599739
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯ODEEFFANNOO BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university
Dorgommiin badhaasa Laaptooppii ASBEKS eegaleera.
Challenge jala seenaa join godhaa hiriyoota keessan vote akka isiniif taasisan liinkii keessan share godhaafii. namni tokko Guyyaattii si'a sadii vote isiniif taassisuu ni danda'a.
Dorgommii Laaptooppii kana eenyutu injifata laata?
Waliin kan ilaallu ta'a.
👇👇👇👇👇👇👇👇
/channel/Asbeksbot/start
🤖 @Asbeksbot
⚡️@AsbeksPlatform
AMMEE: Samii Ameerikaa Irratti Sochiin Xiyyaaraa Guutummaatti Dhaabbate!
Seenaa geejjiba qilleensaa Ameerikaa keessatti taatee hin baratamneen, Jimaata kaleessaa sa'aatii 3:54 waaree booda irraa eegalee xiyyaaronni Ameerikaa keessaa ka'an hundi—xiyyaara xiqqaa irraa kaasee hanga xiyyaarota imaltootaa idil-addunyaa gurguddootti—lafa irraa akka hin kaane ajajni hatattamaa (nationwide ground stop) darbeera. Abbaan Taayitaa Geejjiba Qilleensaa Federaalaa Ameerikaa (FAA) tarkaanfii kana kan fudhate "haala addaa mudatee fi nageenya imaltootaa eeguuf" jedhee kan ibse yoo ta'u, murteen kun buufata xiyyaaraa tokko ykn daandii qilleensaa tokko qofa osoo hin taane, guutummaa Ameerikaa al-tokkotti kan dhaabe ta'uun gabaafameera.
Akka ibsa FAA fi Ministira Geejjibaa Ameerikaa Shaan Daafiitti, balaan kun kan mudate wiirtuuwwan to'annoo tiraafika qilleensaa Ameerikaa (Air Route Traffic Control Centers) hunda irratti citiinsi quunnamtii telee-komiyunikeeshinii cimaan waan uumameefidha. Wiirtuuwwan kunniin xiyyaaronni kumaatamaan lakkaa'aman samii keessatti akka walitti hin buune to'achuu fi kallattii agarsiisuu keessatti gahee murteessaa qabu; quunnamtiin isaanii yeroo addaan citutti tarkaanfiin nageenyaa inni filatamaan sochii xiyyaaraa hunda dhaabuudha. Xiyyaaronni durumaan samii irra turan akka qubatan kan eeyyamame yoo ta'u, xiyyaaronni biyya alaatii dhufanis of-eeggannoon keessummeeffamaniiru; garuu xiyyaarri haaraan kamiyyuu lafa irraa akka hin kaane dhorkameera.
Taatee kanaan walqabatee hanga galgala kaleessaatti guyyaa tokko qofatti imalli xiyyaaraa 10,000 ol kan harkifame yoo ta'u, imalli 2,000 ta'an immoo guutummaatti haqamuun buufataaleen xiyyaaraa Ameerikaa bakka kuufama imaltootaatti jijjiiramaniiru. Sababni citiinsa quunnamtii kanaa maal akka ta'e hanga ammaatti qulqullaa'ee kan hin beekamne yoo ta'u, Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa (Department of Homeland Security) hanga ammaatti mallattoon haleellaa saayibarii kan hin argamne ta'us, garuu wanti kamuu qorannoo keessaa kan hin baane ta'uu akeekkachiiseera. Haleellaa Fulbaana 11 (9/11) bara 2001 fi rakkoo bara 2023 mudateen booda, waggoota 25 darban keessatti sochiin geejjiba qilleensaa Ameerikaa guutummaatti yeroo dhaabbatu kun yeroo sadaffaadha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Yuunivarsiitiin Aksuum Barattoota Isaa Sababa Rakkoo Nageenyaatiin Yuunivarsiitiiwwan Biroo Keessatti Ramadamanii Barachaa Turan Simachuu Isaa Beeksise!
Yuunivarsiitiin Aksuum barattoota isaa sababa rakkoo nageenyaatiin yeroof naannichaa alatti dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattii biroo keessatti ramadamanii barachaa turan kaleessaa fi har'a simachuu isaa ifoomseera. Barattoonni kunis konkolaattota (atoobisiiwwan) magaalaa Finfinnee irraa ka'aniin marsaa lamaan gara yuunivarsiitii isaanii isa duraaniitti deebi'anii galaniiru.
Yuunivarsiitiin Aksuum barattoonni gara mooraa isaaniitti deebi'an kun daanqaa tokko malee barnoota idilee isaanii akka itti fufaniif, hoggansa yuunivarsiitichaa fi gamtaa barattootaa waliin ta'uun haala mijataa kan uumu ta'uu beeksiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA | @Abdii_Sabaa_University
BILIYEENARA SAGAAGALUMMAAF DHAABBATE OFII KEESSAA ARIYAME: Hoji-Geggeessaan Olaanaan Dhaabbata 'Nvidia' Jensen Huang Sagaagalummaa fi Shakkii Basaasummaa Chaayinaatiin Walqabatee Dhaabbata Ofii Hundeessanii Guddisan Gadiidhiisan; Eelon Maask "Isa Qacaruun Anaaf Kabaja Guddaadha" Jedhan!
⠀
Hoji-geggeessaan olaanaa (CEO) fi hundeessaan dhaabbata teeknooloojii fi 'AI' addunyaa irratti sadarkaa duraa irra jiru 'Nvidia' kan ta'an Jensen Huang, haadha warraa isaanii irratti sagaagaluu (cheating) fi dubartii basaastuu mootummaa Chaayinaati jedhamtee shakkamtu waliin hariiroo iccitii uumuu isaaniitiin walqabatee, dhaabbata waggoota 33'f ofii ijaaranii guddisan har'a ifatti gadiidhiisaniiru. Jensen Huang bara 1993 umrii isaanii waggaa 30tti dhaabbata 'Nvidia' kan hundeessan yoo ta'u, dhaabbaticha gara gatii doolaara tiriiliyoona 4.2 oliitti guddisuun addunyaa teeknooloojii 'Artificial Intelligence' (AI) dhuunfachiisaniiru. Haa ta'u malee, qorannoo fi dhiibbaa boordii dhaabbatichaa hordofuun har'a aangoo isaanii gadiidhiisuuf dirqamaniiru.
