Boqonnaa akka daawwaatti.
Baay'een gar malee hojjechuudhaan dhukkubsataa of godhu.
Warra akkasiitif boqonnaan, yaaddoo irraa bilisa ta'uu, nyaata gahaa nyaachuufi bishaan gaha dhuguun fayyummaa isaanii bakkatti deebisuun barbaachisadha. Warra sababa walitti fufinsa hojiitif, daangaa cufame keessa jiraachuutiin, biyyoota garaagara daawwachuu baay'isuudhaan sammuufi narvii isaanii dadhabe bakka itti jireenya salphaa, jireenya yaaddoo hin qabne jiraatan, bakka itti uumama waliin walitti siiqanii jiraatan dhaquun baay'ee isaan fayyada. Callisanii dirreefi mukeetii keessa naanna'uun, abaaboo ciranii baachuun, faarfannaa simbirootaa dhaggeeffachuun fayyummaa bakkatti deebisuuf waan kan biraa irra caalaa fayidaa qabeessadha.
Fayyaa hin dhabiina.
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
#PAPPAYYAAN_ULFA_BAASA.
Pappayyaan dhangaalee nyaataa pirootinii karboohaydratii, vitaaminiifi albuudotaan badhadheedha.
Papayas xiqqoon ishee hanga Anniesland kalorii 60 ol maddisiisu danda'a. Vitamin A, C, E,K
Elementoota. Maginisiyeemii, potasiyeemii, Karootinii, fiberii, folate, kopperii, kalsiyeemii, of keessaa qaba.
Fayidaa isaa
1, dhukkuba onnee ittisa.
2. Kolesteroolii ni hir'isa.
3. Ulfaatina hir'isa
4. Farra alagaaa(Immunity) keenya dagaagsa.
5. Fayyaa ija keenyaaf barbaachisaadha.
6. Dhukkuba kaanserii ni ittisa.
7. Sirna bullaa'insa nyaata foyyeessa. Fedhii nyaata dabala, goginsa garaa ni balleessa.
Miidhaa pappayyaan qabu.
1. Ulfa baasa. Gadameessa kontofachiisuudhan micireen(fetus) akka gadameessatti hin maxxanne gochuudhan akka hin uumamne godha. Ykn gadameessa cuunfee muca gad darbata.
2. Garaa cinninaa hamaa, garaa kaasaa, ul tuquufi laphee gubaadhaaf dubartoota saaxila.
3. Rakkoolee hargansuu faana wal qabatan ni hammeessa, fakkeenyaaf asimii, dhiphina hargansuu(shortness of breath and heavy breathing). Qaamni dhidhitahuu, mataa dhukkubiif illee nama saaxila.
Of eeggannoo
1. Dubartiin ulfiifi ulfa'uu barbaaddu akkasumas hoosiftu fayyadamuu hin qabdu.
2. Namoonni dhibee hargansuu qaban of eeggachuu qabu.
Fayyaa hin dhabiina.
Tolasaa Burqaa (psychiatrist)
Barnoota fayyaa waliin wal qabatan biroo argachuuf
Join👎👉🧠🫀🫁
@sammuukoof
@sammuukoof
Baga ayyaana Qilee geessan.
Ayyaana Gammachuufi Tokkumaa jaalalaa isiniif haa ta'u.
Fayyaa Sammuu fayyaa qaama maraati.
Join
@sammuukoof
Sammuukee eenyutu to'ataa jiraa?
Ati addunyaa kanaaf kennaa addaati. Namni si fakkaatu yoo jiraates, namni si bakka bu'u garuu hin jiru. Si qofaatu si ta'ee addunyaa kanarra jiraate darba. Waaqayyoo eenyummaakee akka hubattuuf sammuu xiinxalu, furama rakkoo fiduciary ofiin akka of murteeffattuuf si gargaaruu siif kenneera. Inni si uume baattoofi hirkataa akka ati taatuu utuu barbaadeera ta'ee beekumsaafi dandeettii siif hin kennu ture. Sababiin isaa sammuukee namaaf dabarsitee yoo kennite eenyu akka taate otoo ofi hin bariin duuta.
Sammuukee eenyutu to'ataa jiraa???????????
Maatiikeemoo hiriyaakeetu waan ati hojjechuu qabduuf eeyyama siif kennaa?
Dhugaadha! Eenyummaankeefi Amallikee har'aa waliin jireenya naannookeefi guddisa maatiikeetu si boce. Dhiibbaan isaanii dandeettiikee akka ati hin beekneef ofitti amanamummaa sirraa mulqeera taanaan ofirratti dammaqi.
Fedhiikee, filannookee, miiraakeefi dandeettikee kan beeku Sammuukeeti malee isa namoonni natu sii beeka jedhan miti.
1. Namoonni dhibbantaan 50 hidhaa sodaa maatiifi naannoon isaaniin takaalamanii kaayyoo isaanii irraa kufaniiru.
2. Namoonni dhibbantaan 23 hidhaa anatu siif beeka hiriyootaafi namootaan mul'ata isaanitti ofitti amanamummaa dhabanii garbaa ta'aniiru. namoota sammuun jal'aaf sammuu isaanii kennanii waan hin feene hojjechaa jiraacha jiru.
3. Namoonni dhibbantaan 18 gammaduudhaaf, hojjechuudhaaf, jiraachuudhaaf baala sammuu isaanii hadoochaniifi ho'isaniif sagadanii jiraatu. Sammuu isaanii araadatti yeroo malee waan gurgurataniif addunyaa dhugaa keessa bahanii yeroo hojjechuu qabanitti rafanii yeroo boqochuu qabanitti immoo daandii gubbaa ciisanii maratummaa kadhachaa jiru.
4. Namoonni dhibbantaan 5 dandeettii isaanii wallaalanii namoota ni beeku jedhanii yaadan akkeessuudhaan bu'a fakkeessummaan hirkatanii jiraatu. Waanti isaan hojjettan yaada ofii isaanii utuu hin taanee kalaqa namootaa hatanii gurgurachuudha.
5. Namoonni dhibbantaan 4 waa'ee ofii isaanii ofii murteeffatanii madaalaafi orbitii mataa isaanii irra jiraatu.
Baay'een isaanii dandeetti waaqnii isaaniif Kennetti ofii isaaniif maatii isaanii fayyadanii yoo darban isaan keessa muraasni kalaqaafi tattaafii dhuunfaa isaaniin dhalootaaf galaa gaarii gudunfanii kan darbanidha.
Kanaaf namni hammakee si beeku hin jiru. Ati ofiikeef ofirratti dammaqii of ta'ii jiraadhu.
Guuboo hirkattummaa jalaa bahii dungoo fiddee dhufte addunyaa kanatti bobeessi.
Ati lakkoofsa meeqaffaadha?
Yaadakee barreessi.
Baarreessaan; Tolasaa Burqaa (Ogeessa yaala sammuu) hospitaala sammuu Amaanu'eel irraa.
Maddaa"::kanan dubbise irraa isiniifaan qoode.
Join @sammuukoof
@sammuukoof
"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru"
Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu?
Link kana gadii tuquun join godhaa.
@sammuukoof
Yaadaafi ergaa qabdan
@ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu.
Fayyaa hin dhabiina.
Boqonnaa akka daawwaatti.
Baay'een gar malee hojjechuudhaan dhukkubsataa of godhu.
Warra akkasiitif boqonnaan, yaaddoo irraa bilisa ta'uu, nyaata gahaa nyaachuufi bishaan gaha dhuguun fayyummaa isaanii bakkatti deebisuun barbaachisadha. Warra sababa walitti fufinsa hojiitif, daangaa cufame keessa jiraachuutiin, biyyoota garaagara daawwachuu baay'isuudhaan sammuufi narvii isaanii dadhabe bakka itti jireenya salphaa, jireenya yaaddoo hin qabne jiraatan, bakka itti uumama waliin walitti siiqanii jiraatan dhaquun baay'ee isaan fayyada. Callisanii dirreefi mukeetii keessa naanna'uun, abaaboo ciranii baachuun, faarfannaa simbirootaa dhaggeeffachuun fayyummaa bakkatti deebisuuf waan kan biraa irra caalaa fayidaa qabeessadha.
