oromiadaily | Unsorted

Telegram-канал oromiadaily - Oromia daily √

209

Dubbisi sammuun kee akkuma galaanaa baldhata. Laggeenis gara keetti yaa'u. Ati gara namootaa mitii namoonni gara keetti dhufu. Dubbisuun hayyuu nama gooti. Dubbisi yoo dubbiste doofummaa qofaatu si jibba Join👇👇@Oromiadaily

Subscribe to a channel

Oromia daily √

Yunivarsitiin Pirinsitan gamoo isaarra maqaa Pireezdaantii duraanii US Wuudrow Wilsan kan ilaalcha jibba sanyummaa qabu ture akka kasuuf jiru beeksise❗️

Murteen kun kan dhufe du’a lammii gurracha Ameerikaa Joorjii Filooyidiin booda hiriiraa mormii guddaa gutummaa US raaseen booda.

Wilsan bara 1913 hanga 1921 pireezdaantii US kan ture yoo ta’u dhabbata Mootummoota Gamtoomanii hundeessu keessatti ga’ee guddaa qaba.

Ta’us garuu cunqursamuufi adda baafamuu lammilee gurrachaa deeggaruun dhabbilee feederalaa hedduu keessatti hojiirra akka oolu godheera.

Dabalataanis yeroo pirezdaantii yunivasitichaa turetti barattoonni gurraachaa akka Pirinsitaaniin hin seenne dhorkee kan ture yoo ta’u gartuu adii ta’u leellisaniifi jibbaa lammilee gurraachaa qaban Ku Klux Klan jedhaman deeggaruun ni haasa’a ture.

Читать полностью…

Oromia daily √

Sinbirroota jaalalaa

Jalqabaa hanga dhumaa hordofuuf chaanaalii kanaa gadii seeni
👇
👇👇
👇👇👇
👇👇👇👇
@araadajaalalaa
@araadajaalalaa
@araadajaalalaa
@araadajaalalaa


#join
#share

Читать полностью…

Oromia daily √

Seenaan sinbirroota jaalalaa kutaan itti aanu akkuma hedduun keessan nu gaafachaa turtan maxxanfamuuf jedha waan ta'eef chaanaalii kana #seenaa
❤️
❤️❤️
❤️❤️❤️
❤️❤️❤️❤️
@araadajaalalaa
@araadajaalalaa

Читать полностью…

Oromia daily √

Sinbirroota jaalalaa

.......💋❤️💋❤️......

asoosama jaalalaa kan dhugaarratti hundaa'e!

Kutaan itti aanu ammuma maxxansameera! Waliif #share gochuun sabboonummaa dha💯🔜

@Araadajaalalaa seenaa

Читать полностью…

Oromia daily √

Sinbirroota jaalalaa
Boonii fi Diidii! Dhuguma jaalalli akkanaas ni jiraa? Jechuu dandeessu. Garuu jaalalli dhugaadha, dhugaan amanuudha, amanuunimmoo arguudha. Liinkii
t.me/Araadajaalalaa hordofaa

Читать полностью…

Oromia daily √

ONNEE SIF BANAMTE

Onnee siif banamte
Qilleensa dhoysiftee
Akkan fayyinetti
Bantee banaa dhiiftee
Maaf kana hojjattee
Maal irraa argattee
Onnee koo madeessuun
Siif bu,aa yoo taate
Gubiitii madeessi
Gaafa kee godhatte

JOIN JOIN
👇👇👇👇👇
@Oromiadaily
@Oromiadaily

Join share gootu malee biran dabrin
ok

Читать полностью…

Oromia daily √

Akkuma namoota ilaalcha gaarii hin taane qabaniif deebii kennuu xiqqeessaa deemtuun; Jireenyii kee immoo nagaa-qabeessa ta'aa deema.



@Oromiadaily
@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

#Murteessi.

