saahibuddiin28 | Unsorted

Telegram-канал saahibuddiin28 - Daandii Milkii(Jennataa)

-

Ch.kun kan barsiisu Waa'ee Amantii Islaamaa fi kiristaanaati. @Saahibuddiin28 Join godha.Yaadaaf @SaahibuddiinJihaad

Subscribe to a channel

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 3ffaa

11.✝Kiristaanota Yesuus du'ee du'aa moo'e kaheera.
📖Macaafa Isaanii 👉🏻Yesuus waaqayyoon isa du'a oolchuu danda'u kadhate,kadhatni isaas waan dhagaa'ameef du'a Ooleera.[Ibroota 5:7]
12.✝Kiristaanota 👉🏻Yesuus Ergamaa ykn Raajii miti.
📖Macaafa isaanii Yesuus Ergamaadha[Ibroota 3:1]
13.✝Kiristaanota 👉🏻Seerri Moofaan Yesuusiin Diigameera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻"Ani seera diiguuf hin dhufne Ittiin raawwachuufan dhufe male"[Matiyos 5:17]
14.✝Kiristaanota👉🏻"yesuus qofaaf jilbeenfadhaa sagadaa.
📖Macaafa Isaanii,👉🏻Yesuus akkas jedhe "waaqayyoon qofaaf jilbeenfadhuu sagadi,isa qofaafis hojjadhu"[Matiyos 4:10]

15.✝kiristaanota👉🏻Yesuus waan hunduma ofii isaan beeka.
📖Macaafa Isaanii👉🏻Yesuus ofii waan tokko akka hin beekne hima,guyyaan dhumaa/qiyaamaan yoom akka ta'e hin beeku."Guyyicha sana Abbaakoo duwwaatu beeka"[Marqos 13:32].

Mee warra kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u. Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.

Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.

Itti fufa...

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐊𝐔𝐓𝐀𝐀 2𝐅𝐅𝐀𝐀 𝐈𝐒𝐀 𝐗𝐔𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀


Join My Channel: @Furqaan_Official

"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”."
[Luqaas 22:42-44]

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?

"Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama."
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada
hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.

Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا

[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraannaa. Xumurameera.

/channel/Furqaan_Official

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Barruun sun tanaa dubbisaa kaa ...

𝙺𝚄𝚃𝙰𝙰 1𝙵𝙵𝙰𝙰


𝙹𝙾𝙸𝙽 𝙼𝚈 𝙲𝙷𝙰𝙽𝙽𝙴𝙻: @Furqaan_Official

Mata-duree “ Yesus Kiristos gara samii
ul-fuudhamuu”.

..... Yahuudonni Nabi Iisaa (Yesus Kiristos) wantoota adda addaatiin maqaa xureessuu fi yakkuu turan, isa kana qofattuu osoo hin dhaabatin, isa ajjeesuudhaaf malaa fi yaalii cimaa
taasisuu eegalan. Yeroo kana keessatti namni adda durummaan sadarkaa ajjeechaa kana irratti mari’ataa turan Namicha Maqaan isaa 𝗞𝗮𝗮𝘆𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮𝘀 jedhamuudha. Garuu isa ajjeesuun sun gonkumaa isaaniif hin mijoofne. Isaan tooftaa baasan, haa ta’u malee tooftaan Rabbii tooftaa isaanii dursee argame.
Rabbiin waa’ee kanaa ilaalchisee akka armaan gadii kanatti Qur’aanaan dubbateera;

وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ

[ Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.] (Qur'aana 3:54)

إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ

[ Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kaf*aran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kaf*aran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.] (Qur'aana 3:55)

Yesus Kiristos gara samii ol fuudhame malee, akka Yahuudonni nutu ajjeese jedhan, akka Kiristiyaanonnis eeyyan isintu ajjeese jedhan sana miti. Fannifamuu dhabuu isaa irrattis akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yesus waan dubbate qaba. Mee keeyyattoota Macaafa  Qulqulluu kanneen armaan gadii kana sirritti hubadhaa. Jecha Kiristiyaanonni cubbuu keenya nurraa baachuuf du’e jedhanis yaadadhaa.

"Yesus yeroo sanatti, “Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa.  Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan” jedhe."
[Yohannis 7:33-34]

"Ammas Yesus, “Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu” jedhee isaanitti dubbate."
[Yohannis 8:21]

Yaa Yahuudotaa fi Kiristiyaanota! Osoo Yesus Kiristos ana arguu hin dandeessan jedhee dubbatuu isin akkamitti argamee ajjeefamee, fannifamee, du’ee du’aa ka’e jettan ?. Ammas Yesus Kiristos isinirraa ajjeefamee cubbuu keessan isinirraa baadha hin jenne, cubbuu keessaniin ni duutan jedhe malee, akkamitti cubbuu keenya baate jettu ?. Moo Yesustu sobe jechuu barbaaddaniiti ?.

"Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha.  Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome."
[Yohannis 20:16-17]

Yesus Kiristos ammas akka hin duune kadhatee jira. Kadhannaan isaatis isaaf awwaatamee jira. [Ergaa Gara Ibrootaa 5:7]

Yeroo anbiyoonni/raajonni Rabbiin kadhatan Rabbiin ni awwaataafi, FKN; Hisqi’el Raajichaatif awwaatamee jira, Isaayaas Raajichaatifis [38:1-6], akkasuma namoota biraatiifis awwaatamee jira. [Macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa 24:11], [Macaafa Moototaa Isa Duraa 21:19-
29].
Yesus Kiristos Rabbii isaa kadhachuu akka armaan gadiitti haa ilaallu mee:

"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda’ama yoo ta’e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate."
[Maatewos 26:38-39]

kutaa 2ffaan itti fufaa

/channel/Furqaan_Official

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

~● Kiristaanummaan amantaa erga Yasus Kiristos olfudhatamee waggaa 42 booda kutaa magaalaa Anxookiyaa biyya Turkii keessatti argamtu keessatti hundeeffamteedha. Kunis ragaa Macaafaan kan mirkanaa'eedha. 𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮 (11:26) irratti argina.

@Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Mata-duree. “Macaafni Qulqulluun dhuguma jecha Rabbiiti ?”

Kitaabni tokko jecha RABBIIti  jedhamuudhaaf ulaagaaleen inni guuttachuu qabu hedduutu jira. Sanneen keessaa kanneen armaan gaditti isinii lafa kaaye kanaa dha.

🛑 1. Jechonni wal-faallessan keessaa dhabamuu dha.
🛑 2. Jechonni Rabbiif hin malle keessaa dhabamuu dha.
🛑 3. Jechonni Namaa keessaa dhabamuu dha, utuma jecha tokkollee ta'ee.

Mee al-tokko jecha Qur'aana kana haa ilaallu.

أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ ۚ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ اللَّهِ لَوَجَدُوا فِيهِ اخْتِلَافًا كَثِيرًا

(Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanuu? Odoo waan Rabbiin alaa biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.) [Qur'aana 4:82]

Keeyyata kana sirritti haa hubannu mee! Akka keeyyata Qur’aanaa kana irraa hubanutti kitaaba tokko keessatti wal dhabbii fi walitti bu’iinsi dhabamuun inni kitaaba Rabbiin biraa ta’e jechuu nuu mirkaneessa. Keeyyatni kun madaallii kitaabban fuula dachee kana irratti argaman ittiin madaalaniidha. Kitaaba madaala kanas
darbu Qur’aana malee tasumaa arguu hin dandeettu.

Maarree! Macaafni Qulqulluun ulaagaa kanaa olitti ibsame kana ni qabaa!? Miti!

● Mee jechoota wal-faallessan Macaafa qulqulluu keessatti, (contradictions in the bible) muraasa isaa haa ilaallu...

1. 𝗚aafii keenya; 𝗚𝗮𝗮𝗻𝗶𝗰𝗵𝗶 𝗟𝗶𝘁𝗶𝗿𝗶𝗶 afurtamii afur (44) 𝗺𝗼𝗼 ? 𝗟𝗶𝗶𝘁𝗶𝗿𝗶𝗶 kuma jaahaatamii jaha (66.000)?

