saahibuddiin28 | Unsorted

Telegram-канал saahibuddiin28 - Daandii Milkii(Jennataa)

-

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @SaahibuddiinJihaad

Subscribe to a channel

Daandii Milkii(Jennataa)

Hawaari'onni (Barattoonni Yesuus )Muslimootaa turan

Yeroo nabi Iisaan (Yesuus)ergamu namoonni gariin didanii gariin itta amanan. Warri yeroo sana isatti amananii isa bira dhaabbatan Hawaari'oota jedhamu. Kunis akkuma waa'illan nabi Muhammadiin Sahaabaa jennu.Isaan ilaalchisee Rabbiin akkana jedhe:

".. Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis (Hawaariyoonnnis)"Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa nuuf ba’i" jedhan (Al-Ma'idah 5:111)

Nabi Iisaan (Yesuus)Islaama ture

Yeroo nabi Iisaan(Yesuus) ergamu Yihuudonni ergaa isaa dhaga'uu didan.Kana irratti IIsaan eenyu waamicha gara Islaamummaatti an godhu irratti naaf tumsa (na deeggara)jedhuun gaafate kana irratti Hawaariyoonni nutu siif tumsa:Akka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf bahi jedhan.
Rabbiin waa'ee Isaanii yeroo dubbatu akkana jedha:
Iisaan yeroma kufrii isaan irraa hubatu “namni [waamicha ani] gara Rabbiitti godhu keessatti na tumsu eenyu?” jedhe Hawaariyyoonnis “nutu tumsitoota Rabbiiti.[] Rabbitti amanneerra Akka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf ba’i” jedhan.(Aal-e-Imran 3:52)
Hawaariyoonni nuti Muslimoota ta'uu ragaa nuuf bahi jedhan osoo inni Muslma ta'uu baate akkas hin jedhani ture. Dabalataan immo akkuma duraan ilaalle Islaama jechuun nama fedhinnaa Isaa Rabbiif kenne jechuudha.Wangeela yoo ilaallu Yesuus fedhinnaa isaa kan Waaqaaf kenne ta'uu yookiin yaaada ofii isaa duukaa bu'uu kan hin barbaadne ta'uu fi 'yaada Waaqa isa ergee duukaa akka bu'u ibseera.Kana jechuun immoo Yesuus akkuma Wangeelli jedhutti Islaama jechuudha.Yesuus akkana jedhe:
“Yesus itti dabalee, "Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee.(Yohannis. 5:30)
Egaa wanti waan armaan olitti dubbanne irraa barannu ergamtoonni nabi Muhammad duraa hundi Islaamummaa irra akka turanii fi Nabi Muhammad amantii haaraa kan amantii ergamoota duraa faallessuun akka hin dhufneedha.
Itti fufa...

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale?

Amantaan Kiristaanaa DH.K.B Bara 42itti Biyya
Sooriyaatti hundeeffame.Yeroo hundeeffama isaa irraa kaasee
gidiraa(muddama)baay'ee qunnamaa ture. Namoonni amantaa kana fudhatanis isumaa
wajjin rakkachaa turan. Gariin isaani yoo ajjeefamaan, gariin isaanii immoo baqatanii iddoo
adda addaa jiraataa turan. Yeroo baqatan kanas bakka deemanitti namoota biroo amantaa kana
barsiisaa turan. Biyya keenyas yeroo jajqaba bifuma kanaan dhufe. Gosti amantaa Kiristaanaa
Ortoodoksii jedhamu Gaafa Afirkaa keessatti jalqabuma amantiin Kiristaanaa jalqabe irraa
dhawata dhawaatan babal'ataa deeme yaadni jedhu jiraatus akkaataa barreeffamni hedduun
muldhisutti DH.K.B jaarraa 4ffaa baroota Mootii Aksuum Izaanaa (320_360) dhufe jedhutu irra amansiisaadha. Namtichi Mootii Izaanaa fudhachiise nama Siiriyaa Firaaminaaxos
jedhamuudhaGaruu namoonni caalaatti Kaaba biyyatti keessa babal'isan kabajamtoota salgan
jedhamuun namoota beekaman Kan jaarraa 5ffaa keessa biyyoota Baha Meediteraaniyaa irraa
dhufaniidhaa.
Dhimma kana irratti Ustaaz Ahmaddiin Jabal akkas jedha: "Namoonni amantii Kiristaana
Kaaba Itoophiyaa keessatti barsiisaa turan kabajamtoota salgan jedhamuun beekaman
baqattoota biyya Soriyaa walgahii qaalkidaan 451 booda dhufaniidha. Isaanis: Abbaa
Aftsee, Abbaa Aleef, Abbaa Garimmaa, Abbaa Gubaa, Abbaa Liqaanis,Abbaa
Pheenxeliyon, AbbaaTsahamaa, Abbaa Yemaataafi Abbaa Zemikaa'el Argaawii
jedhamu"(Kitaaba Ahmaddiin Jabal, "Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa" jedhu, Fuula 35 fi Fuula
170 irraan fudhe ).

Inni armaan olitti ilaalle kun jalqaba dhufiinsa isaati. Eega biyya keessa galee booda immoo
akka salphaatti ummata biratti fudhatama argachuu hin dandeenye.Barsiisni amantichaa
baay'een aadaa fi amantii ummata biyyattiitiin (naannaa Gaafa Afirkaatiin)waan wal faallesseef
ummatichi fudhachuuf qophii hin turre. Kanaaf abbootiin amantichaa abbootii Siyaasaatiin
arka wal qabatanii amanticha dinqiin ummatatti fe'aa turan. Keesumattuu dameen Ortoodoksii
dirqiin ummata irratti fe'amuuf gaafa jedhu diddaan ummanni yeroo adda addaafi bakka adda
addaatti geggeessaa ture yoo ilaalle baay'ee nama suukkanneessa,Sammuu nama
madeessa. Jarri sun namuma amantii qabu ? Inumaa dhala namaati ? nama jechisiisa. Seenaa
biyya keenyaa keessatti lolli guddaan adeemsifame, Kan guddina biyyatti Quucarse, Kan
Saboota adda addaa gidduutti ibidda diinummaa qabsiise, Kan Saboota baay'ee dhabama
godhee fi Iddoowwan Turizimiif oolan baay'ee mancaase lola dirqiin Kiristaanessuu amantaa
Ortoodoksiiti. Garuu namoonni tokko tokko lolli geggeeffamaa ture sun kan Siyaasaa akka ta'ee
fi kan amantaa akka hin taane dubbatu. Dhugaan jiru kan Siyaasaa qofa osoo hin taane kan
amantaas akka ta'e namatti argisiisa. Inumaa kan amantii qofa jechuu ni dandeenya. Kanaaf
immoo ragaa baay'ee kaasuun ni danda'ama. Fkn Minilik yeroo ummata Harargee lolaan cabsu
gama Magaalaa Harar deemuun Masjiidatti ol bahee itti fincaanee,akka diigame Bataskaanni
iddoo isaatti ijaaramu godhee ture. Osoo Siyaasaaf qofa ummata sanaan lole ta'e eega
ummaticha injifatee maaliif Masjiida diiguun bakka isaatti Bataskaana ijaarsisa?Kun waanta
nama hunda irraa dhokatu miti. Mootoleen Kiristaanaa isaan dura turanis kanuma godhaa
turani. Kanaaf lolli godhamaa ture kun kan amantii Ortoodoksii baballisuuf godhame ta'uun
hubatamuu qaba. Garuu kana jechuun Kiristaanoni hardha jiran Kanneen yaadaan cubbuu kana
hin deeggarre itti gaafatamaa ta'u jechuu miti. Kun waan isaan isaan ilaallatu miti. Sababni
isaas isaan gocha kana hin deeggarre, biras hin jiranu.Akkamitti itti gaafatamaa ta'u ree?
Muslimootas ta'ee Kiristaana irra amma Kan eegamu Seenaa darbe irraa barachuun fuunduraaf
badiin akkanaa akka hin uumamneef ofegannoo chimsuun waljaalalaa fi kabajaan

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Meeshaan suuraa AI adda baasu Hive Moderation carraan suuraan kun AI'n maddisiifamuu isaa %99.5 akka ta'e kaa'e. Carraa %95.24, Illuminarty %95.1, Content at Scale %94 fi Hugging Face akkasumas carraa suuraan kun AI-generated ta'uu %97 kennuu isaa Spider mirkanneeffateera.

Bu’aalee qorannoo keenya kana irraa kaa'uudhaanis suuraan miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa tureefi jiru kun dhuguma nama ''Iyyasuus dhufuu'' kan agarsiisu osoo hin taane bu'aa artificial intelligence (AI) ta'uu mirkaneeffanneerra.