Mullata isaanii galmaan gahuu kan dadhaban mullata kee akka sinbuusisne of eeggadhu. Gatii kafalanii mul'ata isaanii milkeessuu warra hin dandeenyeef jettee daandii kee irraa goruu hin qabdu. Abdii kee kan si kutachiisan maatiifi hiriyoota kee dabalatee malee diinota kee fi namoota si jibban qofaa miti. Waan waaqni sitti mulliseef murteessi. Daandii mullata kee gubbaa dhaabbachuuf murteessi, waan baratameefi waan laayyoo barbaaduu dubbisa kana booda dhaabi.

Namoonni danuun hojii fi jijjiiramaaf Osoo hin taane qeeqa laachuuf yoomiiyyuu qophii ta'uu hin dagatin. Akeekni namoota si jibbanii #xiyyaa fiixee hawwii keetii gubbaa si geessuu akka hin dandeenye beeki. Milkaa'inni namoota biroo gonkuma quubsuma abdii Ati dheebottee ta'uu akka hin dandeenye amani. Abdii kee Osoo hin taane yaadaa fi akeeka namootaa faana buutee kan fiigdu yoo ta'e, ati durumaanuu nama of-ta'u hin turre jechuudha. Akeekni namoota hedduu yoo walitti funaante maddi isaanii sammuu yaadu keessaa kan hin burqineefi gatiin isaanii akka hafaa farsooti.

Namni kamiiyyuu yaada qabaachuu fi siifillee laachuu ni danda'a, haa ta'uu malee yaadni laatame jettee Kanas, sanas, walitti naquu hin qabdu, dhimbiibdee kaayyoo fi mullata keetiin walsimsiiftee fayyadamuu qabda malee.


Namoonni si jibban abdii si kutachiisuuf kan carraaqan maaliif?

Sababni isaanii kaayyoo kee dhugoomsita jedhanii waan sodaataniif, diinni isaanii #milkaa'ina keeti malee, si'ii miti. Inni yoo milkaa'eef barbaadamni keenya gadi bu'a jedhanii dhiphatu. Yoo siif milkaa'e waan duubatti hafan, bu'aa keetiin waan sakaalaman itti fakkaata. Hidhamaa milkaa'ina keetii ta'u. Yeroo ati jireenya kee keessatti waan ijaan mul'atu dalagdu, isaan garuu womaa hojjachuu dadhabuu isaanii irratti calaqqisiista. Hamma inni jiru ani mul'achuu hin danda'u jedhanii yaadu, kanaafuu, #cimina kee haqanii #hanqina kee irratti xiyyeeffatu. Garaa quufaatiinis garaa beelaatiinis waa'ema kee #dhuufu. Ofitti amanuu dadhabuun isaanii qorra isaanitti lakkisa, duwwummaan isaanii gurratti isaan iyya.

Kanaafuu namoota akkanaa dhagahuuf gurra yoo laatteef sadarkaa isaaniitti akka gadi si buusan hayyamtaaf. Namoonni hundinuu yaadaafi akeeka qabu, garuu namoonni mul'ata hin qabne yaada( comment) gara garaatiin kan guuttamaniidha.


"Hin ta'u" jedhamuu hin sodaatin, abjuu kee gonkuma namoota si jibbaniif dabarsitee hin laatin. Kaayyoo jireenya isaanii galmaan gahuu warra dadhabaniif balbala onnee kee hin banin. Sagalee si keessa jiru caqafadhu, sagalee waaqaa caqasi, golgaa ija kees godhadhu. Namoonni jibbaan guutaman si caalaa milkaa'eefii argitee beektaa?

