ABO-n Hoggansi Dhaabbatichaa fi Gazexessitoonni SBO Hidhamuu Himate
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/22/ff782593-72ae-43d5-990d-249c3a24bfba_48k.mp3
Kongireesiin U.S. doolara biliyoona 900 Koronaa irratti biyyaan gargaranI fi bajaa mootummaa isaa doolara Tiriliyoona 1.4 baasuuf walii gale
https://www.voaafaanoromoo.com/a/kongireesiin-u-s-doolara-biliyoona-900-koronaa-irratti-biyyaan-gargarani-fi-bajaa-mootummaa-isaa-doolara-tiriliyoona-1-4-baasuuf-walii-gale/5709472.html
Kongireessiin mana maree fi senetii paartii Amerikaa lamaanii kun lamaanii Rippaabilikaanii fi Demokiraati karoora horii ittiin baasuuf barreeffama fuula 5,000 caaltu tana irratti qoratetti adoo saatiin jarii waan kana mari’atee fixuu malee diqquuman hin dhumatin Wiixata halkan walii gale.
Pirezidaanti Tiraampi waan kongireeessiin irratti walii gale kana mallatteessuuf eeguuti jiran.Rippaabilikaanii fi Demoraati hori kana eenuu akka argatuu fi hagam akka argatan wal falamaa bahan.
Akka gabaasa yuniversitii Johns Hopkins baaftetti Amerikaatti gaafa guyyaatti nama kuma 200 irratti COVID-19 arganitti jira.
Amerikaatti nama kuma 319 caalaatti koronaan lubbuu dhabe.Akka kongireesiin irratti walii galette gargaarsa marsaa ammaa kanaan nama miliyoona hedduutti doolara 600 argata.
Warrii galiin isaanii gannatti doolara kuma 75 caaltu ammoo 600 gadi argata.
Akka Ministear Maalqa Amerikaa, Steven Mnuchin jedhetti namii miliyoona hedduu torbaan dhufuuyyuu horiin kun harka gaha.
Amerikaan dhiba koronaa kana irratti biyya gargaaruuf jettee Bitootessa keessaa nama miliyona hedduutii doolara 1,200 qoodde.
Horiin amma kennan kun kana keessaa doolarii biliyooa 284 akka dhaabbileen daldalaa nama qaxaruu dandahan humnaan jajjabeessuuf kennaniif.
Warra hujii hin qamnee ammoo torbaanitti doolara 300 ji’a 11 qooduuf walii galan.
Doolara biliyona 900 kongireesiin biyyaan gargaaruuf hajaje keessaa;
Biliyoonii 82 yuniverstii fi maneen barnotaati
Biliyoona 25 akka maneen kiraa gatii laaftuun namaa kireessaniin jajjabeessan
Biliyoonii 15 manneen tiryaatitiiF
Biliyoonii 10 ammoo maneen oolmaa ijoolleetiif qoodan.
Biliyoona 4 ammoo akka biyyootii dhibiin qorsa dhiba koronaa irrati ufiin gargaaran qoodaniif.
Tana maleellee horii ummata Amrikaati kennanitti guddaati jira akka bulchootii Amerikaa jedhanitti. Dhiba koronaa irratti kophuma itti hin rakkattan biyyitii isan waliin jirti jedhu bulchootii isii.
Joe Biden ka pirezidaantummaa Amerikaatiif filanii labsaniifilleen waan paartiin lamaan irratti walii galte guddoo irraa jaalannee jalqaba malee dhumaa miti jedhe.
Tana malee Amerikaan bajata mootummaan isii haga Fulbaan dhufuu hujiin hojjatu doolara tiriliyoona 1.4 hajaje.
Horii kana keesaa ka gibiraan namaa diqqeessan doolara biliyoona 45 ka geejjiba baaburaa akka Amtrack ittiin jajjabeessanii baasan. Doolarii biliyoonii 13 ammoo warra nyaata barbaaduu ji’aan gargaaran.
Maanguddonni Matakkal Rokko qaban Dr.Abiyyi Ahmadiif Ibsanii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5709221.html
Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed har’a jiraattoota bulchiinsa naannoo Benishangul Gumuz godina Matakkal waliin marii geggeessaniin kallattii kaa’uu isaanii mootummaan naannoo sanaa beeksisee jira.
