Ammee
Duula Cichoomina Kaayyoo
ONM-ABO Muddee 26,2024 WBO'n Zoonii Lixaa imala Duula Cichoomina Kaayyoo ittuma fufuun, guyyaa har'a Muddee 26,2024 waaree booda sa'a 10:00 irraa eegaluun waraana faashistii PP maqaa sakatta'an godina Wallagga Bahaa aanaa Diggaa irraa gara ganda Firoomsaatti bobba'uun Uummata Oromoo saamaa fi dararaa ooltee galaa jirtu haxxee itti hidhuun tarkaanfii rifaasisaa irratti fudhateen, baarudaan macheessee adda bittimsuun gandicha keessaa kaasee hanga magaalaa Diggaatti gugsee ari'uun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Duulli Cichoomina Kaayyoo itti fufa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
OLA Intensifies Military Campaign Across Oromia
ONM-ABO December 24, 2024
Northern Oromia Operation
On December 23, 2024, the Oromo Liberation Army (OLA) conducted a strategic operation in the Wallo Zone, specifically in the Harxuma Furse district. The engagement began at 5:00 AM local time, resulting in the neutralization of three enemy forces and injuries to two others. Following the clash with the Hasan Ame Brigade, the enemy retreated to the town of Qicico. OLA remains steadfast in its mission to achieve the Oromo people's right to self-determination.
Renewed Campaign Across Oromia
On December 24, 2024, OLA intensified its military campaign across Oromia, bolstered by internal political and military reorientation. This renewed strategy focuses on rooting out enemy forces and strengthening the resistance.
Operations in Wallaga Zones
In the Western Wallaga Zone, Oda Kara Brigade launched a decisive campaign in the Guliso district, targeting towns like Calliya, Wayu Mani, Laga Uwa, and Suqi Fode. Enemy forces were defeated, and significant weaponry was captured.
In the Eastern Wallaga Zone, Sonsa Brigade carried out an operation in Sibu Sire district, specifically in the town of Jalale, where enemy casualties were heavy. Similar actions were undertaken in Guto Gida and Harsade districts, inflicting further losses on enemy forces.
Shagar and Guji Zones
OLA conducted operations in Eastern Shagar, targeting Bosat district towns such as Boole and Bofa. The enemy sustained heavy losses, and the OLA controlled these towns for several hours.
In the Eastern Guji Zone, the Southern Command’s Suro Barguda district operation in Sororo Malka Jawe inflicted significant casualties on government forces.
Wallo Zone Operations
In the Wallo Zone, the Hasan Ame Brigade continued its efforts, engaging enemy forces in Harxuma Furse and other fronts. These operations have destabilized enemy positions in the region.
Countering Regime Claims
Despite government assertions of OLA surrender, on-ground realities indicate the opposite. OLA has expanded its reach and strengthened its military capabilities, even conducting operations close to the capital.
Vision for Liberation
The Oromo Liberation Army, operating under unified leadership, continues to inspire confidence among the Oromo people while undermining enemy forces. OLA remains committed to achieving the unconditional liberation of Oromia through its unwavering military campaign.
Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa "kaffaltii gibiraa" jedhuun garmalee jiraattota saamuu hammeessan
ONM-ABO Muddee 26,2024 Lolli murni Bilxiginnaa keessaaf alaan geggeessaa jiru impaayerattii kisaaraa guddoo keessa galchuun yeroo ammaa kana impaayerattiin dinagdeen bayyaannattee lola irra jirtuuf meeshaalee waraanaa garaa garaa guuttachuun deebistee of ijaaruuf akkasumas, uummata Oromoo ittiin lafa irraa duguuguuf jecha yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen dararaa ulfaataa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan wayita ammaa kanas guutummaa aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti maqaa "kaffaltii gibiraa" jedhuun Abiy Ahimed ergamtoota isaa qe'ee uummata Oromootti bobbaasuun mana tokkotti gadaanaan qarshii 8,000 olaanaa ammoo 17,000 afaan qawwee itti qabuun saamaa kan jiran ta'uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himatan.
