Taalibaan Afgaanistaan haleellaa raawwatameef haaloo ba’uuf Paakistaan keessatti ‘bakkoota hedduu’ rukute
ONM-ABO Muddee 29,2024 Humnoonni Taalibaan Afgaanistaan ollaa Paakistaan keessatti “bakkoota hedduu” irratti xiyyeeffachuu isaanii Ministeerri Ittisaa Afgaanistaan ibseera. Xiyyaaronni Paakistaan biyyattii keessatti qilleensa irraa boombii erga raawwataniin guyyoota muraasa booda.
Ibsi ministeera ittisaa Sanbata kaleessaa kenname Paakistaan akka rukutamte kallattiin kan hin ibsine yoo ta’u, haleellaan kun “‘sarara yaadame’ bira darbee” akka raawwatame ibseera – ibsa aanga’oonni Afgaanistaan daangaa Paakistaan waliin yeroo dheeraaf falman agarsiisuuf itti fayyadaman.
Tehreek-e-Taliban Paakistaan (TTP) – kan gita isaa Afgaanistaan waliin ilaalcha waloo qabu – torban darbe buufata waraanaa naannoo daangaa Afgaanistaan jiru irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu isaa himateera. Kanaanis Paakistaan loltoota 16 ajjeese jetteetti.
“Isaan Afgaanistaan waliin hariiroo gaarii hawwina garuu TTP ummata keenya qulqulluu ajjeesuu irraa dhaabbachuu qaba,” jechuun Muummichi Ministeeraa Paakistaan Shehbaz Shariif Jimaata darbe haasawa kaabinee kennaniin dubbataniiru.
“Kun sarara diimaa keenya” jedhan jechuun Aljazeeraan gabaaseera.
Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti Waraanni sirna dhableessi bilxiginnaa Shamarree tokko irratti gocha gudeeddii raawwachuun miidhaaf saaxilan.
ONM-ABO Muddee 29,2024 Bifaan fakkii namaa kan uffatan gochaan ammoo bineensa caalaatti dhala namaa balleessuuf kan bobba'an ergamtoonni murna bilxiginnaa garaa isaaniif jecha uummata Oromoo imimmaan dhiigaan makaa boochisaa oolan diinummaa Oromoof qaban ifaan ifatti mul'isuun dararaa hamtuu raawwachaa jiru.
Aadaaf safuu uummataa qabatanii kan hin guddanne goolessitoonni waraana sirna Bilxiginnaa gochoota safuu uummatichaa cabsan afaan qawweetti fayyadamuun shamarranii fi haawwan irratti raawwachaa jiru.
Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Tuccii keessatti Muddee 20,2024 ganama toora sa'atii 4:00'tti shamarree maqaan ishee Ayyuraa Daalee jedhamtu maatii ishee manaa ari'uun kallattii 2'n itti dhufuun mana itti cufanii nama 2 ta'uun gudeeddii irratti rawwaatan.
Kanuma irraa ka'uun miidhamni guddaan waan irra ga'eef maatiin ishee Hospiitaala Maqiitti yaalchiisaa kan turan oggaa ta'u, miidhaa kana irraa yaalamtus dandamachuu waan dadhabdeef yeroo ammaa kanatti du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattoonni gandichaa hadheeffatanii ONM'tti himanii jiru.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufan.
ONM-ABO Muddee 29,2024 Impaayerri Itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramte afaanuma qawween of suphuuf jecha ammas ergamtoonni ishee goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu hammeessanii jiru.
Aanaa Baabboo Gambeel bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni sirna moofaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan hawaasa jumlaan leenjii waraanaaf ukkaamsaa kan jiran yoo ta'u, Muddee 26,2024 ganda Daamota Mana Jaartee jedhamu keessaa namoota hedduu milishaa taatu jechuun ukkaamsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Aanichatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwatus kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.
Oduu Ganama ONM-ABO Muddee 29-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
#DuulaCichoominaKaayyoo #Guyyaa 6ffaa
#Areeroo
ONM-ABO Muddee 29,2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii kibbaa Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf har'a barii barraaqaan godina Booranaa Aanaa Areeroo Ganda Oobloo keessatti mooraa waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhateen rasaasaan wawwachiisee du'aa fi madoon adabuun keessaa ari'ee dhuunfatee jira.