Bulchiinsa naannoo Benishaanguul Gumuzti kan imalan mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamad maanguddoota biyyaa kanneen filataman waliin marii gaggeessuu isaanii itti aanaa bulchaan naannoo sanaa Obbo Geetaahuun Abdisaa ibsanii jru.
Jiraattonni rakkoo naannoo sana keessa jira jedhan mummicha ministeeraaf dhiyeessuu isaanii kan ibsan Obbo Geetaahun yaada jiraattonni dhiyeessan irratti marii gaggeeffamees Dr. Abiyyitu gaggeessaa ture jedhan.
Dhuma irrattiis yaadaa fi qajeelfamnii kennamuu ibsanii olaantummaa seeraa kabajsisuuf duula gaggeeffamu keessatti sadarkaa bulchiinsa naannoo qabee hanga fedeeraalaatti miseensii hogganaa jiru mara biraa hirmaannaa kan barbaadu ta'uun ibsamee jira jedhan.
Marii har'a kana irratti ministeera Nagaa Mufriyaat Kamiil fi Itaamaajor shumiin raayyaa ittisaa kan walii galaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa akkasumas aangawoonni sadarkaa olaanaa kanneen biroon argamuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Caqasaa
Gosi COVID-19 Inni Haarawaan Miidhaa Dhaqqabsiisaa Jira: Hayyoota Saayinsii Afriikaa Kibbaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5709177.html
Gosi COVID-19 inni harawaan lakkoobsa namoota vaayiresichaan qabamanii wal’aansaa fi mana yaalaa dhaqanii fi du’anii ol kaasuu isaa angawoonni eegumsa fayyaa kan Afriikaa kibbaa beeksisanii jiru.
Angawoonni kun wixata kaleessaa akka dubbatanitti vaayiresiin haaraan 501.V2 jedhamu kun vaayiresii isa duraa caalaa waan daddarbu fakkaata. Hayyoonni saayinsii Afriikaa kibbaa yoo raggaasisame talaalliin COVID-19 vaayiresii haaraa jalqaba Biriteen keessatti mul’ate kana ittisuu danda’uu isaa baruuf yaalaa jiran.
Weerarri haaraan kun mootummaan Afriikaa kibbaa uggura sochii cimaa, andaarri galaanaa bahannanaaf akka cufamu dabalatee guyyaa fi yeroon itti dhugaatii alkoolii gurguran akka murtaa’u gochuuf isa dirqisiise.
Akka waalta aqorannaa Yuniversitii Joons Hoopknstti Afriikaa kibbaa keessaa namoonni 920,922 vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen 24,691 ta’an immoo du’aniiru.
Ebba Barattoota Yunivarsitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5707593.html
Yunivarsitiin saayinsii fi Teknolojii Adaamaa barattoota Sababa COVID 19n barumsa addaan kutanii turan 1200 olii ta'an eebbisise.
Turtiin barattotaas qajeelfama Ministeera Fayyaa ittisa COVID 19 tasisuuf bahe bu'uura godhachuuni jedhamee jira.
Muktaar Jamaal dabalata qaba
Keenyaan hariyummaa biyya olla isii,Somaalee waliin qabdu irra deebitee laaluutti jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/keenyaan-hariyummaa-biyya-olla-isii-somaalee-waliin-qabdu-irra-deebitee-laaluutti-jirti/5703769.html
Keenyaa fi Somaalee biyya ollaan waan hedduu waliin qaban.Wal dhaba baranaatiin ammoo wal hanqachuutti jiran.Soomaleen biyyiti Keenyaa ‘haajaa biyya teenna keessa seente’ jettee irraa facgaachuutti jirti.
Keenyaan akka bulchotii isii jedhanitti karaa diplomaatiitin waan Somaaleen goote hin gootu.Oduu himaan mootummaa isii Cyrus Oguna tanuma guyyaa dheengaddaa Naayroobii keessatti gaazexeessitotiatti hime.Karaa jarii yaa’e yaahuu hin feenu jedhe
“Mariitti jirra.Mariin tun hariyummaa mala jireennaatii fi hawaasummaa waliin qamnu akkuma durii jabeeffachuu feena.Koree rakkoo biyya olla lamaanii tana lamaanii qorachuutti jirtutti jira.Biyyitii tun lamaanii waan hedduu waliin qabdi.”