© Amar Temam
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba" Kaafira ajjeesuu" jedhu, kan yeroo darbee caalaa kan fooyya'eedh.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yeuus "gooftummaa" eessaa argate?

Baaybilii keessatti gooftummaa gosa lamaatu jira.isaanis Gooftummaa amalaatifi Gooftummaa kennaa(moggaasati) sababa kanaafi Baaybilii keessatti namoonnifi malaa'ikoonni gooftaa jedhamanii yeroo hedduu kan waamamaniifi.

Garaagarummaa gooftummaa amalaatiifi Gooftummaa kennaan argamuu:-

Gooftummaa amalaa
•Gooftaan dhugaa gooftummaan isaa jalqabaafi xumura hin qabu
•kennaan hin argamu.
•Gooftaan dhugaa ofii olitti gooftaa biraa hin qabu.

Gooftummaa moggaasaa
√Jalqabaafi xumura qaba
√ qaama biroo irraa kennaan argama
√ Gooftaa mataa isaa qaba.

Baaybilii keessatti namoonnis Maalaa'ikoonnis  gooftaa jedhamanii jiru.

Malaa'ikoota

Iyyaasuu 5:14 " Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota Waaqayyootti dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate.

Abbootii Murtii 6:12-13 "Ergamaan Waaqayyoos isatti mulʼatee, “Yaa loltuu goota nana, Waaqayyo si wajjin jira” jedheen.
Gidewoon garuu akkana jedhee deebise; “Garuu yaa gooftaa, utuu Waaqayyo nu wajjin jiraatee wanni kun hundi maaliif nurra gaʼa? Dinqiiwwan isaa kanneen abbootiin keenya, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitii nu baaseera’ jedhanii nutti himan sun hundi eessa jiru ree? Amma garuu Waaqayyo nu dhiisee harka Midiyaanotaatti dabarsee nu kenneera.”

Namoota

Uumama 32:4 "Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin gooftaa koo Esaawuun akkana jedhaa: ‘Garbichi kee Yaaqoob akkana jedha; ani Laabaa bira jiraadhee hamma ammaattis isuma biran ture.”

Lakkoobsa 11:28 "Iyyaasuun ilmi Nuuni kan ijoollummaa ofiitii jalqabee gargaartuu Musee ture sun kaʼee, “Yaa Musee, yaa gooftaa ko, isaan dhowwi!” jedhee dubbate.

1 Saamuʼeel 24:8 "Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagae

Maalaa'ikoonni fi Namoonni kunniin Gooftaa jedhamuun isaanii akkuma Waaqa tokkicha waaqeffatamu isaan hin taasifne Yesuusis gooftaa jedhamuun isaa waaqa waaqeffatamu isa hin taasisu.
Yesuus Gooftummaan isaa kennaadhan kan argame yoo ta'u inni mataan isaatuu gooftaa waaqeffatu qaba.

Hojii 2:36. “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”  Yesuusin waaqatu akkuma Yoseefiin gibxiin irratti gooftaa taasise goofta isa taasise malee Yesuus mataa isaatii gooftummaa hin qabu

"Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yoosef akkana jedha: Waaqni Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis.

Yoseef waan waaqni gooftaa isa godheef akkuma Waaqa waaqeffatamu hin taane Yesuusis sababa guyyaa keessa gooftaa godhameef  Gooftaa tokkicha kophaa isaa waaqeffatamu kan Yesuus sagaduuf sana waliin gonkumaa Waaqeffatamuun sirrii miti.
Maatewos 4:10 Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’ jedhamee
barreeffameeraatii” jedheen. isuma qofa tajaajili’  Gaaleen jedhu kun Waaqeffannaa yoo ta'u qaama  qeenxee baamaqaa " isa" jedhamuun waamamu qofatu waaqeffatama Qaama san Yesuusis namoota biroo waliin waaqeffata.
Yohannis 4:22 Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna.
Kanaafi Yeuus mataan isaa yeroo hedduu adda isaatiin gombifamee kan sagaduuf

Maatewos 26:39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.

Maarqos 14:35 "Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate.

Gooftummaan Yesuus osoo kan amalaa(dhugaa ) taatee silaa Yesuus waaqa irraa gooftummaa hin argatu,Gooftaa waaqeffatu,kan addaan gombifamee sagaduuf hin qabaatu ture.

Gooftummaan Yesuus akkuma jalqaba qabu xumuras ni qaba Inshaa Allaah kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla...

Obboleessa keessaan Jamaal Kadiir

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Islaamummaan yoom eegalame?

Akka namoonni hedduun beekanutti(hubatanutti) amantiin Islaamaa nabi Muhammadiin saw jalqabame. Mana barnootaattis kanumatu barsiifama. Garuu yaadni kun sirrii miti. Dhugaan jiru amantiin Islaamaa gaafa nabi Aadam irraa jalqabee Nabiyyoota (Raajota )hundaan osoo barsiifamuu as ga'e. Nabi Muhammadis ni jalqabe osoo hin taane isa irraafatamee namoonni daandii biraa baafatan haaromsuu fi sirreessuun barsiisaa turan. Hardhas namni gaafa dhalatu Islaamummaa irratti dhalata. Dhimma kana yaadota ammaan dura dhiyaateen walqabsiifne bifa armaan gadii kanaan kan ilaallu ta'a.
Jalqaba akkuma ammaan dura dubbannee dabarsine Islaama jechuun kallattii tokkoon "Nama fedha isaa Rabbiif kenne" jechuudha. Akkuma beekamu Anbiyoonnii(Raajonni) fi namoonni anbiyoota hordofan marti fedhinnaa isaanii Rabbiif kennoodha. Kana jechuun immoo isaan hundi Muslimoota jechuudha. Fkn Yesuus Wangeela Yohannis 5:3 keessatti akka yaada Waaqayyoo malee Kan isaa hin hordofne ibsee jira. "Ano yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee(Yoh. 5:30). Jecha kana gara Afaan Arabaatti yoo deebifne Ani Islaama jechuuta. Kanaaf Islaamummaan amantii Rabbiin ergamoota duraanii kan akka Nuuh, Ibraahiim, Luux, Muusa ,Iisaa(Yesuus) fi kkf ittiin ergeedha.
Garuu Islaamummaan Nabi Muhammad saw ittiin ergaman bifa qulqulluu(uncorrabted), hunda irra bal'aa(most general and inclusive), hunda irra salphaa ta'ee akka Kitaabni yeroo maxxansa baay'ee irra deddeebi'ee fooyyeffamee baafamu kan hunda irra fooyya'aa fi ta'e raggaasifamutti dhuma irratti raggaasifamee ummata addunyaa yeroo nabi Muhammadii fi kan booda isaaniitii amma addunyaan xumuramtuutti jiraataniif ergame.
Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina...
Itti fufa..

Pheenxee(Protestant):

Amantiin kun Jaarraa 16ffaa keessa nama Martiin Lurta jedhamuun hundeffamte.
Sababaan hundeeffama isii amantaa Kaatolikii keessatti waldiddaa argame irraahi. Hiikaan 'Protestant' jechuu Jeeqtota, Gooltota, Finciltoota jechuudha. Akka Webster's dictionary jedhutti jedhi  "fundamentalism‟ jalqaba isaaniin jedhame. Isaan irratti hojiirra oole...
Wanti  kun isaaniin jedhameefis isaantu 
fincila kaasuun Kaatolikii irraa adda bahe. Akka biyya keenyaatti immoo Pheenxee jadhamuun 
beekamu. Akkuma fuula duratti ilaallu worri finciltoota (Pheenxee) jedhaman kunis eega Kaatolikii irraa bahani bakka baay'eetti qoodamani jiru, Ammas qoodamaatuma jiru, Fuula durattis waan dhaabbatu hin  fakkaatu...

Hubadhu! Maqaan Protestant jedhu  kun Waaqa ykn nabi Iisaan/Yesuusiin hin moggaafamne. Macaafa qulqulluu irras waan jiru miti.  Barattoonni Yesuusiifi namoota jaarraawwan kudha jahan  jalqabaa jiraataniin waan beekamuu miti.  Isuma kanatu harraa karaa jennataa jechuun nutti lallabamaa jira.  Nuti gama keenyaan amantii Rabbiin nuuf  jaallatu Islaamummaa  qabna.(Qur'aana 5:3). Siyaasa namni boceen of hin rakkisnu.

Itti fufa...
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

“Utubaalee Islaamaa shanan Macaafa qulqulluu keessatti ...” Al-tokko xiinxilaan dubbisaa ajaa'iba kana ...