Akka jiraattonni himanitti, saamichi kun gandoota 36'n aanaan Saqqaa Coqorsaa qabdu hunda keessatti raawwatamaa jiraachuu himuun, hawaasni harka qalleessi ofiifuu jireenya harkaa gara afaanii jiraatu hedduun isaa waan kaffalu dhabuun hidhaatti guuramaa kan jiru ta'uu fi gariin ammoo qabeenya qabu hunda gurguree harka qullaatti hafuun of irraa kaffalaa jiraachuu dubbatu.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa fi Guutoo Giddaatti Lukkeeleen Bilxiginnaa ijaarsa bu'uuraalee misoomaa jechuun jiraattota jalaa manneenii fi qabeenya mancaasaa jiraachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 26,2024 "Ani duunaan margi hin margin jette harreen" akkuma Oromoon jedhee makmaaku, murni Bilxiginnaa kufaatii isaatti amanee waan qabee gadi lakkisu wallaaluun, itti fakkeessaan ijaarsa bu'uuraalee faarsaa wantoota ilma namaaf bu'uura jireenyaa ta'an ammoo uummata Oromoo jalaa akkuma fedhan barbadeessaa jiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Tokkumaa Tsigee magaalaa Tsigee keessatti wayita ammaa maqaa ijaarsa daandiitiin manneen jireenyaa, manneen daldalaa, biqilootaa fi qabeenya hawaasni cina daandiitii qabu cufa ergamtoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf bulan afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun beenyaa tokko malee kaasisaa kan jiran ta'uu jiraattonni magaalaa Tsigee irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Daandiin kun magaalaa Naqamtee irraa ka'uun naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa godina Buree jedhamu kan wal quunnamsiisu yoo ta'u, ijaarsa daandii kanaafis dhagaan bu'uuraa waggaa dheeraa dura bara mootummaa Wayyaanee Obbo Alamaayyoo Atoomsaan kan dhaabbatee fi hanga yoonaattis sababa ergamtoonni sirnichaa baajeta ijaarsaaf ramadame saamanii faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfatanii fi sababoota garaa garaa hin beekamneen lafarra harkifachuun dhibbantaa tokkollee hin hojjetamin jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Haaluma wal fakkaatuun godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Ukkee keessatti ammoo ijaarsa haaraa waliin isaa hin beekamne maqaa "Koliidarii" jedhu moggaasuun Muddee 23,2024 manneen daldalaa fi manneen jireenyaa yeroo gabaabaa gidduutti humna keessaniin diigaa kaafadhaa, yoo hin diiggattan ta'e ammoo ofii keenyaa diignee mancaasnee maallaqa isaa nuuf kaffaltu jechuun akeekkachiisaa kan turan ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 26-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa ❗️
