saahibuddiin28 | Unsorted

Telegram-канал saahibuddiin28 - Daandii Milkii(Jennataa)

-

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @SaahibuddiinJihaad

Subscribe to a channel

Daandii Milkii(Jennataa)

Batii Gurraandhalaa, 2023 ALA Manni amantaa Kiristaanaa Itiyoophaa keessatti argamtu hundi mata duree " Deemii Wangeela Lallabi" jedhuu irratti marii jabaa godhanii turan. Dhimmoota hedduu irratti dubbatan. Keessaa tokko akkaataa itti Muslimoota Kiristaanessuu danda'an irratti gadi fageenyaan dubbataa turan. Yaadota achi irratti dhiyaatan irraa:
a. Naannoo Muslimni itti baay'atan qooddatanii akka irratti hojjachuun Kiristaanessuu qaban dubbatan.

b.Namoota Muuxannoo Kiristaanessuu qaban biyyoota adda addaa irraa affeeranii akka irraa baachuu qaban.
c. Bakka barbaachisaa ta'etti osoo damee amantaan wal hin qoodin maallaqaan akka walbira dhaabbachuu qaban.

Wanti jarri amma Muslimoota of fakkeessuun ittiin nu gowwosuuf yaalan kun bu'aa marii jaraa san ta'uu hin oolu. Garuu kun of gowwomsuudha malee Muslimni kanaan sobamu hin jiru. As miti biyyoota dhihaattiyyuu amantiin Islaamaa Saffisaan guddachaa jira. Fkn:

Akka Gabaasni Janury 27, 2019 Dhaabbata #Pew #Research #Center jedhammun bahe argisuusutti amantiin Islaamaa saffisaan dabalaa deemaa jira. Akka inni jedhetti guddinni waggaa giddu galeessaan Musliimootaaf %1.5 yoo ta’u, Musliimoota hin taaneef ammoo %0.7 ta’a. Inumaa akka dhaabbani biraa ibsutti immoo guddini woggaa Muslimootaa 2.5% ol akka ta'e ibsa. Inumaa Awurooppaa keessatti lakkoofsi Muslimootaa saffisaan dabalaa jira jedha. Akka fakkeenyaatti immoo yaada armaan gadii kana dhiheessee jira.

Yunaayitid Kingidam keessatti Muslimoonni
amma %4.6 yoo ta’an bara 2030tti %8.2 akka ga'an tilmaama.

Oostiriyaatti har’a %5.7 yoo ta'an bara 2030tti %9.3 akka gahan tilmaamameera.

Siwiidinitti har’a %4.9 bara 2030 %9.9

Beeljiyeem keessatti har’a %6 bara 2030tti %10.2 Faransaayitti har’a %7.5 bara 2030 ammoo %10.3

Kanaafu Jarri Pheenxee of hin gowwomsina!


👇👇👇👇

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kana Quba Qabduu ?
Kitaabni namoota Miliyoonaan lakkaa'amuun haffazame (Sammuutti qabatame) Qur'aana qofa.  Macaafa Qulqulluu irraa namni fuula shan osoo irra hin ilaalin siif dubbisu hin jiru. Garuu Muslimoonni Qur'aana guutuu maataatti qabatanii dubbisan Kitila.  Garuu Iccitiin isaa maali ? Iccitiin isaa Qur'aanni Barnoota qulqulluu Rabbii guddaa bira dhufe ta'uudha. Yaa Muslimoota Rabbii kitaaba akkanaatti amanuu si badhaaseef galata Galchi! Alhamdulillaah! Namni gariin durdurii kitaaba Rabbiiti jedhee mataatti baate deema!

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waaqni Daani'eel osoo hin kadhatin Leencotaan nyaatamuu irraa oolche(Daani'el 6:15-25 ilaali). Garuu Yesuus du'a irraa oluuf osoo kadhatu isa oolchuu didee akka ajjeefamu godhe ("Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?"  Mat. 27:46). Waaqni ilma isaa caalaa Daani'el jaallataa? Akkas taanaan Waaqni ilma isaa tokkicha  jibbu kenne moo ilma isaa tokkicha jaallatu kenne  jenna ?

Kun maaliif ta'uu danda'e ? Yesuus cubbuu jala dhala namaa baasuuf jecha dhufe taanaan maaliif ajjeefamuu isaatti  gadde ? Maaliif ajjeefamuu irraa ooluu barbaade ?  Jalqabuma fedha isaatiun hin dhufnee?  Moo eega dhufee gaabbe ? 

Nuti Muslimoonni Waaqni hin dhalatu, hin du'u, hin kadhatu, hin nyaatu, nama hin fakkaatu, dhalli nama isa fayyaduus ta'ee miidhuu hin danda'u, cubbuu namaa dhiisuufis du'uu isa hin barbaachisu, waan hunda danda'a... jennee amannu. Yesuus immoo nabiyyii kabajamaa fi jaallatamaa fakkaataa Aadam, Ibraahiim,Nuuh, Muusaa... fi Muhammad jennee amanna(Hunda isaanirra nageenyi haa jiraatu).

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Chaanaaliin kun ni fayyada jettanii yoo amantan Linkii kana Namootaaf share godhuun affeeraa.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yesuus gooftaa jedhamee jiraa? Gooftaa jechuun maali ? Buusa dubbisa!

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Isin Muslimoonni maaliif kaabaaf sagaddu ?

Eega sa'atiin jiraate Azaanni Guyyaatti yeroo shan maaliif barbaachise ?