⠀
Kufaatiin hoogganaa cimaa kanaa kan eegale, gaazexaan 'The New York Times' fi dhaabbanni FBI Ameerikaa Jensen Huang dubartii 'Alice Huang' jedhamtu, kan dhaabbata 'Megaspeed' keessa hojjettuu fi Ministeera Nageenya Biyyaalessaa Chaayinaatiif basaastuu ta'uun shakkamtu, waliin hariiroo jaalalaa dhoksaa qabaachuu isaanii erga saaxilanii boodadha. Mootummaan Ameerikaa dubartiin kun tooftaa jaalalaatiin (honeytrap) hoogganaa kanatti dhiyaachuun chiipsiiwwan 'AI' Ameerikaan Chaayinaatti akka hin gurguramne dhorkite karaa naannawaatiin argachuuf yaalaa turte jedhee shakka. Jensen Huang Dilbata darbe haadha warraa isaanii irratti dogoggora raawwachuu (cheating) amanuun hojjettoota isaanii dhiifama kan gaafatan yoo ta'u, Pireezidaant Doonaald Tiraampitti garuu dubartiin sun basaastuu ta'uu ishee quba akka hin qabne himanii turan.
⠀
Haa ta'u malee, galgala kaleessaa qorannoo biraa ba'een Jensen Huang dubartii basaastuu Chaayinaa jedhamte sana qofa osoo hin taane, hojjettuu dhaabbata 'Nvidia' isaan jala jirtu kan maqaan ishee Kimberly Powell jedhamtu (Itti-aantuu Pireezidaantii Damee Fayyaa Nvidia) waliinis hariiroo sagaagalummaa lammaffaa qabaachuun isaanii saaxilameera. Saaxilamuu dhimmoota lamaanii kana hordofuun gatiin gabaa dhaabbata 'Nvidia' doolaara biiliyoona 600 oliin kan gadi bu'e yoo ta'u, boordiin dhaabbatichaa walga'ii hatattamaa taa'uun hoogganaa kana aangoo irraa kaasuuf murteessuu hordofee, Jensen Huang har'a ganama fedhii isaaniitiin aangoo gadiidhiisaniiru; bakka isaaniis Colette Kress hoji-geggeessituu yeroo ta'uun muudamteetti.
⠀
Gama biraatiin, hoogganaan cimaan addunyaa teeknooloojii jijjiire kun dhaabbata ofii ijaare keessaa ari'amuuf jedha oduun jedhu akkuma dhaga'ameen, abbaan qabeenyaa addunyaa Eelon Maask deeggarsa guddaa agarsiisaniiru. Fuula 'X' (Twitter duraanii) irratti gaaffii "Eelon maaloo Jensen qacari" jedhuuf Eelon Maask deebii hatattamaa kennaniin, "Isa qacaruun (waliin hojjechuun) anaaf kabaja guddaadha" (That would be an honor) jechuun, ogeessa cimaa kana dhaabbilee isaanii kanneen akka Tesla, SpaceX ykn xAI keessatti simatanii waliin hojjechuuf qophii ta'uu isaanii addunyaaf ifoomsaniiru.
⠀
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
⠀
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
HIMANNAAN KEENIYAATTI MEETTAA IRRATTI DHIYAATE MANA MURTIITTI DEEBI’EE ILAALAMAA JIRA
⠀
Finfinnee, Sadaasa 12, 2026: Kaampaaniin Meettaa (Meta), kaampaaniiwwan Feesbuukii fi Inistaagiraam yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa turetti qabiyyee jibbiinsaa fi waamicha jeequmsaaf kakaasu miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka tamsa’u hayyameera jechuun himannaan irratti dhiyaate Mana Murtii Olaanaa Keeniyaa keessatti irra deebi’ee ilaalamaa jiraachuun gabaafame.
⠀
Himannaan kun lammiilee Itoophiyaa lama, Abrahaam Ma’aarag fi Fissihaa Takilee, akkasumas dhaabbata mirgoota namoomaa Keeniyaa Kaatiibaa Inistiitiyuut (Katiba Institute) waliin ta’uun Mudde 14, 2022 Mana Murtiif dhiyaate.
⠀
Himattoonni kun sirni algooriizimii (algorithm) Feesbuukii qabiyyee jibbiinsaa, waamicha haleellaa fi jeequmsa kakaasu dabalee tamsaasuun miidhaa namoomaa qaqqabsiiseera jechuun Meettaa himataniiru.
⠀
Keessumaa Abrahaam Ma’aarag, ergaawwan jibbiinsaa fi odeeffannoon dogoggoraa abbaa isaa Piroofeesar Ma’aarag Amaaree irratti xiyyeeffate Feesbuukii irratti tamsa’uun ajjeechaa isaaf sababa ta’uuf dhimmicha wajjin walqabata jechuun himannaa keessatti dhiyeesseera. Abbaan isaa, Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barsiisaa Keemistirii kan turan yoo ta’u Sadaasa 2021 ajjeefaman.
⠀
Himatamaan lammaffaa Fissihaa Taklees hojii mirgoota namoomaa irratti hojjechaa tureen walqabatee Feesbuukii irratti ergaawwan jibbiinsaa fi doorsisa du’aa isa irratti xiyyeeffatan tamsa’aa turuu himateera.
