DILBATA WALIIN HAA IMALLU; HAA KADHANNUS
Imala WDB Marsaa 23ffaa
Guyyaa 22/07/2016 Gara Maaramii Koraa
Bakkeewwaan Galmee;
1.Wajjira WDB Muummee 0977771155
2.WDB Buraayyuu 0911976099
3.WDB Sabbataa 0929409819
4.WDB Galaan 091095539
5.WDB Duukam 0917584224
6.WDB Bishooftuu 0925816632
7.WDB Adaamaa 0930922544
Gatii imalaa qar. 400
https://www.facebook.com/100063601665557/posts/872219528241428/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
Читать полностью…Baga geessan. Ayyaana Gaarii. Eebbi fi eegumsi qulqulluu Gabri'eel nu waliin haa ta'u.
Читать полностью…www.tiktok.com/@tvsagaleedhugaa/live?source=h5_m&_r=1&user_id=7118677116304901126&sec_user_id=MS4wLjABAAAAlUI_KKo8UBUifTEFW7iyZZOTXdRHPpxLOISbIHlF65xWtRvfj5ENUtwHHW_5j6cH&utm_source=copy&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7307945380007872261&share_link_id=97ce4661-fb23-4739-8842-7609a4e33fde&share_app_id=1233&ugbiz_name=LIVE&ug_btm=b7464%2Cb4180×tamp=1702143631&social_share_type=10
Читать полностью…Waamicha Miseensummaa Finfinneetti
Galata Waaqayyoo, fedha fi eebba Isaatiin tajaajilli Waldaa Duuka Bu’ootaan kennamu baay’ee baldhatee jira. Caasaan tajaajilaa, dameewwanii fi wiirtuwwanis akkasuma. Tajaajila kana akka barbaadamutti guutuu biyyaatti Finfinneerraa qindeessuudhaaf humni namaa baay’ee barbaachisaa dha. Kanaaf obbolootni keenya jiraattota Magaalaa Finfinnee taataan gara waldaa kanaatti dhuftanii akka waliin tajaajillu waamicha isinii dhiyeessina. Finfinnee irraa miseensa heddu qabaachuun tajaajila Afaan Oromoof murteessaadha. Gaaffiiwwan hordoftoonni amantaa Ortoooksii Afaan Oromootiin tajaajila barbaadaniif deebii qaama ilaallatu irraa argachuuf gurmiinii fi lakkoofsi keenya murteessaadha. Akkasuma tajaajila godinaalee gara garaa hanga baadiyyaatti fi biyya alaatti taasifamu qindeessuuf Finfinnee keessatti sochiin taasifamu bu’aa guddaa qaba. Maarree waamicha kana awwaachuudhaan tajaajilamaa tajaajiluu, tajaajilaas tajaajilamu namoonni fedha qabdan bilbila keessan miseejiidhaan nuuf barreessaa yookaan inbox yoo nuuf taasiftan kan deebisnee kan isin quunnamnu ta’a.
Waldaa Duuka bu’ootaa
Beeksisa
Miseensonni Waldaa Duuka Bu’ootaa biyyoota Arabaa gara garaa keessa jirtanii fi sababa gara garaatiin koorsii itti fufiinsaa addaan kuttan yoo jiraattan, akkasumas gidduutti biyya galuudhaan kan koorsii addaan kuttanii gareewwan koorsii keessaa baatan yoo jiraattan, obboloota koorsiin jala darbe hunduma irra deebiin koorsicha kenninee xumursiisuu waan barbaannuf, maqaa keessan whatsappidhaan akka nuuf ergitan isin gaafanna.Akkasumas barattoonni koorsii itti fufiinsaa guutuu waggaa sadi barattanii xumurtan waraqaa ragaa qopheessa waan jirruuf, yeroo xumurametti qaaman yookan bakka bu’oota keessaniin biiroo waldichaatii fudhachuu kan dandeessan ta’uu isin beeksifna.
Dabalataan obbolootni biyya alaa jirtan kan online koorsii Waldaan Duuka Bu’ootaa waggoota saddeettan darbeef kennaa ture galmooftanii barachuu barbaaddan, bilbila keessan gama whatsappin erguudhaan fi ulaagaalee guutuuf qabdan kan achiin isinii ergamu guutuudhaan akka barattan waamicha keenya dhiyeessina. Bilbilli whatsappii +251919151526 dha.