Deebii Qubsaa @Dr.ZakirNaik kenne dhageefadha.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dhugaan Dhufe:
Yesuus fi Kiristaanummaa

/channel/Rafiiqul_Islaam

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqayyo tokko fi sadii dha.
✔ Yesuus:
Waaqayyo 1 qofa. (Maarqos 12:29)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus Waaqayyodha.
✔ Yesuus:
Ani Waaqayyo miti. (Yohaannis 12:44)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus Waaqa hin qabu.
✔ Yesuus:
Waaqayyoon qaba. (Yohaannis 20:17)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus uumaa malee uumama miti.
✔ Yesuus:
Ani uumamadha. (Yohaannis 5:26)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus raajii miti.
✔ Yesuus:
Ani raajiidha. (Maarqos 6:4) $ (Maatewos 13:57)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus kan ergame malee kan ergame miti
✔ Yesuus:
Ani ergamaa ergamaadha. (Yohaannis 12:49) $ (Yohaannis 7:16)

✖️ Kiristaanummaa
Yesuus samii seenuu danda’a
✔ Yesuus:
Samii seenuu hin danda'u. (Maatewos 20:23)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus guyyaa du'aa ka'uu Waaqayyodha
✔ Yesuus:
Yeroo sanallee abbaa caalaa xiqqaadha. (Yohaannis 8:28)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus qoricha biyya lafaati.
✔ Yesuus:
Ani gara Israa'eloota qofatti ergama. (Maatewos 15:24)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus wanta hundumaa gochuu ni dandaʼa.
👇👇👇👇👇👇

✔ Yesuus:
Kophaa koo homaa gochuu hin danda'u. (Yohaannis 5:30)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus waaʼee guyyaa duʼaa kaʼuu ni beeka ture.
✔ Yesuus:
Guyyaa qiyaamaa hin beeku. (Maarqos 13:32)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus Yihudootaan fannifame.
✔ Yesuus:
Ani takkaa bilbila cufamee hin beeku. Yohaannis 8:21-22)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesus humna ofii isaatiin dinqii hojjeta.
✔ Yesuus:
Fedhii Waaqa kootiin dinqii nan hojjedha. (Luqaas 17:20) Maatewos 12:28)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesusitti amanuu qofatu samii dhaala.
✔ Yesuus:
Waaqa, kan koo fi kan kee, Jannata seenuuf akka jiru ragaa ba’i. (Yohaannis 17:3)

✖️ Kiristaanummaa:
Seerri Tawraatii Yesusiin haqame.
✔ Yesuus:
Seera haquuf hin dhufne. (Maatewos 5:17)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesuus nabi Muhammad hin beeku ture.
✔ Yesuus:
Raajiin ana booda dhufu jira waan hunda sitti hima. (Yohaannis 16:12-14)

✖️ Kiristaanummaa:
Waa'ee Kaaba Iisaa homaa hin dubbanne.
✔ Yesuus:
Ana booda kallattii sujuudaa ni jijjiirama. (Yohaannis 4:19-21)

✖️ Kiristaanummaa:
Yesusiin waaqeffachuu qabna.
✔ Yesuus:
Ana osoo hin taane waaqa keenya tokko waaqeffadhaa. (Maatewos 4:10)

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqni keenya Yesus ofumaa dhufe.
✔ Yesuus:
Fedha Waaqa kootiin dhufe. (Yohaannis 7:28)

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqayyoo fi Yesuus tokko.
✔ Yesuus:
Abbaan na caala. (Yohaannis 14:28) Yohaannis 13:16)

✖️ Kiristaanummaa:
Waaqa keenya lafarratti argineerra.
✔ Yesuus:
Abbaa keenya Waaqayyo namni argee hin jiru. (Yohaannis 5:37) $ (Yohaannis 6:46)

Barreessaan: 𝐗𝐚𝐚𝐡𝐢𝐫 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨

/channel/Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

3. Dirqiin Kiristaanessuu Bara Astee Minilik 2ffaa (1865-1913 )Yookiin Hitilar Itiyoophiyaa

A.Dirqamaan Kiristaanessuu Naannoo Harar(Harargee)

Bara 1887 Minilik loltoota isaa qabatee meeshaa Xaaliyaaniifi Faransaayiitiin mootummaa Islaamaa Harar dadhabduu kan yeroo hunda nageenya labsituun lole. Ummata Harar harka dhukaasa xiqqoo kan Misra achitti dhiise qofatu jira. Lolichi bakka “Calanqoo” jedhamu Dhiha magaalaa Hararitti argamu keessatti geggeeffame. Lolattiin Muslimoota Oromoo biratti “Calii Calanqoo” jedhamtee beekamti. Kan itti fedhame ajjeechaa, barbadeessuufi gubuun baay’achuu irraa kan ka’e calanqoo dhabamsiiseedha.Guyyaa sana Muslimoota Kuma shantu(5000) dhume. Akka Abbaan Gadaa Afran qalloo Abdurraz jedhanitti immoo namoota kuma dhibbaa oltu Guyyaa Sana dhume. Mammaaksi beekamaan "Akka miila Bakar Waaree ta'e" jedhamus guyyaa kana jalqabe. Sababni isaas Bakar Waaree osoo lolaa jiru Miilli irraa cite, bade. Booda eega lolli xumuramee Miilli kee meerre ?jedhamee yoo gaafatamu yeroo ittii citee fi eessatti akka cite akka hin beekne hime! Guyyaa sana Hafizoota (namoota Qur'aana guutuu qomatti qabatan )faatu wareegame. Garuu namoota baay'ee biratti lolli kun Oromummaa qofa akka waan bu'uura godhateetti ilaalama. Dhugaadha lolichi Oromummaas balleesuuf kan kararoorfate ta'uun wol nama hin gaafachiisu. Silumaa biyya kanatti Islaama ta'uu fi Oromoo ta'uum akka yakkaati ilaalamti! Garuu sababaan inni geggeefameef inni guddaan Islaamummaa irraa isaan deebisuuf jedhameeti. Kanaaf wanti ragaa nuuf ta'u immoo Minilik yeroo Ummata dirree woraanaa irratti fixee ka'u gara Magaalaa Harar deemuun Masjiida gubbaatti ol bahee achi gubbaa dhaabbatee fincaane. Eega sana Masjiidni sun achii diigamee Bataskaanni Gabre'eel jedhamu akka achitti ijaaramu godhe. Akkan Manguddoota Harargee irraa dhaga'etti Ayyanni yeroo ammaa Qulubbiitti woggaa keessa yeroo lama geggeeffamu injifannooo guyyaa sana Ummata Harargee irratti argatiif Waaqa galateeffachuudhaaf geggeeffama. Ayyaanichi baay'ee beekamaadha. Namoonni amantii Kiristaanaa hordofan guutuu biyyattii irraa irratti hirmaatu. A nis namoota ayyaanicha kabajuuf kallattii dhihaa fi baraa irraa garas deeman yeroo baay'ee argaan ture. Baay'ina Konkolaataa achitti deemuu kumaataman lakkaawama! Baay'ina isaa irraa kan ka'e sodaa balaa tiraafikaatiif Magaalota Harargee baay'ee keessatti yeroo sana sochiin ummataa baay'ee xiqqaata(ni daangeffama). Fkn: Ijoolleen mana barumsaa akka hin deemne taasifamu.....

