Shoroorkeessummaan Kanneen Himataman Har'a Mana Murtiitti Dhiyaatanii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5699162.html
Galmee Hoggana Adda Bilisummaa Oromoo Koloneel Gammachuu Ayaanaa jalatti namoota 20 (digdama) Shororkeessummaan himatamani mana murtii olaanaa Federaalaatti har'a dhihaateen Abbaan Alangaa ragoota isaa dhiheessuuf dadhabuu isaa beekisise.
Dhabachi galmee hardhaaf kan beellame ragaa dhagahuf kan ture yoo ta'u, manni murtii olaanaa Federaalaatti dhaddacha Lidataa olmaa har'aatiin, Polisiin ragoota Abbaan Alangaa ni qaba jedhu Ammajii 5 bara 2013 hanga Ammajii 7 bara 2013tti akka dhiheesu ajajee jira.
Gabaasa Muktaar Jamaal erge caqasaa.
Angawoonni Ba’ii Filannoo Murteessan Har’a Ennaa Wal Ga’anitti Tramp Ba’ii Filannoo Mormuu Itti Fufan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/angawoonni-bayii-filannoo-murteessan-waligaan/5699072.html
Prezidaant Doonaald Tramp filannoo baatii darbe geggeessame angawoonni sagalee filannoo dhumaa calalan wal ga’anii dimokraaticha Joo Baayiden prezidaantii Ameerikaa 46ffaa ta’uu isaanii sirnaanutuu hin beeksisin guyya tokko dura dilbata kaleessaa deebisanii filatamu isaanii labsuu itti fufan.
Tramp dhaabbata oduu FOXf kaleessa ibsa kennaniin manneen murtii hedduun filannoon wal dha’e kan isaan jedhan fudhatama dhabsiisanuu lakkii, hin xumuramne jedhan.
Gara fuula duraatti deemuu keenya itti fufuna, dhimmootii biyya keessaa hedduu qabna, kutaalee hanga tokko keessatti sagalee filannoo nu duraa haameera jedhan. Hundumaa nutu injifate, pennsylvaaniyaa, Michigan, Joorjaa nutu injifate jedhan Tramp.
Angawoonni filannoo murteessaniiru, garuu wixata har’aa magaalaalee guddoo kutaalee iyyaatti kan wal ga’an angawoonni sagalee filannoo calalan waggoota 36f senetera Yunaayitid Isteetis akkasumas ennaa bulchiinsa prezidaantii duraanii kan Baaraak Obaamaa waggoota saddeetiif itti aanaa prezidaantii ta’uu kan tajaajilan Joo Baayideniin prezidaantii akka ta’an raggaasisu jedhamee eegama.
Tramp sambata darbe deggertoota isaanii Washington keessatti wal ga’an kanneen kumaan laka’amaniif aangoo irra akka isaan turan dhaadachaa turan gammachuun simatanii jiran.
Hiriirri mormii wal fakkaatu kutaalee biyyattii adda addaa bakka gareen seeraa kan Tramp injifannoo Baayiden falmanii itti milkaa’uu dhaban keessattis geggeessamee jira.
Washington DC keessatti sambata darbe deggertootaa fi mormitoota Tramp gidduutti walitti bu’iinsi hangi tokko ka’anii turan. Poolisiin Washington akka beeksisetti namoonni 4 cuubeen kan waraanamanii hospitaalatti kan geessaman yoo ta’u 23 kanneen ta’an to’annaa jala oolaniiru.
Sudaan Toora Biyyoota Shororkeessummaa Deggeran Keessaa Haqamte
https://www.voaafaanoromoo.com/a/sudaan-toora-biyyoota-shororkeessummaa-deggeran-keessaa-haqamte-/5699029.html
Bulchiinsi prezidaant Doonald Tramp Sudaaniin toora biyyoota shorkeessummaa keessummeessan keessaa haquu isaa embasiin Yunaayitid Isteetis kan Kaartuum keessaa har’a beeksisee jira. Tarkaanfiin kunis biyyattiin Afriikaa kun dinagdee ishee miidhame dandammachiisuu akkasumas moggaatti qoodamuun isee xumuraan ga’uuf gargaara.
Embasiin Yunaayitid Isteetis kan Kartuum keessaa fuula Feesbookii isaa irratti akka barreessetti Sudaan toora sana keessaa har’aa kaastee haqamuu ishee fi kunis ministrii dhimmi alaa Maayik Poompeyoon mallatteeffamee galmee federaalaa irra akka kaa’amu beeksisee jira.