Guutuu Gabaassaatiif booda wolitti deebina
Injifannoon Uummata Oromootiif❗
Atrocities Against Civilians in Oromia Intensify Under Abiy Ahmed's Regime
ONM-ABO December 29, 2024
In the Horo Guduru Wallaga district of Amuru, the fascist regime of Abiy Ahmed continues to commit egregious human rights violations, including extrajudicial killings. Meanwhile, in the district of Horo Buluqi, widespread violence such as torture, robbery, and arbitrary detention is being perpetrated against civilians by regime forces.
November 17, 2024: Execution in Amuru
Local residents from the town of Gobu in Amuru reported to ONM that three young men—Moti Girma, Gadafa Mokonin, and Sori Yadata—were brutally executed by regime forces. These individuals were ambushed in their sleep, and the regime's forces slaughtered them through decapitation. The victims, described by sources as hardworking individuals with no political affiliations, were murdered with impunity, following orders from higher authorities.
November 20, 2024: Robberies in Horo Buluqi
In Dacha Cabir, Horo Buluqi district, regime forces robbed local farmers of their livestock, falsely accusing them of links to the Oromo Liberation Army to justify their actions. The reported thefts include:
1. Sori Gissa - 30 livestock
2. Idosa Furi - 16 livestock
3. Diaa Galalcha - 15 livestock
A total of 61 livestock were seized and taken to military camps, leaving the farmers devastated. These civilians, like others, had no known affiliations with any political party or group.
Widespread Violence Across Oromia
Across the Oromia region, the regime has intensified its campaign to suppress Oromo nationalism and identity. Military forces, known for their lack of discipline, have been deployed to intimidate, harass, kill, rob, and arrest civilians at will.
Despite these atrocities, local residents and observers suggest that such actions will hasten, rather than prevent, the collapse of Abiy Ahmed's regime. The regime’s reliance on violence to suppress dissent underscores its desperation and weakening grip on power.
The international community must not ignore the ongoing human rights violations in Oromia and should hold the perpetrators accountable for their actions.
Duula Cichoomina Kaayyoon Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Lixa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa Keessatti loltoota PP 250 ol ajjeesuun reejimetii tokko barbadeessee meeshaa guddaa Dishqaa irraa hiikuun barame
ONM-ABO Muddee 28,2024
Gootichi dirree qabsoo WBOn, Oromoo bilisoomsee Oromiyaa walaboomsuuf onnatee qabsoo hidhannoon waraana garboomsaa impaayera Itoophiyaa Abiy Ahimediin geggeeffamu irratti taasisaa jiru jabeessuun Kibxata darbe Muddee 24,2024 irraa qabuun guyyaa 5ffaa Duula Cichoomina Kaayyoo waraana faashistii PP irratti labsee injifannoo cululuqaa irratti galmeessaa jira.
Duula waraanaa zoonii waraanaa WBO hunda keessatti labsamee guyyaa 5ffaa lakkoofsise kanaan guyyaa har'aa Muddee 28,2024 jajjabeen WBO zoonii giddu galeessaa Lixa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa ganda Karkarreessaa mooraa waraana maafi'aa PP 2 irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen hedduu ajjeesee meeshaalee waraanaa adda addaa irraa hiikachuun harkanis qabee irree jabina isaa itti agarsiisee jira.
Rukuttaa jabaa gootichi abdii Sabaa mooraa waraana PP Nagoobee fi Dheebisaa Hangaasuu irratti raawwateen loltootni Abiy Ahimed 25O ol yoo duutu 62 madooftee 50mni harkaan qabamtee jirti.
Dugda diinaa irra hiikuu, lolee harka kennachiisuu, irraa hiikuu fi kaayyootti cichuu kan beeku baattoon imaanaa goototaa Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irraa
Dishqaa 1
Bireena 3
Isnaayippera 2
AKM 220
Rasaasa AKM fi PKM 10,000
Boombii 100
Jorooroo bireenaa 6 fi
Hidhannoo hiikuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Injifannoon uummata Oromoof!