Ministerii odeeffanno Somaalee,Osman Dubbe akka biyyitii isaa hariyummaa diplomaasiin Keenyaa waliin qabdu dhaabde mirkansee ambaasaadderaa fi hojjatootia embaasii sunilleen akka torbaan tokko keesatti Somaakee bahan hajaje.
“Mootummaan Somaalee ummata Keenyaatin ummata nagaa jaalatu ollaa waliin nagaan jiraatuun beeka.Biyyitii lamaanilleen hariyummaa akka biyya olla bara hedduu waliin qabaachaa baate guddoo irraa jaalatte.Amma ammoo bulchiinsii Keenyaa jaalala biyya tana lamaanii diiguutti jira. Wannii mootummaan Somaalee murtii tana irraa gaheefilleen Keenyaatti haajaa biyya teenna keessa seeneef akkana."
Keenyaa fi Somaaleen Juublaandi irratti wal dhaban.Hujii daldala garbaa irratti wal himatanii dubbiin sun mana murti addunyaa jirti.
Keneyaan haajaa Somaalee dhiisii ta biyya tokkootuu keessa hin seenneen mormatti.
Kigen Morumbasi yuniverstii Keenyaa, Stramore keessatti haajaa biyya alaatii fi waan nagaa barsiisa.
“Diplomaasiitti haajaa biyya lamaanii walit laaffisee walii galcha.Biyyitii haajaa wal irraa qabdu karaa embaasiitiin haasofti.Yoo ammoo sun hin jirre biirkokriaasii hedduutti dhalata.
Gabayaa taanaan,waan biyyiiti waliin qadu hedduu irratti wal mari’achiin dhiba taati. Biyya tokko ta hariyummaa biyya dhibii waliin qabdu akka malee hammeessuuti jirtu arguutti jirra.
Akkana jechuun womaa irrattu wal haasahuu hin fedhan jechuu.Akka Mormumbsaasiin jedhutti Keenyaan faayidaa biyya lamaaniitiifuu jettee marii tana karuma nagaatiin itti deemuu malte jedha.
Daanshaa,Humaraa fi Maaykaadraatti Kan Imalee Oduu-gabaasaan VOA Maal Arge?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5703633.html
Daanshaan magaala jalqaba walitti bu'iinsii keessatti jalqabamee fi To'annaa mootummaa jala seentee ta'u kan ibsuu Yonaataan Zabdiwoos nagaan magaalatti keessaaa deebi'aa akka jiru jiraattonni naa ibsanii jiru jedha.
Daldalaa fi sochiin biroon akka durii guutuummaan ta'u baatuus jalqabamuu isaa garu amma iyyu tajaajiilli ibsaa fi tajaajiilli hawaasaa uummanni argachuu qabu akka hin jalqabamnee fi rakkachuu isaanii jiraattonni dubbatan jedha.
Wal waraansa ta'een midhaan qaamaa fi qalbii akka isaan mudatee akkasumas godaansaaf saaxilamuu isaan dubbatan jedha.
Oduu gabaasaan Raadiyoo Sagalee Amerikaa(VOA) Yonaataan Humaraa yeroo seeneetti waan argees ibsee jira.Magaala Humaraa humna addaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa, raayyaa ittisa biyyaa fi milishatu to'ata jedhee daldallii akka durii hin jiru, namoonnis mana ofii keessa oolu jedhee.Kana irratti immo tajaajiilli ibsaa fi bishaanii akka hin jirre dubbata.
Magaalaa Maaykaadraa yeroo ilaaleetti haallii jiru ulfaataa fi fuula namootaa irraa kan dubbifamuus jeeqamoo ta'u isaanii agarsiisa.Namoonni hedduun ajjeefamanii bolla tokkotti lafa itti awwalaman arguu isaa fi yaadii uummataa miidhamaa akka ta'e ibse.Tajaajilli Ibsaa, Intar-Nettii hin jiru jedha.
Waluumaa gala magaala Daanshaa irraa kan hafee Humaraa fi Maaykaadraa keessatti namnii eegumsa malee olii-gad hin deemu.Namoonni dhunfaas qawwee qabatanii deemu.Mootummaan sivilootaan meeshaa hin qabatinaa jedhee labsaa akka jiru oduu gabaasaan VOA Yonaataan Zadiwoos ibsee jira.
