waldaadb | Unsorted

Telegram-канал waldaadb - Waldaa Duuka Bu'ootaa

5099

Subscribe to a channel

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://vm.tiktok.com/ZMkUkDG5T/

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://vm.tiktok.com/ZMkUjuVvr/

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

WAAMICHA HUNDUMA KEESSANIIF
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Yaa'ii Eebba Kitaabota Afuurawaa
GUYYAA:DILBATA MUDDEE 20/2017
Iddoo:-Kaatederaala Sillaasee kiiloo 4,Finfinnee
Sa'aa: 5:00-9:00
Tajaajiltoonni, hordoftoonni amantaa, waldaaleen afuurawaa fi tajaajila mana kiristaanaa keenya keessatti tajaajilli Afaan Oromoo akka wal gahu warra hawwitan maraaf.
Hundumti keessan maqaa Waaqayyootiin affeeramtaniirtu

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Waamicha Obbolummaa

“Warra biyya lafaa irra jiraatan hunda gara Waaqa keessanii gara mana Waaqayyootti walitti qabaa.” Iyyu. 1:14


Obboloota keenya Awurooppatti biyyoota gara garaa keessatti argamtan hundumaaf, nagaan Waqaayyoo bakka jirtanitti isin haa dhaqqabu jechaa, Waldaan Duuka Bu’ootaa Wiirtuu Europe yeroo dhiyootti hundeeffamee tajaajila afuurawaa gara garaatiin obboloota walitti fiduu barbaada. Kunis carraa walitti dhufuu, koorsii barachuu, waliin imaluu, waliin tokkummaa uumuu, wal gargaaruu fi mana kiristaana baadiyyaa deeggaruu kan isiniif uumu ta’a. Irra caalattis jireenyi kophummaa hafee yeroo ittiin sagalee Waaqayyootiin jireenya keessan gaggeessitan isiniif ta’a. Maarree obbolootni keenya tajaajila Afaan Oromoo dhabdanii kana dura bataskaana irraa fagaattanii jirtan hundumti, akka walitti dhufnee waliin wiirtuu ijaarrannee tajaajillu isin gaafachaa, tajaajilli kun yeroof biyya Jarman giddu gala kan taasifatu yoo ta’e baay’ina miseensota hirmaatanii ilaaluudhaan biyyoota gara garaa keessattis kan babaldhatu ta’a. Waaqayyo kara tokkoonis kara birootinis nama waama waan ta’eef, waamicha kanaaf xiyyeeffannoo kennitanii akka hirmaattan maqaa Waqaayyootin isin beeksisaa, obbolootni hirmaachuu barbaaddan keessan miseejiidhaan akka nu dubbistan waamicha keenya dhiyeessina.
Yeroon itti Waaqayyoon filatan, yeroon tajajaila afuurawaa irratti dabarsanis nama hin yeellaasisu.
Waldaa Duuka Bu’ootaa Kutaa Hordoffii fi Qindeessaa Wiirtolee Biyya Alaa
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083363419801

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

www.tiktok.com/@tvsagaleedhugaa/live?source=h5_m&_r=1&enter_from_merge=share&enter_method=share&share_from_user_id=7118677116304901126&user_id=7118677116304901126&sec_user_id=MS4wLjABAAAAlUI_KKo8UBUifTEFW7iyZZOTXdRHPpxLOISbIHlF65xWtRvfj5ENUtwHHW_5j6cH&utm_source=telegram&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7418243662285670150&share_link_id=5ed7c257-9136-4041-9e7e-782c790a29eb&share_app_id=1233&ugbiz_name=LIVE&ug_btm=b7464%2Cb4180&timestamp=1727378303&social_share_type=10&enable_checksum=1

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://www.facebook.com/100064130946046/posts/pfbid02fvh1pHcR4FgaHT5EVeqt6GxRUWYUHK571CkupJ3JhgVaXcy6hmkkSeyPxKa3W53Dl/?app=fbl