Qabxiiwwan Bu’uuraa kan amantaan Islaamaa irratti ijaarame shanii 5 dha. Isa kanas hadiisa Bukhaarii fi Muslim gabaase keessatti akkana jechuun ergamaan Rabbii ibsanii jiru:

عن ابن عمر -رضي الله عنهما- أن رسول الله ﷺ قال: بني الإسلام على خمس شهادة أن لا إله إلا الله، وأن محمدًا عبده، ورسوله، وإقام الصلاة، وإيتاء الزكاة، وحج البيت، وصوم رمضان [متفق عليه] .

Hiika isaa;
“𝗜𝘀𝗮𝗮𝗺𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝘄𝗮𝗮 𝘀𝗵𝗮𝗻 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝗮𝗺𝘁𝗲, 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗵𝗮𝗾𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗸𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗺𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝘂 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗵𝘂𝘂, 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 𝗲𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝘁𝗶 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗵𝘂𝘂, 𝗦𝗮𝗹𝗮𝗮𝘁𝗮 𝗱𝗵𝗮𝗮𝗯𝘂𝘂, 𝗭𝗮𝗸𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗻𝗻𝘂𝘂, 𝗛𝗮𝗷𝗷𝗶𝗶 𝗴𝗼𝗱𝗵𝘂𝘂, 𝗝𝗶'𝗮 𝗥𝗮𝗺𝗮𝗱𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮 𝘀𝗼𝗼𝗺𝘂𝘂 𝗱𝗵𝗮.” ❋ Bukhaarii fi Muslimtu gabaase ❋

Haaluma kanaan utubaan shanan kun Macaafa Qulqulluu keessattis kaa'amee jira.

🛑 1. Tokkichummaa Rabbii.
"Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” [Maarqos 12:29]

"Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!"
[Keessa Deebii 6:4]

🛑 2. Salaata.
"Yommus Yesus immoo, “Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jedheen."
[Maatewos 4:10]

"Kana irratti Museenii fi Aaron fuula waldaa duraa ba'anii gara balbala dunkaana itti wal ga'anii dhaqanii, adda isaaniitiin lafatti in gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti in mul'ate."
[Lakkoobsa 20:6]

"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee” jedhee kadhate." [Maatewos 26:39]

"Musee fi Aaron, ilmaan isaaniis harka isaanii fi miilla isaanii ittiin in dhiqatu turan. Yeroo gara dunkaana itti wal ga'anii dhaqan hundumaa yookiis yeroo iddoo aarsaatti dhi'aatan hundumaa Waaqayyo akka Musee abboometti in dhiqatu turan." [Ba'uu 40:31-32]

🛑 3. Zakaa.
"Kanaaf yommuu warra rakkataniif kennitan, akkuma fakkeessitoonni mana sagadaa fi daandii irratti godhan, namootaan akka kabajamaniif xurumbaadhaan hin labsinaa! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo arjoomtu, waan harki kee mirgaa godhu harki kee bitaa iyyuu hin beekin! ."
[Maatewos 6:2-3]

"Baay'inni cubbuu akka deebi'ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta'eef, hundumaa dura immoo jaalala ho'aa waliif qabaadhaa!"
[1 Phexros 4:8]

🛑 4. Sooma (FASTING).
"Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa, mootii ta'ee waggaa shanaffaa isaatti, waggicha keessaa ji'a salgaffaatti, sabni Yerusaalem keessa jiraatan hundinuu, warri mandaroota Yihudaa warra kaan keessaa gara Yerusaalem dhufan hundinuus yeroo itti soomuudhaan Waaqayyo duratti dhi'aatan in labsan."
[Ermiyaas 36:9]

"Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela'e."
[Maatewos 4:2]

"Yesus, “Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul'atutti, fuula isaanii in boosomsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru. Ati garuu yeroodhuma soomtutti, mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu! ”
[Maatewos 6:16-17], (Qur'aana 2:183-185)

🛑 5. Hajjii godhuu.
"bara booddeetti tulluun manni qulqullummaa inni kan Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata, gaarota hundumaa gararraattis ol in ka'a;
sabni lafa irraa hundinuus gara isaatti in yaa'u. Sabni lafa irraas baay'atanii in dhufu, Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba'uuf, “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!” in jedhu." [Isaayaas 2:2-3]


/channel/Rafiiqul_Islaam/467
/channel/Rafiiqul_Islaam/467

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Akka Barsiisa Qur'aanaa fi Macaafa Qulqulluu Kiristaanotaatti Yesuus ergamaa Rabbiiti malee Rabbiin miti. Kan inni ergames Israa'elota osoo Nabi Muhammad saw  hin ergamin dura jiraataa turaniif  qofa malee addunyaaf miti.  Yesuus akkuma Kiristaanonni jedhan osuma Waaqa ta'e kan Oromoo ykn kan Saba biraa miti. Inni kan Israa'el qofa. Israa'el jechuun immoo Ilmaan Nabi Yaaquubi.  Waaqni keessan kan Israa'el qofa jechuun  isaan qofa uume jechuudhaa?  Kan Israa'eloota male jiru eenyuuf dhiise?

Tarii Kutaa Macaafaa keessaa iddoo biraatti addunyaaf ergame kan jedhu yoo jettan isa kam dhugoomsuu dandeenya ? Isa kan Israa'el qofa jedhu moo isa kan addunyaati jedhu?
“Inni (Yesuus)immoo deebisee, "Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badan duwwaaf malee hin ergamne" jedheen.” Mat.15:24


As-Saf 61:6

وَإِذْ قَالَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَىَّ مِنَ ٱلتَّوْرَىٰةِ وَمُبَشِّرًۢا بِرَسُولٍ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِى ٱسْمُهُۥٓ أَحْمَدُۖ فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ قَالُوا۟ هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ

Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa] Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Maatii fi Firootan koo bakka adda addaatti argamtan, Namoonni addatti wal-beeknu, Hiryoonni koo Social Miidiyaa irratti wal-beeknuu fi Hawaasni Muslimaa hundi baga nagaan Ayyaana Eid al Ad-haa Waggaa 1445 ffaatiin isin ga'e.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waa'een Nabi Muhammadii fi Maqaan isaanii Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa keessatti dubbatamee akka jiru qabu qabduu? Yoo quba hin qabne Kottaa baraa isiniin jedha Dr. Zakir naik.

Ammas" Yesuus maaliif nama fayyisuu dadhabe "? Gaaffii jedhuuf deebiin kennamee jira.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Rabbiif Salaatuu Iyyasuus kiristoos Macaafa qulqulluu keessatti


Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera.
Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee, hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati.  Inni ergamaa Rabbii tokkichaati. Mee waa'ee kanaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka dubbate haa ilaallu. Garuu keewwattoota macaafa qulqulluutti ni amanu taanaan na mormuu fi Arrabsus hin qaban. Gaafa Dubbii arrabaa eegalan, ana odoo hin taane kitaaba arrabsutti akka jiran haa beekan...

"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."(Luqaas 6: 12)

"Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."(Maatiwoos 14: 23)

"Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate. (Maatiwoos 26:36-44)

"Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate." (Maarqoos 1: 35)

"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "(Maarqoos 14: 35)

"Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e." (Maarqoos 6: 46)

"Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke." (Luqaas 5: 16)

"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule." (Luqaas 6: 12)

"Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate." (Luqaas 9: 18)

"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, "Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen." (Luqaaas 11:1)

"Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."(Luqaas 18: 1)

"Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;" (Luqaas 22: 41)

Gaaffiin qaba...Iyyasuus kiristoos erga Waaqayyoon ta'e, Waaqayyoon inni kadhate sun hoo eenyu??

Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'ee fi Gabricha isaa akka ta'e nama hubachiisa. Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu, homa tokkos hin kadhatu, Waaqayyoon gaafa kadhateera, salaateera, soomeera gaafa jenne, qaamni sin Rabbiin ta'uu hin danda'u.  Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee, Rabbummaa mataa isaa dubbachaa akka  hin turre ifa galaadha.

Qopheessaan: Xaahir Galatoo


/channel/Rafiiqul_Islaam/440
/channel/Rafiiqul_Islaam/440

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba Hayyuu Addunyaa Barsiisaa 'Comparative Religions'  Kan ta'e, Kitaaba #Dr. #ZakirNaik kan "Concept of God in Major Religions"(Yaadrimee Rabbii Amantiilee Gurguddoo keessatti ) jedhu kana Afaan Ingiliffaan jiru dubbisa.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Yesuus #Muslimoota ni #jaallata Garuu Kiristaanota ni #Jibba

Yeroo Kiristaanonni "Yesuus si Jaallata " isiniin jedhan, eeyyeen dhugaadha na jaallata. Garuu Isin Kiristaanota  ni  jibba jedhaani. Yoo jarri ragaa isin gaafatan keeyyata  Wangeela Maatewos 7:21-23 irratti  argamu itti  agarsiisaa.  Achirratti akka ibsametti namoonni guyyaa dhumaatti Yesuusitti dhufanii akkas jedhu: " Yaa gooftaa nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii"? Maatewos 7:21.