Hariiroon Somaaliyaa Waliin Jiru Addaan Citus Keeniyaan Lammiiwwan Biyyattii Biyya Koo Jiran Hin Ari’u Jette
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5703430.html
Somaaliyaan torban kana hariroo dipilomaasummaa Keeniyaa waliin jiru addaan kutuu iseetti aansuu dhaan Keeniyaan diplomaatota Somaaliyaa biyya ofiitii kan hin baasnee fi bakka isaa biyya hollaa ishee waliin marii geggeessuu kan filattu ta’uu beeksiste.
Gama biraan prezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa kibxata darbe hariiroo prezidaantii Somaaliilaand Musee Bihii Abdii waliin jiru cimsuu irratti kan fuuleffatti daawwannaa guyyoota sadii keessummeessanii jiran. Keeniyaattaan kan dilbata darbe biyya isaanii seenan hoogganaa kutaa Somaliilaand biyya ofiitti affeeranii jiran.
Murtriin Somaaliyaa kun kan beeksisame Wixata galgal ministrii beeksisaa Osmaan Dubbee-n kan ibsame yoo ta’u Keeniyaan abbaa biyyummaa Somaaliyaa keessatti jiddu seeninisa wal irraa hin cinne raawwatte jedhameef deebii kennuuf akka ta’e VOAf ibsaniiru. Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa qabna.
Ministeerri Albuudaa Eeyama Dhaabilee Seeran Alaa Hojjetan Jedhe Irraa Mulqe
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/16/83ef9467-b211-4a5e-8f4e-2c6135879a0c_48k.mp3
Haleellaan Godina Walaggaa Lixaa Lubbuu Galaafachuutu Gabaasame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/haleellaan-godina-walaggaa-lixaa-lubbuu-galaafachuutu-gabaasame-/5702270.html
Godina Horroo Guduruu Walagaa Aanaa Amuruu fi Godina Walaggaa Lixaa Najjotti gareen ABO Shanee namoota qulqquluu Didgamaa ol ajjeese" jedhe Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa.
Opireeshinii garee kana irratti geggefamaa ture jedhameeniis hidhattoota 780 ol ta'an irratti tarkaanfiin garagaraa fudhatamuu himaamee jira jedhame.
Keeniyaan Saba Lammummaa Dhabee Biyyattii Keessa Jiraataa Turan Warra Shoonaa’f Eyyama Jireenyaa Kennite
https://www.voaafaanoromoo.com/a/keeniyaan-saba-lammummaa-dhabee-biyyattii-keessa-jiraataa-turan-warra-shoonaa-f-eyyama-jireenyaa-kennite-/5702265.html
Keeniyaan sanbata darbe kana ummata Shoonaa kan ganna hedduuf biyyattiitti godaanee jiraataa tureef waraqaa eyyama jireenyaa kennitee jirti.
Dur bara kolonii gara Keeniyaa ka dhufan sabni shoonaa eyyama jireenyaa dhabuun keenya rakkoo hedduu nurraan geessise, sun nuu furamuun gamamchuu guddaa dha jechuun dubbatan. Koomishiniin Mirga namoomaa Keeniyaa miseensota saba kana aka biyya Keeniyaa jiraatan adda baasaa jira.
Soomaaleen biyyitii ollaa isii Keenyaa, himattee hariyummaa waliin qabdu dhaabuutti jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/soomaleen-biyyitii-ollaa-isii-keenyaa-himattee-hariyummaa-waliin-qabdu-dhaabuutti-jirti-/5700752.html
Akka jecha ministera odeeffannoo Somaalee Osmaan Abukar Dubbeetti,Keenyaan duruu seera malee seera siyaasaa cabsitee hujii mootummaa Somaalee keessa seenti.
Somaaleen akka kanaan bakka buutota mootummaa isii keenyaa jiranillee achii baafachuutit jirtii bakka buutota mootummaa Keenyaa Somaalee jiranillee hardhaa jalqabdee guyyaa torba keessatti Moqaadishoo baafti.
Keenyaa fi Somaaleen Sadaasaa 29 gaafa Somaaleen ambaasaaddera isii keenyaa qabdu biyyatti yaammattee ambaasaaddera Keenyaa biyya isii jiru achii bahu gaafatte wal dhabii oowwaa dhufe.
