Mootummaan Benishaangul Gumuz Hidhattoota Hidha Laga Abbayaa Haleeluuf Karoorfatan Irratti Tarkaanfii Fudhadhe, Jedha
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6007500.html
Biiroon Ijaarsa Nagaa fi Tasgabbii naannoo Benishaangul Gumuz, hidhattoota Sosochii Bilisummaa Diimookiraasii Uummata Gumuz (GUHDEN) fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) 170 ol tahan, jedhu irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.
Hoogganaan biiroo kanaa Obbo Abiyoot Albooroo VOAf ibsa kennaniin, “hidhattootni kunneen osoo Hidha Haaromsaa, ka laga Abbayaarratti haleellaa raawwachuuf jedhan humnoonni nageenyaa mootummaa tarkaanfiin irratti fudhate,” jedhan.
Ibsa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuz kanaaf gama hidhattoota GUHDEN irraa deebii argachuuf yaaliin haga ammaatti goone hin milkioofne. Gama ABUT irraa bakka-bu’oonni gaafatan immoo, “kun oduu dharaa ti” jedhan.
Beneshaanguul Gumuuz Keessatti Angawoonni To'annaa Jala Oolanii Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5717652.html
Manni maree bulchiinsa naannoo Beneshaanguul Gumuuz gumii ariifachisaa guyyaa lamaaf gaggeesseen miseensoota isaa 4 irraa mirga akka hin himatamnee qabaataa turan irraa mulqee jira.
Isaanis Obbo Adagoo Amsaayaa, Obbo Shifarraa Calliboo, Obbo Girmaa Manii fo Obbo Araggaa Baalbiid yoo ta'an yeroo ammaa to'annaa jala ooluun isaanii ibsamee jira.
Akka hin himatamneef mirgi qaban akka irraa kaafamuuf kan gaafatee abba alangaa mummicha yoo ta'u gaaffii kanas manni maree naannichaa sagalee guutuun raggaasisuu afyaa;iin mana maree Obbo Taaddalaa Tarrafaa ibsanii jiru.
Tarkaanfiin kun kanumaan akka hin dhaabannee ta'u ibsanii guyyaa har'a ganama aanaa Dibaaxee ganda Zigii keessatti hidhattonni Gumuuz nama lama ajjeesanii tokko madeessuu isaanii dubbatan.
Gareen mummicha ministeeraaa Abiyyi Ahmadiin hundeeffame kan aangawoota sarkaa olaanaa kan mootummaa fi ajajajoota waraanaa keessa jiran godiina Matakkal keessatti hojii seera eegsisuu guutummaan jalqabuun ibsameera.
Gabaasa Guutuu Caqasaa
Godiina Matakkal Keessatti Kanneen Baatileef Hidhaman Seera Duratti Hin Dhiyaatiin Jiru: Maatii
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5717564.html
Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal aanolee garaa garaa keessatti, namoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin deggersa gootu jechuun baatiiwwan hedduuf murtoo mana murtii tokko malee hidhamuu, maatiin hidhamtootaa keessaa hagi tokko ibsan.
Komishiniin Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz gama isaan, Godina Matakkal keessaa namoonni murtoo malee hidhamanii jiran 1137 tahuu ibsee, ragaa Qindeessuun mana murtiitti dhiyeessuuf haal nageenya godinaa keessaatu danqaa tahe jedha.
Hidhattoota Mootummaan ABO Shanee jedhee waamu deggeruun wal qabatee namoonni hidhamanis jiru jechuun Komishinarri Itti Aanaa Komishinii Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Komaandar Misgaanaaw Injifataa ibsanii jiru.
Gabaasa Guutuu Caqasaa.
Yakki Seera Sadarkaa Addunyaa Cabsan Tigraay Keessatti Raawwatamuu Gabaasi Isa Ga’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5717515.html
Komiishinerittiin ol aantuun dhimma mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa Michele Bachelet, Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessatti namoota nagaa irratti dhiittaan mirga namaa raawwataa jiraachuu, kaanis yakka waraanaa ta’uu waan maluuf haalli siivilotaa hedduu yaaddessaa ta’uu akeekkachiisan.
