Godina Kaaba Shaggar keessatti saamichi hamaan milishoota murna Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti godhamu kan duraa irra daran hammaatee itti fufee jira
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Murni garboomfataan bara dhufaa darbaa barcuma siyaasaa wal harkaa fudhatu qabeenya Oromiyaa saamuu irra darbee qabeenya xiqqaa ilmaan Oromoo of harkaa qaban sodaachisee humnaan irraa fudhachaa jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuuyyuu ganda Dhaayee Willincoo jedhamu keessatti Amajjii 2,2025 milishoonni fi kaadiroonni Bilxiginnaa wal tumsanii jiraattota qabanii hidhuun maallaqa humnaa olii gaafachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen jedhanitti jiraataa gandichaa kan maqaan isaa Solomoon Haayilee jedhamu irraa qarshii 10,000 saamanii mana hidhaa irraa yoo gadi lakkisan, jiraattota kan biroo ammoo hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Dabalataan aanaadhuma kana ganda Darroo Willincoo keessattis badii tokko malee uummata nagaa;
1) Caalaa Taaddasaa fi
2) Damisoo Girmaa irraa qarshii 2000 fudhachuudhaan namoota kanaan "akka isin hin hidhamne goona" jechuun saamicha kana irratti geggeessuun beekameera.
Saamicha uummata irratti geggeessaa jiran kanas murnoonni Bilxiginnaa dhuunfaa dhuunfaatti hirachuu irratti wal dhabuun manneen hidhaatti wal guuraa kan jiran ogguu ta'u, addatti namni maqaan isaa Shallamaa Tafarraa jedhamu saamee saamsisaa akka jirus addeeffameera.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoota 3 ajjeesanii gatuun himame
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa keessaa waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa dargaggoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baane 2 torban tokko dura ajjeesanii gatuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa'eetti reeffi isaanii sarootaan nyaatamaa kan jiru ta'uu namoonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ganda kana keessatti duulli duguuggaa sanyii kun jabaatee ittuma fufuun, Muddee 31,2024 ammoo dargaggoo Isaayyaas Abbayyaa jedhamus badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Akkuma aanichaatti dararaan garaa garaa guyyuu ergamtoota sirnichaan raawwatamu jabaachuun, hawaasni ba'ee galuuf illee yaaddoo hamaa keessa kan jiru ta'uunis eeramee jira.
WBO'n godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa keessatti diina adabe
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Imalli Duula Cichoomina Kaayyoo Zooniilee cufa keessatti jabaatee ittuma fufuun, Amajjii 3,2025 gootichi sabaa WBO'n Zoonii Lixaa godina Wallagga Bahaa aanaa Diggaa ganda Firoomsaa iddoo addaa Tulluu Moluu jedhamutti dursee haxxee hidhuun waraana faashistii PP maqaa gibiraa funaanuu jedhu dawoo godhachuun kallattii lamaan aanaa Guutoo Giddaa fi Diggaa irraa qe'ee uummata Oromootti saamichaaf bobbaate baarudaan macheessee rasaasaan akaa'uun hedduu ishee du'aa fi madoon adabuun of duuba ishee deebisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Loltoonni Bilxiginnaa kunneen tarkaanfii gootichi guyyaa kana ganamaan irratti fudhate rifachuun of duuba deebi'uun, waaree booda humna dabalachuun wayita deebitu, mararteewwan sabaa guddaa WBO'n ammas bakkuma sanatti lola itti banuun daaraa botoroo ishee taasisee gibira isheen fuunaannachuuf baates hanqisee marsaa lammaffaaf gugsee bakkichaa ishee ari'ee jira.
Tarkaanfii Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf WBO'n Lukkeelee diinaa irratti fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Saba Cunqurfamaaf!
Raadiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Amajjii 4-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
በደቡብ ምዕራብ ሸገር ዞን ቶሌ ወረዳ የፒፒ ወታደሮች 2 ሰዎችን ገድለው አንድ አቁስለዋል።
ጥር 4 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM- ABO).