# Duula Cichoomina Kaayyoo
Gootichi Waraana Bilisummaa oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise
ONM-ABO Mudee 26,2024 Abdii fi gaachenni sabaa WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa waraana faashistii PP yeroo dheeraaf uummata nagaa hiraarsaa turte irratti Duulaa Cichoomina Kaayyoon halkan edaa Muddee 25 aanaa Heeban Arsii ganda Shophaa Bultum magaalaa Shophaa keessatti kaambii isheetti itti marsuun tarkaanfii irratti fudhateen loltoota 19 ajjeessuun 11 madeessee tan gadi haftee lolicha baaraguun baqattee mana uummataa keessa dhokachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
በጦርነት እየታመሰች ያለችው ሱዳን ወደ ከፋ ረሃብ እየገባች መሆኑ ተገለጸ።
ትህሳስ 25 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በጦርነት እየታመሰች ያለችው ሱዳን ወደ ከፋ የረሃብ ቀውስ እየገባች መሆኑን የምግብ ዋስትና ባለሙያዎች ቡድን ገለጸ።
ረሃብ ወደ አምስት አካባቢዎች የተዛመተ ሲሆን 24.6 ሚሊዮን ወይም ግማሽ ያህሉ ህዝብ አስቸኳይ የምግብ እርዳታ እንደሚያስፈልገው ቡድኑ ገልጿል።
አገሪቷን ለረሃብ እና ለውድመት የዳረጋት የእርስ በርስ ጦርነት ለሁለት ዓመት ያህል ዘልቋል።
በጦሩ እና በፈጥኖ ደራሽ ኃይሉ መካከል እየተደረገ ያለውን ጦርነት ለማስቆም የተደረጉ የሽምግልና ጥረቶች ፍሬ ሳያፈሩ ቀርተዋል።
ጦሩ እና ፈጥኖ ደራሽ ኃይሉ ከሶስት ዓመታት በፊት በጋራ መፈንቅለ መንግሥት ቢያደርጉም ነገር ግን በመሪዎቹ መካከል በተፈጠረ የስልጣን ሽኩቻ አገሪቱ የእርስ በርስ ጦርነት ውስጥ ገብታለች።
ይህ ደም አፋሳሽ ጦርነት በዓለማችን ላይ ካሉት አስከፊ ሰብዓዊ ቀውሶችን አንዱን አስከትሏል። በተባበሩት መንግሥታት የሚደገፈው የረሃብ ገምጋሚ ኮሚቴ (ኤፍአርሲ) ጦርነቱ ካልተገታ "የከፋ ጥፋት" ሊፈጠር እንደሚችል አስጠንቅቋል።
ኮሚቴው የተባበሩት መንግሥታት ኤጀንሲዎች፣ የእርዳታ ቡድኖች እና መንግሥታት የረሃብ ሁኔታዎችን ለመለየት ያዋቀሩት ዓለም አቀፍ ተነሳሽነት የሆነው አይፒሲ የተሰኘው ተቋም ጋር ግንኙነት አለው።
የኮሚቴውን ሪፖርት ተከትሎ "የሱዳን ሉዓላዊነት እና ክብር የሚጎዱ አሳማኝ ያልሆኑ ዘገባዎችን አውጥቷል" ሲል በሱዳን ጦር የሚደገፈው መንግሥት ከኮሚቴው ጋር ያለውን ትብብር ማቋረጡን ሮይተርስ የዜና ወኪል ዘግቧል።
አይፒሲ ለመጀመሪያ ጊዜ በነሐሴ ወር ላይ በሱዳን ዳርፉር ግዛት ግማሽ ሚሊዮን የሚጠጉ ሰዎች ባስጠለለው ዛምዛም ካምፕ ውስጥ ረሃብ እንዳለ አስታውቆ ነበር።
ኮሚቴው በቅርቡ ባወጣው ሪፖርት ደግሞ በከበባ ውስጥ ባለችው የዳርፉሯ ኤል ፋሸር ከተማ በሚገኙት አቤ ሹክ እና አል ሳላም ካምፖች እንዲሁም በደቡብ ኮርዶፋን ግዛት ውስጥ በሚገኙ ሁለት አካባቢዎች ረሃብ ተከስቷል ብሏል።
"ረሃብ ለህልውና አስፈላጊ የሆኑ ስርዓቶች እና ሃብቶችን አስከፊ ውድቀትን የሚወክል እጅግ የከፋ የሰው ልጅ ስቃይ መገለጫ ነው" ሲል ኮሚቴው አስታውቋል።
"የምግብ እጦት ብቻ ሳይሆን ከፍተኛ የጤና፣ ኑሮ እና ማህበራዊ መዋቅሮች መፈራረስ በመሆኑ መላውን ማህበረሰብ የተስፋ መቁረጥ ስሜት ውስጥ ጥሎታል" ሲል አክሏል።
ኮሚቴው በዳርፉር አምስት ተጨማሪ አካካቢዎች በግንቦት ወር ለረሃብ እንደሚጋለጡ እና ወደ ሌሎች 17 አካባቢዎች የመዛመት ስጋት እንዳለ ተንብዮ ነበር።
"ግጭት በተፋፋመባቸው አካባቢዎች ጦርነቱ የግብርና ስራውን በእጅጉ በማስተጓጎል አርሶ አደሮች እርሻቸውን ትተዋል። በተጨማሪም ዘረፋዎች እና ውድመቶች ተከስተዋል" ብሏል።
የዳርፉር እና የደቡብ ኮርዶፋን ግዛቶች እጅግ አስከፊ የሆነ ጦርነት እየተካሄደባቸው ሲሆን በዚህም በርካታ ሰላማዊ ሰዎች ተገድለዋል፣ ተደፍረዋል እንዲሁም በታጣቂዎች ታፍነው ተወስደዋል።
በሱዳን የአሜሪካ ልዩ መልዕክተኛ ቶም ፔሪየሎ በጦርነቱ እስከ 150 ሺህ ሰዎች ሳይገደሉ እንዳልቀሩ በግንቦት ወር ተናግረው ነበር።
በቡኖ በደሌ ዞን በጨዋቃ ወረዳ የአብይ አህመድ ወታደሮች ነዋሪዎችን የጅምላ እስራት እየፈፀሙባችው ነው።
ታህሳስ 25 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በጦርነት ማሸነፍ ያልቻሉት አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች ወደ ሲቪል ማህበረሰቡ በመመለስ በሁሉም የኦሮሚያ አካባቢዎች በኦሮሞ ህዝብ ላይ ዘግናኝ ሰቆቃ እየፈጸሙ ነው።