Fayyaa hin dhabiina.
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
Akkamitti ofitti amanamummaa guddifna?
#How_to_boost_self_confidence?
Nuti kan dhalanneef akka of jibbinuuf miti!,akka of tuffanuufis miti. Namni kamuu gatii qaba. Si bira darbee jiraachuu keetti namoonni gammadan hedduudha!
Kun ta'ee osoo jiruu namoonni hedduun eeddoo gadi aanaa yeroo ofiif laatan ni mul'atu. Ofitti amanamummaan xiqqaachuun waan silaa argachuu qabnu hedduu nu dhabsiisa. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irrattis dhiibbaa guddaa dhaqabsiisa.
Ofitti amanamummaa kee cimsuudhaaf wantoota gochuu qabdu:👇
👉 Ofii keetiif gaarii ofiif ta'i.
👉 Akkuma namoota birootiif eddoo laattu ofii keetiifis eddoo qabaadhu.
👉 Ofii kee jaaladhu,of kunuunsi,ofii keef yaadi. Nama biroo jaalachuudhaaf of jibbuun dirqama miti. Ofis jaalataa nama biroos jaalachuun ni danda'ama.
👉 Ofii kee nama biraa waliin hin madaalin. Karooraa fi galma kee irratti xiyyeeffadhu.
👉 Eenyus guutuu miti. Yeroo yeroodhaan hanga dandeesse of fooyyesuudhaaf yaali malee,guutuu ta'uu qaba jettee of hin dhiphisini.
👉 Namni kamuu dogongora uumuu akka danda'u yaadadhu. kan dogongoru si qofa miti.
👉 Waan jijjiruu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Waanuma hundaa gochuu qaba jettee humnaa fi yeroo kee hin fixini.
👉 Waan si gammachiisu hojjadhu.
👉 Moo'annoo xiqqoo argatte hin tuffatin. Kabajjachaa fi guddifachaa deemi malee.
👉 Ati namoota birootiif nama barbaachistu akka taate hin dagatin.
👉 Namoota ofitti amanamummaa kee akka cimisituuf si gargaaran hiryoomfadhu. namoota abdii si kutachiisan irraa fagaadhu.
🚶Dadhabinna kee ishee xiqqoo ilaaltee of tuffachuu osoo hin taane ciminna kee irratti xiyyeeffadhutii of jabeessi.
🚶 Of hin xiqqeessin.
🚶Sodaa sodaachisi.
OFITTI AMANI🍊
Gaara ofii keetii of irratti ijaarte ofuma keetii diigi!!
Fayyaa hin dhabinaa!!
Join
@sammukoof
"Fayyaan nagaa"?
Fayyaan faayaa! Fayyaan nagaa! fayyaan qabeenya. Fayyaan kennaa Rabbi.
Akka lafti baariiteen Oromoonkoo ollaan gamaagamanaa yaamee "Fayyaa bultanii? Fayyaan nagaa"? Jedhee afaan isaa haxaawata. Jarri duruu beeka, waa malee fayyummaa firaa, ollaafi maatii wal waamanii fayyumaa walii isaanii hin iyyaafanne.
Nama dhukkubaa buleen immoo "Nagaa bultee? Jedhe wal gaafata.
Fayyaan kan walii galaati. Nagaan immoo fayyaa sammuuti.
Namni kutaa qaama biroo dhukkubsatee fayyaa yoo dhabeyyuu nagaa qabaachuu ni danda'a. Nagaan sammuu keessaa burqa. Bu'aa ilaalcha keenyaati. Daddamaqsituu hormoonota sammuu keenyaati. Namni nageenyi isaa jeeqamuu kan danda'u gaafa sammuun isaa jeeqame.
Hamileen fayyuu isaa, abdiin boru jiraachuu isaa, gargartoota isaa galateeffachuudhaaf, hormoononni isaa dadamaqanii seelii du'ee haaressuudhaaf nageenya barbaadu. Namoonni ilaalcha gaarii qaban walakkaan qaama isaaniiyyu yoo citee galateeffattootadha. Fuula isaaniirra gammachuutu dubbifama. Miirri moo'amuu isaan biraa bakka hin qabu.
Hundeen nagaa isaanii sammuun isaanii ammayyuu nagaa waan qabuufi.
Kanaafii Oromoon "Fayyaa bultee? jedhee, nagaa qabdaa"? Jedhee kan gaafatuuf.
Nageenyi fayyaa sammuu ibsa. Karaa biraan "Qaamnikee guutuun fayyaadhaa"? Erga jedhee booda sammuunkee boqonnaa qabaa? Jedhee "Fayyaan sammuukee akkami" akka jechuuti.
Fayyaan sammuu nageenya sammuutiin ibsama.
Yeroo sammuun boqonnaafi gammachuu guutuu qabu.
Isa darbe irraa baratee kan dhufuuf karoorfatu.
Rakkoo guyyaa guyyaaf furmaata bajatu.
Hiree guyyaa guyyaaf Murtoo dabarsu.
Filannoo jireenyaf itti ceephaane filatu.
Ganamaan ka'ee mul'ata abjoote bira gahuuf karoorfatu.
Hariiroo hawwasumaa isaa cimsatu. Kan dabe soroorse, kan kufe kaasee , kan jige ol qabee garraamummaan naannoo isaa tikfatu. Ofirra darbee naannoo isaaf, biyya isaafi sabaa isaaf itti gaafatamumma fudhatu.
Jireenya iftoominaan guuteen namootaa barsiisu.
Kan qabutti galateeffatee kan dhabeef Uumaa kadhatu. nama sammuun isaa nagaa qabu.
Nagaan fayyaa sammuuti. Namni tokko guyyaatti hiriyoota isaa soddomaan nageenya isaanii yoo gaafate akka sammuun isaanii fayyaa ta'e mirkaneeffateera jechuudha.
Namni sammuun dhibame nagaa hin Labsu. Nagaa hin weeddisu . Nageenyi isaa isa hin dhiphisu. Nagaa buusuuf ganamaan fixeensa hin dhugu. Nagaan sammuu keessaa malee qaama 3ffaa irraa hin maddu. Nageenya keessan eeggadha. Nagaan kan warra sammuun fayyaati. Nagaaf fayyaa hin dhabinaa! Nagaa ta'aa!
Join👇@sammuukoof
@sammuukoof
Rakkoo Nameenyummaa(Personality disorders )
Namni akkuma bifti isaa garaagara ta'e amalli isaas waliin adda. Amala tokko tokkoo keenyaa irraatti haalli jiruuf jireenyii naannoo, maatiin nu irraa dhalannee, amalootni nuti dhalootaan arganne, hiriyaa nuti waliin oolluu, waan nyaannuufi waan dhugnu dabalatee amala dhaabbatta addaa adda nu baasuu nuuf uumu.
Amalli dhaabbattaa nuyi waliin guddannuufi jiraannuu, mudannoo guyyaaguyyaatti nu mudatu keessatti deebii nuti kenninu ibsituu namummaa keenyaati.
Namummaa jechuun
Namummaan keenya hariiroo nuti hawwaasa keessatti qabdun madaalama. Dimshaasha malummaa keenyaaf beekamtii kan kennu yeroo baay'ee ani akkasi jechuu keenyaan utuu hin taanee deebii qaamni sadaffaan waa'ee keenya haasahu irratti hundaa'a. Inni akkasi, isheen akkasi. Ebeluun nameenya hin qabu. Ebeluu nama nameenyummaan isaa nama hawwatudha. Jechuun akka hamiitti gurra keenya duubatti haasahamtudha.
Nameenyi kun kan irratti hundaa'u
1. Dandeettii yaaduu keenyaa
2. miira keenyaafi
3. amala nuti guyyaa guyyaan agarsiifnu irratti hundaa'a.
Nameenyi keenyi ilaalcha, miiraa, yaadaa keenya hundaaf deebii nuti hariiroo hawwaasuma keessatti agarsiifnudha.