⠀
Meettaan himannaan kun Mana Murtii Keeniyaatti ilaalamuu hin qabu jechuun falmii dhiyeessee ture. Haa ta’u malee, Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa Ebla 3, 2025 murtii kenneen mormii kaampaanichi dhiyeesse fudhachuu dide. Dhimmichi gaaffiiwwan seeraa fi mirgoota namoomaa bu’uuraa ilaallatu waan of keessaa qabuuf, himannaan sun akka itti fufu murteesse.
⠀
Akkasumas, dhimmichi gaaffiiwwan seeraa bal’aa fi murtii abbootii seeraa hedduu barbaadu waan kaasuuf, dhaddacha abbootii murtii hedduu qabuun akka ilaalamuuf karaa baneera.
⠀
Hojii to’annoo qabiyyee Feesbuukii biyyoota Sahaaraa Kibba Afrikaa keessatti tamsa’an Naayiroobii irraa raawwachaa kan ture Meettaan, dhaabbata Sama jedhamu waliin hojjechaa ture. Haa ta’u malee, dhaabbatichi Bitootessa 2023 hojii to’annoo qabiyyee kana dhaabeera.
⠀
Gabaasa Teek Poolisii Pirees Sadaasa 11, 2026 maxxanseen akka ibsameetti, Manni Murtii Olaanaan Keeniyaa Sadaasa 12, 2026 Meettaan ragaa dabalataa himattoonni galmee isaanii irratti dabaluuf gaafatan irratti mormii dhiyeesse dhaggeeffata.
⠀
Himattoonni Meettaan sirna to’annoo qabiyyee isaa Afrikaa keessatti akka fooyyessu, keessumaa qabiyyee Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Tigiriffaan tamsa’an sirnaan to’achuuf ogeeyyii gahaa akka ramadu gaafachaa jiru. Akkasumas, miidhamtootaaf beenyaa kaffaluu fi itti gaafatamummaa kaampaanichaa akka mirkaneessu gaafataniiru.
⠀
Adeemsi seeraa kun itti gaafatamummaa dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon addunyaa qabiyyee miidhaa geessisuu danda’u miidiyaa hawaasaa isaanii irratti tamsa’aniif qaban, akkasumas nageenya namootaa fi mirgoota namoomaa eeguu keessatti gahee isaanii irratti gaaffiiwwan seeraa bal’aa kaasaa jira.
⠀
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
⠀
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Iddoowwan Hooggansa Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Duraa Guutummaatti Dubartootaan Akka Guutaman Murtaa’e
Finfinnee, Sadaasa 11, 2026: Ministeerri Barnootaa imaammata barnootaa fi leenjii haaraa hordofuun qajeelfama filannoo fi muudama hooggantoota manneen barnootaa, itti aanaa hogganaa fi suppervaayizarootaa haaraa baaseera.
Akka qajeelfama kanaatti, iddoowwan hoggansa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa, hogganaa fi itti aanaa hoogganaa dabalatee, guutummaatti dubartootaan kan guutaman yoo ta’u, dubartoonni ulaagaalee barbaachisan guutan yoo hin argamne dhiironni dorgommicha irratti hirmaachuu ni danda’u jedhameera.
Hooggantoonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa waggaa shaniif kan muudaman yoo ta’u, yeroo tajaajila isaanii booda dorgommii irra deebiin gaggeeffamu irratti dhiyaachuun yoo hin darbine, sadarkaa ogummaa fi faayidaa isaanii eeggatanii gara barsiisummaa idileetti akka deebi’an murtaa’eera.
Qajeelfamichi hoggansaaf dorgomuuf ulaagaalee sadarkaa barnootaa, muuxannoo hojii fi sadarkaa guddina ogummaa kan kaa'e yoo ta'u, akkasumas, dorgomtoonni waggoota hojii isaanii lamaan dhumaa keessatti giddugaleessaan dhibbeentaa 85 fi isaa ol galmeessisuun mikaa'uu qabu.
Akka seera haaraa kanaatti, qabxiin dorgommii madaallii gahumsa teeknikaa fi amala dhuunfaa dhibbeentaa 60, qophii karoora fooyya’iinsa mana barumsaa dhibbeentaa 20, akkasumas dhiyeessii karooraa fi af-gaaffii dhibbeentaa 20 irraa kan shallagamu yoo ta’u, dorgomtoonni qabxii waliigalaa dhibbeentaa 70 fi isaa ol argatan keessaa kan qabxii olaanaa galmeessisan ni muudamu.
Dabalataanis, dorgomtoonni dhiiraa fi dubartootaa qabxii walqixa yoo argatan dubartootaaf dursa kan kennamu ta’uu qajeelfamichi ibseera.
Filannoo fi ramaddii hooggantootaa to’achuuf sadarkaa hundatti koreen miseensota torba qabu kan hundeeffamu yoo ta’u, bakka bu’oonni Gamtaa Barsiisotaa lama, isaan keessaa tokko dubartiin koree keessatti ni hammatamu.
Dorgommii irratti komii kan qabu iyyataan murtii isaa erga beeke booda guyyoota hojii shan keessatti komii isaa qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeeffachuu, murtii bulchiinsaa kenname irratti immoo ol’iyyannoo gaafachuu ni danda’a jedhameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Alaabaa Faannoo Fannisu, Barsiisota Afaan Oromoo Doorsisu! — Barattootaafi Barsiisota Afaan Oromoorra Dhiibbaa Guddaatu Ga’aa Jira (Barsiisota Mana Barumsaa Mikiililaand)
Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 13 naannawaa Birciqqoo jedhamutti kan argamu Mana Barumsaa Mikiililaand Sadarkaa 1ffaa fi G/galeessaa keessatti, gochaan hojjettoota, barsiisotaa fi barattoota Afaan Oromoo dubbatan gaddisiisee fi muufachiise raawwatamuu isaa barsiisonni mana barumsichaa Miidiyaa Abdii Sabaatti himan.