Yesuus immoo yeroo sana  akkana jechuun deebisaaf:
" 'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!'  Mat. 7:23.

Akkuma  keeyyata kana irraa hubatamu Maqaa Yesuusiin raajii hojjanna jechuun hamaa hojjachuudha. Cubbuu Yesuus jibbu hojjachuu jechuudha. Yeroo ammaa falfala fayyadamuun  kan hamaa kana hojjataa jiru Muslima osoo hin taane Pheenxeedha. Kan Yesuusiin gooftaa jedhus Kiristaanota.  Kanaaf akkaataa Ragaa Macaafa qulqulluu irra jiruutiin  Yesuus Pheenxee fi Kiristaanota hin jaallatu. Kana jechuun jecha biraan Muslimoota wantoota kana hin raawwanne immoo ni jaallata jechuudha.

Hubachiisa cimaa!

Kiristaanonni Eega keeyyata armaan olii ilaalanii kun  " Namoota  afaan qofaan(Duwwaadhaan❌) itti amanee garaan itti amanuu dide ibsaa jira yoo isiniin jedhan,  Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo dhiisaati Macaafa afaan biraan jiru fayyadama. Sababni isaa jechi duwwaadhaan/qofaan jedhu kun kan afaan Oromoo  qofa keessatti argama.

Eega kana gootanii Yesuus  nama gooftaa isaan jedhu, Kan maqaa isaatiin raaji hojjanna jedhan akka hin jaalannee fi Guyyaa dhumaatti akka isaan hin beekne  ni hubatu.

Obboleewwan Kiristaanaa gara Islaamummaa yoo dhuftan Yesuusiin ni argattu. Yeroo sana inni  isin  jaallata. Raajonni hundi isin jaallatu.  Jennata argatu. Gilee ibiddaa irraa bilisa baatu. Yoo diddeenakkuma Yesuus isiniin jedhe faallaa kanaatu isin mudata. Abbaan koo, Armeen koo, obbolaan koo, firri koo Kiristaataanaa akkamittan isaan dhiisa jechuun yeroo keessan hin gubina. Addunyaa yeroo gabaabduu irra jiraatanuuf jettanii jireenya bara baraa(jennata) hin dhabina. Kun dhaabsa obbolummaa fi namummaati. Dhugaa jiru himuun dirqama kiyya. Fudhachuu fi dhiisuun mirga keeti. Garuu guyyaa dhumaa sana akkan dhugaa kana  sitti himee jiru hin mormin!


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Nabiyyoonni(#Raajonni) maali?

Deebii:
Nabiyyoonni ilma namaa ta'anii warra Rabbiin namoota keessa filatee akka isaan ergaa Rabbii ummataan ga'anuuf, Karaa sirrii namoota qabsiisanuuf, kitaaba Rabbii nama barsiisanuuf gara ummataatti ergeedha. Isaan dhala namaa keessa filatamoodha. Kana jechuun ergaa Rabbii ummataan gahuu irratti amanamtoota, ummataaf yaaduu keessatti filatamtootaa fi amanamtoota, nama kamiinillee caalaa seera Rabbiitiif ajajamtoota, Warra lubbuu ofii caalaa seera Rabbii bakkaan gahuu fi ummata karaa badiisaa fi ibidda irraa oolchuuf qabasa'niidha.

Isaan mirga gabbaramuu hin qaban. Isaan keessaa namni tokkollee na gabbaraa /naaf gabrooma yookiin Rabbiin malee uumaa biraa gabbaraa hin jenne.Isaan Rabbiif qofa gabroomuutti nama waamaa turan...

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Goodansa #gara-madiinaa fi #Biyya #ijaaruu

#Seenaa #Nabiyyii

Nabiyyiin yeroo waqtiin hajjii ga'e kellaa Makka irra dhaabbachuun hawaasa kallattii adda addaa irraa gama makka dhufu gara amantii Islaamaatti waamu. Namoonni gariin ni sobda; Rabbiin tokkoo miti yoo jedhanuun, gariin immoo itti qoosaa bira darbu. Garuu isaan kana ilaalanii of duuba hin jedhan. Osoo haala nuffisiisaa ta'e kanaan da'awaa godhanuu ergamuu isaanii irraa jalqabee woggaa 11 tti Tuuta madinaa irraa dhufan tokkoon wal argan. Tuunni kunis waamicha isaanii qeebaluun Muslimoota  ta'an. Bara itti aanus (ergamuu isaanirraa bara 12itti) ammas tuutni biraa dhufee Islaamummaa fudhate.  Isaanis jara kanaa waliin walii galtee gochuun Saabota  irraa namoota Qur'aana isaan barsiisan kennanii gara Madiinaatti geggeessan. Worri ergaman  Akkuma achi dhaqabaniin ummaticha baraiisuu jalqaban. Ummatichi bifa adda ta'een amantii kana simate. Amantii Islaamaa siffisaan bababal'achuu itti fufe. Ammas bara 13ffaa itti namoonnii muraasni Nabiyyiin walqunnamuun yoo inni gama isaanii( Madiinaan) dhufe akka isaaf deeggarsa godhan waadaa galan. Waadaa kana booda Muslimoonni
Makka keessatti Qureeshotaan roorrifamaa turan gara Madiinaa godaanan. Akkasumas warra Habashaatti godaane irraas namoonni baay'een gara madiinaatti deebi'an. Guruu Nabiyyiin achuma Makkatti afuun da'awaa itti fufan.

Gama biraan immoo Nabiyyiin Naannoo Makkaatii fi Makka keessatti Sahabota isaa wajjin jiraachuu dadhabuun Kun Kuffaara Qureeshotaaf  cidha guddaa ta'ee jira. Garuu Nabiyyii of duuba hin deebifne. Inumaa Firii da'waa isaanii Makkaafi naannoo isii keessatti arguu baatanis fageenya Kilomeetira dhibba Shan fagaatu imalee Madiinaatti biqilee daraaree urgaan isaa  ofitti nama harkisuu jalqabeera.  Booda irra Kuffaarri Qureeshii odeefanmoo kana yeroo  dhaga'anu Nabiyyiin gara Madiinaa  deemnaan fudhatama argachuu isaa waan beekanuuf tarkaanfii ajjeechaa Nabiyyii irratti  fudhachuuf murtessan... Yeroo kana Nabiyyiin lubbuun ni afu jedhanii yaaduun ni ulfaata. Sababni  isaa biyya bulchiinsa sirnaawaa fi Seera ittiin bultu qabdu keessa hin jiru. Qaamni qabeenya badee fi lubbuu bade hordofu seeratti dhiheessus  hin jiru. Biyya sanitti isaanuu jaarraa hedduuf walnyaataa turani. Kana ta'uu wajjin yeroo Nabiyyii ajjeesuuf murteeffatanitti akka dhiigni isaa gosa isaatiin  hin barbaadamneef immoo nama isa ajjeesu gosa baay'ee irraa walitti qabuun seefii filatamaa summii dibanii itti kennuun itti ergan. Rabbiin guddaan yeroo kana akka  isaan Makka keessaa bahuu qaban  Nabiyyii ajaje. Kuffaaronni waan yaadan osoo bakka hin ga'atin hafan. Lubbuun arka Rabbii uumee waan jirtuuf osoo isaan isa hin xuqin isaan gidduu ba'ee nagayaan  Bara 622tti  Dh.K.D Madiinaa dhaqabe.

Yeroo Isaan Makka irraa ba'an Qureeshonni labsii  namni fayyaa isaas ta'u du'aa isaa qabee fide Gaala dhibba tokko badhaafa jedhu  labsan. Biyyi guutuun  Nabiyyii argee  qabee fiduuf  yaalus ijji arka Rabbii waan jirtuuf Nabiyyii  arguu hin dandeenye...
Akkuma Madinaan ga'ee qubateen Masjiida jiraare, Muhaajiraa (warra iddoo biraa irraa gara Madiinatti  godaane) fi  Ansaara( jiraattota madiina kanneen baqattoota simatan) walitti obboleemse,. Gidduu Muslimootaa fi Mushrikoota Madinaa,Yahuudotaa madiinaatti walii galtee nageenyaa mallatteesse. Kana irraa kan ka'e Madiinaan biyya jabduu kan Muslimootaan hogganamtu isii jalqabaa taate...