Namummaan hariiroo hawwaasummaafi jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti yeroo miidhaa fiduu danda'u rakkoo nameenyummaa jedhama.
Akkaata APA (american psychiatric assosation) ibsa kennutti
rakkoo nameenyaa jechuun hariiroo gaarii ta'e maatii, hiriyaafi namoota waliin hojjetaniifi jiraatan waliin hariiroo gaarii uumurakkachuufi dhiphina baramaa isaan mudatuuf to'achuu dadhabuu jechuudha.
Namoonni rakkoo nameenyummaa qaban sochii hawwaasummaa keessatti gammadoo ta'uudhaaf baay'ee rakkatu. Garuu sababii amala isaaniif akka ta'e of hin hubatani.
Yeroo baay'ee duudhaafi aadaa naannoo irraa waan adda ta'e agarsiisaaniif hojiin isaanii hawwaasa keessatis fudhatamoo miti.
Nameenyi irra darbaan turee bulee dhibee sammuu hamaaf isaan saaxiluu danda'a.
Rakkoo nameenyaa kana Kitaabni yaala sammuu walii galaa akkaata wal fakkeenya isanitiin bakka gurguddaa sadiitti qooda.
Isaaniis
1. amala addaa ykn amala of gidduugaleeffatu ( odd or eccenteric behavior )
2. Amalaa fakkeessuu yookan miireessuu( Dramatic or emotional
3. Amala yaaddessuu ykn humna ol dhiphisu. (anxious or fearful behavior
Warreen arman olii kana immoo garaagarumaa isaanii irratti hundaa'uudhan bakka kudhanitti addaan qooda
guutummaasaa argachuuf
@sammuukoof
@sammuukoof
Join godhaa.
Dubartoonni maaliif dhiirota dhiisanii deemuu?
Addunyaa jaalala keessatti dhiirri fi dhalaan walitti dhufeenya jaalala waliin qabaachuun waanta baramaa gulantaa namni hundinuu keessa darbudha.
Haa ta'u malee dhiiroonnis ta'e dubartoonni hedduun hariiroo jaalala keessatti utuu beekaniifi hin beekiin hariiroo gaa'ilaa saala faalla waliin hundeessuun Itti ulfaata.
Sababni guddaan jiru amala dubartoonni ykn dargaggoonni hin jaalanne agarsiisuudhan akka waan nama jibbama gaa'elaaf guutuu hin taaneetti hedduun ofitti amanamummaa dhabuudhaan jireenya qofumma jiraachuu filata.
Kana qofaa osoo hin taanee hariiroo jaalala keessatti irra deddeebi'iin gufachuudhan 'Anaaf namni naaf hin bahu/baatu" jedhanii duuba deebi'uunis rakkoo dargagoota miidha jiru keessaa tokko.
A. Amala dhiirotaa dubartoonni akka baqatan godhan kurnan.
Akka Ogeessonni yaala sammuu jedhanitti, uumaman dhiirri adamsaa yoo ta'u dubartoonni immoo adamfamoodha. Kana jechuun Namni adamoo deemuu tokko milkoome mirgaan galuudhaaf carraaqii, qopheen fi akkamitti adamsuu akka qabu beekuu qaba.
Amala dubartoonni nama gaa'ilaaf barbaadan irraa arguu hin barbaanne
1. nama hanga malee Oftuulu
2. nama ofitti amanamummaa hin qabne.
Akka malee oftuuluunis ta'e miiraa gad aantummaa ofiif qabaachuun ofiin of murteessu dhabuun mallattoo dhukkuba dhibee sammuuti. Kanaaf ofitti amanamummaa madaala isaa eeggate qabaachuun fayyaalessadha.
3. Dhiira hafuuraa nama kutu.
Kana jechuun guyyaatti alkudhan bilbilee ykn barreessee maal nyaatte,maal dhugde, eessa jirta, akkasan ta'e, akkas godhi fikkf boqonnaa ishee dhowwatu. "Jarjaraan re'ee hin horu". Waan hundinuu dangaa yoo qabaate gaariidha.
4. Dhiira naamusa kan hin qabne. Kabaja ati isheefis ta'e hiriyootasheef, hiriyootakeef, namoota naannookee jiraniif kennitu, of kabajjufi ilaalcha ati qabdu of keessatti qabata. Namuusa qabaannan hunda qabda.
5. Waan hin qabne ta'u(reverse psychology).
Utuu jaalattuu akka nama hin jaalannee hin ta'iin. Yoo jaalatta ta'e miirakee sirritti ibsiif. Akka jaalattu Itti agarsiisi malee utuu of fakkeessuuf baqattuu dhabuu dandeessa.
6. Haasakeetti daanga godhi.
Yeroo isheen waan xiyyeefannoo barbaadu sitti haasoftu hin baaciin.
Miira ishee hordofaa taphachiisi.
7. Fedhii saal_qunnamtiif hin jarjariin. Har'a wal bartee boru siree kan qabattu yoo ta'e sana booda carraan deebite arguukee dhiphaadha. Nama gaa'ilaaf barbaaddu yoo ta'e hin aariifatiin miirashee dhaggeefadhu.
8. Nama hinaafuu fi to'annaa baay'isu.
9. Waan hin qabne qaba hin jedhiin. Yoo siin sin barbaanne utuu hin barfatiin haa deemtu.
10. Waan haasooftu ta'i. Namni waan karoorse irratti ejjennoo hin qabne gaa'ila isaa irratti ejjennoo hin qabu.
Kana hunda qabaattee yoo dubarri si dhiiftee deemte
Waaqayyootu dafee si furee baga deemte.
Garagalchi isaa dubartootaafis in ta'a.
Madda: APA rlship before marriage.
©Tolasaa Burqaa
Ogeessa yaala sammuu
Join👇@sammuukoof
@sammuukoof
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
Jireenya dubbisa keessaa!
tuubboofi jallisii_
Dubbisuun maal fayyadaa? Jettee utuu toora miidiyaa kanaa irratti maxxansitee, dubbistoota dursee faayidaa dubbisaa kan siif himu warra yeroo fuula tokko dubbisan ijji isaanii dunuunfachuuf ariifatudha. Kanaaf waa'ee dubbisuufi dubbisiisuu irratti yeroo kiyya qaalii gubuu hin qabu.
Warra dubbistootaaf garuu yaada dhuunfaakoo yeroo hunda taajjabu utuun isiniif qoodee natti tola. Hedduun keessan yoo jaallataniis, muraasa keessaniif dhukkubbii kulkuffannaa isinitti ta'u danda'a.
Kitaaba 1000 dubbisuu dandeessa. jijjiiramni jireenyakee irratti mul'achuu kan danda'u kitaaboota lama dubbiste yoo taate argamtedha malee qola kitaaba hedduu waan ilaalteef miti.
Namoonni abdii kutatan amananii fudhachuun gammachuutti deebi'aniiru. Warri kufan bu'a dubbisuun kufaati isaani walitti ida'anii milkaa'aniiru. Warri gowwoonni baay'ee dubbisuudhan abshaala ta'aniiru. Warri wallaaltonni dubbisuudhan beektotaafi hayyoota dhaloota boriif abdatamu ta'anii argamaniiru. Warri hiyyeessa turan waan dubbisan qabatamaatti jijjiiruun sooressoota ta'aniiru. Bu'aa jireenya dhuunfa isaanii irratti fi naannoo isaanii jijjiiran irratti hundaa'anii dhalootaa qaruuf yaadannoofi muuxannoo isaanii kalaqanii darbaniiru.
Ati garuu dubbisuunkee oduu qofa sitti hammeessee, arrabakee dheeresse malee. Arrabakee gabaabsee sammuukee hin gabbifne.
Rakkinni, kitaaba dubbiftumoo sibira jiraa?
"Macaafni qulqulluun obboleessakee akka lubbuukeetti jaaladhu" jedha jechaa haadhookeef boolla qotaa oolta.
"Quraanni qulqulluun sayibakeef dhiifama godhi" jedha jechaama mancaa baattee hulaa dhaabbattee gumaa bahuuf eeggatta.