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kiristaanota! Yesuus Waaqa abbaa wajjin walqixa,  Isaan wal hin caalan, Isaan tokkuma jettani mitii? Yesuus immoo Mcaafa keessatti maaliif abbaan na caala jedhe ?(Yoh.14:28 ilaali.) Isintu sobe moo Yesuustu sobe ? Nuti yaada keessan fudhanna moo kan Yesuus fudhanna? Isin waa'ee Yesuus isa caalaa beektuu ? "Namni waa'ee kee si caalan beeka jedhu budaadha " jedha Oromoon. Yoo lakkii kutaa Macaafaa biraa keessaa ragaa qabna jettan inni as jiru kun akkam ta'a? Lakkii Saba kiyya dammaqi!

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

السلام عليكم ورحمةالله وبركاته
Akkuma beekamu amantiin Islaamaa kan jabaatuufi babal'atu hirmaannaan mu'uminootaa jabaan yoo jiraate qofaa dha.

Biyya keenyatti yeroodhaa gara yerootti namootni gara Amantaa islaamatti dhufan dabalaa jiru,kanaaf immoo dhaabbata jabaa isaan kana simatee barsiisuu fi tursiisu baayyee barbaachisaa ta'ee jira.
Akka biyyaatti dhaabbati dirqama kana bahaa jiru waan hin jirreef, namooti asallaman ,barnoota Islaamaa osoo hin argatin hafaa jiru,akkasumas yeroo rakkoo bakka itti boqotan dhabanii rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru.

Rakkina kana hanga tokko furuuf, *"Dhaabbatni Da'awaafi barnootaa Islaamaa Al-Irshaad"* lafa bitee ijaarsa eegaluus sababa rakkoo hanqina maallaqqaaf xumuree hojii jalqabuu hin dandeenye.
Kanaaf Rakkoo kana hawasa waliin furuu ni dandeenya jechuun gara keessan fidnee jirra.

Haaluma kanaan hawaasni Musliimaas barbaachisummaa dhaabbata kanaa hubachuun gargaarsa maallaqaa fi gosa meeshaa ijaarsaa, akka nuuf taasiftan kabajaan isin gaafanna!!

CBE:-1000584885983
HIJRA:-1004708410001
AWASH:-014101266821200
CBO:-1033300087697
ZAMZAM:-0029046110301

0911563014 /0919800615 /0910909974

Source: Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል

/channel/DAARU_SALAAM/290

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

NAMA GUUTUU FI WAAQA GUUTUU(ፈፁም ሰው ፈፁም አምላክ)

Maqaa Rabbii Akkaan mararfataa ; akkan Rahmata godhaa taheetiin jalqaba.
HANGA DHUMAATTI DUBBISII HUBADHU !

Akkuma nuti beeknuuf dhageenyu Obbolootni keenya Kiristaanaa Yesuus(Ilmi maryam) nama guutuufi waaqa guutuudha jedhanii amanu. Kana jechuun amala namummaa guutuufi amala waaqummaa guutuu kan qabudha jechuu isaaniiti.
Garuu jecha kan sammuu dhugaa yaaduufi sammuu bilisa taheen yeroo yaadnu dogongora guddaadha. Sababnis amalli wol faallessu lama yeroo tokkotti(walfakkaataatti) amala nama tokkoo tahuu hin danda'u. Kana jechuun nama guutuu yeroo jedhanu, 100% nama malee waan biraa miti jechuudha. Amala waaqummaas hin qabu, amala bineensota biraas kan hin qabne nama qulqulluu akka tahe Ibsaa jira.
👉 Waaqa guutuu jechuun immoo, 100% waaqa kan tahe, amala namummaafi amala bineensota biroo kan of keessaa hin qabneedha. Akkuma duraan jenne kun immoo dhugaa ta'uu hin danda'u.

#Fakkeenyaaf jechi Ahmed baay'ee dheeraa fi baay'ee gabaabaadha jedhu wol faallessa waan ta'eef sirrii miti.
Kanaafuu jechi nama guutuuf waaqa guutuu jedhu kun barsiisa beektonni amantaa ofumaaf uumaniidha malee Macaafa isaanii keessatti Yesuus ani nama guutuuf waaqa guutuudha ofiin hin jenne.
Ammas jechi kuni baayee dogongora kan taheefi kan wol faallessuudha.

QABXIILEE MURAASA YASUUS NAMA MALEE WAAQA AKKA HIN TAANE MIRKANEESSAN HA ILAALLU!
=================================.
A/ Wongeela Yohannis 8:28 Ilma namaa kana eega mukarratti Ol fuutanii Eenyu akkan tahe; Ani Isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee ofiin homaa akkan hin hojjannes ni hubattu.
👉 yasuus Afaan ofiitiin Ilma namaa akka tahe kunoo sirriitti Ibseera.
Wongeelli yohannis 8:28 kan Amaariffaafi Oromiffaa jechi isaa walfakkaataa miti. Jijjiirameera😂😂. Inni Amaariffaa akkas jedha.
ዮሐንስ ወንገል 8:28 ስለዚህም እየሱስ፣የሰውን ልጅ ከፈ ከፈ ባደረጋችሁት ግዜ እኔ እሆን ዘንድ አባተም እንዳስተማረኝ እነዝህን እናገረ ዘንድ እንጂ ከራሴ አንዳች እንዳላደረግ በዚያን ግዜ ታውቃላችው

B/ Wongeela yohannis 8:40. Ani dhugicha Isan waaqayyo Irraa dhagahe Isinitti himeera. Isin garuu ana NAMA akkasii hajjeesuu barbaaddu. Abraham Akka kana hin hojjanne.
👉 Ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu jechuun nama tahuu isaa ifatti dubbateera.

💗 Waaqayyo garuu waaqa male nama miti.
A/Macaafa Hosea Raajicha 11:9 Ani dheekkamsakoo boba'aa gad hin dhiisu.deebiyee Efiramiin hin balleessu.Ani WAAQAYYOOdha malee NAMA MITI.Ani isa qulqulluu si gidduu jiruudha.ani ija haariitiin hin dhufu.
👉 kunoo Waaqayyo ani waaqayyo malee nama miti osoo jedhuu, Yesuus immoo nama akka tahe utuu dubbatuu akkamitti Namni waaqa ta'aa???????

