የቀንድ ከብቶችን ከመዝረፍ ባለፈ በየ ሶስት ወሩ ገንዘብ እየተቀበሉ እንደሆነና ህዝቡ በአሁኑ ስዓት ምንም የሚሰጠው ነገር ስለሌለ ቄ ንብረቱን ጥሎ እየሸሸ ይገኛል።
ህዝቡ ለምን በየጊዜዉ በግብር ስም ገንዘብ እንደሚሰበስቡ ሲጠይቅ አውራጃዉ ከጥቂት መንደሮች በቀር ግብር አይከፍልም ምክንያቱም በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ቁጥጥር ስር ስላለ ሲሉ ተናግረዋል።
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufe.
ONM-ABO Muddee 22,2024 Uummata Oromoo qe'eef qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkuun ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufuun, ganda Mukarbaa Diimaa jedhamu irraa Muddee 16,2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Tarrafaa Baabuu,
- Obbo Asaffaa Abbabaa,
- Aadde Ayyaluu fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee maqaa "ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; dafaa waamaa galchaa" jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Aanichatti maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta'u, jiraattonni yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Yuuniversiitii Dirree Dhawaa irraa barattoonni Oromoo 5 balleessaa tokko malee waggoota sadiif barnoota irraa ari'amuun dhagaa'ame.
ONM-ABO Muddee 22,2024 Namoota Oromoof bu'aa buusuu danda'u jettu bara dhufaa darbaan adamsitee ukkaamsuu kan amaleeffatte Impaayerri Itiyoophiyaa akkuma kanaan dura hayyoota Oromoo dandeettiif ga'umsa isaanii sodaattu teessoo kiyya irraa na kuffisuu malu jedhanii shakkan adamsanii achi buutee dhamsiisuu, hidhuu, ajjeesuu fi biyya irraa godaansisuu adeeffatan, ammas egeree Oromoof Oromiyaa dhaloota bu'aa buusuu danda'an irratti xiyyeeffachuun miidhaa garaa garaaf saaxilaa jira.
Akkuma bara bulchiinsa wayyaanee barataaf barsiisota Oromoo dhabamsiisuun qaroo sabichaa jaamsuuf yaalaa turan bilxiginnaanis dabaree isaa gochoota fokkisoo abboota irree isaa irra dhaale barattoota Oromoo kan saboota biroo keessaa addatti irratti xiyyeeffachuun barnoota irraa ari'aa jira.
Bifuma kanaan Yuuniversiitii Dirree Dhawaa keessatti barattoota sabaan Oromoo ta'an kanneen godinaalee Oromiyaa garaa garaa irraa barnootaaf garas jiran namoota 5 waggoota sadiif Oromummaa qofaan yakkuun barnoota irraa ari'anii jiraachuu maddeen ifoomsan.
Barattoonni goolessitoota murna bilxiginnaan ari'aman kunneenis maqaan isaanii; Taarikuu dhalataa Godina Gujii, Gadaa dhalataa magaalaa Amboo, Sooressaa dhalataa Horroo Guduruu Wallaggaa, Galaanaa dhalataa Lixa Wallaggaa akkasumas, Damee dhalataa Lixa Wallaggaa kan ta'e balleessaa tokko malee barattoota kana barnoota irraa ari'uu isaanii maddeen ONM'tti himan.
Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti loltoonni faashistii PP daa'ima tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
ONM-ABO Muddee 22,2024 Akeekaa fi kaayyoo qawwee dhukaasaniif homaa tokkollee kan hin beeknee fi Abiy Ahimediin qofa gammachiisuuf kan hojjetan loltootni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan hawaasa nagaa irbaata rasaasaa taasisaa jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qallinaa jedhamu keessaa Muddee 17,2024 loltoonni sirna nama nyaataa PP daa'ima maqaan isaa adda hin baanee fi umuriin isaa 15 ta'e badii tokko malee bakka inni loon tiksutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, daa'imni kun dhalootaan uummattoota Kibbaa ta'uu himuun, nama maqaan isaa Xinnaa Gadaa jedhamu biratti miindeeffamee loon kan tiksu ta'uu dubbatu.