Sirna Gadaa utuu beektuu gandummaa leellifta.
Alkooliin fayyaa namaaf gaarii miti jechaa mana farsoof hoteela irra naanna'aa bulta.
Hin qama'in, hin xuuxiin jechaa fuula kameera irraa galagaltee tamboo aarsita.
Jabbadhuu hojjedhu jechaa ofiifee mana bunaa teesse kaartaa taphatta.
Ati tuubbuumoo jallisiidharee?
Akkamitti bu'aan dubbisuu qabataman sirraa mul'achuu didee? Kitaaba ilaalchakee jijjiirutu dhibeemoo situ kitaabicha keessatti waan ofin ilaalleef si fayyaduu dadhabee?
Tarii kitaaba shanan dubbiste san anaaf kitaaba biraa tokko naaf gumaachuu qofaaf waan yaadannoomakee qofa irratti baafteef si jijjiiru didee? Namni baay'ee dubbisuu gad of deebisa ati garuu of tuulta. Namni dubbisu garramiidha. Namoota biroof furmaatadha. Ofirra darbee nama deeggara. Ati garuu namni biraan titiisa sitti fakkata. Namatti murteessuu, kalaqa nama hatuu, kan guddachaa jiru hamilee kutuun, ana malee namni hin jiru jetta. Jireenyikee dhukkuba sammuuf si saaxila jira. Maaliif dubbisuun utuu jireenyakee hin jiisiin si keessa hulluqee? Bishaan jallisii irra yaa'u erga ofiisa dhugee naannoo isaa jiisee bakka biraaf darba. Bu'aan dubbisuu Osoo sin jijjiiriin si keessa hulluqaa jira taanan ati tuubboodha na amani. Garuu jallisii ta'uuf yerookeetti fayyadami.
Galatoomaa!!
@sammuukoof
@sammuukoof
Maaltu dhukkuba gaggabdoo( epilepsy) nutti fidaa?
1. Hirriba dhabuu
2. Hojii dadhabsiisaa dalaguu
3. Dawaa jalqabanii addan kutuu
4. Dhiphina
5. Alkoolii dhuguu
6. Waantoota nama si'eessan ykn sammuu hadhoochaan fayyadamuu
7. Beela'uu
8. Aduu keessa deemuu
9. Nyaata madaalamaa dhabuu
10. Dhukkuboota Narvii sammuu miidhanin qabamuu.
11. Balaa sammuu irra gahu. Buruqqii ykn kufuu
Namoonni dhibee gaggabdoo ykn kuffisoo qabdan wantoota armaan olii irraa of eegadha.
Warri mirrii kuffisuu, of to'achuu dadhabuu, irraanfachuu, of wallaaluu fi dhiphina walirra him citniifi sodaa irra deddeebi'ee sin mudatu hospitalaa deema yaalama. Gorsa fudhadhaa.
@sammuukoof
Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
Читать полностью…Miira saalqunnamtii madaawwaa qabaachuun karaalee fayyuma nama tokkoo murteessan keessaa isa tokko.
Kana jechuun namni saal qunnamtiif fedhii hin qabne rakkoo biraa keessa jiraachuu isaa agarsiisaa jechuudha.
Dhukkubsachuu bira osoo hin gahiin mallattollee hedduminaan namootaa irratti mul’atan kanneen akka mataa dhukkubii, naasuu, dadhabbii fi aarii daqiiqaa muraasaa fedhii salqunnamtii ballessuu ni danda’u.
Kana jechuun sal qunnamtiin miira qabbanaa’aa fi tasgabbii akkasumas fayyummaa qaama keenya kan ibsu, dhukkubbii kan hir’isuufi miira kan qabbaneessuudha.
Gaaffilee armaan gadii keessaa mallattoon lamaafi isaa ol sirratti argamnaan halellaa rakkoo saal qunnamtii keessa jiraachuukee agarsiisaa.
Gaaffilee armaan gadii “EEYYEE” ykn “LAKKI” jechuudhaan deebisi.
1.Sal qunnamtiidhaaf fedhiifi kaka’umsa hin qabu jettee ni yaaddaa?
2.Yeroo waa’ee saal qunnamtii yaadduufi haasooftu keessakeetti ni dhiphattaa?
3.Shaakallii kanaan dura saal qunnamtiif qabduuf ofitti ni gadditaa?
4.Sodaa saal qunnamtiif qabaachuu irraa kan ka’e karaa hin barbaachifneen miirakee ofirraa baastaa?
5.Gaaffii 4f deebiinkee eeyyee yoo ta’e mala kam fayyadamta?
A, Geessee ykn seekkaa fayyadamuu
B, Fiilmii saal qunnamtii ilaaluu(pornography)
C, Haasa bilbilaan ofirraa baasuu(phone sex)
D, Qullaa ykn boca(shape) qaama saalaa faallaa ilaaluudhaan ofirraa baasuu.
E, Qaama saalaa faallaa rukkutuudhaan ykn reebamuudhaan akkasumas uffata jalaa dhuffachuudhaan ofirraa baasuu
F, Kanbiraa yoo ta’e adda baasii
6.Rakkoo dafanii xumuruu(pre ejaculation) si mudatee beektaa?
7.Fedhiin ati saal qunnamtiif qabdu humna olidhaa (ariifataadhaa)?
8.Yeroo saal qunnamtii eegaluuf jettu of to’achuu dadhabuu(dursanii dafquu, dhangalaasuu ykn dadhabuu) fuulli jijjiiramuun irra deddeebiin si qunnamaa?
9.Sal qunnamtii irratti daqiiqaa 1 utuu hin guutiin dhangalaasuu
10.Akka saalqunnamtii rawwatteen booda miirri gaddaa ykn of cheepha’uu si weeraraa?
11.Marsaa tokkoo booda humna dhabuufi ka’uu dhabuu qaama saala akkasumas fedhii dhabuun si mudataa?
12.Saal qunnamtii gahaa raawwachuudhaaf dawwaa ammayyaa ykn kan aadaa fudhattee beektaa?
furmaata isaaf @sammuukoof join godhaa toora irratti nu eega. #psychiatrist
ARAADA (SUUSII) EEGALUUN NAMA GAMMACHIISA.
Oromoon yeroo makmaaku "Bishaan kokkolfaa si nyaata" jedha.
Waanti baay'ee nu hawwatu jalqabni isaa nama gammachiisa.
Kubbaa ilaaluu, dhunguu, filmii wal qunnamtii saala dawwachuu, seekkaan, caatii qaamuun, sigaaraa xuuxuun, alkoolii dhuguun jalqabarra baay'ee nama gammachiisu. Keessikee akka boqotu si godhu, dhiphina yeroo xiqqoof si irraanfachiisuu. Hormooniin doopaminii gammachuu maddisiisuu sammuu keenya keessa dhangala'a. Hagam akka namatti tolu warri suusii jalqabdaniyyuu dhugaa bahaa!
Qo'annaakeefi hojiikee irratti cimaa taata, waan gootu dadhabbii malee gammachuun sitti dhagaahama. Namoonni baay'een Yeroo na barbaachisetti nan dhaaba jedhu.
Hanguma fayyadama deemnu, qaama keenya faana walbaraa deemna. Saa'aatii walakkaa irraa guyyaa walakkaa yoo bashananuu baanee gammachuu jalqaba hin argannu. Amma araada keessa galaa jiraachuu keenya hubanna.
Haguma waliin jiraachuu eegallu hariiroo hawwaasummaa keenya dagachuu eegala. Hojii keenya, hiriyoota keenya, lafa oolmaa keenyafi maatii keenya dagachuu eegalla. Yeroo bal'aa araadaa kennuu nutti tolu eegala. Amma gara araada cimaatti deema jirra jechuudha.
