Qur'aana Rabbitu Tiksaa
"Qur'aana Nutu buusee Numatu tiksa"
Quraa'a jijjiiruuf yaaliin hin godhamin hin jiru ammas aakuma argaa jirru kana yaaliin garaagaraa godhamaa jira. Mee seenaa wahii isin haa yaadachiisu.
👉Namoota gaggaarii darban keessaa Amiirri tokko, Namni wahii yeroo hunda kan isa bira dhufu kan amantii biraa hordofu tokkootu ture. Yeroo garaagaraatti Amiirri kun Namicha isa bira dhufu kanaaf akka inni islaama'uuf yaada dhiheessaafii ture.Garuu Namichi kun deebii wahiituu hin kennu. Sana booda yeroo dheeraaf adda ba'anii eega turanii waggaa ① booda namichi sun deebi'ee Amiira bira dhufe.
Amiirris yeroo Namicha ilaalu akka inni muslima ta'ee dhufe arge. Achumaan Amiirris Namichaan akamitti Amanuu dandeesse jedhee gaafate. Namichis {{"Ani ergaan siin adda ba'ee kaasee hojiin hojjataa ture". hojiin kunis, Waangeela walakkaa harka kootiin barreesseetiin waantoota garaagara jijjiiree, kaan hir'isee, kaaniis itti dabalee, kan fuulduraa booda godhee, kan boodaa fuuldura godhee akka naaf gurguraniif erge. Warrin itti erges fuudhanii baayyisanii naaf gurguran.
Akkuma kitaaba "Ooritis" Akkuma kan ammaa itti dabalee, kaaniis hir'isee waan hedduu jijjiiree akka naaf gurguraniif ergee jennaan fuudhanii baayyyisanii gurguran.
Sana booda haaluma kitaaboota kanaatiin "Qur'aanas" barreesse, Kaan jijjiiree kan fuulduraa booda godheee, kan boodaa dura godhee, kaan hir'isee eegan barreessee booda fuudhee maktabaa musliimaa kan Qur'aaana baayyisee gurguru bira deemeen naaf gurguraa jedhee itti kenne.
Yeruma sana garagaggalchanii ilaalanii fuula kootti darbatan. Maali yeroon jedhee gaafadhu "Kun Qur'aana Muslimtootaa isa sirrrii miti naan jedhan".
Sana booda utuun boo'uu gara mana kootii deebi'een Islaaminnaa fudhachuuf murteeesse. Diinal islaamii fi qur'aanas Rabbiin akka eeguu fi Rabbiin akka buusees hubadhe. Achumaaniin amanee}} jedhee Amiiratti hime.
Qur'aana Rabbiitu tiksa garuu balaa garaagara wanti Rabbiin fiduuf nu fatanuufi waan ta'eef Nama fatanaa kana darbu Rabbiin nu haa taasisu.
By: Abdurahman Mohammed
/channel/DAARU_SALAAM
𝐈𝐌𝐀𝐋𝐋𝐈 𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐉𝐀𝐋𝐐𝐀𝐁𝐀𝐀?
Barsiisa Nabi Iisaa [Iyyasuus kiristoos]
Barsiisni Iyyasuus kiristoos maal ture?
Xiyyeeffannoon guddaan barsiisa Iyyasuus kiristoos, waa'ee Tokkochummaa Rabbii akka ta'e Qur'aanaa fi macaafa qulqulluu keessattis dubbatamee jira. Mee haa hubannuu!
"Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. "
(Wangeela Marqoos 12: 29)
Kiristaanonni hedduun, ilaalchota dogoongora irratti hundaa'uudhaan Iyyasuus kiristoosiin Rabbi jedhu. Garuu barsiisni isaa akkas hin turre. Yesuus kiristoos Rabbi jechuun gati dhabeessa ta'uu dubbatee jira.
"ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe."
(Maatiwoos 15: 9)
Iyyasuus kiristoos gaaffii yahuudotaan gaafatame ennaa deebisu akkana jedheera.
Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, "Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?" jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebiseefii, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. [Wangeela Luqaas 18:18_19]
Namni tokkos gaafa tokko gara yesuus dhufuudhaan, yaa barsiisaa gaarii jannata (jireenya bara baraa) argachuudhaaf maal hojjachuu qaba jedhee gaafate. Innis deebiseefii akkana jedheen;
Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, "Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?" jedheen. Yesus immoo, "Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuuu yoo feete garuu, abboommota eegi! ittiin jedhe. [Wangeela Maatiwoos 19:16_17]
Yesuus kiristoos seera waada moofaa keessa jiru tokkos shaaruudhaaf, akka hin ergamnes dubbateera. Waa'ee kanaa Maatiwoos haala armaan gadii kanaan barreesseera.
[Yesus, "Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa odoo fiixaan hin ba'in hin badu].(Wangeela Maatiwoos 5:17_18)
Ergamaan anaan booda ergamu, waanuma hunda isiin barsiisa jedhees dubbateera.
" Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa. "
(Yohaannis 14: 26)
Kitaabani seera uumama waa'ee dhagna qabachuu ilaalchisee akkana jedha:
Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta'u, 'Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!' isa jedhuu dha. Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta'a.[Seera uumamaa 17:10-11]
" Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."
(Yuhaannis 17: 3)
Dubbiin kanneen armaan olii fakkaatan, Qur’aana keessattis bakka heddutti dubbatamaniiru.
إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ
Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Suuraa Aal-Imraan 3:51]
Karaan qajeela Iyyasuus kiristoos barsiise, karaa Islaamummaa qofa. Daandii tokkochummaa Rabbiiti. Qur'aanni akkana jedha.
وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبْحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ
Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu][Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku.
/channel/Rafiiqul_Islaam/981
Assalaamu Alyekum warahmatullaah wabarakaatu kitaabini «ክርስቶስ ማነው» Kirstoos Enyu?" jedhu kan hayyuu Seenaa ustaaz Ahmaddiin jabaliin barreeffame Jamaal kadiirin gara Afaan oromootti hiikamuun dubbiftoota dhihaateera .kitaabini kun kitaabilee mata duree kana irratti barreefaman keessaa kitaaba akkaan bareeda yoo ta'u waa'ee Nibiyyullaah Iisaa(As) (Yesuus kiristoos)ilaalchisee gaafilee murteessoo 303 of keessatti hammateera. Kitaabicha kana dubbisuun namootas dubbisiisuun akka sababa qajeellumaa taatan dhaamsa kooti.