Sudaan toora biyyoota shororkeessummaa keessummeessan keessatti kan galmoofte bara 1990moota keessa ennaa Sudaan yeroo gabaabaaf hoogganaa al-Qaayidaa Osama bin Laden fi hidhattoota barbaadaman kanneen biroo keessummeessaa turtetti.
Itti dabalees Sudaan hidhattoota Faalisxiin kanneen dugdee Gaazaa keessaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuu dhaan Iraaniif daandii taate jedhamee amanama.
Sudaaniin toora biyyoota shorokeessummaa keessummeessan keessaa haquun hariiroo Israa’el waliin jiru cimusuuf mootummaa Kaartuum keessaaf dhimmi ijoo dha.
Biyyoonni lamaan hariiroo diplomaasummaa guutuu tolfachuuf walii galanii jiran. Kunis Sudaan biyyoota Arabaa waggaa kana Israa’el waliin hariiroo tolfatan isee sadaffaa ta’uu ishee ti. Sudaanitti aansuu dhaan Morokoonis Israa’el waliin hariiroo diplomaasummaa uummattee jirti.
Mootummaan Itoophiyaa Tigraayitti midhaanii fi qorsa gargaarsaan qooduutti jira jedha
https://www.voaafaanoromoo.com/a/mootummaan-itoophiyaa-tigraayitti-midhaanii-fi-qorsa-gargaarsaan-qooduutti-jira-jedha/5697752.html
Akka oduu biiroo muummee ministeraatti makiinaan gargaarsa fa’ate Maqalee,Shiree fi Addigiraati gahee gargaarsa qoodutit jira.
Lola fulaa tokko tokkotti itti jiraniif namii gargaarsa 'argachuutti hin jiru' jechuun akka mootummaan jedhetti dhara.
Milishaa TPLF baqachuutti jiranii fi warra yakkaan barbaadan qabuuf walti dhudhukaasuun yoo tokko tokko mumullatu ammo akka mootummaatti akka lolaatti hin ilaalmu.
Kibxataa jalqabee makiinaan midhaan fa’iisaa kintaala 18,000 fa’ate Shiree gahee achii gargaarsa qooduutit jiran. Akkuma kanaan qorsa nama dhibameef kennanillee Maqalee,Shiree,Addigiratii fi lafa akka akkaatti qooduutit jiran jedhan.
Barattooni Dabbilee barnootaa yookiin Yunivarsiitota irra yaroo eebbifama essa dhaqanii hojii barbaadu?
Website: https://www.voaafaanoromoo.com/a/5696234.html
Dhabbileen Barnoota Olaanoo barattotaa isaanii leenjii bu'aalee qabeessa irratti xiyyeffachuun hidhata Indastirii waliin dhaban akka cimu hojachuu qabu jedhan Minister Di'eetaan Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dr Saamu'eel Kiflee.
Yunivarsitiin Saayinisii fi Teekinooloojii Adaama waltajji agarsiisa carra hojii dhibbileen irratti afferamana barattoota isaatiif qopheesse jira.
Muktaar Jamaal dabalata qaba~~~~~~~~~
➪@voaAfaanOromo
Amerikaan Qorsa Koronaa Haaraa Qooduuf Hajaja Eegachuutti jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/amerikaan-qorsa-koronaa-haaraa-qooduuf-hajaja-eegachuutti-jirti/5696433.html
Amerikaan qorsa Koronaa haaraa nama isii kennuu jalabuuf saati diqqoo eeguutit jirti.Bulchiinsii Dhaabii Tohannaa Nyaataa Qorsa Amerikaa,FDA harhdaa bori keesastti akka qorsa kana namaa kennuu jalaqaban irratti walii galee hajaja eeguutit jira.
Qorsa kana dhaaba qorsa Amerikaa Pfizer fi ka Jermenii and BioNTech hojjate
Addunyaa keesaa namii dhiba kana irratti argan miliyoona 70 deemuutti jira nama miiyoona 1 fi kuma 600 gaflaafae
Amerikaatti nama miliyoona 15.6 irratti arganii Indiin miliyoona 9.7 Biraazili miliyoona 6 fi 7.
Biyyitii cuftii qorsa haaraa dhaabbileen addunyaa Pfizer/ BioNtech, Moderna fi Astiraa Zenekaan hojjatan fudhachuuf qabahchuutti jiran.Awusitraliayaan miliyoona fkn 140 fudhachuuf qabatte.
