saahibuddiin28 | Unsorted

Telegram-канал saahibuddiin28 - Daandii Milkii(Jennataa)

-

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @SaahibuddiinJihaad

Subscribe to a channel

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba Afaan Arabaan jiru, kan Gaaffiiwwan jajjaboo 100 Kiristaanotaaf dhihessu dubbisuu barbaadduu ? Yoo Rabbi jedhe Afaan Oromootti deebisuufis ni yaala. Garuu namni dubbisuuf fedha qabu jiraa?

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yesuus Waaqa Guutuu fi Nama Guutuudha isa jettanuuf:

Walumaa galati wanti tokko yeroo tokkotti waa lama guutuu ta'uu hin danda'u. Fkn: Bishaan liitirii tokko fuune Bishaan kun %100 Bishaani, akkasumas %100 Aannani yoo jenne himni kun gonkumaa dhugaa ta'uu hin danda'u. Sababaanis yeroo %100 Bishaani jennu %100 Aannanii miti jedhaa jirra. Garuu % 50 Bishaani, % 50 immoo aannani walitti liitira tokko ta'u yoo jenne dubbii dhugaati. Garuu kana  akka hin jenneef wanti nu dhorku Kiristaanonni Yesuus Waaqa guutuu(100% Waaqaa) fi nama guutuu (100%nama)jedhu. Kun immoo  ta'uu miti waan fakkaatuu miti. Kanaaf carraan Yesuus Waaqa guutuu fi nama guutuu ta'uu Zeroodha. Nama ni ta'a jedhee morme ani gama Kiyyaan gara Hospitaala Black Lion tti refer godheera. Isin hoo garamitti barreessituuf?

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dirqiin Kiristaaneessuu marsaa 2ffaa(1855-1973)

Sagantalee keenya yeroo darbe kan "Dirqiin Kiristaaneessuu marsaa 1ffaa jedhuun gochoota Kiristaanotaan naannoo jaarraa 6 tiif Muslimoota irratti Raawwatamaa ture ilaaluun keenya ni yaadatama. Amma immoo marsaa 2ffaa kan ilaallu ta'a.

1. Dirqiin Kiristaanessuu Bara Atsee Tewodroos 2ffaa(1855-1867)

Maqaan isaa Kaasaa Hayluu jedhama. Inni shiftaa Bosona jiraatu ture. Osoodhuma bosona jiraatu nama gurmeeffatee mootummaa fonqolchee aangoo qabate. Maqaa Tewodroos 2ffaa jedhus yeroo aangoo qabutu achumaan ofitti moggaase. Mootichi kun Uumamumaan nama gara jabeessa, kan namaaf hin dhimmamne, Amala akka maraatummaa qabuudha.Yeroo maraatummaan isaa itti kaate namoota isatti dhihaatan illee marartoo tokko malee ajjeesa. Fkn: yeroo tokko Gondar keessatti Qeesonni 450 dibbee tumaa isa simachuuf osoo dhaabbatanuu itti dhukafamee akka ajjeefaman ajaje. Akkasitti hundi isaani bakka tokkotti dhuman. Namni Qeesota Kiristaanota biratti kabajaa qabdu akkas godhe diinaisaa(Muslimoota) akkam akka godhu tilmaamuun nama hin dhibu.
Wantoonni inni Muslimoota irratti hojjate baay'eedha. Mee muraasa isaa yoo ilaalle: Muslimota ajjeesuu, Masjiida gubuu fkn Masjiida guddaa Goondar keessatti argamu ibiddaan gubee balleesse. Minilik akka na jalaa miliqu gootan jechuun hayyoota Oromoo bebbeekamoo namoota 24 yaamee harkaa fi miila irraa ciree osoo lubbuun keessa jiruu qileetti darbate.Gochoonni isaa kanaan wolfakkaatu baay'eedha.Yeroo tokkos Qote bultoota 1700 badii tokko malee walitti qabee ibiddaan gube. Sababaa dhuma kanaaf woraanni isaa duraan kuma shantama (50,000)ture osoo baduu kuma shan (5000) qofatti gale. Booda irra ofumaaf ofis ajjeese. Muslimootas baay'ee waan jibbuuf ollaa Kiristaanotaa akka hin jiraannes murteessee ture. Namoota murtii kana didan manatti walitti qabee ibidda itti qabsiise. Garii immoo dhiira miila irraa cire, dubartii harma irraa mure. Aalima Gudduu Sh/Umar Aadam waan Islaamummaa nama barsiisaniif ibiddaan gube. Muslimoonni dirqiin Kiristaanummaa akka fudhatan ajaje,Yoo fudhachuu didan immoo woggaa 3 keessatti akka biyya gadi dhiisan dirqisiise. Sababa kanaan naannoo inni Bulchu irraa Muslimoonni kumni shattamni (50,000) gara inni hin bulchineetti(Arsii fi Jimmaatti) baqataniiru.

Tewodroos Itoophiyaafi Kiristaanummaan walitti hidhata yaada jedhu qaba ture. Yeroo nama hunda Kiristaana gochuun hin danda'amuu hubatu 'Muslimni Kiristaana hin ta'in hunduu fincilaatti lakkaa'ama' jedhee hanga dhumaatti kallattii hundaan ittiin loluu eegale. Bifa kanaan muslimoota baay'ee galaafate...

Itti fufa..
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢?



Kitaabni tokko jecha waaqaati jedhamuudhaaf ulaagaale inni guttachu qabu hedduutu jira Kannen keessas

1, Jechonni faallaan keessa dhabamuu
2, Jechonni waaqaaf hin malle keessa dhabamuu
3, Jechonni nama keessa dhabamu utuma jecha tokkollee ta'e.

𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐈𝐛𝐬𝐚𝐦𝐞 𝐐𝐚𝐛𝐚

[1] Keyyattota Macaafa Qulqullu Keessaa Wal Fallessan

“Yabbinni gaanichaas hamma bal'ina harkaa ti; hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo in fakkaata; gaanichi liitrii afurtamii afur baata.”
  — 1Mot. 7:26

“Yabbinni gaanichaa hamma bal'ina harkaatti, hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo fakkaata; gaanichi liitrii kuma jaatamii ja'a nyaata.”
  — 2Sen. 4:5

𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢: 𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐢 (44)𝐦𝐨𝐨?  𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐊𝐮𝐦𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐉𝐚'𝐚𝐚 (66,000)


[2] “Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan kuma afurtama, abboota fardeenii immoo kuma kudha lama qaba ture.”
  — 1Mot. 4:26

Fi

“Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur qaba ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e.”
  — 2Sen. 9:25

Gaaffi Kuma Afurtama (40,000)Moo? Kuma Afuri (4000)

[3]  “Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaa intala Ahaab Omrii mootii Israa'el turte.”
  — 2Mot. 8:26

“Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaan intala Ahaab Omrii ti.”
  — 2Sen. 22:2

Kamtu Sirriidha 42? moo 22?

[4] “Toorri hidda dhaloota Yesus Kristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana.”
  — Mat. 1:1

“Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche.”
  — Mat. 1:2

Fi

(Luq 3:23-38

“Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,”
  — Luq. 3:23

• . Keyyattonni kunnin waa'e hidda dhaloota iyesus kiristoos
dubbatu garu lamaan isanii𝐬 maqaadhan, lakkofsaanis wal hin
fakkatan hiddi dhaloota isa kamiijenne fudhanna? Iyesus yoo
waaqa ta'e akkamitti hidda dhaloota qabaate?

[5] “Kana irratti mootichi, "Wanta gaarii ta'ee isinitti mul'atu nan godha" isaaniin jedhe; yommus mootichi karra bukkee in dhaabate, loltoonni immoo dhibba dhibbaan, kuma kumaan lolaaf in ba'an.”
  — 2Sam. 18:4
FI

“Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiraatan Hadaad-Ezer mootii Zobaa gargaaruudhaaf in dhufan; Daawit immoo isaan keessaa namoota kuma digdamii lama rukutee in ajjeese.”
  — 1Sen. 18:5

Isa kamtu dhugaadha? 700 moo 1700

/channel/Rafiiqul_Islaam/646
/channel/Rafiiqul_Islaam/646

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Yahuudaan(Israa'e)maatii hunda fixxee daa'imni kun qofti maaticha keessaa lubbuun hafte subhaanallaah.
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kufaati Macaafa Qulqulluu dirree Saayinsii Ammayyaa irratti.

Akka Macaafni Qulqulluu Kiristaanotaa jedhutti #Osolee fi #Illeettiin Alala guurti. Garuu qabatamaa jiruufi akkaataa Saayinsii ammayyaatiin mirkanaa'een alala hin guuran. Macaafni keessan dhuguma Sagalee Waaqaati yoo ta'e akkamitti dogongorri guddaan akkasii keessatti argamuu danda'a? Nuti Muslimoonni dogongora kanaa fi kanaan walfakkaatu waan keessatti argineef Macaafni keessan kun Sagalee Waaqaa qofa miti jenne. Macaafni keessan Sagalee(jecha) Waaqaa, Sagalee nabiyyoota, jecha warra Seenaa, Jecha namoota hin beekamnee fi kkf of keessaa qabuudha. Kanaaf kotta Qur'aana dogongora hin qabne, kan Saayinsii ammayyaa qoratamee dhugoomeen wal-hin dhabnetti amana.