Never! Kan isaanii milkaa'u jibba qofaadha! Yoo siif milkaa'u ni gubatu, ni dhuqatu, malee hamilee siif hin laatan. Akaakayyuun koo akkana jedhu Ture
"Jibbi mi'oo malee ulfaayee, gadaamessa malee kan dhalatu balfa gatamaadha"

Namoota si qeeqan ofirraa dhiisi, ati garuu kaayyoo kee irratti xiyyeeffachuu ittuma fufi. Maal jette jedhi akka galaana dambaliin bira darbee yeroo caljedhan argitaa! Dhuguma namoonni si jibban si jibbaniitii? Miti! Kan jibban ofuma isaaniiti. Sababnisaa kan ati taate kan isaan ta'uu hawwaniidha. Tokko tokkoon namoota milkaawoo diinotatu irratti gurmaa'a, kan garaan itti hammaate immoo walguuranii buna ittiin dhugu, summii isaanii guuratanii sitti dhufu, ati garuu hin sodaatin, hammeenyi isaanii yoo harkaa dhume ni bittinnaa'u.

Jibbi gamoo dhaabbataa hin qabu. Asiifi achittillee kan dhaabbatu dukkaana tarsa'aadha. Bara jireenya koo hunduma jibba qabaatee kan milkaa'eef gonkuma na qunnamee hin beeku.
Milkaa'inni garuu namoota biroo kan ittiin jibbuu fi ittiin tuffatu yeroos ta'ee iddoo hin qabu.

Diinota qabdaa?

Ishoo baga qabaatte! Gaariidha, kana jechuun yeroo wahii jireenya kee keessatti ejjannoo cimaa fudhattee jirta jechuudha.
Moo'attoonni xiyyeeffannoon isaanii moo'achuu irratti, moo'amtoonni xiyyeeffannoon isaanii moo'attoota irratti, garaagarummaan isaanii as birattiidha.
Kanaafuu ija kee kaayyoo fi mul'ata kee qofa irra kaayi, yeroo sana eeggumsi waaqaa si wajjiin itti fufa. Sababiinsaas ka'umsa

Читать полностью…

Oromia daily √

Barreessaan ©JGB

🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸

Booyi booyi na jedhe
Imimmaan na hudhe
Imimmaan eessa jiraa?
Xannachisaa gogeeraa
Kolfi kolfi naan jedhallee
Kolfee illlee hin kofallee
Ilkaan kolfuu dideeraam
Si'aayinni kolfaa badeem
Na keessatti du'eeraam

🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸

#Join
#share

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

#Jiruu fi jiree
-------
Jiruu√
-------
Jiruun bareeduma
Yoo laalte hunduma
Gaddaafi gammachuu
Walitti lallaaqxi lachuu
--------
Dammaan nama dhiigsaa
Rasaasaan kofalchiisaa
Akka abaaboo birraa
Jechaati jirra jirraaa
--------
Ooyruu gidduu taa'ee
Yaadaan keessaa ba'ee
Foolii gaariin na harkisee
Addunyaa na irraanfachiise
Akkuma Miira sanaan
Gidduu jiruu ilaallaan
---------
Gama tokkoon na reebaa
Gamaa kaaniin na dibaa
-------
Bitaarraan na kabaltee
Mirgarraan naa sukkuumte
-----
Mallaa koo na dhiigsitee
Mataa koo naa dhungatte
------
Dugduubeen na dhawaa
Afaan na keette dawaa
-------
Achiin na madeessaa
Asiin naaf ogeessaa
-------
Jiruun bareedduma 2×
Daawwanaan hunduma
-------
Kanniisaan dammeesaa
Tiisisaan alaayeessaa
-------
Bareechee billaachaaan
Fokkisiiseeti raachaan
-------
Jiruunis bareedduu 2×
Yoolaalte waanhedduu
-------
Waa arguuf bubbullaan
Sirratti wacci ququllaan
-------
Yoon xiinxalee eege
Jaleetu si himataa
Mataan gara eegee
Eegeen gara mataa
Akkasiifi akkanaa
Kanbeeku gubataa
Waan adunyaa tanaa
--------
Jiruun bareedina
Ballinaaf dhiphina
---------

24/11/2010 E.C #Adaamaa

© JGB

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Dubbisi sammuun kee akkuma galaanaa baldhataa. Laggeenis gara keetti yaa'uu. Ati gara namootaa mitii namoonni gara keetti dhufu.

