voaafaanoromo | Unsorted

Telegram-канал voaafaanoromo - VOA Afaan Oromoo

27554

ODUULE VOA AFAAN OROMOO [Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti ] hubadhu. 🅿 Yaada @admiinii_bot

Subscribe to a channel

VOA Afaan Oromoo

Cinaa keessatti namoonni 200 ta’an ajjeefamuu jiraattonnii fi angawoonni ibsanii Jiru. Obbo Geetachoo Raddaa gama isaaniin soba jedhan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/cinaa-keessatti-namoonni-ajjeefamuu-jiraattonnii-fi-angawoonni-ibsan/6217863.html

Gondar kaabaa aanaa Daabat keessatti kan argamtu ganda baadiyaa Cinaa Tekilehaayimaanoot jedhamtu keessatti hidhattoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) namoota nagaa 200 ol ajeesuu isaanii mootummaan Itiyoopiyaa, kanneen miidhaan irra ga’ee fi jiraattonni ijaan arguu isaanii dubbatan ibsanii jiru.  




Hidhattoonni ABUT gandattii keessa yeroo itti turan guyyaa shan keessatti manaa mana deemuun namoota nagaa ajjeesan jechuun jiraattonni ijaan argine jedhan dubbatanii jiru.  


Gama biraan dhaabbattonni oduu Rooyitarsii fi Asosheetid prees humnoota Tigraay jechuun kan waaman fi mootummaan Itiyoopiyaa shorokeessaa jechuun kan moggaase hidhattoota ABUT, guyyoota darban keessa injifatamuu isaan mudate booda, namoota nagaa 120 ol ajjeesuu isaaanii angawoota naannoo maqaa dha’uun gabaasanii jiru.   


Ajjeechaan kun baatilee darban kudhaniif wal waraansa geggeessame keessatti fixiinsa akkaan suukaneessaa raawwate ta’uu Asosheetid Prees ibsee jira.   


Gama kaaniin looltonni Tigraay siviiloota 120 ganda cinaa jedhamtu keessatti ajjeesan jechuun kan dhaabbatii oduu Rooytars gabaasee dubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)  kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa soba jechuun har’a dhaamsaTwitarii ofii irratti barreessaniin beeksisanii jiru. 


Looltonni Tigraay Hagayya 26 fi 27 Daabaat keessatti uummata jumlaan fixan jechuun aangawoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa himannaa dhiyeessan Obbo Geetaachoon soba jedhanii gama kaaniin gabaasa Rooytars ilaalchisuun Tigraay dhiyaa keessatti uummata walittiqabanii fixuu fi dubartoota gudeeduu dhaqqabe jedhaniif bulchiinsa nannoo Amaaraa deebisanii himatan. 


 


Looltoonni keenya siviiloota ajjeesan jechuun himannaa dhiyaatee soba aka ta’e cimsinee dubbanna kan jedhan Obbo Geetaachoon, yakkonni gaggeeffaman jedhaman qaama walaba ta’een akka qoratamuuf irra deebinee gaafanna jechuun dhaamsa Twitarii isaanii irratti gaafatan. 


Iddowwan to’annaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)  jala jiran keessattis qorannaan akka gaggeeffamuuf haala kan miijeessan ta’u ibsuun oduun mirkanii hin qabne ittiin jedhan Kun dhugaa ta’u hin danda’uu jedhanii jiran. 


 


Gabaasa Asteer Misgaanaaw Baahir Baar irraa ergiite caqasaa. 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Prezidaant Baaydin Uummata Isaaniif Haasawaa Godhanii Jiran
https://www.voaafaanoromoo.com/a/loltoonni-yunaayitid-isteetis-afgaanistaan-keessaa-gadhiisan/6081308.html

Looltonni Yunaaytid Isteetes warri dhumaa kaleessa Afgaanistaan keessaa gadhisanii eega ba’an akkasumas, duullii waraanaa waggaa lamaaf gaggeeffamee xumuura eega argatee Taalebaan aangoo qabatee booda, prezidaant Joo Baaydin har’a uummata Amerikaaf haasawaa dhageesisuuf jiru. 


Prezidaan Baaydin ibsa gabaabaa Wiixata kaleessaa kennaniin, humnootiin Amerikaa Hagayya 31 booda Afgaanistaan keessa akka hin turre maaliif akka murteessan ibsuuf jiru. 


