Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni goolessaan Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuun dhagaa'ame.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Murni Bilxiginnaa tuffii fi jibbiinsa uummata Oromoof qabu uummata aadaa, seenaa, duudhaa, fi eenyummaa gaarii qabuun addunyaaf fakkeenya guddaa ta'e ilmaan isaa jalatti adamsee ajjeesuun duguuggaa sanyii irratti raawwachuu cimsee itti fufee jira.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal'inaa bakka addaa Warra-Shukkaaree jedhamutti Muddee 31,2024 abbaa maatii kan ta'e nama maqaan isaa Obbo Miidhagsoo jedhamu gara laafina tokko malee waraanni maafiyaan PP maqaa ati deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ajjeesuun ibsameera.
Akka jiraattonni jedhanitti, erga lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhuun baadiyyaatti bobbaafamuu eegalanii kaasee sarbamiinsi mirgoota namoomaa maqaa ati;
• deggeraa WBOti, ni soorta, daandii agarsiista, hojiilee loojistikii hojjechuun caasaalee keenya diigdaa fi kanneen biroo gochoota uummanni hin qabneen yakkanii, hidhuu, saamuu, manneen gubuu fi ajjeesuun daranuu baatilee 3'n darbanii kaasee haalaan cimee jira jechuun jiraataan onichaa yaaddoo nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko ONM'f eereera.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii fi Baakkoo Tibbee keessatti Lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu, hidhuu, reebuu fi doorsisuu hammeessan.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo jedhamu keessaa Muddee 30,2024 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Dirribaa Dhaabaa jedhamu jalaa loon 2 saamuun, haadha warraa isaa Aadde Taatuu kan jedhamtu ammoo hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees godinuma kana aanaa Baakkoo Tibbee ganda Waladii Soomboo Disaasaa iddoo addaa Jilee jedhamu keessaa Muddee 30,2024 maqaa "Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiste" jedhuun nama Obbo Goobanaa Dinqiisaa Tarfaa jedhamu jalaa loon 3 saamuun, intala isaa Shiibirree Goobanaa jedhamtu ammoo "bakka loon keessan jiran nu geessi" jechuun manaa ukkaamsanii bosonatti geessuun akka horiitti wadaroo( funyoo) morma isheetti kaa'anii reebicha hamaa irraan gahuun dararaa kan turan ta'uu maddeen himan.
Muddee 31,2024 aanichuma ganda Jaarsoo fi Biloof Ceekuu jedhaman keessaa jiraattota hunda waltajjii waamuun, "qarshii keessaniin qawwee bitachuun leenjii milishummaa fudhattanii WBO loltu" jechuun doorsisaa kan turan ta'uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
#DuulaCichoominaKaayyoo
WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Hambaa aanoolee dheengaddaa Muddee 31, 2024 Baha aanaa Jajjuu ganda Shooshaati diina maqaa sakattaa WBO jechuun bobbate tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen hedduu du'aa fi madoon adabuun imala ishee fashalsee of boodaa deebisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof❗
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waraanni fi dabbaloonni PP horii uummataa saamuun beekame
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Murni garboomfataan dabaree dabareen Oromoo fi Oromiyaa konoleeffachaa turan qabeenya ilmaan Oromoo saamuun tarsiimoo godhatanii akka madda dinagdeetti itti fayyadamaa umurii barcuma isaanii dheereffachaa har'a ga'anii jiru
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu ganda Siddaan jedhamu keessatti Muddee 22,2024 irraa eegalee hanga har'aatti waraanni fi dabbaloonni PP wal-ta'uun horii uummata Oromoo saamuun, gariin qalatanii nyaachuun gariin ammoo ooffatanii gara magaalaa aanaa Amuuruutti geeffachuun beekameera.