በምስራቅ አርሲ ዞን የብልፅግና ወኪሎች ሰላማዊ ዜጎችን እያሰሩ እና ብዙ ገንዘብ እየዘረፉ እንደሚገኙ ዘገባዎች አመልክተዋል።
ታህሳስ 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የብልፅግና ቡድን ከኢምፓየር ኢኮኖሚ ውድቀት ጋር በተገናኘ የተለያዩ ምክንያቶችን በመጥቀስ የኦሮሞን ህዝብ እየዘረፈ ህይወቱን እያጨለመ ነው።
በዚህም መሰረት በምስራቅ አርሲ ዞን ጉና አውራጃ የሚገኘው የፒ.ፒ. ሰው በላ አገዛዝ ንፁሀን የኦሮሞ ብሄርተኞችን እያደኑ እና እያሰረ ከፍተኛ ገንዘብ እየዘረፈ ነው።
የጥቃቱ ሰለባ ከሆኑት መካከል:-
- 40,000 ብር ከናስር መሀመድ አማን እና
- ከኡካሻ ሸምስዲን 80,000 ብር ወስደው እንደለቀቋችው ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እነዚህ ሰዎች በምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ ያልተሳተፉ እና በኦሮሙማ ስም ብቻ ስቃይ ደርሶባቸዋል።እናም ብዙ ስማቸው ያልተጠቀሰ ሰዎችም ከእስር እንዲፈቱ ከፍተኛ ገንዘብ እየከፈሉ መሆናቸውንም አክለዋል።
በምስራቅ ሸገር ዞን ቦራ ወረዳ የአብይ አህመድ ወታደሮች አንድ ወጣት መግደላችው ተገለፀ።
ታህሳስ 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በታህሳስ 24 ቀን 2024 ዓ.ም ለኦሮሞ ህዝብ ደም ስግብግብ የሆኑ የኢትዮጵያ ኢምፓየር ወታደሮች ፈዮ ሲማን ከቤቱ አውጥተው ዘግናኝ በሆነ መንገድ ተኩሰው እንደገደሉት ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ገልፆዋል።
ወጣቱ ምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ እንዳልተሳተፈ እና ጀግናው የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በአላማ ፅናት ዘመቻ ስም በመንደሩ በወሰደው እርምጃ ከፍተኛ ጉዳት ስለደረሰባችው የስርዓቱ ተላላኪዎች እንደገደሉት ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በቄለም ወለጋ ዞን በግዳሚ ወረዳ የብልፅግና ወታደሮች እርስ በርሳቸው በመተኮኮስ እየተገዳደሉ ይገኛል።
ታህሳስ 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በቄለም ወለጋ ዞን ግዳሚ ወረዳ በጊሪዪ ሶንካ መንደር ውስጥ በታህሳስ 25 ፥ 2024 ዓ.ም አመሻሽ ላይ የብልፅግና ጦር በብሄር በመከፋፈል በከፈቱት ተኩስ አንድ የኦሮሞ ብሄር ተወላጅ የአማራ ብሄር ተወልጅን በመግደል መሳሪያውን በመያዝ የብልፅግናን ካምፕ ለቆ ማምለጡን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
ድርጊቱ የተፈፀመው በጊራዪ ሶንካ መንደር በሚገኘው የኤፍቲሲ ካምፕ ውስጥ መሆኑን የገለጹት ምንጮቻችን ካምፑ ውስጥ የቀሩት የብልፅግና ወታደሮች ያመለጠው አባል የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን አምጥቶ ያጠቃናል” በሚል ፍርሀት ውስጥ መግባታችውን ምንጮቻችን አክለው ገልጸዋል።
የዘር ጥላቻው በብልፅግና ካምፕ ውስጥ ተጠናክሮ የቀጠለ ሲሆን በታህሳስ 23 ቀን 2024 ዓ.ም በአንፊልሎ ወረዳ በሴርቱሚ ከተማ በብልፅግና ካምፕ ውስጥ በደረሰ የተኩስ ልውውጥ 2 ሰዎች ሲገደሉ 3 ሰዎች ቆስለዋል።
የፒፒ የማፍያ ጦር በምዕራብ ወለጋ ዞን በሰላማዊ ዜጎች ላይ የሚፈጽመውን ግድያ አጠናክሮ ቀጥሏል።
ታህሳስ 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በታህሳስ 26 ቀን 2024 ዓ.ም የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደሮች በምዕራብ ወለጋ ዞን ቆንዳላ ወረዳ ኮሊ ቻርጳ መንደር ጃፋር ብርሀኑ የተባለውን ንፁህ ሰው በጥይት ተኩሰው መግደላቸውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ ግለሰቡ ምንም አይነት ፖለቲካ ውስጥ ያልገባ እና በአካባቢው ማህበረሰብ ዘንድ ተወዳጅ እና የተከበረ ሰላማዊ ሰው ነበር።
በተጨማሪም በታህሳስ 20 ቀን 2024 ዓ.ም በቤጊ ወረዳ በሆሮ ዶንጎሮ መንደር የህብረተሰቡን ስነምግባር እና ጨዋነት የማያውቁ ወታደሮች የሙሉ ወንጌል ቤተክርስቲያን ሰባኪ ፓስተር ተፈሪ Dhaabaaን ተኩሰው ያለ ምንም ጥፋት መግደላችውን ምንጮቻችን ተናግረዋል።
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti loltoonni Abiy Ahimed jiraattota hidhuu fi saamuu akkaan cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 28,2024 Godina Horroo Guduruu aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Gooban keessaa Muddee 25,2024 namoota maqaan isaanii:
- Aadde Miimmii Bookaa fi amaatii ishee Aadde Kooranii Gabbisaa,
- Kuulanii Qaqqabaa,
- Yashii Jilmaa,