Teessoo kitaabicha itti argattan:-
Finfinnee
Naannoo masgiida Anwaar mana kitaabolee Islaamaa
Ayyarxeenaa
Odeeffannoo dabalataatiif
Lakkoofsa bilbilaa:
+251920781016
+251913463746
Ragaan inni biraa immoo, Macaafa qulqulluu keessa keeyyattoota dubbisuun isaatuu namatti ulfaatu kan jecha Waaqayyooti jedhamee hin
yaadamne kan olaantummaa fi kabaja Rabbii faallessu fa'atu jira. keeyyattoota armaan gadii Macaafuma qulqulluu irraa dubbisuun mirkaneessuu dandeessu. [Isay 54:4 fi 7:20; Luq 2:21; Ser, Kes. 23:1; Fakk 30:21-23; Galatiya 5:2; Ser. Lew 19:27-28 fi 21:9; Marq.16:18....]
Kitaabni bara irraa baratti haqamaa fi laaqamni isatti hin seenne Qur'aana Kabajamaa malee hin jiru.
Qopheessaan: ©Ifaa Dhugaa
/channel/Rafiiqul_Islaam/935
WARRONNI IYESUUSIIN WAQAYYOO JEDHU HUNDI ISAANII JAHANNAM SEENU!!!!!
( لقد كفر الذين قالوا إن الله هو المسيح ابن مريم وقال المسيح يابني إسرائيل اعبدوا الله ربي وربكم إنه من يشرك بالله فقد حرم الله عليه الجنة ومأواه النار وما للظالمين من أنصار ( 72 )
"warri rabbiin masiihi ilma mariyami jedhan dhugaa kafar*nii jiru.Iisaan ni jedhe 'yaa ilmaan isiraa'eel rabbii (goofta) kiyyaafi rabbii (goofta) keessan gabbara namni rabbiitti waa qindeesse (makee) gabbare rabbiin Isa irratti #jannata haraama godha qubsumni(teessoon) isaa #jahannamiidha.kaafir*otaf tumsaan hin jiru" (#maaida 5:72)
"Si waqayyoo tokkicha Isa dhugaa, iyesuus kiristoos Isa ati ergites beekuun jireenya barabaraati (#Yohannis 17:3)
👉Akkana jechuun waqayyoon waqayyoo jettee beekutuu iyesuusis ergamaa waaqayyooti jette beekutuu jireenya barabaraati si galcha jechuudha.
"Dhaga'i yaa isiraa'eel gooftichi waqayyoon keenya kophaa isaa gooftaadha" (maarqoos 12:29)
👉 Waqayyoon kophaa isaa waqayyoodha jechuu qabxiin Kun nuuf mirkaneessa.wanni waqaa Abba,waaqa ilmaa,waqaa hafuura wanni jedhamu hin jiru waqayyoon kophama isaa waqayyoodha.
#Maatiwoos 7:22-23
"Guyyaa Sana Namoonni hedduun 'yaa goofta yaa goofta nu maqa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Hafuurota hamaa baasneerra mitii? Maqaa keetiin raajiwwan baay'ee hojjanneerra miti? Naan jedhu.
Ani immoo 'isin yaa warra hamaa hojjattan Ani takkuma isin hin beeku na duraa badaa jedhee ifatti baasee isaanitti hima*".
Sila musiliima moo kiristaanatuu iyesuusiin waqayyoo (goofta) jedhaan? Yoo jenne Akkuma beeknu Kan dubbii kana dubbatu warra kiristaanaati.
Musiliimonni iyesuus gabricha waqayyoo fi ergamaa waaqayyooti jedha.
🌹Kanaaf Kan jannata galu #musilimoota ta'uu arganneerra.
❌Kan jahannam seenus warra #kiristaana ta'uu arganneerra.
👥Karaa si baasu situ laallata.
🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍Kanaaf namni waqayyoon dhiiftee iyesuusiin waqayyoo jettu akkasuma iyesuusiin waqayyootti dabaltee waqayyoo jettun teesson Kee #jahannamiidha. Kana qur'aana fi macaafatuu siif mirkaneesse anaa miti.
#Dubbii_adii_kan_jedhamu_kana_Kan_dhoksaa_hin_qabne
Kanaaf dafaatii warri iyesuusiin waqayyoo jettan gara waqayyoo tokkichaatti kootta gara amantaa waqayyoon filatee gara isilaamummaatti kootta 🙏🙏🙏 Sana malee abadan jahannamiin irraa najaa hin baatan.quraanniniifi macaafnis sitti mallatteesseera/murteessera.
Kan si baasu situ laallata obboleessa/obboleetti🙏
/channel/Gingilchaadhugaa
/channel/Rafiiqul_Islaam/928
قَالُوا۟ يَٰمَرْيَمُ لَقَدْ جِئْتِ شَيْـًٔا فَرِيًّا
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan jabaatu fidde.
يَٰٓأُخْتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمْرَأَ سَوْءٍ وَمَا كَانَتْ أُمُّكِ بَغِيًّا
Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati keetis sagaagaltuu hin turre.”
فَأَشَارَتْ إِلَيْهِۖ قَالُوا۟ كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِى ٱلْمَهْدِ صَبِيًّا
(Isiinis) gara isaatti akeekte[Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan.
قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا
Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
وَجَعَلَنِى مُبَارَكًا أَيْنَ مَا كُنتُ وَأَوْصَٰنِى بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمْتُ حَيًّا
Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.