Waldaa Duuka Bu’ootaa
Obboleessi keenya Enginer marshaan deeggarsa qarshii kuma dhibba tokkoo ijaarsa waajjira waldaa duuka bu'ootaaf taasisaniiru.
Читать полностью…Sagantaa hundeeffama WDB waggaa 11ffaa guyyaa hardhaa Finfinnee galma mana lubummaatti kabajame kana fakkaata.
Читать полностью…Yeroo sana gargaartuun ishee, “Hidhannoo mormaa kudhaama Tarbinoosii fi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illeenii irra jira, isan siif fida atis isa fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta,” jetteen. Innis yaada kanatti gammade. Innis, “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa,” jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan, “Daldaltoonni dhufan ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu,” jetteen. Isheenis, “Maal yeroo biraa situ na dhiqa mitii,” jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate. Yemmuu dhiqattus hidhannoo morma irraa sana bakka dhiqattetti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana fudhatee ka’ee gara Tarbinoositti deebi’e.
Tarbinoosiin, “Kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe,” jedheen. Innis amanuu dide. Achumaan namtichi, “Kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite,” jedhee sobee kudhaamicha hojjettuun (mallattoo fannoo kan jedhus jira) Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise. Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree; ni na’es. Akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin, “Maal taate?” jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eegaa turte. “Dur yoo galtu ni taphatta ture har’a maal taate?” jetteen. Innis, “Danbaliin ka’ee meeshaa kiyya hunda balleesse akkamiin hin aariin naan jetta,” jedheenii sobe. Isheenis dhugaa seetee, “Maaloo hin aariin haa badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffannee daldallee bakka duraatti deebina,” jetteen. Wangeelas waan beektuf, “Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirraa fudhate hin aarin,” jetten.
Innis akka hiriyaa isaa wajjin ciifte osoo itti hin himiin kan garaa isaa garaatti qabatee, “Biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba,” jedhee baduuf ka’e. Isheenis, “Guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu,” jettee wajjin deemuuf kaate. Innis saanduqa dheerina hojjaa isheetiin hojjechiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaanaa jiru cinaatti geesse. Achumaanis galaana irratti ishee saanduqa sana keessa godhee, “Osoon si amanuu na gantee nama biraa wajjin ciifte,” jedheen. Isheenis, “Maaloo akkas gonkuma hin raawwanne,” jettuuniis dhagahuu dide. “Kunoo mallattoon ani siif kenne kan aniifii ati qofti beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree?” jedhee mallattoo fannoo sana itti agarsiise. Innis, “Hojii badaa kana hojjette taanan Waqaayyo si hin baasiin, hin hojjene yoo ta’e si haa baasu,” jedhee ishee bishaanirratti gatee jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee wareega Waaqayyoof wareegde. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee isa bade sana gidiraa guddaadhanis ta’u barbaadeen arga,” jettee garaa isheetti Waaqayyotti himte. Danbaliin bishaaniis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Roomaa qunisxaa (konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan (eegdotas jedha) saanduqni kun maal laata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture. Isheenis bareedduu waan turteef hundumtuu fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu, “Mootii keenyatti geessuu qabna,” jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f masaraa keessatti waan gaarii akka nyaattee dhugduu fi urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee ishee fuudhe. Isheenis dhaloota kiristoos booda bara 258 tti Qosxenxiinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanummaa umurii daa’imumma isaa eegaltee ni barsiifti ture.