- Asteer Qixxeessaa fi obboleettii ishee Taliilee Qixxeessaa jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee mana isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Gooban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Jiraattotni namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta'uu himuun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa "isin maatii qabsaa'otaati" jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees aanichuma ganda Baddaa Warqee jedhamu keessaa ammoo Muddee 24,2024 nama maqaan isaa Darajjee Araarsoo Fiixee jedhamu jalaa boqqolloo lafa hektaara 2 irraa cabee osoo hin calleeffamin walitti qabamee Ooyiruu irra jiru saamanii konkolaataatti fe'atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Tiksitoonni impaayerattii Kibba Lixa Shaggar keessatti saamicha qabeenyaa dabalatee dararaa uummata irratti raawwatan jabeessan
ONM-ABO Muddee 28,2024 Ilmaan Oromoo ajjeesuu, saamuu, hidhuu qe'ee irraa godaansisuu malee guyyaa tokkoof boqotee kan hin beekne bulchiinsi abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa Bilxiginnaan nageenya uummataa burjaajessuun hawaasa nagaan mana isaa jiraatu goolaa oola.
Maqaa namoonni keessaa hin qabne itti maxxansuun adamsee hiraarsuu kan amaleeffate bulgichi murna PP gochoota diinummaa isaa ittuma fufuun dararaaf uummata saaxilaa jira.
Muddee 26, 2024 Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu irraa ba'uun aanaa Baachoo ganda Jaatoo keessatti nama maqaan isaa Obbo Urgeessaa Gabbisaa jedhamu abbaa maatii 3 kan ta'e jalaa maqaa Waarana Bilisummaa Oromoo nyaachifta jedhuun ganama sa'atii 12:00'n mana isaatti ajjeesuuf gaafa deeman lubbuu isaa baafachuuf manaa oggaa baqatu horii 5 fi farda tokko akkasumas gaarii tokko jalaa fudhatanii gara magaalaa Baantuutti deeman.
Qotee bulaan Oromoo qabeenyi isaa saamame kun nama siyaasa kam irraa bilisa ta'e yoo ta'u, ergamtootni bilxiginnaa immoo Oromummaa isaa qofaaf akka saaman jiraattoonni Onichaa ONM'tti himan.
ታህሳስ 28-2024 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Oduu Galgala ONM-ABO Muddee 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Erga bidiruun godaantotaa Morookoo qarqara lixeen booda godaantotni 69 du'uun barame
ONM-ABO Muddee 28,2024 Mudde 19 bidiruun tokko qarqara galaanaa bishaan naannoo Morookoo irraa erga liqimfamtee booda godaantota Maalii 25 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 69 du’uu ibsi mootummaa Maalii baase ni addeessa.
Ministirri lammiilee Maalii biyya alaa jiraatanii fi ida’amuu Afrikaa obbo Moosaa Ag Attaher ibsa kennaniin bidiruun yeroof godaantonni kun irra deemaa turan lammiilee Maalii dabalatee lubbuu namoota hedduu galaafateera.
“Dargaggoonni Maalii 25 akka nama dhibetti namoota miidhaman keessaa sirnaan adda baafamaniiru,’’ jedha ibsichi.
Doonii godaantootaa imaltoota 80 geejjiba turte kanaan yoo xiqqaate namoonni 69 du'uun isaanii gabaafameera. Namoonni lubbuun hafan 11 lammiilee Maaliiti.
Waldhabdeen waggoota kurnan lamaan darbaniif ture, hiyyummaa fi hoji dhabdummaan dargaggoonni dhibbaan lakkaa’aman Sahel fi kutaalee ardii kanaa biroo irraa karaa bishaanii gara Ispeeniifi boodarra biyyoota dhihaa birootti imaluun jireenya fooyya’aa barbaaduuf daandii du’aaf nama saaxilu qabatanii akka deeman dirqisiisa jechuun Doochii Waleen gabaaseera.
Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessaa hidhattoota sirnichaan namoonni nagaan 4 mana jireenyaa isaanii keessaa ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifaman.
ONM-ABO Muddee 29,2024 Bara bulchiinsa mataa nafxanyootaa Koloneel Abiy Ahimed keessa Oromummaan qofti yakka ta'uun ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa, wallaalaa fi beekaan osoo hin hafne hidhattoota sirnichaan gochoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti geggeeffamaa oola.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Wajiiree keessaa Muddee 20,2024 halkan keessaa toora sa'atii 1:00'tti hidhattootni sirnichaa namoota nagaa 4 kan maqaan isaanii Huseen Mohammad Ibraahim,
Aliyyi Mahammad Aliyyi,
Ammad Umar Aliyyii fi
Mahammad Adam Ibraahim kanneen jedhaman mana jireenyaa isaaniitti itti marsanii iddoo isaan hirriba rafaa jiranii maatii isaanii biraa ukkaamsanii garmalee reebuun qabanii deemanii achi buutee dhabamsiisaniiru.
Ergamtootni murna maafi'aa PP kun halkan namoota kanneen mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuuf jiran kana toora sa'a 6:00'tti gandicha kan marsan yoo ta'u, hidhattoota sirnichaa kanneen keessatti kan argamu ergamaa bilxiginnaa waggoota baay'eedhaaf uummata Oromoo aanaa Harxummaa Fursee irratti gochoota suukkaneessaa raawwatee raawwachiisaa jiru dabalateeti.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti hidhaan loltoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatu cimee itti fufe
ONM-ABO Muddee 29,2024 Kutaalee impaayerattii cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa "hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu" jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamuun dararaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa jedhamu keessaa Muddee 25,2024 namoota maqaan isaanii:
- Abdallaa Muktaar,
- Maammuddiin Abiraahim,
- Jaafar Abiraahim,
- Abdurrazaaq Suufiyaan,
- Faaraan Abdul Jaliil,
- Fu'aad Aliyyii,
- Fakiyaa Aliyyii,
- Maammed Abduramaan fi kanneen biroo hedduu ta'an loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM'tti himan.
Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta'an, ergamtoonni sirnichaa ammoo "meeshaa waraanaa qabdan fidaa" jechuun hidhanii garmalee dararaa kan jiran ta'uun itti dabaluun ibsameera.
#DuulaCichoominaKaayyoo
WBO'n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti diina du'aa fi madoon adabeera
Kaleessa Muddee 28,2024 iddoo addaa Gaggabee fi Kurfaa jedhamutti ganama sa,a 1:00 irraa eegaluun tarkaanfii waraana faashistii PP irratti taasiseen loltoota murna bilxiginnaa 9 ajjeesuun 7 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Qophii Addaa ONM-ABO Muddee 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
#DuulaCichoominaKaayyoo # Guyyaa 6ffaa
ONM-ABO Muddee 29,2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufuun ganama har'aa barii barraaqaan Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Ambaalloo Diillaa keessatti du'aa fi madoon adabaa jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የናሳ መንኩራኩር 6.1 ሚሊዮን ኪሎ ሜትር ወደ ፀሐይ በመጠጋት ታሪክ ሠራች።
ታህሳስ 28 ፥ 2034 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (PNM - ABO).