Namoota horiin jalaa fudhatame keessaa muraasni;
•Obbo Kabbadaa Soorii
•ObboTafarraa Babaa
•Obbo Dhaabaa Raggaasaa
• Obbo Zallaqaa Lamuu fi
•Obbo Duulaa Xarraqaa kanneen jedhaman jalaa horii baay'inni isaa 57 ol ta'u jalaa ooffachuun ibsameera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni Bilxiginnaa alkoolii dhuganii machaa'uun dargaggoo tokko rasaasaan madeessuun himame
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Saayinsii fi naamusni waraanummaa hanguma xurii qeensaa illee kan irraa hin calaqqisne loltoonni Koloneel Abiy Ahimed, abbaa irrummaa sirnoota darban dhaalaniin Uummata Oromoo qe'ee isaa irratti mirga lubbuun jiraachuu irraa mulquun miidhaa hangana hin jedhamne geessisaa jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaaddisa Odaa jedhamu keessaa Muddee 29,2024 dargaggoo Shamsaddiin Abdallaa Yesuuf jedhamu ergamtoonni sirnichaa waan inni quba hin qabneen yakkuun rasaasaan mataa isaa keessa rukutanii madoo ulfaataa irraan ga'uun, yeroo ammaa kanas Hospitaala magaalaa Ukkee keessatti du'aa fi jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni gandichaa ijaan argan ONM'tti himan.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoo Shamsuun siyaasa kam irraa walaba ta'uu eeruun, innis dalagaa irra oolee osoo gara manaatti galaa jiruu itti gaafatamaa dhimma nageenyaa gandichaa kan ta'e namni maqaan isaa Mulgeetaa jedhamu alkoolii dhugee machaa'uun naasuu tokko malee Piistoo itti dhukaasuun madeessuu ONM'f eeranii jiru.
Oduu Waaree ONM-ABO Amajjii 2-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
WBOn Zoonii Harsadee Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa Keessatti Diina Du'aa fi Madoon adabe
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Irree fi gaachanni saba Oromoo WBO'n Zoonii Harsadee Cibraan Ereer Kormaa Duula Cichoomina Kaayyoo Milkeessuuf Amajjii 1,2025 godina Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Biitee iddoo addaa Barricha jedhamutti waraana faashistii PP ayyaana Amajjii 1 fashaleessuuf bobbaate haxxee itti hidhuun 13 ajjeesee 9 madoon adabee jira.
Ittuma fufuun gaafuma ammajjii 1 kana korommiiwwan WBO Zoonii Harsadee Baha Shaggar aanaa Adaamaa bakka Sakkalaa jedhamutti loltoota diinaa irraa 9 ajjeesee 4 madoon adabuun injifannoo goonfate jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Haleellaan Israa’el Gaazaa keessatti raawwatte yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 17 galaafate
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Haleellaan qilleensaa Israa’el mooraa baqattootaa al-Bureyij fi magaalaa Jabaliyaa giddugala fi kaaba Gaazaa irratti Roobii kaleessa raawwatte yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin 17 ajjeesuu dhaabbati oduu Falasxiin WAFA'n gabaase.
Waraanni Israa’el barreeffama X irratti barreesseen dubbi himaan isaa afaan Arabaa kanaan dura jiraattonni magaalaa al-Bureyij hidhattoota naannoo sana irraa rookkeettii dhukaasaa jiran irratti haleellaa dhiyootti raawwatamu dura akka baqatan akeekkachiisee kan ture ta’us yaada hatattamaa hin kennine.
Akkasumas halkan tokkotti hidhattoota Hamaas kan Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa gareen kun kibba Israa’el irratti raawwateen gara Kibbutz Nir Oz seenuu hoogganuudhaaf gargaare Abd al-Hadi Sabaa ajjeesuu ibseera.
Duulli Israa’el Gaazaatti lammiilee Falasxiinota 45,500 ol ajjeesuu qondaaltonni fayyaa naannoo Hamaas bulchan himaniiru. Namoonni Gaazaa miliyoona 2.3 ta’an harki caalaan isaanii qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, naannoon qarqara galaanaa xiqqaan baay’een isaa diigamee jira.