Bakka hedduu quunnamtiin waan hin jiraanneef himannaalee kana qorachuu akkasumas Tigraay keessa kan jiru dararaan dhala namaa hagam akka ta’e addaan baasuun rakkisaa ta’ee jira. Haala jiru gamaaggamuu, siiviilotaaf eegumsa gohuu fi yakkamtoota yakka dalagan murtiitti dhiyeessuuf qorattoonni mirga namaa walaBaa naannoo sana dhorkaa tokko malee akka seenan tokkummaa mootummootaatti hooggantuun dhimma mirga namaa Michelle Bachelet gaafataniiru.
Dubbi himtuun komiishinerichaa Liz Throssel akka jedhanitti waajjirri dhimma mirga namaa seerri gargaarsa namoomaa kan sadaraa addunyaa fi miga namaa gareelee walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaataniin cabuu isaa kan agarsiisan odeeffannoon hedduu argateera jedhan.
Weerarri Awwaannisaa Akka Haaraatti Ka'e
https://www.voaafaanoromoo.com/a/weerarri-awwaannisaa-akka-haaraatti-ka-e/5716290.html
Oromiyaa godinoota 6 keessatti weerarri Awwaannisaa akka haaraatti ka'e, yoo ta'u godinoota Baalee fi Baalee Bahaa hedduminaan weeraruu isaa biroon Qonaa fi Qabeenya Uumamaa kan Oromiyaa beeksisee jira.
Homaa Awwaannisa kana qolachuufis xiyyaara qoricha biifuun degaramuun duulli taasifamaa akka jirus himamee jira.
Gabaasa Muktaar Jamaal Caqasaa
Barii Lafaa Foddaa Mana Koo Cabsanii Bombii Mana Keessatti Darbatan. Ilmii Koo Ajjeefamee kaan Keenya Madoofne: Jiraattuu Godina Matakkal
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5716313.html
Bulchiinsa naannoo Benishaanguul Gumuuz godina Matakkal, aanaa Bulan,ganda Kujii keessatti torban darbee namoonni 200 ol ajjeefamuun ni yaadatama.
Jiraattuu ganda Kujii kan ta'an Aaddee Izibaayee Araggaa akka jedhanti Roobii darbee jechuun Mudee 23 bara 2020 barii sa'a 12 irratti sagalee dhukaasaa dhaga'aa turre. Sana booda hidhattonni foddaa mana koo cabsanii bombii mana keessatti darbatan jedhan.
Yeroo sana mana ofii keessa ijoollee isaanii 6 waliin akka turan kan ibsan addee Izibaayee, ilmii isaanii umriin 17 battalumatti ajjeefamuu fi ofii isaanii waliin ijoolleen lama madaa'uu dubbatan.
Yeroo amma ijoollee isaanii hafan 5 waliin mana obboleessa abba manaa isaanii tti baqatanii akka jiran, iddoo dur jiraataa turanti deebi'uuf sodaa akka qaban ibsan.Abbaan warraa Oneeg Shanee deggerta jedhamuun hidhaa keessa akkamjiranis ibsan.
Gama kaaniin achuuma dhalataa godiina Matakkal kan ta'an ogeessa seeraa Obbo Tamasgeen Gammachuu Dibaaxee irraaa akka nu ibsanti, rakkoon Mattakal keessaa waggaa lama dura bulchiinsa naannoo Amaaraa bakka Jaawwii jedhamtuutti namoonni Gumuuz 200 ta'an ajjeefamuu fi sana booda warri hafan gara bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuuzti dheessuu dubbatu.
Kanaaf jecha tarkaanfiin Gumuuz fudhatan kan haaloo ba'iinsaa a'u, keessumaa baatilee darban 3 keessatti jarreen Gumuuz hedduun bosonatti galuu ibsan.
Haala adda ta'een fixiinsa torban darbee dhaqqabeef sababaa, aangawoonni bulchiinsa naannoo lameenii gama midiyaan jechoota hamaa walitti darbataa jirantu qooda qaba jedhu.
Kanaaf jecha mootummaan Federaalaa gam lameenii irraa warra waan dubbataniif itti gaafatamoo ta'an seera duratti dhiyeessuun, warra Gumuuz kanneen bosonatti galan deebi'anii akka hawaasatti dabalam gochuun sana booda mariin furamuu qaba jedhu.
