✅ የፕሮግራሚንግ እና የሶፍትዌር ምህድስና ስልጠና በፍሬሽ ማን ኮድ! አሁኑኑ ይመዝገቡ • • •
መደበኛ ስልጠና በሳምንት አራት ቀን ከሰኞ - ሐሙስ ከምሽቱ 3፡00 - 4፡00
ፕሮጀችት እና የተለየ ግዜ በተጨማሩ በሳምንቱ ቀናት ውስጥ እንደአስፈላጊነቱ ተጨማሪ ስልጠናዎች
በወር 300 ብር ብቻ
ስለጠናወቹ፡
Programming language
- computer overview (ኮምፒውተር አጠቃላይ እይታ)
- introduction to programming language (የፕሮግራም አወጣጥ ቋንቋ መግቢያ )
- C++ (ሲ ፕላስ ፕላስ)
- Java (ጃቫ)
- C# (ሲ ሻርፕ)
- Python (ፓይተን)
Software Development (የሶፍትዋር ልማት)
- website development (የድረገፅ ልማት)
- Desktop Application development (የዴስክቶፕ መተግበሪያ ልማት)
- Android Application development (የአንድሮይድ መተግበሪያ ልማት)
የሚፈጀው ግዜ 8ወር ሲሆን ስልጠናው የሚሰጠው በዙም አልየዓም በጎግል ሚት ይሆናል ያመለጦትን ስልጠና ከዩቱዩብ አልያም ከድህረገፃችን ማግኘት ይችላል
ይህን እድል ይጠቀሙ አሁኑ ይመዝገቡ
እንደጓደኝነት የተመሰረተ ስልጠና በFreshman-code
📖 Book Title: Drunk with Blood: God's Killings in the Bible
📝 Author: Steve Wells
📚 Publisher: GIORDANO PRESS
🔔Join Telegram Channel For additional books: /channel/CRBooksCollection
Atanaatewoos inni Iskindiriyaa: "Nuti Waaqayyo akka taanuuf inii foon ta'e."
📕[Athanasius, "Section 54", On the Incarnation, p.167]
basliyos ini Qisaariyaa Waaqa ta’uun Kaayyoo hunda caaludha.
📕[Basil of Caesarea On the Spirit 9.23 ]
Dhumni kiristaanotaa Waaqayyo ta'uudha. 😅
/channel/Alidawa000
Marii Waa'ee Amantii irraatti gaggeeffamaa jiru Kallattiidhaan Amma Daaw'adhaa
https://youtu.be/hzo0JGXURsw
Marii Ajaa'ibaa Amantii Muslimaa fii Kiristiyaana giddutti Tiktok irratti godhame daaw'adhaa waa baay'ee irraa barattu waan taheef
https://youtu.be/1JUHTFnErGU
SAGANTAA MARII KAN KALLATTII.
---
Share…Share…Share…!
Marii dhimma Aqiidhaa fi Manhajaa irratti ustaaz Abu Suleymaanii fi Jamaal Haajii giddutti gaggeeffamee ture. Kutaa Lammaffaan Har’a Kallattiidhaan kan gaggeeffamu yoo tahu; Akka sa’aa biyya keenyaatti Sa’aatii 10:30 (Akka Saudiitti Sa’aatii 4:30 pm) irraa eegalee toora social media Armaan gadii kanneen irratti nu hordofuu dandeessu
◆ Peejii Fb Biiftuu Sunnaa ☞ https://www.facebook.com/BiiftuuSunnaa
◆Youtube Biiftuu Sunnaa ☞https://www.youtube.com/channel/UCzaL1TOlLN7hPvlvSdJdlvA/videos
◆Youtube Gaachana Media ☞ https://youtube.com/GaachanaMedia1
Kiristaanootaatu dhugaa dubbate moo Iyyesuusi?