Prezidaant Baaydin fi miseensoonni bulchiinsa isaanii  torbanneeniif  yoo yeroo dabalataaf waraanni Afgaanistaan keessa turuu danda’ee jechuun mari’ataa turan. 


Lammiwwan Amerikaa fi kan Afgaanistaan hedduminaan gamasii baasuun soda nageenyaa qabatamaa jiruun kana gochuun bu’aa fi miidhaa inni dhaqqabsiisuu irratti dubbataa turan. 


 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

ABUT Haleellaa Geesisuun Ibsamee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/seena-qabeessa-bataskaana-medihaaniyaalem-cecehoo/6081294.html

Seena qabeessa kan ta’e Bataskaannii Medihaniyaaleemii kan Ceceehootti argamu hidhattonni TPLF kaleessa galgala meeshaalee waraanaa gurguddaan daddabalanii dhukaasuun balaa irraan ga’u itti gaafatamaan waldaa Sanaa ykn Dabrii Sanaa ibsanii jiru. 


Mootummaan Federaalaa shoroorkeessaa dha jechuun kan ramadee TPLF kanneen hogganananii fi humnootii Tigraay kanneen ofiin jedhaniif dubbii himaan isaanii torban kana ibsa kennaniin, hidhattonni isaanii Ambaa seenaa irra miidhaa kan hin dhaqqabsiifne ta’u dubbatan jechuun gabaafamuu Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti. 


 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Amerikaan Namoota Xayyaaraan Afgaanistaan keessaa baasuuf Carraaqqiin Gochaa Jirtu Sadarkaa Maalii Irra Jira?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6079343.html

Yunaayitid Isteetes, namoota Afgaanistaan keessaa baasuuf carraaqqiin gootuu fi waraana ishee deebifachuuf yeroon kenname torban kana keessa ennaa xumuramaa jirutti murtiilee Prezidaant Joo Baayiden dabarsan danqaalee ciccimoo tu mudataa jira. Qeeqawwan dhihaatanii fi haleellaa Kaabul keessatti lubbuu loltoota Yunaayitid isteets fi lammiwan Afghaanistaan nagaa galaafate ilaalchisee Misheel Kuwii gabaasteetti.






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Ajjeechaa Jumlaa ABUT Naannoo Amaaraatti Raaw’ate Jedhame Bakka-bu’aan Dhaabichaa Ni Haalan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ajjeechaa-jumlaa-abut-naannoo/6014744.html

Mootummaan shorokeessummaan kan himatee fi mootummaan federaalaa dhabamuu isaa fi aangoon kan bulchiinsa yeroo ti jedhu, ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jechuun qaamni of waamu, gaazixaan biyya Inglizii Ze Telegraafjedhamu gabaasa baaseef torban darbe deebii kenneen, gocha gara jabinaa siiviloota irratti raawwatamu kamiinuu shakkii tokko malee kan balaaleffatu ibsuu dhaan, gabaasa ze telegraaf kan hundee hin qabaanne irratti himannaa dhiyaate haaluu isaa ibsee jira.


Ibsi sun itti dabaluu dhaan himannaalee naannoo Amaaraa keessatti siivilota irratti yakki raawwate jedhames, tokkummaa mootummootaan kan moggaafame qaamni walabaa akka qulqulleessu gaafatee jira. 


Ze Telegraaf torbee barruu maxxanseen, hidhattoonni TPLF naannoo Amaaraa godina Walloo kaabaa keessatti gandeen qonnaan bulaa meeshaa gurguddaan haleele jechuun gabaase. Keessumaa naannoo Agamsa jedhamu guutummaan barbadeesse jechuun miidhaan sun hagam akka ta’e tarreessee jira. 


Gaazixaan sun loltoonni TPLF manaa mana irra naanna’uu dhaan jiraattota ajjeesaniiru, mana qubaniiru jechuun ibsee jira. Namoonni loltoota TPLFn ajjeefaman dhibbaan laka’amu jedhee jira. Gocha tuqame kana kanneen miidhaan irra ga’e haasofsiisuu dhaan, kana duraa fi haleellaa raawwatame jedhame booda suraa saatelaayitii wal bira qabuun mirkaneessuu isaa gaazixaan sun gabaaseera.  