Itti fufa...

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

jiraachudha. Keesumatti wantoota godaanisa kaleessaa san kaasuu fi kaasuuf sababa ta'an kan
akka gocha Finxaaleyyii Ortodoksii Amaaraa yeroo dhiheenya deemaa jiru irraa fagachuun
garee lammanii fu baay'ee mirteessaadha.Ta'uu baannaaan dabaree wal haadhaa jiraachuun waan hafuu miti. Inni kun akka hin taaneef namni hundi ga'ee keenya haa banu jechaa Seenaa
darbe irraa akka fakkeenyatti muraasa kaafne haa ilaallu .

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐍𝐀𝐆𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐓𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐌𝐓𝐔 𝐋𝐀𝐁𝐒𝐀𝐀??



𝐊𝐔𝐓𝐀𝐀 2𝐅𝐅𝐀𝐀


by Arabi/አረብ/عرب

LUBBUU AJJEESUU FI BALLEESSUU EENYUTUU AJAJA?


{𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐍 𝐕𝐒 𝐁𝐈𝐁𝐋𝐄}


@Rafiiqul_Islaam
@Rafiiqul_Islaam

10• «”Ati namoota Israa’eliin, ‘Waaqayyo akkana jedha:- Namoota Israa’el keessaa, galaa biyya Israa’el keessa jiraatu keessaas namni tokko illee dhala isaa keessaa tokko Moleekiif aarsaa yoo dhi’eesse, mama malee haa #ajjeefamu ! Namoonni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa rukutan!»(Seera Lewwootaa 20:2)

11• «Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru mama malee haa #ajjeefamu! Inni abbaa isaa yookiis haadha isaa waan abaareef, dhiigni isaa mataadhuma isaa irraa haa barbaadamu!»(Seera Lewwootaa 20:9)

12• «”Namni tokko akka nama dubartii bira ga’utti horii bira yoo ga’e, mama malee haa #ajjeefamu! Horii sanas isin ajjeesaa!»(Seera Lewwootaa 20:15)

«Akka dubartii dhiira bira geessutti dubartiin tokko horii bira ga’uudhaaf yoo itti dhi’aatte dubartittii, horii sanas isin #ajjeesaa! Isaan mama malee haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu!»(Seera lewwootaa 20:16)

13• «Namni maqaa ana Waaqayyo arrabsuudhaan salphisu haa ajjeefamu! Guutummaan waldaa sanaa dhagaadhaan isa haa rukutu! Namni galaanis akkuma nama biyyaatti yeroo maqaa gooftaa arrabsuudhaan salphisu dhugumaan haa #ajjeefamu!»(Seera Lewwootaa 24:16)

14• «Namni nama ajjeesu innis dhugumaan haa #ajjeefamu!»(Seera Lewwootaa 24:17)

15 «Namni horii yoo ajjeese iddoo isaa haa buusu! Namni nama ajjeese garuu haa #ajjeefamu!’ jedhi!»(Seera Lewwootaa 24:21)

16•«Yeroo adeemuuf ka’an, warri Lewwoonni dunkaanicha haa buqqisan! Yommuu buufachuuf jedhanis isaanumti haa dhaaban! Isaan irraa kan hafe namni kan biraa dunkaanichatti yoo dhi’aate haa #ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 1:51)

17•  «Aaronii fi ilmaan isaa luboota ta’anii akka hojjetaniif ati hojii irra isaan dhaabi! Namni kan biraa iddoo qulqullaa’aatti yoo dhi’aate garuu haa #ajjeefamu!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 3:10)

18• «Museenii fi Aaron, ilmaan Aaronis godoo sana gara boruutiin dunkaana itti wal ga’an dura qixa ba’a-biiftuutiin haa buufatan! Isaan ofii isaaniitiif, Israa’elootaafis iddoo qulqullaa’aa eeguutti in gaafatamu; isaan irraa kan hafe namni kan biraa yoo itti dhi’aate haa #ajjeefamu!»(Seera lakkoobsaa 3:38)

19• «Waaqayyo yommus Museedhaan, “Namichi haa du’u! Guutummaan waldaa iddoo buufataa duubatti dhagaadhaan isa haa #rukutu!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 15:35)

20• «Garuu atii fi ilmaan kee lubummaa keessan eegaatii hojii isa iddoo aarsaatti, golgaa keessattis hojjetamu hundumaa kophaa keessan hojjedhaa! Ani hojii lubummaa kennaa ittiin hojjettan godhee isiniif kenneera; ormi tokko illee iddoo qulqullaa’aa sanatti yoo dhi’aateef haa #ajjeefamu!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 18:7)

21• «” ‘Namni mi’a sibiila irraa hojjetameen yoo nama rukute, inni rukutame sunis yoo du’e, inni rukute sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa #ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 35:16)

22• «Namni dhagaa of harkaa qabu tokkoon nama rukutee yoo ajjeese inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa #ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 35:17)

23• «Namni ulee mukaa of harkaa qabu tokkoon nama rukutee yoo ajjeese inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun haa #ajjeefamu!»(Seera Lakkoobsaa 35:18)

24• «yookiis abootuudhaan yoo rukute, inni rukutame sunis yoo du’e, namichi rukutee ajjeese sun haa #ajjeefamu! Inni nama gumaa waan ta’eef, inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun namicha yoo argate haa ajjeesu!»(Seera Lakkoobsaa 35:21)

25• «Namni du’i itti faradame haa #ajjeefamu malee, isa oolchuudhaaf gumaa irraa hin fudhatinaa!»(Seera Lakkoobsaa 35:31)

/channel/Rafiiqul_Islaam/486
/channel/Rafiiqul_Islaam/486

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

''Yesuus Gujiitti mul'ate''