-
KKIRISTAANOOTA:-
"Iyesus ilmaan nama baasufi dhiiga ofii dhangalaase male Amanta ofii ballifachuufi jecha dhiiga nama hinjisine"
-
🔪Macaafa Qulqulluu keessatti Iyyesuus Akkana Jedha🗡:-
……………………………………………………
🔪«Yesuus Immoo, "Biyya Lafaa Irratti nagaa fiduudhaaf Waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani #billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. Ani nama tokko abbaa isaa wajjiin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilma amaatii ishee wajjiin walitti naquuf dhufeera.»jedha (matewos 10:34-45)🗡
…………………………………………………
🔪«Yesus, "Ani ibidda lafa irra buusuudhaafan dhufe; ibiddichi utuu kanaan dura bobeeffameera ta'ee attamnan hawwan ture.»(Luqaasi 12:49)🗡
…………………………………………………
🔪«Amma garuu diinota koo warra isaan irratti mo'uu koo hin barbaanne kana, as fidaa ija koo duratti isaan #gorra'aa!' jedhee abboome." jedhe.»(Luqaasi 19:27)🗡
…………………………………………………
🔪«Inni immoo deebisee, "Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu; namni waa hin qabne immoo wayyaa isaa gurguree #billaa haa bitatu!»(Luqaas 22:36)🗡
…………………………………………………
🔪Isiniifi Iyyesuus kamtu dhugaa dubbate laata🗡❓
Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa:
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
ERGAA GABAABDUU!-{kutaa-1ffaa}
.
{Kabajaa Dubartii Muslimaa Eeguu!}
.
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa ta’eetiin.
Amantiin Islaamaa naamusaa fi kabaja ilma namaatiif amantii xiyyeeffannaa guddaa kannituu dha. keessaattuu kabajaa nama muslimaa. Keessaattuu kabajaa dubartii muslimaa. Namni tokko waan nama tokko jibbe qofaaf maq-balleessa baay’ee irratti raawwachuu ni danda’a. keessattuu jaarraa amma keessa jirru kana keessatti meeshaalee tekinooloojii kan barri fidetti fayyadamuudhaan wanta baay’ee hojjechuun ni danda’ama. Hanga tabaroo ilma namaatti jechuu kooti. Haa ta’uu malee garuu wanti tokko kan akka muslimaatti nuti dagachuu hin qabne osoo naamusa nama muslimaa tokko salphisuu fii kabajaa nama muslimaa tokko salphisuun dhoorkaa akka ta’ee dha. Yoo kijibaan Maqaa Namaa balleessitee kabajaa nama tokkoo yookiin dubartii qulqulluu taate takkaa salphifte kun immoo dilii gurguddoo irraayi.
Rabbiim(s.w) qur’aana isaa kabajamaa keessatti akkana jedha:-
.
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَرۡمُونَ ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ ٱلۡغَٰفِلَٰتِ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ لُعِنُواْ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٞ
.
«Dhugumatti, isaan dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan, addunyaafi Aakhiraattis abaaramaniiru Isaaniif adabbii guddaatu jira»(Suuratu An-Nuur 24:23)
.
●►Keewwata qur’aanaa kana keessatti Rabbiin(s.w) namoota “dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan” ni akeekkachiise. Namoota dubartii muslimaa qulqulluu kan sagaggaalumma hin hojjetin maqaa balleessu Rabbiin(s.w) isaan addunyaafi Aakhiraattis isaan abaare. Aakhiratti adabbii guddaa isaaniif qpheesse. Namoonni akkasii san rahmata Rabbii irraayillee fageeffamoo dha.
.
●Rassuulli Rabbii(ﷺ) hadiisa isaanii keessatti akka dubbatanitti maqaa dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’anii xureessuun cubbuu gurguddoo Azaaba nama seensiftu irraa akka taatee dha. mee hadiisa kana waliin haa ilaallu:-
.
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «اجْتَنِبُوا السَّبْعَ المُوبِقَاتِ»، قَالُوا: يَا رَسُولَ اللَّهِ وَمَا هُنَّ؟ قَالَ: «الشِّرْكُ بِاللَّهِ، وَالسِّحْرُ، وَقَتْلُ النَّفْسِ الَّتِي حَرَّمَ اللَّهُ إِلَّا بِالحَقِّ، وَأَكْلُ الرِّبَا، وَأَكْلُ مَالِ اليَتِيمِ، وَالتَّوَلِّي يَوْمَ الزَّحْفِ، وَقَذْفُ المُحْصَنَاتِ المُؤْمِنَاتِ الغَافِلاَتِ»
.