Dubbisuun hayyuu nama gooti.
Dubbisi yoo dubbiste doofummaa qofaatu sitti hafaatii. Qubee afaan oromoo gootonni meeqa lubbuu isaanii itti dhaban, dhiiga isaanii itti lolaasan, lafeen isaanii itti caccabe nuti soofaa irra teenyee dubbisuu yoo dadhabnu...maal jedhama...isunumti itti guutaa

Join👇👇

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Age sets in Oromo Gada System
***************************
1. Gaammee: 0_8 years
2. Dabballee:9_16 years
3. Kuusa: 17_24 years
4. Raaba:25_32 years
5. Doorii: 33_40 years
6. Luba(Gadaa) 41_48 years
7. Guula (Yubaa) I 49_56 Years
8. Yuuba II 57_64 years
9. Yuuba III 65_72 years
10.Gada Moojjii : 73_80 years
11.Jaarsa:81_88 years

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

#justforfun karate kid. 😂😂🤸‍♂🤸‍♂🤸‍♂

Читать полностью…

Oromia daily √

Anon yai! Dubree suudaniiti, addunyaarratti haadha bareedinaa jedhamti. Moodelii gatii qaaliiti.Sa'aatii tokkotti suuraa isheef doolaara Ameerikaa $15000 tu kafalamaaf!
Madda:- @Africanvillagemarket

Читать полностью…

Oromia daily √

Ejjannoo Qabdaa?

Yaadni Ati Mataa Keetiif,
ofiif qabdu maalidha❓

Namoonni baay'een waa'ee namoota biraa beeku.
waa'ee isaanii garuu ni dagatu.
"Akka isaatti(isheetti) utuun jiraadhee wanti hundinuu naaf salphaa ture"
yommuu jedhan dhageenya.
Akka mataa ofiitti jiraachuu dagatanii jireenya nama kan biraa jiraatu.

✔️ Akkuma jireenya namoota kan biraa jiraachuu hawwitu adeemsa keetis namoonni kanneen biraa akka adeemuu jaalatan gochuu ni dandeessa.

✔️ Filannoo fi ejjennoon yookiin ilaalchi ati ofiif qabdu murteessaadha.

QABXIILEE GURGUDDOO EJJENNOO MATAA OFII ITTIIN GUDDIFATAN:

✍️ Jaalannus, jibbinus jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti murtoo ittiin gara fuulduraatti ittiin adeemnu ni murteessina.

👉 Qabxiilee armaan gadii beekuun murtoo fudhannu irratti cimina dabala.

1️⃣ Waan ta'uu barbaaddu beeki!

2️⃣ Gorsa nama irraa fudhadhu, madaali, garuu murtoo mataa kee fudhadhu!
✔️ Gorsa nama irraa fudhachuun karaan kee maal akka ta'e caalmaatti hubachuuf si gargaara.

3️⃣ Yaada kee dhaggeeffadhu!

4️⃣ Akka karaan kee sirrii ta'e sammuu keetiif mirkaneessi!

5️⃣ Ofitti amanuu of barsiisi!

✔️ Namni hunduma dursitee itti amanuu qabdu mataa keeti.
("The person you need to trust first is yourself") N. Mandela

Share ♻️ Join ♻️

@Baraketview

Читать полностью…

Oromia daily √

If i block your phone number or social media it doesn't mean im being childish petty or that you "won." it means you're so toxic to my life that i dont want you to be able to contact me i want to heal from everything you put me through and move on in peace.