Ilmaan Oromoo Godina Walloo irraa naannoo Affaariin gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deeman poolisoota Affaariin reebamuun qarshii humnaa oliis gaafatamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Muddee 22,2024 Haleellaa Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon daandiitti ba'uun yeroo adda addaatti imaltoota irratti raawwachaa turanii fi yeroo ammaas itti jiraniin sochiin konkolaataa Walloo irraa gara Finfinneetti deemu garmalee danqamee kan jiru yoo ta'u, sababa kanaanis konkolaataan naannoo Affaar keessaan imaltoota fe'ee waan deemuuf ilmaan Oromoo godina Walloo irraa gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deemanii fi Finfinnee irraa gara godina Wallootti deeman poolisoota naannoo Affaariin reebamaa fi saamamaa jiru.
Muddee 18,2024 ilmaan Oromoo Walloo handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa naannoo Affaar keessaan galaa jiran poolisoonni Affaar konkolaataa dhaabsisuun namoota 11 hawwan, daa'immanii fi abbootii warraa konkolaataa keessaa buusanii eessaa deemtu? maal barbaaddu naannoo keenya keessaa jedhanii reebaa turan.
Boodarra ammoo konkolaachisaa imaltoota fe'ee deemaa jiru kanaan namoota 11 buufne kana fe'attee deemuuf mataa nama tokkoof qarshii 300-400 nuuf kaffali jechuun kaffalchiisan. Maallaqa erga irraa fudhatanii gadi lakkisuu imaltootni dubbisne kun himuun, imaltoonni namoonni naannoo Affaariin gara Finfinneetti imalan kamuu konkolaachisaa dabalatee poolisoota kanaan reebamuu fi saamamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waraanni Bilxigginnaa Lubbuu fi Qabeenya Uummata Oromoo balleessuu akkuma itti fufetti jira
ONM-ABO Muddee 22,2024 Waraanni Bilxiginnaa Muddee 19,2024 godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Algee Qarsaa aradaa Dhaddacha Goolaatti Manneen uummataa hedduu qabeenyaa waliin ibiddaan gubee barbadeesse.
Araddaadhuma kanatti Muddee 20,2024 waraanni Bilxigginnaa kunneen uummata nagaa 10 ol, loonii fi ree'ota uummataa waliin fuudhanii deemanii jiru.
Warraanni kunneen qonnaan bultoota aanaa Liiban rakkoo roobaan rakkatanii fi oomishni dhabamuun dararaa argaa jiran gargaaruu dhiisuun faallaa isaa jireenya isaanii golgoleessaa jiru.
Jimaata dheengaddaa Muddee 20,2024 dargaggeessa tokko aanaadhuma Liiban kana keessatti ajjeesuun gatanii biraa deemuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
ታህሳስ 22-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 22-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 22-2024 itti dhiyaadhaa!
Daa'imman PPn Leenjii Waraanaaf Humnaan Qabanii Jalaa Badde.
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 22-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa jiraattota irratti saamichaa fi miidhaa qaamaa raawwatan
ONM-ABO Muddee 22,2024 Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen bilxiginnaa milishaa fi farra riphee lolaa jedhamuun waamaman qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo irratti guyyaa guyyaan dararaa hamaa raawwachaa jiru.
Akka kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Hundee Guddinaa jedhamu irraa loltoonni ilmaan namootaaf gara laafina tokko hin qabne dubartii maqaan ishee Aadde Tumbuluu Gomjee jedhamtu Muddee 18,2024 "Waraana Bilisummaa Oromootu as bule" jechuun rasaasaan rukutanii harka jala madeessuun yeroo ammaa kana hospitaalatti kan argamtuu fi fayyuun ishee illee akka shakkisiisu jiraataan gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, Aadde Tumbuluun haadha ijoollee 10 kan taatee fi sababni madoofteef Oromummaa ishee qofaaf ta'uu himuun, loltoonni sirnichaa maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii guyyuma kana namoota maqaan isaanii:
- Abarraa Raggaasaa,
- Dirribaa Raggaasaa,
- Shaanqoo Dirribaa,
- Kabaa Soorii fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee saamicha irratti raawwatanii jiraachuu dubbata.
-
Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti kaampii diinaa tokko keessaa gugsee yaasuun meeshaalee waraanaa fi galaa irraa hiikkate.
ONM-ABO Muddee 22,2024 Gootichi hiree sabaa tolchuuf halkanii fi guyyaa boqotee hin beekne Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa zooniilee garaagaraatti humna diinaa du'aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa irraa hiikkachuun mooraa diinaas barbadeessaa jira.
Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti har'a Muddee 22,2024 ganama toora sa'atii 4:00tti humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa mooraa waraana faashistii PP iddoo Sanqallee jedhamutti ol itti seenuun rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessee du'aa fi madoon adabuun mooricha keessaa gugsee yaaseera.
Haleellaa jajjabduu humni Furgaatuu Biiftuu Barii Bilisummaa mooraa diinaatti ol itti seenuun taasisee du'aa fi madoon adabee, moonicha keessaa gugsee yaase kanaanis meeshaalee waraanaa hedduu fi galaa loltoota murna bilxiginnaa irraa hiikkachuun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasiseera
Tarkaanfii WBO'n fudhatu jabaatee itti fufa ❗️
Impaayerri bututaan afaan qawwee WBO'n ni kufa ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
የትራምፕ የዘመቻ አማካሪ በአሜሪካ የዩኬ አምባሳደር ተሿሚን 'ደደብ' ሲሉ ዘለፏቸው።
ታህሳስ 22 ፥ 2024 ዓ. አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የዶናልድ ትራምፕ ከፍተኛ የዘመቻ አማካሪ የሆኑት ግለሰብ በአሜሪካ የዩናይትድ ኪንግደም አምባሳደር ሆነው የተሾሙትን፣ሎርድ ፒተር ማንደልሰንን "ፍፁም ደደብ" ሲሉ ዘለፉ።
ክሪስ ላሲቪታ በማኅበራዊ ሚዲያ ገጻቸው ላይ ሎርድ ማንደልሰን " እዛው ቤቱ መቆየት አለበት" ሲሉ ጽፈዋል።
የትራምፕ ፕሬዚዳንታዊ ምርጫ ቅስቀሳ ስራ አስኪያጅ የነበሩት ሚስተር ላሲቪታ የብሪታንያ መንግሥት "በዓለም አቀፍ ደረጃ የተከበሩትን አምባሳደርን በፍፁም ደደብ" ሰው ሊተካ ነው ሲሉ ውሳኔውን ተችተዋል.
ሎርድ ማንደልሰን በቶኒ ብሌር እና በጎርደን ብራውን የስልጣን ዘመን በበርካታ የሚኒስትርነት ስልጣኖች ውስጥ ያገለገሉ እና በብሪታኒያ ፖለቲካ ውስጥ በጣም ታዋቂ የሆኑ ናቸው።
ሎርድ ማንደልሰን በአሜሪካ ቀጣይ የእንግሊዝ አምባሳደር ሆነው መሾማቸውን "ትልቅ ክብር" ሲሉ ነበር የገለጹት።
ዘ ታይምስ እንደዘገበው ሎርድ ማንደልሰን፣ በ2025 መጀመሪያ ላይ ትራምፕ ወደ ኋይት ሀውስ ሲገቡ የስልጣን ዘመናቸው ሊያበቃ የተቃረበውን አምባሳደር ዴም ካረን ፒርስን ይተካሉ።
የ71 ዓመቱ አዛውንት እና "የጨለማው ልዑል" የሚል ቅጽል ስም የተሰጣቸው የአዲሱ ሌበር ፓርቲ ወሳኝ ሰው፣ በጠቅላይ ሚኒስትሩ እና በትራምፕ መጪ አስተዳደር መካከል፣ በአሜሪካ እና ዩኬ መካከል ለሚኖረው ዲፕሎማሲ ቁልፍ ሰው ይሆናሉ።
ልክ እንደሌሎች የሌበር ከፍተኛ ባለስልጣኖች፣ ሎርድ ማንደልሰን ዶናልድ ትራምፕን በመተቸት ይታወቃሉ። በአንድ ወቅት "የነጭ ብሔርተኛ እና የዘረኝነት ርዝራዥ" በማለት ገልጸዋቸው ነበር።
ላሲቪታ በሎርድ ማንዴልሰን ላይ ለሰነዘሩት ትችት መነሻ የሆኑት እነዚያ አስተያየቶች ሲሆኑ፣ በኤክስ ገጻቸው ላይ በለጠፉት ጽሑፍ መጪው አምባሳደር "ትራምፕን የዓለም ስጋት እና የነጭ ብሔርተኛ ርዝራዥ" ሲሉ ገልፀውታል ብለዋል.