TPLF kana kan raawwate, wal waraansi naannoo sana utuu hin jiraatin, ta’e jedhee uummaticha ijaa ba’uuf jedha gaazixaan sun. dubbi himaan mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gizaachoo Muluneh torban darbe gaazixeessotaaf ibsa kennaniin, naannoon isaanii TPLF Agamsaa fi naannoo isaa irratti haleellaa fi ajjeechaa jamaa raawwate jedhan hawaasa addunyaatti beeksisuuf socho’aa jiraachuu ibsanii jiran.  


Gabaasa Telegraaf kanaa fi himannaa mootummaa naannoo Amaaraaf deebii akka kennaniif waahilli keenya sagantaa Afaan Tigree Betree Silxaan ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jedhee kan of waamuuf bakka bu’aa Ameerikaa kaabaa kan jedhaman Ambaasaadder Fissehaa Asgedoomiin bilbilaan dubbisee jira. Namootu hiikee dhiyeessa. 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Barreessaa Muummee Tokkummaa Mootummootaa: Marii Siyaasaa Itiyoophiyaa Jalqabuudhaaf Haalli Miijessamuu Qaba
https://av.voanews.com/clips/VAO/2021/08/20/93a5413e-08eb-4fbf-a3d7-c48fa9916940_48k.mp3

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Mootummaan Benishaangul Gumuz Hidhattoota Hidha Laga Abbayaa Haleeluuf Karoorfatan Irratti Tarkaanfii Fudhadhe, Jedha 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6007500.html

Biiroon Ijaarsa Nagaa fi Tasgabbii naannoo Benishaangul Gumuz, hidhattoota Sosochii Bilisummaa Diimookiraasii Uummata Gumuz (GUHDEN) fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) 170 ol  tahan, jedhu irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.  


 Hoogganaan biiroo kanaa Obbo Abiyoot Albooroo VOAf ibsa kennaniin, “hidhattootni kunneen osoo Hidha Haaromsaa, ka laga Abbayaarratti haleellaa raawwachuuf jedhan humnoonni nageenyaa mootummaa tarkaanfiin irratti fudhate,” jedhan.   


Ibsa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuz kanaaf gama hidhattoota GUHDEN irraa deebii argachuuf yaaliin haga ammaatti goone hin milkioofne. Gama ABUT irraa bakka-bu’oonni gaafatan immoo, “kun oduu dharaa ti” jedhan.  






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Beneshaanguul Gumuuz Keessatti Angawoonni To'annaa Jala Oolanii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5717652.html

Manni maree bulchiinsa naannoo Beneshaanguul Gumuuz gumii ariifachisaa guyyaa lamaaf gaggeesseen miseensoota isaa 4 irraa mirga akka hin himatamnee qabaataa turan irraa mulqee jira.


Isaanis Obbo Adagoo Amsaayaa, Obbo Shifarraa Calliboo, Obbo Girmaa Manii fo Obbo Araggaa Baalbiid yoo ta'an yeroo ammaa to'annaa jala ooluun isaanii ibsamee jira.


Akka hin himatamneef mirgi qaban akka irraa kaafamuuf kan gaafatee abba alangaa mummicha yoo ta'u gaaffii kanas manni maree naannichaa sagalee guutuun raggaasisuu afyaa;iin mana maree Obbo Taaddalaa Tarrafaa ibsanii jiru.


Tarkaanfiin kun kanumaan akka hin dhaabannee ta'u ibsanii guyyaa har'a ganama aanaa Dibaaxee ganda Zigii keessatti hidhattonni Gumuuz nama lama ajjeesanii tokko madeessuu isaanii dubbatan.


Gareen mummicha ministeeraaa Abiyyi Ahmadiin hundeeffame kan aangawoota sarkaa olaanaa kan mootummaa fi ajajajoota waraanaa   keessa jiran godiina Matakkal keessatti hojii seera eegsisuu guutummaan jalqabuun ibsameera.


Gabaasa Guutuu Caqasaa






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Godiina Matakkal Keessatti Kanneen Baatileef Hidhaman Seera Duratti Hin Dhiyaatiin Jiru: Maatii
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5717564.html

Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal aanolee garaa garaa keessatti, namoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin deggersa gootu jechuun baatiiwwan hedduuf murtoo mana murtii tokko malee hidhamuu, maatiin hidhamtootaa keessaa hagi tokko ibsan.