ከወታደራዊ ስነምግባር ውጭ እንደፈለገ የሚኖረው ብልፅግና በብሄር ብሄረሰቦች አመለካከቶች ሰክሮ በደቡብ ምዕራብ ሸገር ዞን ባንቱ ከተማ ጥር 2,2025 ዓ.ም 2 ሲገደሉ እና አንድ ቆስሏል ሲሉ ምንጮቻችን ለኦኤንኤም ተናግረዋል።
የአማራ ተወላጆች የሆኑ ህጻናት ድርጊቱን ከፈጸሙ በኋላ ከነሙሉ ትጥቃቸው ጠፍተዋል ሲሉ ምንጮቻችን ገልጸዋል።
በዚህ የፋሽስት ፒፒ ሰራዊት ካምፕ ውስጥ ብዙ ቦታዎች ላይ የሴራ አመለካከት በመያዝ ኦሮሞነትን ለማጥፋት ሁሌም የሚሞክረው የአማራ ታጣቂዎች እንደሚታወቀው በተለያዩ ቦታዎች በኦሮሞ ተወላጆች ላይ የጭካኔ ድርጊት እየፈፀሙ ነው።
የፒፒ ወሮበላ ዘራፊ ቡድን ስብስብ በጅማ ዞን ሰቃ ጨቆርሳ ወረዳ ነዋሪዎችን መዝረፍ ቀጥሏል።
ጥር 4 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM- ABO).
የብልፅግና ተላላኪዎች ያለማቋረጥ በኦሮሞ ህዝብ ቤት ተጠምደው ኢኮኖሚያቸውን በከፍተኛ ዘረፋ እየጨፈጨፉ ይገኛሉ።
የስርዓቱ ታጣቂዎች እና ካቢኔዎች "ደህንነታችሁን የሚጠብቁ ኮማንዶዎችን እናሰልጥናለን" በሚል ስም ከታህሳስ 30 ቀን 2024 ዓ.ም ጀምሮ በሰቃ ጨቆርሳ ወረዳ እንደ ኡሻናይ ቆሴ ፣ጊቤ ቦሶ እና ሜጢ አባያ ባሉ መንደሮች ተሰማርተዋል። እናም ከእያንዳንዱ ሰው ዝቅተኛው 500 ብር እና ከፍተኛው 3,000 ብር እየዘረፉ መሆኑን ነዋሪዎች ለአራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ ተናግረዋል።
እናም በተለያዩ የክፍያ ዓይነቶች ስም በርካታ ማህበረሰቦች እየተንገላቱ እንደሚገኙም አክለዋል።
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu hammeessan
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Arsii Bahaa aanaa Martii bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni sirna moofaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta'u, haaluma kanaanis torban darbe keessa ganda Ellaa Akkiyyaa jedhamu irraa namoota hedduu saalaa fi umuriin osoo adda hin fo'in dirqamaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees yerooma wal fakkaataatti magaalaa aanaa Martii kan taate Abboomsaa keessattis namoonni baay'inaan 180 ol ta'an fedhii isaanii malee leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuun eeramee jira.
Aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa guyyuu lammiilee nagaa irratti raawwatus jabaatee jiraachuun dabalataan himamee jira.
Ergamtoonni murna Bilxiginnaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa irraa namoota lama mana hidhaa irraa baasuun akkasumas shamarree tokkos rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Afaan qawween cafaquu malee afaan nagaan itti dubbatee uummata bulchuu kan hin dandeenye murni garboomfataan Bilxiginnaa guyyaa dhufee darbuun qe'ee isaa keessatti itti dhaquun lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa jira.
Amajjii 1,2025 Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree jedhamtu keessatti goolessitoonni waraana Bilxiginnaa kun namoota lama kanneen maqaan isaanii Tissee Jiloo Carbuu fi Algaa Warquu Kasanaa jedhaman balleessaa tokko malee hidhaatti gidirsaa erga turaniin booda halkan mana hidhaa irraa baasuun ajjeesanii yoo gatan aanaa Bulee Horaa ganda Roophii Magaadaa keessatti ammoo Shamarree maqaan ishee Bisilee Roobee Cekkaa jedhamtu Amajjii 2,2025 rasaasa lamaan rukutuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Oduu Galgala ONM-ABO Amajjii 4-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Amajjii 4,2025
WBO'n Zoonii Lixaa Jaarmiyaa Urjii Lolaa fi Birgeedii Faana Eebbisaa Addunyaa har'a Amajjii 4,2025 waliin ta'uun godina Baha Wallagga aanaa Haroo Limmuu seenuun tarkaanfii diina irratti fudhatanii ba'aniiru.
Guutuu gabaasaan walitti deebina
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Western Wallaga Atrocities: Two Civilians Executed in Begi
ONM-ABO January 4, 2025
In Begi district, Western Wallaga zone, Abiy Ahmed's regime forces brutally executed two young men, continuing their campaign of terror against civilians in the region.