Galgala yeroo manatti galtu "Boruu booda nan dhaaba"! Jetta. Ganama kaatee fayyadamtee of argita. Kiyyoo araadaa keessa galuukee utuma ilaaltuu keessaa bahuun sitti ulfaata. Gammachuun kanaan dura yoo waan barte fayyadamte malee hin jiru. Hojjechufis yaaduuf jiraachuuf hirkattummaan sitti dhagahamuu eegala. Ati araada irraa baqachuu barbaadda inni garuu si arii'ee bakka ati jirtu dhufa. Harkakee qabee hidhaa araadatti gad si gata.
Raagaa akka sitti bahaniif baay'ina waantoota araada si qabsiisanii siif dabala. Mana hidhaa sana keessatti namoota achi keessa jiranirra muuxannoo qooddachaa sadarkaakee guddifatta. Firrikee, hiriyaankee, maatiinkee araada akka dhiiftuu si gorsu hundi diinakeeti.
Tarii isaan gammachuu ati dhamdhamte waan hin argine sitti fakkaata.
Turtii muuraasa booda hidhaa ati keessa jirtu namoonni siif hubachuu dadhabuukeetti gaddita. Gargaarsaaf harka bal'iftus warri mana hidhaa araadaaf garboomuu keessa si basuuf sitti fiigaa turan, amma abdii kutatanii mana isaanitti galanii jiru.
Akka ati gara jabina araadota jalqaba si gammachiisanii irratti barteen gaddi, abdii kutachuun, sodaan, waan hundatti fedhii dhabuun, fedhii nyaata dhabuun, qulqulina ofiif bakka dhabuun tarree galanii sirratti kufu.
Yaala argachuuf keessi boqonnaa hin qabdu. Hiriyaankee nama akka kee hidhaa araadan rakkatudha.
Si yaalchisuuf maatiin abdii sirraa hin qabu.
Kan namni sii hin beekne sodaa ati boriikeef qabdu si hiraarsa.
Haa ta'u iyyuu malee haala kam keessayyuu yoo jiraatte gara eenyummaakee jalqabaatti deebi'uudhaaf gara mana yaala deemi. Ogeessonni ba'aakee sirraa hirmaatan, si waliin karoorsanii si ijjibaachisu.
Furmaata.
Ani hin sirbiin sin hin jedhu garuu of eeggachaa sirbi.
Gammachuukee waantoota argattu irratti akka hundeeffamu hin godhiin gammachuunkee keessakeeti ha burqu.
Hiriyaankee eenyuu? Eenyuu faana akka ooltu eenyu faana akka hojjettu adda baafadhu. Eenyummaakeef dursa kenni. Ejjennookeetti amani.
Sabaabiin isaa Hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa.
Waanti jireenyakee miidhu yeroo gara kee dhufu gammachuu har'a argattu osoo hin taanee wareegama boru jireenyakee keessatti si kanfalchiisa yoo ta'e himata sammuu kee jala akka hin galleef of eeggataa ta'i.
Araada eegaluun nama gammachiisa. Dhumni isaa garuu gadda guddaa fida.
Dhumni keessan haa bareedu lafa nagaa oolaa
Tolasaa Burqaa Hospitaala Amanuu'el irraa.
June 15, 2022
👌join
@sammuukoof
@sammuukoof
Namoonni rakkoo sammuu waliin wal'aansoo wal qabaa jiraattan
Bakka jirtan teessanii ogeessota yaala sammuu mariisisuu ni dandeessu. Keessan nu dubbisaa!
Boqonnaa sammuu hunda keenyaaf
@sammuukoof
Tajaajila Namummaaf dursa kennu.
Barrisaa bara 1993 ture. Biyyi sudaan lola waliinii keessa seente. Lola sana irrattuu dabalatee beela ulfaataatu biyyicha mudate. Sababa lola wal waliinii fi beela ulfaataa irraan kan ka'e beelaa fi waraanni namoota akka baalaa harcaase. Daa'immanii fi haadholiin duuti qaqqabeyyuu akka waan carraa gaariin isaan argateetti ilaalamu turan. Yeroo ulfaataa akkasii keessa gaazexessaa beekamaan Kevin curter jedhamu Afiriikaa kibbaa irraa rakkoo uummatichaa gabaasuuf gara sudaanitti imale. Namichi gaazexessaa suuraa(photo journalist) waan ta'eef xiyyeeffannoonsaa qulqullina suuraa irratti xiyyeeffate. Suurawwan hedduu kaase keessaa suuraa ajaa'ibaa tokkotu isa marare. Suura mucaa beelli ajjeesuuf jennaan baatee lafarra daa'imtee waan nyaataa barbaaddu. Kan dugda duubasheetiin immoo ruumichi mucattii nyaachuuf qophaaye qubatee ishee eegaa jiru. Bara 1994 gaazexessaan kun suura kana warra Dhaabbata maxxansaa beekamaa NEW YORK TIMES jedhamuuf kenne. Jarri suura sana maxxansitee rakkoo biyyi sudaan keessa jirtu ittiin saaxilte. Namoota baayyeefis gargaarsi namoomaa akka argamu ta'e. Gaazeexessaan sun sababa kanaaf Addunyaa irratti beekame. Tuuta gaazexeessitoota adda addaafis deemee waa'ee suuraa sana ibsa kennuu eegale. Badhaasa beekamaas ittiin argate. Guyyoota keessaa garuu gaaftokko utuu inni tuuta gaazeexessitootaaf ibsa kennuu gaazexessaa biraan gaaffii gaafate. Suura baayyee gaarii rakkoo uummati sun keessa jiru ibsu kaasuukeef sin ajaa'ibsiifadha, garuu daa'ima sana oolchiteettamoo Ruumicha nyaachifte? ittiin jedhe. Kevin Curter yeroo sanaa ka'ee qormaata qorqalbii keessa gale. Ammas waltajjii biraa irrattis gaaffiidhuma kana gaafatame. Sababa kanaaf ceephoo sammuu isaatii jalaa ba'uu dadhabee ganna 33ffaa isaatti of ajjeese.
Ati'oo yoo gaaffiin akkasii siif dhiyaate deebii qabdaa? Gaaffiin waaqayyoos akkuma kana lubbuu sana oolchiteettaa kan jedhuudha. Waaqayyo Addunyaa kanarraa nama caalaa qabeenya qaalii hin qabu. Qabeenyi Waaqayyo lafa kanarraa qabu ,kan inni barbaachaaf gara dachee kanaa dhufe nama qofa. Isin xiyyeeffannoon keessan maali, namamoo qabeenya? Namamoo taayitaadha? Namamoo fayyidaadha? namummaaf dursa kenni. namummaan haa dursu # join @sammuukoof @sammuukoof via Girmayee Baayisaa
Namoonni sababa lolaatiin mana isaanii buqqa’anii buufata keessa jiraataan miidhaa akkamiitu isaan dhaqqabaa?
Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti fayyaa jechuun dhukkuba dhabuu qofa osoo hin taane; guutummaatti qaamaan, sammuun, Hafuuraan fayyaa ta’uu fi hawaasa waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu jechuudha.
QAAMAAN
1.Bishaanifi nyaata qulqullina qabu, bakka jireenyaaf hin mijanneefi baay’inaan walitti tutaan yeroo jiraatu dhukkuboota daddarboofi hin daddarbiin kamiifiyyuu saaxilamaadha.
2.Waraana keessatti qaama miidhamaa ta’uu ni danda’u.
SAMMUUDHAAN
1.Dararriifi dhiphinni hamma kana osoo irra gahuu sammuudhaan fayyaa ta’a jedhaanii yaaduun rakkisaadha.
2.Miidhamni har’a sammuu irra gahu boru dhukkuba ta’a
HAAFUURAAN
1.Namni sammuun isaa boqonnaa kan argatu uumaa isaa kadhatuufi galateeffatudha.
2.Namni uuma isaa irraa adda bahee sammuu dhiphateen yaaduu abdii boru jiraachuu hin qabu.
HAWWAASUMMAA
1. Maatiin kan du’ee kan faffaca’ee kan lubbuun jiru walitti deebi’ee isa du’eef boohee imimmaan miira isaa hin obbaafatu.