👇👇👇👇
⁵Osoleen yoo alala guurte iyyuu kotteen ishee gargar hin hiramne; kanaaf isheen isin duratti xurooftu haa taatu!
⁶ Illeettiinis alala yoo guurte iyyuu kotteen ishee gargar hin hiramne; kanaaf isheen isin duratti xurooftu haa taatu! (Seera leewwotaa 11:5_6).


⁵ And the coney, because he cheweth the cud, but divideth not the hoof; he is unclean unto you.
⁶ And the hare, because he cheweth the cud, but divideth not the hoof; he is unclean unto you.
Leviticus 11 (KJV)

⁵  وَالْوَبْرَ لانَّهُ يَجْتَرُّ لَكِنَّهُ لا يَشُقُّ ظِلْفا فَهُوَ نَجِسٌ لَكُمْ.
⁶  وَالارْنَبَ لانَّهُ يَجْتَرُّ لَكِنَّهُ لا يَشُقُّ ظِلْفا فَهُوَ نَجِسٌ لَكُمْ.
اللاويين 11 (العربية

5 ሽኮኮ ያመሰኳል፥ ነገር ግን ሰኰናው ስላልተሰነጠቀ በእናንተ ዘንድ ርኩስ ነው።
6 ጥንቸልም ያመሰኳል፥ ነገር ግን ሰኮናው ስላልተሰነጠቀ በእናንተ ዘንድ ርኩስ ነው።

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waa'een Nabi Muhammadii fi Maqaan isaanii Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa keessatti dubbatamee akka jiru qabu qabduu? Yoo quba hin qabne Kottaa baraa isiniin jedha Dr. Zakir naik.

Ammas" Yesuus maaliif nama fayyisuu dadhabe "? Gaaffii jedhuuf deebiin kennamee jira.

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Macaafa Qulqulluu Kiristaanotaa keessa jiru

Namni Waaqayyoo arge jiraa?
Deebii gaaffii kanaa Macaafa irraa haa ilaalluu.

A. Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine.
👇👇👇👇👇👇👇👇
“Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee.” Yoh. 1:18.


B. Yaaqoob, Waaqayyoon fuulleetti arge.
👇👇👇👇
“yommus Yaaqoob, "Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge, garuu lubbuun koo ooleera" jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa "Pheeni'el" jedhee moggaase; ["Pheeni'el" jechuun, "Fuula Waaqayyoo" jechuu dha].”
— Uma. 32:30

Akkuma armaan olitti argitan Macaafni gaaffii armaan olii irratti yaadota waliif faallaa ta'an lama dhiheessee jira. Garuu isa kamtu dhugaa? Lammanuu walfaana dhugaa akka hin taane ifaadha. Garuu isa lamtu dhugaadha ? Macaafni qulqulluun yoo Sagalee Waaqaati ta'e akkamitti waldhabbii qabaa chuu danda'e ? Yoo sagalee Waaqaa hin taane maaliif Sagalee Waaqaa isaan jettu ? Kiristaanonni dhimma amantaa keessanii beektan arrabaa fi aariin maleetti gaaffiiwwan armaan olii nuuf deebisaa?

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

4. Dirqiin Kiristaanessuu bara Daawit Seef Ar'ad (1380_1409)

Bara 1380 ALA Mootichi Niwaay Maaran duunaan Daawit aangotti ol bahe. Innis akkuma abbootii isaa duula farra Islaamummaa fi Kiristaanessuu itti fufe. Sebtember 1381 Woraana qopheessee gara Asawaanitti qajeele ;Woraanni bakka "Urbaan"jedhamtu yeroo gahu lola  Muslimoota irratti ban een miidhaa guddaa geesise. Daawit bara 1397/8 ALA irraa jalqabee Muslimoota irratti duula bifa haaraan jalqabe, namoota hedduus fixe. Qabeenya isaanis balleesse. Kitaabota Islmaatis gubee jira. Ummanni hedduun Kiristaanummaa akka fudhatan dirqee jira. Booda irra Muslimootatti gaafa jabaatan qabsoo diina of irraa deebisuuf godhaniin Qabeenya saamame deefachuu danda'aniiru. Mootiin kun (Daawit)Woggootii 20 guutuu Muslimootaa faccisaa(barbadeessa ) ture. Masjiidota diigee bakka sanatti Bataskaana ijaaraa ture. Booda irratti biyya  Muslimootaa loluuf osoo  gara Adal deemaa jiru bara 1409tti ajjeefame.Qabsoon mootanni kun godhan kan Siyaasaa qofa akka hin jenneef bakka Muslimoota irraa buqqaasan, Muslimoota irraa ajjeesan, Masjiida irraa guban Kiristaanotaa fi Bataskaana buusu. Kun dirqiin Kiristaanessuu akka ta'eef ragaa guddaadha.Osoo Siyaasa qofaaf ta'e maaliif Kiristaanota iddoo Muslimoota irraa dhabamsiisan  qubsiisu?Maaliif bataskaana iddoo Masjiida irraa diiganitti ijaaru?

5. Dirqiin Kiristaanessuu Bara Atsee Zar'a Ya'aquub (1424_1458)
Mootichi kunis dabaree isaa  akkuma isaan duraatti Muslimootatti roorrisaa ture. Lubbuu Muslimootaa baay'ee galaafateera,qabeenya isaanis baay'ee saame. Kana qofatti yoom dhaabbate Mooticha Adal Shihaabuddiin Ahmad ajjeesuun Foon isaa cicciree naannoo adda addaatti erge. Mootummaa Islaamaa" Hadiyyaa" jedhamtus weeraree Muslimoota hedduu galaafate; Akka isaan gibira kaffalanuufis dirqama irra ka'ee. Dabalataan Muslimoonni Uffata woraanaa akka hin uffanne, Meeshaa woraanaa akka hin qabanne, Farda kooraan akka hin yabbanne  irratti murteessee ture. Kana hunda wanti godhaa turaniif Muslimoonni dhiibamanii akka Kiristaanummaa fudhatanuuf jedhaniiti. Haa ta'uu gidiraan kun hundi Muslimoota arka hin kennisiifne inuma onnee itti horee, akka amantii isaaniitiif qabsaa'an isaan godhe. Booda irrra dhiibbaan gaafa guddachaa deemu Gooticha fakkii hin qabne, Kan eega inni du'ee Jaarraa shan(Woggaa 482) booda namni   baay'een  maqaa isaa kaasuu sodaatu, Inumaa nama maqaa isaa qabu kan sodaatu, Oromticha onneen Sibiilaa,  kan  Imimmaan jaarraaleef ya'an dhaabsise Ahmad Ibnu Ibraahiim Al  Gaazii(Ahmad Giraanyi) as baase.

Ahmad Ibnu Ibraahiim Al  Gaazii(Ahmad Giraanyi) eenyu akka ta'ee fi Seenaan  isa maal akka ta'e yeroo itti aanu kan ilaallu ta'a....



Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

☪️ Islaamummaa fi kiristaanummaa

Maddi amantaa Islaamaa Rabbiin biraa akka ta'e Qur'aana kabajamaa keessatti eeramee jira. Dhugaa ta'uunsaas akkasuma eeramee jira. Jalqabuma irraa eegalee amantaa ilmaan namaa irratti uumamaniidha. Kitaabota Rabbiin biraa buufaman qaba. Armaan dura dhugoomina Islaamummaa wajjiin walqabatee barreeffamaa fi Viidiyoolee garagaraas hojjadheen jira. Waa'ee kanaa irratti ibsa bal'aa kennee jira.

Amantaawwan Fuula dachee kanarra jiran keessaa Islaamumnaa maaltu adda taasisa? Qabxiilee amantaa Islaamaa adda taasisan hedduudha. Muraasni isaanii:-
✔ Moggaasa Maqaa
✔Amantaa Rabbiin biraa dhufe ta'uu
✔Amantaa dhalootaa
✔Amantaa Ambiyoota hundaa ta'uu
✔Amantaa Beekumsaa fi Qaroominaa ta'uu
✔Amantaa haqaa fi haqummaa
✔Amantaa jalqabaa fi xumurri milkaa'inaa
✔Amantaa dhiifamaa
✔Amantaa Garalaafummaa fi kanneen kana fakkaataniidha.
☑️Amantaa jannataa ta'uu

☦️ Maddi Kiristaanummaa hoo eessa?

➡️ Jechi kiristaana jedhu; jecha afaan Giriik "Kiristoos" jedhamu irraa dhufe. Kiristoos jechuun Al-Masiih jechuudha. Hiikni isaa immoo haquu ykn dibuu akka jechuuti. Walumaagalatti kiristaana jechuun; nama yesuusitti amanee fi isa hordofu jechuudha. Garuu yesuus kiristoos amantaa kiristaanaa qabadhaatii na duuka ykn na hordofaa jedhee hin dubbanne. Macaafa keessatti kiristaana ta'aa kan jedhus ragaadhaan bakka tokkottuu hin deeggaramne.