𝑺𝒖𝒖𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒚𝒂𝒎 19:27-31
/channel/Rafiiqul_Islaam/927
11, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈𝐓𝐈 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐃𝐈𝐃𝐃𝐀𝐀𝐅 𝐘𝐄𝐑𝐎𝐎 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐇𝐎𝐉𝐉𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀𝐓𝐈 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐀𝐍
12, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐇𝐎𝐉𝐉𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐎𝐃𝐎𝐎 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄𝐄 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐆𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐍 𝐌𝐈𝐑𝐊𝐀𝐍𝐄𝐄𝐒𝐒𝐔𝐔 𝐊𝐀𝐊𝐔𝐔 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐖𝐎𝐉𝐉𝐈𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔
13, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒𝐈𝐈𝐍 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐓𝐔 𝐈𝐒𝐀 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐓𝐄𝐌𝐎𝐎 𝐎𝐅𝐈𝐈𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄
14, 𝐀𝐍𝐈 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄𝐄𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄𝐍 𝐘𝐎𝐎 𝐌𝐀𝐀𝐋 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄𝐓𝐔 𝐌𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐒𝐈𝐑𝐑𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈
15, 𝐊𝐀𝐀𝐘𝐘𝐎𝐎 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄𝐄 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄 𝐌𝐀𝐀𝐋𝐈?
Wal-dhabbii Kiristaanotaa fi Macaafa Qulqulluu Kutaa 4ffaa
16.Kiristaanota 👉🏻Waaqayyo yeroo lafarra turetti nama (Yesus)ta'ee Mullateera.
📖Macaafa isaanii👉🏻Waaqayyoon Eenyumtuu ijaan hin argine.[ Yohannis 1:18]
17.✝ kiristaanota👉 Macaafni keenya waraana (lola )irraa nama dhowwa
📖Macaafa isaani 👉Akkana jechuun ajjeesutti ajaja "Dhiira, Dubartoota, ijoollee Harma hootu, manguddoo, Gaala, Qotiyyoo "ajjeesa fixa jedha( Macaafa Saamu'el isa dura 15:3)
18.✝Kistaanota Yesus Nama Ajjesuutti hin ajaju.
📖Macaafa isaani yesus " Warra isaan irratti moo'u ko hin barbaanne ija koo duratti fida gorra'aa" jedhe
( Luqaas 19:27).Hubachiisa akka Macaafni barsiisutti jechuudha malee Yesuus Badii hojjata jechuu kiyyaa miti.
19.✝Kiristaanota Amantiin keenya dubartii Tokkoo ol fuuchuu ni dhowwa
📖Macaafa isaani Dubartii Kuma tokko(1000) fuuchuun akka jiru barsiisa (Macaafa moototaa isa dura 11:3)
20,✝Kiristaanota Dubartiin kiristaana Rifeensa ishee agooggachuun ishee hin barbaachisu.
📖Macaafa isaani Dubartiin yoo mataa ishee agooggachuu baate Rifeensa ishee haa murattu jedha( 1Qoronxoos 11:5_7).
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
𝐖𝐎𝐍𝐆𝐄𝐄𝐋𝐋𝐈 𝐌𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈𝐅 𝐅𝐎𝐎𝐘𝐘𝐄𝐅𝐅𝐀𝐌𝐀𝐀??
𝐉𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐍𝐢 𝐅𝐨𝐨𝐲𝐲𝐚'𝐚𝐚??
Jecha 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 "𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚" 𝑱𝒆𝒅𝒉𝒆𝒆 𝑾𝒂𝒂𝒎𝒆 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 "𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚" 𝑱𝒆𝒅𝒉𝒆𝒆 𝑭𝒐𝒐𝒚𝒚𝒆𝒔𝒔𝒖 𝑹𝒂𝒈𝒂𝒂𝒏 𝑯𝒂𝒂 𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒍𝒖𝒖
🛑 5. Yesus Kiristos, dinqii raawwateera
Qur’aanni kanaan wal qabatee akkuma Waadaa Haaraa keessatti dubbatamee jiruun ibse, dinqii baay’ee Yesus Kiristos, hayyama Waaqayyootiin raawwate ifaan ifatti dubbateera. 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮𝗳, suphee irraa waan akka simbirroota uumee; isa keessatti afuufuudhaan eeyyama Rabbiitiin allaattii ta'uu. Dhukkubsattoota, jaamaa fayyisuu, warra du’an deebisee du'aa kaasuu. Haa ta’u malee, dinqiiwwan kun hundi akka mallattoo Nabiyyummaatti kennameef.
𝗛𝘂𝗯; Dinqiiwwan kun hundi Namoota Yesus Kiristos Ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa shakkii qaban amansiisuuf kan kennameefii dha malee, mallattoo waaqummaa hin turre.
● Yesus Kiristos, dinqii fi milikkata hojjate hunda walitti qabee kaayyoo isii yoo ibsu akkana jedha:
" Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba’e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba’u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay’ee dha; 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶𝗻 𝗮𝗻𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂 𝗸𝘂𝗻𝗶𝘀 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝗻𝗮 𝗲𝗿𝗴𝗲 𝗱𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮 𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳 𝗶𝗻 𝗯𝗮'𝗮. Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf
dhugaa ba’eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan."
[Yohannis 5:36-38]
Dabalataan 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀 Kiristos yeroo Namticha 𝗔𝗹𝗮𝗮𝘇𝗮𝗮𝗿 jedhamu du’aa kaasuu gara awwaalichaa deemes akkana jechuun Rabbii isaa kadhate:
“… Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, “Yaa abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝘁𝗶 𝗮𝗻𝗮 𝗲𝗿𝗴𝗶𝘁𝗲 𝗵𝗮𝗮 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗮𝗱𝗵𝗲” jedhe. Kana jedhee sagalee guddaadhaan, “Alaazaar as ba’i!” jedhee
waame. Kanaaf namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu! jedhee isaan abboome.” [Yohannis 11:41-44]
Haala kanaan yoo hin hubatin nabiyyoonni mu’jiizaa (raajii) hojjatan hundis waaqa ta’u.
🛑 6. Yesus Kiristositti, amanuun Muslima ta’uuf ulaagaa dha.
Namni tokko Muslima ta’uuf nabiyyootaa fi ergamtoota hundatti amanuudha qaba. Nabiyyitoota sana keessaa tokko ganuun ykn diduun hunda isaanii ganuu dha. Kanaaf Nabiyyummaa Iisaa (Yesus Kiristos) ganuun, namni tokko Muslima ta’uu dhabuu fida. Yesus Kiristositti amanuun Ulaagaa amantaa Islaamaati waan ta'eef.
🛑 7. Yesus Kiristos, dhufaatii Nabi Muhaammad (SAW) dursee dubbateera.