Kana qofa osoo hin taane pirojektiin waldaan dhiyeesse irratti qabxii qabxiidhan qabatanii yaada tajaajila kana utubu galtee nuuf kennan. Kana gochuu ni dandeessuu qofa osoo hin taanee kanaa ol gochuu dandeessu jabaadhaa jedhan. Dubbii isaanii viidiyoo waraabbanne isiniif dhiyeessina yeroo biratti. Dhugumatti ani baay’een gammade, mudannoo bakka gara garatati nu quunnamurraa kana hin eegnen ture,sagantaan waldaa keenyaa jalqabee hanga xumuramutti shirri gara garaa itti xaxamaa waan tureef amma amma maaltu uumama jedheen yeroo hunda dhiphadhan ture, ijji koos degree 360 naannofti ture. Amma garuu kunoo Waaqayyo seenaa jijjiireeraa. Fakkeenya gaariis arganneerra. Dhugaa dubbiin isaanii dubbatan reeffaf iyyuu mana kennina, nama ji’atti altokko dhufee xuwwaa dhugee galuufuu mana kennina, isin kaayyoo kana fakkaatu qabattanii akkamitti mana isin dhoowwanna? Jedhan. Kiristaanonni magaalaa Adaamaa abbaa kana adaraa nuuf jabeessaa, tajaajila afaan Oromoo abbootni deeggaruuf yoo fedha qabaatan iyyuu qaamni duuban qorumsa irratti qindeessee isaan sosodaachisuu fi akka callisan taasisu bakka hunda jiru waan ta’eef keessumattuu miseensonni waldaa keenya akka waliin dhaabattan akka gargaartanii fi imaanaa isaan nutti kennan kana akka jajjabeessitanii gochaan garsiiftan ergaa koon isinii dhaama. ….Garuu hamman dubbachuu barbaadu hin dubbanne.
Mee abboonni biraallee dubbii tana akka dhagahaniif...
Galanni Waaqayyoof,
Masgiida Al-Aqsaa fi Iyyaruusaalem https://www.facebook.com/photo?fbid=913982330510638&set=a.114598880448991
Читать полностью…Egypt- Kaayirootti
Obboloota keenya biyya Egypt magaalota kaayiroo fi magaalota biroo keessa jirtan hundumaaf, Waldaan Duuka Bu'ootaa wiirtuun Egypt (Cairo) koottaa waliin tajaajilla jechuudhan waamicha kabajaa isiniif dhiyeessina. Carraa kanatti fayyadamnee akka wal agarru, wal barru,waliin imalluu fi walumaa galatti biyya Egypt keessatti tajaajila barbaachisu akka argannuuf tokkummaadhaan taanee akka hirmaannu waamicha keenya maqaa Waaqayyootiin dhiyeessaa, obbolootni fedhii qabdan bilbila keessan miseejidhan akka nuuf ergitan yookaan ammoo commenti jalatti akka nuuf barreessitan isin gaafanna.
Waldaa Duuka Bu'ootaa - Kaayiroo
Liinkii koorsii online warra dhaabbata barnoota olaanoo fi warra yuunivarsiitii irraa graduate godhaniif kan kanaa gadiiti
Читать полностью…Waamicha Sagantaa:
Dilbata Muddee 14/2016 sa'aa 6 irraa eegalee Finfinnee galma mana lubummaa waliigalaatti argamuudhaan waggaa 12ffaa Waldaa Duuka Bu'ootaa akka waliin kabajnu waamicha dhiyeessina.
Oduu Aagaa Waldaa Duuka Bu'ootaa Irraa
Hanqina Tajaajila Koorsii Afuurawaa Dhaabbata Barnoota Olaanorra jiru furuuf, keessumattu barattoota koolleejjii fi Yuunivarsittiiwwan Naannoo Oromiyaatin ala jiran kan sababa hanqina barsiisota Afaan Oromoorraa ka'e qaamaan yaa'ii mooraa keessatti koorsii dhaqqabsisiuun hin danqa'amne furuuf filannoon barumsa online Waldaa Duuka Bu'ootaarraa dhiyaateera. Kutaan Hordoffii dhaabbata Barnoota Olaanoo waldaa Duuka Bu'ootaa jalatti Kutaa Sagantaa Online dhaabbata barnoota olaanoo qindeessu ijaaruudhaan koorsicha waliin gahuuf qophiirra jira. Kanaaf obbolootni koorsii kana onlinedhaan galmooftanii hirmaachuu barbaaddan Odeeffannoo kanaa gadii miseejiidhaan nuuf erguudhan galmaahuu dandeessu. Akkuma haala hunduma mijeessinee fi galmee xumurreen barumsicha kan eegallu ta'a. Keessumattuu:
1. Barattoota yuunivaristii carraa barsiisaa Afaan oromoo hin qabne
2. Barattoota kana dura carraa barsisiaa osoo qabdan eebbifmatanii baatan amma hojiirra osoo jirtanuusagantaa kana keessatti hirmaachuu dandeessu.