Kanaan ala gam tokko irratti qofa tarkaanfiin fudhatamu furmaata hin ta'u jedhu Obbo Tamasgeen Gammachuu.
Gaaffii Deebii Gaggeeffame caqasaa.
Filannoo Itoophiyaan Itti Deemtu Irratti Xinxala Hayyootaa
Website: https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713633.html
Paartileen siyaasa morkattootaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an tokko tokko filannoo walii galaa kan Itoophiyaan bara 2013tti geggeessuuf karoorfatte dursuun mootummaan geggeessitootaa fi miseensota paartilee siyaasaa hidhaman hiikuu qaba” jechuun komii dhiyeessan irratti hayyoota Saayinsii Siyaasaafi Seeraa dubbisneerra.
Hayyoota dubbisne keessaa“Filannoo gaggeessitootni fi miseensotni paartilee Siyaasaa morkattootaa osoo hidhaa jiranii adeemsifamu waan amanamaa hin taaneef, dhimmi Namoota hidhamanii mana murtii bilisaan qoratamuu qaba” jedhan.
“Kanneen hidhaman Namoota ykn gareewwan malee paartii siyaasaa waan hin taaneef, paartileen caasaawwan isaanii hanga gajjallaa jiran fayyadamuun, filannoof qophaa’uu qabu” kan jedhanis jiru xiinxala isaaniin.
Gabaasa Naakoor Malkaa caqasaa~~~~~
➪@voaAfaanOromo
Gargaarsaaf Kan Iyyatan Ta'uus Waan Kenninuuf Hin Qabnu: Bulchiinsa Daanshaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713601.html
Raayyaa ittisa biyyaa fi humnootii adda ABUT giddutti wal waraansa gaggeeffameen kan ka'e guyyaa tokko dura buufata qonnaa ABUT kan Kibaaboo Hiwoot jedhamu irraa godaanuu kan dubbatan lammiwwan Itiyoophiyaa gargaarsa dhala namaa dhabuun kan ka'e rakkoof saaxilamuu isaanii dubbataa jiru.
Bulchiinsii yeroo kan Daanshaa akka jedhutti magaala keessa akka buufatan gochuun gargaarsa akka argatan gochuuf meeqa akka ta'an barree fannoo dimaa beeksiifna jedha.
Nutis kan nutti kennamee waajiira duwwaa waan ta'eef bajata hin qabnu waan ta'eef jara kana deebisnee dhaabuuf dandeetti hin qabnu jedha bulchiinsii yeroo kan magaalaa Daanshaa
Baqattoonni Tigraay Kannee Sudaan Keessaa Qe’ee Ofiitti Deebi’uuf Haalli Jiru Amansiisaa Miti Jedhu
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/25/cdaa9af1-d588-4cea-b865-3feab37a523e_48k.mp3
Wal Dhabbiin Diploomasii Somaaliyaa fi Keeniyaa Jiraattota Mandeeraa Yaaddoo Keessa Galche
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713473.html
Somaaliyaa fi Keeniyaan torbee kana wal gahi Igaad gubbaatti rakkoo isaanii hiikuuf walii galanis ammaa morkeen lamaan isaanii gidduu jiru sahkkisiisaadha.
Mootummaan giddu galeessaa Somaaliyaa torbee darbe Keeniyaan dhimmi keessoo kiyya keeessa seente jechaan walitti dhufeenya diploomaasii Keeniyaa waliinii ka dhaabe yoo tahu, dhiyeenyaa as ammo naannoo daangaa keeniyaa loltoota qubachiisuunsaa yaaddoo nageenyaa dabalataa fideera.
Naannoo daangaa Somaaliyaa fi keeniyaa humnootni raayya ittisa biyyaa qubachuun kunis wal dhabdeen Somaaliyaa fi Keeniyaa gara lolaatti akka hin ceene sodaan ballateera. Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa loltootasaa magaalaa balad Hawwoo keessa ka qubachiise yoo tahu, warri bulchiinsa Jubaalaandi ka Keeniyaa michoomfatanis loltoota isaanii Mandeeraa keessa qubsiisanii jiru.