Qur’aanni Yesus Kiristos dhufaatii Muhaammad dursee akka dubbate ibsa:
وَإِذْ قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَمُبَشِّرًا بِرَسُولٍ يَأْتِي مِن بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَدُ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُم بِالْبَيِّنَاتِ قَالُوا هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ
“Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa] Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.” (Qur'aana 61:6)
Maqaan Ahmad fi Muhammad jedhu hundee jecha Arabaa tokko irraa kan dhufanii fi hundee isaa keessatti maqaa tokko.
🛑 ...
Qabxiileen irraa hafe itti fufa ...
𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮:
© Ifaa Dhugaa
Dhugaa sakattaa'aa, qoradhaa... dhuma irratti eyyama Rabbiitiin haqa irra gahuun keessan hin hafu isniin jedha.
Namni dubbisee xumuree jiru ... ❤
/channel/Rafiiqul_Islaam/892
Mee Namoonni Kiristaana Taatan hundi Keessanuu Deebii Kana Deebisaa??
Channel join @Rafiiqul_Islaam
" Ergamaan keenya Nabi Muhammadis hijaabni dirqama ta'uu akkanaan ibsan, gaafa tokko ergamaan keenya, Asmaa'a intala abuu Bakriin akkana jedhan: Yaa Asmaa'u! dubartiin takka yoo yeroo heydii isii geette, qaama ishee irraa fuulaa fi harka ishee malee qaamni biraa mul'atuun isheef hin ta'u. jedhan. "
(Abuu daawut)
Kutaan itti aanu faayidaalee Hijaabaa kan jedhuu dha.
_____
Maddoota ragaa.
1. Qur'aana Kabajamaa.
2. Macaafa Qulqulluu.
𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻; Ifaa Dhugaa
Namni dubbistee xumurte hunduu ergaa kana ofirra dabarsaa. Jzk ❤
/channel/Rafiiqul_Islaam
Mata duree. “Qur'aana Kabajamaa fi Macaafa Kiristaanotaa keessatti waa'een 𝗛𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 dubbatamuu quba qabduu...?”
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Dura dursoo; osoo mata-duree kana gadi fageenyaan hin ilaalin dura, “ 𝗵𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮 ” jechuun maal jechuu akka ta'e haa ilaallu. Jechi Hijaaba jedhu jecha afaan arabaa yemmuu ta'u, hikkaan isaa ammoo:- “Uffannaa dubartootaa kan bal'aa ta'e, kan rifeensa mataa hanga miila isaanii dhoksu
jechuu dha”.
Jechi 𝗵𝗶𝗷𝗮𝗮𝗯𝗮 jedhu Kakuu moofaa “Oriit” keessatti yeroo 23 irra deddiibiin dubbatamee jira. Kakuu haaraa keessatti immoo iddoo 6 keessatti dubbatamee jira. Qur'aana Kabajamaa keessattis iddoo 7 ol keessatti dubbatamee jira.
● Wantoota amantaaleen 𝘀𝗮𝗺𝗮𝗮𝘄𝗶𝘆𝘆𝗮𝗮 ykn semitic religion hunda (Yahuudummaa, Kiristaanummaa fi Islaamummaan), keessatti RABBIIN dirqama godhe keessaa tokko hijaaba dubartootaati.
Ergaa fi qajeelfamoota Ergamoonni Rabbii ittiin dhufan hunda keessatti, Rabbiin ol ta'e, dubartoonni hijaaba ykn uffata qaama isaanii dhooksu akka uffachuu qaban isaan ajajee jira.
🛑 Kitaaba Kiristaanonni itti amanan, Macaafa Qulqulluu kan jedhamu, (Kakuu moofaa) keessatti haala armaan gadii kanatti waa'een hijaabaa dubbatamee jira.
" Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaqin argitee, gaala irraa buute; yommus isheen hojjetaa ishee fuudhee adeemu sanaan, “Namichi bakkee keessaa as nutti adeemu sun eenyu?” jette; hojjetichis, “Inni ilma gooftaa kootii ti” jedhee deebiseef; kana irratti isheen 𝘀𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗱𝗲."
[Seera Uumama 24:64-65]
𝗦𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗱𝗲, jechuun; Yisihaqin irraa hajjabatte jechuu dha.
" 𝗦𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗮 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝗲 of irraa fuudhii, majii qabadhuu midhaan daaki!
Uffata kee ol soqoladhuu gudeeda kee mul'isii, bishaan keessa adeemi! "
[Isaayaas 47:2]
" Kunoo ati miidhagduu dha yaa hiriyee ko!
Ati miidhagduu dha, iji kees akka ija gugee kuullee dha, innis 𝘀𝗵𝗮𝗮𝘀𝗵𝗶𝗶 𝗮𝘁𝗶 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂 keessaan in mul'ata; rifeensi mataa kee karra re'oota tulluu Giil'aad irraa gad yaa'anii fakkaata; "
[Weedduu Weedduu Caalu 4:1]
🛑 Kakuu Haaraa keessatti immoo haala armaan gadii kanaan akka dubartoonni qaama ishee guutummaatti haguuggachuu fi shaashii mataas (hijaab) uffachuu qaban jabeessee ajaja.
" Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul'ise himtu, yoo 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 dhaabaatte garuu, mataa ishee in salphifti; isheen kun dubartii mataa haaddattee wajjin wal hin caaltu. Egaa dubartiin 𝘆𝗼𝗼 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 dhaabaatte, rifeensa mataa ishee murachuu iyyuu hin yeellaatu, dubartiin sababii malee rifeensa mataa ishee muratte yookiis haaddatte salphachuu yoo jibbite immoo haa 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂. "
[1 Qorontos 11:5-6]
|| haa 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂 jechuun; uffata bal'aa qaama ishee dhooksu haa godhattu jechuu dha, kana jechuun immoo hijaaba haa godhattu jechuu dha.
● Yeroo salaattu (RABBIIN kadhattu) hijaaba uffachuu akka qabdu...