Garaagarummaan Yesuus Gujiifi Yesuus Keeniyaa maali?
Dhuguma maaltu mudate?
~~~
Spider Media : Fact check
Akkuma beekamu guyya guyyaatti odeeffannoowwan garaa garaa miidiyaalee hawaasaa irratti maxxanfamaa oolu. Odeeffannoowwan kunneen garuu guutummaan guutuutti dhugaadha yookaan qabatamaadha jechuu miti. Akkuma qaamoleen odeeffannoo sirrii qoodan jiran kanneen hojii maxxansaalee sobaafi qabatama hin qabneen hawaasa burjaajessanis ni jiru. Kaayyoon isaan kana sadarkaa burjaajii irra kan ce'eefi iccitiis duubaa kan qabu ta'uu mala.

Tibba kana ''Godina Gujii Lixaa Aanaa Qancaa Ganda Shakkichaatti suuraan Yesuus samii gubbaatti mul'ateera'' odeeffannoon jedhu suuraa kanaa gadii waliin walqabsiifamee maxxanfame baay'inaan haasaa namoonni miidiyaa hawaasaa irratti dubbatan ta'eera.

Spider miidiyaan taatee ''Godina Gujiitti ta'e'' jedhame kana dhugummaa isaa adda baasuuf hawaasa bakka jedhemee irraa odeeffannoon inni argate taateen kun guutummaan guutuutti soba ta'uu mirkaneeffateera.

Gama biraatiin waa'ee suurichaa irratti qorannoo taasisuuf wayita adeemsa eegallutti taateewwan akkanaa biyya keenyaaf haaraa ta'anillee biyyoota adduunyaa keenyaa biroo keessatti garuu bali'naan waan odeeffame ta'uu arguun keenya qorannee dhugaa jiru hawaasaaf akka ifa goonuuf caalaatti nu kakaaseera.

Suuraafi bocaawwan garaa garaa ''hawaa irratti mul'atan'' jedhamanii odeeffaman hedduun jiraatanillee suuraan ''Yesuus'' jedhame kun garuu biyyoota adduunyaa garaa garaa keessatti akka mul'ate yeroo heddu kan ibsame yoo ta'u guutummaan guutuutti haala jechuun danda'amuun ergaa ''barri xumuraa - gaheera, gara Waaqayyoo deebi'aa'' jedhanfaa waliin maxxanfameera. Maxxanfamaas jira.

Dhuguma kun sadarkaa suuraafi maxxansaalee xixiqqoo haasaa miidiyaa hawaasaa ta'ee hafumoo kaayyoo biraa, ergaa dhokataa yookaan iccitaawaa ta'etu duuba jira kan jedhu Spider Miidiyaan qorannoon deeggaree gara fuula duraatti kan isiniinin ga'u ta'a Inshaa Allaah.

Waa'ee taatee seensa irratti eerreetti yoo deebinu garuu, suuraa 'n Yesuus Gujii dhihaatti samii irratti mul'ateera jedhamuun haasa'ame, barreeffama dhiheenya kana fayyadamaan X (kan duraan twitter jedhamaa ture) 'Mike Sonto' jedhamu gaafa Ebla 7, 2024 qoode, suuraa fakkii Yesus samii irratti mul'atu agarsiisa jedhameedha.

Suuraan kun kan akka kaafame dubbatame biyya Keeniyaa bakka ''Oyuma Market' jedhamu keessatti akka ta'es ibsame.

Mike barruu “kaleessa 'Gabaa Oyuma Kendu Bay, Homabay County' keessatti argameedha, hundi keenya osoo yeroon hin darbiin qalbii keenya gara waaqaatti deebisuu qabna'' jechuun suuraa kana waliin walqabsiisee barreesse maxxanse.

Barreeffamni kun namoonni akka qalbii geddaratan (gaaroman) kan gorsu yoo ta'u,  kun mallattoo murtii waaqummaan dhufuu akka ta'e agarsiisuufis yaala.

Barreeffamichi daawwattoota kuma 742 oliin kan ilaalame yoo ta'u namoota 827 itra deebiin maxxanfameera, akkasumas namoonni 1000 ol ammoo duubdeebii/yaada kennaniiruufi.

Fayyadamtoota biroo (Kotsocha_ke fi Oboy_jay) jedhaman dabalatee namoonni biroon hedduunis suuraa walfakkaataa kana Ebla 6 fi 7, akkaataa wal duraa duubaatiin taatee ajaa'ibaa uumame jedhanii yaada dhuunfaa isaanii waliin maxxansaniiru. Garuu  akka Mike'n jedhu bakka 'Gabaa Oyuma Kendu Bay'' jedhamu keessatti osoo hin taane bakkoota garaa garaatti akka mul'ateedha kunneen kan himan.

Kunneen Spider Media n xiyyeeffannaa bal’aa dhimmichaaf (suuruchi) kennuun suuraa dhugaa ta’uu adda baasuuf qorannoo akka gaggeessuu isa taasiseera.

Mirkaneessa:
Spider waltajjiiwwan toora interneetii garaa garaa irra erga bal'inaan barbaacha taasisee booda ''suuraa Yesus samii irratti mul'ate'' jedhamee kana marsariitiiwwan beekamoo kam irraayyuu argachuu hin dandeenye.

Dabalataanis, suuraan kun maddoota amanamoo ta'an irraa argamu dhabuun isaa, teknooloojii sammuu namtolchee (AI) fayyadamuun uumamuu akka danda'e agarsiisa.

Spider yaada kana mirkaneessuuf suuraa kana 'AI image detectors' shan fayyadamuun qorannoof galcheera.
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina.

Rabbiin Nuuh Muslima (nama fedhinnaa  Rabbiif kenne) ta'uu isaa ilaalchese jecha inni ummata isatiin jedhe Qur'aana keessatti yeroo nuuf himu akkas jedhe:"..Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(Yunus 10:72)

Nabi Ibraahiim (Abraaham )Muslima ture
Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha:


Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane.(Aal-e-Imran 3:67).
Sababni Qur'aanni kun itti bu'eef Yahuudonni Ibraahiim yahuudaadha jedhu, Kiristaanonnis Ibraahiim Kiristaana jedhu, Hundi isaaniyyuu kan ofii taasifachuu barbaadu Garuu Rabbiin waan hunda beeku  akkana jechuun deebiseef  "Ibraahiim Yahuudaas, Kiristaanas miti, Inni Muslima" jedhe. Akka  Mushrikoonni (Waaqefattoonni)nu waliin jira hin jeenneefis dhuma keeyyatichaa irratti inni Mushrikas miti jedhe.
Kanaaf keeyyata kana irratti  Ibraahiim Muslima ta'uu hubanna jechuudha.

Iimaan Ibraahiimiifi Ilmaan Ya'aquub Muslimoota turan.

Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha:
"Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).(Al-Baqarah 2:132 )
Ammas Rabbiin Qur'aana keessatti yeroo dubbatu akkas jedha:
" Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhe..? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarraNuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."(Al-Baqarah 2:133)
Kana jechuun Ibraahiim,Ya'aquubii fi ilmaan isaanii Islaamummaa irra turan.
Islaamummaa hortee isaaniitiif dhaamanii du'an jechuudha. Kanaafuu ergamtoonni booda isaa ergamanis hundinuu Islaamummaa irraa turan.

Amantiin Muusaa Islaama ture

Muusaan ummata isaatiin akkana jedhe:
Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”(Qur'aana 10:84).

Amantaan Suleeymaan(Salamoon) Islaama ture.

Nabi Suleeymaan Mootittii tokko kan yeroo Nabi Suleymaan Yaman bulchaa turte gara Islaamummaatti waamuuf xalayaa itti ergeen akkana jedhen:
Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”(An-Naml 27:31)

Nabi Luux amantiin isaa Islaama

Rabbiin Qur'aana keessatti waa'ee nabi Luuxii fi ummata isaa ilaalchisee akkana jedhe: Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine.(Adh-Dhariyat 51:36)
Kana jechuun akka keeyyata biraa keessatti ibsameetti ummanni nabi Luux ergaa isaa fudhachuu dinnaan Rabbiin tarkaanfii isaan irratti fudhateen isaan dhabamsiise. Isaan keessa worra amanan qofa oolchuun kaan balleeffaman. kan Islaamummaa Luux itti waamaa ture fudhannaan oolchame immoo mana tokko malee hin jiru. Kanaaf Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee (ganda)keessatti homaa hin argine"jedhe.

Harraaf asumatti dhaabna. Yeroo itti aanu nabi Iisaa(Yesuus) fi Barattoonni Isaa Muslima ta'uu kan ilaallu ta'a.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Islaamummaan yoom eegalame?

Akka namoonni hedduun beekanutti(hubatanutti) amantiin Islaamaa nabi Muhammadiin  saw jalqabame. Mana barnootaattis kanumatu barsiifama. Garuu yaadni kun sirrii miti. Dhugaan jiru amantiin Islaamaa gaafa nabi Aadam irraa jalqabee Nabiyyoota (Raajota )hundaan osoo barsiifamuu as ga'e. Nabi Muhammadis ni jalqabe osoo hin taane isa irraafatamee namoonni daandii biraa baafatan  haaromsuu fi sirreessuun barsiisaa turan. Hardhas namni gaafa dhalatu Islaamummaa irratti dhalata. Dhimma kana yaadota ammaan dura   dhiyaateen walqabsiifne bifa armaan gadii kanaan kan ilaallu ta'a.