2.Aadaan waliin jireenya uummata sana bakkuma jirutti irraanfatama. Walitti dhufeenyi hawwaasummaa jeeqamaa wal shakkuufi kabaja wal owwachuutu uummata keessatti baay’ata.
Walumaa galatti uummanni sababa lolaan buqqa’an yoo gargaarsa namoomaa argatanii bakka jalqabaatti hin deebine carraan isaan qaban dhukkubaan dararamuu, xiinsammuu, hawwaasummaafi sammuudhaan waxalamuudha.
Kun immoo dinaagdee biyyaa kuffisuu irra darbee dhaloota haaraa horachuun kan hin yaadamne ta’a.
Keessattuu dargaggoonni hojii hannaa, gudeeddaa, sammichaa, gocha aadaafi duudhaa hawwaasummaa diiguu irratti yoo gurmaa’aan dhaloonni guutummatti boru manca’uu danda’a.
Waliin taanee balaa dhufu jalaa dhaloota haa baraarruu
@sammuukoof
Tolasaa Burqaa
Yoo boossees sin dhiisuu siin irraanfatamu.
Dukkanni keessakoo ormatti hin himamu.
Erga nama du’ee boonyee hin awwaallannee
Horii mooraa keessaa tikseen irraa bannee
Manguddoon qee’ee isaarratti erga kabajamnee
Maatiin faffaca’e erga wali hin argannee
Immimmaan harmoolii huurse lolaa ta’ee
Aduun hurkisiiste hurkee samii bahee
Haatii goota deessee utuu mararamtuu
Harmii gogaa ta’ee kan kennitu dhabduu
Aabboon mararamee harka qubaa nyaachaa
Imimmaan gogaa boohee keessatti hirqifachaa
Awwaluudhaaf baatee erga ofiikee duutee
Du’a oolchuuf jettee erga mormatti citee
Utuu daa’imakee rasaasni haleeluu
Mannikee gubatee cileen si waraanuu
Waan uffattus dhabdee qaamnikee injiraanu
Dessuu ciniinfattee erga yaala dhabdee
Ciniinsuun dheeratee si harkatti gaggabdee
Abbaakeef haadhakee rasaasan gubanii
Daa’ima harma hin guunne qofaa hambisanii
daa’imti haadha duutee yommuu ciisee hodhu
Harma gogaa harkisaa yeroo ciisee boohu
Abbaaf haadhaa ta’uun yeroo jibbisiisu
Aduun lixxee bahuun yeroo shakkisiisu
Erga dhala namatti ardiin dukkanaa’ee
Ayyaantummaan ganama erga mardoo ta’ee
Qe’eekee irraa baqattee karatti erga duutee
Maatii guutuu dhabdee harka duwwaatti haftee
Boru hireen kee maalii yoo birraan bariitee
Balaa hundarra tartee erga har’a geessee
Galbii namaa bulaa qorri si ajeessee
Hiixattee kennitee erga hiixata dhabdee
mar’imaankee qooree waan ciniintu dhabdee
Diina jalaa dheessuuf jilbi si laaffatee
Maaliniyyuu hin ibsuu dararakeetu hammaatee
Maal ta’a waaqayyo dafee si yaadatee
Sodaa Andurree(Elurophobia)
Manni ciree guutee bakki taa’umsaa guuteera.
nuu taa'uuf bakka dhabne ija faffacaasa jiru, harka facaasee dargageessi bareedaan tokko halaala harka nutti mirmirse. As kootta akka jechuuti. Firoon bilbilasaa gurra irraa buusee akka nama kaballaf qophaa'eetti harka diriirfatee ilkaanif ijaan seeqa itti utalee hudhee qabe ofitti ammate dheerinni isaani walqixxannan "ijoollee kana abbaa tokko dhalchee?" jechaa suutuma itti siiqeen nagaadhaa? jedheen. "Abdii jedhama wal bari ogeessa baankiitti" naan jennaan anis Tolasaa nan jedhan Ogeessa yaala sammuuti jedheen, Nagaa ho’aa waliif kenninee boodaa harka dhiqannee sadii taanee ciree keenya waliin ciruu eegalle. Al- lama afaan akkuma kawwanneen miijala jalaan Andurreen mana sana nyaata kajeelu utuu inni hin argiin luka Abdiitti buute darbite. Abdiin nyaata sana of harkaa facaasee ol utaalee gad deebi’e. ni raafame, ni hollate, qaama isaa irraa dafqi akka bishaanii roobe, ija babaasee fajajee hafe, onneen isaa utaaluuf karaa dhabe laphee dhiitaa jira. Dubbachuuf harki isaa ni hollata. Afuurri isaa keessa haratee bahuuf ciccitaa jira. Hiddoonni dhiiga isaa isaa googaa dhiibanii ol bahaniiruu. Ijji isaa diimaate dhiiga uffatee. Kirkirsuun qaama isaa nyaata minjala irra garagalchuu gahe. Firoomsaan faana wareere ol kaanaan anis ka’een waan godhu wallaalee faana dhaabadhe. Andurreen sun achii as deebinaan ol utaalee minjala irra dhaabatee cabse. Namni manicha keessa jiru nyaata dhiisee didichee qajeele. Amma maaltu akka ta’aa jiru waanan hubadheef dafeen harka isaa qabee gara mana qulqulinaatti(To toilet ) isaa fudhadhee deeme. Namoonni achi jiraan diraaman hojjetamaa jiru isaaniif hin galle, hatattamaan mana sana keessa fudhannee baanee, lafa qofniitti baafnee qilleensa akka inni fudhatuuf jajjabeessine. Yeroo laanneef. Hargansuu daqiiqaa aaqiiqaa shan booda gara yaada isaatti deebi’ee of bare. “Akkam nagaakeetii” jedhe Firoomsaan, “Nagaakooti sin jeequukoof dhiifama, ani handurree baay’een sodaadha. Ijoollumaakooti utuu ani dhaabadhee ilaaluu mucaa sireerra jiru hantuutta itti fakkaattee qaama saala mucaa ollaa keenyaa harkiiftee irraa cuffatte. Erga gaafasii mana handurreen jirtu hin bulu. Qaamni saalaa kiyyaa illee yoo isheen yaadakoo keessa dhufte torbee tokkof na Hadooda. Maaloo furmaata isaa utuu naaf himtanii isin ogeessota yaala sammuu waan taataniif malee namatti himeen beeku” jedhe imimmaan harcaasee walitti qabate.
Kana booda bilbilaan hojii manaa siif kenninu qabna. Yoo kanaan si dide furmaata biraa itti barbaanna jennee adda baane. Hoji manaa footoon Fi gochaan deggarame nuuf ergaa Turtii ji’a afurii booddee shaggaritti deebinee wal arginee.
Suura Andurree giiphii kiyya keessa baasee kenninaafin na harkaa fuudhee natti kolfe. Galanni keessan natti dadhabdaniif hin badiin malee amma durba bareedduu malee homaa hin sodaadhu jedhee seeqee taphachuutti kaa'e.
bal'inaan Kitaabaa Fayyaa sammuu keessatti yeroo dhiyootti eeggadhaa!
Tolasaa Burqaa,(Ogeessa yaala sammuu) Hospitaala Amaanu'el irraa. sadaasa 05, 2015
@sammuukoof
@sammuukoof
Sodaa hawwasaa
Ganama akkan biiroo seenen jalqaba uffata danbii koo uffadha. Itti aansee waraqaaleen ittiin tajaajila kennu marti akka jiranan mirkaneeffadha. Sana booda, galmee maamiltootaa akka inni toora qabatee jiruun waameen tajaajila kennuu eegala. Har'a galmeen jalqabarratti na mudate kan barattuu kutaa 11ffaati. Akkuma ol seente teessuma qabatteen maqaa koo fi gahee hojiikoo himeefitan odeeffannoo dhuunfaa ishee ( Demographic data) fudhachuu eegale.
