Godina Baha Shaggar Aanaa Booraatti loltoonni Abiy Ahimed dargaggoo tokko ajjeesuun dhagaa'ame
ONM-ABO Muddee 28,2024 Aanaa Booraa ganda Tuqaa Laangannoo jedhamu keessaa Muddee 24,2024 loltoonni impaayera Itiyoophiyaa araada dhiiga ilmaan Oromoo dhuguu qaban dargaggoo Fayyoo Simaa jedhamu badii tokko malee manaa gadi baasanii rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maddeen dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo tarkaanfii gootichi WBO duula cichoomina kaayyootiin gandicha keessatti guyyaa kana irratti fudhateen hedduu waan miidhamteef haaloo ba'uuf jecha ajjeesuu dubbatu.
#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Muddee 27,2024 Irree fi gaachana ummata Oromoo kan ta'e WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa Aanaa Qarcaa ganda Gaaleessa Dubbisa jedhamu keessatti har'aa Muddee 27,2024 waraana PP mooraa gandichaa keessa buufatttee uummata Oromoo hidhuu fi kaffaltii gibiraan dararaa turte irratti tarkaanfii tarkanfii fudhatee du'aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii jajjabeen WBO fudhate kanaanis hidhama siyaasaa namootni 20 ol mana hidhaa keessaa baafamuun nagaan gara maatii isaani akka dhaqqabani taasifameera.
Caasaan PP waraana waliin ganda qabattee turte tarkaanfii kanaan baaragdee gara aanaatti baqattee jirti.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Lukkeeleen Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti midhaan maqaa harka qalleeyyii fi dadhabdootaaf guuraa turan dhuunfaa isaaniif oolfachuun saaxilame
ONM-ABO Muddee 27,2024 Baatii darbe Sadaasa 7,2024 irraa eegaluun caasaaleen Bilxiginnaa gandoota aanaa Jiillee Dhummuuggaatti argaman mara keessatti maqaa harka qalleeyyii fi dadhabdootaaf jedhuun ganda tokkorraa midhaan ardaba 30-40 jiraattotni akka fidan bulchitoota gandaatti dirqama laachuun bulchitootni gandaa ammoo jiraattota doorsisanii hanga baatii nu duraa Muddeetti yoo midhaan kanneen fiduu dadhabdan ni hidhamtuu fi ni saamamtu ittiin jechuun tokko tokkoon namootaa irraa funaanaa turan jechuun maddeen keenya himan.
Midhaan maqaa harka qalleeyyotaa fi dadhabdootaaf jedhuun bulchitootni sirnichaa jiraattota irraa funaanaa turan kanneenis Muddee 24,2024 magaalaa Sanbateetti caasaaleen Bilxiginnaa harka qalleeyyii fi dadhabdootaaf osoo hin kennin maqaa" hirkattummaa irraa gara oomishummaatti jedhuun kuusaa isaaniitti galfachuu namni keessoo PP rakkoo nageenya isaaf jecha maqaa dha'amuu hin barbaanne tokko dabaluun ONM'tti himeera.
Namni kun dabaluun akka ibsutti, akkuma aanichaatti midhaan harka qalleeyyii fi dadhabdootaaf jedhamuun yeroo hedduu irra deddeebiin jiraattota harkaa saamamu guyyaa tokkoofillee harka qalleeyyii fi dadhabdootaaf kennamee hin beeku, maqaa harka qalleeyyii fi dadhabdootaan saamichi caasaaleen Bilxiginnaa kun uummata irratti raawwachaa jiran daangaa darbee jiraattotatti abdii kutannaa fi mufii guddaa uumeera jechuun namni kun dubbateera.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaatti hidhaa fi saamichi ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe
ONM-ABO Muddee 27,2024 Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan Oromoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhu qofaan ergamtoota sirnichi bobbaafateen dararaa ulfaataa keessummeessaa jiru.
Lixa Shaggar aanaa Calliyaa ganda Tulluu Kosorruu jedhamu keessaa Muddee 25,2024 maqaa "abbaa warraa keetu miseensa WBO'ti" jedhuun Aadde Bilisee Cimdeessaa kan jedhamtuu fi Amaatii ( haadha abbaa warraa ishee) Aadde Wasanee Tolasaa hidhaatti darbachuun, qotiyyoo tokkos jalaa saamanii deemuu jiraattonni himan.