Komishiniin Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz gama isaan, Godina Matakkal keessaa namoonni murtoo malee hidhamanii jiran 1137 tahuu ibsee, ragaa Qindeessuun mana murtiitti dhiyeessuuf haal nageenya godinaa keessaatu danqaa tahe jedha.


Hidhattoota Mootummaan ABO Shanee jedhee waamu deggeruun wal qabatee namoonni hidhamanis jiru jechuun Komishinarri Itti Aanaa Komishinii Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Komaandar Misgaanaaw Injifataa ibsanii jiru.


Gabaasa Guutuu Caqasaa.






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Yakki Seera Sadarkaa Addunyaa Cabsan Tigraay Keessatti Raawwatamuu Gabaasi Isa Ga’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5717515.html

Komiishinerittiin ol aantuun dhimma mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa  Michele Bachelet, Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessatti namoota nagaa irratti dhiittaan mirga namaa raawwataa jiraachuu, kaanis yakka waraanaa ta’uu waan maluuf haalli siivilotaa hedduu yaaddessaa ta’uu akeekkachiisan.  






Bakka hedduu quunnamtiin waan hin jiraanneef himannaalee kana qorachuu akkasumas Tigraay keessa kan jiru dararaan dhala namaa hagam akka ta’e addaan baasuun rakkisaa ta’ee jira. Haala jiru gamaaggamuu, siiviilotaaf eegumsa gohuu fi yakkamtoota yakka dalagan murtiitti dhiyeessuuf qorattoonni mirga namaa walaBaa naannoo sana dhorkaa tokko malee akka seenan tokkummaa mootummootaatti hooggantuun dhimma mirga namaa Michelle  Bachelet gaafataniiru. 


Dubbi himtuun komiishinerichaa Liz Throssel akka jedhanitti waajjirri dhimma mirga namaa seerri gargaarsa namoomaa kan sadaraa addunyaa fi miga namaa gareelee walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaataniin cabuu isaa kan agarsiisan odeeffannoon hedduu argateera jedhan. 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Weerarri Awwaannisaa Akka Haaraatti Ka'e
https://www.voaafaanoromoo.com/a/weerarri-awwaannisaa-akka-haaraatti-ka-e/5716290.html

Oromiyaa godinoota 6 keessatti weerarri Awwaannisaa akka haaraatti ka'e, yoo ta'u godinoota Baalee fi Baalee Bahaa hedduminaan weeraruu isaa biroon Qonaa fi Qabeenya Uumamaa kan Oromiyaa beeksisee jira.


Homaa Awwaannisa kana qolachuufis xiyyaara qoricha biifuun degaramuun duulli taasifamaa akka jirus himamee jira.


Gabaasa Muktaar Jamaal Caqasaa






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Barii Lafaa Foddaa Mana Koo Cabsanii Bombii Mana Keessatti Darbatan. Ilmii Koo Ajjeefamee kaan Keenya Madoofne: Jiraattuu Godina Matakkal
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5716313.html

Bulchiinsa naannoo Benishaanguul Gumuuz godina Matakkal, aanaa Bulan,ganda Kujii keessatti torban darbee namoonni 200 ol ajjeefamuun ni yaadatama.


Jiraattuu ganda Kujii kan ta'an Aaddee Izibaayee Araggaa akka jedhanti Roobii darbee jechuun Mudee 23 bara 2020 barii sa'a 12 irratti sagalee dhukaasaa dhaga'aa turre. Sana booda hidhattonni foddaa mana koo cabsanii bombii mana  keessatti darbatan jedhan.


Yeroo sana mana ofii keessa ijoollee isaanii 6 waliin akka turan kan ibsan addee Izibaayee, ilmii isaanii umriin 17 battalumatti ajjeefamuu fi ofii isaanii waliin ijoolleen lama madaa'uu dubbatan.


Yeroo amma ijoollee isaanii hafan 5 waliin mana obboleessa abba manaa isaanii tti baqatanii akka jiran, iddoo dur jiraataa turanti deebi'uuf sodaa akka qaban ibsan.Abbaan warraa Oneeg Shanee deggerta jedhamuun hidhaa keessa akkamjiranis ibsan.