Somaaleen gaafas Keenyaan amala hammaattee diidumatti baaftee hujii mootummaa Keennnaa keessa seente jettee himatte
Keesasttuu akka bulchootii Somaalee jedhanitit Keenyaan bulchaa naannoo Somaalee Ahmed Mohammad Islaam maqaa Ahmed Madobe bulchaa Juubaalaandi siyaasaan muddaa baate jettee himatte.
Demokraasiin Injifatee Jira: Joo Baaydin
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/15/7904e1c6-bf80-4f78-8376-a7a16b87175c_48k.mp3
“Warra kaayyoofi galma isaanii beekan faanan oola”- Aadde Fittaalee Baqqala
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5700436.html
Magaalaa Amboo keessatti daandii cinatti kitaaba gurguruun kan jiraatan haatii ijoollee sagalii Aadde Fittaalee Baqqala Umuriin isaanii Shantama ta'u dubbatu.
Kitaaba gurguranii miseensoota maatii isaanii waliigalaan kudha tokko jiraachiisu.
‘’Kitaaba gurguruun koo ijoollee ofii kooti barsiifachuu irra darbee waan beektota Waliin waan walitti na fiduufin jaaladha’’ jedhu Aadde Fittaaleen.
Kitaabonni gurguuran kunis kan mana barumsaatti barattonni itti fayyadaman, kan aadaa, seenaa,Asoossoma akkasumas kanneen biroo yoo ta'an afaanneen Ingliffa, Amaaraa Fi Oromoom qopheeffaman jedhu.
Obbo Taakkala Guutuu, kitaabuma Aadde Fittaalee irraa bitaniin ijoollee isaanii akka itti gargaaraman gochuun ijoollee isaanii keessaa kan hamma digirii 2ffaatti baratan akka jiran dubbatan.
Gabaasa Naakoor Malkaa Amboo irra ergee caqasaa.
Hoggana Qindaawaa fi Aantummaa Uummataatu Injifannoo Nu gonfachiise: Dr. Abiyyi Ahmad
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/14/74611e65-73ac-4efc-b1c5-ad0cbc357cd3_48k.mp3
ABO-n Hoggansi Dhaabbatichaa fi Gazexessitoonni SBO Hidhamuu Himate
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5709260.html
Paartiin Badhaadhinaa himannaan ABO maqa balleessii dha jedha
Maanguddonni Matakkal Rokko qaban Dr.Abiyyi Ahmadiif Ibsanii Jiru
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/22/1053a686-30b2-44e2-9eb7-703b5a305ad0_48k.mp3
Briteen Keessatti Kan Mul’ate Gosi COVID-19 Inni Haarawaan Hammaataa Adeemuutu Gabaasame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5709188.html
Briteen Keessatti Kan Mul’ate Gosi COVID-19 Inni Haarawaan Hammaataa Adeemuutu Gabaasame
Imaltoonni Briteen irraa dhufan martinuu ragaa COVID-19 irraa walaba ta’uu isaanii akka dhiyeessan gaafachuuf itti yaadaa jiran.
Caasaaleen oduu akka gabaasanitti gurmuun duula farra vaayiresii koronaa kan White House wixata kaleessaa wal ga’uu dhaan imaltoonni Briteenii utuu hin ka’in dura sa’aatilee 48 ykn 72 keessatti vaayiresicha irraa walaba ta’uu isaaniif qorannaa geggeessuu akka qaban ka jedhu irratti mari’atanii qajeelfama tolchanii jiru.
Qajeelfamni kun kan dhiyaate ennaa biyyoonni 40 ol ta’an sababaa weerara COVID-19 inni haaraan Briteen keessaa mul’ateen kan ka’e imala gamasi irraa dhufu rarraasanitti.
Hoogganaan waaltaa dhukkuboota alarjii fi daariqaa Dr. Anthony Fauchii wixata kaleessaa akka jedhanitti vaayiresii haaraan kun Ameerikaa keessa jiraachuu danda’a jedhan.
Kan Jarman keessa maadheffate hoogganaan kampaniin dawaa BioNTech akka jedhanitti gita isaanii kan Ameerikaa Faayizer waliin ta’uun kan qophaa’e talaalliin COVID-19 vaayiresii isa harawaa irratti hojjechuuf carraan qabu ol aanaa dha jedhan.