Kana malees yerooma wal fakkaataatti ganduma kana irraa "ilma keetu bosona jira" maqaa jedhu itti maxxansuun Aadde Xaasuu Guyyaasaa fi haadha warraa ilma isaanii Baaccuu Amansiisaa kanneen jedhamanis hidhaatti darbachuun qotiyyoo 3 yoo jalaa ooffatan, nama Bookasaa Taganyee jedhamu jalaas qotiyyoo 1 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen deggertoota dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf faashistoota Abiy Ahimediin dararamaa kan jiran ta'uun ibsameera.
#DUULACICHOOMINAKAAYYOO
Humni Waloo Zoonii Bahaa fi Harsadee Lixa Harargee aanaa Hancaar keessatti diina adabe
ONM-ABO Muddee 27,2024 Godina Lixa Harargee aanaa Hancaar keessatti ganama har'aa Muddee 27 Duula Cichoomina Kaayyoo Milkeessuuf mooraa waraana faashistii PP sadii irratti tarkaanfii fudhateen mooraa keessaa ari'ee buusuun mooricha barbadeessee jira.
Tarkaanfii jajjabduu kanas humni waloo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa Cibraa Calii Calanqoo fi Carcar Xirroo humna zoonii Harsadee waliin ta'uun mooraa sadii kan Ittisa, Saqaa fi Dugda Qeeransaa jedhamu irratti fudhataniin waraana maafiyaa Abiy Ahimed irraa 52 lama ajjeesuun 23 madeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Operational Update: Progress of the Oda Kara Brigade and Allied Units
ONM-ABO December 27, 2024
December 24, 2024: Success in Guliso
ONM-ABO Report
The Oromo Liberation Army (OLA) Oda Kara Brigade conducted a series of coordinated operations across the Guliso district, including the district headquarters and surrounding towns and villages. This well-organized campaign resulted in a significant victory over enemy forces.
Key Outcomes:
Neutralization of numerous enemy combatants.
Capture of 45 automatic rifles and 4,000 rounds of ammunition, including heavy machine gun rounds.
In addition, punitive measures were taken against enemy reinforcements sent to the Western Wallaga district of Guliso. The engagement occurred in the town of Maru at a location called Laga Mani, forcing the enemy to retreat while the OLA captured 12 additional automatic rifles. As of the report's writing, hostilities in this area continue. Updates will follow.
December 25, 2024: Operations in Suro Barguda
ONM-ABO Report
At 7:00 AM local time in the Western Guji zone, Suro Barguda district, the OLA Southern Command launched the "Campaign of Objective Resolute." The operation, centered in the town of Barguda Suro at a location called Maliqa, inflicted heavy casualties on enemy forces, forcing them to retreat to the district administration headquarters.
December 25, 2024: Engagements in Sarka
ONM-ABO Report
The Nadhi Gamada Brigade of the OLA joined the "Campaign of Objective Resolute" with an operation in Western Arsi zone's Sarka district, specifically in the town of Soji Sade. The brigade ambushed an enemy convoy deployed as reinforcements, achieving the following results:
Neutralization of 9 enemy combatants and
Injury of 13 others.
Remaining enemy forces retreated to their original positions.
This effort underscores the OLA's commitment to the success of the "Campaign of Objective Resolute," which is expected to intensify in the coming days.
Further updates will be shared as operations progress.
Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee fi Aanaa Guutoo Giddaa keessaa ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi hidhuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 27,2024 Lukkeeleen Bilxiginnaa sababoota adda addaa wabbeefachuun sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa sobaa isaan hin qabne itti maxxaansuun akka bineensa bosonaatti adamsuun bakka arganitti jumlaan ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu, saamuu, ajjeesuu fi mana hidhaatti galchanii dararaa ulfaataa irraan ga'aa jiru.
Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa ilmaan Oromoo jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa irratti heddummeessaa kan jiran loltoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf maggalan magaalaa Naqamtee ganda 02 keessaa maatii Obbo Saamu'eel Lataa Muddee 24,2024 halkan keessaa naannoo sa'a 5:00'tti haadha warraa isaa dabalatee ijoollee 5 ukkaamsuun achi buutee faana isaanii dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka namoonni itti dhiheenyaan beekan himanitti, haati manaa Obbo Saamu'eel Lataa Aadde Magartuu Kitilaa haadha ijoollee ja'aa kan taatee fi ijoollee ishee kanneen maqaan isaanii:
● Abaaboo Saamu'eel,
● Angoos Saamu'eel,
● Gamtaa Saamu'eel,
● Sanyii Saamu'eelii fi
● Kaayyoo Saamu'eel jedhaman amma gabaasni kun qindaa'etti achi buuteen faana isaanii dhabamsiifamuu fi bakka kana jiru jedhanii himuun kan hin baramne ta'uu dubbatu.