Читать полностью…

Oromia daily √

"Itoophiyaatti namoonni dabalataa 116 vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkaana'eera; sababa vaayirasichan lubbuun namoota 7 darbeera." Dooktar Liyaa Taaddasaa

@Oromiadaily
@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

"Utuu Addunyaan kun boor baddi jedhame iyyu ani har'a sanyii facaasuu hin dhaabu, Ejjennoo akkas jabaatu ilaali! Ejjennoon ke hangam ga'a?"
Marti Luuter king tu jedhe.
👇👇
👇👇👇
👇👇👇👇
@Oromiadaily
@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Mammaaksota Oromoo kudhan 1⃣0⃣

Yoo sii #galeef¿ waa irraa hubatta jennee amanna!

✅Ilkaan Saree Lafeerratti Ilkaan Gadhee Lammiirratti Lakkaa'u!

✅Allaattiin Fira Fakkaattee Sinbira Nyaatti!

✅Ilmoon re'ee aannan Saree Dhugdee guddatte, Dutuu Baattullee , bubbultee Nama Ciniinuu Hin Ooltu!

✅Sareen Abbuma Irraa Nyaatteef Dutti,

✅Yaa harree kaan dhiittee, kaan ciniintee eennu waliin irra ooluuf jedhe namichi!

✅Gadheen garaa kutate , eeboo Gurguree nyaata!

✅Ibiddaan Dura Wal Beeknaa , Utubaa Nurraa Qabaa Jette Eeleen Manni Gubbannaan!

✅Yoo Akka Maletti Baatan Tafkiinuu Dugda Nama Kutti !

✅Kan garaa malee Kan maqaa yoom na dhibe jedhe waraabessi!

✅Mataan garbaa yoo diban bowwaafata!


Madda: ummata oromoo ummata madda dimokiraasii, jalqaba beekumsaa kan ta'eedha.

@Oromiadaily
@Oromiadaily
@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

✅❤️Jaarraa Oromootaa

Jaarraa 16ffaa keessa ture Oromoon humna isaa Abbaa duulaatti ijaarratee humna jabaa horachuun Mootummaa habashaa qormaata guddaa keessa galchee hamma baqachiisuutti gahe.
Kana keessaa muraasni...

Bara Gadaa Meelbaa(1522 - 7530).
Gadaan Melbaa uummata bara saddeet saddeettin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaare.

Bara Gadaa Muudana (bara 1531-1538).
Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudanaa kana seera jajjabaa lama tumatan.
1. Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu
2. Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsin meedhacha akka hin hidhanne kan jedhan ture.

Bara Gadaa Kiilolee (bara 1539-1546).
Kiiloleen duula bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waraana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis baqatee laga
Awaash ce’e.

Gadaaleen jajjaboon biroos Baay'etu isaan boodaan itti fufe.
Gadaa Biifolee (1547-1554)
Gadaa Michillee (1554-1562)
Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (1563-1570)
Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)..........fi kanneen biroos baay'eetu ture.

Galatoomaa Ulfaadhaa

✍✍Salah Qeerransoo

@Oromiadaily
@Oromiadaily
@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Namoota mul'ata isaaniif murtoo dhaabbataa hin qabne waantoota ja'an kanatu bitaaf mirgaan goolii itti dhiitee galchaa oola.
Isaanis:
Sodaa Hiyyummaa
Sodaa Ceephoo
Sodaa Fayyaa dhabuu
Sodaa Jaalala nama tokko dhabuu
Sodaa dullumaa fi
Sodaa du'aadha.

Waanti nama dhibu! Sodaan hiyyummaa yaada sammuuti malee waan qabatamaatti mul'atu miti. Waanti waaqaa gaditti biyya lafaa kana bitee jiru immoo yaada waan ta'eef yaanni sodaan guutame milkaa'ina kamuu mancaasuu danda'a.