Haleellaan Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwatameen namoota 1,200 kan ajjeese yoo ta’u, namoonni 251 ammoo booji’amanii gara Gaazaatti fudhataman jedha lakkoofsi Israa’el jechuun Rooyitars gabaaseera.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo kijibaan yakkuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii qarshii hedduu gaafachuu fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta'uun ni beekama.
Jiraataa aanaa Sayyoo Noolee ganda Odaa Abboonnoo kan ta'e dargaggoo maqaan isaa Jimaa jedhamu loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira Poolisii magaalaa Dabbasootti baatii tokkoo oliif gaaffii seeraa tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun armaan duras rasaasa ergamtoota maafiyaa PP'n rukutamee qaama miidhamaa ta'uu himuun, innis roorroon itti hammaachuun gara magaalaa Dabbasootti baqatee jiraachaa kan turee fi ammas sababa tokko malee adamfamuun hidhaatti darbatamuu dubbatu.
Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa isaaniif jecha Godina Baalee Lixaa Aanaa Dinshoo keessatti uummata nagaan waliin jiraatu walitti buusaa jiraachuun ifoome.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Aangoo of harkaa qabanitti fayyadamuun dantaa sabaa irra kan isaanii eeggachuuf kan dhama'an ergamtoonni bilxiginnaa akka waan sabichaaf yaadaniitti afaan nagaa itti dubbachaa duubaan ammoo afaan qawwee itti qabuun hiraarsaa jiru.
Godina Baalee Lixaa aanaa Dinshoo ganda Mi'oo jedhamu keessatti Bilxiginnaan kan hoogganamu manni murtii onichaa uummata kanaan dura tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraatu, gaddaaf gammachuu waliin qooddatee rakkoo hedduu waliin ba'aa ture faayidaa isaaniif jecha, qonnaan bulaan tokko lafa kanaan dura gurguree yoo jiraate deeffachuu danda'a seeratu isa deggera jechuun mirga kan kennaniif oggaa ta'u, uummanni yeroo rakkoof wal biraa liqeeffatee wal jiraachisaa ture holola kanaan qabeenyaa irratti wal loluun haadha hiyyeessaa boochisaa jiraachuu maddeen ONM'tti himan.
Oduu Ganama ONM-ABO Amajjii 2-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Amajjii 1-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የአሜሪካ ግምዣ ቤት በቻይና ኮምፒውተር ጠላፊዎች "ጥቃት ደርሶበት" እንደነበር አስታወቀ ።
ጥር 1 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ለቻይና መንግሥት የሚሠራ አንድ የኮምፒውተር ሰርሳሪ የአሜሪካ ግምዣ ቤትን ጠልፎ የሠራተኞችን ኮምፒውተር እና ምስጢራዊ መረጃዎችን እንደተመለከተ የአሜሪካ ባለሥልጣናት አስታወቁ።
ይህ የሆነው በአውሮፓውያኑ ታኅሣሥ ወር መጀመሪያ ገደማ መሆኑን ግምዣ ቤቱ ለሕግ አውጭዎች በላከው ደብዳቤ አስታውቋል።
ሚኒስቴር መሥሪያ ቤቱ "በቀላሉ የማናየው" ያለው ጠለፋ ያስከተለውን ጥፋት ለመመርመር ከኤፍቢአይ ጋር እየሠራ እንደሆነ ገልጿል።
በዋሺንግተን የቻይና ኤምባሲ ቃል አቀባይ ለቢቢሲ እንደተናገሩት ወቀሳው "በሐቅ ላይ ያልተመሠረተ" እና "ተራ ጥቃት" ነው።
ግምዣ ቤቱ ፊርማው ያረፈበትን ደብዳቤ ለሕግ አውጭዎች የላከ ሲሆን በደብዳቤው መቀመጫውን ቻይና ያደረገ አካል ለመሥሪያ ቤቱ ሠራተኞች እርዳታ የሚያደርግ ሶስተኛ ወገን ድርጅትን 'ሲስተም' ጥሶ መግባት ችሏል ሲል ወቅሷል።