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://www.facebook.com/100064130946046/posts/pfbid02Cs1UykmbNDTtHEnFA4LTT7RrzqpQNx4pGbsQ2AxQyFdUC2MwwCcGCTLVo7aMDtNWl/?app=fbl

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Yaa'ii 12ffaa WDB fi Eebba Barsiisota bakka Bu'ootaa

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://l.facebook.com/l.php?u=https%3A%2F%2Fvm.tiktok.com%2FZMrm3W4Gn%2F%3Ffbclid%3DIwZXh0bgNhZW0CMTAAAR1vCl0UGqIjcKhDj2xuGenx1ib229sRsdpzRDDf0DxNMSs2ja7PKuOfCjI_aem_WiStNXtzP828ZhMY9UhOxw&h=AT2boPzNKAvf7EONwe0Ge5bUiN03gj-s9lpGqbL9dSMaqb_1MepjR6GpsLEB5xQe6iewwa2wG9Oc2mfUtZBdAZLzZeZUUNjnNxNK1MfhNUb7NZILOv6oEHmcZFeod_GIW8LA&__tn__=-UK-R&c[0]=AT1LtRHzZUOjnxLjnpwHgJy5QKS58SH7zTEsn5GgxIWG0a9Omc_grm7YsUCIk--P15P_NS_oQEU9dehixNABrM-66D5be5wub0BGrmIRkTfma17UjtOqEpQd_9gGzBw68i6Z

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

tvsagaleedhugaa?_t=8o88D95W0Af&_r=1" rel="nofollow">https://www.tiktok.com/@tvsagaleedhugaa?_t=8o88D95W0Af&_r=1

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Baga Ayyaana Yaadannoo waggaa qulqulluu Yohaannis cuuphaatiin isin gahe jechaa, Waldaan Duuka Bu'ootaa Qabsuura raaja fi duuka bu'aa kabaja qabeessa kanaa Afaan Oromootti hiikee yoo isinii dhiyeessu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos, "kan dubartoota irraa dhalatan keessaa Qulqulluu Yohaannis cuuphaa kan caalu hin jiru" jedhee wangeelaa irratti kan dhugaa baheef qulqullichi Gooftaa cuuphe kun, xaballi maqaa qulqullicha kanaatiin dinqii ajaa'ibaa hojjetu, dhukkubsataa wal'aanuu fi afuura hamoo baasu biyya keenya keessatti bakka gara garaatti argama. Egaa isinis kitaaba kana bitachuudhaan yoo dubbistan,manneen kiristaanaatiifis yoo gumaachitan suga fi waadaa qulqullicha kennaa torba qabu kanarraa ni hirmaattu jechuudha. Akkasumas karoora waldaan keenya kitaabota Afuurawaa hunduma guutumaan guutitti Afaan Oromootti jijjiirru jedhu qabatee jiru keessattis gahee keessan baatan jechuudha.
Qabsuura kana Finfinnee suuqii WDB kiiloo 5tti har'a irraa eegalee ni argattu.
Bilbila:0931656264
Gatiin kitaaba tokkoo qar.400 qofa

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Liinkii Facebookiwwan Wiirtolee kutaalee lallabaa kan WDB irraa odeeffannoo haa hordofnu