የሪፐብሊካን ፖርቲ አንጋፋ ሰው ላሲቪታ በርካታ አሥርት ዓመታት ልምድ ያላቸው ሲሆኑ የትራምፕ የ2024 የምርጫ ዘመቻ ከፍተኛ አማካሪ ነበሩ። ነገር ግን በአሁኑ ጊዜ በአስተዳደሩ ውስጥ ምንም ዓይነት ይፋዊ ስልጣን የላቸውም።
ሎርድ ማንደልሰን ሹመቱን ተከትሎ በሰጡት መግለጫ "በብሪታንያ ፈተናዎች ብቻ ሳይሆን ትልልቅ እድሎችም ያጋጥሙናል፤ እናም እነዚያን እድሎች ለመጠቀም ከመንግሥት ጋር መስራት ትልቅ እድል ነው" ብለዋል።
ጠቅላይ ሚኒስትር ሰር ኪር ስታርመር፣ ሎርድ ማንደልሰንን በመሾማቸው "በጣም መደሰታቸውን" ተናግረዋል።
በመግለጫው " ወዳጅነታችን ወደ አዲስ ምዕራፍ ሲሸጋገር ዩናይትድ ስቴትስ በጣም አስፈላጊ አጋራችን ናት" ብለዋል።
"ፒተር በዚህ ሚናቸው ተወዳዳሪ የሌለው ልምድ ያስገኛሉ፤ አጋርነታችንንም ከጥንካሬ ወደ ጥንካሬ ያሻግሩታል።"
ሰር ኬር በተጨማሪም ዴም ካረንን "ላለፉት አራት ዓመታት በዋጋ ሊተመን ስለማይችለው አገልግሎቷ እና በተለይም ከሐምሌ ወር ጀምሮ በግል ለሰጠችኝ ጥበብ እና ጽናት" በማለት አመስግነዋቸዋል።
የእንግሊዝ አምባሳደሮች በመደበኛነት ልምድ ያላቸው ዲፕሎማቶች ወይም ሲቪል ሰርቫንቶች የነበሩ ቢሆንም፣ አሁን ግን የሌበር ፓርቲ አንጋፋ ፖለቲከኛ በመምረጣቸው "ከትራምፕ አስተዳደር ጋር ያለን ግንኙነት ምን ያህል አስፈላጊ እንደሆነ ያሳያል" ብለዋል .
ከፍተኛ የወግ አጥባቂ የፓርላማ አባል ሰር አይን ዱንካን ስሚዝ ውሳኔውን አምርመረው ተቃውመዋል።
የሎርድ ማንደልሰንን ሹመት፣ የኋላ ታሪክ "አስተማማኝ ነው ወይስ በአሜሪካ በኩል ቅሬታ ሊፈጥር ይችላል" የሚለውን ለማጣራት ምርመራ እንዲደረግ ጠይቀዋል።
ሰር ኢይን አክለውም "የዲፕሎማሲው ተሿሚ አይደሉም፣ እርሳቸው የፖለቲካ ተሿሚ ናቸው፤ እና የፖለቲካ ተሿሚዎች ብዙውን ጊዜ በተለይ ለተወሰነ ጊዜ ከፓርላማ እና ከመንግሥት ስራ ውጭ ከሆኑ ጣጣ አያጣቸውም" ሲሉ አክለዋል
እ.ኤ.አ. በ2019 ሎርድ ማንደልሰን ከጣሊያን ጋዜጠኛ ጋር ባደረጉት ቃለ ምልልስ ትራምፕን "ግዴለሽ እና ለዓለም አደገኛ" ሲሉ ገልፀዋቸው ነበር።
እ.ኤ.አ. በ2018 ከኢቪኒንግ ስታንዳርድ ጋር ባደረጉት ቃለ ምልልስ ትራምፕን "ተሳዳቢ" ሲል ጠርተዋቸዋል።
በዩናይትድ ኪንግደም መንግሥት ውስጥ በጣም ወሳኝ በሆነው በዚህ የዲፕሎማቲክ ሹመት ዕጩ መሆናቸው ከታወቀ ጀምሮ፣ ሎርድ ማንደልሰን በትራምፕ ላይ ተለሳልሰዋል።
በተጨማሪም ለሌሎች መገናኛ ብዙኃን "ከፕሬዚዳንት ትራምፕ ጋር የሚያደርጉትን ለመረዳት እና ለመተርጎም ብቻ ሳይሆን ተጽዕኖ ለማሳረፍ የሚያስችለንን ግንኙነት መመስረት በጣም አስፈላጊ ነው" ብለዋል።
አክለውም የሌበር መንግሥት ከትራምፕ አጋር እና ቢሊየነሩ ኤሎን መስክ ጋር "ግንኙነቱን ለማደስ" መሞከር አለበት ብለዋል ።
በምስራቅ ሸገር ዞን ዱግዳ ወረዳ የፋሺስት ፒ.ፒ. ጦር አንድ ወጣትን በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላቸው ተገለፀ።
ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ስለ መሳሪያ አላማ ምንም የማያውቁት እና አብይ አህመድን ለማስደሰት ብቻ የሚሰሩት የፋሽስቱ ጦር በተለያዩ የኦሮሚያ አካባቢዎች ሰላማዊ ዜጎች ላይ ግድያ ፥ እስራትና ዘረፋ መፈፀማችውን ቀጥሎል።።