ሶስተኛ ወገን የተባለው ቢዮንድትረስት የተባለ ድርጅት ከኮምፒውተር ጠለፋው በኋላ 'ኦፍላይን' እንዲሆን መደረጉንም ባለሥልጣናቱ ገልፀዋል።
አክለው የኮምፒውተር ጠላፊው አሁንም የግምዣ ቤቱን መረጃዎች ማግኘት ይችል እንደሁ የሚያሳይ መረጃ የለም ብለዋል።
ግምዣ ቤቱ ከኤፍቢአይ እና ሲአይኤስኤ እንዲሁም ከሌሎች ድርጅቶች ጋር በመተባበር በኮምፒውተር ጠለፋው ምክንያት የተከሰተውን እየመረመረ ይገኛል።
እስካሁን በተሰበሰቡ ማስረጃዎች መሠረት ጠላፊው "መቀመጫውን ቻይና ያደረገ እና 'አድቫንስድ ፐርሲስተንት ትሬት (ኤፒቲ)' የተባለ መንገድ የተጠቀመ" ነው።
"በግምዣ ቤት ፖሊሲ መሠረት በኤፒቲ የሚፈፀሙ ጥቃቶች በቀላሉ የሚታዩ አይደሉም" ይላል ደብዳቤው።
ቢዮንድትረስት የተባለው ለግምዣ ቤት ተቀጥሮ የሚሠራው ድርጅት በአውሮፓውያኑ ታኅሣሥ 2 ቢጠለፍም፤ ተጠልፎ እንደሆነ ለማጣራት ሶስት ቀናት እንደወሰደበት አንድ ቃል አቀባይ ለቢቢሲ ተናግረዋል።
ቃል አቀባዩ እንዳሉት ጠላፊው የሠራተኞችን ኮምፒውተር እንዲሁም አንዳንድ ምስጢራዊ የሚባሉ መረጃዎችን መበርበር ችሏል።
ግምዣ ቤቱ ምስጢራዊ የተባሉት መረጃዎች ምን አይነት ናቸው የሚለውን ከማሳወቅ ተቆጥቧል። የኮምፒውተር ጠለፋው ለምን ያክል ጊዜ እንደቆየም አላሳወቀም።
የቻይና ኤምባሲ ቃል አቀባይ ሊዩ ፔንግዩ የግምዣ ቤቱን ወቀሳ አስተባብለው ጠላፊዎቹ ከየት መሆናቸውን ለማወቅ አዳጋች ሊሆን እንደሚችል በመግለጫ አሳውቀዋል።
"ዩናይትድ ስቴትስ በሳይበር ደኅንነት ጉዳይ ቻይና ላይ የምታደርሰውን ጥቃት ማቆም አለባት። ከቻይና የሚመነጩ ስለሚሏቸው ጠለፋዎች የሚያስተላልፉትን የተሳሳተ መረጃም መግታት አለባቸው።"
ዩናይትድ ስቴትስ በኮምፒውተር ጠለፋ ጉዳይ የቻይና መንግሥት ላይ ወቀሳ ስትሰነዝር ይህ የመጀመሪያው አይደለም ሲል ስትሬት አሮ ኒውስ አስነብቦዋል።
የፒፒ ታጣቂዎች በሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን አቤ ዶንጎሮ ወረዳ ህብረተሰቡን መግደል እና ማቁሰላቸውን ቀጥለዋል።
ጥር 1 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የአብይ አህመድ ፋሽስታዊ መንግስት ወታደሮቹን በሁሉም የኦሮሚያ ማዕዘናት በማሰማራት ዘግናኝ ድርጊቱን ከማሰር እስከ ግድያ ድረስ ሰላማዊ ዜጎች ላይ እያደረሰ ይገኛል።
በታህሳስ 30 ቀን 2024 ዓ.ም በወላጌ መንደር በአቤ ዶንጎሮ ወረዳ የብልፅግና የፋሺስት ወታደሮች በሚከተሉት ሰዎች ላይ ጥቃት ሰንዝሮዋል።
- ሙሉ ደሴ፣
- የሂንኮሳ ጉደታ እና
- ጫላ ፈይሳ የተባሉትን ኦሮሞ በመሆናችው እና "የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ደጋፊ ናችሁ በሚል ስም ብቻ በጥይት ተመትቷል" ሲሉ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እንደ ምንጮቻችን ገለጻ፣ ሂንኮሳ ጉደታ ወዲያው ህይወቱ ሲያልፍ ፥ ሙሉ እና ጫላን ማቁሰላችውን እና ለህክምና ወደ አቤ ዶንጎሮ ወረዳ ጤና ጣቢያ መሄዳችው ተነግሮዋል።
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti ergamtoonni maafiyaa PP jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Kutaalee impaayerattii hunda keessaa ergamtoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan sabboontota ilmaan Oromoo maqaa sobaa garaa garaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa jedhamu keessaa Muddee 31,2024 jiraattota maqaan isaanii:
- Addunyaa Jabanaa,
- Araarsoo Gaaddisaa,
- Alamuu Garramuu,
- Dajanee Raggaasaa,
- Shaanqoo Garramuu,
- Barasaa Lachiisaa,
- Dhaabaa Hindagatuu,
- Girmaa Abaatee fi kanneen biroo hedduu ta'an loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu kan himan maddeen, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhuu dubbatu.
Qophii Caayaa Dubartoota Oromoo ONM-ABO Amajjii 1-2025 itti dhiyaadhaa!
Qabsoo ABO-WBO taasisaa jiru,Injifannoolee WBO tibbanaa fi hirmaannaa Dubartoota Oromoo ilaalchisee Maree Jaal Hawwii Oromoo fi Jaal Wo'inisheet Alamuu waliin turti taasifna!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Gootichi WBO godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaa keessatti waraana faashistii PP du'aa fi madoon adabuun meeshaas dugda ishee irraa hiike