Dhimmi kunis gaafa Onkoloolessa 2, 2019 A.L.I (2/2/2019) wayita Guyyaan Kabaja Ayyaana Alaabaa Biyyoolessaa kabajamutti, alaabaan seeraan beekamtii hin qabne (Alaabaan Faannoo) mooraa mana barumsichaa keessatti akka fannifamu taasifamuu isaatiin kan walqabatu yoo ta’u, barsiisonnii fi hojjettoonni komii isaanii Miidiyaa Abdii Sabaatiif dhiyeessaniiru. Miidiyaan Abdii Sabaas dhimmicha qulqulleeffachuuf barsiisotaa fi hojjettoota eeruu kana nuuf kennan waliin kallattiin haasaa bilbilaa taasiseera.
Hojjettoonni fi barsiisonni nageenya isaaniitiif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kunneen, haala mana barumsichaa keessatti ta’aa turee fi amma keessa jiran bal’inaan nuuf ibsaniiru. Hojjettoonni bilbilaan haasofsiisne kunneen yaada kennaniin, “Gochaan hedduu miira namaatti bu’u M/barnootaa sana keessatti raawwatameera; gaafa guyyaa Kabaja Ayyaana Alaabaa Biyyoolessaa alaabaan paartiin beekamtii hin qabne jechuunis Alaabaan Faannoo akka fannifamu taasifameera. Gochaan kun akka namummaatti hedduu nu aarse, kun ija-jabina guddaadha” jechuun dubbatan. Dabalataanis, alaabaan kun mooraa keessatti fannifamuu isaa dura barataan tokko uffata suuraa alaabaa kanaa qabu uffatee gara mana barumsichaa akka deemu taasifamaa turuu isaa fi, wayita “maaliif uffattee dhufte?” jedhamee gaafatamuttis “barsiisaa Afaan Amaariffaatu uffadhu naan jedhe” jechuun deebii kennee akka ture nuuf himaniiru.
Barsiisonnii fi hojjettoonni kunneen itti dabaluun, “Nutis gochaan kun maaliif akka ta’uu danda’e baruuf, akkasumas gocha kana duuba harki eenyuu akka jiru adda baasuuf qaama dhimmi ilaallatu qunnamnee turre; haaluma kanaan alaabaan kun akka fannifamu kan taasiste Itti-aantuu Dura-bu’aa Mana Barumsichaa kan taate Aadde Kadijjaa Asan akka taate bira geenyee jirra. Isheenis gochicha raawwachuu ishee hin haalle; haa ta’u malee maaliif akka fannifamu akka taasiste deebii quubsaan isheen kennite hin jiru” jechuun ibsan.
Gocha kana hordofuunis qaama dhimmichi ilaallatu maraaf hanga Bulchaa Aanaa 13tti xalayaadhaan kan beeksisan ta’us, qaamoleen aanaa tarkaanfii seeraa fudhachuu mannaa dhimmichi “karaa jaarsummaa fi araaraatiin” akka xumuramuuf yaalii taasisuu isaanii fi yeroo ammaa dhimma kana bulchiinsi kutaa magaalichaas qabatee akka jiru nuuf himaniiru.
Faallaa kanaatiin, mana barumsichaa keessatti hojjettootaa fi barsiisota “maaliif gochaan akkasii mana barumsaa keessatti raawwatama?” jechuun falmanii fi dubbatan karaa keessoo adda baafachuun doorsisaa fi dhiibbaa cimaa irraan ga’aa akka jiran beekameera. Walumaagalatti, Mana Barumsichaa keessattii barattoota, barsiisotaa fi hojjettoota Afaan Oromoo dubbatan irra dhiibbaan cimaan duraanis kan turee fi ammallee itti fufee kan jiru ta’uu cimsanii dubbatu. “Mana barumsichaa keessatti dhimmi Afaan Oromootiin walqabatu akka hojii lammaffaatti ilaalama; kun ammoo dhiibbaa cimaa nurraan ga’aa jira” jedhu hojjettoonni kunneen.
Miidiyaan Abdii Sabaa rakkoo cimaa mana barumsichaa keessa jiru ilaalchisee hojjettoota muraasa irraa ragaa qabatamaa kan argate yoo ta’u, hojjettoonni kunneen taatee achi keessatti raawwatamaa turee fi jiru bifa suur-sagaleetiin qabaachuu ibsuun gar-tokkee ragaalee kanaa nuuf erganiiru.
Dhimma kana qulqulleessuu fi deebii gama isaanii argachuuf gara hooggantootaa fi itti-aantoota Mana Barumsaa Mikiililaanditti bilbilaan yaaliin taasisneen, deebii kennuuf eeyyamamoo hin turre.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Itoophiyaatti Namoota Miidiyaa Hawaasaa fi Qabiyyee Diijitaalaa Irratti Hojjetanii Galii Waggaa Birrii Kuma 50 Olii Argatan Irratti Dirqamni Gibira Kaffaluu Murtaa'e!
Manni Maree Ministerootaa dinagdee diijitaalaa biyyattii caasaa seeraa jalatti galchuuf dambii haaraa "Dambii Gibira Galii Federaalaa Irra Deebiin Fooyyessuuf Bahe Lakkoofsa 597/2019" raggaasisee Gaazexaa Nagaariit Federaalaa irratti maxxanfamuun hojiirra ooleera.
Dambiin haaraan kun damee miidiyaa hawaasaa fi uumama qabiyyee diijitaalaa (digital content creation) biyyattii keessatti saffisaan babal'achaa dhufe to'achuu fi gibira kaffalsiisuuf qajeelfamoota ciccimoo of keessaa qaba.
Haaluma kanaan, namni qabiyyee diijitaalaa qopheessu kamiyyuu bara gibiraa tokko keessatti galiin waliigalaa argatu Birrii kuma 50 (50,000) ol yoo ta'e dirqama gibira galii kaffaluu kan qabu yoo ta'u, galiin isaa daangaa kanaa gadi yoo ta'e garuu gibirri kaffalame akka bakka buufamuuf ykn deebi'uuf dambichi ni ajaja.