Details of the Incident
On November 27, 2024, in the town of Lophi, security forces murdered:
1. Rashido Hisa
2. Mubarak Sheek
Both men were executed in front of their family home without explanation or cause. A local resident, speaking anonymously, stated that the forces are sanctioned by Abiy Ahmed to commit atrocities unchecked, driven by hatred for Oromos, and often discard victims' bodies as though they were refuse.
Widespread Intimidation and Abuse
The district of Begi, where Oromo Liberation Army activity persists, has become a hotspot for harassment and violence. Residents report arbitrary detentions, robbery, torture, and a climate of fear that disrupts daily life. The regime's forces, acting with impunity, have escalated their abuse, leaving the community in a state of uncertainty and despair.
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti dhibamuu nageenyaa irraan kan ka'e lammiileen barnoota irraa ugguramuun ifoome
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Gareen faashistii Bilxiginnaa teessoo aangoo isaanii qofa tikfachuuf gochaawwan farra mirga namoomaa raawwachuu itti fufuun yeroo ammaa jireenyi lammiilee goolamaa jira.
Itiyoophiyaa keessatti nageenyi dhabamuun hawaasdinagdeen sabootaa jeeqamuu fi Bilxiginnaanis taayitaa isaa tikfachuuf dararaa gama hundaan raawwachaa jiruun haalli impaayerattiis ta'e lammiilee ishee biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa yaaddessuun yeroo ibsa baasan ni agarra.
Ibsa haala impaayeerattiin keessa jirtu Amajjii 3,2025 Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii (UN) gabaasa haaraa baaseen yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti daa’imman miliyoona sagal ol sababa walitti bu'iinsa, hokkara, balaa uumamaa, fi buqqaatiin barnoota ala ta’uu fi manneen barnootaa 6,000 ol cufamuu ibseera.
Akka gabaasa Dhaabbata gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtooman (UNICEF) jedhutti, manneen barnootaa 10,000 ol kan waliigala biyyattii keessaa %18 ta’an waldhabdee fi balaa uumamaatiin miidhamaniiru jedha. Kunis “bakka barumsaa nageenya qabu daran hir’isee jira” jedhe.
Impaayerri Itiyoophiyaa dantaa mataa isaa eegsifachuuf jecha, jiruu fi jireenya sabaaf sablammoota impaayerattii keessa jiraatanii, daldala siyaasaaf oolchuu irraan kan ka'ee nageenyi impaayerattii akkaan jeeqame. Jeequmsa kanaanis nageenyi dhabamuun daa'imman maatii waliin buqqa'uun rakkoo kanaaf saaxilamuun barameera.
Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti ergamtoonni Abiy Ahimed maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun jiraattota humnaa ol saamaa jiraachuun himame
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Kadhattuun impaayera Itiyoophiyaa biyyoota alaa irraa kadhattee hoggaa liqii dhabdu, ergamtoonni ishee goleewwan Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa cufa keessatti bobba'uun uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa jiru.
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti tarreessuun afaan qawwee itti qabanii saamicha daangaa darbe raawwachaa kan jiran yoo ta'u, yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun kanneen manneen daldalaa xixiqqaa qaban irraa gadaanaan qarshii 200,000 fi kanneen Hoteelotaa fi kan biroo hojiin isaanii galii oolaanaa qabu irraa ammoo olaanaan hanga miiliyoona 2,000,000 dirqamaan irraa guuraa kan jiran ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni hedduun kaffaltii humnaa olii itti murtaa'e kana waan kennan dhabuun manneen daldalaa isaanii irratti cufamaa jiraachuunis beekameera.
Kana malees magaalicha keessa namoota daandii gubbaa ta'anii kophee qulqulleessuun of jireessan illee "yoo gibira kaffaltan malee hin hojjettan" jechuun daandii irraa ari'uun inumaayyuu jiruu gadadoof saaxilaa kan
Oduu Waaree ONM-ABO Amajjii 4-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Siiriyaan walitti bu'iinsa daangaa booda lammiilee Libaanos irratti uggura seensaa keessa
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Siiriyaan waldhabdee waraana Libaanos fi loltoota Siiriyaa gidduutti uumameen booda seensa lammiilee Libaanos irratti daangaa haaraa kaa’uu ishee qondaalli waraanaa fi maddeen nageenyaa Libaanos lama Jimaata kaleessaa AFPtti himaniiru.
Qondaalli Nageenya Waliigalaa tokko AFPtti akka himanitti, “daangaan cufamuu isaa arguu isaanii” lammiilee Libaanos “gama Sooriyaa irraa” kan himan yoo ta’u, maddi nageenyaa biraa “Sooriyaan hojimaata haaraa waan qaban fakkaata” jechuun lammiilee Libaanos kanneen eyyama jireenyaa qaban qofa akka seenan hayyamu jedheera.