የናሳ መንኩራኩር ለመጀመሪያ ጊዜ ወደ ሙቀት በመቋቋም ወደ ፀሐይ መጠጋቷ ተሰማ።
ፓርከር ሶላር ፕሮብ የተሰኘችው መንኩራኩር ሐሙስ ምሽት ምልክት በማሳየት የፀሐይን ሙቀት ተቋቁሟ መጠጋት መቻሉን አሳውቃለች።
ናሳ እንዳስታወቀው መንኩራኩሯ ከፀሐይ 6.1 ሚሊዮን ኪሎ ሜትር ርቀት ላይ መሽከርከር እንደቻለች አሳውቋል።
ፓርከር ሶላር ፕሮብ ለቀናት ከግኝኑት ውጭ ሆና መቆየቷ የናሳ ሳይንቲስቶችን አሳስቦ ነበር።
መንኩራኩር የፀሐይን ከፍተኛ ሙቀት እና ጨረር መቋቋም መቻሏ ፀሐይ እንዴት ነው የምትሠራው የሚለውን ለመረዳት ጠቀሜታ እንዳለው ተመራማሪዎች ይናገራሉ።
የናሳ ድረ-ገፅ መረጃ እንደሚጠቁመው መንኩራኩሯ 692 ሺህ ኪሎ ሜትር በሰዓት በመጓዝ 980 ሴልሲዬስ የሆነ ሙቀት ተቋቁማ አልፋለች።
የአሜሪካው የሕዋ ምርምር ተቋም መንኩራኩር በታሪክ ለመጀመሪያ ጊዜ ነው ወደ ፀሐይ የመጠጋት ሙከራ ያደረገው።
ፓርከር ሶላር ፕሮብ በአውሮፓውያኑ 2018 ነው ወደ ሶላር ሲስተም ማዕከላዊ ክፍል ያቀናችው።
መንኩራኩሯ እስካሁን 21 ጊዜ ፀሐይን የዞረች ሲሆን በየወቅቱ ወደ ፀሐይ ስትጠጋ ቆይታለች። በአውሮፓውያኑ ገና ዋዜማ ግን ከምን ጊዜውም በላይ ወደ ፀሐይ በመጠጋት ታሪክ ፅፋለች።
የናሳ የሳይንስ ክፍል ኃላፊ ዶ/ር ኒኮላ ፎክስ እንደሚሉት ይህ ርቀት በጣም የበዛ ቢመስልም በንፅፅር እጅግ ቅርብ ነው።
"እኛ ከፀሐይ 93 ሚሊዮን ማይል ርቀት ላይ ነው የምንገኘው። ለምሳሌ ፀሐይ እና መሬት አንድ ሜትር ርቀት ላይ ቢሆኑ ፓርከር ሶላር ከፀሐይ 4 ሴንቲ ሜትር ርቀት ላይ ነው ማለት ነው። ይህን ያህል ቅርብ ነው" ይላሉ።
መንኩራኩሯ ወደ ፀሐይ ስትጠጋ 1400 ዲግሪ ሴንቲግሬድ ሙቀት ተቋቁማ ነው። የፀሐይ ሙቀት የመንኩራኩሯን ክፍሎች የማቅለጥ ኃይል አለው።
ፓርከር ሶላር 11.5 ሴንቲሜትር ስፋት ባለው ካርበን-ኮምፖሲት የተሸፈነች ቢሆንም ዓላማዋ ቶሎ ገብቶ መውጣት ነው።
መንኩራኩሯ የሰው ልጆች ከሠሯቸው ቁሶች እጅግ ፈጣን ስትሆን በሰዓት 430 ሺህ ማይል ትጓዛለች። ይህ ማለት ከለንደን ኒው ዮርክ በ30 ሰከንድ እንደመጓዝ ነው።
ሳይንቲስቶች፣ መንኩራኩሯ ኮሮና በተባለው በትልቋ ኮከብ የውጭኛው ክፍል አልፋ ለዘመናት ያልተፈታ ጥያቄ ምላሽ ታስገኛለች የሚል ተስፋ አላቸው።
"ኮሮና በጣም በጣም ሞቃት ነው። ለምን እንዲህ ሞቃት እንደሆነ የምናውቀው ነገር የለም" ይላሉ የፊፍዝ ሰታር ላብስ የጠፈር ተመራማሪ የሆኑት ዶ/ር ጄኒፈር ሚላርድ።
"የፀሐይ ሙቀት 6 ሺህ ሴልሺየስ አካባቢ ነው። ነገር ግን ኮሮና የተባለው የውጭኛው ክፍል በፀሐይ ግርዶሽ ጊዜ የምናየው ሲሆን ሚሊዮን ዲግሪዎች ሊደርስ ይችላል። የሚገኘው ከፀሐይ ራቅ ብሎ ነው። እንዴት ነው ይህ ከባቢ ሞቃት የሚሆነው?"