Xayyaara Nam-maleeyiin Kan Biyya Biraa Gargaaraman Inni Jedhu Qoratamuu Qaba: Yaada Ogeessaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5696246.html
Humnotiin naannoo Tigraay mootummaan federaalaa xayyaara nam maleeyyii kan waraanaa Eertraa keessa ture gargaaramuuf tokkummaa Emireetota Arabaa waliin wal ta’e jechuun himatan.
Ogeessi kaampaanii walitti bu'iinsaa fi teknooloojii waraanaa hojii irra oolan qoratu hogganan akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaf ibsanti xayyaaronni nam-maleeyiin sun Assab, Ertraa keessa buufatanii kan jiran ta'uus walitti bu'iinsa Tigraay keessatti hirmaachuu isaanii ragaan mul’isu in jiru jedhan.
Gabaasa Saleem Salamoon caqasaa
Duulli Kun Lammiilee Biyyattii KanTokko Taasisee Ture: Angawaa Waraanaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5696185.html
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ABUT irratti injifannoo qinda'aa kan gonfate lola haqa qabeessa ta'e gaggeessuun ta'u Itaamaajoor Shuumii ykn Haagganaan Waraanaa waliigalaa Humnoota Itoophiyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa.
Duulli kun lammiilee biyyattii kan tokko taasise dha jechuunis ibsaniiru Jeneraal Birhaanuun
Pireezidaantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawdee injifannoon loltuun Itoophiyaa gonfate seenaa keessatti yaadatamaa jiraata jechuun ibsaniiru.
Gabaasa Guutuu Caqasaa
Filannoon Somaaliyaa Kan Kallattiin Hin Ta’in Danqaa Siyaasaatiin Boodatti Harkifate
https://www.voaafaanoromoo.com/a/filannoon-somaaliyaa-danqaa-siyaasaatiin-boodatti-harkifate-/5696101.html
Kaadhimamtoonni filannoo prezidaantummaa erga isaan prezidaant Mohaammed Abdullaahii Farmaajojo koree filannoo nama ofiin guutan jedhanii himatanii booda Somaaiyaan filannoo prezidaantummaa kallattiin hin ta’in geggeessuun rakkisaa itti ta’ee jira. Mormitoonni koree kan ofii isaanii koree dhaabate cinatti hundeessuun filannoo sana boodatti waan harkiseef yaaddoo sadarkaa addunyaa uumee jira.
Filannoo kallattiin hin ta’in kan Somaaliyaaf kaadhimamtoota 15tu hirmaatan. Kana keessattis bakka buutonni gosootaa miseensota paarlaamaa kanneen prezidaantii filatan filu. Haa ta’u malee kaadhimamtoonni 14 kan aangoo irra jiran prezidaant Mohamed Abdullaahi Farmaajoo koree filannoo nama ofii isaaniin guutan jechuun qeeqan.
Kaadhimamtoonni kun akka jedhanitti koreen sun deggertootaa fi basaastota dhaaba tika nagaa biyyoolessaa irraa walitti dhufan, kana jechuun namoota ofii isaaniitiin hundeessan jedhan.
Kaadhimamaa prezidantummaa keessaa jtokko Abdirhaman Abdishakur akka jedhanitti yaaddoon keenya koreen sun attamiin akka hundaa’ee fi miseensonni keenya hangi tokko keessa jiru.
Irra hedduun miseensota isaa dhaabbata tika nagaa biyyoolessaa irraa, kaan immoo hojjettoota mootummaa fi kaan isaanii deggertoota prezidaant Farmaajoo ti jedhan.
Talaalii Farra Dhukkuba Koviid-19 Fudhachuu Malee Filmaannii Biraa Hin Jiru: Ogeeyyii Fayyaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694878.html
Biyyi Briteen dhukkuba Koviid-19 ittisuuf talaalii haaraa argamee uummataaf kennuun biyyoota gama dhiyaa keessaa kan jalqabaa taatee jirti.Addunyaan weerara vaayrasii Koronaan rqkkqchuun yeroo dabalaa jiru kanatti talaalii kana fudhachuun gaaffii keessa kan seenuu miti jedhu ogeessonni fayyaa.
Keessumaa Yunaaytid Isteetes keessatti lakkoobsii namoota dhukkuba Koviid-19 qabaman akkasumas du'an akkaan dabalaa akka jiruutu gabaafamaa jira. Kanaaf jecha talaaliin haaraan kun akka hojii irra ooluuf murteeffama jedhamee eegama.