Gama kaaniin achuuma dhalataa godiina Matakkal kan ta'an ogeessa seeraa Obbo Tamasgeen Gammachuu  Dibaaxee irraaa  akka nu ibsanti, rakkoon Mattakal keessaa waggaa lama dura bulchiinsa naannoo Amaaraa  bakka Jaawwii jedhamtuutti namoonni Gumuuz 200 ta'an ajjeefamuu fi sana booda warri hafan gara bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuuzti dheessuu dubbatu.


Kanaaf jecha tarkaanfiin  Gumuuz fudhatan kan haaloo ba'iinsaa a'u, keessumaa baatilee darban 3 keessatti jarreen Gumuuz hedduun bosonatti galuu ibsan.


Haala adda ta'een fixiinsa torban darbee dhaqqabeef sababaa, aangawoonni bulchiinsa naannoo lameenii gama midiyaan jechoota hamaa walitti darbataa jirantu qooda qaba jedhu. 


Kanaaf jecha mootummaan Federaalaa gam lameenii irraa warra waan dubbataniif itti gaafatamoo ta'an seera duratti dhiyeessuun, warra Gumuuz kanneen bosonatti galan deebi'anii akka hawaasatti dabalam gochuun sana booda mariin furamuu qaba jedhu.


Kanaan ala gam tokko irratti qofa tarkaanfiin fudhatamu furmaata hin ta'u jedhu Obbo Tamasgeen Gammachuu.


Gaaffii Deebii Gaggeeffame caqasaa.






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Filannoo Itoophiyaan Itti Deemtu Irratti Xinxala Hayyootaa

Website: https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713633.html


Paartileen siyaasa morkattootaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an tokko tokko filannoo walii galaa kan Itoophiyaan bara 2013tti geggeessuuf karoorfatte dursuun mootummaan geggeessitootaa fi miseensota paartilee siyaasaa hidhaman hiikuu qaba” jechuun komii dhiyeessan irratti hayyoota Saayinsii Siyaasaafi Seeraa dubbisneerra.


Hayyoota dubbisne keessaa“Filannoo gaggeessitootni fi miseensotni paartilee Siyaasaa morkattootaa osoo hidhaa jiranii adeemsifamu waan amanamaa hin taaneef, dhimmi Namoota hidhamanii mana murtii bilisaan qoratamuu qaba” jedhan. 


“Kanneen hidhaman Namoota ykn gareewwan malee paartii siyaasaa waan hin taaneef, paartileen caasaawwan isaanii hanga gajjallaa jiran fayyadamuun, filannoof qophaa’uu qabu” kan jedhanis jiru xiinxala isaaniin.