Abu hureeraa’n(رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ) Nabiyyii Rabbii(ﷺ) irraa akka odeessetti:-
“Dilii/cubbuu 7(torba) tan nama halaaktu(ibiddatti nama geessitu) irraa fagaadhaa.” ‘Yaa ergamaa Rabbi(ﷺ) isiin sun tami?’ Jedhanii gaafatan. “Rabbitti waa qindeessuu(shirkii), sihrii, Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala ajjeesuu, Qabeenya yatiimaa nyaachuu, Dhala(ribaa) nyaachuu, dirree lolaarraa dheeysuu fi dubartoota tikfamoo, mu’uminoota fi sagaagalummaa irraa dagatoo ta’an maqaa xureessuu dha.” jedhan.[Sahiih muslim 1/89 fi Sahiih Al-Bukhaarii 4/2766]
.
●Eegaa! Dhimmi nuti akka laaftutti ilaalaa jirru kun kan gara ibiddaatti nama geessu erga ta’e. yaa kabajamtootaa fii jaalatamtoo obboleewwan muslimaa gochaa fii jecha keenya keessattiis taphaafis ta’ee dhugaaf naamusaa fi kabajaa dubartii muslimaa salphisuu irra haa of eegnuu.
.
Ammallee namausaa fii kabajaa nama muslimaa kamiyyuu salphisuu irraa haa of qusannuu. Namni muslimaa wal guddisa malee wal hin salphisu; wal gorfata amlee wal hin jibbu waan ta’eef.
.
Inshaa Allaah yoon haqa qunname Rabbuma kiyyarraayi. Yoon dogoggore immoo sheeyxaanaa fii lubbuu tiyyarraayi. Wallaahu A’lam! Hanga kutaa itti aanuun walitti deebinutti Wassalaam Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh.
___________________________
...✍ Gaachana Media
___________________________
Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa:
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
GAAFA GAD AANTUMMAAN SI BOOJI'E!
*-----------------------------*------------------------------*
Namtichaatu akkuma biyya wayii dhaqetti saree gaabbbinaa konkolaataa teessee adeemtu arge. Yeroo kana maal jedhe sitti fakkaata? ❝Ah Osumaan sareedhuma tanallee tahee maal qaba.❞ jedhe. Yeroo kana hiriyyaan isaa kan isa cinaa jiru ❝Aboo ati osoo saree taatee illee saree gaabbinaa teessu rana osoo hin taane, saree tanuma gujufa namaa irraa balfaa fi bocola funaantu san taata.❞ jedheenii deebiseef jedhan.
-
Eyyeen! Gaafa miirri gad aantummaa si booji'e akkana. Kan ol jedhee mul'te hundi waanuma si caalu sitti fakkaateeti Waan sii gadii tahuuf hawwita. Beekkamaan hundi beekaa sitti fakkaateeti fakkeenya godhattee hallayyaa wajjiin seenta. Obboleessoo! Obboleettii... waan hunda dura miira gad aantummaa kan si keessa jiru ajjeesi. Injifadhu. Sammuun ilma namaa wal qixa akkataa itti fayyadamaatu wal dhaba malee. Kanaaf Namoota babbeekkamoodhaaf jilbiiffachuu jalaa of bilisoomsi. Beekkamaa tahuurra beekaa tahuun akka caalu beeki. Beekkamtummaa fi beekaa tahuunis gara gara tahuu beeki. Gonkumayyuu wantaa fi nama sii gadii tahuuf hin hawwin hadaraa!
___
...✍ Gaachana Media
___
Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa:
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
ICCITII PAASTAROOTA PHEENXEE!