Aanaa Guutoo Giddaa keessaa immoo dhiittaan mirga namoomaa qaamolee mootummaa garboomfataa impaayerattiin hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun, ganda Gaarii jedhamu irraa Muddee 21,2024 namoota maqaan isaanii:
● Maatiwoos Jaallataa,
● Waaqjiraa Tamasgeen,
● Misgaanuu Qannoo fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu ukkaamsuun magaalaa Naqamtee ganda 05 keessatti argamutti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM'tti himanii jiru.
Aanaadhuma kana ganda Qajeelaa jedhamu irraas badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf namoota maqaan isaanii:
- Yooseef Yaadataa,
- Mokonnon Gannatii,
- Dirribaa Iddoosaa fi kanneen biroo hedduu qabanii mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa keessatti hidhaan, reebichaa fi saamichi murna bilxiginnaan uummata irratti jabaate.
ONM-ABO Muddee 27,2024 Faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha mirga namoomaa hawaasaa sarbaa kan oolan ergamtoonni murna bilxiginnaa maqaalee garaa garaa itti maxxansuun sababa tokko malee Oromiyaa cufa keessatti hiraarfama jabaa uummata irratti hammeessanii jiru.
Haaluma kanaan ergamtoonni bilxiginnaa kunneen akkuma bartee isaanii guyyoota darban muddee 21,2024 irraa kaasee hanga muddee 24,2024'tti aanaa Muuneessaa gandoota hunda irraa namoota ukkaamsaa kan jiran yoo ta'u, abbootii qabeenyaa fi daldaltoota adamsuun maallaqa WBO ittiin deeggartan nuufis kennaa jechuun gochaa isaanii malee hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM'tti himan.
Ganda Adaree Awandaallaa irraa Aadde Haadhee Hamdaa haadha qabeenyaa beekamtuu gandichaa kan taatee fi daldalaa tokko kan maqaan isaa Gabbii Hamdaa jedhamu konkolaataan mana isaaniitii butuun mana hidhaa galchuun kutaa addaa keessatti hidhanii maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuu maddeen ifoomsanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Muddee 22,2024 aanaadhuma Muuneessaa ganda Heeban Dhubboo irraas hawaasa reebicha hamaa irraan ga'uun ijoollee umuriin isaanii 18 gadii hedduu hidhanii kan jiran yoo ta'u, Obbo Bashir Woshee kan jedhaman gar-malee reebuun dhukkubsatee mana yaalaa keessatti yaala dhorkamee rakkachaa kan jiruu fi daai'ma umuriin isaa 14 ta'e Gammaachuu Yaaqoob kan jedhamu ammoo WBO deeggarta ittiin jechuun mana hidhaa keessatti dararaa hamtuu agarsiisaa jiraachuu jiraattoonni onichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 26-2024 itti dhiyaadhaa!
👉 Guutuu Tarkaanfii Lixa Shaggar Aanaa Noonnoo Keessatti Birgeediin Bakakkaa fi Ibiddaa Fudhatan
👉 Dhaamsa Itti Gaafatamaa Damee Dantaa Waraanaa ABO-WBO Jaal Eebbisaa Raatessaa 👇
Itti Dhiyaadhaa❗️
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 26-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Cuunfaa Lola Lixa Shaggar Aanaa Noonnoo
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoon godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo keessatti tarkaanfii waraanaa faashistii PP irratti fudhateen meeshaalee waraanaa gurguddaa irraa hiikuun loltootas booji'e
ONM-ABO Muddee 26,2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa Duula Cichoomina Kaayyoon waraana maafi'aa Abiy Ahimed irratti Oromiyaa zooniilee waraanaa garaagaraa keessatti fudhachaa jiruun injifannoo cululuqaa walitti aansaan guyyaa sadaffaa galmeessee jira.
Duula Cichoomina Kaayyoo Kibxata dheengaddaa Muddee 24,2024 eegaleen isnaayippera, Bireena, qawwee AKM, boombii, rasaasaa fi hidhannoo hiikuun loltoota Abiy Ahimed kurnanooraan booji'uun kan eegale gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo har'a Muddee 26 irree jabina isaa leellistoota impaayera Minilik ganamaa ka'ee godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo mooraa ganda Galmoo Waraabuu irratti fudhateen 67 ajjeesee 75 madeessuun 15 harkaan qabee jira.