Gabaasa Naakoor Malkaa caqasaa
~~~~~
➪@voaAfaanOromo

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Gargaarsaaf Kan Iyyatan Ta'uus Waan Kenninuuf Hin Qabnu: Bulchiinsa Daanshaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713601.html

Raayyaa ittisa biyyaa fi humnootii adda ABUT giddutti wal waraansa gaggeeffameen kan ka'e guyyaa tokko dura buufata qonnaa ABUT kan Kibaaboo Hiwoot jedhamu irraa godaanuu kan dubbatan lammiwwan Itiyoophiyaa gargaarsa dhala namaa dhabuun kan ka'e rakkoof saaxilamuu isaanii dubbataa jiru.


Bulchiinsii yeroo kan Daanshaa akka jedhutti magaala keessa akka buufatan gochuun gargaarsa akka argatan gochuuf meeqa akka ta'an barree fannoo dimaa beeksiifna jedha.


Nutis kan nutti kennamee waajiira duwwaa waan ta'eef bajata hin qabnu waan ta'eef jara kana deebisnee dhaabuuf dandeetti hin qabnu jedha bulchiinsii yeroo kan magaalaa Daanshaa

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Baqattoonni Tigraay Kannee Sudaan Keessaa Qe’ee Ofiitti Deebi’uuf Haalli Jiru Amansiisaa Miti Jedhu
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/25/cdaa9af1-d588-4cea-b865-3feab37a523e_48k.mp3

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Itiyoophiyaan Mootummaa Haaraa Hundeessuuf Jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/mana-maree-paarlaamaa-itiyoopiyaa/6081290.html

Fuulbaana 24 bara 20214 mootummaa haaraan kan hundeeffamu ta’uu manni marii bakka bu’ootaa kan Itiyoophiyaa ibsee jira. Kanaafis bifa ammaayyaan gaggeessuuf akka danda’amuutti maanuwaalii qajeelfamaa gargaaruu qopheessuu isaa beeksiise. 


Af yaa’iin  mana maree bakka bu’oota uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo qophii kanaaf gaggefefamaa jiru kan ilaaleen ibsa kan kennan yoo ta’u, akka heera biyyattitti dhuma baatii Fulbaanaa guyyaa Wiixata jiru irratti kun gaggeeffama. 


Waxabajjii 14 bara 2013 filannoo gaggefefamee irraa ba’ii filannoo argamee irratti hundaa’uun, haallii itti gaggeefamuuf deemsii seeraa akka jiruus ibsan. 


Kanaan cinattis manni marii kun akkaataan hojii gaggeeffamuu bifa ammayyaa akka qabaatuu gochuuf akkaataa hojii irratti oolchan qophaa’uun ibsamee jira.Gama kaaniin manni maree kun sirna hordoffii fi to’annaa bifa ammayyaa akka qabaatu gochuuf caasaan dandeesisuu qophaa’uun ibsamee jira.Kanaafis qiyyaafannaan mootummaa adda kan baasee sirnii jabaa fi to’annaa jabaa qabu akka hojii irra ooluu dubbatan. 


  

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Looltoonni Biyya Alaa Afgaanistaan Keessaa Ba'u Taaliibaan Gammachisee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hoogganaa-talibaan-afgaanistaan-kabul/6081301.html

Kan Yunaaytid Isteetsiin hogganaman humnootiin biyya alaa Afgaanistaan keessaa ba’u isaanii Taalibaan har’a kan kabaje yoo ta’u kunis weerartootaaf baruumsa ta’a jedhee jira. 


Garu Yunaaytid Isteetesii fi hawaasa addunyaa kanneen biroo waliin hariiroo gaarii  qabaachuu akka fedhan dubbatan. 


Dubbii himaa olaanaan kan Taaliibaan Zaabiullah Mujaahid dirree xayyaarri lafa xayyaarri irraa furguggifamuu irratti oduu gabaastotaaf akka ibsanti, humnootiin Amerikaan hogganaman ba’uun injiifannoo hunda keenyaa waan ta’eef Afgaanistaan baga gammaddee jedhan.Garu Taaliibaan attamiin biyyatti bulchuuf akka jiru yaada xiqqoo kennan. 


Garee humnootii Baadrii jedhamaniin kan marfamanii ibsa kennaa turan dubbii himaan olaanaan kan Taalibaan kun, lammiwwan Afgaanistaan gar malee hin sodaachisinaa jechuun humnoota achii turanti dubbatan. 


Uummata Afgaanistaan haala naamusaa fi haala gaariin keessummeessaa, Uummanni argachuu kan qabuus kana ittiin jedhan.Kana malees isiin tajaajiiltoota uummataa ta’u keessan yaadachuun, uummata keessan irratti human jabaa hin gargaaramiinaa jedhanii jiran. 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Barataa Yunivarsitii Finfinnee Konkolaataa Faayidaa Adda Addaa Kennu Kalaqe
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dargaggoo-yuniversitii-finfinnee-fedhii-kalaquu/6079315.html

Dargaggoo Shihaab Suleymaan barataa Yuuniversitii Finfinnee wagga lammaffaa ti. Fedhii waa kalaquu qabu irraa kan ka’e haga ammaatti bu’aalee kalaqoota adda addaa haga dhibbaatti tilmaaman akka qabu dubbata. Dhiyeenyas konkolaataa dhimma gara garaaf oola jedhee yaade hojjechuu isaa himee, “yeroo waggaa tokkoo gadiitti oomisha isaa jalqabnee, gabaaf dhiheessina,” jedha – Shihaab Sulemaan.