Ugur Sahin Berlin keessatti tuuta oduuf akka ibsanitti garuu yoo barbaachisaa ta’e talaalliin kun fooyyeffamee torbanneen ja’a keessatti ni raabsama.
Gamtaan Awrooppaa talaalliin Faayizer fi kan BioNTech biyyootii miseensota isaa ta’an 27f akka raabsamu kan raggaasise yoo ta’u talaallii inni jalqabaas Muddee 27 jalqabamuuf jira.
UNHCR fi Michoonni Isaa Baqattoota Walitti Bu’iinsa Tigraay Jalaa Dheessan Gargaaruuf Deggrsa Doolaara Miliyoona $156 Gaafate
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5709163.html
Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHCR, michoota gargaarsa namomaa 30 waliin ta’uu dhaan deggersa hatattamaa doolaara miliyona $156 gaafatee jira.
Maallaqi deggersaa gaafatame kun gargaarsa namoomaa kkaan barbaachisu baqattoota walitti bu’iinsa naannoo Tigraay keessaa dheessaniif hanga walakkeessa bara 2021tti ga’u jedhameera.
Deggersi kun itti dabaluu dhaan biyyoonni naannoo sanaa ka biroon sochiin baqattootaa itti itti dabalaa yoo jiraate baqattoota simachuu akka danda’aniif qoophee jiru ka cimstu ta’uun ibsamee jira.
Torbanneen ja’an darban keessa baqattoota 52,00 naannoo Tigraayirraa gara Sudaan gama bahaatti baqatan. Yeroo dhiyoo baqattoonni haaraa gamas seenan lakkoobsi isaanii gad hir’atu iyyuu, jaarmoliin grgaarsaa kurna hedduu keessatti gandeen baadiyyaa fagoo irraa godaantota yaa’an akkasitti arganii kan hin beekne ta’uun beekamee jira.
Keenyaan waan Somaaleen irratti wal dhabde mariin falachuuf koree jaarrate
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/17/ded091de-1702-4ed2-977b-e793742ddaed_48k.mp3
Daa’imman Wal-Waraansi Balaaf Saaxile
https://www.voaafaanoromoo.com/a/daa-imman-wal-waraansi-balaaf-saaxile/5703639.html
Hamdayaat maatiiwwan hedduuu gara mooraa dhaabbataa qarqaarsa waayyaa qabu isaanif dhiheessutti dabarsuuf fedhii qabaataniis, maatin garuu ammatti da’imman qabanii karaa biraa deemuun balaaf isaan saaxiludha sodaa jedhan qban.
Gabaasa Heezer Medrak Sudaan irra ergite daawwadhaa.
Waa'ee Koviid-19 Irra Deebiin Uummataaaf Hubannoon Kennamuu Qaba: Hayyoota Fayyaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/waa-ee-koviid-19-hubannoon-kennamuu-qaba-hayyoota/5703536.html
Hospitaalli Rifeeraala Yunivarsiitii Wallaggaa, Namoota dhukkuba Koviid-19n qabamanii yaalii irra turan 384 keessaa 19 lubbuun darbuu beeksisee jira.
Yeroo ammaas namni dhukkuba Koviid-19n shakkame tokko bakka keessa tursiisa kan addaa keess jira jedhu Itti gaafatamaan kutaa yaalii fayyaa hospitaalichaa Dr. Amsaaluu Taakkala.
Haaluma Wal fakkaatuun,hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo keessatti namoota Qoratamanii Vaayirasii Koroonaan qabamuu baramee keessaa haala waliigalaan lubbuun Namoota 22 darbuu hoji-geggeessaan kan ta'an Doktor Guddataa Imaanaa ibsanii jiru.
Weerara dhukkuba Koviid-19 kan ilaaleen irra deebiin hubannoo Hawaasaaf kennuun ni barbaachisallee jedhaniiru.
Gabaasa Naakoor Malkaa Caqasaa.
Shakkamaan Garee Al-Shabaab Himannaan Akka Irratti Dhiyaatuuf Gara Ameerikaatti Geessame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5703420.html
Shakkamaan garee al shabaab haleellaa sanyii Fulbaana 11 Ameerikaa keessatti raawwachuuf shire jedhame, himannaan akka irratti dhiyaatuuf gara New York-tti fidamuu isaa ministriin haqaa roobii kaleessa beeksisee jira.