"Yeroo isa argatettis, gara Anxokiyaatti isa fide; waggaa sana guutuu waldaa sanaa wajjin wal arganii, namoota danuu barsiisaa turan. Bartoonni jalqaba duraa Anxokiyaatti "Kristiyaanota" jedhamanii waamaman." (Hojii Ergamtootaa11:26)

✍ Amantaan kuni kami?
Kiristaanonni kiristaanummaadha jedhan. Garuu kiristaanummaa miti, tarii lakki obboleessoo! Maaf akkana jetta? Kiristaanummaa dha jechuun isaanii ni mala ta'a. Garu guutuu macaafa qulqulluu keessatti bakki kiristaana ta'aa jedhu hin jiru. Waaqayyos ta'ee Iyyasuus kiristoos kiristaana ta'aa hin jenne. Erga Waaqayyoo kiristaana ta'ee jedhee hin dubbanne ta'ee kiristaana jechuun of waamuun sirriidha❓️
Deebii kiristaanotaaf dhiisa.....🖊

"Ammas Waaqayyo dubbatee, "Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! 'Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" jedhe; isin garuu, "Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu" in jettan." (Ermiyaas 6: 16)

Karaan armaan dura dabre, kan namoonni hedduun isarra deemuu hin barbaanne kuni; kiristaanummaa, Islaamummaa fi yahuudummaa keessaa isa kami?

"Gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokko." (Efesiyoon 4: 5)

Akka keeyyata kanaattis, Namni Barattoota biyya Anxookiyaa jedhamtu keessatti kiristaana jedhee isaan moggaase hin beekamne. Akkasumas kiristaanummaan maqaa amantaati jedhamee bakka tokkottuu hin dubbatamne. Kirsitaanummaan kan eegalte erga yesuus gara samitti ol fudhatameen booda.

Bu'uura amantaa kiristaanaa.
Bu'uura amantaa kiristaanaa keessaa tokko sillaaseedha. Kana jechuun Abbaa, Ilmaa fi hafuuraa qulqulluudha. Hundinuu tokko jedhanii amanu. Garuu tokkoo miti. Qaamni garagaraa sadi yeroo walitti ida'aman tokko ta'a jedhanii yaaduu fi amanuun waan hin fakkaanneedha. Sillaaseen erga yesuus gara samitti ol fudhatamee, waggoota dhibba sadiin booda, falmii cimaan waltajjii Niiqiyaa qosxanxiiniyaa irraa jalqabe.

➡️Rabbi karaa dhugaa irra isin haa dhabu, dhugaa isinitti haa mul'asu, karaa dhugaatti isin haa qajeelchu.


/channel/Dhugaa_Dhokate

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Jannata Maaliin Argatan?

Warri Jannataa warra Rabbitti amane, Warra shirkii (Rabbitti qindeeysuu) irraa qulqullaawee Rabbi tokkicha qofa gabbaru. Warra Nabiyyii xumuraa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam dhugoomsee jala deeme. Namni Rabbitti kafare, kan shirkii dalage, kan Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam dhugoomsuu didee karaa biraa hordofe Jannata hin argatu, warra Ibiddaa taha.

Warri Jannataa warra Rabbitti amanee dalagaa gaarii dalage. Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ سَنُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا﴾
“Warra amanee dalagaa gaarii dalage Jannata jala isii laggeen yaatu Isaan neeyna, Isii kheeysatti waaran hoggayyu” An-Nisaa: 57

Warri Jannataa warra Rabbi sodaatu.
Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿لَٰكِنِ الَّذِينَ اتَّقَوْا رَبَّهُمْ لَهُمْ غُرَفٌ مِّن فَوْقِهَا غُرَفٌ مَّبْنِيَّةٌ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ۖ وَعْدَ اللَّهِ ۖ لَا يُخْلِفُ اللَّهُ الْمِيعَادَ﴾
“Garuu warra Rabbii Isaanii sodaataniif Qallaa gubbaa Isiitiin Qallaan jaaramtuu taatetu Isaaniif jira, ni yaati isii jala laggeen. (Sun) Beellama Rabbiiti. Allaah beellama Isaa hin diigu.” Az-Zumar: 20

Warri Jannataa warra obsuu fii warra Rabbirratti irkatani. Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَنُبَوِّئَنَّهُم مِّنَ الْجَنَّةِ غُرَفًا تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ نِعْمَ أَجْرُ الْعَامِلِينَ  (58) الَّذِينَ صَبَرُوا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ (59)﴾
“Warra amanee ammas kan dalagaa gaarii dalageef dhugumatti Jannata kheeysatti Qallaa Isaaniif qopheeysina, Kan jala isii laggeen yaatu, Isii kheeysatti waaran. Way waa tole! galanni warra dalagatee. Isaan warra Obsee Rabbii Isaanii irratti irkatani” Al-Ankabuut: 58-59

Warri Jannataa warra Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam jala deeme.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e:
‏{كُلُّ أُمَّتِي يَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ، إِلاَّ مَنْ أَبَى ‏"‌‏.‏ قَالُوا يَا رَسُولَ اللَّهِ وَمَنْ يَأْبَى قَالَ ‏"‏ مَنْ أَطَاعَنِي دَخَلَ الْجَنَّةَ، وَمَنْ عَصَانِي فَقَدْ أَبَى}
“Ummanni kiyya hundi Jannata ni seenan nama dide malee.” Ni ja’aniin: “Eenyu dida Yaa Ergamaa Rabbii?!” Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Namni ee ja’ee na jala deeme Jannata seena, namni na (jala deemuu) dide dhugumatti (Jannata) dide.”

Waluma galatti warri Jannataa wanni Jannata argataniin Rabbitti amananii dalagaa gaarii inni itti ajaje dalaguun, hamtuu inni irraa dinniine dhiisuun, Nabiyyii xumuraa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam jala deemuun, toltuu inni ajaje dalaguun, hamtuu inni irraa dhorge dhiisuudhaan Jannata fakkaataa hin qabne argatan.

By: Jaafar Bayaan

/channel/Rafiiqul_Islaam/556
/channel/Rafiiqul_Islaam/556

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Muujizaa Nabiyyii saw

Mata duree kana jalatti immoo dinqiiwwan Nabi Muhammad (a.s)hojjatan ilaalla.
Nabiyyoonni hundinuu yeroo ergaman Muujizaa yeroo isaaniitiin walfakkaatu qabatanii ergamaa turan. Fkn: yeroo Nabi Muusaa namoonni falfalaan waldhamaasaa waan turaniif Rabbiin Muujiza falfala jaraa dadhabsiisu Kan akka galaana keessaa karaa baasuu fi Uleen bofatti jijjiiramuu godheef. Akkasumas yeroo Nabi Iisaa namoonni woldhaansaan waan beekamaniif Rabbiin Muujizaa waldhaan isaanii caalu, Kan akka nama du'e fayyisuu fi nama ija hin qabne argisiisuu kenneef. Kan nabi Muhammad immoo Kan hundi isaanii Kan walitti qabatu godhameef. Fakkeenyaaf :
1.Nabi Muhammad Allaah kadhachuun Ji'a( baatiin) bakka lamatti akka addaan cabxee godhaniiru.
Warri makkaa Nabi Muhammad (S.A.W.) akka dinqii(raajii)isaan argisiisu gaafatan, (Rabbiin kadhate) Ji'a bakka lamatti Addaan qoodee isaan argisiise". ( Bukhaari gabaase 3868)