Mahaammed Maallim Bulchaan Mandeeraa wal dhabdee Mootummaa Somaaliyaa fi Keeniyaa akkasumas Jubaa land jidduu jiruuf nuti warri Mandeera jiraannu dhiphachuu hin qabnuu jechuun dubbate.
“Wal dhabdee humnoota Kanaan sabni keenya naannoo kana jiraatu akka miidhamu hin feenu. Guyyoota darban kana walitti dhufeenya Keeniyaa fi Somaaliyaa gaarii hin turre, kun ammoo jiruu saba naannoo mandeeraa jiraatu yaaddoo keessa buusuu hin malle, furmauu qaba” Mohaammed Maallim Bulchaa Mandeeraa
Ji’aa oliif humnootni ajajaa humna nageenyaa Jubaalaand Mohaammed Janaan Mandeeraa keessa turan jedhama, Torbee darbe magaalaa Balad tti dhukaasa bananiis humnootni kun namootni kudhanii ol du’uun gabaafaameera.
Kibxata darbes jiraattooni Mandeeraa lolli akkasii waan isaan yaachiseef hiriira nagaa bahanii jiran. Jamaa Warsaammee jiraataan Mandeeraa, rakkoo hoongee fi kaan qabnutti lolli kun nutti dabalamuu hin feenu jechaan VOA’tti hime. Kanaafis warri wal dhabe kun mareen rakkoo kana akka hiiku gaafate.
Joorji Musaamilii Dura taa’aa Waajjira Ittisa Balaa Afriikaa ti, Somaaliyaa fi keeniyaan lolatti yoo seenan waan hamtuutu as deemaa jedhe. Musaamiliin, lolli kun rakkoonsaa naannoo gaanfa afriikaa qofa odoo hin taane, warra naannoo baha jiddu gala afriikaa jiraatuufis balaa guddaa qaba jedhee erga dubbateen booda warri mareen akka rakkoo kana hiiku yaada kenne.
Bulchiinsi Jubaalaand Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa humna raayyaa ittisa Somaaliyaa naannoo Gedoo buufate akka baasu gaafatus bulchiinsi Faarmmajoo garuu gaaffii kana kuffiseera.
Qorattoonni Braaziil Talaalliin COVID-19 Chaayinan Oomishte Milkaa’e Jedhu
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5712297.html
Qorattoonni brazil kampanii dawaa Chaayinaa Sinovac biotech jedhamuun kan oomishame tallaaliin vaayiresii koronaa dhibba irraa harka 50 milkaa’ina kan qabu yoo ta’u yaalii kilinikaa sadarkaa dhumaa irra jira jedhan.
Haa ta’u malee angawoonni waaltaa qorannaa mootummaa ba’ii yaalii sanaa fudhachuu diduu dhaan oomisha talaallii sanaa ilaalchisee iftoominatu itti hanqata jedhan.
Maqaa koronaavaak jedhu kan kennameef talaalliin yaaliif dhiyaate kun xumura baatii Onkoloolessaa irra namoota fedhiin fudhatan irratti mallattoo hamaa waan agarsiiseef dhaabatee ture.
Sinoovaak kampanilee naannoo addunyaa kanneen dawaa farra COVID-19 milkaa’ina qabuu fi amansiisaa oomishuuf dorgoman keessaa ti.
Latin Ameerikaan kaleessa talaallii COVID-19 marsaa jalqabaa argattee jirti. Talaalliwwan sunis Meeksikoo ga’anii jiran. Ministriin dhimma alaa Meeksikoo Marseeloo Ebrard akka jedhanitti guyyaan har’aa weerarri kun dhabamuun isaa jalqabamuu isaa ti.
Yunaaytid Isteetis talaallii kennuu erga jalqabdee torban lammaffaa qabatee kan jiru yoo ta’u uummata miliyoona tokko kan ta’u fudhatee jira. hedduun isaanii hojjettoota eegumsa fayyaa fi maanguddoota kanneen kunuunsa waaltaa eegumsa fayyaa keessa jirani.