Sodaan:
➡ Kutaa Muuxannoo sammuu laamshessa
➡ Sodaan Ofitti Amanamummaa mancaasa
➡Sodaan Dharraa waan tokko hojjechuuf qabdu hadoocha.
➡ Sodaan kaka'umsa hirrisa
➡ Sodaan kaayyooketti akka hin amanne si godha.
➡ Sodaan karoorake milkeessuuf carraaquu dhiittee teessee haala mijataa akka eegdu si godha.
➡ Sodaan of to'achuu akka dadhabdu si godha.
➡ Sodaan Gammachuun akka si baqatu godha.
➡ Sodaan daddeettii yaaduukee dadhabsiisa.
➡ Sodaan Sammuuf qalbiinke karoora tokkorratti akka hin xiyyeeffanne godha.
➡ Sodaan Kutannooke barbadeessa.
➡ Sodaan Miira jaalalaafi hiriyyummaa dhabamsiisa.
➡ Sodaan hirriba ga'aaf gammachuu akka dhabdu si godha.
Kanaaf sodaachuu waan jedhamu of keessaa balleessi! Kana gochuuf immoo kaayyookeef ejjennoo amma dhumaatti dhaabatu qabaadhu.

Barruu Kana Kitaaba Think and Grow rich jedhurraan waliiti core.
Barreessaan Naappooliyoon_Hill Kitaaba kana waggaa 25 keessatti barreesse. Akka kitaabni kun jedhutti wanti kitaaba kana keessatti barreeffamee jiru dhugaadha jedha.
May 25 /2020
✍✍✍✍✍✍
JGB🕶

@Oromiadaily
@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

kee irratti jibba, hammeenyaafi tuffiin keessa hin jiru waan ta'eef!

©JGB

feetu #Join godhi

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Kalees bullee oolle
Harras oollee bulle
Tolus badus tolle
Waaq nuun hinlolle

Bara dhufaa darbaa
Waa jireenya garbaa
yoomitti nuuf darbaa

Yoomi ? Yoomi? Yoomi?
Gabrummaarraa soomi
Qarri budaadhaa doomi

23/8/12 E.C #Baaleeroobee

©JGB

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Kalees bullee oolle
Harras oollee bulle
Tolus badus tolle
Waaq nuun hinlolle

Bara dhufaa darbaa
Waa jireenya garbaa
yoomitti nuuf darbaa

Yoomi ? Yoomi? Yoomi?
Gabrummaarraa soomi
Qarri budaadhaa doomi

23/8/12 E.C #Baaleeroobee

©JGB

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

“A mother’s love is everything. It is what brings a child into this world. It is what molds their entire being. When a mother sees her child in
danger, she is literally capable of anything.
Mothers have lifted cars off of their children and
destroyed entire dynasties. A mother’s love is the strongest energy known to man.”

HAPPY MOTHERS DAY❤️

Читать полностью…

Oromia daily √

#Nama________yoo taate
✈ akka gaararraa amala kee si'a kudhan hin jijjiirin!
✈ akka sinbirroo kan agarte hundaaf hin nahin!
✈akka saree nama jala hin biriifatin!
✈akka rumichaa caljettee hin wacin!
✈ akka waraabessaa garaa kee qofa hin jaalatin!
✈ akka fincaan gaalaa duubatti hin hafin!
✈akka re'ee faaydaa kee qofa hin ari'in!
✈ akka hoolaa fayyaalessa malee gowwaa hin tahin!
✈akka leencaa kabaja kee eeggadhu!
✈ akka harree jabaadhuu hojjadhu!
✈ akka kanniisaaf dammaa barbaadamaafi mi'aayaa tahi!
✈akka arbaa oftuultee of hin ilaalin!
✈ akka supheetti caccabaa ta'uu kee hin dagatin!
✈ akka billaanchaa hunda bira hin bararin tokkotti murtaahi!