Diina irraa hiikee hidhachuun qabsoo of irratti hirkannnoo geggeesuun imala isaa shaffisiisaa kan jiru WBOn lola humni waloo Birgeedii Bakakkaa fi Ibiddaa tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irratti fudhatan kan Bireena 2, Isnaayippera 2, kilaashii Turkii fi Raashiyaa 52, boombii 30, jorooroo bireenaa 4, rasaasa AKM 4000, rasaasa PKM 2500, jorooroo Dishqaa rasaasa isaa waliin irraa hiikee jira.
Tarkaanfii akka bakakkaa mooraa waraana koomaandoo faashistii PP irratti raawwateen loltoota Abiy Ahimed 15nis booji'ee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii mooraa ganda Shophaa Bultum irratti fudhateen loltoota PP 19 ajjeesuun 11 madeessee hidhamtoota siyaasaa 11 mooricha keessaa baasee jira.
Murni faashistii PP WBO diiguuf tattaaffii guddaa godhus baattuun imaanaa Goototaa bakka cufatti loltoota Bilxiginnaa akka baala mukaatti harcaasaa jira.
Injifannoon uummata Oromoof❗
#DUULACICHOOMINAKAAYYOO
ONM-ABO Muddee 26,2024 Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda 01 keessatti galgala Muddee 25 tarkaanfii fudhateen hoggana milishaa 1, waraana sadii mana dhugaatii jalatti haleeluun ajjeeseera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Godina Arsii Bahaa Aanaa Gunaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhanii maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Muddee 28,2024 Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee impaayerattii mudatee jiruun walqabatee sababoota garaa garaa wabeeffachuun uummata Oromoo saamanii jireenya isaa golgoleessaa jiru.
Godina Arsii Bahaa aanaa Gunaatti ergamtoonni sirna nama nyaataan PP garaa isaanii furdifachuuf jiraatan sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee adamsanii hidhuun maallaqa guddaa irraa saamuu ittuma fufuun, torban darbe keessa magaalaa Nageellee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Naasiroo Mahaammad Amaan irraa qarshii 40,000 akkasumas,
- Ukaashaa Shamsadiin irraa qarshii 80,000 fudhatanii gadi lakkisanii kan jiran ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkamuun dararamaa kan turanii fi namoonni hedduun maqaan isaanii hin eeramnes haaluma wal fakkaatuun maallaqa guddaa kaffalanii ba'aa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.
#DuulaCichoominaKaayyoo
WBOn Baha Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaa Keessatti Waraana Faashistii PP Adabe
ONM-ABO Muddee 27,2024Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Harsadee Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf hojii boonsaa hojjachaa jiru itti fufuun Muddee 26,2024 godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Tummee Waayyuu jedhamu keessatti leencicha abdii sabaa WBOn tarkaanfii waraana faashistii PP konkolaataa shaniin deemaa turte irratti fudhateen kasaaraa cimaa Bilxiginnaa irraan ga'ee jira.
Tarkaanfii guggubduu akka bakakkaa waraana maafia PP irratti guyyaa kaleessaa fudhatame kanaan konkolaata shan guutumaan guututtu daaraa botoroo gochuun, loltoota 40 ajjeesee 10 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Yaman keessatti haleellaa qilleensaa haaraa banan
ONM-ABO Muddee 27,2024 Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Kamisa kaleessaa Yaman keessatti haleellaa qilleensaa haaraa kan jalqaban yoo ta’u, lola duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti raawwatte irratti waldhabdeen naannoo dabalaa dhufuu isaa miidiyaaleen Israa’el beeksisaniiru.
Haleellaan kun buufata xiyyaaraa Sana'aa fi buufata doonii Al-Hudaydah lixa Yaman dabalatee iddoowwan tarsiimoo Yaman hedduu irratti kan xiyyeeffate ta’uu miidiyaan ummataa Israa’el KAN ibseera.
Chaanaaliin Israa’el 12 akka jedhetti, haleellaa kana keessatti buufataalee humna elektiriikaa irratti xiyyeeffataniiru.