Lammiiin Keeniyaa Chooloo Abdii bakka Adoolessa bara 2019 to’annaa jala oole Filippiinsi irraa kibxata darbe gamanatti fidame. Angawoonni Filippinisis kibata darbe angawoota mootummaa Ameerikaatti dabarsanii kennan.
Abdullaah-n xayyaara daldalaa butuu dhaan biilsa Yunaayitid Isteetis keessaatti rukutuuf shire jechuun himatame. Akka hoogganoonni gameeyyiin al- Shabaab qajeelchanitti Abdullaah-n Filippiins keessatti leenjiee xayyaara balalisiisuu fudhate jedhameera.
lammiiwwan badii hin qabne galaafachuuf shirri xayyaara gargaaramuu kun shororkeessonni garee Islaamummaa biyya keenya irratti balaa geessisaa jiran nu yaadachiisa jechuu dhaan itti aanaa abbaa alangaa kan ta’an Joon Demeres beeksisaniiru.
Shororkeessonni kanneen Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuu yaadan eessa iyyuu yoo jraatan ni argamu, nutis adda baasnee murtiitti dhiyeessina jedhan.
Biiroo Koominikeeshiinii Oormiyaa: Duula Garee ABO-Shanee irratti geggeessameen hidhatoota 780 oli ajjeesame
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/16/6cbd18c2-9930-4466-a56f-6af1d9118bff_48k.mp3
Ministeerri Albuudaa Dhaabilee Seeran Alaa Hojjetan Jedhe Irraa Eeyyma Mulqe
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ministeerri-albuudaa-dhaabilee-seeran-alaa-hojjetan-jedhe-irraa-eeyyma-mulqe-/5702269.html
Dhaabbilee Albuudaa 63 seeraan ala hojjatan jedhee irra hayyama hojii mulquu isaa Ministeeri Albuuda fi Boba'aa beekisise.
Gama biraatin ammo Oomisha warqee naannolee irraa gama Baankii biyyallessatti ergamu keessaa warqiin Qarshii Biliyoona lamatti tilmaamamu Naannoo Tigraayitti Saamamuu isaas Ministeerichi ibsee jira.
Amerikaan qorsaa COVID-19 haaraa Pfizer fi BioNtech waliin hojjatan namaan wallaanuutti jirti qaraa hojjattoota fayyaa isiitiin akiman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/amerikaan-qorsaa-covid-19-haaraa-pfizer-fi-biontech-waliin-hojjatan-namaan-wallaanuutti-jirti-qaraa-hojjattoota-fayyaa-isiitiin-akiman/5700765.html
Amerikaan fulaan fulaa itti akimatan 400 caalaa qopheeffatee nama isii akimachuutti jirti.Godinii cuftii qorsa dhaabii Pfizer hojjate kana qoodachuutti jiran.Qorsii dhaabii Moderna hojjatelleen dhufuutti jira.
Nama qaraa qorsa kana waraannatee, narsii New York ka warra akka lubbuu jiru wallaantu, Sandra Lindsay.
Limmee koronaa ka qaraa kunoo yaayuu waraanne.Amerikaa baga gammadde! jedhe pirezidaanti Tiraampi Tiwwter ufii irratti.
Qorsa Koronaa kana mi’a akka malee akka malee qabbaneessuu ka qabbantii isaa digrii -70 dhiyaattu keessa kaahuu qaban.
Sanbata guddaa warshaa dhaaba qorsa Faayzer Kalmaazoo Mishigan jiru keessaa fa’anii geejjiba xuyyuuratti guuranii biyyaan reebanii godina Amerikaa 50tu dabran.
Pfizer qorsa kana dhaaba Jermen,BioNTech waliin hojjattatan.Akkana jedhe itti gaafamtamaan damee fayyaa Amerikaa, Alex Azar jedhetti “Duulii Tiraampi akka bubbee bubbisu yaayyuu qorsa ajaahibaatiin nuu dhufe.”
Amerikaatti COVID-19 nama kuma 300 caalaa galaafate nama miliyoona 16 fi kuma 200 irratti argan.