2.Bishaan quba Nabi Muhammad jidduu burqe namoota baay'ee fayyaduu danda'e.
Nabiyyiitti Sahaabonni dhufnaan (S.A.W.) arka isaa weelkaa( qodaa bishaan ittiin dhiqatamu) keessa kaahe, Bishaan quba isaa jidduun burquu jalqabe, Hawaasni ( isaa wajjin) jiru hunddi ni waddaatan( dhiqannaa sagadaaf godhamu godhatan. (Bukhaari gabaase, 3572)
3.Nabi Muhammad (s, a.w) Nama lafeen isaa cabe arka isaatiin qabnaan ni fayya.
Abdallaah ibna Atiik Ni jedhe: Eargamaa Allaah biran gahe (haala miilli koo cabee jiruun), wantoota na qunnamanis isaafan hime, Innis "miila kee diriirsi naan" jedha anis Miila koo nan diriirse, innis ni haxaahe( Harka isaa irra oofe) miilli kiyyas akka waan sanaan dura dhibde( cabaa) hin qabneetti naaf fayye. (Sahiih Bukhaari 4039).
4.Nabi Muhammad irratti (saw) Dhagaan Salaama Qara'a.
Ergamaan Allaah (saw) ni jedhe, "Ani dhagaa tokkoon beeka kan Makkatti, osoo ani hin ergamin duratti kan salaamata narratti qara'u, Yeroo ammaa kana dhagaa sana nin beeka.( Sahiih Muslim 2277)
5.Nabi Muhammad s.a.w. ulee seefitti jijjiire. Guyyaa lola badari sana seefiin Ukkaasha ibnu mihsan cabnaan Ergamaa Allaah tti dhufe, Nabi Muhammad Ulee fudhani itti kennan yeruma sana seefii dheeraa, Adii fi jabaa Ta'etti jijjiirame . (Arrahiiqul maktuum fuula 199).
6. Nabi Muhammad s.a.w. nama ijji dhukkubsate fayyisee ture.
Ergamaan Allaah "Aliyyiin eessa jira"? jedhe. Sahaabonnis Ijatu isaa dhukkuba jedhan,akka namoonni isa waamanuuf ajaja dabarse, innis waamicha dhagahee dhufe, yeroo inni dhufe ija isaatti tuttufe ( rabbiin kadhachuu wajjin) yeruma sana akka nama duraan dhukkuba hin qabneetti fayye.( Sahiih Bukhaari 2942)
 7.Nabi Muhammad (s.a.w.) Akkuma fuula duraan nama arguu danda'utti, gama duubatiinis nama arguu danda'a.
Abbaa Hureera irraa Ergamaan Allaah ni jedhe" Wallaahi ani akkuman fuuldura kiyyaan arguttan duuba kiyyaanis arga" ( Sahiih Muslim 423)
8.Nabi Muhammad nama ijji keessaa ba'e itti deebisuun fayyisee jira.
Qataadaa ibnu Nu'maan ijji isaa keessaa baate fuula isaa irra buute, Nabi Muhammad arka isaaniitiin kabani keessatti deebisan, yeruma sana ija isaa duraani irra caalee argame. ( Arrahiiqul Maktuum fuula 239)
9.Nabi Muhammad s.a.w. osoo lubbuun jiranuu samii ba'aani jiru. (Najmi 53: 13-14) "Dhugumatti yeroo biraas isa argeera Qurquraa daangaa (samii torbaffaa) biratti arge."
Ragaan biraa immoo: Ergamaan Allaah ni jedhe" Jibriil Na fuudhe Adeeme, Amma samii Addunyaa na geessutti".....( sahiih Bukhaari 3887)
10 Dinqiin inni guddaa fi kan hin dulloomne, kan fakkaataa hin qabne, Kan waa'ee addunyaa fi Aakhiraa dubbatu, kan waan darbee fi waan fuula dura dhufu dubbatu Qur'aana kabajamaadha.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

#Naannoo_Sidaamaa #Godina_Daayyeetti seenaa Boonsaan Hojjatame. Alhamdulillaah

#Naannoo_Sidaamaa Gandootaa Lamaa keessatti
#Aanaa_Boonaa #Ganda_Boceessaatti #Guyyaa_04/07/2024 ykn 27/10/2016 namoonni #78 olii fi  #Ganda_Bokkonniisaatti #Guyyaa_05/07/2024 ykn 28/10/2016 nama #270 olii, Abbaa Gadaa
Ganda_Boceessa fi Paastara Mana Amantii 37 hoogganu dabalatee, Wolumaa galatti #namni_348 olii gara Amantii dhaloota isaanii Islaamummaa deebi'anii jiruu Alhamdulillaah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dirqiin Kiristaanessuu Marsaa1ffaa(1189_1529)

Yeroo darbe  akka seensaatti bifa amantiin Kiristaanaa ittiin biyya kana seene ilaallee turre. Kallattii guddaan bifa dirqiin kiristaanessuu akka ta'es ibsuuf yaalleerra.  Amma immoo ragaa seenaatiin walqabsiifnee kan ilaallu ta'a. Isinis ofsaan dubbisa. Seenaa keenya kaleessaa beekuun harra keenya tolfachuuf, borii keenya karoorfachuuf nu fayyada. Namni seenaa hin beekne waan seenaa ta'u hojjachuuf ni rakkata. Kanaaf seenaa keenya haa qorannu...

1.Dirqiin Kiristaanessuu bara Mootummaa Zaaguwee

Barri mootummaa zaaguwee   naannoo Bara 937_ 1137 ALA gidduudha. Teessoon mootummaa Zaaguwee Roohaa(kan booda Laalibalaatti jijjiiramte) dha. Muslimoonni yeroo bara 1000 irraa 1267 ALA keessatti naannoo sana keessaa fi  bakka adda addaa jiraataa turan. Fkn: Naannoo Harar, Haroo laangaanoo, baatee, Tigiraayi, Waagar, Harriibaa fi Indirtaa keessa jiraataa turan.

Dhiibbaa Yeroo Mootummaa Zaaguwee Muslimoota Kiristaanessuuf godhame gabaabsine yoo ilaalle... Zabana  aangoo  Mootummaa Garba Masqal Laalibalaa (1189-1229 gidduutti) Muslimoonni lakkoofsaan Kuma 20 ta'an laalibalaa irraa buqqaafamuun Kiristaanonni iddoo isaani akka qubatan godhamee jira. Sababni isaan buqqaafamanis Islaamummaa gadi dhiisuu waan didaniifi. Dabalataan naannoo bara 1077 _1092 gidduutti Masjiidota baay'eetu jijjifame. Muslimoonni barnoota akka wal hin barsiifneeefis dhiibbaan guddaan irratti godhamaa ture.(Kitaaba Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa, Fuula 145-158 irraa .)

2.Dirqiin Kiristaanessuu bara Aangoo Atsee Yakuunuu Amlaak (1270-1285 A. L.A)

Mootichi kun akkuma aangoo qabateen Mootummaa Islaamaa"Ifaat"jedhamtutti duula bane, Muslimoota baay'ees ajjeese. Haa ta'uu malee qabsoo Muslimoonni isa ofirraa qolachuuf godhaniin   akka barbaadetti abjuu isaa osoo hin mirkaneeffatin bara 1285 A.L.A ofii isaaf du'e.

3. Dirqiin Kiristaanessuu Bara Amda Tsiyoon (1312-1342 A.L.A)

Eega Mooticha Habashaa Yikuunuu Amlaak du'e ilmi isaa Yajbiyaa Tsiyoon jedhamu bara 1285-1294 tti aangoo qabate. Eega inni du'ee immoo ilmaan isaa  aangoo irratti waldhabuun wallolaa turan. Booda irraa AmdaTsiyoon aangoo qabate. Kanaan booda hojii isaatiin Muslimoota lafa irraa daguuguu fi Kiristaanota bakka buusuu jalqabe.Kanaanis  Mootummaa Islaamaa "Fatgaar" jedhamtu itti duulee cabsee qabate. Bara 1316/17 tti naannoo Daamotaa kan qabeenyaan badhaate weeraree tooyannaa isaa jala galche. Ummata Hadiyyaa kan Islaama turanis namoota hedduu weerara irratti baneen ajjeese. Amda Tsiyoon bulchiinsa Mootummaa Kiristaanaa babaldhisuuf lola Muslimoota irratti bane ittuma fufe. Masjiidota hedduu diige, haarawas akka hin ijaaramneef dhorge. Qabeenya Muslimoota garmaalee saame. Mootichi  kun Muslimoota miidhuu irratti daangaa darbe. Namoota Kiristaanummaa irraa gara Islaamummaa dhufan gantoota Kiristoos jechuun mormaa fi miila walitti hidhuun adaba adda addaa isaan irratti adeemsisaa ture. Yeroo inni Muslimoota akkas godhu kana Muslimoonnus hin callifne.  Amma  danda'anitti ofirraa faccisaa turan...
Harraaf asittan gabaabsa. Yeroo itti aanu bakka dhaabne irraa kan itti fufnu ta'a.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Namni Hundi yeroo dhalatu Muslima(Nama fedhinnaa isaa Rabbiif kennuudha)

Namni hundi gaafa dhalatu Islaamummaa irratti akka dhalatu sagantaa keenya yeroo darbee irratti kaaseen ture. Mee amma immoo ragaan walbira qabnee haa ilaallu. Islaamummaan kan namni hundi isii irratti dhalatuudha. Kana ilaalchisee Rabbiin Qur'aana keessatti akkana jedhe:
(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa). Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu(kan Rabbiin irratti nama uumetu) amantii qajeelaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu. (Qur'aana 30:30).

Keeyyata Qur'aanaa kana keessatti "Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa)" jedhee itti aansee immoo "Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru Santu amantii qajeelaadha"jedhe. Kana jechuun Uumaan Rabbiin irratti nu uume amantii dha. Amantiin sunillee Islaamummaadha. Kana immoo Nabi Muhammad Hadiisa keessatti akka armaan gadii kanatti ibsanii jiru.
Ergamaan Rabbii Muhammad akkana jedhan: "Dhalataan hunduu Islaamummaa irratti dhalata. Haadhaa fi abbaa isaatu isa Yahuudomsu, yookiin Kiristaanomsu, yookiin warra ibidda gabbaru (akkasumas warra uumaa biraa gabbaru)taasisu." (Bukaarii 4775).