"Yabbinni gaanichaas hamma bal'ina harkaati; hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa
habaaboo in fakkaata; gaanichi liitrii 𝗮𝗳𝘂𝗿𝘁𝗮𝗺𝗶𝗶 𝗮𝗳𝘂𝗿 baata. [1 Mootota 7:26]

© 𝗳𝗮𝗮𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮.
"Yabbinni gaanichaa hamma bal'ina harkaatti, hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo fakkaata; gaanichi liitrii 𝗸𝘂𝗺𝗮 𝗷𝗮𝗮𝘁𝗮𝗺𝗶𝗶 𝗷𝗮'𝗮 nyaata." [2 Seenaa Baraa 4:5]

2. 𝗚aafii keenya; 𝗞𝗼𝗻𝗸𝗼𝗹𝗮𝗮𝘁𝘁𝗼𝘁𝗮 7000 moo, 𝗞𝗼𝗻𝗸𝗼𝗹𝗮𝗮𝘁𝘁𝗼𝘁𝗮 700?

"Haa ta'u iyyuu malee, isaan Israa'eloota duraa in baqatan; utuu isaan baqatanii Daawit warra konkolaataa oofan 𝗱𝗵𝗶𝗯𝗯𝗮 𝘁𝗼𝗿𝗯𝗮, lafoo kuma afurtama in ajjeese; akkasumas ajajaa loltoota isaanii Shofaakin in rukute, innis achumatti in du'e." [2 Saamu'el 10:18]

© 𝗳𝗮𝗮𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮.
"Haa ta'u iyyuu malee, warri Aaram Israa'eloota duraa in baqatan; achi keessatti Daawit warra konkolaataa Aaram oofan 𝗸𝘂𝗺𝗮 𝘁𝗼𝗿𝗯𝗮, lafoo kuma afurtama akkasumas ajajaa loltoota isaanii Shofaakin in ajjeese." [1 Seenaa Baraa 19:18]

3. 𝗞𝘂𝗺𝗮 𝗮𝗳𝘂𝗿𝘁𝗮𝗺𝗮 40.000 moo, 𝗸𝘂𝗺𝗮 𝗮𝗳𝘂𝗿 𝗾𝗮𝗯𝗮 4000 ?

"Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan 𝗸𝘂𝗺𝗮 𝗮𝗳𝘂𝗿𝘁𝗮𝗺𝗮, abboota fardeenii immoo kuma kudha lama qaba ture." [1 Mootota 4:26]

© 𝗳𝗮𝗮𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮.
"Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman 𝗸𝘂𝗺𝗮 𝗮𝗳𝘂𝗿 𝗾𝗮𝗯𝗮 ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e." [2 Seenaa Baraa 9:25]

4. 𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 𝗱𝘂'𝗮 𝗦𝗮𝗮'𝗼𝗹 keessatti wal faallessuun guddaan argamee jira. 𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 ofii of ajjeesuu isaa ykn Mucaa tokkoon ajjeefamuu isaa, 𝗮𝗸𝗸𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮𝘀 mucaan sunis du'uu fi du'uu dhabuu isaa.

● 𝗦𝗮𝗮𝗺𝘂'𝗲𝗲𝗹 𝗜𝘀𝗮 𝗗𝘂𝗿𝗮𝗮 keessattu:

"Saa'olis namicha isa mi'a lolaa baatuuf sanaan, “Warri dhagna hin qabatin kun dhufanii, ana keessa baasanii akka anatti hin taphannetti, ati billaa kee luqqifadhuutii ana keessa baasi!” jedhe; namichi mi'a lolaa baatuuf sun garuu baay'ee waan sodaateef, kana gochuu hin barbaanne; 𝘆𝗼𝗺𝗺𝘂𝘀 𝗦𝗮𝗮'𝗼𝗹 𝗼𝗳𝗶𝗶 𝗶𝘀𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝗲𝗲 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗼𝗳 𝗶𝗻 𝗱𝗶𝗿𝗲.  Namichi mi'a lolaa isaaf baatu sunis, du'uu Saa'ol yommuu arge, 𝗶𝗻𝗻𝗶𝘀 𝗯𝗶𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶 𝗶𝘀𝗮𝗮𝘁𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗼𝗳 𝗱𝗶𝗿𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘄𝗮𝗷𝗷𝗶𝗻 𝗻𝗶 𝗱𝘂'𝗲." [1 Saamu'el 31:4-5]

● Keeyyata kana keessatti, 𝗦aa'ol kan billaadhaan of ajjeese ta'uun isaa ifa jira. 𝗠ucichis of ajjeese.

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐐𝐀𝐁𝐗𝐈𝐈𝐋𝐄𝐄 10 𝐊𝐀𝐍𝐀 𝐃𝐔𝐁𝐁𝐈𝐒𝐀𝐀...


𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐌𝐲 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥: @Rafiiqul_Islaam

🛑 1. Kiristaanota; Waaqayyo sadi-tokkodha jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Maarqos 12:29) irratti Waaqayyo addatti tokkoo fi tokkicha kan jedhe ni sobe jechuu dha.

🛑 2. Kiristaanota; Yesus ilma Waaqayyooti jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, Macaafa qulqulluu bakka 84 keessatti akka (Maatewos 8:20), (Yohaannis 3:13) Yesus Kiristos, ilma Namaa ofiin jedhetti ni sobe jechuu dha.

🛑 3. Kiristaanota; Yeus Kiristos, ofuma isaatiin waanuma fedhe hojjechuu danda'a jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Yohaannis 5:30) irratti ofuma isaatiin homaa gochuu hin danda'u kan jedhe ni sobe jechuu dha.

🛑 4. Kiristaanota; Yesus Kiristos, cubbuu isaaniitiif akka du'e dubbatu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Yohaannis 8:21) irratti cubbuu ofii keetiin duuta Namni tokko cubbuu Namoota birootiif hin du'u kan jedhe ni sobe jechuu dha.

🛑 5. Kiristaanota; Yeus Kiristos, gara addunyaa guutuutti ergame jedhu, kana jedhuun Yesus Kiristos, (Maatewos 15:24) irratti Israa'eloota qofaaf ergame kan jedhe ni sobe jechuu dha.

🛑 6. Kiristaanota; Fayyina jechuun Yesus Kiristos, cubbuu isaaniitiif akka du'e amanuudha jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos (Maatewos 19:27) irratti fayyinni kan argamuu danda'uun abboommii Waaqayyoof abboomamuu qofaani kan jedhe ni sobe jechuu dha.

🛑 7. Kiristaanota: Karaan gara Waaqaatti Nama geessu Yesus Kiristos, akka Waaqayootti waaqeffachuu qofa akka ta'e himatu, kanajechuun Yesus Kiristos (Maatewos 15:9 fi Maatewos 7:21-23) irratti Guyyaa firdiitti Nama isa waaqeffatu ni gana kan jedhe ni sobe jedhuu dha. Narraa fagaadhaa...
“Ani immoo yeroo sanatti, ‘Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mul'inatti isaanitti hima” jedhe." (Maatewos 7:23)

🛑 8. Kiristaanota; Yesus Kiristos, dinqii baay'ee ofumaan hojjete jedhu, kana jechuun Yesus Kiristos, (Maatewos 12:28 fi Luqaas 11:20) irratti Yeus Kiristos, dinqii kan raawwatu hayyama Waaqayyoo fi humna Waaqayyo qofaan akka ta'e ifatti ragaa kan  ba'e ni sobe jedhuu dha.

🛑 9. Kiristaanota; Yesus Kiristos, Kiristaanummaa hundeesse jechuun amanu, kuni Yesus Kiristos irratti sobuu dha. Yesus Kiristos, amantaa Kiristaanummaa matumaa hin beeku, bara isaattis gonkumaa hin turre. Yesus jireenya isaa guutuu keessatti guyyama tokkos waa'ee Kiristaanummaa illee dubbatee hin beeku.