በታህሳስ 17 ቀን 2024 ዓ.ም በዱግዳ ወረዳ ወልዳ ቀሊና መንደር ውስጥ ከብቶችን ሲጠብቅ የነበረው የ15 አመት እድሜ ያለው ህጻን ሰው በላ የገዢው ቡድን ወታደሮች በጥይት ተኩሰው ገድለውታል ሲሉ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ህጻኑ የደቡብ ህዝቦች ተወላጅ እንደሆነ እና ጢና ገዳ የሚባል ግለሰብ ጋር ተቀጥሮ የቀንድ ከብቶች እየጠበቀ እንደንበረ ምንጮቻችን ገልጸዋል።
የብልፅግና ቡድን በምስራቅ ቦረና ግዛት በህዝቡ ላይ የቤት ቃጠሎ፣ ዘረፋ፣ እስራት እና ግድያ እንዲባባስ እያደረገ ይገኛል።
ታህሳስ 22፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በብአዴን ዘመን የልጆቹን ደም ለአንድም ቀን አፍስሶ የማያውቅ የኦሮሞ ህዝብ ዛሬም በግዛቱ ቡድን እየደረሰበት ያለው ስቃይ ተጣናክሮ ቀጥሎል።
የብልፅግና ሰው በላ ቡድን ተላላኪዎች ሄደው የኦሮሞን ህዝብ በሙሉ ቤት አቃጥለው ከከፍተኛ ባለስልጣናት የተሰጡትን ትእዛዝ ለማስፈጸም መወሰናቸውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በምስራቅ ቦራና ዞን ሊበን ወረዳ አልጌ ቀርሳ መንደር በDhadacha ጎላ መንደር በደረሰው ቃጠሎ በርካታ ቤቶች መውደማቸውን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ገልጸዋል።
የፋሺስቱ ጦር በታህሳስ 20 ፥ 2024 ዓ. ም በተመሳሳይ መንደር ከ10 በላይ ሰላማዊ ዜጎችን እና የቀንድ ከብቶችን መውሰዳችው ተገለፀ።
Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa namoota ukkaamsanii dirqiin mooraa leenjiitti guuruu jabeessanii itti fufaniiru
ONM-ABO Muddee 22,2024 Impaayera Itiyoophiyaa gama maraan jiguuf qarree irra marmaaraa jirtu deebisanii suphuuf afaan qawween sodaachisanii qabeenyaa jiraattotaa saamuu fi namoota dirqiin ukkaamsanii dirree waraanaatti guuruu tarsiimoo godhatanii hojjechaa kan jiran ergamtootni murna Bilxiginnaa fedhii namootaa malee dirqamsiisuun mooraa leenjiitti guuruu hammessaniiru.
Godina Walloo magaalaa Kamisee keessaa namoota dirqiin ukkaamsanii mooraa leenjiitti guuraa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaas bifa adda ta'een Muddee 21,2024 hidhattootni sirnichaa manneenii fi bakka hojii namootaa bira deemuun abbootii warraa fi dargaggoota hedduu ukkaamsanii moonaa leenjiitti fe'aniiru.