Fakkeenya gaarii barsiisa kanaaf ta'uu kan danda'u Kiristaanonni ijoollee isaani kanuma maatii Kiristaanaa irraa dhalatan Kiristinnaa kaasu. Yoo osoo Kiristinnaa hin kaafamin du'e akka Waan Islaamummaa irratti du'eetti beekama. Yeroo tokko Haadha sababaa baasii guyyaan Imoo isii Kiristaanummaa kaastu baastu dhabeef "ilmoon koo Islaamummaa irratti hafe" jettuu gadditu argeen ture.
Cuuphaan dhimma biraatiif jedhamee dubbatamus ilmoon dhalatu Islaama ta'uun Kiristaanota baay'ee biratti beekamaadha. Inumaa akka namni wahii naaf himetti daa'imni osoo Kiristaanummaa hin kaafamin du'e/te carraa mooraa Bataskaanaa keessatti awwaalamuu hin argatu/ttu.

Kanaaf Obboleewwan Keenya amantii Kiristaanaa hordoftan, gama amantii irratti dhalattanii Islaamummaa akka dhuftan isin affeerra. Amantii Rabbiin irratti isin uume, amantii Abrahaam, amantii Yaqoob, amantii Muusee, amantii Yesuus kottaa qabadha. Islaamummaa fudhachuun Raajota hundatti amanuudha. Karaa sirrii ta'een Yesuusitti amanuudha malee Yesuus ganuu akka hin taane qalbeefadha.


Namoonni dhugaa amantii kanaa argaa itti amanuu diddan adabbii jabaan gosa adda addaatu isin eeggata. San keessaa tokko gaafa biyya lafaa irraa deemtan bishaan ho'aa yeroo isin dhuguuf ofitti qabdan fuula keessan akka Feestaaliitti walitti marutu isin eeggata.

Rabbiin akkas jedhe:
Dhugaan Gooftaa keessan irraayi, Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru Dhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf(Kaafirootaaf)ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirra. Yoo birmachiifatanis bishaan akka rajaa (siicoo) danfeetti fuula quncisutu isaaniif kennama. Dhugaatichis akkaan fokkate! Al-Kahf 18:29


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waaqni isin Kiristaanonni Waaqessitan tokko moo sadii ? Yoo tokko jetten Waaqa abbaa + Waaqa ilmaa + Afuurri qulqulluu = sadii ta'u. Kanaaf tokko osoo hin taane sadi waaqessaa jirtu. Lakki maqaatu Sadii ta'a malee isaan tokko yoo jettan, Akka Macaafni jedhutti Yesuus mirga Waaqayyoo taa'ee jira(Mar. 16:19 ilaali). Isaan tokko yoo ta'an akkamitti walbira taa'uu danda'u ? qaamni walbira taa'a jedhumu danda'u 2 fi isaa ol kan ta'eedha.

Kaanaaf Rabbii Sadii jechuu dhiisaati Rabbii tokkicha Allaah jedhamutti amana. Yoo Isatti amantan ni milkoofta. Jennata argattu.

Ta Ha 20:14
إِنَّنِىٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعْبُدْنِى وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكْرِىٓ

Dhugumatti, Ani Allaahdha; Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru! Ana gabbari Yaadannoo kiyyaaf salaatas seeraan salaati.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Nabiyyii keenya ﷺ

Abii Umaamaa irraa odeefamee gurbaan Dargageessa ta'e wahii Nabiyyiitti dhufee "Zinaa naaf hayyami jedhe". Namoonni akkamitti waan akkanaa dubbata jechuu rukutuuf itti qajeelan. "Nabiyyiin ﷺ dhiisaa" jechuun nama irraa dhorkanii ofitti waamuun "waanti akkasii haadha kee irratti yoo dalagame ni jaallattaa" ? jedhan. "Lakki hin ta'uu hin jaalladhuu" jechuun deebiseef. "Akkuma kee Namni hundi haadha isaa irratti wanti akkasii dalagamuu hin jaallatu" jedhan. Ammas itti fufuun "Intala kee,Obboleettii kee, Adaadaa kee fi Indeemanee (aboo)kee irratti wanti akkasii yoo dalagame ni jaallattaa" ? jedhan. "Lakkii hin jaaladhu" jechuun deebise. Iaanis "namni argitu kun haadha namaa, ykn Obboleettii nama ykn Intala namaa, ykn Adaada namaa, ykn Indeemanee namaa... ti. Kanaaf hin danda'amu" jechuun ofitti qabanii yaa "Rabbi yakka isaa dhiisiif! qalbii isaa qulqulleessiif! Qaama isaa tiksiif" ! jedhan. Achi booda zinaan Isaaf jibbamaa ta'e. (Ahmad).

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Nama sadii ta'anii waliin dubbachaa jiru. Lama Kiristaanota yoo ta'an tokko Muslima. Inni Muslimaa "Yesuus (Waaqni keessan) gara jabeessa ture, akkamitti Haadha Ciniinfattee isa deesse, Kan Fincaan isaa dandandeesssee isa guddiste, Kan harma ofii isa hoosifte ajjeese " ? Jedhee,  Isaan lamaan keessaa is tokko gaafate. Osoo inni gaafatame waan jedhu dhabee rakkachaa jiru inni lammaffaa "Ofii isaa iyyuu du'ee ture, akkamitti isii irraa dhorkuu danda'a? Kanaaf garaa jabaachuuf osoo hin taane hin dandeenye" jedha.
Inni Muslimaa immoo akkas yoo ta'e Waaqni ati itti amante dadhabaadha. Kanaaf isa dhiisii Kottuu Allaah  waan hunda danda'utti amani" jedhe.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yesuus Waaqaan alatti ofii isaatiin waan tokko gochuu fi murteessuu hin danda'u

Akkuma Namni hundi beeku Waaqni bakkaa fi yeroon osoo isa hin daangessin waan barbaadee
hojjachuuf gargaarsa qaama kamiinuu osoo hin barbaanne hojjachuu danda'a.Yesuus
dhugumaan waan kana hojjachuuf dandeetti qabaa? jennee yoo Macaafa qorannu goonkuma
hin danda'u. Inumaa Wangeelli arfan irra deddebi'uun kan waa'ee Yesuus irraa nuuf himan
Kan armaan gadii kana:

1.Yesuus Mataa isaatiif homa gochuu akka hin dandeenye hima:

Yohannis 5:19 Yesus itti fufee,
"Dhuguman isinitti hima, ilmi(Yesuus) ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u.

Yoo ofiif waan tokko gochuu hin dandeenye akkamitti Waaqa jedhama? Akkamitti nu fayyaduu danda'a?

2.Yesuus hojiin ani hojjadhu Waaqayyoon na erguuf ragaadha jedhe malee an Waaqayyoo ta'uuf ragaadha hin jenne.

hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay'ee dha; hojiin ani hojjedhu
kunis abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.Yohannis 5:36

3.Yesuus akka humna isaatiin homaa gochuu
hin dandeenye ibsa. Yaada isaa akka hin hordofnee fi yaada Waaqayyoo qofa kan hordofu ta'uu ibseera.

“Yesus itti dabalee, "Ani
humna kootiin homaa gochuu hin danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiinani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu'uu hin barbaadu, 'yaada isa ana ergee
duukaan bu'a malee.” (Yohannis . 5:30).

4.Yesuus hojii Waaqni itti hime (ittiin erge)raawwachuuf dhufe.

Yohannis 4:32-34 "Inni garuu deebisee, "Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba"
isaaniin jedhe. Yommus bartoonni, "Namni nyaata fideef jiraa ree?" waliin jedhan. Yesus immoo,
"Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha."

5.“Itti fufee namoota achi turanitti, "Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera.
Abbaa isaa duwwaatu beeka malee, ilmi eenyu akka ta'e kan beeku hin jii'u; ilma isaatii fi warra
ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaan eenyu akka ta'e kan beekus hin
jiru" jedhee dubbate.”( Luqaas 10:22)


Kanaaf kottaa Rabbiin waan hundarratti danda'a ta'etti amana.

Al-An'am 6:102

ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمْۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ خَٰلِقُ كُلِّ شَىْءٍ فَٱعْبُدُوهُۚ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ وَكِيلٌ

Kan akkana hojjate kun Rabbii keessaniIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraaInnis waan hunda tiksaadha.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Gara jabina akka Bineensaa Mucaa waggaa 7 namichi waggaa 25nii bifa suukanneessaan dirqamsiisee gudeedee. Kanaanis hin dhiifne ajjeesee darbate.
Kan nama gaddisiisu immoo namichi kun murtee hidhaa waggaa 25 fudhachuu isaati. Inumaa murteen kun natti guddate jechuun ol iyyannoo gaafate.

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Lola shunburaa kure:  

Sagantaa keenya yeroo darbee irratti dhimma Ahmed ibnu Ibraahim (Ahmed Graanyi) irraa waan xiqqoo ilaallee turre.  Akka walqabsiisuuf  nuuf tolutti xiqqoo of deeba deebinee eegasii dhimma lola shunburaa Kuree itti fufna.