" Dubartiin utuu mataa ishee hin 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗴𝗮𝘁𝗶𝗻 waldaa keessatti Waaqayyoon kadhachuun qajeelaa dhaa ree? Isinumti ofii keessanii faradaa! "
[1 Qorontos 11:13]
" ...Garuu dubartiin rifeensa dheeraa yoo qabaatte, kun isheedhaaf ulfina mitii ree? Rifeensi ishees akka isheen ittiin 𝗴𝗼𝗹𝗴𝗮𝘁𝘁𝘂𝘂𝗳 kennameef. Nama yaada kanaan mormuu barbaaduuf garuu, nuyi, waldoonni Waaqayyoos amala kan biraa hin qabnu. "
[1 Qorontos 11:13-16]
" Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗮𝗮 fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u! "
[1 Ximotewos 2:9]
🛑 Islaamummaan immoo ergaa Rabbii ishee xumuraa fi goolabbii, kan isheen alatti shari'aan biraa RABBIIN bira hin dhufne yemmuu taate, waa'een hijaabaa, suuraalee Qur'aana garagara keessatti bal'inaan irra deddeebiin dhufee jira.
/channel/Rafiiqul_Islaam
Barattoonni Musliimaa Magaalaa Finfinnee Keessatti Barumsa Dhorkaman
Barattoonni Musliimaa Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinneetti argaman, Umer Semeter fi Yekkaatit 23tti haguuggii fuulaa (Niqaaba) uffachuu isaaniif barnoota irraa ari’aman.
Manneen barnoota kanniinitti komii barsiisota tokko tokkoo irraa ka’uun, barattoonni kunneen akka daree barnootaa hin seenne dhorkamanii guyyoota 15 oliif mana barumsaa dhaquu hin dandeenye jedhe maddeen keenya.
Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee dhimma kana gidduu seenuun, murteen akka kennamu gaafateera. Barattoonni kun waggootaaf nagaan barachaa kan turan yoo ta’u, gochi dhiheenya kana raawwatame waldanda’uu hawaasa keessa jiru jeequuf sodaachisaa akka ta’es manni marichaa cimsee dubbateera.
Barattoonni ammallee daree akka hin seenne dhorkamaniiru. Kuni immoo barattoota irratti dhiibbaa cimaa qabaachuu mala, sababiin isaas barnoota isaanii keessatti hirmaachuu dhabuun xiinsammuu fi firii isaanii irratti miidhaa geessisas jedhameera.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa barattoota kana hatattamaan gara barnootaatti akka deebisu Waajjirri Barnootaa magaalattii gaafateera.
Barattoonni sababa niqaabi dhorkameef Maaskii uffatanillee hin danda’amu ofirraa baasaa akka jedhaman barattoonni kunniin gabaasaniiru. Gochi kun sa’atii ammaa hawaasa muslimaa biyyattii mufachiise kan jiru yommuu ta’u gama marsaalee hawaasaa dhaadannoo “Niqaabasees ni uffatti, barnoota isees ni baratti jedhu” dhageessisaa jiru.
Femenistoota dabalatuun hordoftoonni amantaa biroollee “gochi kun gocha mirga namaa sarbuuti” jechuun gocha shamarran muslimaa irratti manneen barnootaa kanniiniin raawwatame qeeqaa jiru.
Abbootiin amantaa gama isaaniitiin gocha kana gocha jibbaati malee dubartiin fuula ishee dhoksuun barachuu ishee hin dhorku jedhaniiru.
Dhimmi kun hanga yoonaatti furmaata kan hin arganne yommuu ta’u hordofuun kan isiniin geenyu ta’a.
@Saahibuddiin28
𝐀𝐊𝐊𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐋𝐎𝐎𝐓𝐀 "𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀"
𝐔𝐌𝐑𝐈𝐈 𝐅𝐈 𝐆𝐔𝐃𝐃𝐈𝐍𝐀 "𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀"
Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.[Suuraa Al-Maa'idaa 5:116]
" Yesus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. "(Marqoos 10: 18)
Qopheessaan: Xaahir Galatoo
/channel/Rafiiqul_Islaam/982
Roondaaldoon gara Islaamummaatti dhufuu barbaada > Waliid Abdullaah
~~~
Waahilli cimaan Roondaaldoofi karra eegaan duraanii kilaba Al-Nasr Waliid Abdullaah urjiin kubbaa miilaa lammii Poortugaal Cristiano Ronaldo Islaamummaa fudhachuu barbaada jedhe.
Odeeffannoon Spider Media n geosuper dabalatee miidiyaalee Idil-addunyaa garaa garaa irraa argate akka mul'isutti karra eegaan duraanii kilaba amma Roondaaldoon keessa taphatuu Al-Nasr Waliid Abdullaah turtii TV tokko waliin taasiseen ''Ronaaldoon Muslima ta'uu barbaada' jedhe
''Waa'ee Islaamummaa bal'inaan Cristiano Ronaldotti himeera, innis fedhii guddaadhaan narraa dhaga'aa ture, salaata dabalatee wantoota bu'uuraa heddu sirnaan bareera, Roondaaldoon taphattoonni inni waliin taphatu yeroo waktiin ga'e akka salataan haalaan jajjabeessa, yeroo tokko tokko osoo leenjisaa waliin taphattoonni shaakala irra jiranii yeroo Azaanni (waamicha gara salaataa) jedhamu Roondaaldoon hanga Azaanni xumuramutti leenjisaan sochii akka dhaabsisuu ni gaafata'' jedhe.
Lokmat, khel fi footboom dabalatee miidiyaaleen hedduunus gabaasa qabiyyeendhuma walfakkaataa baasaniiru.
© Amar Temam
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
𝐇𝐀𝐍𝐆𝐀𝐅𝐀 𝐊𝐈𝐓𝐀𝐀𝐁𝐎𝐓𝐀𝐀
Mata-duree “Macaafni qulqulluun akkamitti boora'uu danda'e?”
"Waaqa Abbaa" kan Isin jettan Maaliif Waaqa abbaa qofa jedhamee waamama? Maaliif Waaqa ilmaa isaan hin jedhamne ?
Kirstaanonni akka jedhanitti Yesuus dur (yeroo hin beekamne) abbaaa isaa irraa dhalate... Yoo akkuma isin jettan Yesuus dur yeroo beekamuu hin dandeenye kan dhalate ta'e isaan laamaanuu duruma jiraataa turan jechuudha. Waaqni abbaa yeroo beekamuu hin dandeenye jiraate. Yesuusis akkumas isaa yeroo beekamuu hin dandeenya jiraate jechuudha. Waaqni abbaa uumaadha. Yesuusis akkuma isaa uumaadha jechuudha. Eega akkas ta'ee, Maaliif Waqa Abbaa, Abba jechuun waamtanii , Waaqa ilmaa(Yesuusiin) Ilma jettanii waamtu ?