Kutaa Minisootaa keessa ka jiru Meyoo Kliniik irraa Dr. Ibraahim Elemoo waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.
Talaalii Farra Dhukkuba Koviid-19 Fudhachuu Malee Filmaannii Biraa Hin Jiru: Ogeeyyii Fayyaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694878.html
Biyyi Briteen dhukkuba Koviid-19 ittisuuf talaalii haaraa argamee uummataaf kennuun biyyoota gama dhiyaa keessaa kan jalqabaa taatee jirti.Addunyaan weerara vaayrasii Koronaan rqkkqchuun yeroo dabalaa jiru kanatti talaalii kana fudhachuun gaaffii keessa kan seenuu miti jedhu ogeessonni fayyaa.
Keessumaa Yunaaytid Isteetes keessatti lakkoobsii namoota dhukkuba Koviid-19 qabaman akkasumas du'an akkaan dabalaa akka jiruutu gabaafamaa jira. Kanaaf jecha talaaliin haaraan kun akka hojii irra ooluuf murteeffama jedhamee eegama.
Kutaa Minisootaa keessa ka jiru Meyoo Kliniik irraa Dr. Ibraahim Elemoo waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.
Dagannaan Weerara Vaayrasii Koronaa Hammeessaa Jira: Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694861.html
Hubanaa Hawaasini weerara Vaayirasii Koroonaa irratti qabu xiqaachuu fi of dagachuun rakkoo umaa jakka jiru akkasumas Koviid-19f amma iyyu xiyeeffanaa kennamuu akka qabu Ministeeri Fayyaa Dr. Liyaa Taadasaa hubachiisanii jiran..
Namoonni dhukkuba Koviid-19n qabamanii dhaabilee fayyaa seenan keessaa 305 kaneen ta’an Kutaa waldhaansa cimaa keessa Kan ciisan yoo ta’u dhabbileen Fayyaa naannawa Finffinee keessaa hanga dhibamtoota simachuu dadhabanti rakkataa jiru jedhan.
Gabaasa Muktaar Jamaal caqasaa
Raayyaa Ittisa Biyyaa Ni Deggerra: Artiistoota Oromoo
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694818.html
Waldaan Artistoota Oromoo Raayyaan Ittisa Biyyaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf bukchiinsa naannoo Tigraay keessatti bobba'ee jiru ni tumsina jechuun har'a dhiiga arjoomanii jiru.
Artistoonni har'a sagantaa dhiiga arjoomu irraatti hirmataan kun waldaalee Artii hundeeffaman jahan kannen gurma'an ta'uun ibsamee jira.
Raayyaan ittisa biyyaas ta'e Artistiin lachuu biyyaaf hojjatu jedhu kanneen dhiiga kennan kun.
Gabaasa Tsahaay Daamxoo ergitee caqasaa
Keeniyaan Itiyoophiyaan Buufata Doonii Lamuu Haa Fayyadamtuuf Itti Jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-itiyoophiyaan-lamuu-haa-fayyadamtuuf-itti-jirti/5694770.html
Kalessa Mooyyaleetti seensa daangaa biyyoota lameenii ka eebbiisan Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed fi Prezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa kan amma ijaarsarra jiru buufata doonii Keeniyaa Laamuutti argamu darbanii daawwatanii jiru.
Keeniyaa, Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa kan wal qunnamsiisu ijaarsi buufata doonii kun sadarkaa gaariirrallee jiraa jedhu gaggeessitoonni lameen.
Prezdentiin Keeniyaa, Itiyoophiyaan biyyi galoo galaanaa hin qabne, buufata doonii kanatti akka fayyadamtuuf biyyi isaanii bu’uraalee misoomaa barbaachisan qopheessaa jirti jedhan.
Keeniyaattaan Itiyoophiyaa fi Keeniyaan ijaarsa daandii isaaniin walqunnamsiisu waliin ijaaranii waliin bulchuuf hojjetaa jiraachuu himanii, akka fakkeenyaattis daandii Mombaasaa Naayroobiin kutee Finfinneen geessu diriirsanii amma tajaajila kennaa jiraachuu eeran. Pirojektiiwwan daandii akkasii daldala biyyoota lameen jidduu jirus guddisuuf shora qabaachuus dubbatan.