Haa ta’u malee lakkoobsi kun galma kaa’ameen gadi yoo ta’u kunis kan mootummaan federaalaa talaallii miliyoonaan laka’amu oomishee xumura waggaa kanaatti uummata miliyoona 20 ta’u tallaaluuf gadi. Talaalliiin hatattamaan akka uummata ga’u mootummaa waliin kan hojjetu kaka’umsa US Operation Warp Speed jedhamuuf gorsaa gameessa kan ta’an Moncef Slaoui talaallii kana keennuun yeroo dheeraa fudhachuu mala jechuun akeekkachiisan.
Cicha nuti talaallii kana dhiyeessuuf qabnu hanga nuti yaadneen gad booodatti harkifataa jira jedhan. Bulchiinsi Tramp talaallii miliyoona 100 kan kampanii Fayizer fi BioNTechn qophaa’eef ramaduuf walii galtee irra ga’ee jira. kunis hanga walakkeessa Adoolesa bara 2021tti oomisha talaallii biyyattii gara miliyoona 200 kan oolu doolaara biliyoona $2-tti ol guddisa.
Chaayinaan sababa vaayiresii koronaa isa haarawaaf jecha imala Briteen irraa dhaqu rarraastee jirti. Vaayiresiin haaraan kun Briteen gama kibbaa dhuunfatee jira, muummichi ministeera biyyattii Booris Joonsen kutaalee biyyattii hanga tokko utuu ayyaanni dhaloota Gooftaa yesuu ykn Christmas hin ga’in uggura sochii itti dabalaa kaa’uuf jiru.
Gargaarsa Lammilee Godina Gujii fi Geediyoo Irraa Buqa’anii Godhame
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/24/4fade2b0-a5be-465f-bb53-f12efbc99e29_48k.mp3
Amerikaan qorsa koronaa miliyoona 100 Pfixer-BinNtech irraa bitachuutti jirti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/amerikaan-qorsa-koronaa-miliyoona-100-pfixer-binntech-irraa-bitachuutti-jirti/5711576.html
Amerikaatti nama miliyoona 18.2 caalaa irratti vaayireesisi koronaa argan nama kuma 323 caalaa galaafate.
Qorsa koronaa haaraa amma argatte kana haga guyyaa dheengaddaatti nama kuma 600 caalaa kennite. Qorsa kana qaraa warra humna laafaa,jaarrolee fi warra dhiba kana akka malee itti dhiyaatu ka akka ogeeyyota fayyaa faafa kennan achii ammoo gumii balloon gahan.
Pfizer-BioNTech amamllee akka Amerikaan dhiba kana ufi irraa dhowwituuf qora miliyoona 100 kennuuf mirkanseef.
Qorsa kana ji’a torba keesastti qoodanii waliin gahuuf hujiitti jiran akka kanaan qorsa biliyoona 2 kennuuf mootummaa federalaatiin walii galan.
Akka iti gaafatamaan dame fayyaa Amerikaa, Alex Azar jedhetti akka kanaan Amerikaa dhiba kana irratti abdi qabaaatti jedha.
Gama kaaniin ammoo sanyii koronaa haaraa Biritenitti argan,ka duriillee caala harka 71 oliin namatti dabruu dandaha jedhanillee dhaaba fayyaa addunyaa WHO waliin qorachuutti jiran.Qorsa Koronaa haaraa kana Pfizer-BioNtech fi Modernaatti biyyaan gahuutti jira
Gaazexeessaa Ibraahiim Hajii Alii Du'an Boqatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/gaazexeessaa-ibraahiim-hajii-alii-du-an-boqatan/5711047.html
Gaazexeessaa, Artiistii fi qorataa Afaan Oromoo ta'un guddina afaanicha keessatti gumachaa guddaa qabaataa kan turan Ibraahiim Hajii Alii du'an boqatan.
Ibraahiim Haji Aliin Hagayya bara 2012 eegalee dhukkubsachaa kan turan yoo ta’u, hamma Kibxata Muddee 22 galgala lubbuun isaanii dabartutti tajaajiila fayyaa argachaa turan.
Sirni awwaalchicha har’a Muddee 23 bara 2020 magaalaa Finfinnee keessa bakka awwaalch musleemootaa Kolfeetti bakka maatiin, firottannii fi dinqisifattoonii isaa argamaniitti raawwateera.