Yoo Waaqni abbaa sababa dur( yeroo beekamuu hin dandeenye) jiraateef Waaqa jedhame, Ilmis dur(Yeroo beekamuu hin dandeenye ) jiraatee jira. Yoo abbaa waan hunda danda'e" Ilmis akkuma isaa waan hunda danda'ee" jira. Waan hunda keessatti walfakkaatoo eega ta'anii abbaa fi Ilma jechuun addaan qooduun maaliif barbaachise ? Wanni abbaan ittii ilma irra caalmaa argatee erguu danda'een maalii ?
Wangeela Yohannis 5:24 irratti akka ibsametti Waaqni Yesuusiin erge. Yesuus mataan isaa akkas jechuun dubbatee jira.
"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba."
Kana argaa akkamitti inni ergee fi inni ergame walqixa jette ?
Yoo deebii quubsaa naaf kennuu hin dandeenye akkuma Yesuus jedhetti Yesuus ergamaa Waaqni ege ta'uu amanii jireenya bara bara(jennata) argadhu.
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
16, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀𝐀 𝐀𝐑𝐆𝐀𝐓𝐓𝐔𝐔 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐓𝐔𝐑𝐄𝐄? 𝐀𝐍𝐀𝐓𝐓𝐈𝐌𝐎𝐎 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄?
17, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐍𝐈 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐀𝐓𝐀 𝐆𝐀𝐋𝐔 𝐁𝐀𝐑𝐁𝐀𝐀𝐃𝐔 𝐔𝐋𝐀𝐀𝐆𝐀𝐀𝐋𝐄𝐄 𝐌𝐀𝐀𝐋 𝐆𝐔𝐔𝐓𝐔𝐔 𝐐𝐀𝐁𝐔 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐓𝐔𝐑𝐄𝐄?
18, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐔𝐔𝐅 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐀𝐍𝐈𝐈 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐘𝐀𝐀𝐃𝐀𝐍 𝐈𝐒𝐀𝐀𝐍𝐓𝐔 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐈𝐒𝐑𝐀𝐀'𝐈𝐋𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈?
19, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐅 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄
𝑸𝑨𝑩𝑿𝑰𝑰𝑳𝑬𝑬 𝑴𝑨𝑨𝑳𝑼𝑴𝑴𝑨𝑨 𝒀𝑬𝑺𝑼𝑼𝑺 𝑰𝑩𝑺𝑼 𝑲𝑨𝑵𝑨 𝑯𝑨𝑮𝑨 𝑹𝑨𝑩𝑩𝑰 𝑵𝑼𝑼𝑭 𝑳𝑨𝑨𝑭𝑭𝑰𝑺𝑬𝑬𝑵 𝑳𝑨𝑴𝑴𝑰𝑰𝑾𝑾𝑨𝑵 𝑲𝑬𝑬𝑵𝒀𝑨 𝑲𝑨𝑵 𝑲𝑰𝑹𝑰𝑺𝑻𝑨𝑨𝑵𝑨𝑨 𝑩𝑰𝑹𝑨𝑨𝑵 𝑯𝑨𝑨 𝑮𝑬𝑬𝑵𝒀𝑼𝑼!!
1, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐓𝐀𝐇𝐔𝐔 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐃𝐇𝐀𝐀𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔
2, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐈𝐋𝐌𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀
3, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐈𝐋𝐌𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔
4, 𝐇𝐈𝐃𝐃𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐋𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒 𝐒𝐀𝐍𝐘𝐈𝐈 𝐃𝐀𝐀𝐖𝐈𝐓 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀
5, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐃𝐀𝐍𝐃𝐀'𝐀𝐌𝐍𝐄 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐔𝐔 𝐘𝐎𝐎 𝐅𝐄𝐄𝐓𝐀𝐍.
6, 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄, 𝐈𝐋𝐌𝐈 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀𝐒 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐆𝐄𝐄𝐃𝐃𝐀𝐑𝐀𝐌𝐍𝐄 𝐌𝐈𝐑𝐊𝐀𝐍𝐄𝐄𝐅𝐅𝐀𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐘𝐎𝐎 𝐅𝐄𝐄𝐓𝐀𝐍.
6, 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐇𝐈𝐍 𝐆𝐄𝐄𝐃𝐃𝐀𝐑𝐀𝐌𝐔 𝐇𝐈𝐍 𝐉𝐈𝐉𝐉𝐈𝐈𝐑𝐀𝐌𝐔
7, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐍𝐔 𝐃𝐇𝐎𝐑𝐆𝐀𝐍 𝐊𝐔𝐌𝐀𝐀𝐓𝐀𝐌𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀
8, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐀𝐊𝐊𝐀𝐒𝐔𝐌𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐍𝐔 𝐃𝐇𝐎𝐑𝐆𝐀𝐍 𝐊𝐔𝐌𝐀𝐀𝐓𝐀𝐌𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀
9, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐊𝐔𝐔 𝐌𝐎𝐎𝐅𝐀𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀?
10, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐁𝐑𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀
Isin Kiristaanonni "Waaqayyoo Abbaa, Ilmaa fi Afuurri qulqulluun sadan isaanii tokko" jettan. Isaan sadan kun walta'uun walgargaaranii hojjatu moo ? Adda addaan hojii mataa isaanii hojjatu? Jechuun waan Waaqayyoon abbaa hojjatu ilmaa fi afuurri qulqulluun abbaa gargaaranii hojjatu moo? isaan sadanuu hojii dhuunfaa isaanii kopha kophatti hojjatan qabu ? Yoo wol gargaarii kan hojjatan ta'an kophaa kophaa isaanii Waaqa ta'uu hin danda'an. Sababni isaa immoo Waaqni gargaarsa hin barbaadu. Yoo gargaarsa wolii isaanii hin barbaanne kophaatti kan of danda'an ta'e immoo isaan Waaqa sadii malee Waaqa tokkoo miti. Kana ni mormituu ?
Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
AMANTAA QABAACHUU IYYASUUS
Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk ❤
Mata duree. “Qabxii 10n waa'ee Yesus Kiristos Islaamummaa keessaatti.”
Muslimtoonni Yesusitti ni amanan yeroo jennu Namoota baay'ee ni ajaa'iba. Namni Qur’aana dubbisu Yesus eenyu akka ta’e qofa osoo hin taane, barsiisni isaas maal akka ta'e dafee hubata.
🛑 1. Yesus Kiristos, (nageenyi Rabbii isarra haa jiraatu) Nabiyyoota fi Ergamtoota gurguddoo Islaamaa keessatti argaman keessaa isa tokko.
● Muslimtoonni akka ilma Waaqayyootti osoo hin taane, akka Raajotaa fi Ergamtoota Waaqayyoo gurguddoo keessaa tokko ta’eetti Yesus Kiristositti amanu. Inni qaama sansalata Raajota akka Abrahaam, Nohi, Daawit, Muusaa, fi Muhammad (nageenyi hunda isaanii irratti haa jiraatu) keessaa tokko amanu.
🛑 2. Yesus Kiristos, abbaa malee dinqiidhaan haadha qofa irraa dhalate.
● Qur'aana Boqonnaa 19 keessatti dhalachuu Yesus Kiristos nu yaadachiisa. Dubroo Maariyaam irraa abbaa malee dhalate. Dinqiidhaan dhalachuun isaa mallattoo Waaqummaa isaa osoo hin taane, Raajota Waaqayyoo gurguddoo keessaa tokko ta’ee sadarkaa adda ta’e qabaachuu isaatiif ragaa dha malee.
Qur’aanni dhalachuu Yesus Kiristos uumama Aadam (Addaam) waliin wal bira qaba. Ija Waaqayyootti, Yesus akkuma Addaamti: Inni biyyoo irraa isa uume, “Ta’i” jedheen, innis ni ta’e [Qur'aana3:59].
Nabi Aadam (Addaam) abbaa fi haadha malee uumame Nabiyyii ta'ee hafeera. Haaluma wal fakkaatuun Muslimtootaaf, Yesus Kiristos abbaa malee dhalachuun isaa waaqummaa isaa kan agarsiisu miti.
🛑 3. Inni haala baattoo (daa'imummaa) keessa jiruun dubbate.
Yesus Kiristos, yommuu dhalate Namoonni yeroo sana turan haadha isaa Maariyaamiin ejja (sagaagalummaa) raawwatte jechuun dubbachuu eegalan, himata akkasii irraa ishee baraaruu fi qulqulleessuuf jecha dubbate. Qur’aanni bakka hedduutti akka ibsetti, Yesus Kiristos baattoo keessatti akka dubbatee dha.
{ إِذْ قَالَتِ الْمَلائِكَةُ يَامَرْيَمُ إِنَّ اللّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٍ مِّنْهُ اسْمُهُ الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ وَجِيهًا فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ وَمِنَ الْمُقَرَّبِين وَيُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا وَمِنَ الصَّالِحِين.} [سورة آل عمران:45-46]،
“Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette [yaadadhu]. Daa’imummaafi erga guddateeyis namaan dubbataWarra gaggaarii irraayis ta’a.” [Qur'aana 3:45-46]
{ فَأَشَارَتْ إِلَيْهِ قَالُوا كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي الْمَهْدِ صَبِيًّا قَالَ إِنِّي عَبْدُ اللَّهِ.} [سورة مريم: 29، 30]
“(Isiinis) gara isaatti akeekte [Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan. Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha Rabbiiti. Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira. Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.” (Qur'aana 19:29-31)
● Daa’ima xiqqaa siree keessa jiru ta’ee osoo jiruu dubbate. Durri jechi inni dubbates, “Dhugumatti, 𝗮𝗻𝗶 𝗚𝗮𝗯𝗿𝗶𝗰𝗵𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝘁𝗶. Inni kitaaba naaf kenneera; 𝗻𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗶𝗶𝘀 𝗻𝗮 𝘁𝗮𝗮𝘀𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝗮. Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.”
🛑 4. Qur'aana keessatti boqonnaan guutuun maqaa Maariyaamiin moggaafame jira.
Dubartiin maqaan ifaan Qur’aana keessatti dubbatamte kan haadha Yesus Kiristos Mariyamiin qofaa dha. Qur'aana keessatti
yeroo 34 yoo dubbatamu Macaafa Qulqulluu (Bible) keessatti immoo yeroo 18 qofa dubbatame.
Kana qofa osoo hin taane dubartiin boqonnaan Qur'aanaa guutuun maqaa isheetiin moggaafame ishee qofaa dha. Garuu faallaa kanaa immoo kutaan Macaafa Kiristaanotaa tokkollee kan maqaa Maryamiin kan moggaafame hin jiru.
Seenaan ishee guutummaan Qur'aana keessatti caafameera, garuu boqonnaan 19 dinqiidhaan Yesus Kiristos akka deesse ibsa. Qur’aanni Yesusi ilma Maariyaam jechuun ishee kabajuudhaan waama.
/channel/Rafiiqul_Islaam/891
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Kabajamtoota Hordoftoota Garee Kanaa!
Ani Maqaan Koo Awwal Qaasim Jedhama, Barataa Thiology (Shari'aa) Islaamaati, Yoo Rabbiin Keenya Fedhe Karaa Channel Kanaatiin Barnoota Gaarii Akka Waliif Qoodnu Abdii Qaba.
Wanti Guddaan Nuti Irratti Xiyyeeffannu.
1. Tokkichummaa Uumaa Keenyaati.
2. Bareedina Islaamummaati.
3. Dhugummaa Islaamummaati.
4. Nabiyyummaa Nabiyyii Muhammad صلى الله عليه وسلم.
Kana Irratti Dabalataan Waa'ee Amantiilee Biroos Fedha Rabbiitiin Keessa Deemnee Wal Barsiifna.
Inni Nu Haa Gargaaru!
Channel Ustaaz Awwol Kaasim Deemaatii Join Godhaa Hordofaa Karaa Tiktokiitiin Nama Barnoota Barsiisuudhaan Guyyaa Gyyyaadhaan Nama Gara Islaamumnaatti Fiduun Beekamuudhaa.