ONM-ABO Amajjii 02,2025 Irree fi gaachanni sabaa WBO'n Zoonii Lixaa imala Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf jijjiirraa bara haaraa Amajjii 01,2025 guyyaa WBO sababeeffachuun, Amajjii 01,2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Bareeda Sooromaa keessatti waraana faashistii PP waliin lola jabduu geggeessuun injifannoo boonsaa gonfatee jira.
Lola kanaanis humna diinaa "mooraa WBO buqqisna" jechuun godinicha aanaalee garaa garaa irraa kallattii afuriin gara gandichaatti bobbaate irratti WBO'n tarkaanfii guggubduu fudhateen hedduu du'aa fi madoon adabuun, qawwee AKM 10 dugda ishee irraa hiikee moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Tarkaanfii kana rifachuun, reeffa waraanni Bilxiginnaa bakkeetti gattee baqatte illee WBO'n ofii isaa biyyee itti deebisaa (awwaalaa) kan ture ta'uun ibsameera.
Duulli Cichoomina Kaayyoo ittuma fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa daa'imman umurii 10 gadii hidhanii dararaa jiraachuun himame
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Gara jabeeyyiin dhala namaaf naasuu tokko illee hin qabne loltoonni faashistii Abiy Ahimed, seera Idil addunyaa fi impaayerattii cabsuun ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa dhageettii gurraafuu hin tolle garaa garaa raawwachaa jiru.
Muddee 29,2024 aanaa Calliyaa ganda Tulluu Kosorruu jedhamu keessaa daa'imman umurii 9 fi 2 kan ta'an:
- Raawwii Gifii Taasuu fi
- Hiree Wadaajoo jedhaman waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa ukkaamsuun hidhanii miidhaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, daa'imman kunneen maqaa abboota keessantu bosona jira jedhuun kan hidhaman yoo ta'u, haaluma wal fakkaatuun torban tokko duras harmoolii isaanii hidhanii hanga abbootiin warraa keessan galanitti hin baatan asumatti tortortu jechuun itti dhaadachaa turuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaatti Konkolaachiftoonni Baajaajii "leenjii milishaa dirqamaan" akka fudhatan Ajajaman
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Akkaataa qajeelfama kanaatiin, konkolaachiftoonni baajaajii fi gaarii fardaa hundi ganama sa’atii 12:30 hanga 3:00'tti “leenjii tika nageenyaa” akka fudhatan ajajamaniiru. Qajeelfamni kun tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa uumeera jechuun jiraattotni magaalaa Sandaafaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni magaalattii akka himaniitti, sababa leenjii kanaatiin Muddee 27,2024 irraa kaasee hanga Amajjii 09,2025'tti konkolaachiftoonni baajaajii fi gaarii fardaa tajaajila geejjibaa kennuu dhaabaniiru.