🛑 10. Kiristaanota; Yesus Kiristos, mootii nagaa yeroo jedhan, Yesus sobee Namoota gowwoomse (Luqaas 19:27 fi Luqaas 12:49) keessatti nagaa tokkollee hin fidne jedhee jira. diinonni isaa hundi akka fuuldura isaatti dhiyaatanii ajjeefamana ajaje!

𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐊𝐚𝐧 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐐𝐚𝐪𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚!! 𝐉𝐙𝐊

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻:
© Ifaa Dhugaa

/channel/Rafiiqul_Islaam/818
/channel/Rafiiqul_Islaam/818

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dhufiinsa nabi Iisaa ykn yesuus (as) fi nama akkamii akka ta'e kutaa lammaffaa
/channel/Gingilchaadhugaa
/channel/Rafiiqul_Islaam/816

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 2ffaa


6.✝Kiristaanota👉🏻Yesuusiif Abbaan tokkuma wol hin caalanu.
📖Macaafa isaanii👉🏻 yesuus akkas jedhe: "Abbaan ana caala[ yohannis 14:28]
7.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus Addunyaa hundaaf Ergame.
📖Macaafa isaanii 👉🏻"Yesuus ani Israa'el  duwwaaf malee hin Ergamne"[Matiyos 15:24]
8.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus humna isaatiin waan hunda ni hojjata.
📖Macaafa isaanii👉🏻 "Yesuus Ani Humna kootiin homaa hojjachuu hin danda'u" [Yohannis 5:30]
9.✝Kiristaanota👉🏻Yesuusitti kan amanu jireenya bara baraa qaba.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus akkana jedhe:"Isa   Ana Ergetti(Waaqatti ) kan amanu jireenya bara baraa qaba".[Yohannis 5:24]
10.✝Kiristaanota👉🏻Yesuus ni farada.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus "Ani Hin faradu"[Yohannis 12:47]

Obbeleewwwan keenya Kiristaanaa kanneen shakkii qabdan deemaati keeyyatoota xuqaman kana dubbisa. Beekaa jallachuu Rabbi nu haa oolchu.


Mee warra kiristaanaa eega Macaafni keessan faallaa hojii keessanii ta'e macaafa isa kamiin hordofaa jirtu?????
Maaliif ofitti taphattu lammii koo adara!!
Amantii jechuun dhimma lubbuuti. dhimma Namni sababaa isiitiif biyya lamaanitti Milkaa'u ykn honga'u. Kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha.
Abbaan ykn Armeen tiyya amanti kana qabu jechuuf osoo hin taane ragaa fi Qorannoon ta'uu qaba.

Yoo dhugumaan dogongorri gama kiyyaan kan jiru tahe Ragaadhaa wajjin akka naaf sirreesitanu isin gaafadhu.
Yoo dhugaa ta'e immoo Maaliif akka Macaafichatti Amanuu hin barbaanne nuuf ibsa.

Hubachiisa yoo akka carraa ta'ee kiristaanonni macaafa isaanii irraa keeyyata yaada isaanii kan armaan olii kana deeggaru fidatan qabxiin sun qabxii ani dhiheesse armaan olii kanaan akka walfaallessu hubatamuu qaba.

Itti fufa...
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 1ffaa

Mata duree kana jalatti bifa gabaabaa ta'en garaagarummaa barsiisa Bible fi Kiristaanota Kan ilaallu ta'a.Barsiifni Kiristaanummmaa hardha barsiifamu baay'een isaa Macaafaan hin deeggaramu.

Fkn:

1.✝ Kiristaanota 👉🏻 Waaqayyo tokkos,Sadii'is.

📖 Macaafa jaraa👉🏻 .Waaqayyo keenya kophaa isaagooftaadha. [Marqos 12:29]

2.✝ Kiristaanota👉🏻Yesuus Waaqayyo biraa hin qabu inni ofiifuu waaqayyodha.

📖 Macaafa Isaanii👉🏻 Yesuus Immoo Ana hin qabin gara #waaqayyo #kootiif waaqayyo keessaniitti ol nan ba'aa jedhe[Yohannis 20:17]

3.✝kiristaanota👉🏻 Yesuus nama miti.
📖Macaafa Yesuus ilaama
Nama ofiin jedhe.[yohannis 8:40].
4.✝Kiristaanota👉🏻Waaqayyo nama fakkaatee mullate.

📖Macaafa Isaanii👉🏻Waaqayyoon akkana jedha"Ani Waaqayyodha male nama miti [Hose'a 11:9].

5,✝Kiristaanota 👉🏻Yesuus cubbuu keenyaaf jecha du'eera.
📖Macaafa Isaanii👉🏻 Cubbuu namni tokko hojjateef namni biroo hin du'u,lubbuun cubbuu hojjate ofumaaf ni du'a.[Hesqi'el 18:20].
Kan dhugaa dubbate Kiristaanota moo ? Macaafa ?

Itti fufa..

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

🚨🚨 Ammee:

Jeettileen waraanaa Israa'iil F-15 baayyinni isaanii 20 ta'u barbadaa'e!!

Misaa'iloonni Iraan dhiheenya magaalaa TelAviv iddoo Telnof jedhamutti buufata humna qilleensaa yeroo haleeluu viidiyoon mul'isu kan qoodame yoo ta'e buufata kana keessa Jeettilee waraanaa Israa'iil danuutu walitti qabamee jira, haleellaa Misaa'ilaa kanaan loltoonni Israa'iil ajjeefamanii jiru.



Jechoota Gaggaarii

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:-
/channel/JechotaGaggaarii

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

🚨🚨 Ammee:

Waraanni Iraan ibsa kenneen haleellaan Misaa'ilaa galgala kana Israa'iil irratti fudhatame dhibbeentaan 90% milkaa'uun aggaammii isaanii rukutuu ifoomsee jira.

🛑 Israa'iil miidiyaaleen biyyattii balaa mudate akka hin gabaasne dhorkitee jiraachuun ni beekama.



Jechoota Gaggaarii

http://t.me/Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Seenaa Ajaa'ibaa kana dubbisuun Hiryoota keetiifis 'Share' godhi.


Guyyaa tokko Rassuulli ﷺ waqtii saafaa kana gara iddoo wayii adeemaa  jira. Aduun gammoojjii Arabiyaa akkaan nama waada. Haala kana irratti dubartii dullattii takka tan subbaa uffataa yookiin afaan yeroo ammaatiin shaanxaa mataa isheetti baattee adeemtu arge. Yeroo kana Rassuulli ﷺ ba’aa kana dullattii kana irraa fuudhee baadhachuudhaan ishee gargaare.
-
Rassuullis ﷺ Osuma ba'aa kana  baadhateefii adeemuu Essaa adeemaa akka jirtuu fii maalif akka adeemtu dullattii tana gaafate.
-
Isheeniis akkana jechuun deebifteef; «Namticha falfaltuu/moortuu Muhammed ﷺ jedhamu tokkootu magaalaa kana keessa jira jechuu dhagayeetiin magaalaa kana lakkisee bahutti jira.»
-
Rassuulli keenya ﷺ nama akkaan obsa qabeessaa fi gara-laafeessa waan tu'aniif wanta isiin haasooftu hunda jecha tokkittii illee osoo hin deebisiniif cal’isaniituma hanga xumuratti obsaan dhaggeeffatan. Dullattiinis waan magaalaa keessaa itti baateef iyyachuu ittuma fufte.
-
Gabaabdumatti garuu wanti isheen magaalaa keessaa bahaa turteef hammeenya waa’ee nabi Muhammed ﷺ kan naannawa ishee irraa dhageesse malee isheen isa hin beektu turte. Yeruma haasooftu kanallee kan itti haasawaa turte isa akka tahe hin beekne.
-
Garuu deemsa wajjiin deemte keessatti gurbaan dardaraa kan ba’aa isheerraa fuudhee ishee gargaare kun nama fuulli isaa seeqinsaan ife fi kashoo/danboobaa/bashaasha akka tahe hubatte. Dargaggeessa kana (Nabi Muhammed ﷺ )dafqi isaa akkan urga’a. dubartittiinis baay’ee ajaa’ibsiifatte.
-
Yeroo iddoo dubartiin itti deemtu sana gahan, Nabi Muhammed’iis ﷺ borsaa ishee lafa kaa’eefii yeroo  gara galee balbala bahuuf ka’utti, Dullattin akkana jetteen; «yaa gara-laafeessa namaa! Yoo xiqqaate (waan biraallee siif gochuu dadhabu) maquma kee naaf himi?» jettee.
-
Rassuulliniis ﷺ akkana jechuun deebiseef; «Ani namticha ati sababa isaatti ati magaalaa keessaa itti baate sani.»
-
Yeroo kana dhageessu dullattiin tun baay’ee naate, baay’ee dinqisiifattes. Namni gara-laafeessi akkanaa, namni akkanatti nama gargaaru, namni dhuqa qabeessi akkanaa kun gonkumayyuu akka jarri jedhan falfaltuu/moortuu tahuu hin danda’u jettee yeruma sanitti islaamummaa fudhatte. Allaahu Akbar! Nabiyyii keenya ﷺ jechuun kana. Sallallaahu Aleeyhi wassallam!
-
✅Nabiyyii Keenya ﷺ qaalii Kana yoo jaalatte salawaata irratti buusi. Seenaa kana ....share.... godhi.


Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
t.me/Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Yesuus Ergamaa,Nabiyyii(Raajii)Waaqaati


Akkuma beekamu hardha mana amantii Kiristaanaa irraa Yesuusiin walqabatee kan nutti lallabamu Waaqa ta'uu isaati.Yesuus hoo ani Waaqa jedhee jiraa jennee yoo Macaafa garaggalchinu Nama, Nabiyyii fi ergamaa Waaqaa ta'uu isaa kan ibsu ta'uu argine.

Mee ragaawwan muraasa kaafnee haa ilaallu.

1.“Yesus immoo, "Raajiin iddoo Biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa giddutti, mana ofii isaattis Ulfina hin argatu" isaaniin jedhe.”(Wangeela Maarqos 6:4)
Jecha kana kan dubbataa jiru Yesuus yoo ta'u Kaninni dubbataa jirus waa'ee mataa isaati.
Yesus immoo maal ?.. Raajiin...√
2.“Yesus Garuu, "Raajiin iddoo biraatti malee, biyya isaatti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu." isaaniin jedhe.”( Wangeela Maatewos13:57,DabalataanYohannis 4:44 irratti)
Yesuus garuu eenyu?......Raajiin...√
Nazireet kutaa biyya Galiilaatii kan dhufe eenyu?•••••• Yesus Raajicha/Nabiyyicha√ Keeyyata armaan olii keessatti Raaji jechuun of ibse.
3.“Yoos immoo ana, isa abbaan qulqulleessee gara biyya lafaatti erginaan, 'Ani ilma Waaqayyooti' jedhe kanaan, attamitti'Waaqayyoon arrabsita' jettu ree?” (Wangeela Yohannes 10:36)Eenyutu qulqulleessee Yesuus erge?
4".Inni Ana erges dhuga-Qabeessa...”(Wangeela Yohannis 8:26)
Dhuga-qabeessi Yesuus erge Eenyu?
5.“Abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa ba'a.”(Wangeela Yohaannis 8:18).Eenyutu dhugaa anaaf ba'a jedhe?••••• Abbaa isa ana erge√
6.“Yesuus immoo isaaniif Deebisee "Barsiifni ani barsiisu kan koo miti,kan isa ana ergee ti malee.”(Wangeela Yohaannis 7:16)
Barnootni isaa Eenyu irraayi?•••••Kan isa erge irrayi√ Kan isa erge Eenyu?
7.“Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu”(Yohannis 8:40) Eenyu irraa dhagahe?
osoo keeyyata kana malee kan biraatu hin jaarrennee Nama ta'uu fi Waaqayyoo ta'uu dhabuu Yesuus mirkaneessuuf kun qofti ga'aa dha.
8.“Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaadha, isin immoo isa hin beektan.”(Wangeela Yohaannis 7:28).Kan isaan hin beekkamne, kan Yesuus erge eenyu?
9.“Namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida.”(Wangeela Luqaas 10:16).Isa na erge? Eenyuu isa erge?
10.“Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badan duwwaaf malee hin ergamne.”(Wangeela Maatewos 15:24)
Ergamaa godhee Israa'eliif kan isa erge Eenyu?
11.“...Akka Ati Na ergites Amanan.”(Wangeela Yohaannis 17:8)
Kan isa erge Eenyu?
12.“Hojiin ani hojjedhu kunis Abbaan akka ana erge dhugaa anaaf in ba'a.”(Wangeela Yohaannis 5:36).
"Abbaan akka na erge" jechuudhaan ergamaa ta'uu lafa kaa'eera.
13.“Inni ana arge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera.”(Wangeela Yohaannis 5:37)
Kan maal na godhe jedhe?•••••••• "Inni ana erge"√
14.“Hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergamees isa ergate irra hin caalu.”(Wangeela Yohaannis 13:16)
Ergamaan Eenyu? kan erge hoo Eenyu?
15.“Inni garuu, "Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame" isaaniin jedhe.”( Luqaas 4:43).Yesuus maaliifan ergame jedhe?
16.“Yesus sagalee isaa guddisee, "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti”jedhe(Wangeela Yohaannis 12:44).
Yesusitti Amanuun eenyutti Amanuudha?•••••• kan isa ergetti√ kan isa erge Eenyu?
17.“Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga."(Wangeela Yohaannis 20:21)
"Abbaan akkuma ana erge" jechuudhaan ergamaa Abbaa(Waaqayyo) ta'uu isaa ibseera.Dabalataan akkuma barattoonnii fi Yesuus qaama garaagaraa ta'an,Waaqaa fi Yesuus garaagara jechuudha


Barnoota dabalataaf Chaanaalii keenya armaan gadi join godha!

@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Akka Macaafni Qulqulluun Kiristaanotaa jedhutti Yesuus yeroo fannifamuuf jedhu  "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" Jechuun Waaqayyoon isaaf akka tumsu kadhachaa ture.  Mat. 27:46.

As irratti gaaffiin nuti qabnu:
1.Yesuus yoo ofii isaaf Waaqa ta'e Waaqa kamiin kadhachaa ture?
2. Kadhanni isaa maaliif dhaga'amuu dideef ?
3. Yesuus cubbuu Dhala namaatiif kan du'u yoo ta'e maaliif akka du'a jalaa ooluuf kadhachaa ture?

4.Namni ofii isaaf of oolchuu dadhabee bifa kanaan tumame akkamitti nu fayyaduu danda'a?
5. Yeroo inni du'e sanatti eenyutu addunyaa kana bulchaa ture?
6. Ati dhuguma  keessi kee itti amanee fudhatee jennaan Yesuus Waaqa jettee amanaa jirtaa? Yoo hin amanne waan ofii keetiif keessi kee hin fudhatin akkamitti hordofaa jirta ? Bor wabii naaf ta'a jettee ni yaaddaa ?

Rabbiin guddaan dukkana kana keessaa isin haa baasu! Nama sammuu ofiitti fayyadamee dhugaa argu isin haa godhu.

👇👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

"Osoon Islaamummaa hin fudhatin NABIYYII Muhammadii fi Muslimoota arrabsaan ture. Garuu Amma dhugaa argadheen Jira. Nabi Muhammadii fi Muslimoonni akka dhiifama naaf godhan kadha." Jetti obboleettiin koo Qaalkidaan wadasan. Eeyyeen amantii Islaamaa fudhachuu dhabuuf sababaan jiru tokko qofa. Innis karaa sirrii ta'een waa'ee isaa beekuu dhabuufha.


Viidiyoo fi barnoota dabalataa argachuuf chaanaalii keenya armaan gadii Join gochuun nu hordofaa!
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Nabiyyii Injiil keessatti dubbatame.