Namoota hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin dirqisiifamuun dirree waraanaatti geeffaman keessaa fira tokkicha kan ta'an dhalattoota aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa jiraattota magaalaa Kamisee ganda 01 namoota 3 dargaggoo Abraahim Nuuruu, dargaggoo Mahammad Arabuu fi dargaggoo Shaafii kanneen jedhamaniidha.
Dargaggoota dirree waraanaatti fe'aman kanneen keessaa dargaggoo Abraahim Nuuruu fi Mahaammad Arabuu kan jedhaman dukkaana isaanii gurgurachaa osoo jiranii dukkaanichuma keessaa kan qabamanii fi dargaggoo Shaafiin ammoo abbaan isaa waan dhukkubsataniif yaala geeffachuuf osoo deemuu abbaa isaanii dhukkubsatan qofaatti hambisuun osoo isaan watwaatanii dhiisanii biraa oofuu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 22,2024 Ergamtoonni PP goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qalaa'iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu cimsanii itti fufuun ibsame.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa Muddee 17,2024 ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Taayyee Guutamaa jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, akkuma aanichaatti saamichi ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu garmalee jabaatee jiraachuu himuun, nama kana jalaa ammoo "Qeerroo Bilisummaa Oromooti" jechuun saamuu dubbatu.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa keessatti haadha ulfaa tokko murni Bilxiginnaa hidhuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 22,2024 Murni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru mirga dhala namaa afaan qawween ukkaamsee abbaa irrummaan bulchuu jabeessuun aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhubbootti Muddee 20,2024 haadha ulfaa da'uu geesse maqaan ishee Aadde Bassaa Adiloo jedhamtu humnoota waraanaa itti bobbaasuun qabanii hidhuun beekameera.
Dubartoonni dubartii ulfa guutuu kana waliin turan, mana sana keessatti waaqa kadhachaa osoo jiranii waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin reebamuun ibsameera.
Kana malees guyyaadhuma kana ganda Heeban Dhubboo fi Odaa Too'aatti uummata jumlaan ukkaamsuun kan hidhan ogguu ta'u, namoota ganda Heeban Dhubboo irraa qabamuun hidhaman keessaa muraasni maqaan isaanii:
-Obbo Dhiiboo Babilee
- Shufeer Usee
-Taashoo Dittaa
- Amaan Bishaa
- Amaan Abdiisaa
- Abbiyyee Tulloo
-Tulloo Duchiissoo
- Bashii Roobaa
- Makkiyaa Roobaa
- Gammachuu Yaqoob
- Kamaal Badhaasoo
- Tibbeessoo Jamboo
- Ushii Argoo kan jedhaman yoo ta'an, ganda Odaa Too'aa irraa ammoo
-Tashitee Roobalee
-Qab'oo Xayiboo
- Shekkii Wonjii
- Edaaso Kadiroo
-Qadii Kabaroo
-Gaamee Kadir
-Faranjjoo Nageessoo kanneen jedhaman akka ta'e jiraattonni gandichaa ONM'tti himaniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo fi Guutoo Giddaatti hidhaa fi saamichi loltoota PP'n hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 22,2024 Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamu keessaa Muddee 18,2024 nama maqaan isaa Lataa Baqqalaa jedhamu loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Lataan siyaasa kam irraa bilisa ta'uu himuun, waraanni Bilxiginnaa ammoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun hidhuu dubbatu.
Godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Arjoo iddoo addaa Daaloo jedhamu keessaa maqaa "ilma keetu bosona jira" jedhuun nama maqaan isaa Obbo Shorroo Amantee jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu maddeen himan.
Ganduma kana irraa guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Luba Misgaanaa Eebbisaa,
- Tasfaayee Hirphaa,
- Tamee Abaataa,
- Shorroo Amantee,
- Lissaanuu Abaataa,
-Addunyaa Ittafaa
- Ayinaalem Ittafaa
- Girmaa Awwaaqaa fi kanneen biroo hedduu ammoo bakka isaan misooma hojjechaa jiranii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ibsameera.
Kaaba Shaggar keessatti uummanni meeshaalee gurguddaa waraana faashistii irraa dhukaafamuun yeroo lubbuun darbaa jirutti loltoonni bilxiginnaa midhaan uummataa haamaa jirra jechuun goyyomsaa siyaasaa hojjechaa jiru
ONM-ABO Muddee 22,2024 Murni Faashistii PP jalqaba baatii Fulbaanaa irraa eegalee bifa addaan Kaaba Shaggar aanaalee adda addaa irraa bilbilaa fi quunnamtii interneetii kutuun duula eegalee ture.