Dhiheenya waa’ee muuxannoo hojii isaa kana gabaasaa keenya, Galmoo Daawwititti himee jira; akka itti aanutti dhiyaata. 






 


 


 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Mummichi Ministeeraa Abiy Ahmad Imaltuu Xumuruun Biyyatti Deebi'anii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/muummicha-ministeera-abiy-ahmad/6079326.html

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahmad dhuma torban dabree irra biyyoota Afrikaa gama bahaa fi giddu galeessaa keessatti dawwannaa gaggeessaniin dhimmoota adda addaa irratti marii kan gaggeeessan ta’uun ibsamee jira.


Mariin prezidaantoota Ugaandaa fi Ruwaandaa waliin mummichi ministeera Abiy Ahmad gaggeessan marii biyyoota gidduu, kan kutaa fi kan addunyaa irratti kan qiyyaafate ta'uun ibsamee jira.




 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Bokkaan Cimaan Itiyoophiyaa Keessatti Balaa Adda Addaa Akka Fiduu Malu Himame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/bokkaan-cimaan-itiyoophiyaa-keessatti-balaa--fiduu-mala-/6012519.html

Bokkaan ganna kana keessa Itiyoophiyaa keessati rooba jiru midhaalee adda adda akka geessisuu malu Dhaabbati Meetriyoolojii biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisaa jira.


Naannoolee lageen Awaas fi Abbayaa lolaa bishaaniif saaxilamoo tahan, Oromiyaa Bahaa fi Walakkeessaa, Naannoo Amaaraa Lixaa fi naannoo Kibbaa keesaatti guyyoota kurnan dhufan bokkaan cimaan roobuuf jira, jedha dhaabbatichi.


Gabaasaa guutuu caqasaa. 






 


 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Barreessaa Muummee Tokkummaa Mootummootaa: Marii Siyaasaa Itiyoophiyaa Jalqabuudhaaf Haalli Miijessamuu Qaba 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/barreessaa-muummee-tokkummaa-mootummootaa-ibsa-kennan/6010395.html

Guyyaa gargaarsa namoomaa Adduunyaa Hagayyaa 19, 2021 yaadatamee oole sababeeffachuudhaan barreessaan muunmeen Tokkummaa Mootummootaa, Antooniyoo Guterez, tuta presiif ibsa kennanii jiran.  


Dhimmoota ijoo isaan ibsa kana irratti kaasan keessaa tokko haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti mul’ataa jiru.  


Uummatni Itiyoophiyaa hedduu gidirfame, jechuun ka jalqaban hoogganaan Tokkummaa Mootummootaa, “waraansaan furmaatni hin dhufu hin jiru,” jechuun hubachiisan.


Gabaasaa guutuu caqasaa






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Finfinneetti Jandoon Cimaan Cabbii Makatee Roobe Lubbuu fi Qabeenyaarra Miidhaa Geessise 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/finfinneetti-jandoon-cimaan-lubbuu-galaafate/6007473.html

Finfinee keessatti jandoon cimaan cabiidhaan wal-makee roobe, lubuu namootaa fi qabeenya irra balaa geessisuu isaa Komoshiniin Geggeessa Hojii Sodaa Balaa Ibiddaa abiddaa Magaalaa Finfinee beekisisee jira. 


Hanga gabaasaan kun qindaa’etti kutaa magaalaa NefaaSilk Laaftoo,   Seeminarii Waldaa Makkaane Yesuus keessatii namoonnii 8 akka du’an beekamee jira. Akka Prezidaantiin Waldaa Makaane Yesuus, Lubi Yoonaas Yigazuu jedhanitti abbootii warraa 18 irra balaan dhaqqabee jira. 






 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Godiina Matakkal Keessatti Kanneen Baatileef Hidhaman Seera Duratti Hin Dhiyaatiin Jiru: Maatii
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/29/bf82125b-3c2b-4d0a-b7b4-5a7cd76fe27d_48k.mp3

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Yakki Seera Sadarkaa Addunyaa Cabsan Tigraay Keessatti Raawwatamuu Gabaasi Isa Ga’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/29/098aebe8-3b52-4e61-a094-2976b0af96e1_48k.mp3

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Weerarri Awwaannisaa Akka Haaraatti Ka'e
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/28/8ca71799-44a8-4063-a02f-0fd281237f6a_48k.mp3

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Barii Lafaa Foddaa Mana Koo Cabsanii Bombii Mana Keessatti Darbatan.Ilmii Koo Ajjeefamee kaan Keenya Madoofne:Jiraattuu Godiina Matakkal
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/28/a709cd5c-d128-426b-b4d3-958b0a4756e2_48k.mp3

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Filannoo Itoophiyaan Itti Deemtu Irratti Xinxala Hayyootaa