1. WDB Wiirtuu Arsii
https://www.facebook.com/wdbarsi

2. WDB Wiirtuu Arsii Lixaa
https://www.facebook.com/wdbwestarsi

3. WDB Wiirtuu Baalee
https://www.facebook.com/wdbbale/

4. WDB Wiirtuu Booranaa
https://www.facebook.com/wdbborena/

5. WDB Wiirtuu Boorana Bahaa
https://www.facebook.com/wdbeastborena

6. WDB Wiirtuu Buunnoo Bedellee
https://www.facebook.com/wdbbunobedele/

7. WDB wiirtuu Gujii Lixaa
https://www.facebook.com/wdbwestguji

8. WDB Wiirtuu Harargee Lixaa
https://www.facebook.com/wdbwest.hararghe

9. WDB Wiirtuu Horro Guduruu Wallaggaa
https://www.facebook.com/wdbhoroguduru/

10. WDB Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa
https://www.facebook.com/wdbiluababora

11. WDB Wiirtuu Jimmaa
https://www.facebook.com/wdbjimma

12. WDB Wiirtuu Qeellem Wallaggaa
https://www.facebook.com/wdbkellemwelega/

13. WDB Wiirtuu Shawaa Kaabaa Salaalee
https://www.facebook.com/wdbnorthshewaselale

14. WDB Wiirtuu Shawaa Bahaa
https://www.facebook.com/wdbeastshewa

15. WDB Wiirtuu Shawaa Lixaa
https://www.facebook.com/wdbwestshewa

16. WDB Wiirtuu Shawaa Kibba Lixaa
https://www.facebook.com/wdbsouthwestshewa

17. WDB Wiirtuu Wallagga Bahaa
https://www.facebook.com/wdbeastwellega

18. WDB Wiirtuu Wallagga Lixaa
https://www.facebook.com/wdbwestwellega

19. WDB Wiirtuwwan Magaalaa Shaggar
https://www.facebook.com/wdbshegercity

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://www.facebook.com/100089340440150/videos/332565883067732/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

7. "Ni raawwate" (Yoh. 19:30)
Wanti kitaaba irratti barraa’e hundi raawwate yoo jedhuudha. Kana jechuun raajni Raajota qaqqabuu isaa fi ijoolleen Addaam Gannata keessaa ari’amanii Si’oolii keessa jiraachaa kan turan erganaa ga’e/dhumateera jechuu isaati. Araddaa isaanii Gannata akka dhaalan hojiin fayyinaa rawwatame hojjetame yoo jedhudha. Fayyina keenya kan ittiin rageesse/mirkaneesse du’a isaatiin waan ta’eef dhumate jedhe. Kun hundumti isaa kan ta’eef nu fayyisuuf jecha gooftaan al- tokko fannoorratti aarsaa ta’uun of dhiyeessee bara baraaf cubbuu irraa bilisa nu baasuuf raawwii/tolummaa inni raawwateeni. Nutoo Waaqa hangana nu jaalate kana hangam abboomamneefii jirraa? Hangam jaalachaa jirraa? Hangam galateeffachaa jirraa? Dhuguamatti laphee qulqulluudhaan waaqeffachaa jirraayii? Deebiin isaa nu’ii fi isa gidduutti haa ta’u. “Waanuma maraafuu Abbaan hin rafuu” akkuma jedhamu bakkuma jirrutti kennaa nuuf laatameen cimnee tokkummaadhaan taanee laphee qulqulluudhaan uumaa Keenya yaa Waaqessinu haa galateeffannu
Kiraalaayisoon!

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://www.facebook.com/100063601665557/posts/952812286848818/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://vm.tiktok.com/ZMkUMp4aw/

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://vm.tiktok.com/ZMkUjF5C7/

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Guyyaan beellamaa dhiyaachaa jira
Muddee 20/2017 Finfinnee kiiloo 4, kaatederaala Sillaaseetti, eebba kitaabota afuurawaa shan!

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Waamicha koorsii afuurawaa obboloota biyya Arabaa jirtaniif Obboloota keenya biya alaa gara garaa keessa jirtan kan koorsii afuurawaa barachuu barbaaddaniif koorsii bara 2017 kennamu eegaluuf galmee irra jirra waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuudhaan akka galmooftanii barattan waamicha dhiyeessina.
Koorsiin gama whatsappi fi facebookiitiin kennama
Guyyaan galmeen xumuramu Fulbaana 30/2017
Guyyaa koorsin eegalu Onkololessa 1 bara 2017

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://www.facebook.com/100063601665557/posts/pfbid02BnfCyCtVjpkvUV7XT6hqDrxndF1pXkpaqgQtLDYS11GhK4fBv6wGZS7Ys4zkTKohl/?app=fbl