“Ammas Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa ka wal qunnamsiisu Buufata Doonii Lamuu ijaarsa isaa xumuraa jirra. Kanaanis Itiyoophiyaan lafoon karaa mooyyaleerraan Garba Hindiitti bahuu dandeessi jechuudha” Pirezdent Keeniyaattaa.Gama Keeniyaanis haga yoonaa, daandiin Lamuu Kaasee Garrisaa gahu, achirraan gara Isiyoolloo qaxxaamurus ijaaramee amma dhibbeentaa 80 gaheera jedhanii, daandiin dabalataa kun xumuramnaan Itiyoophiyaaf buufata haaraa ijaaramaa jiru kanatti dhimma bahuun ni salphataa jedhan. Keeniyaattaan akkuma duraan biyyootni lameen Mooyyaleetti magaalaa addaa dhaabuuf jedhan, mootummaan Keeniyaas Laamuutti magaalaa haarawa hundeessuuf akka jirus ifoomsaniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahmedis hojii gama Keeniyaan jiru jajan. Jiruu saba keenyaa jijjiiruuf buufatootni doonii akka Laamuu baayyee barbaachisoodhas jedhan.
“Gama Itiyoophiyaan fedhii buufatatti dhimma bahuu guddaatu jira. Garuu buufati akka lamuu hoo hin jiraanne waan omishne alatti erguu ka feenus alaa galfachuuf rakkoodha. Kanaaf buufati doonii kun itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa tajaajiluu dandawuunsaa waan guddaadha.” Muummee Minsitiraa Abiy Ahmed.
Muummeen Ministiraa Abiy, mootummooleen naannoo yoo ijaarsa bu’uraalee misoomaa baballisan jiruun ummata naannoo gaanfa Afrikaa salphaatti akka jijjiiramus dubbataniiru.
Daawwannaa Muummee Ministiraa Abiy Ahmed fi Prezdenti Keeniyaattaa Laamuutti taasisan irrattis Muummen Ministiraa Keeniyaa duraanii Raylaa Odiingaallee argamanii jiru.
Yunaayitid Isteetis Talaallii COVID-19 Kan Jalqabaa Raggaasisuutti Dhiyaatte
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694746.html
Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 15.3 ol COVID-19n erga qabamanii bood talaallii amansiisaa fi milkaa’ina qabu uummaaaf dhiyeessuutti dhiyaattee jirti. Fayyadama yeroo hatattamaa talaallii Kampanii dawaa oomishu guddichaa Fiizer fi kan Jarmanii BioNTch-n qophaa’eef eeyama kennuu ykn mari’achuuf jecha bulchiinsi nyaataa fi dawaa Ameerikaa har’a wal ga’ii addaa godhachuuf jiru.
Koreen talaallii kanaaf oomisha saayinsiif gorsaa ta’e akka eegame eeyama yeroo hatattamaa akka kennuuf marii geggeessa yoo ta’e bulchiinsi nyaataa fi dawaa biraa hanga jimaata ykn sambataatti eeyama isa dhumaa kennuu danda’a.
Itti aansees battala mootummaan feeraalaa talaallii miliyoona 6.4 guutummaa Yunaatitid Isteetistti kan ergu yoo ta’u talaallii jalqabaaf ilaalchis kan kennamuuf hojjettoota eegumsa fayyaa ta’uuf jiru.
Waraanni Ynaayitid Isteetis immoo talaallii Faayizer fi BioNTech baay’inni isaa doosii 44,000 gad ta’eef miseensota isaa hojjettoota eegumsa fayyaaf dursa kan kennu ta’uu beeksisee jira.
Dubbi himaan Ministrii ittisaa kan Pentagon tuuta oduuf roobii kaleessaa ibsa kennaniin bulchiinsi nyaataa fi dawaa eeyama yeroo hatattamaa erga raggaasisee booda talaalliin guyyaa tokko ykn lama keessatti ni eegala. Jalqaba irra fedha ofiin kan kennamu yoo ta’u talaalliin sun guutummaan eeyama erga argatee booda garuu dirqee ta’uu danda’a jedhan.
Wal ga’iin kamisa har’aa kan geggeessamu Ameerikaan erga weerarri vaayiresii koronaa biyyattii keessatti argamee namoota 3,000 ol guyyaa tokkotti du’uu isaanii gabaasuu iseetti aansee ti.