🔴 Namoonni kiristaanaa baayeen Yesuus yeroo gara lafaa dhufu foon uffatee waan dhufeef nama tahe male Eega gara samiitti ol bahee inni waaqa jettu, jecha keessan kana wongeelli ni kijibsiisa. eessatti yoo jettan immoo..

♠ ዮሐንስ ወንገል 3:13. ከሰማይም ከወረደ በቀረ ወደ ሰማይ የወጣ ማንም የለም፣እረሱም በሰማይ የምኖረው የሰው ልጅ ነው፣
Hiikaan .. Ilma namaa isa waaqarraa gad bu'e malee homtinuu gara waaqaatti ol hin baane. Innis samiirra kan jiraatu Ilma namaati.
wongeela Afaan Oromoo keessaa jechi "Innis samiirra kan jiraatu Ilma namaati" jedhu haqameerayookiin jijjiirameera😂😂😂.

👉Yaa saba kiyya Yesuus lafa irrattis samii Irrattis nama malee waaqa akka hin taane kunoo Ragaan Macaafuma keessani.
Eessattiree waaqummaan yasuus?? tarii utuu hin dhalatin dura yeroo gadameessa haadha isaa keessa jiruu laata??😂😂

Hadhaaf xumureera!
Dhaamsi ani obboloota koo Kiristaanaatiif qabu, Adaraa mee Macaafuma keessan kana dubbisaa! Dhugaan isiin jedha osoo macaafa keessanitti amantanii Islaama tahuu malee filannoo biraa hin qabdanu.

Isinin jaalladha, Isinin kabajas. Gara Amantaa uumamaatti, gara Amantaa jireenyaattin isin waamaa.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kunis Kan ta'uuf sammuun yeroo hojii dhiisee taa'e waan darbe, Kan ammaa fi Kan fuundura yaadee rakkata. Rakkoo kana furuuf Nabiyyiin Rahmata tooftaa adda addaatiin akka namni hojii irratti jabaachuu qabuu fi irkatummaa irraa fagaachuu qabu barsiisanii jiru. Tooftaalee isaan fayyadaman yoo fedha Rabbii ta'e yeroo biraa kan ilaallu ta'a.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

🔴PHAAWULOS ENYU AKKA TA’E BEEKTUU LAATA?

🙏Ajaa'iba agartaa obsaan dubbisii xumurii
Baay’een Keenya Akkuma Beeknu Kiristiyaanonni Phaawulosiin “Hawariyaa/Ergamaa Phaawulos” Jechuun isa Waamu. Kana Malees Barreeffamoota Phaawulos Baay’ee Akka Ragaatti Yoo itti Fayyadamanii fi Nuufis Dhiheessan Ni mul’atu.
Akkasuma Macaafa Qulqulluu Keessaa, Macaafoota 14 Barreessuudhaan Nama Rikkardii Qabuu dha:-
Phaawulos Erga Iyyesuus Gara Waaqaa Ol Bahee Waggaa Baay’ee Booda kan Dhufe Ta’uun Isaa Beekamaa dha. Haa Ta’uu Malee Garuu Iyyesuus Caalaa Fudhatama Argateera.
Kanumaafi Lallabdootni(Luuboonni) Baay’een Jecha Iyyesuus Kufaa Gochuu dhaan Jecha Phaawulos Mataa Ofii Irraa Dubbate Akka Ragaatti Kan Itti Fayyadaman.
Kanatti Aansuudhaan Waa’ee Phaawulos irraa Xiqqoo Xiinxaluuf Yaalla:-
.
Wangeela Maatewosi 10፡1-4 irratti Ergamtoonni Yookiin Maqaan Bartoota Iyyesuus Tarreeffamee Argama; Tarree Sana Keessatti Garuu Phaawulos hin Haammatamne.
.
«Yesus bartoota isaa kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota xuraa’ota akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee hundumaas akka fayyisaniif aboo isaaniif kenne. Maqaan ergamoota kudha lamaanii immoo kanatti fufee jira; inni duraa Simoon isa Phexros jedhamee moggaafame, Indriiyaas obboleessa Phexros, Yaaqoob ilmaZabdewos, Yohannis obboleessa Yaaqoob; Filiphos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos isa qaraxa fuudhu,Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos; Simoon isa “Hinaafticha” jedhamee beekame, Yihudaa nama biyya Keriyot isa dabarsee Yesusin kenne.» (Wangeela Maatewosi 10፡1-4)
.
Maqaan ergamoota kudha lamaanii immoo kanatti fufee jira:-

①☞Simoon isa Phexros jedhamee moggaafame,

②.☞Indriiyaas obboleessa Phexros,

③.☞Yaaqoob ilmaZabdewos,

④.☞Yohannis obboleessa Yaaqoob;

⑤.☞Filiphos

⑥.☞Bartolomewos

⑦.☞Toomaas

⑧.☞Maatewos isa qaraxa fuudhu,

⑨.☞Yaaqoob ilma Alfewos,

⑩.☞Taadewos

⑪.☞Simoon isa “Hinaafticha” jedhamee beekame, fii

⑫.☞ Yihudaa nama biyya Keriyot isa dabarsee Yesusin kenne dha.
.
Kun Kan Nutti Argisiisu Ergamtoota Iyyesuus Filate keessa Phaawulos kan Jedhamu Akka Hin jirree fi Inumayyuu kan hin beekkamne ta’uu isaati.
Eega Phaawulos Ergamummaa Eessaa Fide?