በታህሳስ 21፣ 2024 ዓ.ም በጨዋቃ ወረዳ ጨፌ መገርቱ መንደር ወታደሮች ያለ ወንጀላቸው የሚከተሉትን ሰዎች በቁጥጥር ስር አውሎል።
- አሊሹ መሀመድ
- አህመድ መሐመድ
- ሲራጅ ሙሴ
- አብርሃም መሀመድ
- ሙሚ ሁሴን
- ኢብራሂም ዳሃ
- ኑርን መሀመድ
- አብዲሹ ቃሺራ እና ሌሎች በርካታ ሰዎች ተይዘው ወደ እስር ቤት መወርወራቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ ነዋሪዎቹ ያለምንም ጥፋት ወደ እስር ቤት እየተወረወሩ እና የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን አላስገባቹም በሚል ሰበብ እየተንገላቱ ነው።
Hoogganaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wabiin nyaataa Sudaan keessatti hammaachaa dhufuun isa 'sodaachise'
ONM-ABO Muddee 25,2024 Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Kibxata kaleessaa wabii nyaataa Sudaan keessatti hammaataa dhufuun yaaddoo isaanii ibsuun, waldhabdee kana gidduutti naannoolee hedduutti haalli hongee akka mudatu akeekkachiisaniiru.
Dubbi himtuun Isteefanii Tireembilay akka jedhanitti, “Barreessaan Muummichaa haala wabii nyaataa Sudaan keessatti saffisaan hammaataa dhufeen sodaa guddaa keessa galeera, sababiin isaas guutuu biyyattiitti namoota miliyoonaan lakkaa’aman nyaataa fi soorataa argachuun hammaataa dhufuu itti fufeera,” jedhan ibsa kenneen.
“Gabaasni yeroo dhiyoo koree gamaaggama beelaa akka agarsiisutti haalli beela yoo xiqqaate bakka shan Sudaan keessatti akka jiru agarsiisa” jechuun ibsi kun kaampii buqqa’iinsaa Kaaba Daarfuur fi gaarreen Nubaa dhiha Kordofan Kibbaa keessatti argaman akka naannoo balaa ta’etti agarsiiseera.
Dabalataanis, naannoleen biroo shan ji’oota dhufan keessatti balaa beelaaf saaxilamaniiru jedha ibsichi.
Waldhabdee kanaan "Sudaan keessatti namoonni miiliyoona 24.6 ol ta'an walakkaa ummataa ol ta'an wabii nyaataa cimaa sadarkaa olaanaa akka isaan mudatu" cimsee kan ibsu ibsichi dabalataan "lola itti fufee jiruu fi sochii meeshaalee gargaarsaa fi hojjettootaa irratti daangeffamni kaa'ame gargaarsa balaadhaaf saaxiluu itti fufee jira" jechuun ibseera."
Guterees "gargaarsi namoomaa fi hojjettoonni bakka jiranitti namoota rakkatan bira akka ga'uuf paartileen saffisaan, nageenya qabu, gufuu malee fi itti fufiinsaan akka qaqqabuuf haala akka mijeessan" jechuun waamicha isaa haaromseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.
Godina Baalee Bahaa Aanaa Gooroo Waajjira Poolisii onichaa keessatti namoonni hedduun hidhamanii rakkachaa jiraaachuun himame
ONM-ABO Muddee 25,2024 Bulchiinsa nama nyaataa impaayerattii bilxiginnaan badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf dararaa ulfaataa keessummeessaa kan jiru uummanni Oromoo, ammas tiksitoota sirnichaan qe'ee isaa keessatti hiraarfamuun hiree isaa ta'ee jira.