Akka dambii haaraa hojiirra oole kanaatti, eenyummeessaan (account) waltajjii diijitaalaa Itoophiyaan alatti kan baname yoo ta'ellee, ykn kaffaltiin isaa baankii biyya alaatiin kan raawwatamu yoo ta'ellee, namni qabiyyee sana qopheessu jiraataa Itoophiyaa ta'ee hanga argametti dirqama gibira kaffaluu jalaa bilisa hin ta'u.
Dabalataanis, marsariitiiwwan kaffaltii mijeessan, appilikeeshinoonni miidiyaa hawaasaa fi teessoo dhaabbileen beeksisaa, siim Kaardii fi teessoo jireenyaa fayyadamuun maqaa namoota qabiyyee diijitaalaa uumanii fi hanga maallaqa kaffalameef kurmaana kurmaanaan (ji'a sadii sadiin) Abbaa Taayitaa Gibiraatiif dhiyeessuuf dirqamni irra kaa'ameera.
Gama biraatiin, namoonni qabiyyee diijitaalaa qopheessan hundi Lakkoofsa Eenyummeessaa Kaffalaa Gibiraa (TIN) qabaachuu, galii isaanii beeksisuu fi kurmaana waggaatiin gibira kaffaluuf dirqama qabu.
Ministeerri Galiiwwanii humna bituu maallaqaa tilmaama keessa galchuudhaan daangaa galii Birrii kuma 50 kaa'ame kana gara fuulduraatti qajeelfamaan fooyyessuu akka danda'us dambicha keessatti eerameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Oduun “Jaal Marroon qabsoo hidhannoo geggeessuu dhaabee mootummaa wajjin walliigaltee taasise” jechuun dhiyaate miidiyaa hawaasaa irratti marii hawwaasa bal’aa kaase
Finfinnee, Sadaasa 10, 2026: Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) Jaal Marroo Dirribaa (Kumsaa Dirribaa) ‘qabsoo hidhannoo irraa gara karaa hidhannoo malee qabsaa'uu filachuun, mootummaa wajjin waliif galeera’ jechuun oduun suura isaa Magaalaa Finfinnee keessatti utuu inni galgalaan daandii qaxxaamuruuf konkolaataa dura lukaan kophaa dhaabbatuu fakkeessuun agarsiisu waliin, miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa jiru, uummata keessatti marii fi yaada garaagaraa kaasaa jira.
Oduun kun erga tamsa'uu jalqabee yeroo gabaabaa gidduutti namoonni tokko tokko gammachuu fi abdii nageenyaa haaraa ibsachaa kan jiran yoo yoo ta’u, kaan ammoo dhugummaa odeeffannoo kanaa irratti gaaffii kaasaa jiru.
Namoota miidiyaa hawaasaa irratti yaada kennan keessaa tokko, “Daandiin nagaaf baname ammas banaadha. Jaal Marroo keenya, baga nagaan Finfinnee biyya abbaa keeti geesse,” jechuun barreesseera.
Namni biraan ammoo, “Oduu gaariitu jira moo ololadha laata? Maal qaba utuu dhugaa ta'ee? Maal qaba utuu sabni kun boqotee? Maal qaba utuu haadhoo fi haadhoon wal gaarireffachuun hafe?” jechuun hawwii nageenyaaf qabu ibseera.
Yaadota kanneen irraa hubachuun kan danda'amu, uummata gidduutti fedhiin rakkoo nageenyaa karaa marii fi araaraan furuuf jiru guddaa ta’uudha. Namoonni hedduun walitti bu'iinsi yeroo dheeraaf itti fufuun lubbuu namaa, qabeenya, carraa barnootaa, misoomaa fi jireenya hawaasaa irratti miidhaa geessisaa turuu isaa yaadachiisuun, nagaan waaraan akka bu'u hawwu.
Kana dura, qondaaltota ABO-WBO keessaa kanneen akka Jaal Sanyii Nagaasaa fi Jaal Shurrubbee fi hoggantoonni garaa garaa qabsoo hidhannoo hiikkachuun karaa nagaa qasaa’uutti deebi'uun isaanii ni yaadatama.
Muddee bara 2024 keessa Jaal Sanyii Nagaasaa fi mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduutti waliigalteen araaraa mallattaa'uun, adeemsa miseensonni hidhattoota isaanii karaa hidhannoo alaatti haalli itti deebi'an kan jalqabe keessaa tokko ture. Booda Jaal Sanyii Nagaasaa sadarkaa gorsaa nageenyaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, ta'uun muudamanii turan.
Taateewwan kunneen garaagarummaa siyaasaa fi rakkoo nageenyaa karaa marii fi waliigalteen furuun akka danda'amu fakkeenya gaarii haa ta'u malee, adeemsi isaanii fi dhimma Jaal Marroo gidduu garaagarummaan jiraachuu hubachuun barbaachisaa dha.
Dhugumaan, yoo qaamoleen walitti bu'an garaagarummaa isaanii marii fi waliigalteen furuuf murteessan, bu'aan isaa hawaasa naannoo tokkoo qofa osoo hin taane, biyya guutuu kan fayyadu ta'a. Humni, beekumsi, dandeettiin hoggansaa fi qabeenyi namoota garaagaraa walitti bu'iinsa keessatti dhumuu irra, tokko ta'anii nageenya, misooma, tokkummaa fi ijaarsa biyyaaf oolchuun waan gaariidha.
Uummanni waraana caalaa nagaa, walitti bu'iinsa caalaa araara, wal qoqqooduu caalaa tokkummaa hawwa. Namoonni dandeettii, beekumsaafi humna guddaa qaban yoo walitti dhufan, humna sana walitti bu'iinsa keessatti balleessuu irra biyya ijaaruuf oolchuun bu'aa dhaloota har'aa qofa osoo hin taane dhaloota boruus ta'uun wal nama hin gaafachiisu. Araarri dhugaan qaamolee walitti bu'an gidduutti qofa osoo hin taane, hawaasa keessatti amantaa, wal kabajuu fi waliin jiraachuu deebisuu qaba.