Namni Tokko Lafumaa ka’ee Ofii Isaatii Ergamaa Of Taasisuu ni Danda’aa? Kana irratti Nuti hundi kan irratti waliif gallu “Hin Danda’u!” Kan jedhuu dha. Eegaa Phaawulos Ergamaa dha jettanii yoo yaaddan Eenyuutu Ergamaa Isa Taasise?
Ergamummaan Caalmaa Sagaleetiin Filatamuu ni Danda’aa?
.
Iyyesuus Mataan isaa Namoota Xiinxaluu danda’aniif Jecha tokko kan dubbateetu jira:-
.
Wangeela Yohaanisi 5:31 «Ofii kootiif dhugaa nan ba’a yoon ta’e, dhugaa ba’uun koo hin fudhatamu.»
.
Iyyesuus Waa’ee Mataa isaa Dhugaa Yoo Ba’e Dhugaa Ba’uun isaa Fudhatama akka hin qabne ifaatti lafa kaa’eera.
Eegaa Phaawulos Gooftaan Naaf mul’ate, Ani Ergamaadha jedhee Waa’ee Ofii isaa yoo Dhugaa Ba’e akkamiin fudhatama Argachuu danda’e?
.
Iyyesuus Ofii isaatiif dhugaa Ba’ee Fudhatama yoo hin qabaanne, Phaawulos Ofii isaatiif Dhugaa Ba’ee Akkamitti Dhugaa Ta’uu Danda’a?
.
Iyyesuus Caalaa Phaawuloosiitu dhuga Qabeessa jechuudhaa?
Mee Sirritti Xiinxalaa. Dabalataanis Barreeffamoonni Phaawulos Keewwatoota macaafa Qulqulluu Wajjiin kan wal faalleessuu fi kan Walitti Bu’uu dha. Fakkeenya Xiqqo Ilaaluun ni Danda’ama.
.
✔Fakkeenyaaf:-
.
Seera Uumaa 17፡10 «Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta’u, ‘Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!’ isa jedhuu dha.»
Wangeela Luqaasi 2፡21 irratti immoo Iyyesuus Akka Dhagna Qabame Nutti Argisiisa.
.
Phaawulos immoo Karaan Iyyesuus waan isatti hin Tolleef Dhagna Qabaa Ni Morma:-
.
Galaatiyaa 5፡2 «Ani Phaawulos, isin dhagna yoo of qabsiiftan Kristos homaa waa’ee akka isiniif hin baafne isinitti nan hima.»
.
Eegaa Phaawulos Dhagna Qabaa Yoo Mormu, Mormii isaa kana akkamitti Ilaaltu?

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba" Kaafira ajjeesuu" jedhu, kan yeroo darbee caalaa kan fooyya'eedh.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Jechi Macaafa Qulqulluu Afaan gara garaa ergaa garaa garaa qaba.
Fknf: Salamoon namoota irra adeemanii hojii ilaalan meeqa qaba? deebii gaaffii kanaa Macaafa irraa haa ilaalu.
A.kan Afaan Oromoo kuma soddomaa fi dhibba sadii( 30,300) jedha. Eessatti? yoo jettan, (Macaafa moototaa isa duraa 5:16) «Akkasuma immoo gurguddoota itti gaafatamoo hojichaa malee, namoota irra adeemanii hojjicha ilaalan kuma soddomaa fi dhibba sadii ( 30,300)qaba ture.»

B.Kan Afaan Amaaraa immoo kan Afaan Oromoo irraa kuma 26 fi Dhibba torba hir'isuun Kuma sadiifi dhibba jaha(3,600) jedha."ይኸውም በሠራተኛው ሕዝብ ላይ ከተሾሙት ከሦስት ሺህ ስድስት መቶ(3,600) ሰዎች ሌላ ነው።" (1 ነገሥ 5: 16)

C.Kan Ingiliffaa immoo Kan Afaan Amaaraa irraa dhibba sadi hir'isuun kuma sadii fi dhibba sadii(3,300) jedha. "Beside the chief of Solomon's officers which were over the work, three thousand and three hundred,(3,300) which ruled over the people that wrought in the work." (1 Kings 5: 16). (KJV)
Hubadhu! garaagarummaa isaan gidduu jiru Kan 1.Afaan Oromo kuma soddomaa fi dhibba sadii( 30,300) jedha.
2. Kan afaan Amaaraa Kuma sadiifi dhibba jaha(3,600) jedha.
3. Kan Afaan Ingiliffaa kuma sadii fi dhibba sadii(3,300) jedha.

Ammas hin dagatinaa afaantu garaagara ta'e malee Kitaabni irratti argamu, Boqonnaa fi keeyyanni isaa walfakkaataadha. Asumaanu kan lakkoofsa irratti garaagarummaan guddaan akkanaa jiru jechoota irratti immoo garaagarummaan akkami akka jiru tilmaamuun nama hin rakkisu. Kiristaanonni yeroo dubbatan Macaafni namoota Afuura qulqulluun deeggaramaniin barreeffame jedhu. dogongorri akkanaa uumamu Afuurri qululluun eessa deeme ?moo Afuurru qulqulluu namoota afaan sadan kanaa dubbatanuuf kennamu garaagara laata? moo namoota Macaafa hiikantu hiikaa jechoota wollaaale ?Akka dogongora tasaati hin jenneef kan dogongora eegu afuurri qulqulluun ni jira. Dabalataan dogoggorri kun bakka tokko ykn lamaa qofatti hin argamu.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

C. Dirqamaan Kiristaanessuu Naannoo Guumaa

Guumaan durii yeroo ammaa Aanaa afuriitti qoodamtee jirti. Isaanis: Sigimoo, Saxxammaa, Guumaa fi Dhidheessa.
Mootiin Guumaa yeroo sanaa Sulxaan Abbaa Gomol ture. Bara 1328 Hij.(jechuun woggaa 125 dura) lolli dhumaa jidduu sulxaanichaafi Dajjaaz Garasuu hogganaa lolaa Taklamaanotitti uumame. Muslimoonni isii keessatti mootiin isaanii wareegame. Ilmaan biyyattii namoonni filatamoon kumni jahas(6000) wareegaman. Lolichi silumaa lola wal gitu hin turre; waraanaafi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaa fuuldura dhaabatan. Booda lolichaatii haati iyyeessaafi yatiimonni sakaalamanii loltoota Kiristaanaatiif gabroota godhamanii oofaman. Carraan mana mootichaallee kanaan adda hin turre. Intala Sulxaan Abbaa Joobir tokko dirqiidhaan kafarsiisanii maqaa Ballaxshaachew Abbaa Joobir jedhu moggaasaniif. Ibiddi qalbii ummata Guumaa nyaataa ture. Finfinnee keessa mana yaalaa maqaa isiitiin moggaafametu fuuldura hoteela Di Afrik ture. Akka manguddoon gariin dubbatanitti isiin khaadima Abbaa Joobir turte male intala isaaniitii miti; booda Amaarri collummaa isii arganii ilmaan Abbaa Joobir caalte jechuuf maqaa Ballaxshaachew jedhu moggaasaniif.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Ergamaan Allaah Nabi Muhammad saw ni jedhan " tokkoon kessaan (iimaana guutuu ta'e) hin amanu ammaa waan ofii jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti" [Bukaaritu gabaase]. Gabaasa biraa keessatti immoo " waan sirratti hojjatamuu jibbitu nama irratti hin hojjatin" jedhan.