#like #comment & #share gochuun hiriyàa keessaniif arjoomaa

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

⬇️DAMMA DAAMUU ↩
==============
★ Abdiin addunyaa kanaa inni xumuraa bilisummaadha,,,,,,(Abraham Lincoln)
★ Nama gaarii hin taanerraa hojii gaarii gonkumaa hin eegin,,,,,,,(Alexander Hamilton)
★ Daandii bosona keessaa jaldeessa dulloomaa gaafadhu,,,,,,(Congu­lese people)
★ Namni ilmoo qabu yoo du'es,,,,du'e hin jedhamu,,,,,,(Nigerian)
★ Aangoon naachaa bishaan keessatti,,,,,,,,(South African)
★ Kirriin (fo'aan) daandii lilmoo hordofti,,,,,,,(Kenyan)
★ Hojiin garee qindoomina hin qabne galma hin ga'u,,,,,,,,(Zanbian)
★ Ooyiruu keessa hojjechuun ni cima,,,,beela'uun immoo caalaatti cima,,,,,(Niolotic)
★ Fira bara hiyyummaa hin dagatin,,,,,,(Ashanti people)
★ Mukni si caalaa hin dheeranne gaaddisa sii hin ta'u,,,,,,,,,,,(Mozambique) ★Hora dhaqanii dhoqqee hin baqatan,,,, (Oromo people)
★ Humnaan nyaataniif humna hin ta'u,,,,,,,(Oromo people),,,,,,,

@Oromiadaily

Читать полностью…

Oromia daily √

Hahaha!
Mirqaanaa COMIC-19🙊🙊
Mirqaanniifi Cabsiinis bakkuma takkatti...

Читать полностью…

Oromia daily √

🌿Happy persons 🌿

👉 Namoonni gammadoonni gara kallattii kammiiyyuu haa ilaalan, eessayyuu haa jiraatan, waanuma fedheyyuu ta'anillee #Bareedina Namoonni danuun arguu hin dandeenye ilaaluuf kennaa addaa qabu.
Iddoo hedduun namootaa qorumsaafi bu'aa bayii itti arganitti Carraa gaarii ilaalu, iddoo Namoonni baay'een hanqina qofaa itti arganitti, Namoonni miira gammachuu gonfatan kunneen garuu guutummaa argu, waan kanniin hundaaf waaqa uumadhaaf Galata galchu.

#kan dhalanne tasa miti.
Tasaawwan keenyayyuu tasa miti. Jiruu keenya keessatti taateen ta'u kamiiyyuu tasa miti. Filannoo keenyaan malee.

Waanumti gaariin akka si qunnamuufiyyuu #gaarii kan yaadduu fi iddoo gaariitti argamuu qabda. Eeyyeen gaarii yaaddee Hamtuun si qunnameera ta'a, kun kan ta'een garuu hireemaleeyyii waan taaneef miti.

✍ Daandii jiruu kamiinuu keessa darbartus, qorumsi kamiiyyuu si mudatu dhalootaaf ni barbaachifta. Sin raajin... akka koo wallaalaa ta'uu...dandeessa, garuu addunyaa...dhaloota...hawaasa.....ni barbaachisna.

✍Dhugaa kana ofitti hasaasi.

✍Haadhichoo teetiin si qabee....biyya lafaa kanarra namni akka kee hin jiru...rakkoo ati hiiktu eenyullee hin hiiku. Sheeka, Paasterii, Luba, profeesara,...hin hiikan. Sababiinsaa kennaa... gubbaarraa siif kenname.