Meeshaa waraanaa hidhachuun teessoo koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufa keessatti kan bobbaafaman waraanni goolessaan bilxiginnaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi qe'ee irraa godaansisuu ilmaan Oromoo irratti hammeessanii jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Baalee Bahaa aanaa Gooroo ganda Maliyyuu keessaa obboleeyyan lama Bayaan Usmaan Sheek Barbaree fi Ibraahim Usmaan Sheek Barbaree kan jedhaman qaamolee Bilxiginnaan mana jireenyaa isaanii keessaa butamuun baatii 6'f hidhamanii waajjira poolisii keessatti dararamaa jiraachuun ifoomee jira.
Achuma waajjira poolisii kana keessatti namoonni 20 ol ta'anis sababa Oromummaa isaanii qofaaf jecha badii tokko malee waggaa tokkoo 1 ol achii keessatti murtii malee hidhamanii jiraachuu maddeen keenya dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti namoota dirqiin dirree waraanaatti guuruun cinatti, saamichas hammeessan
ONM-ABO Muddee 25,2024 Kaffaltii gosa adda addaa itti dha'uun afaan qawween sodaachisanii uummata Oromoo saamuu malee guyyaa tokkoofillee gargaaranii kan hin beekne hidhattootni murna abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin durfaman kan yeroo kamuu caalaatti maqaa nyaataa fi uffata milishaa jedhuun jiraattota saamuu jabeessanii itti fufaniiru.
Akkaatuma kanaanis, caasaaleen bilxiginnaa Muddee 20,2024 irraa eegaluun aanaa Baatee gandoota garaa garaa keessatti maqaa nyaata milishaa jedhuun nama tokko irraa midhaan kiiloo 10 yoo saaman, uffata milishaaf jechuunis qarshii 50-100 afaan qawween doorsisanii jiraattota saamaa jiraachuu maddeen ONM'tti himaniiru.
Akka jiraattotni aanaa Baatee gandoota adda addaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, caasaaleen bilxiginnaa kun midhaan nyaata milishaa jedhan kana bulchitoota gandaatti qajeelfama laachuun ganda tokko irraa midhaan ardaba 55-60 akka fidan yoo taasisan, uffata milishaaf jechuunis qarshii hedduu namoota harkaa fuuchaa akka jiran ibsaniiru.
Gandootni maqaa nyaataa fi uffata milishaan bulchitoota sirnichaan garmalee reebamuun saamamaa jiran kunneenis muraasni maqaan nu ga'e ganda Gurree, Sallaaxxee, Jaldeettii, Hagamsaa, Roorrisoo fi Masgiidaa ta'uu jiraattotni aanaa Baatee ONM'tti himaniiru.
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa tarkaanfii ONM-ABO Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Muddee Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii magaalaa Shophaa Bultum keessatti WBOn #Duula Cichoomina Kaayyoo Milkeessuuf bobba'an Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa loltoota PP mooraa isheetti itti marsuun haleellaa jira .
Guutuu Gabaasaa kana walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Israa'el imaammata haleellaa Huutii Yaman irraa dhufu qolachuuf rakkachaa jirti
ONM-ABO Muddee 26,2024 Israa’el imaammata haleellaa diroonii fi misaa’elaa garee Huutii Yaman irraa gaggeeffamu dhaabuu danda’u bocuuf rakkachaa jirti.
Torban muraasa darban keessa Huutiin haleellaa isaanii giddugala Israa’el keessattuu naannoo magaalaa guddittii Tel Aviv kan lammiileen Israa’el miliyoonaan lakkaa’aman keessa jiraatan irratti xiyyeeffataniiru.
Lammiileen Israa’el 9 Kibxata ganama gaaddisa argachuuf osoo fiigaa jiranii dhukaasa rookkeettii Huutiin booda miidhamaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa akka jedhetti pirojektaayilli kun osoo naannoo qilleensaa Israa’el hin seenin dura addaan citeera.
Gareen Yaman kun haleellaan isaa kun lola duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti raawwatteef haaloo ba’uuf akka ta’e dubbata, erga haleellaan Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatameen booda, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman gara 45,400 ajjeeseera.
Waraanni Israa’el hanga ammaatti Yaman keessatti naannoolee Huutoonni qabaman keessatti dhaabbilee barbaachisoo ta’an irratti haleellaa qilleensaa dambalii sadii raawwateera.
Miidiyaaleen Israa’el akka jedhanitti haleellaan qilleensarraa afraffaa Huutii irratti raawwachuuf karoorfamee jira.