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Dubbisa Share osoo hin godhiin bira hin darbina adaraa!
WAAMICHA GARGAARSAA YAALA FAYYAAF
Miseensa buleeyyii fi tajaajiltuu cimtuu Waldaa Duuka Bu’ootaa kan taate obboleessi obboleettii keenya Ayinaalem Nugusee, Daawit Nugusee, yeroo ammaa kana dhukkuba Xannacha Sammuutiin qabamuun baay’ee rakkachaa jira. Dhukkuba isaa kanaaf biyya keessatti yaalamaa turee fayyuu waan dadhabeef hatattamaan biyya alaa deemee yaalamuu akka qabu itti himame. Yoo dafee yaalamuudhaa baate garuu dhukkubichi haala hamaaf akka isa saaxilu waan itti himameef yeroo ammaa kana waamicha gargaarsaa obboleettiin keenya maqaa Waaqayyootiin obboleessa koo naaf fayyisaa jechuun nu gaafatteeti. Maallaqni/qarshiin isa barbaachisu doolaara 26,000 hanga 28,000 ykn birrii hanga 3,000,000 gaha. Egaa nama gargaaruuf nama ta’uun gahaadha kan jedhamu caalaa, nuti kiristaanotni namoota gargaaruun akka itti gaafatamummaa guddaatti Waaqayyorraa nutti kennameera. Kanaafuu, maaloo obboleessa keenyaaf hanga dandeenyu otoo hin qusatiin gargaarree haa fayyifannu, namas Waaqayyoonis haa gammachiisnu.
Ragaaleen waa’ee dhukkuba isaa ibsan kan hospitaala Xuqur Anbassaa fi kan laboratory asiin gaditti maxxanfamaniiru.
1. Baankii Daldala Itoophiyaa (CBE) – 1000163867749
2. Baankii Awaash - 013201097994800
Waaqayyoon obboleessa keenyaaf fayyina haa kennu. Ameen.

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://www.facebook.com/100063601665557/posts/pfbid0pVhTj9WtiC15uviZ73RP6Lyp88fc6AzirzVWhQMih9RQWRQweGPWem4rEtL1Rxjwl/?app=fbl

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

https://l.facebook.com/l.php?u=https%3A%2F%2Fvm.tiktok.com%2FZMrm3W4Gn%2F%3Ffbclid%3DIwZXh0bgNhZW0CMTEAAR0R-FFUshJMoa9xa1S_Da007MRd_Ut0vRUZh7MMDPXfiuuDitFfE-FRQVU_aem_OIRmZQvWRsNCxkqBzFhQmw&h=AT114eh7hExL9Vvf-VFmHsU8La3UG1ciA6W76QnhrATmcEaw4eRadn6bSqUsNehwgF1oO8gornyDosnVX7OxCXnZkDXZyPjVbRWu0nBsqWNYv6xLgak4-NzolFyBkx7YrQNP&__tn__=H-R&c[0]=AT1LtRHzZUOjnxLjnpwHgJy5QKS58SH7zTEsn5GgxIWG0a9Omc_grm7YsUCIk--P15P_NS_oQEU9dehixNABrM-66D5be5wub0BGrmIRkTfma17UjtOqEpQd_9gGzBw68i6Z

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Sanbata Duraa galgala waliin kitaaba Qabsuura Yohaannis haa eebbisnu. Sa'aa 3tti