***************************************
Yeroo dhihoo dura oduuwwan argaaf dhageettiif namatti ulfaatan biyyoota olla fii biyyoota alaa kanneen biro irraa dhagayaa turre. Pasteriin biyya akkanaa hordoftoota isaa irratti waan akkanaa raawwate, waan akkasii raawwate oduulee jettu. Ta’uus wantoonni akkasii biyya keenya keessatti ni mul’atu jennee hin tilmaamne. Ta’uus yeroo dhihoo as wanta orma irratti ilaallee ittiin qoosaa turre sun osoo tokkolleen hin hafin akkuma jiruun ummata keenya irratti raawwatamuu erga jalqabee bubbuluu eegaleeti jira. Eegaa paastaroonni kunniin ilaalchisee akkamitti akka ummata keenya akka sobaa jiranii fii maaliin akka sobaa jiran saaxiluudhaaf hojjechuun dirqama nama shira isaanii hubatee hundaati. Aniis akka nama tokkootti shira kana saaxiluudhaaf muradhee ka’een jira. Wantoota jara kanaan wal qabatanii hojjetamaa jiran raga qabatamaa wajjiin hubachuu namni barbaadu linkii armaan gadii kana tuqaatii chaanaalii “youtube” kiyya “Subscribe” godhaa na hordofaa. Yeroo dhihoo keessatti xiinxala ajaa’ibaatiin as baana inshaa Allaah!
Gaachana Media [https://youtube.com/GaachanaMedia1]
Namoota biraa akka dhaqqabuufis “share” godhaa.
Yoo kheyrii tana irratti na jajjabeessuu barbaaddan “subscribe” gochuudhaan nu hordofaa nutis “Docummentry” ajaa’iba ajaa’ibaa bifa qindaa’ee fii walitti fufaa ta’een gad lakkisuu jalqaba inshaa Allaah!
Gaachana Media
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: www.youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
Share…..Share….Share….Share….Share…
📖 Book Title: Is God a TRINITY?
📝 Author: George L. Johnson
📚 Publisher: An Ambassador College Publication
🔔Join Telegram Channel For additional books: /channel/CRBooksCollection
የሃይማኖት ንጽጽር ኮርስ
በወሒድ ዐቀብተ እሥልምና ማኅበር"Wahid islamic apologetics society" 6ኛ ዙር የሙቃረናህ ደርሥ!
"ሙቃረናህ" مُقَارَنَة የሚለው ቃል "ቃረነ" قَارَنَ ማለትም "አነጻጸረ" ከሚል ሥርወ-ቃል የመጣ ሲሆን "ንጽጽር" ማለት ነው፥ ሙቃረናህ የሃይማኖት ንጽጽር"Comparative Religion" ሲሆን በእሥልምና እና በክርስትና መካከል ያለው የሥነ-መለኮት አንድነት እና ልዩነት እየተነጻጸረ የሚቀርብበት ጥናት ነው። ደርሡ (ትምህርቱ) የሚፈጀው 7 ወር ኢንሻሏህ ሲሆን ሁለት ተርም አለው።
፨ የመጀመሪያው ተርም ዐጽመ-አሳብ በፈጣሪ እሳቦት ላይ የሚያውጠነጥነው፦
በሥላሴ"trinity" እሳቤ፣
በነገረ-ክርስቶስ ጥናት"Christology"፣
በነገረ-ማርያም ጥናት"Mariology"፣
በነገረ-መላእክት ጥናት"angelology"፣
በነገረ-ምስል ጥናት"Iconlogy" ላይ ነው።
፨ የሁለተኛው ተርም ዐጽመ-አሳብ በቅዱሳን መጽሐፍት ላይ የሚያውጠነጥነው፦
በአህሉል ኪታብ"People of the Book"፣
በመጽሐፍት"scriptures"፣
በመጽሐፍ አጠባበቅ"preservation"፣
በመጽሐፍት ልኬት"Standardization"፣
በባይብል ግጭት"Contradiction"፣
በኦሪት"Torah"፣
በወንጌል"Gospel" ላይ ነው።
አባሪ ኮርሶች፦
1. ሥነ-አመክንዮ"logic"
2. ሥነ-ልቦና"psychology"
3. ሥነ-ቋንቋ"linguistics" ናቸው።
የሙቃረናህ ደርሥ ቦርድ አባላት አሥር ሲሆኑ ከእነርሱ መካከል፦
1. ወንድም ወሒድ የደርሡ አስተማሪ፣
2. እኅት ሐደል የደርሡ አቅራቢ፣
3. ወንድም መህዲይ የደርሡ ፈተና አርቃቂ፣
4. እኅት ሀቢባህ ፈታኝ እና ውጤት ክፍል ናቸው።
ለመመዝገብ ከታች የተዘረዘሩት የቦርዱ አካላት በውስጥ ያናግሩ!