ከዚህ በተጨማሪ ሳይንቲስቶች 'ሶላር ዊንድን' ለመረዳት ሙከራ ያደርጋሉ። ሶላር ዊንድ ከኮሮና የሚመነጭ ነው።
ይህ ሶላር ዊንድ ከመሬት 'ማግኔቲክ ፊልድ' ጋር ሲዋሀድ አውሮራ የተባለውን ሰማይ ላይ የሚያበራ ብርሃን ይሰጣል።
ይህ የሕዋ የአየር ሁኔታ የተባለ ሒደት ኤሌክትሪክ ማመንጫዎችን፣ ኤሌክትሮኒክስ እና የኮሚዩኒኬሽን ሥርዓቶችን ሊያውክ ይችላል።
"ሐይን መረዳት፣ ሒደቱን ማወቅ፣ የሕዋ የአየር ሁኔታ እና ሶላር ዊንድን መገንዘብ መሬት ላይ ለምንኖር ሰዎች እጅግ አስፈላጊ ነው" ይላሉ ዶ/ር ሚላርድ።
በሰሜን ኦሮሚያ ወሎ ዞን በሃርጡማ ፉርሴ ወረዳ የገዥው ቡድን ታጣቂዎች ጤና ኬላን ዘርፈው የጤና ባለሙያዎችን መደብደባችው ተገለፀ።
ታህሳስ 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የኦሮሞ ህዝብ በብልፅግና የሚፈፀመው ግድያ፣ እስራት እና ሰቆቃ ሊያደናቅፈው እንደማይችል ሲያውቅ ሰው በላው የፒ.ፒ. ስርዓት ታጣቂዎች በሁሉም የህዝብ አገልግሎት መስጫ ሆስፒታሎች ውስጥ መድሀኒት ዘርፈው የጤና ባለሙያዎችን ከሆስፒታል በማባረር ህብረተሰቡን ለተለያዩ ችግሮች አጋልጧል።
ታህሳስ 25 ቀን 2024 ዓ.ም ከምሽቱ 1፡00 ሰዓት በሰሜን ኦሮሚያ በወሎ ዞን ሃርጡማ ፉርሴ ወረዳ የአገዛዙ ታጣቂዎች በወረዳው ቆሪ መንደር የሚገኘውን ጤና ጣቢያ መድሀኒት ዘርፈው ይህ ዘገባ እስከተጠናቀረበት ድረስ በጤና ባለሙያዎች ላይ ከፍተኛ ድብደባ አድርሷል።
በሃርጡማ ፉርሴ ወረዳ የቆሪ መንደር ነዋሪዎች በሰጡት አስተያየት የመንደሩ የሀገር ሽማግሌዎች የብልፅግና ቡድን ሚሊሻዎች ዘንድ በመሄድ የጤና ባለሙያዎችን እየደበደቡና እያባረሩ መድሃኒት እየዘረፉ ሆስፒታሎችን ወደ ወታደራዊ ካምፕነት ሲቀይሩ ፥ነዋሪዎች የት እንታከማለን ብለው ሲጠይቁ በጨፋ ሮቢት ከተማ መታከም ትችላላችሁ እኛ እዚህ እስካለን ድረስ ምንም አይነት ችግር ቢያጋጥማችሁ ለእናንተ ግድ አንሰጥም በእኛ ላይ ችግር ቢደርስ በእነዚህ ሆስፒታሎች አካባቢ ያሉ ሰዎች ሁሉ ተጠያቂ ናችሁ በማለት ማስፈራራታችውን ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በምዕራብ ጉጂ ዞን ቀርቃ ወረዳ የብልፅግና ወኪሎች በሰላማዊ ሰዎች ላይ እየፈጸሙት ያለው ዘረፋ እና እስራት ቀጥሏል
ታህሳስ 28 ፥ 2024 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የብልፅግና ተላላኪዎች በኦሮሞ ሕዝብ ላይ ልዩ በሆነ መንገድ ኢኮኖሚውን ለማጥፋት ሲሉ ከመጠን ያለፈ ዘረፋና ግፍ አባብሰዋል።
የቀርቃ ወረዳ ነዋሪዎች በብልፅግና ጦር ተደጋጋሚ ዝርፊያ እየተፈፀመባቸው ሲሆን በአሁኑ ወቅት በመንግስት ገቢዎች እና በአባ ገዳ ስም እንደ ኢጉ አባዪ ፣ አብዲ ቦሩ ፣ ደበቃ ፥ ጋሌሳ ሶኬ እና ጋሌሳ ዲቢሳ በመሳሰሉት መንደሮች ከመጠን ያለፈ ዘረፋ እየፈጸሙ ነው። እና ሌሎች በርካታ ማህበረሰቡ ከፍተኛ ስቃይ እየደረሰባቸው ነው ሲሉ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti loltoonni Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 28,2024 Ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa dargaggoota Oromoo akka bineensaatti adamsuun yoo fedhan ajjeesaa, hidhaa akkasumas gara leenjii waraanaatti jumlaan guuraa jiru.