“Haleellaan Israa’elii miidhaa dinagdee geessisullee Huutiin duubatti hin deebine,” jedhan xiinxalaan waraanaa gaazexaa guyyaa guyyaa jechuun BBCn gabaaseera.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti loltoonni faashistii PP dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan
ONM-ABO Muddee 26,2024 Jiraachuun ilmaan Oromoo akka ibiddaatti isaan gubuun, "maaliif akka keenya qawwee hidhattanii impaayerattiif hin loltan" sababa jedhu qofaaf, ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo egeree biyyaaf abdachiisoo ta'an irratti xiyyeeffachuun adamsanii ajjeesuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Muddee 21,2024 waraanni sirna nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo bakka addaa Kuwaallaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Jaafar Asaffaa Alabee jedhamu badii tokko malee haala rifaasisaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi ergamtoonni sirnichaa ammoo "bilbila kee keessa suuraa WBO'tu jira" jechuun yoo ajjeesan, ittuma fufuun Muddee 22,2024 ammoo durbiidhuma isaa kan ta'e Atuuchee Dhaabaa Alabee nama jedhamus aanichuma ganda Kollii Charphaa keessatti yakka tokko malee haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuu dubbatu.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti loltoonni Bilxiginnaa ajjeechaa suukkanneessaa wal irratti raawwatan, Anfillootti walitti dhukaasuun wal ajjeesaan
ONM-ABO Muddee 26,2024 Jibbiinsa sanyummaa mooraa Bilxiginnaa keessatti dagaagaa jiruun, ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti tarkaanfiiwwan garaa garaa wal irratti fudhachaa jiru.
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Walqixxummaa Bakkareeree jedhamutti argamu keessaa Muddee 20,2024 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta'e tokko badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf fakkaattotuma isaatiin ajjeechaa suukkanneessaan irratti raawwatamee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, miseensi waraana PP kun sabboonaa ilma Oromoo quuqama saba isaa qabu ta'uu himuun, innis guyyuma kana ajjeechaa maanguddoo Obbo Caalii Mirreessaa jedhamu irratti raawwatee fi kan yeroo darbe isiniif gabaasnee turreen walqabatee, "hawaasa meesha maleessa maaliif ajjeestu" jechuun yeroo gaafatutti; fakkaattonni isaa ammoo "ati diina" jechuun isuma boolla qoochisiisuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii awwaaluu dubbatu.
Oduuma wal fakkaatuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Seertumii keessatti waraanni faashistii PP Muddee 23,2024 galgala walitti dhukaasuun lama yoo wal irraa ajjeesan 3 madaa'uun buufata fayyaa Muggiitti geeffamanii yaalamaa jiraachuun ifoomeera.
Maddi walitti bu'iinsa isaaniis jibbiinsa sabummaa Oromoo fi Amaaraa gidduutti ta'een akka ta'e barameera.
#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Muddee 26,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa ganda Kileensoo Mokkonnisaa seenuun mooraa waraana faashistii PP achii keessaa mandheeffattee guyya kaleessa Muddee 25 tarkaanfii irratti fudhachuun 2 battalatti yoo irraa ajjeesu 3 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Tarkaanfii kanaanis meeshaa AKM 1 fi galaa waraanea hedduu irraa hiikee jira.
Bifuma wal fakkaatuun aanaa Qarcaa ganda Layoo Qundhii seenuun olii fi gadii ari'ee baarudaan macheessee magaalattii keessaa baasuun injifannoo galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Haleellaan qilleensaa Paakistaan Afgaanistaan keessatti raawwatte Taalibaan haaloo bahuuf akeekkachiise
ONM-ABO Muddee 26,2024 Waraanni Paakistaan Kibxata galgala haleellaa qilleensaa biyya ollaa Afgaanistaan keessatti gaggeessee, bakka dhokataa garee hidhate Tehreek-e-Taliibaan Pakistaan (TTP) bulchiinsa Paktika keessatti argamu irratti xiyyeeffate jedhu qondaaltonni nageenyaa.
Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan ykn kutaan miidiyaa waraanaa, Hariiroo Hawaasaa Tajaajiloota Gidduu (ISPR) irraa ibsi kan hin kennamne yoo ta’u, maddeen Al Jazeeraaf akka mirkaneessanitti haleellaan kun kan raawwatame Afgaanistaan kutaa Barmal, naannoo kutaa gosa Kibba Waziristaan Paakistaan keessatti bara Bulchiinsa Kayber Pakhatunkiwaatti.