🏃join🏃join🏃

@Baraketview

✏️✏️✏️By J.Gero

Читать полностью…

Oromia daily √

"Cimaa!....ni dandeessa!...Leenca namaa" yoo siin jedhan si hin ajaa'ibin.
"Dadhabaa!...hin dabaltu!...Osoo duutee siif wayya ture"...siin jedhanis sin ajaa'ibin.
Caluma jedhii tapha kee taphadhu. Waan itti amante qofaa hojjadhu. Miira onnee kee caqasi, Of dhageeffadhu.
Maaliif beektaa?? Faarsa namootaatiin kan burraaqxu yoo ta'e, qeeqa namootaatiin baay'ee gadditas ni cabdas. 'Remote control' miira keetii siin ala eenyuufillee dabarsitee hin kennin. Maatii, jaalallee, hiriyoota keetii fi kan biroos kan siin ala jiran namoonnii fi haalaawwan akka too'atan hin hayyamin.
Si raajuus ta'ee qeequus kan qabdu suma qofaadha. Maaliif beektaa? Sababiinsaa eenyummaa kee isa sirrii simatu beeka waan ta'eef. Keessa keetti ati qofti kan beektu eenyummaan nama qaanessu yoo jiraate atumti itti qaana'i. Waankee isa gadhee haa namoonni sitti himanii hin eegin.
Waan hamaa osoo hojjattuu harkaan harkatti yoo of qabde!
" kuni onneekoo kan madeessu amala hamaadha. Eenyummaa gadheen kun ana waan hin ibsineef gatii na kafalchiisu kamiinuu kafalee jijjiuramuu qaba" ofiin jedhi.
Waan gootutti booni. Yoomillee nama duratti waan nama qaanessu akka hin goone beekamaadha. Jechaa kanin jiru kophaa yeroo taatu eenyuuyyuu bakka hin jirretti gocha gootutti booni.
Gocha gootutti jechuun koo???
Fakkeenya
➊ mana fincaanii seentee akkaataan fayyadama kee maal sitti fakkaata? Erga fayyadamtee booda fayyadamaa sitti aanee seenuuf yaaddee bishaan itti naqxaa? Ofiif deebisi
+
➋ maatiiwwan kee si hordofanis hordofuu baatanis, 'campus' si wajjiin jiraatanis jiraachuu baatanis adaba qabaattaa?
+
➌ iddoo hojiitti ykn mana kireeffaattee galtutti ifaan seeraan ala ifaa akka hin bulle dhimmamtee dhaamsitaa?
+
➍ daandii gubbaatti... hin fincaantuu? Daandiirratti balfa hin gattuu? Seera traafikaa hin cabsituu? Barattuu kee qabxiidhaan doorsistee walqunnamtii saalaa fedhiin alaaf hin gaafattuu? Aangoo ummanni waadaa sittikenne dhuunfaaf..firaaniifi...walbeekumsaaf hin oolchituu?...hiyyeessa firas...maallaqas hin qabneef fira taataa?
+
Dimshaashumatti namoonni Osoo sin argin waan hojjattutti boontaa? Namoonni Osoo si hin dhagayin waan amma ofkeessatti haasayaa jirtutti gammaddaa? Waan hojjattu ilaalee qalbiin kee "Leenca koo! Gamna koo!" Siin jedhaa?
Deebiin kee "eeyyeen!" yoo ta'e kana caalaa maal barbaadda ree? Boqonnaa sammuu jechuun kana. Kabaja Qot-qalbii argachuun quubsuma guddaadha.

Addunyaan guutuun si balaaleffatee Qor-qalbiin kee garuu yoo si boonse jaallee koo gonkuma hin gaddin. Karaa biraatiin Addunyaan guutuun harka siif rukutee maqaa kee olkaasee faarsee, keessi kee garuu yoo si faallesse jaallee koo salphattee jirta. Dhumti kee salphina akka ta'e yoosuma hubadhu. Sa'aatii dhumaarratti nagaan(peace) jiruu kee keessaa koola baasee akka bararu hubadhu. Qor-qalbii keetiin faallaa gonkuma hin taphatin. Taphattee yoo argamte garuu......taphataan kubbaa miilaa garee ofiitirratti goolii galchuu fi ati tokkuma. Sadarkaa kamiirrayyuu.... Umrii kamittuu.... Baalees ta'ee Booleen......Biyya kamiinuu jiraadhu na amani seerri kun sirratti hojjata. Sagalee waca addunyaa hir'isii sagalee Qor-qalbii kee olkaasii ofdhageeffadhu.


#Join the Chanel

@share the message

✏️✏️✏️by J.Gero

Читать полностью…
Subscribe to a channel