Akka Chaanaalii Israa’el 13 gabaasetti, haleellaa kana irratti xiyyaaronni waraanaa Israa’el kudhanootaan lakkaa’aman kan hirmaatan yoo ta’u, haleellaa kana irratti haasawa hogganaan Huutii Abdel-Malik al-Hutii televijiiniin darbasaniin kan wal-simu ta’uu ibsameera.
KAN akka jedhetti haleellaan kun osoo hin jalqabamin dura Ameerikaan beeksiftee turte.
TVn Al-Masirah kan Huutii waliin hidhata qabu haleellaa qilleensaa Israa’el Sanaa fi Al-Hudaydah irratti raawwatte, bal’inaan osoo hin ibsine mirkaneesse.
Weebsaayitiin biyya keessaa Sadaasa 26 madda nageenyaa wabeeffachuun akka jedhetti haleellaan xiyyaaraa Ameerikaa fi UK buufata xiyyaaraa Sanaa irratti masaraa to’annoo irrattis xiyyeeffate.
Haleellaan haaraan kun erga Onkoloolessa darbe irraa eegalee waraanni duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti jalqabdee as haleellaa Israa’el iddoowwan Huutii Yaman irratti raawwatte isa 4ffaadha jechuun Arabs News gabaaseera
Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti waraanni Abiy Ahimed dargaggoo tokko ajjeesanii gatuun dhaga'ame
ONM-ABO Muddee 27,2024 Ilmaan Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti baroota dhufaa darbaa saboota kan biroo irraa addatti biyya isaa irratti guyyuu akka bosonuutti adamfamuun dhiigni isaa dhangala'uu akkuma itti fufetti jira.
Akka kanaanis godina Jimmaa aanaa Limmuu Kossaa ganda Mixoo jedhamu keessaa Muddee 23,2024 loltoonni faashistii PP dargaggoo Ajaayib Jabaluu jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesanii bakkeetti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta'uu kan himan maddeen, loltoonni sirnichaa sababa tokko malee maqaa "fira keetu bosona jira" jedhuun ukkaamsuun gandichuma iddoo addaa Naannoo Mixoo jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan. Maatiin isaa mana hidhaa hundarra deemanii barbaadanii dhabuun guyyaa 2 booda Muddee 25,2024 du'aa isaa bakkeedhaa arganii fudhachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessatti loltoonni faashistii PP barataa tokko ajjeesanii gatan
ONM-ABO Muddee 27,2024 Ofiif barnoota jibbuun barnootaan guddachuu ilmaan Oromoo kan inaafan ergamtoonni Abiy Ahimed, kutaalee impaayerattii cufa keessaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun adamsanii yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Dangaallii Goongoo jedhamu keessaa Muddee 23,2024 loltoonni dhiiga ol adeemaa ilmaan Oromoo dhangalaasuu amaleeffatan barataa Shiilashii Tasfaa jedhamu badii tokko malee haala suukkanneessaa ta'een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Akka maddeen himanitti, barataan ajjeefame kun barataa kutaa 6'ffaa fi daa'ima ol adeemaa umurii 16 ta'uu himuun, innis badii tokko kan hin qabne yoo ta'u ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa "obboleessa keetu miseensa WBO'ti" jedhuun aanaa Diggaa ganda Bareeda Sooromaa keessatti qabanii guyyoota muraasaaf hidhanii dararaa turuun hidhaa irraa baasuun ajjeesanii gatuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Muddee 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Hoogganaan basaasaa Iraaq bulchiinsa haaraa Siiriyaa waliin nageenya daangaa irratti mari’atan
ONM-ABO Muddee 27,2024 Jilli Iraaq hogganaa basaasaa dabalatee Kamisa kaleessaa bulchiinsa haaraa Siiriyaa waliin wal arguun guddina Siiriyaa keessatti mul’atu fi barbaachisummaa nageenyaa fi tasgabbii daangaa waliin qaban irratti mari’achuu isaanii dhaabbati oduu mootummaa Iraaq gabaaseera.
Kun kanaan osoo jiruu Libaanosis Kamisa kaleessaa ergaa seeraa jalqabaa bulchiinsa haaraa Damaasqootiif dabarsiteen, hariiroo ollaa gaarii Siiriyaa waliin qabaachuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jirtu ibsiteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Libaanos Abdallaa Buu Habib bilbilaan ergaa kana gita isaanii kan Sooriyaa Asaad Hasan al-Shibaniif dabarsaniiru jechuun Ministeerri Dhimma Alaa Libaanos X irratti ibseera.