Duula waraanaa eegalan kanas loltoota lafoon milkaa'uu dadhabnaan meeshaalee gurguddaa Dishqaa hanga dirooniitti fayyadamuun miidhaa geessisaa turan.
Tarkaanfii murni akka feeteen bilxiginnaa walitti fufiinsaan Kaaba Shaggar aanaa Dagam, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Yaayyaa Gullallee fi Dharraa keessatti fudhate kanaan hawaasni hedduun du'ee gariin mada'uu fi aanaa Dharraa keessatti ammoo qe'ee irraa buqqifamuun bosonatti baqatus achitti meeshaaleen waraanaa gurguddaan ergamtoota Abiy Ahimediin itti dhukaafamuun miidhaa lubbuu fi qaamaa geessisaa ture.
Kana malees haleellaan dirooniin manneen barnootaa barbadeessaa, waraannis manneen barnootaa buufata godhachuun balleessaa fi Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ture jechuun gubaa ture.
Hawaasni aanaalee godinichaa keessumaa gandoota baadiyyaa keessa jiran miidhaa Bilxiginnaan marsee beelessuuf geggeessaa jiruuf saaxilamuun dhukaasa meeshaalee gurguddaa kanaaf jecha ooyiruu isaanii irraa midhaan haammachuu dadhabuu fi warreen ba'anii haammatan ammoo meeshaa akka feetee faashistootni Abiy dhukaasaniin qonnaa isaanii keessatti ajjeefamaa jiru.
Haa ta'u malee murni Bilxiginnaa ajajoota waraanaa isaa gara Kaaba Shaggaritti erguun loltoonni haammii midhaanii uummata gargaaraa jiru fi tajaajilli hawaasaa bakkatti deebi'e jechuun akka waan uummataaf hoo'anii hojjetanitti dubbataa jiru.
Hoogganaan Koorii Iizii 6'ffaa Birgeeder Jeneraal Mallas Gizawu of dursa uummataaf laanna jechuun aanaa Warra Jaarsoo keessatti suuraa ooyiruu namootaa keessatti osoo waraanni isaanii oomisha qamadii haamaa jiruu hojii fakkeessiin agarsiisan dhugaa jiru hin agarsiisu.
Loltoonni Iizii 6'ffaa jalatti koorii fi shaalaqaa adda addaan bobbaafaman Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo dabalatee aanaalee hedduu keessatti duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa raawwatee jira.
Muddee 12,2024 aanaa Warra Jaarsoo ganda Jamjam Meelaa keessatti daa'ima waggaa 10 fi waggaa 2 wal irratti meeshaalee gurguddaa akka feeteen dhukaasaniin namoota hedduu waliin ajjeesuun gariin madeessanii turuun ni beekama.
Birgaader Jeneraal Mallas waraanni isaanii namoota dadhaboo gargaara jedhan aanichaatti namoota waggaa 47 fi 50 ooyiruu isaanii keessatti ajjeesuun maatii hiyyummaaf saaxiluu isaa irratti osoo yaada hin kennine waraanni faashistiin isaanii akka waan hawaasaaf yaadutti diraamaa siyaasaa hojjechuun dhuguaa lafa jirtu hin agarsiisu.
WBOn Kaaba Shaggar Aanaa Hidhabuu Abootee, Dagam fi Yaayyaa Gullallee keessatti waraana faashistii PP adabuun meeshaa irraa hiikkate
ONM-ABO Muddee 22,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu-Galeessaa godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhaabuu Abootee magaala Ejeree keessatti kaleessa Muddee 21 milishoota Abiy Ahimed 3 irratti tarkaanfii fudhatee dhabamsiisuun qawwee AKM 3 irraa hiikee mooraa qabsoof galii taasisee jira.
Jajjabeen WBO tarkaanfii isaa itti fufuun guyyuma kaleessaa aanaa Dagam keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen hedduu irraa ajjeesuun gariin madeessee qawwee AKM afurtama nyaataa 1 fi kilaashii AK 47 jedhamu 4 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Godinuma Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee keessatti kaleessa Muddee 21 jajjabeen WBO tika waraana faashistii PP gandatti bobba'e tokko du'aan adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
WBOn Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat Keessatti Diina Adabuun Isnaayippera irraa hiike
ONM-ABO Muddee 22,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti diina du'aa fi madoon adabe.