Jalqaba akkuma ammaan dura dubbannee dabarsine Islaama jechuun kallattii tokkoon "Nama fedha isaa Rabbiif kenne" jechuudha. Akkuma beekamu Anbiyoonnii(Raajonni) fi namoonni anbiyoota hordofan marti fedhinnaa isaanii Rabbiif kennoodha. Kana jechuun immoo isaan hundi Muslimoota jechuudha. Fkn Yesuus Wangeela Yohannis 5:3 keessatti akka yaada Waaqayyoo malee Kan isaa hin hordofne ibsee jira. "Ano yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee duukaan bu'a malee(Yoh. 5:30). Jecha kana gara Afaan Arabaatti yoo deebifne Ani Islaama jechuuta. Kanaaf Islaamummaan amantii Rabbiin  ergamoota duraanii kan akka Nuuh, Ibraahiim, Luux, Muusa ,Iisaa(Yesuus) fi kkf ittiin ergeedha.
Garuu Islaamummaan Nabi Muhammad saw  ittiin ergaman bifa qulqulluu(uncorrabted), hunda irra bal'aa(most general and inclusive), hunda irra salphaa ta'ee akka Kitaabni yeroo maxxansa baay'ee irra deddeebi'ee fooyyeffamee baafamu kan hunda irra fooyya'aa fi ta'e raggaasifamutti dhuma irratti raggaasifamee ummata addunyaa yeroo nabi Muhammadii fi kan booda isaaniitii amma addunyaan xumuramtuutti  jiraataniif ergame.
Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina...
Itti fufa..

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

"Namoonni gara mana keetti adeemuu garaa keessaa qabaatanii si biraa humna argatan, haa gammadan! Isaan yeroo dachaa gogee nama boossisu keessa adeeman, iddoo sana lafa bishaan burqu in godhatu; bokkaan inni dura roobus eebba isa irra in diriirsa." [Faarfannaa 84:5-6] (Qur’aana 3:96).... 2:125~127,

● Utubaa Islaamaa 5 Macaafa Qulqulluu fi Qur'aana keessatti kan kaa'ame kana osoo arganii Islaamummaa maaliif hin fudhannee ...?

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻:
© Ifaa Dhugaa

/channel/Rafiiqul_Islaam/468
/channel/Rafiiqul_Islaam/468

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Pheenxee(Protestant):

Amantiin kun Jaarraa 16ffaa keessa nama Martiin Lurta jedhamuun hundeffamte.
Sababaan hundeeffama isii amantaa Kaatolikii keessatti waldiddaa argame irraahi. Hiikaan 'Protestant' jechuu Jeeqtota, Gooltota, Finciltoota jechuudha. Akka Webster's dictionary jedhutti jedhi "fundamentalism‟ jalqaba isaaniin jedhame. Isaan irratti hojiirra oole...
Wanti kun isaaniin jedhameefis isaantu
fincila kaasuun Kaatolikii irraa adda bahe. Akka biyya keenyaatti immoo Pheenxee jadhamuun
beekamu. Akkuma fuula duratti ilaallu worri finciltoota (Pheenxee) jedhaman kunis eega Kaatolikii irraa bahani bakka baay'eetti qoodamani jiru, Ammas qoodamaatuma jiru, Fuula durattis waan dhaabbatu hin fakkaatu...

Hubadhu! Maqaan Protestant jedhu kun Waaqa ykn nabi Iisaan/Yesuusiin hin moggaafamne. Macaafa qulqulluu irras waan jiru miti. Barattoonni Yesuusiifi namoota jaarraawwan kudha jahan jalqabaa jiraataniin waan beekamuu miti. Isuma kanatu harraa karaa jennataa jechuun nutti lallabamaa jira. Nuti gama keenyaan amantii Rabbiin nuuf jaallatu Islaamummaa qabna.(Qur'aana 5:3). Siyaasa namni boceen of hin rakkisnu.

Itti fufa...
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐬𝐫𝐚𝐚'𝐢𝐥 𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞?


Yesuus ergamaa Rabbiiti. Ergamtoota Rabbiin biraa ergaman irraa addummaa hin qabu. Kitaabni Rabbiin biraa isaaf kennameera. Maqaan kitaabdichaas Injiil jedhama. Maqaan Iisaa [Jesus] jedhamu Qur’aana keessatti bakka 25 tti dubbatameera. Bakka 16 tti immoo ilma Maryam jedhameera. Haa ta’u malee bakka tokkottuu ilma Rabbii jedhamee hin dubbatamne. Kanaafuu, ilma Rabbii miti. Rabbiin ilma hin qabu.

Akkasumas,  yeroo 11 Qur’aana keessatti Al Masiih jedhameera. Kiristaanonni hedduun;  Nabi Iisaan (yesuus) aduunyaa hundaaf ergame yaada jedhu qaban. Haa ta’u malee; yaanni isaanii kitaaba isaan hordofan wajjiinis waliif hin galu. Macaafni qulqulluun,Yesuus kan ergameef ummata Israa’el qofaafi jedheera.Qur’aanni kabajamaaniis, yesuus ummata Israa’el qofaaf ergamuu isaa gadi fageenyaan dubbateera. Mee haa hubannuu!

(يَاأَهْلَ الْكِتَابِ لَا تَغْلُوا فِي دِينِكُمْ وَلَا تَقُولُوا عَلَى اللَّهِ إِلَّا الْحَقَّ إِنَّمَا الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ رَسُولُ اللَّهِ وَكَلِمَتُهُ أَلْقَاهَا إِلَى مَرْيَمَ وَرُوحٌ مِنْهُ فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ وَلَا تَقُولُوا ثَلَاثَةٌ انْتَهُوا خَيْرًا لَكُمْ إِنَّمَا اللَّهُ إِلَهٌ وَاحِدٌ سُبْحَانَهُ أَنْ يَكُونَ لَهُ وَلَدٌ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَكَفَى بِاللَّهِ وَكِيلًا)
(Yaa abbootii kitaabaa! Amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa’inaa. Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta’i jedhu) kan Inni gara Maryam darbeedha. Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta’eedha. Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanaa“Rabbiin sadihi” hin jedhinas, Isarraa dhorgamaa; isiniif caalaa (ta’aa)Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofaInni ilmi Isaaf ta’uu irraa qulqullaa’e. Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Isaati. Hirkoodhaafis Rabbiin qofti ga’aadha.)  [Suuraa Annisaa’i Aayata 4;171]

(مَا الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِنْ قَبْلِهِ الرُّسُلُ وَأُمُّهُ صِدِّيقَةٌ كَانَا يَأْكُلَانِ الطَّعَامَ انْظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ الْآيَاتِ ثُمَّ انْظُرْ أَنَّى يُؤْفَكُونَ)
(Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa miti. Haati isaas akkaan dhugoomsituudha. Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan. Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali!. Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali!.)  [ Suuraa Maa’idaa Aayata 5:74]

(وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ وَقَفَّيْنَا مِنْ بَعْدِهِ بِالرُّسُلِ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ الْقُدُسِ أَفَكُلَّمَا جَاءَكُمْ رَسُولٌ بِمَا لَا تَهْوَى أَنْفُسُكُمُ اسْتَكْبَرْتُمْ فَفَرِيقًا كَذَّبْتُمْ وَفَرِيقًا تَقْتُلُونَ)
(Dhugumatti Nuti Muusaaf kitaaba kenniineerra. Isa boodas ergamtoota walitti aansuun hordofsiifnee jirra. Iisaa ilma Maryamiifis mallattoolee ifa ta’an kenninee jirra. “Ruuhul Qudsiin” (Jibriiliinis) isa jabeessinee jirra. Sila dhawaata ergamaan waan lubbuun keessan hin feeneen isinitti dhufuun boontaniiti garii kijibsiiftanii garii
ajjeeftuu?) [ Suuraa Baqaraa  Aayata 2:86]

(وَإِذْ قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ يَابَنِي إِسْرَائِيلَ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُمْ مُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَمُبَشِّرًا بِرَسُولٍ يَأْتِي مِنْ بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَدُ فَلَمَّا جَاءَهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ قَالُوا هَذَا سِحْرٌ مُبِينٌ)
(Yeroo Iisaa Ibni Maryam “yaa Banii Israa’iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu’e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta’een (isin) gammachiisu ta’ee gara keessan ergame” jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes “kun ‘sihrii” (falfala) ifa ala dha” jedhan.)  [Suuraa Saffi Aayata 61:6]


/channel/Rafiiqul_Islaam/462
/channel/Rafiiqul_Islaam/462

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kabaji Ayyaana Iid al-Adhaa sirna Hajjii wajjin walhidhata. Kanaaf guyyoonni kurnan dhumaa ji’a Zul-hijjaa (Arafaa) murteessaadha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/v6dYxUS

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Islaamummaan Amantii haaraa fi kan ergaa bu’uuraa ergamtoota(Raajota)  duraanii balleessuuf dhufe miti.


Qabxiin kun Muslimootaa fi Kiristaanota hedduu fayyada jedheen abdadha. Obsaan dubbisa.

Islaamummaan qabiyyee bu’uuraa amantiiwwan ergamtoota duraa jabeessuu fi kitaabban ergamoota duraanii dhugoomsuutti ajajuudhaa fi to'achuudhaan dhufe.(Qur’aana 2:84).