Addunyaan Osoo barsiisa nabiyyii Rahmataa kana hordoftee milkoofte. Sila miidhaa fi miidhamaan, ajjeessaa fi ajjeefamaan, hattuu fi Hatamaan, boochisaa fi bo'aan, Arrabsaa fi arrabsamaan, walumaa galatti roorrisaa fi Roorrifamaan hin jiraatu.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

http://t.me/Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaaba Ajaa'ibaati. Maqaan isaa  لندع الأنجيل يتحدث  jedha. Hiikni isaa  "Wangeelli Haa dubbatu isaaf  dhiifna " akka jechuuti. Page 62 qofa qaba. Size  0.34M  qaba. Afaan Arabaati. Qabxiiwwan 100 ol of keessa qaba.  By the way Kitaabichi kanan yeroo darbe 'dubbisuu barbaadduu' ? isiniin jedhee miti. Inshaallaah isa isiifan...

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Rakkoo Mowlida Keessaa jiru keessaa muraasa isaa.

/channel/DAARU_SALAAM

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

LUBBUUF BOQONNAA KENNUUN BASHANNANSIISUU

Nabiyyiin keenya kabajamaan Nabi Muhammad (saw) akka nuti waan Addunyaa fi Aakiraatti nu fayyadu irratti xiyyeefachuun hojjachuu qabnu gochaa fi jecha isaaniitiin nu barsiisanii jiru. Akkasumas akka nuti hojii Rabbiin biratti jaallatamu, Kan jennata nu argachiisu qofa hojjachuu qabnu Irra deddeebiin nuuf himanii jiru. Nabiyyiin keenya namoota Rabbiin gabbaranuu fi sodaatan keessaa adda dureedha. Halkan sagadaan dabarsu, guyyaa soomaa oolu, Qur'aana qara'u, zikrii jedhu, yeroo garii uumama Rabbii xiinxalu, namoota gara Islaamummaatti affeeru, dhukkubsataa gaafatu, namoota dadhaboo ziyaaru, nama du'e awwaalu, haala Muslimoonni Irra jiran too'atu, Kan beela'e ni nyaachisu, Kan Dhimma adda addaaf  isaan barbaadeef dhimma isaa raawwatuuf, yeroo barbaachise waraana qindeessuun bakka barbaadametti ergu, da'awaafi zakaa funaanuuf  kallattii adda addaatti namoota ergu... Walumaa galatti dhimma diinagdee, Siyaasaa, amantii, Hawaasummaa... irratti ni hirmaatu. Kanuma waliin haqa  ilmaanii, hadha manaa, firaa fi ollaa hin dagatan . Hundumayyuu qixa barbaachisuun raawwatu. Eeyyen Namni tokko amma Addunyaa Irra jirutti waan Addunyaa fi Aakiraatti Isa fayyadu irratti bifa kanaan cimee hojjachuu qaba. Nabiyyiinis kana godhanii jiru. Kana birratti dabalataan yeroo lubbuu isaanii itti bashannansiisanus qabu. Namni tokko bifa walitti fufaa ta'een milkaa'uuf boqonnaa fudhachuun of bashannansiisuun akka barbaachisu nu barsiisanii jiru. Garuu bashannanuu yeroo jennu isa akka yeroo ammaa kana namoota baay'ee biratti beekame, Kan yeroo, bakkaa fi akkaataa murtaawaa hin qabnee miti. Inni nuti jechaa jirru kanaan adda. Innis akkataa seeraa fi naamusa amantii Islaamaa eegeen raawwatama.  Fkn:  Aa'ishaan ergamaan  bakka fincaa'aan bishaanii jiru daawwatu jette. Abuu Dawudtu gabaase.
Ergamaan Guyyaa tokko osoo imalarra jiranuu  " Yaa ilma Rawaaha gadi bu'i namoota (imaaltoota)buhaarsi " jedhan. Jechuun walaloo jechuun nu gammachiisi jechuudha. Hadiisa biraa keessatti immoo akkas jedhan:" Walaloo irraa Kan beekumsa dabrsutu jira". Adiisotni Kun lamaan akka nuti Walaloo halaal dhaggeefachuun of buhaarsuu qabnu nuuf hima.
A'ishaan ni jette: "Nabiyyiin Waan mi'aawaa fi damma jaallata ture". Wantoonni mi'awaanii fi dammi akka miirri gammachuu nutti dhaga'amu gochuun beekamaadha.


Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kun Gocha gara jabummaa fi tuffii ummata muslima hundaati, Poolisiin uffata seeraa uffatee Dubartii hijaaba mulqachuu qabda jechuun reebuun Islaamummaatti duuluudha. Garuu Uffata dirqamaan Hijaaba irraa mulquun Islaamummaa ishee irraa mulquu miti.

Qaamonni gocha akkanaa raawwatan hedduudha, argaas turre, argaas jirra. Dubartii takka xiqqeessuun kee muslimtoota guutuu xiqqeessuudha. Odoo gochaa badiis raawwattee kan argamtu taatee bifa kanaan namarratti duuluun fokkataadha. Uffanni kun kabaja Islaamummaati.

Kan akkanaa kun kan biyya eegu odoo hin taane, inumaayyuu kan biyyarraa eeganiidha. Too'annoo seeraa jala oolfamee murtiin seeraa itti kennamuu qaba. Madaan diiggaa masjiidaatuu nurraa hin qoorre! Furmaataas hin arganne, cal'isuun keenya irraanfachuu keenyaa miti. Odoo har'a boru deebi'a jennu har'a geenye. Dubartoonni Islaamaa mana barumsaa fi iddoo birootti kabaja dhaban. Hundaafuu Rabbiin isinitti haa argu. Aamiin 🤲

/channel/DAARU_SALAAM

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kristaanonni baay'een keessoo isaaniitti ofiin mormu, afaaniin immoo nu mormu. Obboleessa dura ofii keetiif tasgabbii argadhuu kottu. Waan ofii keetiif hubattee hin jirre nu hubachiisuuf hin rakkatin. Sillaasee wanti jedhamu ragaa Macaafaatiin hin jiru. Nama guutuu fi Waaqa guutuu kan jedhu hin jiru. Yesuus Ani Waaqaa na Waaqessaa hin jenne. Garuu ani nama, nabiyyiidha, garbicha jedhee jira... Kanaaf gara Rabbii tokkichaa kottaa amanaa?