Magaalaa Jimmaa keessaa torban darbe keessa dargaggoonni hedduun jumlaan ukkaamfamuun hidhaatti guuramaa kan turan yoo ta'u, isaan keessaa kan maqaan nu ga'e muraasni:
- Amaddiin Abbaa Tamaam,
- Bulii Abbaa Naggaa,
- Amiir Yesuuf,
- Seefuu Raayyaa,
- Maammadoo Gurmeessaa,
- Saalim Muddiin fi kanneen biroo hedduu ta'an torban tokkoo oliif gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanaa tokkoffaa magaalaa Jimmaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoonni kunneen deggertoota paartii siyaasa kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkamuun hiraarfamaa kan jiran ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.
Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Guutoo Giddaa fi Jimmaa Arjoo keessatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 28,2024 Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Dugda Dheeraa jedhamu keessaa Muddee 26,2024 nama maqaan isaa Obbo Geetuu Bantii jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee mana jireenya isaatii ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Kana malees godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa keessaas guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:
- Raagaa Kitilaa,
- Birraatuu Kitilaa,
- Sooree Surraa,
- Waggaarii Dhiibbaa,
- Taaddasaa Siraataa fi kanneen biroo hedduu ta'an osoo isaan dhukkubsataa gara ganda Sabbaduree jedhamutti yaalaaf geessaa jiranii gibiraa kaffalaa jechuun ukkaamsanii hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM'f eeran.
Oduu saamichaan ammoo torbee kana keessa Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaa keessatti sababa maqaan isaa hin beekamneen mana jiraattota maraa irraa nama tokko irraa qarshii 200 humnaan funaansisaa jiraachuu jiraattoonni rakkoon kun irra ga'aa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Muddee 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gabaasa tarkaanfii ONM-ABO Muddee 28-2024 itti dhiyaadhaa!
Duula Cichoomina Kaayyoon Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Lixa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa Keessatti loltoota PP 250 ol ajjeesuun reejimetii tokko barbadeessee meeshaa guddaa Dishqaa irraa hiikuun barame
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Duula Cichoomina Kaayyoon Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Lixa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa Keessatti loltoota PP 250 ol ajjeesuun reejimetii tokko barbadeessee meeshaa guddaa Dishqaa irraa hiikuun barame
ONM-ABO Muddee 28,2024
Gootichi dirree qabsoo WBOn, Oromoo bilisoomsee Oromiyaa walaboomsuuf onnatee qabsoo hidhannoon waraana garboomsaa impaayera Itoophiyaa Abiy Ahimediin geggeeffamu irratti taasisaa jiru jabeessuun Kibxata darbe Muddee 24,2024 irraa qabuun guyyaa 5ffaa Duula Cichoomina Kaayyoo waraana faashistii PP irratti labsee injifannoo cululuqaa irratti galmeessaa jira.
Duula waraanaa zoonii waraanaa WBO hunda keessatti labsamee guyyaa 5ffaa lakkoofsise kanaan guyyaa har'aa Muddee 28,2024 jajjabeen WBO zoonii giddu galeessaa Lixa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa ganda Karkarreessaa mooraa waraana maafi'aa PP 2 irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen hedduu ajjeesee meeshaalee waraanaa adda addaa irraa hiikachuun harkanis qabee irree jabina isaa itti agarsiisee jira.
Rukuttaa jabaa gootichi abdii Sabaa mooraa waraana PP Nagoobee fi Dheebisaa Hangaasuu irratti raawwateen loltootni Abiy Ahimed 25O ol yoo duutu 62 madooftee 50mni harkaan qabamtee jirti.
Dugda diinaa irra hiikuu, lolee harka kennachiisuu, irraa hiikuu fi kaayyootti cichuu kan beeku baattoon imaanaa goototaa Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irraa
Dishqaa 1
Bireena 3
Isnaayippera 2
AKM 220
Rasaasa AKM fi PKM 10,000
Boombii 100
Jorooroo bireenaa 6 fi
Hidhannoo hiikuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Injifannoon uummata Oromoof!
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti loltoonni PP lammiilee nagaa hidhuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Muddee 28,2024 Gama isaaf danda'ame maraan Oromoof Oromiyaa balleessuuf dhama'aa kan jiru Bilxiginnaan, ergamtoonni isaa kutaalee impaayerattii hunda keessaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu, ajjeesuu fi dararuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Gidaamii ganda Afteer Saamboo bakka addaa Goloo jedhamu keessaa Muddee 22,2024 shamarree Leeliyyaa Muusaa jedhamtu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM'f eeran.
Maddeen shamarreen kun siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu eeruun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu dubbatan.
Gandicha keessatti yakkoonni farra namoomaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwatu kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.