እኅት ረምላን፦/channel/REMLANEG
እኅት ሰላምን፦ http://t.me/SeuweSe
አኅት ዘሃራን፦ /channel/Zhara_mustefa
እኅት ሐቢባን፦ /channel/Mahbubo
እኅት ነስርያን፦ /channel/Nesriyaaa
ቦታ ሳይያዝ ይመዝገቡ! መልካም የትምህርት ጊዜ ይሁንልዎ!
ወጀዛኩሙሏህ ኸይራ!
Watch "Eenyummaa Iyyesuus Kiristoos Qur'aanaa fi Macaafa Qulqulluu irraa. Marii Amantii TikTok irratti" on YouTube
https://youtu.be/657wCXpJ948
Marii Amantii TikTok Irraa
Matadureen:
1. Waa'ee gaa'ela Ayishaa(r.a) fi Rassuulaa(S.A.W) irratti deebiin quubsaa tahe kennameera. Hordofaa:
https://youtu.be/0UnBRJ1kJN8
Safaricom telegra bot join godhuun qarshii 2500 badhaafamaa! /channel/Safaricom_bonus_bot?start=r09089329021
Читать полностью…"Gaachana Media''
-*-*-*-*-*-*-*-*-*-*-*-
'Gaachana Media' Gaachana diin-islaami, shira keessaa fi alaa kan amantii islaamaa irratti gaggeeffamu saaxiluufi qolachuuf hundaa'e. Kanaafuu Namni amantii islaamaatiif quuqamtu hundi waan dandeessuun miidiyaa kana gargaari. Kana gochuudhaaf akkaawuntii baankiitti maallaqa nuuf galchaa jechaa hin jirru. Nuti Rabbiif jecha hojjenna wanti isinirraa eeggamu garuu ergaan keenya nama hunda bira gayuuf #Share #Like #Subscribe gochuudhaan nu jajjabeessaa. Uuda (platform) miidiyaalee hawaasummaa (social media) armaan gadii sadeen kanneen irratti nu hordofaa. Namoota biraatiufis #Share godhaa. Deeggarsa keessaniif gamanumaa isin galatoomfachuu barbaadna.
---
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
ERGAA GABAABDUU!-{kutaa-2ffaa}
.
{Qajeelfamoota saglan…!}
.
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa ta’eetiin.
Yeroo baay’ee ilmi namaa gochaanis ta’ee jechaan, wanti daangaa walitti dabruuf qajeelfamoota Rabbiin(s.w) qur’aana isaa kabajamaa keessatti lafa nuuf kaa’ee hubachuu fii itti hojjechuu dhabuu irraa kan ka’ee dha. Rabbiin(s.w) suuratul hujuraat keessatti mu’mintootaaf qajeelfama 9(sagal) lafa kaa’ee jira. Namni kamiyyuu nama kamiiniyyuu irratti waa dubbachuun dura qajeelfamoota saglan kanneen yaadachuun dirqama. Qajeelfamoonni kunniin maal fa’aa dha:-
.
1. Dubbii adda baafadhaa(فَتَبَيَّنُوٓاْ):-
●Yeroo Oduun takka nama irraa siif dhufte oduu sun tamsaaftee erga miidhaan lubbuu keetirra yookiin nama biraa irra ga’e gaabbuurra jalqaba oduu san mirkaneeffachuutu sirra jira. Rabbiin(s.w) akkana jedha:-
.