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dhaloota Jaarraa 21ffaa ta'uu kee wajjin Yesuus ofii isaatiif  Waaqayyoo qabuun ati Waaqayyo jettee akkamitti amante ?Waanuma maatiin kee jedhan qofaaf atis akkas jettee amanuun kee sirriidhaa? Lakkii yoo isaan dogongoran ati immoo isaan  sirreessuu qabda malee wajjin dogongoruu hin qabdu.  (Mat. 27:46 ilaali).
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝑶𝑫𝑼𝑼 𝑮𝑨𝑴𝑴𝑨𝑪𝑯𝑰𝑰𝑺𝑨𝑨

𝑬𝑹𝑮𝑨𝑨 𝑲𝑬𝑬𝑵𝒀𝑨 𝑴𝑼𝑺𝑳𝑰𝑴𝑶𝑶𝑻𝑨 𝑯𝑼𝑵𝑫𝑨 𝑩𝑰𝑹𝑨𝑨𝑵 𝑵𝑼𝑼𝑭 𝑮𝑨𝑯𝑨𝑨!!

🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wangeelli_Mootummaa_eessatti_badee??
☝️☝️☝️☝️
Maaloo eessaa bade jarana !!!!🙊🙊🙊🙊

Kan Yesus barsiisaa ture #Wangeela_Mootummaati malee; Wangeela Mat; Mar; Luq fi Yohannis miti.

▶️ Ragaanis keeyyatoota armaan gadiiti⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️

" Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, #wangeela_mootummaa_Waaqayyoo_lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture."
(Mat 4: 23)
" Yesus mandaroota hundumaa fi gandeen keessa naanna'ee manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, #wangeela_mootummaa_Waaqayyoo_himaa, dhukkubaa fi dhibee hundumaattiis fayyisaa ture."
(Mat 9: 35)

" Seerrii fi raajonni hamma bara Yohannis cuuphaatti turan, 'ergasii immoo #wangeela_mootummaa_Waaqayyootu_lallabama, 'namni hundinuus dhiibbatee itti galuudhaaf yaalaa jira."
(Luq 16: 16)

▶️ #Wangeela_Mootummaa_ Inni #Yesus lallabaa tire amma eessaa jira???

▶️ kan inni Lallabaa ture #Wangeela_Mootummaa ti malee; Wangeela Maatiwos; Wangeela  Wangeela Maarqos Yohaannis; Wangeela luqaas miti.❌❌❌❌❌❌

▶️ Gaaffiin keenya:-

         #Wangeela_Mootummaa yookan #WangeelaWaaqayyoo isa Yesus barsiisaa ture amma eessaa jira????