Qondaalli waraanaa kun tarkaanfiin kun “waldhabdee waraana Libaanos fi loltoota Siiriyaa gidduutti daangaa irratti uumame” hordofee akka ta’e dubbataniiru jechuun AFPn gabaaseera.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan
ONM-ABO Amajjii 5,2025 Jireenya gadadoo jiraachuu ilmaan Oromootti kan gammadan ergamtoonni sirna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhanitti bobba'uun haadha hiyyeessaa boochisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Asbooroo jedhamu keessaa Amajjii 2,2025 ergamtoonni uummata Oromoo saamuu hojii idilee godhatanii bobba'an loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Obbo Damaraa Gannatii jedhamu jalaa qotiyyoo tokko ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Damaraan nama nagaa siyaasa tokko illee hin hordofne ta'uu kan eeran maddeen, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo aanichuma ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu irraa maqaa sakattaa jedhuun garasitti bobba'uun "ilma keetu miseensa WBO'ti" jechuun qaanii tokko malee qotiyyoo isaa ooffatanii deemuu himu.
Oduu Ganama ONM-ABO Amajjii 5-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Amajjii 5-2025 Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Odaa Tuutaa Godina Baha shaggar Aanaa Dugdaa Ganda Baqalee Girrisaa jedhamu keessatti argama!
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ትራምፕ የፈጸሙት ወንጀል እንዳይሰማ በከፈሉት ገንዘብ ለተመሰረተባቸው ክስ ውሳኔ ሊሰጥ ነው።
ጥር 4 ፥ 2025 ዓ .ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM - ABO).
ዶናልድ ትራምፕ በኒውዮርክ በቀረበባቸው በገንዘብ የመደለል ክስ ፕሬዝዳንት ሆነው ቃለ መሀላ ከመፈጸማቸው ከሁለት ሳምንት በፊት ጥር 11/ 2025 ዓ.ም. የቅጣት ውሳኔ ሊሰጥባቸው መሆኑን አንድ ዳኛ ተናገሩ።
ዳኛው ዡዋን ሜርካን ትራምፕ ላይ እስር፣ አመክሮ ወይም የገንዘብ ቅጣት እንደማይፈርድባቸው እና በምትኩ "እንደ ሁኔታው እንዲለቀቁ" የሚል የቅጣት ውሳኔ እንደሚያስተላልፉ ገልጸው፣ ተመራጩ ፕሬዝዳንት በአካል አልያም በቪድዮ ችሎት ሊቀርቡ እንደሚችሉ ተናግረዋል።
ትራምፕ በፕሬዚዳንታዊ ምርጫ ማሸነፋቸውን ተጠቅመው የቀረበባቸው ክስ ውድቅ ለማድረግ ሞክረዋል።
በፕሬዝዳንቱ ዙርያ ያሉ ሰዎች ዳኛውን የቅጣት ውሳኔ ለመስጠት መወሰናቸውን በመንቀፍ "ሕግ-አልባ" የሆነው ክስ "ወድያውኑ" ውድቅ መደረግ አለበት ብለዋል።