Gabaasa Guutuu Caqasaa.
Baqattoota Itiyoopiyaa Kuma 115 Ta’an Deggeruuf Gargaasa Hatattmaatu Barbaachisa: UNHCR
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/23/0224a879-d082-4b37-9e3e-2b6d47e9dbfe_48k.mp3
Finfinneetti Jandoon Cimaan Cabbii Makatee Roobe Lubbuu fi Qabeenyaarra Miidhaa Geessise
https://www.voaafaanoromoo.com/a/finfinneetti-jandoon-cimaan-lubbuu-galaafate/6007473.html
Finfinee keessatti jandoon cimaan cabiidhaan wal-makee roobe, lubuu namootaa fi qabeenya irra balaa geessisuu isaa Komoshiniin Geggeessa Hojii Sodaa Balaa Ibiddaa abiddaa Magaalaa Finfinee beekisisee jira.
Hanga gabaasaan kun qindaa’etti kutaa magaalaa NefaaSilk Laaftoo, Seeminarii Waldaa Makkaane Yesuus keessatii namoonnii 8 akka du’an beekamee jira. Akka Prezidaantiin Waldaa Makaane Yesuus, Lubi Yoonaas Yigazuu jedhanitti abbootii warraa 18 irra balaan dhaqqabee jira.
Godiina Matakkal Keessatti Kanneen Baatileef Hidhaman Seera Duratti Hin Dhiyaatiin Jiru: Maatii
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/29/bf82125b-3c2b-4d0a-b7b4-5a7cd76fe27d_48k.mp3
Yakki Seera Sadarkaa Addunyaa Cabsan Tigraay Keessatti Raawwatamuu Gabaasi Isa Ga’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/29/098aebe8-3b52-4e61-a094-2976b0af96e1_48k.mp3
Weerarri Awwaannisaa Akka Haaraatti Ka'e
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/28/8ca71799-44a8-4063-a02f-0fd281237f6a_48k.mp3
Barii Lafaa Foddaa Mana Koo Cabsanii Bombii Mana Keessatti Darbatan.Ilmii Koo Ajjeefamee kaan Keenya Madoofne:Jiraattuu Godiina Matakkal
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/28/a709cd5c-d128-426b-b4d3-958b0a4756e2_48k.mp3
"Matakkal Anaanaa Bulan Keessatti Uummanni Godaanuuf Dirqamee Gargaarsa Eeggataa Jira"
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713611.html
Godiina Matakkal anaanaa Bulan ganda Kojji keessatti haleellaa gaggeeffameen namoota manaa fi qe'e ofii irraa goodaananiif gargaarsa nyaataa fi dahannaa hatattamaan kan isaan barbaachisu ta'u bulchaan aanaa Bulan Obbo Gizaachew Nsaii hubachisanii jiru.
Kanneen godaanan kun kuma 35 akka ta'an fi rakkoo hamaa keessa akka jiran kan ibsan aangawaan kun mootummaanis ta'e jaarmayoonni dhunfaa biraa gargaarsii kenname hin jiru jedhu.
Bulchiinsa naannoo Benishaangul Gumuzitti komishnarri komiishina yaaddoo balaa Obbo Tarraqany Taasisaa akka jedhanti godinni Matakkal kuusaa midhaanii qabu irraa gargaarsa kennuuf hojjatamaa kan jiru ta'uus ga'aa miti.
Kanas wajjira keenya kan sadarkaa Federaalaatti beeksiifnee eegaa jirra jedhan. Gama kaaniin godina Matakkal aanaa Dibaaxee ganda Saran keessatti har'a hidhattonni Gumuuz namoota nagaa irratti haleellaa banuu isaanii waajira ijaarsa nagaa fi nageenyaa kan bulchiinsa naannoo sanaa Obbo Gaashuu Dugaaz kan ibsan yoo ta'u midhaan dhaqqabe ammatti hin beekamne jedhu.