Mootummaan Afgaanistaan yeroof Taalibaan Afgaanistaan bulfamus haleellaa kana kan mirkaneesse yoo ta’u, namoota nagaa irratti xiyyeeffatamuu isaanii cimsee dubbateera.
Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Afgaanistaan akka ibsetti dubartootaa fi daa’imman dabalatee baqattoonni hedduun ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru.
Haleellaan qilleensaa kun bara kana taatee akkanaa isa lammaffaa yoo ta’u, bakka bu’aan addaa Paakistaan Afgaanistaan Mohammad Saadiin Ministira Dhimma Alaa Afgaanistaan yeroof Amiir Kaan Muttaakii Kaabuulitti erga wal arganii sa’aatii muraasa booda raawwatame jechuun Aljazeeraan gabaaseera.
በሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን በሱሉላ ፊንጫ ወረዳ ውስጥ የብልፅግና ተላላኪዎች ሰላማዊ ሰዎችን መዝረፋችውን ቀጥሎል።
ታህሳስ 25 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በኦሮሞ ህዝብ ላይ ማሰቃየትን የዘወትር ስራ ያደረገው የኮሎኔል አብይ አህመድ ሰራዊት ዛሬ በመላ ኦሮሚያ ከወትሮው በበለጠ በነዋሪዎች ላይ ከመጠን ያለፈ ዘረፋ እየፈፀመ ነው።
በታህሳስ 22፣ 2024 ዓ.ም የገዥው አካል ወኪሎች በሱሉላ ፊንጫ አውራጃ በሐዊ ጉዲና መንደር ውስጥ የሚከተሉትን ሰዎች ያለምንም ጥፋት በቁጥጥር ስር አውሎል።
- ከአስመራ አዱኛ ስር 15ኩንታል እህል
- ከአብዲ ዘላልም ስር 25 ኩምታል
- ከማሙሽ ብርሀኑ ስር ሙሉ ማሳውን ሲዘርፉ እና
- ከመምህር ሁንዴ ስር 30 ኩምታል እህል መዝረፋችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ እነዚህ ሰዎች ምንም አይነት የፖለቲካ ተሳትፎ እንደሌላቸው እና ከመካከላቸው አንዱ የሆነው መምህር ሁንዴ ከአንድ ወር በፊት "ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም አስሮ ለእንግልት መዳረጋችውን ነዋሪዎች አክለው ገልጸዋል።
በአርሲ ዞን በሲራሮ ወረዳ የብልፅግና ተላላኪዎች በሰላማዊ ዜጎች ላይ ዘረፋ እየፈፀሙ ነው።
ታህሳስ 25 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የፒፒ አምባገነን መንግስት ወታደሮቹን በማሰማራት እና ሰላማዊ ዜጎችን በመተኮስ የዘር ማጥፋት ወንጀል እያወጀ ነው ።እናም ከኦሮሚያ አከባቢዎች ሁሉ ነዋሪዎችን እያደነ፣ እያሰረ፣ እየዘረፈ፣ እየገደለ እና እያፈናቀለ ነው።
በሲራሮ ወረዳ ነዋሪዎቹ ባለፈው ሳምንት ለአንድ የቀንድ ከብቶች የአገዛዙ ወኪሎች 65 ብር እንዲከፍሉ ማስገደዳችውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ከዚህ ቀደም በየወረዳው ካሉት መንደሮች ህዝቡን በልዩ ልዩ ክፍያ ስም እየዘረፉ ነበር አሁን ግን በተመሳሳይ መልኩ ቀጥለው 65 ብር እየከፈሉ ለሁሉም ከብቶች እንዲከፍሉ እያሰቃዩ ይገኛል።
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti loltoonni faashistii PP jiraattota hidhuu, manneen jireenyaa isaanii diiguu fi saamicha qabeenyaa irratti rawwachuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 25,2024 Saayinsii waraana biyya tokkoo kan hin kabajnee fi naasuu tokko illee uummata Oromoof kan hin qabne waraanni impaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa adda addaatti bakka naamusni waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne uummata cufa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jira.