«Yaa warra amantan! Yoo fincilaan tokko oduun isinitti dhufe, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti hin gaabbineef dubbii adda baafadhaa.»(Al-hujuraat 49:6)
.
2. Wal qixxeessaa(وَأَقۡسِطُوٓاْۖ):-
.
«...wal qixxeessaa Dhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata.»(Al-hujuraat 49:9)
.
3. Tolchaa(فَأَصۡلِحُواْ):-
.
«Mu’uminoonni obboleeyyani; kanaafuu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaa Akka mararfatamtanuuf jecha Rabbiin sodaadhaa.»(Al-hujuraat 49:10)
.
4.Hin tuffatin(لَا يَسۡخَرۡ):-
.
«Yaa warra amantan! Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatin Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala.»(Al-hujuraat 49:11)
.
5. Maqaa wal hin xureessinaa(وَلَا تَلۡمِزُوٓاْ):-
.
«Tokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin,»(Al-hujuraat 49:11)
.
6. Maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa(وَلَا تَنَابَزُواْ):-
.
«…Maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota.»(Al-hujuraat 49:11)
.
7. Seehaa (mamii) irraa Hedduu fagaadhaa(ٱجۡتَنِبُواْ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلظَّنِّ):-
.
«Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidha.»(49:12)
.
8. Wal hin basaasinaa(وَلَا تَجَسَّسُواْ):-
.
«…Walis hin basaasinaa…»(Al-hujuraat 49:12)
.
9. Gariin keessanis garii hin hamatin(وَلَا يَغۡتَب بَّعۡضُكُم بَعۡضًاۚ):-
.
●Wal hamachuun akka nama foon du’aa walii nyaachuuti. Namni kamiyyuu foon obboleessa isaa du’aa kutatee nyaachuu akka hin barbaadne dhugaa ifa galtuu dha. eega akkas ta’e foon obboleessa isaa jiraa nyaachuu hoo maalif hin jibbine. Rabbiin(s.w) akkana nuun jedha:-
.
«Gariin keessanis garii hin hamatin Tokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? (Yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?)»(Al-hujuraat 49:12)
.
•►Goolabbii…!
●Mu’mintoonni yeroo hunda aayaata Rabbii yaadachuufii wal yaadachiisuun dirqama. Rabbiin(s.w) qur’aana isaa kabajamaa keessatti akkana jedha:-
.
وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
.
«Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii.»(Suuratul Zaariyaat 51:55)
.
Eyyeen! Yeroo waa dubbanna yookiin hojjennu hunda yoo xiqqaate Qajeelfamoota salgan(9) kanneen yaadachuu qabna. Hamtuu irraa gorree kheeyrii addunyattis aakhirattis nu fayyaddu hojjechuu qabna. Qajeelfamoota kanneenis ta’ee, Qajeelfamoota biro kan Rabbiin(s.w) qur’aana isaa keessatti, Rassuulli(ﷺ) immoo hadiisa isaa keessatti nuuf lafa kaaye hunda itti hojjechuu nuuf haa laaffisu. Wassalaam aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh…
_______________
...✍ Gaachana Media
_______________
Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa:
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
KUNIIS NI JIRA...!
.............
.............
.............
Namticha jiraachuu rabbiitti hin amanne(atheist) tokkootu yeroo baay’ee namootni amantii garagaraa amantii tiyyatu dhugaadha lakki tiyyatu dhugaadha jedhanii yeroo wal morman waan dhagayuuf mee aamantoota kanniinirra muxannon argadhu yoo jiraate jechuudhaan amantiilee gurguddo addunyaa tanaa warren jedhaman:-Amantii Islaama,Kiristiyaana fi Yahuudaa irraa beektoota tokko tokko waamuudhaan gaafii faafachuu jalqabe.
Jalqaba Beekaa Amantii Yahuudaatiin ❝Mee Akka Amantii keessaniitti Eenyuutu Jannata seena?❞ jedhee gaafate.