Kaleessa Muddee 21/2024 waraana goolessituu impayeera Itoophiyaa aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Mana Baabsaa jedhamu buufatte jirtu WBOn humni waloo Birgeedii Risaa Laga Mogor fi Murtii Guutoo irraa walitti dhufuun tarkaanfii laleessaa fudhateen humna dinaa irraa 21 ajjeessuun 12 madoo hin dandammii hin qabneen adabeera.
Tarkaanfii kanaanis Isnaayippera 1, AKM 8 fi jorooroo bireenaa 3 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godheera.
Injifannoo Uummata Oromoof ❗️
WBO'n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina adabe
ONM-ABO Muddee 22,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana weerartuu Abiy Ahimed kan uummata Oromoo qe'ee fi qabeenyaa isaa dararuuf bobbaate tarkaanfii laalessaa irratti fudhachuun du'aa fi madoon adabuu itti fufeera.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti ganama har'aa Muddee 22,2024 Cibraan Hasan Ammee iddoo addaa Laaftoo/ Sheek Umar jedhamuun beekamutti lola sa'atii 2:00 irraa eegaluun hanga sa'a 6:00tti ergamtoota maafiyaa PP magaalaa Kamisee, Caffaa Roobit fi Cirrattii irraa konkolaataa Isuzu 9, fi paatroolii 2'n maqaa sakattaa WBO jechuun baate waliin taasiseen hedduu ishee du'aa fi madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.
Lolli WBO'n Bilisummaa sabichaaf taasisu cimee itti fufa ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
Oduu Kaaba Shaggar ONM-ABO Muddee 22-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Loltoonni Impaayera Itiyoophiyaa Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban keessatti dargaggoo tokko ajjeesuun bakkeetti gatan
ONM-ABO Muddee 22,2024 Sirni ajjeesee waakkatu Bilxiginnaan afaaniin nagaa labsaa keessoon ammoo waraana isaa kumaatamaan itti bobbaasuun uummata nagaa ajjeesuu kan aadeffate, har'as qaroo ilmaan Oromoo egeree Oromiyaatiif abdachiisoo ta'an galaafachuu itti fufeera.
Muddee 20,2024 godina Gujii Bahaa aanaa Liiban ganda Moolichaa iddoo addaa Dhaddacha Goolaa jedhamu keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii jechuun of waaman maqaa sakattaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun gandichatti bobbaafaman dargaggoo Oromoo kan maqaan isaa Daadhii Jibichoo Sabichuu jedhamu ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti gatuu jiraattotni gandicha irraa dubbisne ONM'tti himan.
Akka jiraattotni kun dubbatanitti, dargaggoo Daadhiin ol adeemaa nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne, hojii idilee isaa qofa irratti xiyyeeffachuun kan jiraatuu fi hawaasa naannoo isaa biratti nama jaalalaa fi kabajaa guddaa qabu ta'uu ibsaniiru.
Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed sabboontoota ilmaan Oromoo ajjeesuu, ukkaamsanii hidhuu, saamanii harka duwwaatti hambisuu, reebanii qe'ee irraa buqqisuu fi dirqiin dirree waraanaatti guuruu kan duraa caalaatti jabeessanii itti fufanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa irra deddeebiin gabaasuun ni yaadatama.
Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa jiraattota ukkaamsanii hidhaatti darbachuun cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 22,2024 Loltoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa kan jiran yoo ta'u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Magaalaa Naqamtee keessatti loltoonni faashistii Bilxiginnaa namoota nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta'an "deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti" jechuun hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufuun torban darbe keessa ganda 04 keessaa nama maqaan isaa Leencoo Fiqaaduu jedhamu ukkaamsuun ganda gaarii irraa immoo nama maqaan isaa Mahaammad Abdallaa jedhamu loltoonni faashistii Abiy Ahimed badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05 keessatti argamutti garmalee dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'anis maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun loltoonni sirnichaa yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu fi magaalaa Naqamtee akkasumas aanaa Guutoo Giddaa keessatti dargaggoota ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu haala duraan barameen olitti kan cimsanii jiran ta'uu dubbatu.