ትራምፕ በግንቦት ወር የንግድ ሰነዶችን በማጭበርበር ከተመሰረተባቸው 34 የወንጀል ክሶች ጋር በተያያዘ ለልቅ ወሲብ ፊልም ተዋናይዋ ስቶርሚ ዳንኤልስ ከከፈሉት 130,000 ዶላር ጋር በተያያዘ ተፈርዶባቸዋል።
ክሱ በ2016 የምርጫ ቅስቀሳ የመጨረሻ ቀናት ውስጥ ለቀድሞ ጠበቃቸው ሚካኤል ኮኸን ተመላሽ የተደረገ ገንዘብ ለመሸፋፈን ከተሞከረው ሙከራ ጋር የተያያዘ ሲሆን፣ ገንዘቡም የወሲብ ፊልም ተዋናይቷ ከትራምፕ ጋር ስለነበራት የወሲብ ግንኙነት እንዳትናገር የተከፈለ ነበር።
ተመራጩ ፕሬዝደንት ድርጊቱ ጥፋተኛ አይደለሁም በማለት ያስተባበሉ ሲሆን፣ ክሱ ከ2024 የፕሬዝዳንት ምርጫ ጋር በተያያዘ የሚያደርጉትን ዘመቻ ለመጉዳት የተደረገ ሙከራ ነው ሲሉ ተከራክረዋል።
አርብ ዕለት የትራምፕ ቃል አቀባይ ዳኛው ያስተላለፉትን የቅጣት ውሳኔ "የሌለ ነገርን የማደን" አካል ነው ሲሉ ተችተዋል።
ስቲቨን ቼንግ "ፕሬዚዳንት ትራምፕ የፕሬዚዳንታዊ ሽግግሩን ሂደት በዚህ ወይም በማንኛውም የሌለ ነገርን ለማደን በሚደረግ ሙከራ ሳይደናቀፉ፣ ያለ እክል እንዲቀጥሉ እና የፕሬዚዳንቱ ወሳኝ ተግባራትን እንዲፈጽሙ ሊፈቀድላቸው ይገባል" ብለዋል።
"የቅጣት ውሳኔ ሊሰጥ አይገባም፤ እናም ፕሬዝዳንት ትራምፕም እነዚህን ማጭበርበሮች ሁሉም እስኪጠፉ ድረስ መታገላቸውን ይቀጥላሉ።"
ትራምፕ በቅርቡ ጉዳዩን በመቃወም ባቀረቡት ማብራርያ፣ ጉዳዩ በፕሬዚዳንትነት ዘመናቸው አብሯቸው የሚዘልቅ እና የማስተዳደር አቅማቸውን እንደሚያደናቅፍ ተከራክረዋል።
ዳኛው በበኩላቸው ትራምፕ ያላቸውን ስጋት በሚያቃልል መልኩ የቅጣት ውሳኔውን የሚያቀሉ በርካታ ምክረ ሀሳቦችን መቀበላቸውን አሳውቀዋል።
ከቀረቡ ምክረ ሀሳቦች መካከል ፕሬዝዳንት ትራምፕ የስልጣን ዘመናቸውን በ2029 እስኪያጠናቅቁ እና እድሜያቸው 78 እስኪሞላ ድረስ ውሳኔውን ማዘግየት፣ አልያም የእስር ጊዜን የማይጨምር የቅጣት ውሳኔ ማስተላለፍ የሚሉ ይገኙበታል።
ትራምፕ ምንም እንኳ ባይሳካላቸውም ያለመከሰስ መብት እንዳላቸው በማቅረብ ተከራክረዋል።
በሐምሌ ወር የአገሪቱ ከፍተኛ ፍርድ ቤት ፕሬዚዳንቶች በስልጣን ዘመናቸው ለሚፈጽሟቸው "ይፋዊ ድርጊቶች" ከወንጀል ክስ ነጻ የመሆን መብት እንዳላቸው ወስኗል።
ይኹን እንጂ ባለፈው ወር ዳኛው ዶናልድ ትራምፕ ስቶርሚ ዳንኤልስ ከተባለችው የልቅ ወሲብ ተዋናይት ጋር የነበራቸውን ግንኙነት ይፋ ላለማድረግ በማሰብ በገንዘብ ለመደለል ባደረጉት ሙከራ ጥፋተኛ መሆናቸውን ገልፀው ነበር።
ትራምፕ በተመሰረተባቸው ክስ ጥፋተኛ ሆነው በፕሬዝዳንትነት የሚያገለግሉ የመጀመርያው ፕሬዝዳንት ይሆናሉ።
ነገር ግን የቅጣት ውሳኔው ከተሰጠ በኋላ ይግባኝ ለማለት ሊሞክሩ ይችላሉ።
በአሜሪካ የንግድ ሰነዶችን በማጭበርበር ጥፋተኛ ሆኖ የተገኘ ግለሰብ እስከ አራት ዓመት እስራት የሚቀጣ ቢሆንም፣ አነስተኛ ወይንም የእስራት ቅጣት የለውም።
በምርጫው ከማሸነፉቸው በፊትም የሕግ ባለሙያዎች ትራምፕ ከእድሜያቸው እና ካላቸው የወንጀል ታሪክ ጋር በተያያዘ የእስር ውሳኔ እንደማይጠብቃቸው ገምተው ነበር።
ከዚህ በተጨማሪ ትራምፕ በ2020 ምርጫ የገጠማቸውን ሽንፈት ለመቀልበስ በመሞከር እንዲሁም ከምስጢራዊ ሰነዶች ጋር በተያያዘ በቀረቡባቸው ሦስት ወንጀሎች በፌደራል እና በተለያዩ ግዛቶች ተከስሰዋል።
መጀመርያ ላይ የቅጣት ውሳኔውን ለማሰማት ሕዳር 26 ተቀጥሮ የነበረ ቢሆንም ዳኛው ግን ትራምፕ በፕሬዚዳንታዊ ምርጫ ማሸነፋቸውን ተከትሎ ቀኑን ገፍተውታል።
የፒፒ የማፍያ ጦር በቄለም ወለጋ ዞን በጋኦ ቄቤ ወረዳ የጤና ባለሙያን መግደላችው ተገለፀ።
ጥር 4 ፥ 2025 ዓ.ም አራታ ቢዮሌሳ ኦሮሚያ (ONM- ABO).