Baqattoonni Tigraay Kannee Sudaan Keessaa Qe’ee Ofiitti Deebi’uuf Haalli Jiru Amansiisaa Miti Jedhu
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5713495.html
Sudaan waraanssa naannoo Tigraay keessatti geggessame jalaa kanneen dheessan baqattoota kuma 50 ol ta’an simattee jirti. Mootummaan Itiyoopiyaa waraansi naannoo Tigraay xumuramuu isaa beeksisus baqattoonni hedduun qe’ee ofiitti deebi’uuf haalli jiru amansiisaa akka hin ta’in dubbatu jechuun Naabaa Moheddiin mooraa baqataa Sudaan kan Hashaabaa irraa gabaasteetti.
Tigraay keessatti mootummaa Itiyoopiyaa fi humnoota naannoo sanaa gidduutti walitti bu’iinssa uumame jalaa dheessuu dhaan jalqaba baatii sadaasaa qabee lammiiwwan Itiyoopiyaa kurna kumaan laka’aman Sudaan gama bahaa seenaniiru.
Angawoonni Sudaan baqattoota kana mooraalee lama keessa kan qubsiisan yoo ta’u lammiiwwan Itiyoopiyaa daangaa ce’anii gamasitti yaa’uu waan itti fufaniif jecha mooraa itti dabalaa ijaaruuf karoorsaniiru. Jaarmoliin sadarkaa addunyaa fi kan naannoo hedduun baqattoota kana fedhii bu’uuraa kan akka midhaan nyaataa fi bishaanii dhiyeessuun deggeraniiru.
Baqattoonni kun hangi tokko gandeen Hashaabaa fi Hamdaayit keesssa firoottan isaanii ykn maatiiwwan Sudaan waliin jiru. Haa ta’u malee angawoonni Sudaan baqattoota kana magaalaa Qadriif kaabaatti kan argamu mooraa um Raquubaatti erguu barbaadu. Bakki sun naannoo daangaa muddamni itti hammaate irraa fagoo waan ta’eef nageenyi isaanii amansiisaa dha jedhu.
Wal Dhabbiin Diploomasii Somaaliyaa fi Keeniyaa Jiraattota Mandeeraa Yaaddoo Keessa Galche
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/25/1de28b75-71b3-464b-a57d-a9db0ec6c49b_48k.mp3
Warrii Qawwee Binishaangul Gumuze aanaa Bulenitti nama nagaa saba gara garaa 100 oli fixe
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/24/24e730ec-416e-4825-b838-900c8c69e956_48k.mp3
Koolu Galtoonni Afriikaa Digdama Ta’an Andaara Galaana Tuniisiyaatti Liqimfaman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5712283.html
Awrooppaa ga’uuf utuu yaalanii yoo xiqqaate koolu galtoonni Afriikaa 20 ta’an yaballi ittiin deemaa turan andaara galaana Tuniisiyaatti liqmfamtee du’uu isaanii angawoonni Tunisiyaa beeksisaniiru.
Dubbi hiamaan ministrii ittisaa Tunisiyaa Mohammed Ben Zekrii akka jedhanitti andaara magaallaa Sfax-tte raaffa kana kan argan namoota hojii qurxummii qabuu irratti bobba’an turan. Imaltoonni shank an baraaraman yoo ta’u kanneen 20 ta’an amma iyyuu achi buuteen hin argamin jira jedhan Zekriin.
Yabalattiin ennaa liqimfamte galaana Mediteraaniyaan ceetee gara odola Xaaliyaanii Lampeduusaatti imalaa turte. Dubbi himaan waardiyyaa biyyoolessaa Alii Ayaarii akka jedhanitti yaballi sun humnaa ol namootaan guutamtee turte, qilleensi hamaan galaanicha irra ture akka isheen liqimsamtuuf sababaa ta’uu mala jedhan.
Humnoonni galaanaa Tuniisiyaa namoonni itti dabalaa yoo lubbuun hafan ta’e barbaadaa jiraachuu angawoonni beeksisaniiru.
Gargaarsa Lammilee Godina Gujii fi Geediyoo Irraa Buqa’anii Godhame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/gargaarsa-lammilee-gujii-fi-geediyoo-irraa-buqa-anii/5711588.html
Lammilee Godina Gujii fi Geediyoo irraa Buqa’anii turan deebisanii idhaabuuf gargaarsa malaqaa qarshii Miliyoona 37 olii tumsa Gloobaal Alaayaans jedhamu gumaacheen abbotoon warraa 1700 ol gargaaramuun ibsamee jira.