Namoonni Tiktokii Fayyadamtan Namni Wollaalu Jira Jedhee Hin Yaaduu.
Booqannaalee Qur'aanaa waa'een hijaabaa keessatti dhufan keessaa muraasa.
{ وَقُل لِّلْمُؤْمِنَاتِ يَغْضُضْنَ مِنْ أَبْصَارِهِنَّ وَيَحْفَظْنَ فُرُوجَهُنَّ وَلَا يُبْدِينَ زِينَتَهُنَّ إِلَّا مَا ظَهَرَ مِنْهَا ۖ وَلْيَضْرِبْنَ بِخُمُرِهِنَّ عَلَىٰ جُيُوبِهِنَّ ۖ وَلَا يُبْدِينَ زِينَتَهُنَّ إِلَّا لِبُعُولَتِهِنَّ أَوْ آبَائِهِنَّ أَوْ آبَاءِ بُعُولَتِهِنَّ أَوْ أَبْنَائِهِنَّ أَوْ أَبْنَاءِ بُعُولَتِهِنَّ أَوْ إِخْوَانِهِنَّ أَوْ بَنِي إِخْوَانِهِنَّ أَوْ بَنِي أَخَوَاتِهِنَّ أَوْ نِسَائِهِنَّ أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُنَّ أَوِ التَّابِعِينَ غَيْرِ أُولِي الْإِرْبَةِ مِنَ الرِّجَالِ أَوِ الطِّفْلِ الَّذِينَ لَمْ يَظْهَرُوا عَلَىٰ عَوْرَاتِ النِّسَاءِ ۖ وَلَا يَضْرِبْنَ بِأَرْجُلِهِنَّ لِيُعْلَمَ مَا يُخْفِينَ مِن زِينَتِهِنَّ ۚ وَتُوبُوا إِلَى اللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ الْمُؤْمِنُونَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ } [سورة النور : 31]،
“ Dubartoota mu’uminootaatiinis “(ija keessan gadi qabadhaa”) jedhi, ija isaanii gadi qabatu; qaama saalaa isaaniis ni tikfatu“Faaya isaaniis isa isaan irraa ofiin mul’ate malee hin mul’isinaa; 𝗵𝗮𝗴𝘂𝘂𝗴𝗮𝗮 isaanii qoma isaaniitti haa uffisanu; miidhagina qaama isaanii dhiirsa isaanii, yookiin abbootii isaanii, yookiin abbootii dhiirsa isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin ilmaan dhiirsa isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleeyyan isaanii, yookiin ilmaan obboleettiiwwan isaanii, yookiin dubartoota isaanii (mu’uminoota ta’an), yookiin gabroota too’annaa isaanii jala jiran, yookiin tajaajiltoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne ta’aniifi yookiin ijoollee qaama saala dubartootaa irratti hin mul’atinitti (hin beekinitti) malee miidhagina isaanii hin mul’isin. Miidhagina isaanii irraa wanti isaan dhoksan akka beekamuuf jecha miila isaaniitiin dachii hin dhiitin. Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa.” jedhiin. ” (Qur'aana 24:31)
● Akka shari'aa Islaamaatti dubartiin RABBitti amantee takka bareeduma qaama ishee Namoota kudha lamman (12) Qur'aana keessatti dubbataman kanaan alatti Namoota baroofii mul'isuu hin qabdu.
Namoota 12 (Suuraa An-Nuur 24:31) keessatti dubbataman isaan armaan gadii kana dha.
1. Dhiirsa ykn abbaa namaa ishee.
2. Haadhaa fi abbaa ishee.
3. Haadhaa fi abbaa dhiirsa ishee.
4. Ilmaan ishee.
5. Ilmaan dhiirsa ishee.
6. Obboleeyyan ishee.
7. Ilmaan obboleeyyan ishee.
8. Ilmaan obbbleettiiwwan ishee.
9. Dubartoota akka ishee, (kan mu'uminootaa)
10. Gabroota too’annaa ishee jala jiran.
11. Tajaajiltoota dhiira irraa ta’an kan fedhii hin qabne.
12. Ijoollee didiqqoo qaama saala ishee irratti hin mul’anne (hin beeke) .
Namoota armaan olitti dubbataman kana qofaaf bareeduma ishee mul'isuun hayyamamaaf.
{ وَقَرْنَ فِي بُيُوتِكُنَّ وَلَا تَبَرَّجْنَ تَبَرُّجَ الْجَاهِلِيَّةِ الْأُولَىٰ ۖ وَأَقِمْنَ الصَّلَاةَ وَآتِينَ الزَّكَاةَ وَأَطِعْنَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ إِنَّمَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيُذْهِبَ عَنكُمُ الرِّجْسَ أَهْلَ الْبَيْتِ وَيُطَهِّرَكُمْ تَطْهِيرًا } [سورة الأحزاب :33]
“ Manneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriittis miidhagina keessan hin mul’isinaa; salaatas sirnaan dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa. Yaa maatii nabiyyichaa! Wanti Rabbiin fedhu xurii isin irraa deemsisee qulqulleessiinsa isin qulqulleessuu fedha.” (Qur'aana 33:33)
{ يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُل لِّأَزْوَاجِكَ وَبَنَاتِكَ وَنِسَاءِ الْمُؤْمِنِينَ يُدْنِينَ عَلَيْهِنَّ مِن جَلَابِيبِهِنَّ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَن يُعْرَفْنَ فَلَا يُؤْذَيْنَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا } [سورة الأحزاب : 59]
“ Yaa nabiyyichaa! “Niitolii keetiin, shamarran keetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.” (Qur'aana 33:59).
ولقد أكد النبي محمد فرضية الحجاب فقال: “يَا أَسْمَاءُ إِنَّ الْمَرْأَةَ إِذَا بَلَغَتْ الْمَحِيضَ لَمْ تَصْلُحْ أَنْ يُرَى مِنْهَا إِلا هَذَا وَهَذَا” – وَأَشَارَ إِلَى وَجْهِهِ وَكَفَّيْهِ (رواه أبو داود)
/channel/Rafiiqul_Islaam
ALLAAH_EESSA JIRA?
KUTAA 2FFAA
#
ALLAAH_EESSA_JIRA?
KUTAA 1FFAA