Yahuudichiniis ❝Akka Amantii Teenyaatti Namni Tokko Yoo Nabi Muussatti Amanee Kitaaba isarratti bu’e(Towraat) Qeebale Jannata Ni Argata Kanan Ala Kan jiru hundi Warra Ibiddaati❞ Jechuudhaan Deebise.
Athiestichi ammalle itti aansuudhaan Gaafuma wal fakkaata kan ❝Akka amantii keessaniitti Eenyuutu jannata Argata?❞ jedhu Beekaa Amantii kiristiyaanaa kanaaf dhiheessef.
Kiristaanichiis ❝akka amantii keenyaatti namni tokko iyyesuusitti amanee kitaaba isarratti bu’e(injiil) yoo amane malee kan biraa hundi qabsiisaa/qoraan ibiddati!❞ jechuun deebise.
Namtichi(Athiest)’n itti fufuudhaan gaafuma isa armaan olii kana ❝mee jarri lamaan yaada isaanii ibsanii, Atihoo Akka Amantii Islaamatti Eenyuutu Kan Jannataati Eenyuutu Kan Ibiddati?❞ Jechuun Aalima amantii Islaamaa bakka bu’eef gaaffii dhiheessef.
Aalimtichiniis ❝jalqaba gara yaada amantii islaamaatti dhufuu kootiin dura qabxiilee jarri lamaaan kaasan irratti yaada(comment) kennun barbaada.❞ jechuun akka armaan gadii kanatti ibseef.
❝Dhugumatti akka yahuudiin jedhutti Nabi Muusatti Amanuu fii Kitaaba Isarratti Bu’e(Towraat) qeebaluun jannata kan nama galchu yoo ta’e Nuti Muslimoonni Shakkii Tokko Malee isaanii wajjiin jannata ni seenna,sababni isaas Muusaan Ergamaa Rabbii Ta’uu Itti amanna,Towraatis Rabbirra akka kennameef ni amanna waan ta’eef.❞ jechuudhaan yaada yahuudichaa irratti erga yaada kennen bood itti fufuudhaan:
❝Osuma Ta’eelle Ammaas akka kiristaanni Jedhu Jannatni Kan argamu Iyyasuusitti Amanuu fi Kitaaba isarratti bu’etti amanuudhaan yoo ta’ees Nuti Muslimoonni Yeroo Lammaffaatiif kiristaanoota wajjiin Jannata kan gallu/ seennu ta’a ,sababni isaas Nuti Muslimoonni Iyyasuus Ergamaa Rabbii Ta’uu Ni amanna Akkasuma Kitaabni Injiil jedhamu akka kennameefis ni amanna waan ta’eef.❞ jedhee ibsa gabaabaa erga kenneefii booda itti aansuudhaan,
❝Haa ta’uu malee garuu karaan Jannataa kan dhugaa yeroo ammaan tanaa kan argamu Nabiyyii Mahmmed(s.a.w) tti amanuu fi Ergaa Rabbii kan Xumuraa Kan Ergamaa Xumuraa irratti Bu’e Qur’aana Qeebalanii Hojiirra Oolchuudhaan Qofa Waan Ta’eef Ulaagaa kanaaniis Jannata Kan argatu Muslimoota Qofa Yoo ta’u kan kanaa ala jiru hundi warra ibidda ta’uun waan shakkii hin qabneedha.❞ jechuudhaan shaakkii tokko malee jala sararee warra qalbii bilisa taate qabuuf ergaa gabaabduu kan Namni Keessatti Of ilaalu Lafa Kaa’eef.
===========ALHAMDULILLAH===========
{Amantiin Islaama Nabiyyi Tokkotti amanaa tokko dhiisaa hin jettu Kitaaba tokkotti amanaa Tokko dhiisaa hin jettu,akkasuma dhugaa dhooysaa hordoftoota horadhaa illee hin jettu}
_______
...✍ Gaachana Media
_______
Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa:
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
IYYESUUS DU'A INJIFATEERAA??
_______/\__________
Maqaa Rabbii Akkaan mararfataa, Akkaan Raahmata godhaa ta'eetiin.