Kanaaf, gaaffiin guddaan oduu Jaal Marroo irratti ka'e dhugaa ta'uu isaa qofa osoo hin taane, carraan nagaa fi araaraa akkasii yoo jiraate akkamitti dhugoomuu akka danda'uudha. Uummanni nagaa hawwu oduu akkanaa abdii guddaadhaan simachuun isaa hubatamaadha; garuu abdiifi dhugaa adda baasuunis barbaachisaa dha.
Haa ta'u malee, hanga gabaasni kun qophaa'utti, Jaal Marroon qabsoo hidhannoo geggeessuu irraa gara mootummaatti deebi'uu isaa kan mirkaneessu ibsi if danda’aan qaamolee walabaan dhiyaate hin jiru. Teekinoloojiin AI bara kana dhugaa soba, sobas dhugaa waan fakkeessuuf oduu tokko battala dhageenyeen amannee ittiin burjaaja’uu hin qabnu dhaamsa jedhu isiniif dabarsaa, waan haaraa akka arganneen qabannee isiniif dhiyaanna; nu hordofaa.
@ABDII_SABAA
"Jimaata Dhufu Sadaasa 13, 2026 Addunyaan Ni Baddii?" — Dhugaa Qorannoo Saayinsii Bara 1960 fi Odeeffannoo Miidiyaa Hawaasaa Irratti Naanna'aa Jiruu!
Torban kana miidiyaalee gurguddoo addunyaa kanneen akka BBC, Aljaziiraafi miidiyaalee hawaasaa kanneen akka TikTok, Facebook, X fi WhatsApp irratti "Jimaata dhufu, Sadaasa 13, 2026 (November 13, 2026) guyyaa dhuma addunyaati; saayintistoonni waggoota 66 dura raajaniiru" oduun jedhu saffisa olaanaadhaan tamsa'aa jira.
Odeeffannoon kun namoota hedduu biratti dhugaa fakkaatee kan fudhatameef, dhuguma barruu saayinsii idil-addunyaa beekamaa 'Science' jedhamu irratti Sadaasa 4, 1960 waraqaan qorannoo mata-dureen isaa "Doomsday: Friday, 13 November, A.D. 2026" jedhu maxxanfamee waan tureefidha. Haa ta'u malee, qabiyyeen waraqaan qorannoo sun ibsee maalidha?
Qorannoon bara 1960 hayyoota Haayinz Voon Fooristar , Paatiriishiyaa Mooraa fi Laawurens Amiyootiin barreeffame sun, dho'iinsa lafaa, rukuttaa urjii (asteroid), balaa aduu ykn waraana niwukilaaraa kan raaje osoo hin taane, moodeela herregaa daballii baay'ina uummata addunyaa agarsiisu ture.
Hayyoonni kun qorannoo isaanii keessatti, baay'inni uummata addunyaa akkuma waggoota 2,000 darban keessatti saffisaan dabalaa dhufeen yoo osoo hin dhaabbatin itti fufe, gaafa Sadaasa 13, 2026 lakkoofsi namaa daangaa herregaa darbuun (mathematical singularity) namoonni lafa irratti iddoo dhaabbatanii fi nyaata dhabuun "wal-dhiibanii du'u" jechuun akeekkachiisa bifa herregaatiin kaa'anii turan. Guyyaan Sadaasa 13 jedhus guyyaa dhaloota qorataa olaanaa waraqichaa (Heinz von Foerster) waan ta'eef, mata-dureen isaa gar-tokkeen bifa qoosaatiin uummata hawwachuuf kan filatame ture.
Herregni isaanii sun hanga jalqaba bara 1990mootaatti sirriitti hojjetaa turus, sana booda garuu dhugaan lafa jiru foormulaa sana guutummaatti fashaleesseera. Akka herrega qorannoo bara 1960 sanaatti, bara 2026 kanatti baay'inni uummata addunyaa biiliyoona 200 ga'uu qaba ture; qabatamaan garuu uummanni addunyaa amma jiru biiliyoona 8.3 qofaadha. Sababa babal'ina barnootaa, fooyya'iinsa fayyaa fi jireenya magaalaatiin saffisni dhaloota daa'immanii kan bara 1960 irraa walakkaadhaan kan hir'ate yoo ta'u, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) baay'inni uummataa walakkaa bara 2080mootaa keessa biiliyoona 10.3 ga'ee suuta hir'achuu akka eegalu tilmaameera.
Gama biraatiin, oduu kana cinaatti himannaawwan ragaa hin qabne kanneen akka raajii Baabaa Vaangaa , Noostiraadaamas fi "Sadaasa 13 dambaliin ibidda aduu (solar flare) lafa rukuta" jedhan walitti hidhamuun uummata burjaajessaa jiru.
Ogeessi qorannoo hawaa Imaad Mujaahid BBC Arabic'tti akka himanitti, akkasumas dhaabbileen qorannoo hawaa gurguddoon kanneen akka NASA fi ESA akka mirkaneessanitti, Jimaata dhufu Sadaasa 13, 2026 wanti hawaa keessaa lafa sodaachisu tokkollee hin jiru. Giddu-galli Saayinsii 'Complexity Science Hub' magaalaa Viyeenaatti argamus Sadaasa 12–13, 2026 walgahii hayyootaa kan qopheesse yoo ta'u, kaayyoon isaas balaa dhufuuf osoo hin taane "raajiiwwan dhuma addunyaa maaliif akka uummata hawwatanii fi maaliif akka soba ta'an" irratti mari'achuufidha.