  Garuu haala ummata boodaa kanaan wal-madaalu, Akkaataa jireenyaa fi amantaa keessatti isa sirrii fi yeroo kanaa wajjin deemu  Rabbiin waan beekuuf wantoota tokko tokko kan inni Islaamummaa keessatti haaromse/fooyyesse ni jira. Kun immoo amantii duraa keessas ni jira. Fakkeenyaaf Nabi Iisaan (a.s ) erga ulafaataa tokko tokko kan kitaaba Nabi Muussaa (Kakuu Moofaa) keessatti ture fooyyessanii turan. Haaromsi kun immo qabiyyee fi ergaa bu’uuraa hin jijjiiru.
Muslimoonni hunduu ergamtoota Rabbii hunda kan akka Nuuh, Ibraahiim, Ishaaq, Yaaquub, Muusaa, Iisaa, Muhammad fi kanniin biroo (s.a) warra Rabbiin erge hundatti ni amanu. Isaan keessaa digdamii shan (25) Qur’aana keessatti maqaan jaraa dubbataman, warri biraa kan maqaan jaraahin dubbatamne akka jiran Rabbiin dubbatee jira.

Isaan hunduu Islaamummaadhaan ergaman. Islaamummaan yeroo Nabi Nuuh (as) Nuuhiin hordofuudhaan ta’a, yeroo Nabi Ibraahiim (saw) Ibraahimiin hordofuudhaani, yeroo Muusaa (as) Muusaa hordofuudhaani, yeroo Nabi Iisaa /Yesuus (as) Yesuus hordofuudhaani…, yeroo Nabi Muhammad (saw) ergaman irraa hanga addunyaan dhumtutti Nabi Muhammad (saw) hordofuudhaani. Kunis waan isaan ergamaa Rabbii kan xumuraa  ta’aniif.
Warri osoo nabi Iisaan (saw) hin ergamin Nabi Muusaa (saw) hordofaa turan yeroo nabi Iisaan dhufanu yoo isaanittis amanan ergamtoota lammanuuttuu amanan jedhamu. Duraanis Islaamummaa irra turani erga Nabi Iisaan (as) ergamanii boodas Muslima jedhamu.  Yoo yeroo Nabi Iisaan ergaman ergaa isaani didan diddoota (finciltoota, Kaafiroota)jedhamu. Akkasumas warri duraan ergamoota duraanitti amananii yeroo nabi Muhammad ergamanis isaanittis amananii isaan hordofan Muslimoota jedhamu. Worri didani ergamaa isaanii duraa qofatti amanan immoo diddootata jedhamu. Fakkeenya kanaa kan ta'u Kiristaanotaa keessaa dameen Yesuus ergamaadha jedhanii amananii fi Yahuudota warri nabi Muusaan ergamaa ta'uutti  amananiidha.
Namni ergaamaa duraaniitti amanee hordofaa turee erga Nabi Muhammad ergamanii isaanittis amane Rabbiin biratti galata dachaa argata jechuudhaan nabi Muhammad(saw) gammachiisanii jiru. Islaamummaa kan nabi Muhammad ittiin ergaman kan duraaniis of keessatti qabatee bifa irra guutu, fooyya'aa ta'een dhufe. Kunis ergaa dhumaa fi addunyaawaa(Idila addunyaa) waan ta'eefi....

Itti fufa..

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yesuus Waaqayyoo qaba

Akka Macaafni Kiristaanotaa barsiisutti " Yesuus gaafa Yihuudotaan ajjeefamuuf jedhu sagalee guddaadhaan, "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" Jechuun akka Rabbiin ajjeechaa irraa isa oolchuuf Waaqyyoo isaa kadhate. ⎣Mat. 27:46⎦. Yesuus yoo ofii isaaf waaqa ta'e waaqa kamiin kadhate ? Yesuusiin dhiiftanii Isa Yesuus kadhate maaliif hin kadhanne ? Dabalataan Yesuus cubbuu ilma namaa baachuuf eega dhufee maaliif du'a jalaa akka ooluuf waaqa isaa kadhate ? Mee Walumaagalatti Gaaffii armaan gadii filachuun deebisa.

A. Yesuus osoo Waaqa hin qabaatin sobaan waan hin jirre fakkeessee kadhate.
B. Nuti Kiristaanonni Waaqa tokko osoo hin taane Waaqa sadiitti amanna. Waaqni keenya sadan kun immoo Wal-kadhatu. Yesuusis kanaaf kadhate.
C. Macaafa Qulqulluutu bakka kanatti dogongore malee Yesuus bifa kanaan Waaqa hin kadhatu.
D.Yesuus Waaqa osoo hin taane, egamaa Waaqaati kanaaf Waaqa kadhate.

Yoo deebiin keessan " D" ta'e immoo gara amantaa Islaamaa kottaa. Waliin Rabbii dhugaa, Kan Yesuus kadhataa ture, kan hin duune, hin tumamne, hin boonye, hin nyaanne, hin dhugne, hin rafne, hin wollaalle, kan waan hunda danda'u, kan hin dhalanne gabbarra.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Islaamummaan #loogii hin qabu

Islaamummaan nabiyyootaa fi ergamoota Rabbiin erge hunda ergamummaa isaanii amanuutti ajaja. Jarri kun Muusaa, Iisaa/Yesuus fi worroota dura isaani hunda of keessatti hammata.  Ergamaan Rabbii Muhammad  immoo akka isaan ergamaa xumuraa kan cuunfaa ergaa anbiyootaa duraaniitiin  ergamanii fi kan addunyaa guutuu ta’an barsiisa. Ergamtoota garii dhugoomsanii garii sobsiisuu irraa ni dhowwa.
Akka Islaamaatti ergamoota Rabbi keessaa tokko diduun (ergamummaa isaa mormuun) akka waan hunda diduutti ilaalama. Osoo ergamaa kan gara isaatti ergametti amaneellee. Fkn namni Muslimaa tokko Nabi Muhammaditti amanee yoo Nabi Iisaa/Yesuus ykn Nabi Muusaa ergamaa Rabbii ta’uu morme akka waan Nabiyyii Muhammadis dabalatee hunduma mormeetti ilaalama. Namni Kiristaanaa tokko yoo Iyyasuusitti amanee Muusaa yookiin Muhammadiin morme Iyyasuusiinis dabalatee hunduma akka mormetti ilaalama. Ergamtoota jidduutti loogii gochuu irraa dhowwa. Kunis hundi jaraatuu ergamtoota Rabbii, kan kaayyoo tokkoon ergaman waan ta’aniifi. Kaayyoon sunis Rabbiin tokkicha gabbaruu fi ummata gara sanatti waamuudha.
Kana ilaalchisee Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedhe: “Ummanni Luux ergamtoota sobsiiste” [Qur’an 26:161].

Ummanni kun kan jarri sobsiisanii fi jalaa didan ergamaa jaraa kan jaraaf ergame qofa ture, garuu ergamaa tokko sobsiisuun akka ergamtoota isa duraa fi kan boodaas sobsiisanii waan ta’eef Rabbiin ergamoota (hunda) sobsiisan jedhe.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Akkuma beekamu Yesuus dandeettii fi gargaarsa Rabbiitiin  Dinqii hedduu kan akka nama du'e kaasuu,  fi Jaamaa fayyisuu hojjateera. Kana Qur'aannii fi Macaafni ragaa bahu. Garuu  Kiristaanonni "Yesuus Humnaa fi dandeettii isaatiin Dinqii hojjate" jedhu. Isaan Macaafa isaanii hin dubbisan. Yoo dubbisanis yaada isa irra jiru fallaatti hubatu.  Maaliifi ? yoo naan jettan, Waan dhugaa fudhachuu hin barbaanneefi. Yoo kana ta'uu baate maaliif barsiisa macaafa isaanii mormu ? Nama beekaa rafe Kaasuun ni ulfaata.
👇👇👇👇
Yesuus akkana jedhe: “Ani garuu hafuura(humna) Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera.” Mat. 12:28.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kiristaanonni "Waa'ee eenyumma  Yesuus nutu isin Muslimoota caala beeka" jedhan. Tole dhugaan jiru faallaa kanaa ta'us  dubbii gabaabsuuf yaada keessan kanaan yoon walii gale,

✅Waa'ee Yesuus isin caalaa immoo  barattoota Yesuus kan isaa wajjin turantu beeka. Isaan Yesuus Nabiyyiidha jedhan. “Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.” ⎨Luq. 7:16⎦.

✅ Barattoota isaa caalaa immoo Yesuustu waa'ee ofii beeka. Inni ani Nabiyyiidha jechuun of ibse(mat. 13 :57). 
Akkasumas ani  nama jechuun of ibse.  “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”⎝Yoh. 8:40⎭.

✅ Yesuus Caalaa immoo Rabbii isa uumetu Waa'ee isaa beeka.   Rabbiin Garbicha koo isaan jedhe.  “Waaqayyo itti fufee, "Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana" ⎡Isaayaas . 42:1⎭.

Kanaaf Namni Yesuus Waaqa jedhu nama barattoota Yesuus, Yesuusii fi Rabbiin caalaan waa'ee Yesuus beeka jedhuudha. Isin Kiristaanonni Yoo Macaafa keessan kana hin hordofne maal hordofaa jirtu ?


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Islaamummaan #amantii #bilisummaati.

Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu. Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha; kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha. Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us, Malaykaa ta'us muka, dhagaa, aduu fi kkf) gabbaruu jabeessee dhorka. Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje. Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha. Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira. Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira. Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru, kan waan hunda booda hafu, kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu, kan dhukkubsu,kan fayyisu, kan ergamoota erge, Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe, kan amma ta'aa jiru, kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha.

👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…
Subscribe to a channel