Aanaa Qondaalaa gandoota adda addaa kanneen akka: Qondaala Fashfashii, Qondaala Zeengaa fi Ashunfaa gandoota jedhaman keessatti dararaa hamaa raawwachaa kan jiran loltoonni sirnichaa ganda Fashfashii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Ramadaan Muusaa fi Ashiim Muusaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf waraanni goolessituun bilxiginnaa yoo hidhan, nama Aldoo Guyyaa jedhamu jalaa immoo loon tokko saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, ganda Qondaala Zeengaa jedhamu irraa nama Obbo Muusaa Huseen jedhamu jalaa immoo maqaa "ilma keetu bosona jira" jedhuun mana jireenyaa isaanii keessaa maatii bakketti gad ari'uun qorqorroo mana isaanii irraa diiggatanii qabeenya mana isaanii keessa jiru guutummaatti saamanii deemuu itti dabaluun ibsaniiru.
Akkasumas, aanaadhuma kana ganda Ashunfaa jedhamu irraa dubartii Aadde Jeddaa Margaa jedhamtu jalaa maqaa ''abbaa warraa keetu bosona jira" jedhuun qorqorroo baallee 60 fi qabeenya mana ishee keessa jiru guutummaatti saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himanii jiru.
Loltoonni Bilxiginnaa Godina Horroo Guduruu Wallagaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessaa saamicha yoo raawwatan, Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti ammoo jiraattota irratti hidhaa fi reebicha hammeessan
ONM-ABO Muddee 25,2024 Saamicha, hidhaa fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti geggeessuu hojii guyyuu isaanii kan taasifatan loltoonni Bilxiginnaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu keessaa jiraattota irratti sarbamiinsa mirga namoomaa rawwachaa jiru.
Ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa Muddee 17,2024 waraanni sirna nama nyaataan PP nama maqaan isaa Obbo Taayyee Guutamaa jedhamu jalaa loon 8 maqaa "Qeerroo Bilisummaa Oromooti" jedhuun jalaa saamaanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti " Obbo Taayyeen jiruu fi jireenya dhuunfaa isaa irratti bobba'ee kan jiraatu malee hidhata dhaaba siyaasaa tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo isaa keessatti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa nama qabu ta'uu dubbatu.
Kana malees, loltoonni bilxiginnaa dararaa hamaa hawaasa irraan gahaa jiran hammeessuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Daamotaa Mana Jaartee jedhamu keessaa Muddee 22,2024 nama maqaan isaa Obbo Beekumaa Tafarraa jedhamu hidhaatti darbachuun, nama Obbo Tashoomaa Daalee jedhamu maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhuun yakkanii kan hidhanii fi kan reeban ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gabaasa tarkaanfii ONM-ABO Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 25-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Bakkalcha Oromiyaa ONM-ABO Muddee 25-2024 itti dhiyaadhaa!
Kufaatii Mootummaa Abbaa-Irreetii fi Impaayera Cubbuu maree Jaal Jamaal Miidhagaa fi Jaal karoorsa Bososna waliin taasifna !
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa Keessatti Waraana Faashistii PP Adabee Meeshaalee Waraanaa Irraa Hiike
ONM-ABO Muddee 25,2024 Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta'e WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa aanaa Galaana ganda Boorree jedhamutti har'a Muddee 25 ganama sa'a 12:00 hanga 3:00tti tarkaanfii waraana maafiyaa PP irratti fudhateen loltoota Bilxiginnaa 50 ol yommuu irraa ajjeesu 30 madoo dandammmi hin qabneen adabuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis
qawwe AKM 35,
PKM-2
Isnaayippera 1,
Rasaasa kilaashii 2000,
Boombii 10
Rasaasa PKM- 1278 fi
Gumbii qawwee 54 dugda diinaa irraa hiikuun loltoota 10 boji'ee jira.
Ittuma dabaluun gootichi Waraanaa Bilisummaa Oromoo godinuma Gujii Lixaa magaalaa aanaa Qarcaa seenuun waraana PP lama ajjeesee tokko madoon adabera.
Aanaa Dugda Daawwaa ganda Hemmaa kinshoo jedhamuttis WBOn tarkaanfi diina irratti fudhateen loltoota afur bakka tokkotti irraa ajjeesuun injifannoon goolabeera.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Injifannoon Uummata Oromoof ❗