ከመቶ አመት በላይ የኦሮሞን ህዝብ በጠመንጃ ሲሰብረው፣ ሉአላዊነቱን ሲነፍግ፣ ሲዘርፍ፣ ሲደበድብ፣ ሲያስርና ሲገድል የኖረው ገዥው አካል ዛሬም እንደቀጠለ ሲሆን ለሀገር መሸሸጊያ የሆኑትን የንፁሀንን ሂውት እየቆረጠ ነው።
በቄለም ወለጋ ዞን በጋአ ቄቤ ወረዳ ከሲቻኦ መንደር ወታደራዊ ካምፕ የተሰማራው የፒፒ ጦር የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት በወሰደባችው እርምጃ በርካቶች የቆሰሉ እና የተገደሉ ሲሆን በንዴት ተነሳስተው ንፁሀን ላይ ጥቃት ሲፈፅሙ ፥ ጥር 1 ቀን 2025 ዓ .ም በሺመላ መልካሙ ቀኖ የተባለ የ23 አመት ወጣትን በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላችው ተገለፀ።
የመንደሩ ነዋሪዎች እንደገለፁት መልካሙ የግል ክሊኒክ ያለው ወጣት የህክምና ዶክተር ሲሆን ህብረተሰቡን በከፍተኛ ሁኔታ ሲያገለግል የነበረ ሲሆን የፋሽስቱ ጦር ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር ግንኙነት አለህ በሚል ስም በአሰቃቂ ሁኔታ መግደላችውን ገልፆዋል።
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti milishoonni sirnichaa nama nagaa tokko rasaasaan tukutuun yoo madeessan, saamicha qabeenyaas raawwatan
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Dhiiga namoota qulqulluu guyyuu akka bishaaniitti lolaasuu akka seera waraanaa fi gootummaatti kan fudhatan hidhattootni murna Bilxiginnaa, gochoota badii isaanii ilmaan Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Dargaggoo Sayid Mahaammad kan jedhamu abbaa daa'ima tokkoo jiraataa aanaa Daawaa Caffaa ganda Waddeessooti. Kamisa Amajjii 2,2025 milishoonni sirnichaa mana isaatti itti dhaquun qawwee kee qabadhuu ka'i WBO loluu raayyaa ittisa biyyaa fi milishoota waliin deemta ittiin jedhan.
Dargaggoon Sayidis ani obboloota kootti maal jedheen duula? maal na godhan? yoo duulli barbaachise ammoo WBO'ttin duula osoo hin taane Finxaaleeyyii Amaaraa guyyaa irraa gara guyyaatti Oromoota Walloo ajjeesaa, saamaa fi buqqisaa jiranittin duula sababa jedhee dubbate qofaaf milishoonni sirnichaa gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun madeessanii yeroo ammaa hospitaala Magaalaa Kamiseetti maatiin yaalchifachaa jiraachuu jiraattotni ganda Waddeessoo ONM dubbise dubbatan.
Dabalataan akkuma aanaa Daawaa Caffaatti lukkeeleen Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran magaalotaa fi baadiyyaa aanichi qabu mara keessa naanna'anii akkaataa saamichaaf isaaniif mijaa'utti maqaa manneen jiraattotaa sakatta'uu jedhuun balbala namootaa furtuu harkaa fuudhanii banuun qabeenyaa manneen namootaa keessatti argaman mara saamanii konkolaataatti fe'achuun galuu fi maqaa nu faana WBO'tti duultu jedhuunis namoota dirqiin ukkaamsaa jiraachuu maddeen onichaa dabaluun ifoomsaniiru.