Kampaniin dawaa Faayizer fi BioNTech talaallii COVID-19 oomishuf sadarkaa addunyaatti tattaaffii sadarkaa addunyaatti adda durummaan geggeessaa jira. Dhaabbati to’annoo dawaa fi kan eegumsa fayyaa talaallii sana raggaasisee guyyoota hanga tokko booda biyyi Briteen Kibxata darbe uummataaf talaallii kana kennuu kan jalqabde biyyootii gama dhiyaa keessaa isee jalqabaa taatee jirti.
Shoroorkeessummaan Kanneen Himataman Har'a Mana Murtiitti Dhiyaatanii Jiru
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/14/888c19c3-7436-4536-b34c-54d3a4fef740_48k.mp3
Ameerikaan Talaallii Vaayiresii Koronaa Raabsuu Jalqabde
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5699061.html
Meeshaa akkaan qabbanaa’aa ta’e keessa kaa’amuu dhaan kan haaraa eeyama argate talaalliin vaayiresii koronaa kampanii dawaa Faayizer kan Kalamazoo Mishigaan keessaa irraa dilbata kaleessaa waaltaalee kutaa Yunaayitid Isteetis guutummaaf raabsamuuf ergamee jira.
Komiishinerri bulchiinsa nyaataa fi dawaa Ameerikaa Stefen Hahan CNNf isa kennaniin talaalliin vaayiresii lubbuu galaafatu kan COVID-19f talaaliin qophaa’e kibxata har’aa jalqaba jennee abdanna jedhan. Kampanii dawaa Faayizerii irraa har’a konkolaataawwan talaaliiwwan kana fe’atan talaallii qaaruruaa 184,000 fe’atan.
Tamsa’inni vaayiresii kanaa Ameerikaa keessatti hammaatee ennaa jiru kanatti hojjettoonni eegumsa fayyaa fi maanguddoonni kanneen keellaa kunuunsa eegumsa fayyaa keessa jiran talaallii marsaa duraa doosii miliyoona 2.9 fudhachuuf jiru.
Gama biraatiin prezidaant Doonaald Tramp hojjettoota White House dabalatee angawoonni mootummaa sadarkaa ol aanaa talaallii duraa argatu qajeelfama jedhu jijjiiranii jiran. Tramp dilbata keleessaa ganama ergaa tweeter ofii irratti maxxansaniin hojjettoonni White House barbaachisaa ta’ee yoo argame malee sagantaan kun jalqabamee gara boodaa talaallii akka fudhatan beeksisan.
Itti dabalanis ofii talaallii kana fudhachuuf akka hin jiraanne ibsanii, garuu immoo yeroo sirrii ta’etti fudhachuuf feda isaanii ta’uu ibsaniiru.
Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 300,000 ta’an vaayiresii kanaan yoo du’an kanneen miliyoona 16 ol immoo qabamuu Yuniversitiin Joons Hopkiins beeksisee jira
Xumura baatii Muddeetti lammiiwwan Ameeikaa miliyoona 20 taan tallaalii kana kan fudhatan ta’uu bulchiinsa nyaataa fi dawaa Ameerikaatti komiishinera kan ta’an Haan beeksisaniiru.
Hoogganaan Sudaan Kaleessa Yeroo Gabaabaaf Finfinnee Daawwatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hoogganaan-sudaan-kaleessa-y-finfinnee-daawwatan-/5699015.html
Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook namoonni kurna kumaan laka’aman gara biyya hollaa Sudaanitti akka baqatan sababaa kan ta’e rakkooo naannoo Tigraay keessaa ilaalchisee mari’acuuf kaeessa yeroo gabaabaaf Finfinnee daawwatanii jiran.
Hamdook daawwannaa isaanii dura fuula tweeter isaanii irratti akka barreessanitti biyyoota obbolaa ta’an lamaaniif nageenya sabatiinsaa fi badhaadhina hegereef kan gargaaran dhimmootii yaaddessoo ta’an kan siyaasaa, mirga namaa fi nageenya ilaalchisee marii bu’aa qabu akka geggeessinu abdiin qaba jedhan.
Daawwannaan Hamdook duraan guyyoota lamaaf akka turu ibsamus sa’aatilee hanga tokko booda garuu gara Sudaanitti deebi’an. Dawwannaan isaanii maaliif akka adda cite waan ibsame hin jiru. Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed lollli Tigraay keessaa dhaabateeraa, kanaaf jaarsummaa Sudaan kan lola dhaabinsaa hin barbaachisu jedhan.
Barattooni Dabbilee barnootaa yookiin Yunivarsiitota irra yaroo eebbifama essa dhaqanii hojii barbaadu?