HRW:Riyaad Sawuditti nama biyya alaa hujii dhufe walti qabanii rakkina hamaa irraan gahuutti jiran dhibba hedduun nama Itoophiyaatti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hrw-riyaad-sawuditti-nama-biyya-alaa-hujii-dhufe-walti-qabanii-rakkina-hamaa-irraan-gahuutti-jiran-dhibba-hedduun-nama-itoophiyaatti/5700740.html
Sawudii biyya addunyaa keessaa durummaan beekanitti nama biyya alaa hedduutti hujiif itti yaa’a.
Akka gabaasii Human Rights Watch jedhetti biyya tanatti nama hedduu walti guuranii rakkisuutti jiran.Laftii nama walti qaban tun lafa jireenna namaatii hin taane akka malee hamtuuti.
Akka HRW ibsa baaseen jedhettinama rakkoo akkanaa keessa jiru hargii guddaan Itoophiyaa.Mana diqqaa keessatti nama akka malee walti gobbisanii walti qabanii achitti tursan.
Waardiyaan jara sun eegdu ammoo akka gabaasa HRW baasetti ammo abbaa fedhe laastikii sibiilaatiin dhaanee waan fedhe tolchaa yoo akkama diqqaatte Onkololeessaa fi sadaasaa keessaa akka jecha HRWti nama sadiitit tnaaan lubbuu dhabe.
Sawudiin koronaa keessa akkana haga ji’a tokkoo akkas nama hidhuun,waltu guurtuun waan tahuu qabaatii miti jedhe HRW.
Akka jecha qorattuu mirga namaa HRW,Nadia Hardmanitti wanti jarii walti guuraan keessa jiruu fi akkaataan namii achitti ijjeefamu waan mataa nama dhukkubsaati.HRW akka Sawudiin jara walitti guurte,akka lubbuu jiran ariitiing adi dhiiftu gaafate.
Demokraasiin Injifatee Jira: Joo Baaydin
https://www.voaafaanoromoo.com/a/demokraasiin-injifatee-jira-joo-baaydin/5700440.html
Prezidaantii Amerikaa isa itti aanu ta'e deemsa sirnaawaan filatamuun koo Amerikaaf qabsoo barana gaggeeffamee fi Demookraasiin injifachuu agrsiisa jechuun Joo Baaydin kaleessa dubbatan.
Bakka buutoonni paartilee gam lameenii Wiixata kaleessaa eenyuu prezidaantii Amerikaa isa itti aanuu ta'u qaba isa jedhu irratti sagalee eega kennanii booda Baaydiin sagalee 306 argachuun injifachuu isaanii akkasumas prezidaant Traamp sagalee 232 argachuun injifatamuun isaanii eega labsamee booda Baaydiin Haasawaa dhageesisan.
Gabaasa Guutuu Caqasaa
Seera Tumtoonni Amerikaa Bara 2020 Maal Keessa Darban?
https://www.voaafaanoromoo.com/a/seera-tumtoonni-amerikaa-bara-2020-maal-keessa-darban-/5699253.html
Yakka ilaalcha gaggeessuu qabee gargaarsa seenaa biyyatti keessatti guddicha jedhamee raggaasiisan. Kunis sababaa weerara vaayrasii Koronaan kan ka'e marii, falmii fi sagalee bakka adda addaa irraa kennaniin ture.
Kanneen dhimmi isaanii dhiyaatee irratti dubbatamee, falmiin irratti gaggeeffamee murtiin itti kennamee keessaa waa'ee Prezidaantii Donaald Traamp tokko ture.
Gargaarsii guddaan duraan irratti walii galuun kennan immo saba weerara vaayrasii Koronaan namoota hojii isaanii dhaban kan kenname ture.
Gabaasa guutuu caqasaa
Hoggana Qindaawaa fi Aantummaa Uummataatu Injifannoo Nu gonfachiise: Dr. Abiyyi Ahmad
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5699197.html
Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad ajajaawwan waraana gameeyyii waliin Dilbata kaleessaa Maqalee keessatti marii geggeessanii jiran.
Duula Waraanaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) waliin geggeessame yeroo gabaabaa keessatti injifannoon golabamuu warra taasiisan raayyaa ittisa waraanaaf ajaa’ibsifannaa fi galata galchanii jiran. . Gabaasa Mesfin Arage Jalanetu dhiyeessa.