Hubachiisa:- Barattoonni Carraa yuunivarsiitiitti qaaman yaa'ii mooraa keessatti barachuu qabdan tasuma koorsi kanatti akka hin makamne isin gorsina,sababni isaas koorsii qaaman barachuutu caala waan ta'eef,achumatti qaaman akka barattan isin gorsina.
+++Koorsin kun waggaa 3 fudhata. Waggaa xumuraa irratti tajaajila keessatti hirmaachun dirqama.
+++Tuutoriyaaliin waggaatti yookan waggaatti al lama qaaman kennamu ni jiraata
+++Asaayimantiiwwan fi qormaata kennaman hojjechuun dirqama
+++Koorsiin kun guutumaan guutitti Afaan Oromootiin kennama.
Haaluma kanaan obboloonni barachuuf fedha qabdan odeeffannoo kanaa gadii guutuun nuuf ergaa.
Waldaa Duuka Bu'ootaa Kutaa Hordoffii Dhaabbata Barnoota Olaanoo
Beeksisa
Miseensonni Waldaa Duuka Bu’ootaa biyyoota Arabaa gara garaa keessa jirtanii fi sababa gara garaatiin koorsii itti fufiinsaa addaan kuttan yoo jiraattan, akkasumas gidduutti biyya galuudhaan kan koorsii addaan kuttanii gareewwan koorsii keessaa baatan yoo jiraattan, obboloota koorsiin jala darbe hunduma irra deebiin koorsicha kenninee xumursiisuu waan barbaannuf, maqaa keessan whatsappidhaan akka nuuf ergitan isin gaafanna.Akkasumas barattoonni koorsii itti fufiinsaa guutuu waggaa sadi barattanii xumurtan waraqaa ragaa qopheessa waan jirruuf, yeroo xumurametti qaaman yookan bakka bu’oota keessaniin biiroo waldichaatii fudhachuu kan dandeessan ta’uu isin beeksifna.
Dabalataan obbolootni biyya alaa jirtan kan online koorsii Waldaan Duuka Bu’ootaa waggoota saddeettan darbeef kennaa ture galmooftanii barachuu barbaaddan, bilbila keessan gama whatsappin erguudhaan fi ulaagaalee guutuuf qabdan kan achiin isinii ergamu guutuudhaan akka barattan waamicha keenya dhiyeessina. Bilbilli whatsappii +251919151526 dha.
Waldaa Duuka Bu’ootaa
Erga ilmi ishee Qosxenxiinoos abbaa isaa bakka bu’ee Mootii ta’ee Roomaa akkuma jirutti of jala galchee booda mootittii Illeeniin wareega fannoo baasuu sana raawwachuuf bara 327 gara Iyyarusaaleem deemte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhamu tokko argatte inni malaan itti hime. Kana booda daamotii hiitee, ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. Kunis, Fulbaana 16 ture. Aarri daamotii fi ixaanaas xiyya hojjetee bakka fannoon gooftaa jirutti sagade. Isaanis, bakka xiyyaan aaraa itti agarsiise sanatti Fulbaana 17 qotuu eegalamee Bitootessa 10 ni ba’e.Yoo ba’us kan namoota lamaan gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama du’e irra yoo kaa’an du’aa ni kaase, ija ni bane dhibamaas ni fayyise.
Sana booda fannoo gooftaa fuudhanii kabajanii golgootatti bataskaana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa itti galchan. Isheenis fannoo akkuma baasifteen waggaa isaatti bara 328 DH.K.B waggaa 80’n isheetti boqoteerti. Ayyaanni yaadannoo ishees Caamsaa 9. Galanni Waaqayyoof haa ta’u.Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u. Ameen!(Madda barreeffamaa,kitaaba Qulqulloota fi ayyaana yaadannoo isaanii jedhu,madda suuraa Wikimedia)
Qulqulleettii Illeenii
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Qulqulleettii mootii Illeeniin kan fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bakka awwaalamee akka bahu taasifteedha. Seenaan ishees, Abbaa warraa Tarbinoos jedhamu waliin jiraachaa turte. Illeenii jechuun afaan Hibruutiin ‘bareedduu’ jechuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda bara 247 tti magaalaa Bitaaniyaa kan Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee argamtu keessattidha. (Seenaan iddoo dhaloota ishee kana Eeshiyaa xiqqoo keessatti bakka Bitaaniyaa jedhamutti kan booda Helenopolis jedhamtee maqaan magaalatti Qosxonxinoosiin jijjiiramtetti jedhus jira).