Magaalattiitti konkolaachisaa baajaajii Leellisaa Maaruu (Maqaan sababa nageenyaaf jijjiirame) ajajni darbe kun galii guyyaa isaa irratti dhiibbaa uumuu hima. “Ani barattoota geejjibuun galii argadha. Barattoota 14 waliinan walii galtee qaba. Haa ta’uu malee, sababa leenjii milishaa kanaatiin kaayyoo koo galmaan gahuu hin dandeenye. Maamiloota kanneen nan dhaba sodaa jedhun qaba,” jedheera.
Leenjiin kun mooraa warshaa omisha meeshaa Anniisaa Aduu Sandaafaa keessatti argamu keessatti akka gaggeeffamu eeruun hayyama hojii argachuuf murteessaa akka ta’e itti himamuu Leellisaan ni dubbata. Haa ta’u malee, “sababa nageenyaatiiif” kana jedhuun alatti kaayyoon leenjichaa maal akka ta’e ifatti akka hin beekne konkolaachisaan kuni ni hima.
Konkolaachisaan biraa maqaan isaa akka hin eramne gaafate tokkos,”leenjii kana fudhachuu malee filannoo biraa hin qabu, yoon hin fudhadhu ta’e baajaajiin konkolaachisuun maatii koo bulfachuu hin danda’u" jechuun, Sababni leenjichaa ifatti akka itti hin himamin ibsuun waan itti aanee dhufu akka hin beekne kaase.
Jiraattonni Sandaafaa uggurri kun isaan naasisuu himaniiru. Uggurri kun jiireenya isaanii irratti dhiibbaa uumuu dubbatu. Lafa fageenya 3km ga'u barattoota isaanii barnootaaf geessuuf baajaajii fayyadaman dhabanii jiraachuun barameera.
“Sababa baajaajiin waliigaltee waliin qabnu hojii dhaabeef ilma koo waggaa sagalii gara mana barumsaa ofii koon geessuuf dirqame. Baajaajichi sa’atii 12:00 gurbaa koo mana barumsaa geessuuf na gaafatee ture. Haa ta’u malee, sa’atiin kun immoo baay’ee barraaqadha. Haati manaa koo deessuudha. Hojjattuu manaa qacarachuuf humna hin qabnu,” jedheera.
Gaariin fardaa magaalattii keessatti argaman leenjiii kana akka fudhatan waan ajajamaniif tajaajila akka hin kennine ugguramaniiru. “Leenjii kana fudhannee waraqaa ragaa yoo hin fudhatin hojjachuu hin dandeenyu. Leenjiin kun ganama 12:30 hanga 4:00'tti kennama,” konkolaachisaa gaarii fardaatu akkana jechuun dubbata.
Leenjii kana booda konkolaachiftoonni kunneen hojii tika nageenyaa (roondii) kan tajaajilan ta’uu abbaan gaarii kun himeera.
Naannoo Oromiyaatti leenjiin dirqamaa akkasii isa jalqabaa miti. Bifuma walfakkaatuun kutaalee Oromiyaa keessatti qonnaan bultoonni dirqamaan leenjii milishummaa fudhachaa jiru.