Ahmad ibnu Ibraahim(Ahmad Giraanyi) ijoollummaa isaa irraa jalqabee gidiraan Mootota Kiristaanaatiin Muslimoota irra ga'aa jiru argaa, dhaga'aa waan guddateef  qalbii isaa keessatti diinummaan isaani Siidaa akka tulluu Kilamanjaaroo dhaabbate. Gaafa tokko gubaa abbootii kiyyaa kana ni kaffaladha jechaa onnee xiiqiitiin guddate.Yeroo umriin isaa 21 ga'u akkuma karoora isaatti hojii jalqabe. Bara 1527 tti Kiristaanota Mootummaa Islaamaa Ifaat weerarii jiran lolee injifachuun  achi keessaa baase. Dargageessi umrii 21  kun injifannoo isaa kanaan  tokko jedhee jalqabe. Itti fufuun lola marsaa lammaffaatiin Mootummaa Islaamaa  Fatagaar kan  Mootata Kiristaanaatiin weeraramtee jirtu isaan  jalaa bilisa baase. Bara 1529 tti woraana isaa fudhatee gara Dawwarootti qajeele. Achiitis injifannoo argate, milkiinis xumure.Iitti aansee Baaleetti tarkaanfate. Achitis ijnifannoon isaa itti fufe. Hubadha kan inni ittiin lolu qaama mootummoota Islaamaa cabsuun qabatanii jiranuudha.

Lola Shunburaa Kure

Lolli shunburaa kure bara 1529 A.L.A tti Adaamaa fi Bishooftuu gidduutti , naannoo laga Mojootti, gidduu Astee Libna Dingil Mooticha Kiristaanaa fi  Imaamu Ahmad Ibnu Ibraahiim (Ahmad Giraanyi)tti  geggeeffame. Gama Asteeti dhaadannoo" hardha booda duulli hin jiru "jedhu qabachuun Maqaa nama Muslimaa dachii Biyyattii irraaa barbadeessuuf woraana kuma dhibba lamaa fi kuma kudha jaha (216,000) qabatanii dhufaniiru. Gama Oromticha Ahmad Ibnu Ibraahimii immoo dhiironni dhiirummaa malee baay'inatti hin amanne kumni kudha lamaa fi dhibbi shanii fi jahaatamni(12,560) qofti  qophii xumaraniiru. Baay'inni garee lammaanii yoo wolbira qabame Muslima tokkoof namoota Kiristaanaa  17 tu dhiyaata jechuudha. Garaagarummaan guddaan kun gidduu isaanii jiraatus turtii sa'atii muraasaa mooda Muslimoonniii fi Imaamu Ahmadis injifannoo isaani mirkaneeffatan...

(Har'a namoonni baay'een Ahmad Garany akka nama hamaatti kaasuu waa'ee isaa dubbatu.Maqaa adda addaa itti moggaasuun arrabsuufis yaalu. Sababni isaan kana godhaniifis waan inni abbootii  isaaniif gabroomuu didee isatti duuleedha. Maaliif nuuf gabroomuu dide jechuu qofaaf maqaa isaa xureessuuf yaalu. Gowwummaan akkanaa maali jettu!... Kana caala wanti nama ajaa'ibu immoo kanneen maqaa isaatiin Muslimoota qeequuf yaalantu jira. Silaa kan dubbachuuf haqa qabu, kan roorririfamaa ture nu dha. Garuu kan miidha himatu isaani.Tarii keenya nuuf laalataa jiruu laata!  Moo nu of se'an laata!  "Kan qacceen iyyuu sangaan iyya"jedhama miti ? Dubbiin akkasuma taate...)

Yeroo kana irraa kaase amma walakkaa jaarraa 19ffaa ga'utti  Muslimoonni Mootota Kiristaanaa irraa boqonnaa fudhataniiru.Garuu jaarraa 19ffaa walakkaa ol irraa kaasee amma yerooo dargiin kufuutti ammas boqonnaa hin arganne ture. Sababaan isaas Mootonni Habashaa kanneen Kiristaana ta'an biyyoota dhihaa kanneen akka Faransayi, Purtugaal, Ingilizii fi kanneen biroo irraa  meeshaa woraanaa kadhachuun Oromoo fiMuslimootatti  duuluun Kiristaanessuuf yaalii waan jalqabaniifi. Bara sana keessa dhiibbaa akkamiitu ummata Islaamaa fi Oromoo irra ga'aa ture isa jedhu Sagantaa keenya yeroo itti aanuu keessatti kan ilaallu ta'a.
(Seenaawwan mataduree kana jalatti dhiyaatan Kitaaba" Seenaa Muslimmota Itoophiyaa bara 615-1700" jedhu kan Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi Kitaaba "Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa bara 608-1983" jedhu kan Amaan Guddataa Fatoo irraan fudhe).

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Akka Macaafni Qulqulluun Kiristaanotaa jedhutti Yesuus yeroo fannifamuuf jedhu  "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" Jechuun Waaqayyoon isaaf akka tumsu kadhachaa ture.  Mat. 27:46.

As irratti gaaffiin nuti qabnu:
1.Yesuus yoo ofii isaaf Waaqa ta'e Waaqa kamiin kadhachaa ture?
2. Kadhanni isaa maaliif dhaga'amuu dideef ?
3. Yesuus cubbuu Dhala namaatiif kan du'u yoo ta'e maaliif akka du'a jalaa ooluuf kadhachaa ture?

4.Namni ofii isaaf of oolchuu dadhabee bifa kanaan tumame akkamitti nu fayyaduu danda'a?
5. Yeroo inni du'e sanatti eenyutu addunyaa kana bulchaa ture?
6. Ati dhuguma  keessi kee itti amanee fudhatee jennaan Yesuus Waaqa jettee amanaa jirtaa? Yoo hin amanne waan ofii keetiif keessi kee hin fudhatin akkamitti hordofaa jirta ? Bor wabii naaf ta'a jettee ni yaaddaa ?

Rabbiin guddaan dukkana kana keessaa isin haa baasu! Nama sammuu ofiitti fayyadamee dhugaa argu isin haa godhu.

👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dirqiin Kiristaanessuu bara Astee Libna Dingil

Namni   Woggooti 15 Somaaliyaa, Jibuutii, Erteraa fi Itiyoophaa biyya tokko gochuun haqaan bulchaa ture eenyu ? Amma xumuraatti yoo dubbiftan deebii isaa ni argattu.

6.Dirqiin Kiristaanessuu bara Astee Libna Dingil (1464-1540)

Mootichi kunis Kiristaanotaa fi Abbootii amantaa Kiristaanaa qindeeffatee iddoo mootota isa duraaraatiin osoo hin qabamin  hafan ga'uufi kan guutumatti hin hin qabannes qabachuuf karoorfate hojii jalqabe. Kanaanis Mootummaa Adalitti duulee cabsuun Muslimoota hedduu fixe, Magaalaa isaanis ibiddaan gubee ganda guutuu ona godhe. Muslimoota lafa dhiphoo Fatagaarii fi Adal jedhamtu jidduutti itti marsee gara laafina tokko malee Mangoddoo, dubartii fi Ijoollee dabalatee lubbuu kuma kudha lama(12,000) galaafate. Gariinis isa baqaaf bosona seenuun achitti beelaafi dheebuun dhuman! Kana qofatti yoom dhaabbate! Mootichi kun soddaa isaa nama Dagalhaan jedhamuuf woraana dhibba jaha(600)kennuun akka inni Muslimoota Fatagaar weeraru ajaje. Innis akkuma ajajametti Muslimoota baay'ee fixuun qabeenyaa fi dubartoota booji'ee bakka irraa dhufetti galuuf karaa buhe.Yeroo kana Gooticha sodaa hin qabne Ahmad Ibnu Ibraahiim (AhmadGiraanyi )Namoota muraasa qindeefate karaatti isaan fuuldura bahuun woraana keessa namoota 484 booji'e. Muslimoota booji'amanii fi qabeenya isaanis arkaa deebise. Kana booda gootichi kun namoota  duraan Muslimoota boochisaa turan akkaa fi bakka ishee  dhorguun addaan  facaase. Rabbiin gadda jaarraa afurii oliif Muslimoota irraa ture isaan akka dhaabbatu godhe. Booda irra Woggooti kudha Shaniif(15) Somaaliyaa, Jibuutii, Erteraa fi Itiyoophaa biyya tokko gochuun haqaan bulchaa ture. Olaantummaa Mootata Kiristaanaa kan ummataaf gara laafina hin qabne  cabsee biyya tasgabbeesse. Garuu inni namoota isaan loluu hin barbaanne, kan  nageenyaan jiraachuu barbaadan amantaa fedhes yoo qabaatan akka jiraatan godhe. Namoota isaan wolworaanuu barbaadan qofaan lolaa ture. Duula hunda irrattis mirgaan galaa ture. Injifannoo  inni galmeesse keessaa kan Addunyaa ajab! jechisiisee, kan namoota baay'eef liqifamuu dide, Dhugoomsuuf rakkatanii kijibsiisuuf ragaa itti dhabanii  maqaa isaa xureessan lola shuburaa kureeti.