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

"Dhalachuu isaatiin namoonni baya'een ni gammadu." Luq 1:14

Waa'ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa Dhugaa kana beektuu?
Seenaa Dinqisiisoo, qabsuura fi jireenya Yohaannis Cuuphaa
Qulqulluu Yohaannis cuuphaan qulqulloota kaan irraa seenawwan adda ta’ee fi baay’ee nama dinqu qaba. Eebbi qulqulluu Yohaannis cuuphaa nu irra haa buluuti, dhugaa qulqullicha Yohaannis waa muraasa kitaaba qulqulluu irraatifii waan manni kiristaanaa kenna dabalataan barsiiftu akka armaan gadiitti dhugaawwan ajaa’ibaa sinii dhiyeessa:
Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan
1. Haatii fi abbaan isaa erga dulloomanii,yeroon daa’ima argachuu isaanii darbee booda isa argatan(Luq 1:18)
2. Missiraachoo ergamaatiin dhalate,maqaan isaas ergamaadhan mogga’e (Luq 1:13)
3. Osoo gadaamessa keessa jiru afuurri qulqulluudhan guutame(Luq 1:15)
4. Osoo gadaamessa keessa jiru ennaa sagalee Dubroo Maariyaam dhagahutti ni utaale (Luq 1:41)
5. Gooftaan mataa isaatiin warra dubartoota irraa dhalatan hundumarraa(Gooftaa Iyyasuusii gaditti) kan caalu isa ta’uusa jecha isaa hin haalamne sanaan dhugaa baheeraafi.Kuni eenyufuu hin dubbatamne. (Mat 11:11)
6. Nama ta’ee osoo jiru Waaqa Ilma(Iyyasuus Kirstoosin) kan cuuphe Yohaannis isadha. Mat 3:15
7. Uffatni isaa fi sooratni isaa kan namootarraa adda ture. Mat 3:4
8. Hamma waggaa 30tti gammoojjii keessa jiraate
9. Akka abbootni mana kiristaanaa barsiisanitti mataansaa erga muramtee boodee gammoojjii Arabiyaa keessatti waggaa 15 barsiifte
10. Gooftaa Iyyasuusiin firooma dhiigaa qabu.(Luq 1:36)
11. Sirbituu kan turte intalli Heerodiyaadaa, mooticha waan gammachiifteef, mootichi gammadee ennaa “maalan si ‘shallama’ jedhee ishee gaafatutti, “mataa Yohaannis cuuphaa irraa muri naa kenni” jetteen. Sababa kanaan mataan Yohaannis cuuphaa mana hidhaa osoo jiru mataansaa muramee ‘waciitiidhaan’ dhiyaatee kennameef. Yaa daba namaa, osoo waa meeqa qabeenya meeqa kan ishee fayyadu mooticharraa gaafachuu dandeessu,hammeenyaan mataa Yohaannis cuuphaa gaafatte. (seenaa isaa Wangeela Marqos 6:16) irraa dubbisadhaa.
12. Biyya keenya keessatti xaballi maqaa qulqulluu kanaan burqu seenaa heddu hojjechaa jira.Dhukkubsataa heddus fayyisaa jira.
Eebbi qulqulluu Yohaannis cuuphaa nu irra haa bultu!

Kitaabni Qabsuura Qulqulluu Yohaannis cuuphaa Afaan Oromootti hiikameera, suuqii Waldaa Duuka Bu'ootaatii bitadhaa itti fayyadamaa

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

"Guyyaan Waaqayyo hojjete ishee kanadha, ittiin haa gammannu; isheettis hedduu gammanneerra" Faar. 117/118:24)
Hordoftoota amantaa Ortodooksii Tawaahidoo hundumaaf biyya keessaa fi biyya alaatti kan argamtan;
Miseensota waldaa Duuka Bu’ootaa biyya keessaa fi biyya alaatti kan argamtan hundumti.
Guyyaa hardhaa Waldaan Duuka Bu’ootaa tajaajila isaa caalatti kan jajjabeessu beekkamtii waliigalaa mana lubummaa irraa argachuu isaatiin baga gammaddan, baga gammanne jechuu barbaanna. Waldaan Duuka Bu’ootaa kana dura sadarkaalee kutaalee lallaba Oromiyaatti beekkamtiin tajaajilaa kan kennameef ta’us, guyyaa hardhaa ammoo seera mana kiristaanaa waldaaleen afuurawaa bifa haaraan haa galmaa’an jedhu hordofuudhaan, ulaagaalee manni kiristaanaa keenya baafte hunda guuutuudhaan galmaa’uu danda’eera. Waldaan keenya gara fuula durattis qannoonaa fi doogmaa mana kiristaanaa eegee tajaajila isaa kan itti fufu ta’uu isaas gamanumaa ibsuu barbaanna.
Waggoota kudha lamaan darban keessatti gufuuwwan tajaajilaa hedduun nu quunnamus, isa sana bira gargaarsa Waaqayyootiin dabarree hardha kana gahuu keenyatti Waaqayyoon guddaa ni galateeffanna. Obbolootni keenya keessumattuu tajajaila Afaan Oromootiin taasifamuun wal qabatee waldaa kana keessatti qorumsa jajjabaa keessa dabartan hardha baga gammaddan jenna. Hanga yoonattis tajaajila fi sochii Afaan Oromootiin wal qabatan kamuu dura bu’uudhaan raawwachaa fi raawwachiisaa kan ture waldaan keenya, yaadota jajjabinaa fi duuboo, galtee isa cimsu hunduma fudhatee mana kiristaanaa keenya biyya keessattis ta’ee biyya alaatti akka tajaajilu waadaa gala.
Kana duras abboota beekkamtii kennuudhanis haaa ta’u qajeelfamaa fi kadhannaa isaanitiin nu gargaaran hundumaaf, abbootaa fi obboloota yaada, yeroo, qarshii, beekkumsa fi humna isaaniitiin nu gargaaran hundumaaf, hardha waldaan kun as gahuu isaatti bu’uura waan taataniif galata guddaa qabna. Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti qajeelchi galmee fi hordoffii waldaalee afuurawaas beekkamtii kana raawwachuun waan nu keessumeessef galata qabna.
Gara fuula duraattis kaayyon dhugaa waldaan keenya qabate akka cimee bakka hunda gahu hordfotoonni amantaa Orotodooksii hundumti akka yaadaan, kadhannaadhaan fi waan dandeessan hundaan nu waliin dhaabattan ni gaafanna.