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldalaa ture. Bara sanatti daldalli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota hedduu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin baanee fi aduun akka ishee hin dhoofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’utti kadhaadhaan dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarbinoos immoo kan daldala isaa xumuree gara biyyaatti deebi’u waggaa 3’n booda ture. Daldaltoonni kun waggaa sadii ykn afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitti deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture, “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduu fi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu haati manaa keenya yoona dhiira biraa baran ta’a,” waliin jechaa deemu turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii, “Ani kan keessan hin beeku malee haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu; baayiseen ishii amana,” jedheen.
Illeeniinis erga abbaan warraa ishee daldalaaf ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad illee baatee dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko, “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee addamoo? Amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?” jedheen. Achumaan Tarbinoos, “Ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos gonkuma hin shakku” jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa inni tokko, “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?” jedheen. Tarbinoos immoo, “Ani ati dhuguma Illeenii dogongorsiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajjiin ni fudhatta,” jedhe. Tarbinoos kan kana jedhe haati warraa isaa gonkuma akka amanamtuu taate waan beekuuf ture.
Daldalaa gidiramaan sunis yoo Illeenii dogongorse qabeenya Tarbinoos hunduma fudhachuuf walii galee gara haadha warraa Tabinoositti daldaltoota kaan dursee adeeme. Yemmus gara ganda Illeeniin jiraattu ga’ee, “Mee haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa,” jedhee namoota gaafate. Isaanis, “Isheen bar namatti hin muldhattu, keesummattuu gonkuma dhiiratti hin mul’attu,” jedhaniin. Innis mala baafatee, “Tole erga isheen hin dhuftu ta’ee mee hojjettuu ishee naaf waamaa,” jedheen . “Isheellee siif ni waamna,” jedhanii waamaniif. Innis hojjettuu Illeeniitiin, “Biyya fagoodhaa nama si dubbisu dhufeetu jira jedhii mee Illeenii naaf waami,” jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee, “Namni si barbaada,” jettee gaafannaaniif Illeeniin fuula itti kennuu didde. Namichi sun ammas yeroo lammataaf, “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif kennutu dhufe jedhii itti himi,” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin, “Anaan haadha warraa Tarbinoosiin akkas jettaa?” jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukuttee gadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbiin akka ta’uufii dide itti himte. “Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf,” jedhee gargaartuu ishee sana mariisise. Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime.
“Reeffaf iyyuu mana kennina; lallaba wangeelaaf akkamitti manni dhabama?
Melake Birhaanaat Q/A/ Maariqoos Bulchaa Kaatederaala Tulluu Biiftuu Maariyaamii Adaamaa
Guyyaa kaleessaa sagantaa addaa jedhamutu magaalaa Adaamatti kaatederaala Maariyaamitti gaggeeffame. Adda kan jechisiisuus ‘ergaa qumnagaraa’ saganticharratti darbedha. Sagantichi maalummaa waldichaa fi karoora pirojektii gara fuula duraa abboota hubachiisuu irartti xiyyeeffachuudhana wiirtuu Adaamaatiin qophaa’e. Kan eegame olittis bakka buutonni kutaa lallabaa Shawaa Bahaa irraa, bulchiinsa kaatederaalichaa irraa fi mana barnoota sanbataa irraa argamaniiru. Argamuu qofa osoo hin taane waldicha irraa ergaa darbe erga caqasanii booddee haala isaan ergicha itti simatanii fi kaka’uumsa akkasumas jaalala dinqisifannaa qabanis miira isaan itti ibsantu adda. Iddoo dhibitti kana badaa hin agarre.