Walumaagalatti, Jimaanni dhufu Sadaasa 13, 2026 akkuma Jimaata kamiyyuu guyyaa nagaa namoonni hojii, barnoota, gabaa fi waaqeffannaa isaanii itti gaggeeffatan ta'uu saayintistoonni mirkaneessaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa Haleellaa fi Buqqaatii Uummata Nagaa Godina Lixa Oromiyaa Aanaalee Abee Dongoroo fi Kiiramuu Irratti Raawwatame Balaaleffachuun Hiriira Bahan!
Barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa haleellaa suukanneessaa, ajjeechaa fi qe'ee irraa buqqaatii tibbana Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Abee Dongoroo fi Aanaa Kiiramuu keessatti lammiilee nagaa irratti raawwatame balaaleffachuun mooraa yuunivarsiitichaa keessatti hiriira mormii gaggeessaniiru.
Barattoonni hiriira kana irratti bahan dhaadannoolee garaagaraa dhageessisuun, haleellaa hidhattoonni uummata nagaa, maanguddoota, dubartootaa fi daa'imman irratti raawwachaa jiran hatattamaan akka dhaabbatuu fi lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'aniif birmannaan akka taasifamu gaafataniiru.
Hiriirri barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa kun kan gaggeeffame, guyyoota muraasa dura Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Abee Dongoroo fi Aanaa Kiiramuu keessatti haleellaa hidhattoota Faannootiin raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa hedduu darbuu, manneen jireenyaa gubachuu fi jiraattonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa'uu isaanii hordofuudhaani. Barattoonni moorichaas sagalee uummata miidhamaa kanaa dhageessisuun nageenyi waaraan lammiilee naannichaatiif akka mirkanaa'u waamicha dhiyeessaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA | @Abdii_Sabaa_University
Eeyyee ni kaffala! hojjedhaa, maallaqa keessan battalumatti karaa Telebirr baafadhaa! 📱💸
Liinkii gadii tuquun eegalaa 👇
🤖 /channel/asbeksbot?startapp=invite_WNIAVX5DWT
🤖 /channel/asbeksbot?startapp=invite_WNIAVX5DWT
⚡️ @AsbeksPlatform
qarshii 199 qofaan video editing baradhaa.
/channel/fulbekbot?start=course_2ae9c823-9d48-4d21-b8f1-1656369cd762
Qarshii 250 qofaan Logic and Critical Thinking Barattoota “Fresh” Chaapterii guutuu isaa akkasumas gaaffii shaakalaa kanaan dura barattoonni qoramanii darban bitadhaa.
👉 /channel/fulbekbot?start=course_2f19d852-235b-410b-9d38-747b8adb5bdd
YUUNIVARSITII AMBOOTTI MAALTU MUDATE? : Miidiyaan Abdii Sabaa Gamtaa Barattootaa, Tajaajila Barattootaa fi Poolisii Mooraa Dubbisuun Dhugaa Jiru Qulqulleesseera!
Mooraa Yuunivarsiitii Amboo keessatti taatee gaddisiisaa mudateen walqabatee odeeffannoo miidiyaalee hawaasaa garaagaraa irratti tamsa'aa ture qulqulleessuuf, Miidiyaan Abdii Sabaa kallattiin bilbilaan qaamolee dhimmi ilaallatu kanneen akka Gamtaa Barattootaa, Kutaa Tajaajila Barattootaa (Student Service) fi Poolisii Mooraa dubbisuun dhimma miidyaa hawaasaa irratti yuunivarsitii Amboon walqabatee deemaa jiru qulqulleeffateera. Akka Pirezidaantiin Gamtaan Barattootaa Yuunivarsiitii Amboo Miidiyaa Abdii Sabaatti himanitti, barattuun muummee barnoota (Midwifery) waggaa 4ffaa kan taate Barattuu Masarat Abarraa, guyyaa kaleessaa (Onkoloolessa 28, 2019 A.L.I) mooraa yuunivarsiitichaa keessatti bilookii doormii ishee kutaa dhiqannaa (shower) keessatti lubbuun ishee darbee argamteetti. Hiriyoonni ishee wayita kutaa dhiqannaa seenuuf jedhanitti haala kana arguun Gamtaa Barattootaatiif kan bilbilan yoo ta'u, wayita Gamtaan Barattootaa bakkichatti qaqqabetti barattuun kun fannifamtee argamuu ishee nuuf mirkaneessaniiru.
Dhimmuma kana irratti Ajajaan Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Amboo Obbo Tasfaayee Miidiyaa Abdii Sabaatiif akka ibsanitti, barattoonni tasa kutaa dhiqannaa deemanii wayita arganitti poolisii mooraatiif bilbiluu isaanii hordofuun battalumatti bakkichatti argamaniiru. Poolisiin mooraas poolisii magaalaa Ambootti bilbiluun ashaaraan reeffa ishee erga fudhatamee booda, reeffi barattuu kanaa qorannoo reeffaa (autopsy) taasisuuf gara Finfinneetti geeffamee ture. Qorannoon barbaachisaan erga xumuramees, guyyaa har'aa reeffi Barattuu Masarat Abarraa gara iddoo dhaloota ishee Magaalaa Jalduu, Ganda Sariitiitti gaggeeffameera.
Gama biraatiin, Kutaan Tajaajila Barattootaa (Student Service) moorichaa yaada nuuf kennaniin, taateen akkasii mooraa keessatti deddeebi'ee mudachaa jiraatus, yuunivarsiitichi barattootaaf gorsaa fi leenjii xiin-sammuu walirraa hin cinne kennaa turuu ibseera. Keessattuu lubbuun barattuu kanaa darbuu isaa guyyaa tokko dura (Onkoloolessa 27, 2019) barattoota shamarraniif qophaatti sagantaan gorsaa, jajjabeessuu fi leenjii kennamuu isaa eeruun, hanqinni hubannoo uumuu fi deeggarsa taasisuu akka hin jirre, garuu barattoonni gorsa kennamu hojiirra oolchuu dhabuun ofii isaanii rakkoo hamaaf saaxilaa jiraachuu dubbataniiru.