Jalqaba irratti kitaabni Injiil jedhamu eessaa akka dhufe haa ilaalluu..
Kitaabni injiil Islaamummaa keessatti, kitaaba Rabbiin biraa, Nabi Iisaa (Nageenyi Rabbii irraa haa jiraatuu) irratti kan bu’e yoo ta’u, amantaa Islaamaa keessatti ergaa Rabbi biraa ilmaan Israa’eliif ergameedha.

Kitaabota Rabbiin biraa buufaman keessaayis isa tokkoodha. Muslimtoonni hundi kitaabdichi kun Rabbiin biraa buufaa isaatti ni amanu. Qajeelfama Rabbiin Tokkochummaa isaa ol taasisuuf jecha buuseedha. Murtii Rabbii guutuu kana qabuu fi Islaamummaa barsiisuu irrattis kan xiyyeeffateedha.

Rabbiin Musliimonni Qur’aana keessatti, wanta Nabi Iisaaf kenname,  kan Injiil (Wangeela) ta’etti akka amanan ajajeera, itti amanuun immoo utubaa fi bu’uura iimaanaa keessaa isa tokkodha.  Akkasuma Suuratu Al-Baqarah keessatti ibsame:

"Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnis, Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru. "Nuti ergamtoota Isaa irraa tokkos adda hin baafnu" (jedhan)"Nuti dhageenye; ajajamnes. Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna) Deebiinis garuma keeti" jedhan. [Suuraa Baqraa 2:285]

Hadiisa beekamaa ta’e keessatti; Ergamaan Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi Wosallam) waa’ee iimaana irraa; Malaa’ikaan Jibriil yeroo isaan gaafatu akkana jedhan:

“Iimaanni Allaahatti, ergamoota isaatti, kitaabota isaatti, ergamtoota isaatti, akkasumas guyyaa qiyaamaatti amanuudha, Qadaratti amanuudha (gaarumma hammeenya isaas Amanuudha)

Injiil, galmee jechoota Afaan Arabaa keessatti, jecha Giriikii yoo ta’u; hiikni isaa oduu gammachiisaa kan ta'eedha. dhiiraa fi dubartii waan ta’eef, kan dubartii godhe maraa kitaabaa jechuudha, kan dhiiraa godhe immoo kitaabicha jechuudha.

Qur’aanni Wangeelli akka jijjiirame ibseera, kanaaf Rabbiin Nabiyyii Isaa Muhammad ( Sallallaahu Aleeyhi Wosallam) Islaamummaa akka lallabuuf erge. Rabbiin Qur’aana keessatti, Wangeela jallisuu y*huudotaa wajjiin walqabatee bakka hedduutti eereera:

Iddoowwan isaanii (kan sirrii) irraa jechoota jijjiiru Waan ittiin gorfaman irraas qooda wahii dagatan. Isaan irraa nama muraasa malee gantuu isaan irraa taate arguurraa hin deemtu. [Suuraa Maa’idaa 5:13]

" Isin yoo dhiisuu dhaabaattan garuu abbaan keessan inni waaqa irraas yakka keessan isiniif hin dhiisu]" jedhe. (Maarqoos 11: 26)

Keewwanni wangeela naarqoos boqonnas 11:26 kun: Hiikkaawwan Jesuit, Kaatolikii, Ingiliffaa fi kanneen biroo tokko tokko keessatti hin argamu. Sababni haqameef sababa xumura wal fakkaatuun, dogoggora waraabbii xumura lakkoofsa 25 irraa gara dhuma lakkoofsa 26tti utaalee jalqabe kallattiin lakkoofsa 27 irratti waan ta’eef,waraabboonni tokko tokko osoo hin beekin kan hafe ta’uu danda’a. sababiin gochaan kitaabonni waldhabaniif fedha nama irratti hundaa’ee waan barraa'eefi.

Wangeelli Afaan addunyaa hedduun barreeffameera. Akkuma Afaan adda addaatiin barreeffametti garaagarummaan kitaabaas dabalaa dhufe. Fakkeenya tokko tokko kitaabdicha irraa yoo fudhannee ilaallu.

"Ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa tokko isaaniif gad dhiisuun isa irra ture." (Luqaas 23: 17)

Keewwanni armaan olitti dabarsine, Hiikkaa Jesuit, Catholic, English fi afaanota biroo tokko tokko keessatti hin argamu. Keeyyattonni akka armaan olitti ilaallee dabarfanne, macaafa keessa baay'inaan jiru. Muraasa isaanii ilaallee bira dabarfanna jenneeti malee.

Qur'aanni jijjiiramuu kitaabota kanneen yeroo dubbachuu isaa hawaasa Kiristaanotaaf ibsinu, lakki kitaabni keenya hin jijjiiramne, walis hin dhabu jechuudhaan falmatu. Garuu jijjiiramuu isaa Quraanni jaarraa 14 dura dubbate. Akkuma Qur’aanni kabajamaan jedhetti kitabdichi jijjiiramuun isa dhugaadha. Macaafa keessaa boqonnaa fi keeyyata wajjiin baafnee agarsiiisuu dandeenyee jirra. Kiristaanonni hubannoo macaafaa qabanis jijjiiramuu isaa hubatanii jiru. Akkasumas kitaabota gidduutti garagarummaan guddaanis akkuma jirutti ta'ee, Namoonni yoo xinxala keessa galchanii kan hin dubbifne ta'e hubachuun haalan rakkisaadha.

/channel/Seyiful_Islam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waaqayyoon Dhala nama  fayyisuuf ofii isaaf dhufe moo Ilma isaa tokkicha erge ? 

Akka Ortoodoksiin amanatanitti Waaqayyoon foon namaa uffatee (nama of fakkeessee) addunyaa baraaruuf gara biyya lafa   dhufe.
Garuu Macaafni Qulqulluun Wangeela Yohannis 3:16 irratti akkas jedha:  ˝Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa   hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate".
Dabalataan Yohannis 1ffaa 4:9 irratti akkas jedhe:   “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf,  tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge”.

Kana irratti Gaaffii nuti qabnu:

Akkuma isin  Kiristaanonni  jettan Waaqayyo foon uffatee addunyaa  baraaruuf gara biyya lafa dhufe moo ? Akkama Macaafni jedhutti  ilma isaa tokkicha  biyya lafaaf erge ?   Akka isaan lamanuu tokko hin jenneef, inni  erge (Waaqaa) fi inni ergame(ilmi)  qaama garaa garaa lama ta'uun ifaadha.  Kana males ragaan baay'een kan Waaqayyoon ilma isaa erge jedhu Macaafa keessa jira. Yohannis 1ffaa 4:14 ilaali.

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

~● Kiristaanummaan amantaa erga Yasus Kiristos olfudhatamee waggaa 42 booda kutaa magaalaa Anxookiyaa biyya Turkii keessatti argamtu keessatti hundeeffamteedha. Kunis ragaa Macaafaan kan mirkanaa'eedha. 𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮 (11:26) irratti argina.

Kanaafuu; Kiristaanummaan amantaa durii kan Rabbiin (Waaqayyoon) hundeeffamte, akkasumas Yesus Kiristosin osoo hin taane, namootaan akka ta’e hubachuun danda’ameera jechuudha. Kunis Kiristaanummaan erga hundeeffamee naannoo waggaa 2000 ta’uu isaa mul’isa. Kanaafuu; Kiristaanummaan amantaalee guyyaa keessa harka namootaatiin hundeeffamte keessaa tokko ta’uun isii mirkanaa’eera jechuudha.

~ Kanaafiidha kan nuti, Aaddam Kiristaana hin turre, Nooh Kiristaana hin turre, Henok Kiristaana hin turre, Daawit Kiristaana hin turre, Solomoon Kiristaana hin turre, Ibrahaam Kiristaana hin turre, Ismaa'el Kiristaana hin turre, Elishaan Kiristaana hin turre, Eeliyaas Kiristaana hin turre, Iyoob Kiristaana hin turre, Zakaariyaas Kiristaana hin turre, Yisihaq, Yaaqoob Kiristaana hin turre, Yooseef Kiristaana hin turre, Muuseen Kiristaana hin turre, Yohaannis cuuphaa Kiristaana hin turre, Maariyaam Kiristaana hin turre, Yesus Kiristos Kiristaana hin turre, Duuka buutonni isaa Kiristaana hin turre kan jennuuf....