Ergan odeeffannoo barbaadu argadheen booda, rakkoo ishee mudaten itti aanse. Rakkoo ishee ibsuuf otuma rakkattuu, rakkoo ishee ibsattu malee furmaanni akka hin jirre waan beektu qofaaf akkana jechuun eegalte. ''Baran jiraadhe keessatti wantootni nama sodaachisan danuun akka jiran hubadheera garuu, waan akka nama fuuldura dhaabatanii haasa'a gochuu nama sodaachisu waan jiru natti hin fakkaatu. Namoota walitti qabaman dura dhaabbadhee dubbachuurra du'an filadha. Otoon hima lama wal hin qabsiisin dafqi qaaruu koorraa akka burqituu gannaa lol'a. Namni achi taa'u marti waayee koo waan haasa'an fakkaatee natti mul'ata. Qaanin na dhidhimsee garaan koo na boora'a. Sagaleen koo akka nama lubbuun keessaa bahaa jirtuutti humna dhabee yarata. Qaamni koo marti akka nama busaan qabeetti na ollata. Deeffuu natti guddisee ol na deebisiisa.'' Jechuudhaan itti fufte...
''Sababa kanaan barrin daree barnootaa koorraa hafee waggaa tokko irra deebi'e jira. Fala dhabnaanan gara keessan dhufe'' jettee haasawa ishee xumurte. Rakkoon kun si qofa kan mudate miti. Namoonni baayyeen namoota walitti qabaman duratti haasawa gochuuf ni rakkatu. Rakkoon akkanaa kun sodaa humnaa olii namoota duratti hasawa taasisuu dadhabuu(Social anxiety disorder(SAD)) jedhama. Namoonni hedduun rakkoo akkanaa qabu jechuun ammoo rakkoon kun furmaata hin qabu jechuu miti. Furmaanni isaa inni guddaan shaakala gochuu yoo ta'u, kutaa sammuu keenyaa kan sirna sodaa too'atu Amagdaalla qorichaan tasgabbeessunis ni danda'ama.
Wanti beekuu qabdu garuu, namoonni addunyaa keenyarratti haasawa hawwaasaaf (Public speech) gurguddaa taasisuun beekaman yeroo wayiitti rakkoo akka kanaa kan qaban danuu turan. Falmitoota mirga dhala namaa kan ta'an #King , #Gaandii fi #Maandeellaan rakkoo akka kanaan rakkachaa turan. Yeroo booda garuu shaakala taasisaniin namoota haasawaan isaanii dorgomaa hin qabne ta'uu danda'aniiru. Keessattuu #Maandeellaan haasawa isaa ''I am prepared to die'' jedhuun addunyaa booji'ee, haasawa jaarraa 20ffaa keessa dorgomaa hin qabnes jedhameera. Maal kana qofa, namoota hamoo addunyaa keenyaa kan akka #Hitilar fi #Mosoloniiyyuu namoota rakkoo akka keen rakkataa turan yoon siin jedhu na amantaa? Eeyyeen namoonni ija jabeessa turan kuni rakkoo sodaa guddaa namoota fuulduratti dubbachuu qabu turan. Booda irra garuu shaakalaan sirreeffatanii ija jaboo addunyaa kanaa ta'an.
Atis yoo shaakaltee fi fooy'iinsaaf of kennite,gorsituu hawaasaa fi dubbattuu dubbiin miidhagu, kan miliyoononni luka kee jala taa'aanii si dhaggeeffachuuf hawwan akka taatu dhibbaan dhibbattan amana. Beellama itti aanutti ammoo malaa fi tooftaalee itti fayyadamtun fakkeenyaan dabaalee si eega, ammaaf qoricha eegaluurra mala shaakalaa kanaan yaalutu siif gaaridha. Jedheen maamilakoo beellama biraan gaggeesse.
Tolasaa Badhaadhaatin
( Mental health and psychosocial support team,unicef)
@Siifjedhee
@sammuukoof
Jalqaba ati maraadhu!
Hogganaa (manager) artistichaati. Waltajjii irratti akkamiin qalbii daawwataa akka hatu gaafa gorsu akkas jedheeni, "Yeroo waltajjiitti baatu dursii daqiiqaa shaniif maraadhu. Yeroo sana namni hundi rifatee si ilaaluun, 'kun xuuxee ykn qama'eetu dhufe. Maali maraataan kun?'jedhanii afaan qabatanii si ilaalu."jedheen. Artistichis qalbiin isa caqasuu itti fufe.
"Daqiiqaa shan booda garuu haalli ni jijjiirama. Warri siin maraatuu jedhan hundi qalbii guutuun si ilaalu. Siif ajajamu. Waan ati jette hunda raawwatu. Dura si qofatu maraatee, amma garuu isaan hunduu maraataniiru. Mana sana keessaa si qofaatu fayyaadha. Isaan hunda irratti kan aangoo qabu si tokkicha." Jedhee gorse. Weellisaan sunis qajeelfama kana fudhatee waltajjii bahee itti milkaa'e. Hogganaa Artist Qamar Yuusuuf tu akkanaan gorsee ture.
Namni gaafa yaada haaraan hawwaasatti dhufu maraatuu ta'a. Amaluma namaa ta'ee, namni hedduun waan haaraa ni sodaata. Yaada haaraa, argannoofi beekumsa addaa gaafa dhaga'u naasuun kirkiruun baramaadha. Gaaf sana waltajjii sana irratti ati maraatuu taata. Yeroon booda muraasni si dhaga'u. Adaduma yaadnikee fudhatamaa, hedduu qalbii butaa deemu ati fayyaa taata. Isaanimmoo maraatuu kaleessa jedhan san ta'u.
Addunyaa kana irratti hayyoonni yaada haaraa, falaasonni, hundeessitoonni amantii, qorattoonnifi bu'uuressitoonni biyyaa gaafa yaada hawwaasni hin beekneen dhufan jalqaba maraataa, dhuma irratti goota jedhamu.
Akkanatti addunyaan beekumsa, wixineefi ogummaa hedduutti madaqxe.
Gaafa waan haaraa qabattee as baatu hin raafamin. Namni hedduun hin beeku jechuun sirrii miti jechuu miti. Hedduun si mormuun yaadichatu kufaadha jechuun dura isaantu hin hubannes ta'uu mala.
Eeyyee! Yaada haaraan gaafa waltajjii hawwaasaatti baatu, jalqaba ati maraataadha. Booda garuu isaanis yaadakeen booji'amanii maraataa siin jedhan ta'u. Warruma santu maqaakee jijjiiree goota sin jedha. Seenaa himtuun kees isaan ta'uu mala.
Kanaafuu jalqaba ati maraadhu. Booda gaafa isaans akkakee maraatan, qalbiin isaan gaggeessi.
Kaayyoo!
©Galataa Tsaggaa Naggasaa (Abbaa Milkii)
Araada tamboo aarsuu
Biyyota baay’ee keessatti itti fayyadamni tamboo hir’isaa jira. Haa ta’u malee biyyoota muraasa keessatti itti fayyadamni isaa ol ka’aa jira. Addumaan immoo tamboon dargaggoota biratti beekamadha. Nikootinii araada nama qabsiisuufi amala kana akka hin dhiifne nama gochuuf humna guddaa qaba. Yoo tamboo xuuxuu dhiisuu barbaadde armaan gadiitti qabxiilee sadarkaadhaan kaa’aman hordofi.
1.Amalakee qori
Fedhii xuuxuu akka dabalu kan godhu haalli ykn waanti addaa maaltu jiraa? Haala kana irra deebi’ii ilaaliiti waan sana dhabamsiisi, yookiin ittin mormuuf qophaa’i
2.Hiriyootakee waliin ciree gaarii nyaadhuu. Qofummaa dhabamsiisi.
Naannoo haaraa barbaadi. Sagantakee, mareekee bakka dur itti argamtu jijjiiri. Naannoo si boqochiisuufi nageenya qabu keessatti hirmaadhu.
3.Michootaafi maatiikee itti dabali.
Xuuxuu akka dhaabde hunduma isaanitti himi. Isaan si gagaaruu. Yoo siif dandaa’ame nama dhiisuuf barbaadu kan biraa qunnami. Yeroo argitu immoo jajjabina ni kennitas, ni fudhattas
4.Nyaatakeef of eegannoo godhi.