Godina kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuu keessatti waraanni shiftaan PP hidhaa fi dararaa ummata nagaa irratti hammeessan
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Sabni guddichi aadaa gaarii, duudhaa boonsaa fi hawaasummaan fakkeenya Afrikaanoota ta'e uummanni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti salphina mootummoota abbaa irree bara dhufaa darbaan isa mudatuun gorraa'amee qalamuu, hidhamee qaamaa qalbiin miidhamuu fi saamamee dinagdeen isaa akka laamsha'uuf halkaniif fi guyyaa dabni irratti taasifamaa jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhayaa Willincoo bakka addaa Biiftii jedhamutti Amajjii 2,2025 maatii gadda mucaa isaanii ta'aa turan maaliif gadda teessu jechuun faashististootni PP gara mooraa waraanaa isaanii geessuun namoota maqaan isaanii:
• Aadde Kololaa Kabbabaa haadha ilma isheef gadda keessa turte
• Caaltuu Margaa obboleettii isa du'ee fi
• Wadaraa Munaa jiraataa ollaa maatii kanneenii kan ta'e irraan reebicha ulfaataa ga'uun hidhanii jiraachuun ibsameera.
Akka jiraataan naannoo sanaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himetti, lubbuu fi qabeenya akkasumas ilmaan keenyaaf illee yaaddoo hamaa qabna waraanni maafiyaan PP nutti bobbaafamaa jiran cuftuu gara jabummaa guddaa nurratti agarsiisaa jiru jechuunis dabaluun eereera.
ጥር 4-2025 ONM-ABO እለታዊ የኦሮሞ ነፃነት ሰራዊትና የኦሮሚያ ውሎ!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
ONM-ABO Amajjii 4,2025
WBO'n Birgeedii Faana Eebbisaa Addunyaa har'a Amajjii 4/2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Siree Doorootti waraana PP du'aa fi madoon adabuun ba'eera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
Qophii Sagalee Bosonaa ONM-ABO Amajjii 4-2025 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
/channel/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee keessatti waraanni faashistii PP walitti dhukaasuun nama 2 wal irraa ajjeesuun tokko ammoo madeessan
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu keessatti Amajjii 2,2025 waraanni naamusa waraanummaa hin qabne akka feeteen jiraatu, dhugaatii dhuguun macha'anii ilaalcha sabummaan wal qooduun kanneen dhalootaan Amaaraa ta'anii fi ijoolleen dhalootaan Oromoo ta'an walitti dhukaasuun nama 2 yeroo wal irraa ajjeesan tokko ammoo madeessanii jiraachuu maddeen keessoo isaanii ONM'tti himaniiru.
Akka maddeen keenya kun himanitti, loltoonni dhalootaan Amaaraa ta'an kun erga haleellaa kanneen sabaan Oromoo ta'an irratti rawwaataniin booda meeshaa fi hidhannoo guutuun moricha keessaa akka badanis itti dabaluun eeraniiru.
Waraanni faashistii PP dhalootaan Amaaraa ta'an kunneen yeroo hunda ilaalchi isaan mooraa waarana faashistii PP kana keessatti qaban olaanaa ta'uus kan himu maddeen keessoo sirnichaa, akkaataa fedhaniin Oromoo irratti ajjeechaa raawwatanis gaafatamummaa kam jala akka hin jirres itti dabaluun eeraniiru.
Godina Lixa Harargee keessatti milishoonni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun dhagaa'ame
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Murni Bilxiginnaa hattootaa fi saamtota qindeessee maqaa mootummaa tiksuun kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti ajjeechaa baay'ee ulfaataa jiraattota irratti raawwatu cimsee itti fufeera.
Godina Lixa Harargee aanaa Xuulloo araddaa Haqa-Mul'isitti torbanoota kana bifa adda ta'een ajjeechaa jumlaa maatii qonnaan bultootaa irratti taasisaa turan.
Haala kanaanis waraanni akka feeteen Abiy Ahimed Indiriis Umar Giddii, Aashaa Bakar Muusaa kanneen jedhaman yoo ajjeesan, Iftuu Shariif fi Aduudii Musxafaa daa'ima xiqqaa kan ta'e rasaasaan rukutanii madeessuun himameera.
Sababni ajjeefamuu namoota kanneeniis inni ijoon ilmaan keessan gara leenjii milishummaa fi waraanaatti erguu qabdu jechuun kan dirqisiisan yoo ta'u, maatiin ilmaan keenya umuriin isaanii hin geenye jechuun wanta dhorkataniifis gariin ajjeesuun kaanis akka madeessan himaniiru.
Mana hidhaa Federaalaa Zuwaay keessatti maanguddoon Oromoo tokko ajjeefamuun dhagaa'ame
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Obbo Amaan Asaffaa jedhamu. Bakki dhaloota isaanii Kibba Oromiyaa aanaa Liiban ganda Urgaa jedhamutti akka dhalatan seenaan isaanii ni dubbata.