Gargaarsi kun maneen jirenyaa ijaaruu fi jireenya isaanii tumsuu Kan of keessaa qabu akka ta’es himamee jira.
Gabaasa Muktaar Jamaal ergee caqasaa.
Godiina Matakkal Keessatti Namoonni Ajjeefamuun Ibsame
https://av.voanews.com/clips/VAO/2020/12/23/37314502-043a-4623-ae54-3290ccf337f7_48k.mp3
Godiina Matakkal Keessatti Namoonni Ajjeefamuun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/matakkal-keessatti-namoonni-ajjeefamuun-ibsame/5711018.html
Bulchiinsa naannoo Benishaanguul Gumuuz godina Matakkal aanaa Bulan ganda Kojii keessatti namoota nagaa irratti haleellaan kan banamee Kibxata halkan sa'atii 10 lafa laftiilafa bari'uuf deemuutti ta'u jiraataan miliqeen haleellaa kana jalaa miliqee jedhan dubbatanii jiru.Haaleellaa kana warri gaggeessan uffata humna addaa naannoo sanaa kan uuffatan ta'u dubbatan.
Namnii biraa Se'iid Ahmad jedhaman akka jedhanti komaand postii naannoo sanaa gocha kana keessaa harka qaba shakkii jedhu qabu.
Torban kana dhalattonni Gumuuz komaand postii waliin wagahii ta'aa kan turan yoo ta'u jiraattonni gosa biraa ta'an akka itti hirmaataniif ehama dhorkaman jedhu,Namoonni lameen kun akka jedhanti lakkoobsii namoota du'anii 100 akka ga'u ibsan.
Mummichi minsteeraa Abiyyi Ahmad Kibxata kaleessaa godina Matakkal keessatti uummata waliin mari'achuun ni yaadatama.
Lakkoobsa namoota du'anii quiqulleeffamee kan dhiyaatu ta'u dubbi himaan bulchiinsa naannoo Beneshaanguul Gumuuz beeksisanii jiru jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Baqattoota Itiyoopiyaa Kuma 115 Ta’an Deggeruuf Gargaasa Hatattmaatu Barbaachisa: UNHCR
https://www.voaafaanoromoo.com/a/unhcr-baqattoota-itiyoopiyaa--deggeruuf-gargaasa-gaafate/5710944.html
Jarmayaan baqattootaa kan tokkumaa mootummootaa fi gareeleen gargaaa 30 ta’an baqattoota naannoo Tigraay akkasumas biyyoota naannoo baqattoota kana simatan baatilee itti aanan ja’aaf kan oolu gargaarsa doolaara miliyoona $156 gaafateera jechuun Liisaa Shilaayin Jenevaa irraa gabaasteetti.
Hanga ammaa Itiyoopiyaa gama kaabaa Tigraay irraa kanneen baqatan gara biyya hollaa Sudaanitti dheessanii jiru. Haa ta’u malee jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootumootaa akka jedhetti haalli kun jijjiiramuu mala. Jarmiyichi akka jedhutti baqattoonni Itiyoopiyaa keessaa akka hin bane ittifaman jedhaman gara Jabuutii fi Eertraatti baqachuu malu jedhee jira.
Gargaarsi jaarmolii hedduun kibxata kaleessaa gaafatame kun akeeki isaa mootummoota sadii fi kanneen biroo naannoo sana keessa jiraniif kanneen dahata siyaasaa gaafatanii fi haala mijeessuu akkasumas kanneen qe’ee ofii irraa baqachuuf dirqaman gargaarsa lubbuu oolchuu dhiyeessuuf oola.
Jaarmoliin gargaarsaa lakkoobsi lammiiwwan Itiyoopiyaa biyya hollaa keessatti dahata siyaasaa barbaadanii akkaan gad bu’uu hubachuu isaanii tuqaniiru. Dubbi himaan UNHCR Andreh Mahesik akka jedhanitti lakkoobsi kun walumaa gala yeroo ammaa kuma 52,000.