Wanti biraa saganticha adda taasisuu dubbii fi ejjannoo bulchaan kaatederaalichaa rawwatanidha. Bulchaan kaatederaalichaa Qomos A/Maarqos jedhamu. Akkuma baay’een keessan beektan kana dura bara 2007 irraa eegalee Waldaan Duuka bu’ootaa magaalaa Adaamaan alatti kan argamtu Adulaalaa bakka jedhamu bataskaana Q/Maariyaamitti walitti qabamu ture. Kunis Adaamaa keessatti iddoon walitti qabamaa waan nuuf hin eyyamamneef gara baadiyyaatti bahamee walitti qabamuun dirqama ta’e. Sababa Kanaan keessumattu barattoonni tiranspoortii torban torbaniin baasanii dhaquun baay’ee rakkachaa waan turaniif sagantaa idilee akka waldaatti gaggeessuun rakkisaa ture. Sanuma irraa gaaffii kutaa lallabichaatti yeroo yeroon dhiyaacha turus hanga bara 2014tti deebiin hin turre. Bara kana garuu akka heyyama Waaqayyootti abbaan qabeenyaa magaalichaa fi jaalala tajaajila kanaa qaban tokko gamoo isaanii naannoo bataskaana Sillaasee Adaamaatti argamu keessaa kutaa tokko kaffaltii malee akka Waldaan Duuka Bu’ootaa walitti qabamuufi miseensota isaa itti dubbifatu, faarfanna aitti qo’atu heyyamanii sagantaan achitti yeroo dheeraaf adeemsifamaa ture. Gaaffin mana kiristaanaa keessaa iddoo argachuu rakkinaan kan guutame waan tureef, gama tokkoon tokko yoo heyyamu, inni kuun ammo deebisee isuma heyyamame ennaa saamsamu muldhachaa waan tureef baay’ee dadhabsiisaa ture.
Amma garuu ji’oota muraasa darban kana Waaqayyo seenaa jijjiire. Gaafiwwan biiroo nuuf kennaa kutaa lallabichaaf dhiyaate keessaa bulchitoonni manneen kiristaanaa keessaa lama WDBf biiroo kennuuf walii galan. Isaan keessaa ammoo giddu gala magaalaa Adaamaatti kan argamtu bulchaa kaatederaala Q/Maariyaamii Adaamaatti. Abbaan kun erga kaayyoo waldichaa dhagahanii booddee, waan dhufu hundumaaf itti gaafatamummaa nan fudhadha, kana dura sirriitti isin hin beeku, kana booddee garuu isinin beeka, inni kana duraa baay’ee ana hin fayyadu, isa kana booddetu na fayyada, yoo faaran tajajailtan isin faanan jira, yoo dogongortanis gorse isin nan sirreessa, ani risk jiru hunduma fudhee waldaa kanaaf heyyama bataskaana kanatti nan laadha malee ijoollee kana hin debeisu jedhan,akkuma jedhanis raawwatan.
Sana qofa osoo hin taane jalqaba irratti gamoo bataskaanichi qabu keessaa biiroodhaaf mijataa kan ta’e kutaan tokko akka waldichaaf kennamu taasisan. Itti aansanii ammoo Adaamaa keessatti WDBn miseensota 200 ol ta’an waan qabuuf miseensota kana hunduma biiroon sun simachuu waan hin dandeenyeef iddoo torban torbaan itti walgahan, galma dallaa mana kiristaanaa keessati argaman keessaa akka dhaabbataan itti fayyadamana ajaja dabarsan.
Kaayyoo kana nan deggara, yoo isin tajaajila kana dhaabdan illee nuti kana booda kan dhaabnu miti, kanaaf jabaadhaa, gara waltajjiitti bahaa, duuba duuba hin deeminaa; sagantaan hardhaa kun waltajjii bataskaanaatti qophaahuu qaba ture, ammas gara fuuladuratati kana ni raawwanna; ani hamiiwwan jiran hunduma nan beeka, haa ta’u malee rakkinni tajaajila afaaniin wal qabatu amma bakki itti dhoksinu waan hin jirreef, ijoollee kana waliin hojjechuun qaba jedheen wanta hunda itti gaafatamummaa fudhadhe, boru ammoo kana caalaa akka jabaattan abdiin qaba jedhan. Baadiyyaatti bataskaana cufamaa jirus waliin bansiifna jedhan.
Liinkiiwwan isaanis kan armaan gadiiti.
Kutaa tokkoffaa: https://www.youtube.com/watch?v=kqBDpKVEpSg&t=35s
Kutaa Lammaffaa: https://www.youtube.com/watch?v=tI7xX8Z55xE&t=246s
Kutaa Sadaffaa: https://www.youtube.com/watch?v=7YQhroLNcOg
Galatni Waaqayyoof haa ta’u