"Waan tokko nan godha, wanta na boodatti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha"

Fil 3:13
Galatni fi ulfinni Waaqayyooof haa ta’u. Ameen
Waxabajjii 27, 2016
Waldaa Duuka Bu’ootaa, Finfinnee

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Kitaaba Qulqulluu irratti Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti aanee kabaja olaanaa fi guddaa kan qabu Yohaannis Cuuphaadha. Inni karaa Gooftaa qulqulleessuuf Isa dura ergameerahoo. Gooftaan keenya iyyuu waa'ee Yohaannis cuuphaa dhugaa baheeraafi. warra dubartoonni dahan keessaa kabajaan kan akka Yohaannis cuuphaa hin jiru jechuudhaan. Gadaamessa keessa osoo jiruu kan Gooftaaf sagade, jireenyi isaas namoota kaan irraa adda kan ta'e, qulqulluu dhugaa dubbatu,dhugaafis wareegame Yohaannis Cuuphaan. Nama ta'ee osoo jiruu uumaa isaa kan ta'e Gooftaa keenya kan cuuphe isadha. Lallabni isaas mootummaan samii dhiyaatteertii gaabbii galaa kan jedhu yoo ta'u sagalee kana hardhas guyyaa guyyaan mana kiristaanaatti ni dhageenya. Waa'ee Gooftaa keenyas kasoomina olaanaadhaan, "An kanan kophee isaayyuu baachuu hin dandeenye na booda ni dhufa, ani bishaanin isin cuuphaa, inni garuu Afuura Qulqulluu fi abiddaan isin cuupha jedhee dubbateera. Seenaa qulqulluu Yohaannis cuuphaa abbootni wangeelaa afranuu barreessaniiru,kabaja isaa olaanaas ibsaniiru.

Xumura irrattis sodaa tokko malee balleessaa inni raawwateef jecha, mootii cubbamticha ta'e Heerodsitti dheekkameera,sababa kanaafis mormi isaa muramee wareegamummaa raawwateera.

Qulqulluu Yohaannis cuuphaan akka warra kaanii uffata miidhagaa hin uffanne, uffanni isa gogaa gaalaa ture malee,akka warra kaaniis nyaata mi'aawaa hin sooranne, awwaanisaa fi damma gammoojii qofa soorate malee. Akka warra kaanii mana keessatti hin guddanne, gaammoojji ona ta'etti kophaa isaa guddate malee. Waa'ee qulqulluu Yohaannis cuuphaa wanta ajaa'ibsiisaa hedduun barraa'eera. Kakuu Haaraa keessattis irra deddeebin ibsameera.