Deebii:- Ragaadhaan
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

WAA'EE HOJII IRRATTI

Ammas wantoota Rahmatummaa Nabiyyii saw mirkaneessan keessaa Namni akka hojjatee of danda'uu qabu barsiisuu fi nama irratti hirkatanii jiraachuun gaarii akka hin taane nu barsiisuu isaaniti.
Akkuma beekamu namni tokko jiraachuuf nyaachuu, uffachuu fi mana keessa jiraatu qabaachuu qaba. Yeroo baay'ee isaan wantoota bu'uura jireenya namaatiif barbaachisan jechuun beekamu. Kana argachuuf immoo hojjachuun dirqama. Hojiin damee baay'ee qabaatus namuu akkaataa beekumsaa fi dandeettii isaa irratti hundaa'ee hojjatee of jiraachisuun amantii Islaamaa keessatti cimsamee barsiifama. Inumaa akka dirqamaatti barsiifama. "Namni tokko yeroo Ibaadaa godhu akka nama harra du'uutti, Yeroo hojii diingadee hojjatu immoo akka nama yeroo mara jiraatu ta'uu qaba". Garuu namoonni hubannoo dogongoraatiin qabeenya argachuuf hojjachuun akka waan jaallatamaa hin taaneetti fudhatu. Dhugaadha Namni tokko hojiif jedhee Kan Ibaadaa dhiisu yoo ta'e sun baay'ee jibbama. Borii ofii waan dagateef jechuudha. Kanaan ala hojjachuun amantii Islaamaa keessatti baay'ee jaallatama. Hojii Ibaadaa baay'ee yoo ilaales Qarshiin walqabata.
Seenaa Nabiyyii yoo ilaalles yeroo muraasa irraan Kan hafe qabeenya Miliyoonaan lakkaa'amu akka qabachaa turan hubanna. Gaafa Kadiijaa fuudhan osoo Nabiyyii hin ta'in dura Gaala 20 Nikahaaf kennatan. Har'a Gaalli tokkoo giddu galaan biyya keenyatti Qarshii Kuma dhibba lama (200, 000) bitaa jira. Ammas gaafa Hajjatal wadaa'i / Hajjii dhaammannaa qofa Gaala dhibba tokko qalan. Kana gatii Gaalli har'a biyya keenyatti bituun yoo shaallagne Qarshii Miliyoona 20 ta'a. Sababni isaa 100×200,000= 20,000,000 waan ta'eef.
Sahabonni gurguddoonis qabeenya baay'ee qabaachaa akka turan Seenaan ragaa baha. Sahabonni gurguddoon qabeenya baay'ee qaban osoo hin hojjatin essa fidu?
Fkn: Abdurramaan Ibnu A'oof haa ilaallu. Kenna inni yeroo adda addaatti kennataa ture yoo laalle:
1ffaa, Dirhama kuma afur kennate. Yeroo 2ffaa, immoo Dirhaam Kuma 40 kennate.
Yeroo 3ffaa Diinaara Kuma 40 kennate.
Yeroo 4ffaa Farda dhibba Shan (500) Sadaqate.
Yeroo 5ffaa Gaala dhibba Shan (500) Sadaqate. Kun Yeroo Nabiyyiin saw lubbuun jiranuudha.
Eega isaan du'anii immoo:
Guyyaa tokko Gaala 700 Meeshaa daddalaa irratti fe'amee jiruu waliin Sadaqate.
Yeroo 6ffaa Haadha mana Ergamaattiif Lafa kuduraa fi Muduraa qabdu Kuma Dhimma afuriin(400,000) bite kenne.
Yeroo tookko Yaabbii Kuma tokkoof dhibba Shan (1500) Sadaqate.
Yeroo du'uuf deemu Diinaara kuma 50 sadaqaaf dhaammate.
Ammas Sahabota lola badrii irratti hirmaatan Kan 100 ta'aniif tokkoon tokkoon isaaniif Diinaa 400 akka kennamu dhaame.
Farda Kuma tokko (1000) kaaraa Rabbii keessatti kennate.
Yeroo Tariikaan hiramu(Qabeenyi inni dhiisee du'e maatiif qoodamu) Warqee (Gold) inni dhiisee du'e dhodhoosuun namootatti jabaate. Amma harki jara dadhabu ga'an. Akkasumas Gaala Kuma tokko, farda dhibba tokkoo fi Re'ee Kuma sadiitu jira ture. Walumaa galatti qabeenya Abdurramaan ibnu A'oof qabu hubachuuf qabxii tokko isiif dabala. "Qabeenyi Abdurramaan Ibnu A'uuf qabu osoo gabaa har'aatti shaallagamamee Doolara Biliyona dhibba jahafi jahatama (Dolaara Biliyoona 660)ta'a. Namichi yeroo ammaa qabeenyaan addunyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irra jiru Bernard Arnault & Family immoo Dolaara Biliyoona 235.6 qaba". Kana jechuun Qabeenyi Abdurramaan dachaa lamaa oliin kan abbaa qabeenya addunyaa yeroo ammaa caala jechuudha. Wanti ati dagachuu hin qabne immoo Abdurramaan ibnu A'oof osoo lubbuun jiruu Waraqaa jennata ittiin seene argate.
Zubeer ibnu Awwaam Qabeenya Miiliyoona 50 fi Kuma dhibba lama ga'u dhiisee du'e. Kitaaba رحمة اللعامين fuula 919 Fi صور من حياة الصحابة irraan fudhe. Walumaa galatti hojiin waan gaariidha. Namni tokko hin hojjatu yoo ta'e jalqaba of rakkisa. Itti aansee maatii irratti ba'aa ta'a. Akkusamas guddina biyyaatiifis danqaa guddaa ta'a. Hojii dhiisuun hattummaa leenji'uudha. Kan inni hatus sammuudha. Sabbabni isaa gaafa hojii dhiiftee teessu rakkoo dhiphinaaf saaxilamta.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Kitaabicha irraa kan fudhatame.
👇👇👇
Akka Seensa(Introduction ) Kitaaba " Drunk with blood " jedhu keessatti ibsetti Macaafni qulqulluu Kiristaanotaa Lubbuun dhala namaa Miliyoona 2.8 ol ajjeefamuu ibsa. Tilmaamaan immoo lubbuun namoota ajjeefamanii kan Macaafaa Qulqulluun gabaafame Miliyoona 25 ' n akka ta'e ibsamee jira. Akka tilmaama kiyyaatti kallattii lubbuu ajjeesuutiin Kiristaanonnii fi Macaafni isaanii recordii hedduu harkaa qabu.
Fkn: Namni tokko nama baay'ee ajjeesuun Adolf Hitlar seenaa nama Miliyoona 6 ajjeesuu harkaa qaba. Inni Kiristaana. Waraana addunyaa 1ffaa fi 2ffaa isa dachii Kiristaanonni itti heddummatan irratti geggeefame irratti namoota Miliyoona 70 oltu ajjeefame. Kanaanis Kiristaanonni dachii isaanii irratti nama Miliyoona 70 ajjeesuun seenaa addaa kan namni kamuu hin qabne qabu. Akka Kitaaba "Rahmata addunyaaf" jedhu Keessatti ibsametti Kiristaanonni Miliyoona 7 ta'an ofiif wal ajjeesanii jiru. Kanaanis seenaa biraa qabu. Namni bifa kanaan wol lolaa ture nama biraa akkam godha ? Akkaataa isaan itti wal lolaa turan immoo kitaaba "Dark side of Christion History" jedhu irraa dubbisuu dandeessu. Kiristaanonni amantiin Islaamaa fi Muslimoonni lubbuu nagayaa ajjeesuu barsiisu jedhan gochoota isaanii kana hin beekanuu ? Moo seenaa isaanii kanatu kan keenya isaanitti fakkaate? Moo osoo beekanuu sobaan maqaa keenya xureessu ?

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

2. Dirqiin Kiristaanessuu bara Atsee Yohannis 4ffaa(1873-1889)

Mootota Kiristaanaa keessaa kan akka isa kanaatti Muslimoota darare hin jiru. Kiristaaummaa babal'isuuf jechas waan baay'ee hojjate. Keesumaa Muslima Kiristaanessuuf wanti inni hojjate lakkaawame hin dhumu. Bara 1878 bakka Booruu Meedaa jedhamtutti Qeesota walitti qabee, yaada armaan gadii kana irratti waliif galuun addaan bahan:
"Muslimoonni hundi Kiristaanummaa fudhachuun dirqama isaaniiti; Woggaa sadii keessatti Kiristaana ta'uu qabu ta'uu yoo baate ajjeefamuu qabu."
Booda woggaan sadan jedhame dhume, Muslimoonnis Islaamummaa isaani gadi dhiisuu didan. Kana irratti Muslimoota Kuma shantama (50,000) bakka tokkotti fixe. Gariin biyyoota ollaatti baqatan. Namoota baqatan keessaa Kumni sadii(3,000) karaatti beelaa fi dheebuun lubbuu isaani dabarte. Mootiin Wolloos dirqiin Kiristaana godhame.Yoon Kiristaana ta'uu dide sababa kootiin ummata wolloo fixu jedhee waan sodaateef osoo hin jaallatin dirqiin fudhachuu danda'e.Yeroo kana isaa waliin namoonni baay'een dirqiin Kiristaaneffamani. Bara 1880 Dh.K.B tti Muslimoota kuma shantama (50,000), warra amantii duudhaa kuma digdama (20,000) fi Oromoon walakkaa miliyoonaatti (Kuma dhibba shanitti)dhihaatan Dirqiin Kiristaana godhaman. Osoo gochoonni akkanaa hin raawwamne ta'e lakkoofsi Kiristaanotaa akkaan xiqqoo ta'uutu namatti mul'ata. Namoota harra amantii Kiristaanaa himatan baay'een akaakilee isaanii keessatti maqaan muslimaa kan jiru warra gaafasiiti.
Itti fufa..

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Affeerraa Gara Islaamummaatti Ustaaz Raayyaan Manzuumaan godhan.

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…
Subscribe to a channel