Qonnaan bultoonni kunneen leenjii “Gaachana Sirnaa” hin fudhatan yoo ta’e dhiyeessii qonnaa kan akka xaa’oo fi sanyii filatamaa akkka hin arganne taasifama jechuun doorsisaa jiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa(KMNI), gabaasa Muddee 2024 keessa baaseen, taateen dirqamaan leenjii waraanaatti erguu jiraachuu ibseera. Akkasumas, daa’ima waggaa 11 dabalatee rakkoon hidhaa jumlaa fi qe’ee irraa buqqisuu mudachuu eerameera. Namootni ijoolleen isaanii to’ataman gadhisiisuuf kaffaltii qarshii 20,000 hanga 100,000 gaafatamu jechuun isaa ni yaadatama.
WBO Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa halkan edaa jechuun Amajjii 1,2025 godina Arsii Baha aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuubbootti halkan sa'a 2:00 irratti itti cabsuun 13 ajjeesee 7 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi dararuu akkaan cimsanii itti fufan.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa bakkeewwan hedduutti ergamtoonni Bilxiginnaa lammiilee nagaa irratti saamicha raawwachuu hammeessuun, yeroo ammaa magaalaa Saqqaa Coqorsaa keessaa maqaa "kaffaltii gibira manaa" jedhuun mana tokkotti dirqamaan afaan qawwee itti qabuun qarshii 3600 guuraa kan jiran ta'uu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun aanichuma ganda Gibee Boosoo jedhamu keessattis gadaanaan qarshii 7,000, olaanaan ammoo qarshii 8,000 mana tokko irraa guuraa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, namni tokko mana lamaaf isaa ol yoo qabaates dachaa kaffalaa jiraachuu himuun, sanuu hawaasa qaala'iinsa jireenyaan dararamaa jiru mana hidhaatti guuruun sodaachisanii irraa saamaa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees gandicha keessatti Kaabinee Bilxiginnaa kan taate dubartii maqaan ishee Eebbisee Tottoobbaa jedhamtu jiraattota irratti gochoota safuuf duudhaa hawaasichaa cabsan garaa garaa raawwachuun dararaa hamaa irraan gahaa kan jirtu ta'uun dabalataan ibsameera.
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Algeetti loltoonni Abiy Ahimed dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuu hammeessan.
ONM-ABO Amajjii 2,2025 Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee ganda Coqorsaaf Dooyyuu jedhamu keessaa torban darbe keessa Taajuu Arabuu fi Muuzammil Arabuu dargaggoota jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta'uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo "siyaasaaf deemtu" jechuun gandichuma iddoo addaa Dhiphaa jedhamutti qabuun waajjira gandaa Coqorsaaf Dooyyuutti hidhanii gaaffii seeraa tokko malee dararaa jiraachuu dubbatu.
Aanichatti yakkoonni farra namoomaa garaa garaa ergamtoota sirnichaa hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaachuun, jiraattonni hedduunis guyyuun gara leenjii waraanaatti jumlaan guuramaa kan jiran ta'uun ibsameera.
Qophiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaa yeroo adda addaatti karaa Facebook fi YouTube darbu akka hawaasa bal'aa bira hin geenyeef Facebook fi You tube'n isaa gubachaa fi adabamaa turuun ni yaadatama.
Rakkoo kana furuuf tattaaffii jaallan taasisaniin Facebook abbaa mallattoo ( halluu cuquliisaa ) argannee jirra.