Hizbullaan Libaanos kan Iraaniin deeggaramu, pirezidaantii Siiriyaa aangoo irraa ari’ame Bashar al-Asad waraana waggootaaf deggeruuf gahee guddaa taphateera. Waggaa darbe keessa loltoota isaa gara Libaanositti Israa’el waliin lola hamaa ta’e geggeessuuf deebisuun mootummaan Siiriyaa akka laafu taasiseera jechuun Rooyitars gabaaseera.
Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni PP jiraattota irratti hidhaa fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 27,2024 Loltoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa tokkollee hin beekne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan, godina Harargee Bahaa aanaa Baddannootti jiraattota irratti saamicha ulfaataa raawwatanii jiraattota hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.
Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu saamaa kan turan, ammas bifa haarawa ta'een gadi ba'uun araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa Muddee 24,2024 maqaa "ishuraansii fayyaa" jedhuun hawaasa irraa qarshii 2,000-2,000 guuraa kan jiran ta'uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Harka qalleeyyii ofiifuu waan nyaatanii bulan hin qabne badii tokko malee maqaa "kaffaltii kaffaluu diddan" jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Aadde Kiimiyaa,
- Mo'aas Hasan,
- Abdoo Umar Mahaammad,
- Hindiyaa Shariifaa fi
- Suufiyaan Ahimad Mahaammad kanneen jedhaman lukkeeleen bilxiginnaa hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa ONM'f eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan ta'uu himuun, "kaffaltii kaffaluu diddan" jechuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu dubbatu.
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhattoota sirnichaan namoonni nagaan hidhamuu fi reebamuun yoo jabaatu, maatiin qabsaa'otaas gandoota 9 irraa buqqifaman
ONM-ABO Muddee 27,2024 Murni bulchiinsaa fi qabannaa hawaasaa hin beekne Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti maqaa maatii qabsaa'otaa fi deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun namoota nagaa jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe'ee irraa buqqisuun gidiraa hamtuu dhamdhamsiisaa jira.
Muddee 24,2024 aanaa Dawwee Harawaa ganda Sanqallee Gadii jedhamu keessaa hidhattootni sirnichaa maanguddoota lama kan maqaan isaanii Obbo Huseen Adamee fi Obbo Ahimed Xoohaa jedhaman maqaa deggartoota WBO'ti jedhuun sobaan yakkanii reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun magaalaa Booraatti hidhuu jiraattotni gandichaa dubbisne ONM'tti himaniiru.
Hidhattootni murna bilxiginnaa raayyaa ittisa Impaayerattii fi milishoota jechuun of waaman maqaa sakattaa WBO jedhuun qe'ee hawaasaa ganda Sanqallee fi Haroorantii jedhamu keessa buufachuun maatii qabsaa'otaa aanicha keessatti argaman gandoota 9 irraa buqqisanii jiruu bakkeef akka saaxilaman taasisaniiru.
Maqaa maatii qabsaa'otaan jiraattota qe'ee irraa buqqifaman kanneen keessatti kan argaman deessuun erga deessee torbee tokko hin caalle, haadhi ulfaa, daa'immanii fi maanguddoota ta'uu himuun, gandootni maatiin qabsaa'otaa loltoota sirnichaan irraa buqqifaman kunneenis muraasni Kataaro, Dabagalo, Uranee, Sadacha, Sanqallee Olii, Sanqallee Gadii, Haroorantii Ciisa Girjoo fi kknf irraa buqqifamuu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qophiin Walaloo ONM-ABO Muddee 27-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Qophii Oobdii Yaadaa ONM-ABO Muddee 26-2024 itti dhiyaadhaa!
Duula Cichoomina Kaayyoo, Miidhaa Oromoo Irratti Itti Fufee fi Rakkoo Impaayerattii Ilaalchisuun Maree Jaal Niimoonaa Sabaa fi Jaal Daandii Elemoo Waliin Taasisne!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ታህሳስ 26-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 26-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Ammee
#DUULACICHOOMINAKAAYYOO
ONM-ABO Muddee 26,2024
Har'a galgala godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaallaa ganda Addeellee Mi'eechaa keessatti diina konkolaataa shaniin deemtutti haxxee hidhuudhaan haleelee jira.
Guutuu isaan walitti deebina
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Tarkaanfii Laalessaa WBOn Duula Cichoomina Kaayyoon Lixa Shaggar aanaa Naannoo keessatti fudhate guutuu isaa nu eegaa👇
Читать полностью…