Egaa kitaabonni qabsuura ni hiikamu taanaan,kan qabsuura Yohaannis cuuphaa dursu hin jiru jechuudha. Yeroo ammaa kanas biyya keenya keessatti xaballi maqaa qulqulluu Yohaannis cuuphaatiin burqe, dhukkubsattoota kan waldhaanu, afuurota hamoo kan baasu, warra qarshii fi qabeenya dhabanii mana yaalaa deemuu dadhabanis ta'ee, osoo qarshii qaban mana yaalaa dhaqanii dhukkuba isaanii irraa warra fayyuu dadhaban hunduma bakka tokkotti kan fayyisu, ajaa'iba dinqii ta'es kan hojjetu Qulqulluu Yohaannis Cuuphaadha.
Nutis kitaaba Qabsuuraa Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa yeroo dheeraa dura Afaan Oromootti hiikne osoo hin maxxanin hafe kana maxxansinee yoo isinii dhiyeessinu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Kitaabichis torban tokko booda gama Waldaa Duuka Bu'ootaa tiin kan raabsamu ta'a. Ayyaana dhaloota Qulqulluu Yohaannis cuuphaa isa Waxabajjii 30 kabajamu kana irratti kitaabni kun akka isin qaqqabu abdii qabna. Kitaaba kanas bituudhaan akka itti fayyadamatan, manneen kiristaanaatifis akka kennitan, bakka xaballi Qulqulluu Yohaannis cuuphaa argamu hundumattis akka dubbifamuuf akka gumaachitan ergaa keenya isiniif dabarsina.
Araarsummaa fi sugni qulqulluu Yohaannis cuuphaa hunduma keenya waliin haa ta'u,hanga bara baraatti Ameen!

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Obbolootni keenya hundumti keessan baga ayyaana Du'aa Ka'uumsaatiin isin gahe. Ayyaana gammachuu, jaalalaa fi eebbaa isiniif haa ta'u.

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Torbanuu Dubbii Fannoo Gooftaa Iyyasuus

Gooftaan keenna Iyyasuus Kiristoos Fannoo irratti jechoota torba dubbate. Isaanis Torbanuu dubbiifannoo mata duree je'uun akkasitti dhiyaateera.

1. "Waaqa koo Waaqa koo maaliif na dhiiste?" /Eelohee Elohee laamaa-sabaqatanii( Mat. 27:46)
Kana Gooftaan ol kaasee dhageessisuun kan dubbate guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti ture. Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu maaliif Waaqa koo Waaqa koo jedhee dubbate yoo jedhan baroota hedduudhaaf(5500) seera Waaqayyoorraa fagaatee gatamuudhaan kan jiraate foon Addaam uffatee nama ta’uu isaa ibsuudhaafi. Akkasumas bakka Addaam bu’ee kadhannaa/booyicha Addaam dhiyeessuudhaafi. Raajiiwwan isaaf dubbataman akka raawwate ibsuuf . Inni biraa immoo seexana (Ergamaa du’aa) gara isaatti dhiyeessudhaafi ture kana kan inni dubbateef.

2. "Yaa Abbaa waan godhan hin beekaniitii ati dhiisiif"(Luq. 23:34)
Fannisuu isaanii malee eenyuun akka fannisan hin beekan waan tureefi. Akkasumas gidiraa yemmuu nurratti raawwatan, diinota keenyaaf kadhachuu akka qabnu nu barsiisuufi. Dhukkubsattoota malee warri fayyaan qoricha isaan hin barbaachisu akkuma jedhe, ani cubbamootan waamuu dhufe malee qulqulloota miti ( Mat. 9:12) isa jedhe hojiidhaan ifatti mul’isuuf. Inni garaa-laafessa ta’uusaa ibsuudhaaf jecha raajii( Isa.53:9) irratti kan dubbatame “akka saamtotaatti lakkaa’amee diraa’ota waliin gidirfame, garuu inni cubbuu namoota baay’ee baatee warra garaa jabaataniif kadhate”, kan jedhu raawwate jechuufi.