Kanaafuu hawaasa bal'aan dhimmi Oromoo fi qabsoo isaa akka ga'uuf follow, like, share gochuun yaada qabdanis comment jalaan ykn kallattumaan ergaa nuuf barreessuun ga'ee keessan ba'achuu dandeessu. 👇
https://www.facebook.com/61560975402063/videos/575226505292435/
Sagalee Cunqurfamtootaa Arraata Biyyoossa Oromiyaa hordofaa❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Qophii Walaloo ONM-ABO Amajjii 1-2025 Itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ጥር 1-2025 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
የ85 ዓመቱ አዛውንት በምስራቅ አርሲ ዞን ሲርካ ወረዳ በብልፅግና ወታደሮች ተገድለዋል።
ጥር 1 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
አረመኔው የአብይ አህመድ የፋሽስቱ ወታደር የኦሮሞ ልጆችን ከትልቅነታቸው ውጪ በሀሰት እየከሰሱ እያሰቃያቸው ለህብረተሰቡ ይጠቅማሉ በሚል ፕሮፓጋንዳ በቃላት በማሳመን ስልጣን ከያዙ ጀምሮ በሰው ልጅ ላይ ታይቶ የማይታወቅ ነገር እያደረሱ ነው።
የ85 አመቱ አዛውንት አቶ አሎ አደም ዋዩ በሲርካ ወረዳ በቢዱ ባላ መንደር በብልፅግና ወኪሎች በጥይት ተመተው መሞታቸውን የመንደሩ ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
የመንደሩ ነዋሪዎች እንደሚሉት አዛውንቱ የትኛውንም የፖለቲካ ድርጅት የማይከተሉ እና በግል ህይወታቸው ብቻ የሚኖሩ፣ በልጆቻቸው እየተደገፉ እና እንደሌሎች ማምለጥ የማይችሉ የተከበሩ አዛውንትን ገድለው መጣላችውን ምንጮቻችን ገልጸዋል።
የፒ.ፒ. ቡድኖች በሰሜን ሸገር ዞን የህዝብ ንብረት መዝረፋችውን አጠናክረው ቀጥለዋል።
ጥር 1 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
በመንግስት ስም የግዛቱን ዙፋን የያዘው ብልፅግና ለህብረተሰቡ ቆሜያለሁ እያለ ከመጋረጃው ጀርባ የሰራዊቱን ከዳተኞች እያሰማራ ነው።
በዚህም መሰረት በሰሜን ሽገር ዞን ወረ ጃርሶ ወረዳ ፋጂ ኤጀርሳ መንደር የፍሽስቱ ሰራዊት 200 የቀንድ ከብቶችን መውሰዱን ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ገልጸዋል።
በዚሁ ወረዳ በDhahee ዊሊንጮ መንደር በኩዩ ወረዳ እህል በኃይል አምጡ በማለት በ80 አህዮች ጭነው ወደ ኩዩ ከተማ እንደደረሱ ነዋሪዎች ተናግረዋል።
ይሁን እንጂ የወረዳው ነዋሪዎች አክለውም በፒፒ ቡድኖች እየተሰቃዩ ነው።
በምዕራብ ሀረርጌ ዞን የብልፅግና ቡድን ሚሊሻዎች በሀቦሮ እና ጉባ ቆሪቻ ወረዳዎች ዘረፋ እና ንፁሀንን ማሰቃየት ላይ ይገኛሉ።
ጥር 1 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
የብልፅግና አንጃ የኦሮሞን ህዝብ መግደል፣ መዝረፍ፣ ማሰር እና ማፈናቀል መተዳደሪያቸው ነው።
በዚህም መሰረት በምዕራብ ሀረርጌ ዞን የሀቦሮ ወረዳ 16 መንደሮች ህዝቡን ሲዘርፉ፣ ሲያስሩ፣ ሲገድሉ እና ሲደፈሩ የነበሩ 2 ሚሊሻዎች ታህሳስ 29 ቀን 2024 ዓ.ም አብደላ ኢብራሂም በተባለው ግለሰብ ላይ በወሰዱት እርምጃ ከባድ ጉዳት ደርሶበታል። አሁን በሞጋ ሆስፒታል ህክምና እየተደረገለት ቢሆንም በሞት እና በህይወት መካከል እንደሚገኝ ምንጮቻችን ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
በተመሳሳይ በጉባ ቆሪቻ ወረዳ ሃርዲም በተባለው አካባቢ አንድ ወጣት ንብረቱን ሊዘርፉ በመጡት ሁለት ሚሊሻዎች ላይ ጥቃት ሰንዝሮ አንደኛው ወዲያው ሲሞት ሌላኛው ቆስሎ እንደሸሸ የአካባቢው ነዋሪዎች ተናግረዋል።