Innis akkana ture:
Ahmad ibnu Ibraahim(Ahmad Giraanyi) ijoollummaa isaa irraa jalqabee gidiraan Mootota Kiristaanaatiin Muslimoota irra ga'aa jiru argaa, dhaga'aa waan guddateef  qalbii isaa keessatti diinummaan isaani Siidaa akka tulluu Kilamanjaaroo dhaabbate. Gaafa tokko gubaa abbootii kiyyaa kana ni kaffaladha jechaa onnee xiiqiitiin guddate.Yeroo umriin isaa 21 ga'u akkuma karoora isaatti hojii jalqabe. Bara 1527 tti Kiristaanota Mootummaa Islaamaa Ifaat weerarii jiran lolee injifachuun  achi keessaa baase. Dargageessi umrii 21  kun injifannoo isaa kanaan  tokko jedhee jalqabe. Itti fufuun lola marsaa lammaffaatiin Mootummaa Islaamaa  Fatagaar kan  Mootata Kiristaanaatiin weeraramtee jirtu isaan  jalaa bilisa baase. Bara 1529 tti woraana isaa fudhatee gara Dawwarootti qajeele. Achiitis injifannoo argate, milkiinis xumure.Iitti aansee Baaleetti tarkaanfate. Achitis ijnifannoon isaa itti fufe. Hubadha kan inni ittiin lolu qaama mootummoota Islaamaa cabsuun qabatanii jiranuudha.

Lola shunburaa kure irratti maaltu mudate ? Isa jedhuu fi Muslimoonni maal akka mudatan yeroo itti aanu kan ilaallu ta'a...

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Namoonni  na iyyaafataa turtan Galatooma.  Guyyoota 25 darbe na dhukkubaa ture. Kanaaf toora irraa bade. Ergaa keessanis kanaafan hin deebifne.  Alhamdulillah amma haala gaariirran jira. Inshaallaah yeroo dhihootti bifa ammaa duraa irra fooyyaa'aa ta'en walitti deebina.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐍𝐀𝐆𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐓𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐌𝐓𝐔 𝐋𝐀𝐁𝐒𝐀𝐀??



𝐊𝐔𝐓𝐀𝐀 3𝐅𝐅𝐀𝐀


by Arabi/አረብ/عرب

LUBBUU AJJEESUU FI BALLEESSUU EENYUTUU AJAJA?


{𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐍 𝐕𝐒 𝐁𝐈𝐁𝐋𝐄}


@Rafiiqul_Islaam
@Rafiiqul_Islaam


26• «Raajiin yookiis namichi abjuu abju’atu sun immoo Waaqayyo gooftaa keessan isa biyya Gibxii isin baase, mana garbummaa keessaas isin fure irratti akka kaatan, karaa akka isin irra adeemtaniif Waaqayyo gooftaan keessan isin abboome irraas akka jal’attan waan godheef haa ajjeefamu! Akkasitti hamaa of gidduudhaa balleessaa!»(Seera Keessa Deebii 13:5)

27• «dhiira yookiis dubartii nama wanta hamaa kana hojjete, gara karra mandarichaatti geessiitii dhagaadhaan rukutii ajjeesi!»(Seera Keessa Deebii 17:5)

 28• «Raajiin utuu ani dubbachuudhaaf isa hin abboomin dubbii tokko maqaa kootiin waan dubbatu kan fakkeessu yookiis maqaa waaqayyolii warra kaaniitiin kan dubbatu haa ajjeefamu!” jedhe.»(Seera Keessa deebii 18:20)

29• «Namni tokko bakkee keessatti durba kaadhimatamte tokko argee, qabee ishee wajjin yoo ciise garuu, namichi inni ishee wajjin ciise sun duwwaan haa ajjeefamu!»(Seera Keessa Deebii 22:25)

30• «Namni adduma addaan cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu»(Seera keessa deebii 24:16)

31• «namni abboommii keetiin mormu, namni dubbii kees hin dhageenye hundinuu haa ajjeefamu! Ati garuu cimi, ija jabaadhu!” jedhan.»(Macaafa Iyyaasuu 1:18)

32• «Tokkon tokkon keessan mi’a lolaa keessan fudhattanii naannoo mootichaa in dhaabattu; namni tarree isin dhaabattan kana gidduu lixu immoo haa ajjeefamu! Gara mootichi itti adeemu hundumaatti isa biraa hin dhabaminaa!” jedhee isaan in abboome.»(Macaafa Moototaa Isa lammaffaa 11:8)

33• << Isaan keessaa xinnaan yookiis guddaan, dhiirri yookiis dubartiin namni Waaqayyo gooftaa isa kan Israa’el hin waaqeffanne akka ajjeefamu in godhan»(Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 15:13)

34• «Warri Lewwootaa mi’a waraana isaanii harkatti qabatanii iddoo mootichi dhaqu hundumaatti naanna’anii isa haa eegan! Namni yeroo kana manichatti ol lixuu yaalu haa ajjeefamu! jedhe.»(Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 23:7)

35• «Iddoo koo isa qulqullaa’aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta’u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi’aatinaa!” jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.»(Macaafa Hisq’el Raajichaa 9:6)

36• «”Dubartoota warra Ibrootaa yommuu deessiftan, akkuma mucaan dhalateen dhiira ta’ee fi durba taatee ishee ilaalaa! Dhiira yoo ta’e ajjeesaa! Durba yoo taate garuu jireenyatti hambisaa!” jedhe.»(Seera Ba’uu 1:16)

37• «Museen kana irratti abboota firdii warra Israa’eliin, “Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba’aal isa Phe’or nama waaqeffatu ajjeesaa!” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 25:5)

38• «”Warra Miidiyaan kana rakkisaa, isaan rukutaas! Isaan haxxummaa isaanii isa waa’ee Phe’oriif, waa’ee Kozbii intala bulchaa biyyaa warra Miidiyaan obboleettii isaanii, ishee guyyaa dha’icha sababii Phe’oriif dhufe sanaatti ajjeefamte sanaan isin gowwoomsanii isin rakkisaniiru” jedhe.»(Seera Lakkoobsaa 25:17-18)

39• «Amma ijoollee keessaa dhiira kan ta’e ajjeesaa! Dubartoota warra dhiiraa wajjin ciisanii beekan hundumaas #ajjeesaa!»(Seera Lakkoobsaa 31:17)

40• «Isin garuu achi hin dhaabatinaa, diinota keessan ari’aatii karaa dugda duubaa isaan rukutaa! Waaqayyo gooftaan keessan harka keessan keessa waan isaan buuseef, mandaroota isaaniitti akka isaan galan hin godhinaa!” jedhe.»(Macaafa Iyyaasuu 10:19)

41• «Kanaaf waldichi namoota isaa warra jajjaboo keessaa kuma kudha lama itti ergee, Gara Yaabesh-Giil’aad dhaqaatii  arra achi jiraatan dubartootaa fi ijoollota iyyuu utuu hin dhiisin billaadhaan rukutaa!»(Macaafa Abboota Firdii 21:10)

/channel/Rafiiqul_Islaam/576
/channel/Rafiiqul_Islaam/576

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kiristaanonni "Yesuus Gooftaadha, Jiraachisaadha.." jedhu. Garuu akka Macaafni Isaanii barsiisutti Yesuus Waaqa (God) isaan jechuu miti barsiisaa gaarii (Good) isaan jechuu hin jaallatu. Gaariin jiru Rabbii tokko qofa akka ta'es dubbata. Dabalataan Yesuus jireenya sana(jennata ) argachuuf ajajoota jiran hojiirra oolchi jedhe. Ani Gooftaa ta'uu amani hin jenne(Maatewos 19:16❩.

Yesuus yoo Waaqa ta'e maaliif gaarii isaan jedhamuu hin jaallanne ? Waan gaarii hin taaneef yoo ta'e, namni nama Gaarii hin taane ulaagaa kamiin Waaqa ta'uu danda'a? Lakki inni gaariidhaa Garuu of guddisuu waan hin barbaanneef akkas jedhe yoo jettan, Kutaa Macaafaa keessaa iddoo kamitti of guddisuu waanan hin barbaanneef akkas akka jedhe ibsamee jira ? Inni biraa Yesuus yoo Waaqa ta'e yoo of guddise rakkoo maalii qaba ? Dhugaadha ilmi namaa yoo of guddise nama akka isaa tuffata. Kanaan cubbamaa ta'a. Cubbuu kanaan immoo waaqa biratti gaafatama. Kanaaf of guddisuun isaaf hin ta'u. Garuu Yesuus Waaqa eega jettanii yoo of guddise rakkoo maalii qaba ?