Yeroo baay'ee kiristiyaanoonnj "Iyyesuus du'ee du'a mo'ee/injifatee ka'e" yoo jedhan ni dhageenya. Dhugaa dubbachuudhaaf akka amantii islaamaatti Iyyesuus du'ees, fannifamees jennee hin amannu. Sababiin isaas Raabbii(s.w) Qur'aana keessatti haala shakkii tokkollee hin qabneen nuuf hime waan ta'eef.
.
Haa ta'uu malee garuu macaafuma warra kiristiyaanaallee yoo Qoranne kan ka'e Iyyesuus Humnaa fii Aangoo Isaatiin barnoota jedhu hin argannu. Kiristiyaanoonni "Iyyesuus aangoo isaatiin du'a injifate" jedhanii amanu; Macaafni Qulqulluun Immoo "Lakkii inni ofiif hin kaanee waaqayyo isa uumeetu du'aa isa kaasee"' Jedha. jecha isanii fi jecha Eegaa! Jecha macaafa Qulqulluu fi jecha warra kiristiyaana ofiin jedhanii kana keessaa kamtu dhugaa dha? Ragaalee Armaan Gadii Kanneen Sirritti haa Dubbifnu mee:-
.
«Isa Namoota Gara Jireenyaatti Geessu Ajjeeftan, Waaqayyo Immoo Du’aa Isa Kaase, Kanaafis Nuyi Dhuga-Baatuu Dha.»( Hojii Ergamootaa 3:15)
.
«Isi Yesusin In Fanniftan, In Ajjeeftanis; Waaqayyo Garuu Warra Du’an Keessaa Isa Kaase.»( Hojii Ergamootaa 4:10)
.
«Nuyi Biyya Yahuudootaatii fi Mandara Yerusaalemitti, Waan Yesus Hojjeta Hundumaaf Dhuga-Baatuu Isaa Ti; Jarris Isuma Mukatti Fannisanii Ajjeesan. Waaqayyo Garuu Guyyaa Sadaffaatti Du’aa Isa Kaasee, Akka Inni Mul’atu Godhe.»( Hojii Ergamootaa 10:39-40)
.
«Sababaa Du’a Isatti Farachiisu HIn Arganne; Utuma Kana Beekanii Garuu Akka Inni Ajjeefamuuf Philaaxosin In Gaafatan. Waa’ee Isaatiif Kan Caafame Hundumaa Erga Raawwatanii, Muka Fannoo Irraa Gad Buusanii Awwaala Keessa Kaa’an. Waaqayyo Garuu Warra Du’an Keessaa Isa Kaase.»( Hojii Ergamootaa 13:28-30)
.
«Yesus Kana, Waaqayyo Du’aa Kaaseera; Nus Hundumti Keenya Isa Kanaaf Dhuga-Baatuu Dha.»(Hojii Ergamootaa 2:32)
.
«Waaqayyo Abboota Keenyaa, Yesusin, Isa Isin Mukatti Fanniftanii Ajjeeftan, Du’aa kaaseera.»(Hojii Ergamootaa 5:30)
.
«Iyyesuus Gooftaa Akka Ta’e Afaan keetiin Yoo beeksifte, #Waaqayyo_Du’aa_Akka_Isa_Kaase Immoo Garaa Keetti Yoo Amnte Fayyina Bara Baraa In Argatta.»(Gara Warra Roomaa 10:9)
Eegaa! Kan Iyyesuus Du'aa Kaase Waaqayyoo erga ta'e, isin Iyyesuus dhiiftanii Waaqayyoo Isa Iyyesuusiin Du'aa kaase kanatti maalif hin amanne????
.
Dhugaan ni qal'atti malee hin cittu!
Rabbiin dhugaa dhooksuu irraa nu haa baraaru. Aamiin.
---
Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa:
Telegram: /channel/GaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1
Website: https://gaachana.wordpress.com/
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
Gaachana Media
Telegram: /channel/gaachanaMedia
Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia
Youtube: https://bit.ly/3jHse1f