Araada irraa hiikamuun fuduraaleefi kuduraalee baay’ee wajjin deemuu qaba. Bishaan baay’ee cuunfa loomii waliin dhugi. Kun qaamakee keessa nikootinii balleessa. Fedhii ati tamboodhaaf qabdu suuta suuta gadi buusa.
5.Sochii qaamaa
Sochiin qaama gadda yeroo araada irraa hiikaman namatti dhufu irra nama bashannansiisa. Yaada qajeelaas ni jajjabeessa. Ganama utuu ciree hin nyaatiin sochii qaama taasisuu hin dagatiin. sochiin qaama ofiisaatiyyuu keessikee guyyaa guutuu akka gammaduufi si’aa’u si godha.
6.Ofiikee badhaasi.
Maallaqa tamboo xuuxuu dhiisuukeetin walitti qabdeen waan jaallattu tokko bitadhu. Fakkeenyaaf uffata ykn kophee, yoo feetee bakka biraa deemtee bashannanuu.
7.Kallatti hafuura irraa gargaarsa barbaadi. Araada kan qaban namoonni baay’een sadarkaa kanatti xiyyeeffannoo kennuu dhiisuudhaan yaalii isaanii keessatti utuu hin milkaa’iin hafu. Amala kana moo’achuudhaaf humna akka argattutti, akka nama michuu isaatti himuutti waaqayyoon kadhadhu. Rabbiikeetti michoomi boqonnaa guutuu akka argattuuf.
join 👉@sammuukoof
👉@sammuukoof
ANI MAALIIFAN UUMAMEE?
Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?
Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.
Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyootakee onnachiisi. Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.
©Tolasaa Burqaatiin
Join👎
@sammuukoof
Fedhiin namaa hedduu
Qabeenyaan duroomuu
Konkolaataa bitee
Yoo fedhe ittiin deemuu
Durummaan akkanaa
Eessaa hin gahu yoomuu
Siif haa kennu rabbii
Sammuudhaan duroomuu
👌👌👌👌👌👌👌👌
Qaama namaa muree
Kan iddootti deebisuu
Gamoo ol ijaaree
Kan faayee bareessuu
Miidiyaa Addunyaan
Kan walqunnamsiisuu
Kun bu'aa sammuutii
Kam kaaseen Kam dhiisuu ....................
Utubduu qaama namaa
Sammuudha jedhamaa
Hojiin biyya lafaa
Isaan hojjetamaa
Foormulaan jireenyaa
Sammuun katabamaa
Waan xiqqoo hin see'iin
Sammuunkee waan hunda
Warqee eebbifamaa
******""**"""""****
Haa eeggannu sammuu
Waan isa miidhuurraa
Yoo inni jiraate
Adunyaan Wal barraa
Yoo hin taane garuu
Ofiin of dararraa
Tikfadhu sammuukee
Araada hundumaarraa
Sammuukee daawwitii
Keessatti of ilaalaa
Sammuun hunda caala.
©Moonenus Tashoomee
Ogeessa yaala sammuu(Msc)
@sammuukoof
"Mee qalbeeffadhaa yaa ijoolleekoo!"
[Muddee 29, 2014
(Imala Harar gara Haramaayaa)]
Buufata konkolaataa kan Harar irraa gara Haramaayaa geessu gahuuf, mooraa keenyaa bahee daqiiqaa shan darbaa hindeemne. Akkuman achi gaheen, "Kan guutetu jira koottu seeni" naan jedhe tokko. Gargaaraa konkolaachisaa ta'uu isaati. "Tole," jedhee yeroon seenu, kan anumaafi konkolaachisaa qofaatu keessa jira ta'e. 'Konkolaatichi namuma lama qofaan guutaa?' jechuuf anaa qophaa'u, namni sadaffaan jimaa miikkaan marame bobaa jala godhatee jiru tokko olseene. Jarjaree jira. "Haboo shufeeraa, nu oofikaa! Sa'aan araaraa gahuuf jira. Nu oofikaa, ta'uu baannaan irraan bu'a," jechaa ija isaa konkolaachisaa sanarra asiif achi oofe. Shufeerris jimaa afaan keessa jiru edda gaggeessuun booda, afaan isaa saaqqate. "Anaaf jettu bu'uu dandeessa. Si qofaatu imala seetee? Maal kun...Sin fe'uyyuu,....narraa bu'i,...wallaayi ani sin fe'u....hin deemuyyuu,...dirqamaan na oofsiftaa? Dafii narraa narraa bu'i!" Yeroo konkolaachisichi akkanaa jedhuun, hammi aaruu namicha ittuu dabale. "Yoo dhiira taate koottuu keessaa na buusi. Tolan deema seetemoo? Qarshii kootiinan imalaa jira bar. Maal kun narraa hin usuuyi!... Ilma haadha..." jedhee arraba filee itti deebise. Yoon ilaalu, jarri lamaanuu dubbi barbaadanii jiru. Akka waan dura dubbii walirraa qabanii yookaan manaa dubbii gudunfatanii bahanii fakkaatu. Kanaafan irraa bu'ee, konkolaataa biraa kan guutuuf jedhe tokkon, imala deemsa gara Haramaayaa jalqabe.
Buufatichaa kaanee akkuma Araattanyaa geenyeen, shamarran lama na cina taa'anii jiran irraa hasahaa jabaa tokkotu gurra na seene. Tokkotu tokkon akkana jetti; "Maali hammana 'makeup' ofitti baay'isuun? Nama biraa natti fakkaattehoo yaa saayibaa!" Anis carraa kanatti fayyadamee yoon sirriitti ishee ilaalu, rifeensi kan gamaa dhufedha, gogaan fuulaafi kan harkaa garagara tasumayyuu wal hinbeekani, nyaarri nyaara nam-tolcheeti, qeensi harkaafi miilaa akkana kuulamuuf yeroon baay'ee akka irratti badeeru dubbata.
Haati 'makeup' dabaree ishee dubbachuutti kaate. "Dhiyoo kana raadiyooniin osoo waa dubbattuun dhagahe. Isa hojiirra oolchuuttan jira. Kanaafan itti yaadee akkana miidhagee manaa bahe. Maal jedha seete raadiyoonichi, 'dhalaan tokko kan isheen dhiira harka ishee keessa galfachuu dandeessu yoo sirriitti of kuultedha. Dhiirri waan dhagahurra waan argutti amana. Kanaafuu of kuuluun dirqama. Faallaa kanaammoo, dhalaan waan argiturra waan dhageessutti amanti. Kanaafi kan dhiirri dhalaa tokko boji'uuf, dhugaas haata'u soba walitti qabee baay'ee haasahu' jedha raadiyoonichi" jettiin ishee tokkon. Yeroo kana kolfa qabachuu dadhabe.
Osoo akkanaan jirruu Awwadaayi geenye. Awwadaayi jechuun eegaa, Baha Oromiyaatti, magaalaa wiirtuu daldaalaa kan taate, Harariifi Haramayaa jidduutti kan argamtudha. "Awwadaayi namni bu'u jiraa?" jedhe gargaaraan konkolaachisaa. Aayyoon tokko, kan nu duuba taa'aa turan bu'uuf jedhani. Aayyoon kun, haasahaa shamarree sana lamaanii sirriitti hordofaa turaniiru. Kanaafi kan dhuma irratti akkana jedhanii bu'ani; "Dhiirri dhalaa booji'uuf jecha sobuufi dhalaan jaalatamuuf jecha qaama rabbi bareechee kenneefi gulaaltu tokko. Lamaanuu boruuf hinta'ani. Sobniifi fakkeessuun laga nama hinceesisu. Anaan umuriin waan hedduu na barsiistee jirti; kanatus na kakkaase. Mee qalbeeffadhaa yaa ilmaankoo!" Aayyoo!
Akkanaan aayyoon bu'ani. Keenya garuu, deemsi ittuma fufe.
Imala daandii Harar gara Haramaayaa irratti.
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
Amajjii 9, 2022
Adaree Biyyoo, Orofrikaa
@Orobook