~~~~~
➪@voaAfaanOromo

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

"Matakkal Anaanaa Bulan Keessatti Uummanni Godaanuuf Dirqamee Gargaarsa Eeggataa Jira"
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713611.html

Godiina Matakkal anaanaa Bulan ganda Kojji keessatti haleellaa gaggeeffameen namoota manaa fi qe'e ofii irraa goodaananiif gargaarsa nyaataa fi dahannaa hatattamaan kan isaan barbaachisu ta'u bulchaan aanaa Bulan Obbo Gizaachew Nsaii hubachisanii jiru.


Kanneen godaanan kun kuma 35 akka ta'an fi rakkoo hamaa keessa akka jiran kan ibsan aangawaan kun mootummaanis ta'e jaarmayoonni dhunfaa biraa gargaarsii kenname hin jiru jedhu.


Bulchiinsa naannoo Benishaangul Gumuzitti komishnarri komiishina yaaddoo balaa Obbo Tarraqany Taasisaa akka jedhanti godinni Matakkal kuusaa midhaanii qabu irraa gargaarsa kennuuf hojjatamaa kan jiru ta'uus ga'aa miti.


Kanas wajjira keenya kan sadarkaa Federaalaatti beeksiifnee eegaa jirra jedhan. Gama kaaniin godina Matakkal aanaa Dibaaxee ganda Saran keessatti har'a hidhattonni Gumuuz namoota nagaa irratti haleellaa banuu isaanii waajira ijaarsa nagaa fi nageenyaa kan bulchiinsa naannoo sanaa Obbo Gaashuu Dugaaz kan ibsan yoo ta'u midhaan dhaqqabe ammatti hin beekamne jedhu.

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Baqattoonni Tigraay Kannee Sudaan Keessaa Qe’ee Ofiitti Deebi’uuf Haalli Jiru Amansiisaa Miti Jedhu  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713495.html

Sudaan waraanssa naannoo Tigraay keessatti geggessame jalaa kanneen dheessan baqattoota kuma 50 ol ta’an simattee jirti. Mootummaan Itiyoopiyaa waraansi naannoo Tigraay xumuramuu isaa beeksisus baqattoonni hedduun qe’ee ofiitti deebi’uuf haalli jiru amansiisaa akka hin ta’in dubbatu jechuun Naabaa Moheddiin mooraa baqataa Sudaan kan Hashaabaa irraa gabaasteetti.




Tigraay keessatti mootummaa Itiyoopiyaa fi humnoota naannoo sanaa gidduutti walitti bu’iinssa uumame jalaa dheessuu dhaan jalqaba baatii sadaasaa qabee lammiiwwan Itiyoopiyaa kurna kumaan laka’aman Sudaan gama bahaa seenaniiru.


Angawoonni Sudaan baqattoota kana mooraalee lama keessa kan qubsiisan yoo ta’u lammiiwwan Itiyoopiyaa daangaa ce’anii gamasitti yaa’uu waan itti fufaniif jecha mooraa itti dabalaa ijaaruuf karoorsaniiru. Jaarmoliin sadarkaa addunyaa fi kan naannoo hedduun baqattoota kana fedhii bu’uuraa kan akka midhaan nyaataa fi bishaanii dhiyeessuun deggeraniiru.  


Baqattoonni kun hangi tokko gandeen Hashaabaa fi Hamdaayit keesssa firoottan isaanii ykn maatiiwwan Sudaan waliin jiru.  Haa ta’u malee angawoonni Sudaan baqattoota kana magaalaa Qadriif kaabaatti kan argamu mooraa um Raquubaatti erguu barbaadu. Bakki sun naannoo daangaa muddamni itti hammaate irraa fagoo waan ta’eef nageenyi isaanii amansiisaa dha jedhu. 

Читать полностью…

VOA Afaan Oromoo

Wal Dhabbiin Diploomasii Somaaliyaa fi Keeniyaa Jiraattota Mandeeraa Yaaddoo Keessa Galche
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/25/1de28b75-71b3-464b-a57d-a9db0ec6c49b_48k.mp3

Читать полностью…
Subscribe to a channel