Video kana...
© Ifaa Dhugaa

/channel/Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝗦𝗮𝗮𝗺𝘂'𝗲𝗲𝗹 𝗜𝘀𝗮 𝗟𝗮𝗺𝗺𝗮𝗳𝗳𝗮𝗮 keessatti immoo:

"Daawit yommus, “Saa'ol mootichii fi Yonaataan ilmi isaa akka du'an ati attamitti beekta?” jedhee namicha isatti hime sana in gaafate.  Namichi oduu kana isatti himes deebisee, “Ani dhimma utuun hin qabaatin, tulluu Giilbo'aatti ol ba'ee Saa'ol eeboo isaatti hirkatee utuu jiruu, warri konkolaataan adeemanii fi abboonni fardeenii warri isa ari'aa jiran immoo isa qaqqabuuf akka jedhan nan arge.  Saa'ol garagalee yommuu na arge ana in waame; anis, ‘Kunoo, asan jira’ nan jedheen.  Inni immoo, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate; anis deebise, ‘Ani nama Amaaleq’ nan jedhe;  inni immoo, ‘Ani laafee du'uudhaaf nan jedha, garuu lubbuun koo ana keessaa ba'uu in didde; kanaaf kottuutii ana ajjeesi!’ naan jedhe. 𝗜𝗻𝗻𝗶 𝗲𝗿𝗴𝗮 𝗸𝘂𝗳𝗲𝗲 𝗯𝗼𝗼𝗱𝗱𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝗻𝘆𝗲 𝘄𝗮𝗮𝗻𝗮𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗲𝗲𝗳𝗮𝗻 𝗱𝗵𝗮𝗾𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗮 𝗮𝗷𝗷𝗲𝗲𝘀𝘀𝗲𝗲, gonfoo mataa isaa irra tureef bitawoo harka isaatti ture ittii baasee si gooftaa kootiif fideera” jedhe." [2 Saamu'el 1:5-10]

● Keeyyaticha kana keessatti immoo 𝗦aa’ol gaaffii isaatiin Mucaa Amaaleq sanaan akka ajjeefame fi 𝗠ucichis akka hin du'in ifa godhee jira.

𝗞𝘂𝗻𝗶 𝗸eeyyatoota lamaan gidduutti wal faallessaa ifa ta’ee dha. Yookaan isaan keessaa tokko jecha Gooftaa ta'a, inni kaan immoo karaa harka Namootaatiin kitaaba Gooftaa keessatti wanti dubbii isaa hin taane itti dabalame, Yookaan lamaan isaaniituu harrafamoo dha. Rabbiin odeeffannoo sirrii hin taanee fi wal faallessu lama isaanitti wahyii (beeksisa) godhuun hin danda'amu.

5. 𝗬𝗶𝗵𝘂𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗼𝗳 𝗿𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮𝘀𝗲𝗲 du'e moo, 𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝗸𝘂𝗳𝗲𝗲 𝗱𝘂'𝗲?

"Yihudaan inni dabarsee isa kenne Yesusitti akka faradame yommuu hubate gaabbee, meetii soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee,  “Ani dhiiga nama yakka hin qabnee dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera” isaaniin jedhe. Isaan garuu, “Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!” jedhan.  Yihudaan kana irratti meeticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, 𝗱𝗵𝗮𝗾𝗲𝘀 𝗼𝗳 𝗿𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮𝘀𝗲. "
[Maatewos 27:3-5]

❖ 𝗠𝗮𝘁𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝗸𝘂𝗳𝗲𝗲 𝗱𝘂'𝗲.
"Namichi kun, horii isa hojii jal'inaa hojjetee argate sanaan, lafa bitate; ofii isaa 𝗺𝗮𝘁𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝗸𝘂𝗳𝗲𝗲 𝘁𝗮𝗿𝘀𝗮'𝗲𝗲, mar'umaan isaas bakkee guute. " [Hojii Ergamootaa 1:18]

Itti fufa...

© Ifaa Dhugaa

/channel/boost/Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Mata-duree.
“Gaafilee 15n kan Kiristaanonni deebii isaa argachuu hin dandeenye.”


𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐌𝐲 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 👉 @Rafiiqul_Islaam

🛑 1. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maarqos 1:35) irratti, ganama bariin ka'ee, iddoo namni hin jirree dhaqee, Rabbiin kadhachuun isaa gabaafame.

🛑 2. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohannis 18:22) keessatti, qondaalota keessaa tokkoon rukutame. Namni Rabbiin rukutuu ni danda'aa.

🛑 3. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Maarqos 15:34) irratti, sagalee guddaadhaan, “Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?” Rabbii koo, Rabbii koo maaliif na dhiifte?” jedhee Rabbii isaa waammata.

Yoo Yesus Rabbiin ta'e, Rabbiin Yesus Kiristos itti iyye sun kami laata?

🛑 4. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohaannis 8:28) irratti, ofiin homaa hojjechuu hin dandeenyee fi qaamni isa erge isa wajjiin yeroo hundumaa jiraachuu dubbataree.

Yoo Yesus Kiristos Rabbiin ta'e, akkamitti waan fedhe gochuu hin dandeenyeree?

🛑 5. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohaannis 14:28) irratti, abbaan na caala'o. jedha.

🛑 6. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Luqaas 23:46) irratti, sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!” jedha.

🛑 7. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maarqos 10:18) irratti, “Maaliif gaarii naan jettuu? Rabbii isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedha.

🛑 8. akkasumas akkamitti (Luqaas 18:19) irratti: “Maaliif gaarii naan jettu? Rabbii isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru jedheree.

🛑 9. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Yohannis 20:17) irratti, “Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Rabbii kootii fi Rabbii keessaniitti ol nan ba'a” jedheree.

🛑 10. Yesus Kiristos; Rabbii cubbuu dhiifama godhu yoo ta'e, akkamitti yeroo nuti jal'anne (Luqaas 23:34) irratti: “Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!” jedhaa.

🛑 11. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti duuka buutonni isaa, Maatewos 16: 13-14 irratti, Raajoota keessaa tokko akka ta'e qofatti isa beekuu.

🛑 12. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta’e, akkamitti (Maatewos 8:24) irratti, rafee argamuun isaa gabaafame, Rabbiin gonkumaa akka hin rafne. Faarfannaa 121:4 keessatti, osoo gabaafamee jiru.

🛑 13. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e akkamitti (Ibroota 2:9) keessatti ergamootaa gadi ta'ee. Rabbiin uumaa uumama hundaa ta'e akkamitti uumama isaatii gadi ta'uu danda'aa.

🛑 14. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Luqaas 22:43) keessatti ergamootaan jabeeffamuun isaa himamee. Rabbiin uumamtoota isaatiin jabeeffamuu danda'aa?

🛑 15. Yesus Kiristos; Rabbiin yoo ta'e, akkamitti (Luqaas 4:13) irratti seexanaan qorame, otoo Yaaqoob 1:13 irratti Rabbiin hamaadhaan qoramuun hin danda'amu jedhuu!


مَّا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ وَلَا لِآبَائِهِمْ ۚ كَبُرَتْ كَلِمَةً تَخْرُجُ مِنْ أَفْوَاهِهِمْ ۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبًا

Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi[] hin jiruJechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu.  [1] Wanti aayanni kun itti fedhe yeroo Rabbiin ilmoo qaba jedhanu beekumsas ta’ee ragaa homaatuu hin qabanu; yaaduma isaaniitiin dubbatan jechuudha.]

𝐒𝐮𝐮𝐫𝐚𝐚 18:5
صدق الله العظيم...

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Ergamaan Rabbii akkana jedha:
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ـ صلى الله عليه وسلم ـ قَالَ ‏ "‏ مَنْ دَعَا إِلَى هُدًى كَانَ لَهُ مِنَ الأَجْرِ مِثْلُ أُجُورِ مَنِ اتَّبَعَهُ لاَ يَنْقُصُ ذَلِكَ مِنْ أُجُورِهِمْ شَيْئًا ‏"‏ ‏.‏
𝗤𝗼𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻:
© Ifaa Dhugaa

/channel/Rafiiqul_Islaam/819
/channel/Rafiiqul_Islaam/819

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐈𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐄𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚?