Obbo Amaan umurii isaanii dargaggummaa irraa kaasee hanga guyyaa wareegamanitti aantummaa sabaaf qabaniif aarsaa guddaa kaffalaa akka turanis ni himama. Maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun yakkamanii mana hidhaa qaallittiitti waggoottan dheeraaf hiraarfamaa akka turan seenaan isaa ni addeessa.
Baroota bulchiinsa sirna EPRDF'f keessa murtii dheeraan itti muramee yeroo dheeraaf hidhamanii bara 2021 ji'a Kudha tokkoffaa keessa hidhaa irraa hikamuun battaluma hiikamanis oolee osoo hin bulle magaalaa Hawaasaa irraa gara Finfinneetti imala taasisuun bulchiinsa magaalaa Finfinneetti to'ataman.
Kutaa magaalaa Finfinnee Cirqos bakka addaa Kaninni jedhamuu butamuun Meeksikoo waajjira Poolisii Federaalaa kutaa qorannaa yakkaatti darbatamuun, erga achi turanii booddee gara waajjira Komishinii Poolisii Makalaawitti ji'a sadii hidhamuun ibsameera.
Kana booodas himata 1'ffaa dargaggoo gurmeessuun gara bosona Baalee galchuuf sochii irra jirta ittiin jedhan.
Himata 2'ffaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuudhaan yeroo Bilxiginnaan TPLF irratti waraana duulchisaa turetti ati immoo duubarraa haleellaa raawwachiisuuf qophii irra turte kan jedhuu fi
• Ilaalcha ISIS fi Alshabaab babal'isuurra jirta kan jedhuun himatanii ragaa dhabuun boodarra wagga shan itti murteessuun gara mana hidhaa Federaalaa Zuwaayitti dabarfamuun ibsameera.
Murtii waggaa shanii keessaas waggaa 4 fi baatii 2 ol hidhamuun Amajjii 2,2025 akka ajjeefaman maddeen mana hidhaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Obbo Amaan Asaffaa barreessaa Kitaabotaa fi kuusaa walaloowwanii akka ta'es kan himaamu yoo ta'u, hanga guyyaa lubbuun isaa dabartuuttis Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun manneen hidhaa adda addaa keessatti hiraarfamaa turuun ni beekama.
#DuulaCichoominaKaayyoo
ONM-ABO Amajjii 3,2025 WBOn zoonii gidduu galaa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Guullallee keessatti kaleessa tarkaanfii fudhateen diinaa du'aa fi madoon adabuun qawwee AKM 6 irraa hiikee 4 harkaan qabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti loltoota Impaayera Itiyoophiyaan saamichi qabeenyaa fi reebichi ulfaataan jiraattota nagaa irratti geggeeffamu jabaate
ONM-ABO Amajjii 4,2025 Saamuu malee gargaaruu, hidhuu malee hiikuu, akkasumas ajjeesuu malee du'a irraa baraaruu kan hin beekne ergamtootni murna Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimediin durfamuun qe'ee hawaasa Oromootti bobbaafaman saamicha qabeenyaa fi dararrii adda addaa uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Muddee 31,2024 aanaa Harxummaa Furseetti hidhattootni murna Bilxiginnaa ganda Leedii keessaa loon karra tokko jaarsa biyyaa maqaan isaanii Obbo Hasan Adam Iisaa jedhaman jalaa ooffachuun saamanii yoo deeman, guyyuma kana yeroo wal fakkaataatti aanichuma ganda Ija Eelaa irraa loon Faaxumaa Mohaammad guutummaatti jalaa saamuun ooffatanii deemuu maddeen ONM'f eeran.
Gareen hattoota Bilxiginnaa kun gochaa saamichaa isaanii kana ittuma fufuun aanichuma ganda Qoriitti Muddee 29,2024 mana shamarree Aminaat Hasan Usmaan hulaa caccabsanii seenuun qarshii 2000, shittoo, uffataa fi kkf'n hedduu jalaa saamuun jiraattota danuus reebanii qe'ee irraa ari'aniiru.
Muddee 29,2024 guyyama sana ganduma Qoriitti dargaggoo Ammad Shaambal jedhamu guyyaa cidha isaatiin itti dhaqanii isaa fi namoota manneen cidhaa sana keessatti argaman cufa irratti reebicha suukkanneessoo raawwatanii boodarra wantoota cidhaaf qophaa'an sunqoo, biddeen, ittoo, bukoo kkf'n jalaa dhangalaasanii cidha isaa jalaa balleessuun akka deeman jiraattotni gandichaa dabaluun dubbataniiru.