~~~~~~~~~~~~~
➪@voaAfaanOromo
Bulchiinsa Naannoo Tigraay Keessatti Hojjattonni Gargaarsaa Ajjeefaman: Garee Gargaarsaa Kan Addunyaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5696317.html
Hojjattonni yoo xiqqaate 4 walitti bu'iinsa Tigraay keessaatti gaggeeffameen ajjeefamuu gareen gargaarsaa kan addunyaa Jimaata har'a beeksisee jira.Rakkoo gargaarsa dhala namaa hammaataa jiru kan ilaaleen Itiyoophiyaa fi kan waan godhu dhabee Tokkummaan Mootummootaa ilaalcha adda addaa calaqqisaa jiru.Kunis uummata Miliyoona hedduuf kan akka nyaataa fi kanneen biroon dhumaa dhumaa yeroo jiruutti jedhamee jira.
Kawunsiliin baqattootaa kan Deenmaark akka jedhutti hojjattonni isaa sadii baatii darbee ajjeefaman lafa projeektii qaban Tigraay keessaaf waadiyyaa ta'uun hojjatu turan.
waan nama gaddisiisuu immo qunnamtiin martiiwaan citeef jecha akkasumas dhabamuu nageenyaan naannoo sana jiruun kan ka'e maatiwwan kanneen ajjeefaman kanaa dhaqqabuu hin dandeenye jedhee jira.
Koreen Intarnaashinaal Reskiiw Komiitee jedhamu immo akka jedhutti mooraa baqataa Hitsaat k kan Shiree keessatti ajjeefamuu waahilleen hojii sadeen kanaaf maaltu itti ka'uumsa akka ta'e
baruuf hojjataa jira.
Hojjattoota keenya dhibba hedduu lafa sana irraa waan qabnuuf gareeleen walitti bu'iinsa kana keessaa harka qaban martii sivilootaa Tigraay keessaaf eegumsa akka godhandubbii himaan dhimma gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa Saviano Abreu erga namoonni sadeennajjeefamanii bood Twitarii irratti barreessan.
Mootummaan Itiyoophiyaa Tigraay keessatti gargaarsa ofii isaa raabsuu kan danda'uu ibsuun giddu seensa hin barbaannuu jjedheera.Mootummaan Itiyoophiyaa Injifannoon xumuramuu labsuu iyyu wal waraansii itti fufee akka jiru kan gabaafamaa jira jedha koreen kun.
Jimaata har'a bakka to'annaa isaa jala jiru kan akka Shiree, Maqalee keessatti gargaarsa raabsuu isaa mootummaan beeksisee jira jedheera
Xayyaara Nam-maleeyiin Kan Biyya Biraa Gargaaraman Inni Jedhu Qoratamuu Qaba: Yaada Ogeessaa
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/11/b0296c49-3c58-4786-936e-da64dfc473df_48k.mp3
Filannoon Somaaliyaa Kan Kallattiin Hin Ta’in Danqaa Siyaasaatiin Boodatti Harkifate
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/11/0ea27605-f9ab-4b52-8588-d335666e4282_48k.mp3
Duulli Kun Lammiilee Biyyattii KanTokko Taasisee Ture: Angawaa Waraanaa
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/11/b260e829-73f7-439d-9de8-bc2ad69f539f_48k.mp3
Talaalii Farra Dhukkuba Koviid-19 Fudhachuu Malee Filmaannii Biraa Hin Jiru: Ogeeyyii Fayyaa
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/10/a9b994f3-d865-4726-a606-dc566fffe5b0_48k.mp3
Talaalii Farra Dhukkuba Koviid-19 Fudhachuu Malee Filmaannii Biraa Hin Jiru: Ogeeyyii Fayyaa
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/10/a9b994f3-d865-4726-a606-dc566fffe5b0_48k.mp3
Dagannaan Weerara Vaayrasii Koronaa Hammeessaa Jira: Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/10/3d403e6c-542d-4dc0-ab65-8d23b5344d8f_48k.mp3
Raayyaa Ittisa Biyyaa Ni Deggerra: Artiistoota Oromoo
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/10/de11d944-b223-48a1-bc0b-73ca9679f1c8_48k.mp3
Keeniyaan Itiyoophiyaan Buufata Doonii Lamuu Haa Fayyadamtuuf Itti Jirti
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/10/9acc3ffd-9e39-4610-9887-dbb9ba771d29_48k.mp3
Loogiin Talaallii Ilaalchisee Jiru Biyyootii Hiyyeeyyii Miidhaa Jira: Hoogganaa Tokkummaa Mootummootaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694752.html
Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres biyyoonni dureeyyii ta’an biyyoonni iyyeeyyii ta’an utuu hin argatin talaallii COVID-19 doosii miliyoonaan laka’amu ofii bitachuuf toora galanii ennaa jiran kanatti logiin talaallii kana ilaalchisee jiru dabalaa deemeera jedhan.