﴿وَما خَلَقتُ الجِنَّ وَالإِنسَ إِلّا لِيَعبُدونِ﴾

“Jinnii fii ilmaan namaatis akka na gabbaraniif malee hin uumne” Az-Zaariyaat: 56

Imalli Abbaa keenya Aadam biyyeerraa uumameen jalqabe. Rabbiin ilmaan namaa akka isa gabbaraniif dachii fii waan keeysa jiru isaaniif uume. Biyyeerraa abbaa keenya uume. Gaaafa duunes biyyeetti deebina. Gaafa kaafamaatis dachii keeysaa kaafamna.

Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿اللَّهُ يَبدَأُ الخَلقَ ثُمَّ يُعيدُهُ ثُمَّ إِلَيهِ تُرجَعونَ﴾
“Allaah Isaatu uumaa hunda dhabamarraa jalqabee uume, eegasii gama isaa deebitan” Ar-Ruum: 11

Ee imalli asii jalqabe. Rabbiin gaafa akka isa gabbarruuf nu filate useetuma dirree duwwaatti nu hin dhiifne. Nabiyyii nutti erge. Manual jireenya Quraanaan Ergamaa irraa boodaa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam nutti erga. Akka nuti hundi karuma feenee fii haala feeneen Rabbi gabbarra hin jenne dubbii nurraa fixuuf Qur’aana jala deemuu, Nabiyyii hordofu dirqama nurratti godha.
Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿قُل إِن كُنتُم تُحِبّونَ اللَّهَ فَاتَّبِعوني يُحبِبكُمُ اللَّهُ وَيَغفِر لَكُم ذُنوبَكُم وَاللَّهُ غَفورٌ رَحيمٌ﴾

“Yoo Allaah jaalattan na jala deemaa ja’iin yaa Ergamaa koo Muhammad, yoo san Allaah isin jaalata, isiniif araarama cubbuu teeysan. Allaah hedduu araaramaadha, mararfataadha” Aal-Imraan: 31

Imalli ka jalqabe gaafa duniyaa tanarra dhufne. Imala kana keeysatti itti gaafatama guddaan bahachuun nurra jiru towhiidaan Rabbi gabbaruudha. Imala kana keeysatti dogongorri guddaan ifirraa eeguu qabnu shirkiidha. Imalli kuni ka xumuramu du’uun osoo hin taane du’a booda kaafamnee sararaa imala dheeraa kan xumuraa hulaa jannataa ol seenuudhaani.
Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿وَاعبُدُوا اللَّهَ وَلا تُشرِكوا بِهِ شَيئًا وَبِالوالِدَينِ﴾
“Allaah qofa gabbara, waan biraa takkallee isatti hin qindeeysinaa” An-Nisaa: 36

Imalli asii jalqabe ja’a Rabbiin ol tahe:
﴿مِنها خَلَقناكُم وَفيها نُعيدُكُم وَمِنها نُخرِجُكُم تارَةً أُخرى﴾

“Biyyeerraa isin uumne, isii keeysatti isin deebifna, isii keeysaa ammas itti deebinee isin baafna” Xaahaa:55

﴿إِلى رَبِّكَ يَومَئِذٍ المَساقُ﴾

“Gama Rabbii keetiiti oofaman guyyaa san” Al-Qiyaamaa:30

﴿وَهُوَ اللَّهُ لا إِلهَ إِلّا هُوَ لَهُ الحَمدُ فِي الأولى وَالآخِرَةِ وَلَهُ الحُكمُ وَإِلَيهِ تُرجَعونَ﴾

“Inna Allaah! Haqaan gabbaramaan tokkolleen hin jiru Isa malee, faaruun hundi Isaaf taate jalqaba duniyaa kanarrattii fii booddee aakhiraattis ammas murtiin dhugaatis isaaf taate. Ammas gama isaa deebi’uuf teeysan” Al-Qasas: 70

/channel/Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Dhufiinsa nabi Iisaa ykn yesuus (as) kutaa tokkoffaa
/channel/Gingilchaadhugaa
/channel/Rafiiqul_Islaam/815

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

𝐃𝐢𝐢𝐧𝐚𝐥 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐇𝐧 𝐌𝐚𝐤𝐢𝐧𝐚𝐚!!

𝐃𝐢𝐢𝐧𝐚𝐥 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐟𝐢𝐢 𝐎𝐝𝐚𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐤𝐢𝐧𝐚𝐚!!

𝐃𝐢𝐢𝐧𝐚𝐥 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢𝐟𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐤𝐢𝐧𝐚𝐚!!

Dhaamsa kana mee sirriitti haa dhaggeeffanuu haga dandeessan share woliif taasisaa

/channel/Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

🚨🚨 Ammee:

Galaana Meeditiraaniyaa irratti kan argaman kuusaan boba'aa Israa'iil haleelamuun barbada'anii jiru.

🛑 Boba'aa biyyi Israa'iil itti fayyadamtu dhibbeentaan 80% kuusaa kana irraa geejjibsiifama.



Jechoota Gaggaarii

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:Jechoota Gaggaarii

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Waaqni Israa'iil tiksu hin rafu warri jechaa turan amma hoo eessa dhaqe jedhu laata? Waaqi Israa'iil tiksu sun kunoo Iraan waliin ta'ee Israa'iil n haleelaa jira 🤣😂🤣
Jechoota Gaggaarii

http://t.me/Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Ilaalcha namoonni dhuunfaan addunyaa kanaa fi Rabbiin  walqabatee qaban(Worldview).

Dhalli namaa waa'ee Uumaa isaafi uumamaa irratti ilaacha hedduu qaba. Keessaa isaan akka addunyaatti baay'ee beekamoo ta'an kan armaan gadii kana.

1.Warra Rabbii tokkichi  jiraachuutti amanan( Theism, المذهب الألوهئي) .  Maqaan kun yeroo baay'ee amantii Islaamaa, Kiristaanaa fi Yihuudaa ibsuuf tajaajila. Qoodama jiru keessaa akka addunyaatti % hedduu kan qabu isaan kana. Isaan kun walumaagalatti Rabbiin uumaa waan hundaa ta'e, kan  gabbaramuu haqa godhatu   jiraachuu amanu.  Akkasumas Seera ilmi namaa ittiin bulu(Wahyi) karaa ergamootaan dhala namaatiif erguutti amanu. Namni Seera ergame kanaaf ajajame du'a booda kaafamee  mindaa gaarii Jennata akka argatuu fi namni seerichaaf ajajamuu dide qixaanni jabaan akka isa eeggatu amanu. Garuu akkaatiin ittiin amananii fi Seerri itti amanan garaagara. Gariin isaanii Rabbiin tokko qofa jedhu. Fkn: Amantii Islaamaa fudhachuun ni danda'ama.  Gariin Rabbiin sadii jedhu. Fkn: Kiristaanonni  Waaqa Abbaa + Waaqa ilmaa + Waaqa Afuura qulqulluun=  sadan Waaqa tokko  jechuun ibsu.

2. Warra Uumaan jiraachuutti amananu, Garuu du'a booda kaafamuutti hin amanne  kan akka Waaqefattoota Oromoo (Deism,  الربوبية ).
Isaan kun Rabbiin Uumaa waan hundaa  ta'e jiraachuutti amanu. Garuu Rabbiin dhala namaaf karaa ergamootaatiin seera ittiin bulmaataa(wahyii) ergu isaa fi  eega du'anii kaafamu   yaada jedhu tasuma hin fudhatan. Rabbiin uumama kana seera ittiin jiraatan osoo hin kenniniif callisee uume jedhu. Kanaaf namuu waan gaarii itti fakkaate, kan  abbootiin isaa  hojjataa turan hojjachuu fi kan isaan dhorgan irraa dhorgamuutti amanu. Isaan kun (Theism) namni du'a booda hin kaafamu jedhu.  Namni harra qabeenya namaa saame, kan dhiiga namaa dhangalaasee, Gudeedeefi  yakka adda addaa nama irratti hojjatee osoo hin adabamin du'e, Haqa miidhamtoota kanaaf furmaanni maali ? yoo jettan, deebii hin qaban. Miidhamaan haqa ofii dhabee hafa.