Dhugaan jiru Yesuus nama qofa waan ta'eef of guddisuu hin barbaanne. Saba keenya dhugaa Macaafa keessan keessa jiru xiinxala. Waanuma isinitti himame qofa osoo hin taane sammuu Rabbiin isiniif kennetti fayyadamuun dhugaa qoradha. Jireenya addunyaa mijjeefachuufuu Waggaa kudha wahi olii fi gad fiigaa jirtu. Borii keessan tolfachuuf maaliif hin qoranne?



¹⁶ Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, "Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?" jedheen.
¹⁷ Yesus immoo, "Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuuu yoo feete garuu, abboommota eegi! ittiin jedhe. (Maatewos 19:16❩.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Iisaan (aleyh salaam) Erga bu'ee maal akka dalagu.

الْمَطْلَبُ الرابع : أوَّلُ أعمالِه بَعدَ نُزولِه

@DAARU_SALAAM
@DAARU_SALAAM

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Maashaa Allaah! Baga gammadde Obboleetti keenya. Qormaata addunyaa fi Aakiraas Nama darbee Badhaasa jennata argatu si haa gudhu. Kan akka keetiis nuuf haa heddumeessu.

Yeroo kana keessa dubartii akkanaa argachuu hedduu nama gammachiisa. Abdii namatti hora. Ilmaan gaggaarii nuuf qopheessita jennaa abdii sirraa qabna. Dhugaadha Ni jalqabde malee hin xumurre. Garuu jalqabbiin kee namatti tola...

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Seenaa Nabiyyii saw

Qabsoo Woraanaa

Woraanni yeroo jalqabaaf Diinota Muslimaa irraa gara nabi Muhammadii fi muslimotaatti tokko jedhee kan jalqabe yeroo Nabiyyiin gara Madiinaatti godaanan(baqatan) ture. Nabiyyiin woggoota kudha sadiif makkaan keessa yeroo jiranitti osuma roorifamanuu Afaan qofaan gara amantii Islaamaatti namoota waamaa turan...
Garuu Kuffaarri Qureeshii Sochii of duuba deebisuuf wantoota armaan olitti ilaalle hunda hojjataniis milkaa'uu hin dandeenya. Milkaa'uu dhabuu isaanii kanatti baay'ee gaddanuun akka bakka Muslimoonnii fi Nabiyyiin itti baqatan Madiinaan deemanii loluu qaban murteessan... Kanaaf immoo akkuma Nabi Muhammad S AW Madiinaan qubataniin Ammas Qureeshonni Makkaa qaamota keessoo madiinaa fi naannoo isii muslimootaa fi Nabiyyii irratti kaasuuf yaalii gochuu jalqaban. Nabiyyiinis dur irraa kaasee amala isaanii fi sochiisaanii waan beekuuf callisee hin taanye. Akka isaan osoo hin beekamin dhaqanii lola irratti hin banneef walitti fufiinsaan eegumsa naannoo Madiinaaf godhe... Booda irra sochiin Qureeshiin gootu jabaata gaafa dhufu , Kana irratti Rabbiin keeyyata Qur'aanaa armaan gadii kana buusuun akka isaan of irraa ittisuuf loluu qaban hayyameef.

أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَٰتَلُونَ بِأَنَّهُمْ ظُلِمُوا۟ۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ
Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (lolanii of irraa ittisuu)hayyamni godhameef Rabbiinis isaan tumsuu irratti danda’aadha.[Al-Hajj :39]
Kana irraa ka'uun Nabi Muhammad saw sahabota irraa dura bu'aa gochuun Humna furgaatii (Sariyyaa)kallattii adda addaatti erguu jalqaban. Yeroo gariis ofuma isaaniif dura bu'aa ta'u ture.
Wanti humna furgaatuun kallattii adda addaatti erguun barbaachiseefis:
1. Haala sochii diinota aannoo madiinaa jiranuu hubachuufi nageenya amansiisaa madiinaaf mirkaneessuudha. keesumattuu diinni akka riphee hin seenneef to'annoo fi hordoffii cimsuu,
2. Jiraattota naannoo Madiinaa wajjin walii galtee nageenyaa gochuu fi isaaniif diinummaa akka hin qabne ibsuu,
3.Qureeshonni Warri Makka irraa muslimoota saamaa fi ajjeesaa baasan daldalaaf yeroo deeman madiinaan irra waan darbaniif amma qabeenya Muslimoota saaman deebiaanitti achi irraan bahanii deemuu akka hin dandeenye akeekkachiisuu,
4.Ergaa Qur'aanaa ummatatti geessuun akka inni dukkana kufrii jalaa bahuuf waamicha gochuudha.
Gama biraan yeroo Kaafironni isaaniin loluuf waamicha godhanis sodaatanii of duuba hin deebi'an. Humni isaanii amma fedhe xiqqaatus Rabbiin gargaarifatanii of irraa faccisu. Bifa kanaan duula/Jihaada lakkoofsaan 7 torba ta'antu geggeefame. Isuma kana namoonni baay'een amantii Islaamaa jihaadan babal'ate jedhu. Diina nuun loluuf dhufe of irraa hittisuuf loluun Jihaada amantii babal'isuu godhame yoo nuun jedhan nuti kanaaf dantaa hin qabnu.
Yeroo ta'e Paastariin Pheenxee tokko "Muhammad nama ajjeesa mitii? ajjeesuutti ajaja, dirqiin amantii Islaamaa nama fudhachiisa , namoota Kuma dhibba shan (500,000 ) makkaan keessaatti ajjeese" naan jedhe. Anis mee ragaa naaf kenni jedhe. Garuu ragaa naaf kennuu hin dandeenya... Namichi kun callisee odeessee. loli/Jihaadni nabiyyiin makkaan keessatti geggeesanis hin jiru. Fatihin Makkaa immoo waan bakka guddaa kana argatu hin turre. Inumaa namoonni makkaan keessa yeroo sana jiran kuma dhibba shan hin ga'anu. Kana qofa miti Jihaada diina of irraa deebisuuf godhame hunda isaa yoo walitti qabnee ilaalle walumaagalaatti garee lamaan irraa kan du'e nama kuma tokko iyyuu hin guutu. Garuu jarri waan soba baraniif olola afarsu. Dhimma "Muslimoonni dirqiin nama Islaamessu" jedhu irratti yaada kenname mata duree "Kaafiraaf Rahmata gochuu" jedhu dubbisa.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kiristaanotni akkas jedhu: " Yesuus Ani Gooftaadha, Na Waaqessaa jechuu baatus Ani gooftaa mitii na Waaqessinaa hin jenne " .

Kun yaada salphaa deebii quubsaa qabuudha. Isaantu hin dubbisin malee Macaafni akka Yesuus na Waaqessinaa jedhee jiru barsiisee jira. Qabxiiwwan armaan gadii kana dubbisaa.

1. Yesuus jalqaba "Ani Waaqayyoo keessanii na Waaqessaa" akka   hin jenne  hubachuun gaariidha. Garuu faallaa kanaan ani Nabiyyiidha, nama ofiin jedhee jira. Isa kana hubachuu qabdu.

2. Yesuus akka nama ta'e dubbatee jira.
“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”
  — Yoh. 8:40

3. Yesuus keeyyata armaan olii irratti akka nama ta'e nuuf mirkaneessee jira. Keeyyata armaan gadii kana irratti immoo nama akka Waaqaatti Waaqessuun akka hin taane ifaan ifatti dubbatee jira.

Mat. 23:
⁹ Lafa irratti nama akka abbaatti hin waammatinaa!  Abbaan keessanoo tokko, innis isa waaqa irraa ti.

Yaadni Yesuus dubbate kun jecha biraan yoo ibsame akkana jechuu ta'a:  Ani nama , kanan jiraadhus lafa irra.   Waaqni immoo nama hin ta'u. Innis tokkicha kophaa isaa Samii irrra jiraatu.  Kanaaf ana nama lafa irra jiraatu akka Waaqa samiirra jiraatuutti hin fudhatina.

4. Yesuus nama jaalala abbaa koo isa Waaqa irraa hojjateetu jennata(jreenya bara baraa) argata jedhe malee nama jaalala koo hojjateetu argata hin jenne. Inumaa namni Yesuusiin gooftaa jedhu Yesuus akka isa hin beekne dubbatee jira.  Yesuus kana caalaa bifa kamiin isinitti akka himu barbaaddan ?

Mat. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²¹ Yesus, "Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti.
²² Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, 'Yaa gooftaa, yaagooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.
²³ Ani immoo yeroo sanatti, 'Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!' jedheen mul'inatti isaanitti hima" jedhe.


5. Seexanni Waaqa miti ykn gooftaa miti jechuudhaaf dirqama ani waaqa miti ykn ani gooftaa miti jecha jedhu isarraa dhagahuu hin qabnu. Waaqa akka hin taane ifa waan ta'eef.

6. Ergamoonni macaafa keessatti dubbatan hundi nuti waaqa miti ykn nuti gooftaa miti hin janne akka waaqa hin ta'in ifa waan ta'eef.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…
Subscribe to a channel