Robii kaleessaa dura taa’aa gamtaa Afriikaa Musaa Faakii Mahamat waliin gama viidiyoon geggeessaniin Guterees, baatii lama itti aanu keessa baatii itti aanu lama keessatti ijoollee biyyoota hiyyeeyyii keessaa tallaaluuf doolaara biliyoona 4.2 gaafataniiru.
Hoogganaan jaarmiyicha addunyaa akka jedhanitti malli tokkittiin talaalliin sun ardii Afriikaaf biyyoota ka biroof argamuun danda’amu maallaqi deggersaa kun yoo argame qofa.
Weerarri Vaayiresii Koronaa Haala Mirga Namaa Naannoo Addunyaatti Gufuu Ta’e: Hoogganaa Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres
Addunyaan lammiiwwan isaaf hegeree gaarii arguu yoo fedhe tattaaffii duula vaayiresii koronaaf godhamu keessatti mirga namaa adda durummaan irrati fuuleffachuu akka qabu tokkummaan mootummootaa gaafatee jira.
Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres guyyaa mirga namaa addunyaa har’a yaadatamee oolu irratti haasaa dhageessisaniin weerarri COVI-19 gareelee akkaan saaxilamoo ta’an, hojjettoota eegumsa fayyaa, maanguddoota, lammiiwwan qaamaa hir’uu, dubartootaa fi durboota akkasumas sab xiqqaalee irraa dhiibbaa kaa’ee jira jedhan.
Vaayiresichi kan babal’ateef sababaa hiyyummaa, loogii, qabeenyaan uumama naannoo manca’uu akkasumas mirga namaa kabajamuu dhaabamuun badii guddaa hawaasa keessatti uume jedhan.
Komiishinerri dhimma mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Michelle Bachelet gama isaaniin biyyoonni hedduun balaa uumuu vaayiresichaaf ilaalcha waan hin kennine akkasumas akka hin tamsaaneef tarkaanfii hatattamaa fudhachuu dhabuun naannoo addunyaa keessaa dinagdeen akka miidhamu mirgi siivilotaa fi siyaasaa akka hin kabajamneef sababaa ta’e jedhan.
Weerarri Dhibee Busaa Naannoo Amaaraa Keessatti Ka’e Jedhame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5694738.html
Baatilee shanan darban keessa naannoo Amaaraa keessaa namoonni 300,000tti hedaman weerara dhibee busaan miishamuu isaanii institiyuutiin eegumsa fayyaa hawaasa naannoo Sanaa beeksisee jira. Torbaitti namoonni kuma 23 ta’an dhibee kanaa kan qabaman ta’uu kan ibse institiyuutiin kun akka ibsetti weerarri kun akka hammaatuuf sababaan of dagachuu hawaasaa ti jedhee jira.
Dhibeen kun bira weeraraan naannoo sana keessatti ka’uu kan ibsan institiyuutii fayyaa hawaasaa naanno Amaaraatti gorsaa dhimmi farra dhibee busaa obbo Amaaree Destaa ti. Keessumaa waggaa darbe yeroo dhuma wal fakkaatu waliin ennaa ilaalamu weerarri kun dabaluu kan ibsan yoo ta’u nuusa waggaa kanaatti gamaaggama geggeessameen uummati kuma 100 ta’u weerara dhibee busaan miidhamuu isaanii ibsanii jiran.
Namoonni duraan itti gargaaramaa kan turan saaphana siree dagachuu fi naannolee bishaan kuusan irratti hojiin waan hin hojjetaminiif dhibeen kun hammaachuu obbo Amaareen ibsaniiru.
Naannoo dhibeen busaa hammaatetti keemikaalli biifamuu, saaphanni siree raabsamuu ibsuu dhaan uummati of dagachuun fayyadamuu akka dhaabe illee ibsanii hawaasichi saaphana sireetti akka gargaaramu akkasumas mala ittisa dhibee kanaa hojii irra akka oolchu obbo Amaareen waamicha dabarsaniiru.