3. Warra  Rabbiin tasuma hin jiru jedhan( Atheism,  الإلحاد ).  Mulhidoonni Rabbiin hin jiru, Wanti hundi ofiin argame jedhu.

4. Warra Rabbiin jiraachuu fi jiraachuu dhabuu hin beeknu jedhan(Agnosticism, اللأ آذريىة ).  Isaan kun Rabbiin jiraachuu ykn jiraachuu dhiisuu danda'a. Garuu wanti nuti beeknu hin jiru jedhu.

5. Warra humni ta'e wahii jiraachuutti ni amanna garuu maalummaa isaa himuu hin dandeenyu jedhan (letsism,  الثيئية).  Isaan kun yoo Rabbii tokkichi jiraachuutti ni amantuu ? Isaaniin  jedhame, hin amannu jedhu. Maalitti amantu ree ? yoo jedhame  Wanti eenyummaa isaa ibsuun nuuf hin mijanne, kan nurra guddaa ta'e wahii akka jiru beekna. Garuu isa ibsuun nuuf mijataa miti jedhu. Isaan kun Waaqefattootaan(Deism) walitti dhiyaatu garuu isaaniin tokkoo miti.


👇👇👇👇👇join godha

http://t.me/Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Barruu Qorannoo Gabaabaa
Ayyaana Irreechaa Madaala Haqaan” jedhurratti Barreeffame.


Barreessaan: Abu Aasiyaa
Size: 1.1 MB PDF
Page: 28



@Rafiiqul_Islaam_Library

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Macaafni Qulqulluun Borcamaafi Laaqamaa tahuu Isaa mee Haa ilaalluu

/channel/Rafiiqul_Islaam

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

Seenaa Nabii Iisaa fi Haadha isaa

Barnoota keenya ammaan duraa keessatti, baay'inaan waa'ee Yesuus ykn Nabi Iisaa Macaafa irraa ilaalaa turre.Amma immoo Qur'aanas irraa kan ilaallu ta'a.Mata dureen kun Dheeraa waan ta'eef sagantaa baay'ee gaafata.Mee hardhaaf akka seensaatti waa xiqqoo ilaallee yeroo biraa immoo bal'inaan ilaaluuf yaalla.


Sadarkaa Yesuus Islaamummaa keessatti

Qur'aanni waa'ee Kiristaanotaa, waa'ee Yesuus/ nabi Iisaa (as) fi haadha isaa Maryamaa sirriitti gadi fageenyaan irraa dubbata.Boqonnaalee Qur'aanaa 28 keessatti,Keeyyatoota (aayatoota) Qur'aanaa 220 keessatti yookiin Qur'aana keessaa 3.5 % kan ta'u keessatti dhimmi isaanii ibsamee jira.Macaafa Qulqulluu dabalatee kitaabban Addunyaa kana irratti argaman keessaa kan karaa sirrii fi dhugaa ta'een Yesuusii fi Maryamaan akka Qur'aanaatti kabajee ibse hin jiru.Qur'aana keessa Boqonnaa Maatii Imraan (Al Imeraan )jedhamu kan Boqonnaawwan Qur'aanaa keessaa guddinaan 2ffaa irratti argamutu jira.Imraan kun immoo Abbaa Maryamaa fi Akaakayyuu Yesuus gama haadhaatiin kan ta'eedha. Dabalataan addatti maqaan isaa Yeroo sadi dubbatamee jira.Maqaan Yesuus akka amantii Islaammatti Iisaa(Iisaa ibnu Maryam),Masiiha(Masiih ibnu Maryam) jedhamuun beekama. Maqaalee kanaan yeroo 25 Qur'aana keessatti dubbatamee jira.Kana keessaa yeroo 23 kan Haadha isaa Maryamaa wajjin dubbatame.Walumaagatti maqaan Maryam Qur'aana keessatti yeroo 34 dubbatameera.Inumaa Maqaa dubartoota keessa kallattiin Qur'aana keessatti kan dubbatame kan ishee qofa.Boqonnaa Qur'aanaa keessaa tokko kan maqaa isheetiin moggaafame kan "Maryam" jedhamutu jira.Dabalataan maqaan obboleessa ishee Haaruun jedhamuus dubbatamee jira.

Itti Fufa...

Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28

Читать полностью…

Daandii Milkii(Jennataa)

kanaafan itti amane


Abbaa keenyaafi Haadha keenya kan  jireenya biyya lafaa  dhukkuba, beela, gidiraa gara garaa fi  du'a qabdu kana irratti akka argamanuuf sababa nuuf ta'an akkaan jaallanna.  Isaan gammachiisuuf waan baay'ee goona. Isaaniif jecha of wareeguu irraa of duuba hin jennu. Nabiyyii ﷺ keenya jaallatamaa kan Rabbii nu uumeen wal-nu barsiise, kan Jenneta isa  keessatti hin dhukkubsanne,  hin beelofne,  hin rakkannee, hin dullaamnee  fi keessaa du'uun hin jirre akka arganuuf nu barsiisan akkamitti hin jaallannu? Eeyyeen Nabiyyii    ﷺ ni jaalladha. 

Maaliif kana hunda jaalachuun barbaachise ?  yoo naan jette deebiin kiyyaa Osoo Nabi Muhammad ﷺ Amantii dhugaa Islaamummaa na barsiifne ta'e  anis akkuma ummata Biliyoona 2.4 (Kiristaanotaa)dhala namaan gabbaran ture.  Akkuma ummata Biliyoona 1.9 Anis  Rabbiin hin beekun ture. Akka Ummata biliyoona 3.7 anis wantoota adda addaa (Haawilti adda addaa, Beelada, Muka, dhugaa, Sheexaanaa fi wantoota biraa) gabbuun dhamaatii keessan seena ture. Nabi Muhammad ﷺ  kana hunda irraa na oolche. Kanaaf galata guddaa nabiraa qabu. Kana qofa miti.

  Guyyaa qiyaamaa gaafa cinqii, gaafa aduun taakkuu tokko qofa nama irraa fagaatu, Gaafa daa'imni Arrii baasu, Gaafa abbaan ilma dhokatu, gaafa Haati ilmoo dhokattu, gaafa abbaan manaa fi haati manaa walbaqatan , gaafa firri walbaqatu, gaafa haati bakka itti deessee fi akka itti deesse dagattu,  gaafa namni akka waan farshoo dhugeetti maccaa'u, gaafa jaannam luugama kuma torbaatamaan, tokkoon tokkoon luugamaan Malalaa'ikaa kuma torbaataamaan qabame  dhufu. Gaafa Anbiyoonni hundi essatti baana ? essatti baana ? Jedhan  Nabiyyiin ﷺ  keenya jaallatamaan  Anaafi isin hin dagatan.  Guyyaa san magantaa dhuuf dhaabbatu/jaarsa nuuf ta'u. Nabiyyiin   ﷺ akkas     jedhan :   "Nabiyyoonni Hundi Du'aa'ii (isaaniif qeebalamtu) qabu.  Ani Du'aa'ii kiyya  guyyaa qiyaamaa ittiin ummata kootiif magantaa (dhaabachuufan) ol kaayadhe".  ⎣Musnada Ahmed 8959].

Nabiyyoonni hundi du'aa'ii isaanii addunyaa irratti ittiin fayyadamaniiru. Garuu nabi Muhammad  ﷺ anaaf siif jecha ol kaayatan.  Ani kanaafan itti amane.  Mee salawaata irratti buusi!


ﷺﷺ   ﷺﷺﷺ             ﷺﷺﷺ   ﷺﷺﷺ
👇👇👇

Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaadan Chaanalii armaan gadii join godha


@Saahibuddiin28

Читать полностью…
Subscribe to a channel