3. "Har’a ana waliin Gannata keessa ni teessa/taata" (Luq. 23:35-43)
Iyyasuus Kiristoos isa fannifamee fi du’e, du’a moo’ee ka’e inni dhugumatti Waaqayyo jechuudhaan Waaqummaa isaatti amananii warri laphee qulqulluudhaan kadhatan hundi motummaa isaa duraan dhabne/ganne sana deebinee lammaffaa akka argannuu fi itti gallu/dhaallu yemmuu ibsuudha. “Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite bulu” akkuma jedhamu dhugaatti(Yoh. 14:6) amannee ragaa baanee akka isa gara mirgaatti fannifamee(Xiixoos) sana gooftaa waliin mootummaa isaatti hirmaachuu nuuf wayya waan ta’eef adaraa yaa saba Waaqayyoo dhugaadhaaf ragaa bahaa(Yoh.3:11,14:6). Waa’ee Iyyassus Kiristoos eessumattuu ragaa bahaa(Yoh. 3:11).

4. "Yaa Abbaa lubbuu/ruuhii/ koo harka keettan imaanaa sitti kennadha" (Luq. 23:46)
Jecha kana kan dubbateef foon uffachuu isaa ibsuu fi lubbuuwwan gita bittaa garbummaa Seexanaa jala turan bilisa bahuun gara bakka bilisummaa taate mootummaa Waaqayyoo galan jechuudhaa fi malee inni matuma isaatiin ‘Waaqa Waaqoliiti’.Gal.5:1.Kuni kan ibsu nutis gara Waaqayyootti yemmuu deemnu Lubbuu koo harka keettiin laadha jechuu akka qabnudha.

5. " Kunoo mucaa kee, kunoo haadha kee" (Yoh. 19:26-27)
Jecha kana kan dubbateef haadha isaa fi jaalatamaa isaa kan ta’e Yohaannis ilma Zebdiyoosidhaafi. Hanga Qaraaniyootti warra hordofanii dhaabbataniif Iyyasuus fannoorra osoo jiruu dubbateef. Kuni ammo isaan lamaan gidduutti qofa hafa osoo hin taane har’as isheen nu’iif haadha keenya. Nutis isheedhaaf ijoollee isheeti. “osoo Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisne ta’ee akka Sodoomii taanee akka Gamooraa fakkaanna ture.” (Isa.1:9.) kan jedhames haadha keenya durboo Maariyaamiidhaani. Kun ammo kan ta’e Hafuurri Qulqulluu ishee golgee eeguudhaani. Kanaaf karaa Yohaannisiin nuuf kennamteetti waan ta’eef akkuma inni gara mana isaatti fudhatee gale sana nutis haadha keenya Maariyaamii gara mana keenyaatti fudhaachuu qabna. Jechuun araarsummaa isheetti amanuu qabna.

6. "Nan dheebodhe" (Yoh. 19:28)
Kitaaba irratti nyaata kootti dhangaggaa’aa makan kan jedhame(Far.21:15,68:21) akka raawwatuuf ‘dheebodhe’ jedhe. Akkasumas Waaqayyo foon dheebotu, beela’u uffachuu isaa ibsuudhaafi. Ilma namaatirraa cubbuu akka hadhooftuu dhangaggaa’u balleesse/ haqee gatee yoo jedhu dhandhamee tufuun cubbuu keenya nurraa haquu isaa ibsa. Kuni kan ibsu Waaqni bishaan uume bishaan dhabee dheebote jechuu osoo hin taane ilma namaa irraa jaalala, tolummaa, gaarumma dhabe/dheebodhe yoo jedhuudha. Kanaaf Waaaqayyo keenya laphee qulqulluudhaan jaalachuu qabna.

Читать полностью…

Waldaa Duuka Bu'ootaa

Beeksisa: Obbolootni keenya bor imalaaf dhuftan Saa'aatii akka kabajjan(sa'aa 1:00), waraqaa eenyummaa keessanis akka hin daganne isin yaadachiifna.

Читать полностью…
Subscribe to a channel