Barattuu Masarat Abarraa Magaalaa Jalduu Ganda Sariitiitti dhalattee kan guddatte yoo ta'u, hanga ammaatti sababni qabatamaan lubbuun ishee akka darbu taasise ifatti hin beekamne. Haa ta'u malee, odeeffannoo hiriyoota ishee irraa argameen, lubbuun ishee darbuun dura hiriyyaa ishee shamarree tokkoof ergaa barreeffamaa ergitee akka turte barameera. Qaamoleen dhimmi ilaallatu mooraa Yuunivarsiitii Amboo keessatti taateewwan gaddisiisoo akkasii hambisuuf hordoffii fi to'annoo taasisaa jiraachuu kan ibsan yoo ta'u, barattoonnis dhiphinaa fi rakkoon kamiyyuu yoo isaan mudate kutaa gorsaa fi tajaajila barattootaa mariisisuu akka qaban dhaamaniiru. Miidiyaan Abdii Sabaa maatii, hiriyootaa fi hawaasa Yuunivarsiitii Amboo hundaaf jajjabina hawwa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA | @Abdii_Sabaa_University
Ogeeyyiin Fayyaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Kaffaltiin ‘Night Duty’ Gurraandhala 2018 Irraa Eegalee Nuuf Hin Kaffalamne Jechuun Komii Kaasan; Bulchiinsi Aanichaa Yeroo Gabaabaa Keessatti Ni Kaffalama Jedhe!
Godina Kibba Baha Oromiyaa Aanaa Zuwaay Dugdaatti ogeeyyiin fayyaa kaffaltii hojii halkanii (Night Duty) ji’a Gurraandhalaa bara 2018 irraa eegalee hanga har’aatti nuuf hin kaffalamne jechuun komii qaban Miidiyaa Abdii Sabaatti himataniiru. Komii ogeeyyii fayyaa kana bu’uura godhachuun Miidiyaan Abdii Sabaa ogeeyyii komii dhiyeeffatanii fi hoggantoota mootummaa sadarkaa aanichaatti dhimmichi kallattiin ilaallatu bilbilaan quunnameera.
Akka ogeeyyiin fayyaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Miidiyaa Abdii Sabaatti himanitti, kaffaltiin ‘Night Duty’ ji’a Gurraandhalaa bara 2018 irraa eegalee osoo hin kaffalamin kan ture yoo ta’u, rakkoo kana furuuf Waajjira Fayyaa, Waajjira Bulchiinsaa fi Waajjira Maallaqaa aanichaatti, akkasumas yeroo garaagaraatti hanga sadarkaa godinaatti deemuun iyyachaa turaniiru. Qaamoleen kunis dhuma ji’a Onkoloolessaatti kuufamni isaanii guutummaan guutuutti akka kaffalamuuf waadaa galaniifii gara hojii idilee isaaniitti deebi’anis, hanga ammaatti kaffaltiin ji’a lamaa qofti raawwatamuun waadaan galame guutummaatti osoo hin kabajamin hafuu ibsaniiru. Haalli kunis mirga isaanii gaafachuuf ammas irra deebiin gara bulchiinsa aanichaatti akka deddeebi’an isaan dirqisiisuu dubbatu.
Miidiyaan Abdii Sabaa komii ogeeyyii fayyaa kana qulqulleeffachuuf Itti-aanaa Bulchaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Obbo Jamaal Badhaasoo fi Itti-gaafatamaa Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Muhammad Qaasim bilbilaan quunnamee gaafateera. Hoggantoonni kunis komiin ogeeyyii fayyaa kun dhugaa ta’uu mirkaneessuun, bara 2018 keessa rakkoon nageenyaa naannawa sana turee fi danqaaleen hojii biroo mudatan kaffaltiin kun yeroodhaan akka hin raawwatamneef gufuu ta’uu ibsaniiru.
Gaaffii Miidiyaan Abdii Sabaa “rakkoon ogeeyyii fayyaa amansiisaa waan ta’eef guyyaa hangamii keessatti furmaata waaraa argatu?” jechuun dhiyeesseef, hoggantoonni aanichaa deebii kennaniin yeroo ammaa qaamolee dhimmichi ilaallatu mara waliin ta’uun xiyyeeffannoo olaanaadhaan qabatanii hojjetaa jiraachuu himaniiru. Dabalataanis, ogeeyyii fayyaa aanichaa waliin mari’achuun waliigalteerra ga’amuu fi turtii yeroo gabaabaa keessatti kaffaltii ‘Night Duty’ kuufamee jiru hundaa waliin kaffaluuf haaldureewwan barbaachisan mijeessanii xumuruu isaanii Miidiyaa Abdii Sabaatti himaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
💻 DORGOMMIIN BADHAASA LAAPTOOPPII ‘ASBEKS’ DHIYEENYA NI EEGALA! 🏆🔥
Dorgommiin kun akkuma banameen namni jalqabaa "sagalee (vote) naaf kenni" jettee gaafattu eenyu?
Akkuma galmeen banameen, **ASBEKS irratti dorgommii **Laptop Challenge seenuun liinkii sagalee ittiin walitti qabattu (personal voting link) kan mataa keetii argatta. Liinkii kee kana hiriyoota, maatii fi gareen Telegram keetiif qooduun deeggarsa walitti qabatta!
✨ Akkaataa Dorgommichaa:
✅ Deeggartoonni kee sa'aatii 6 (jaha) hunda keessatti tola (free) sagalee siif kennuu ni danda'u.
✅ Sadarkaa irra geesse kallattiidhaan gabatee dorgommii (Leaderboard) irraa hordofuu dandeessa.
🏆 Namni sagalee sirrii (valid votes) hunda caalu argate mo'ataa ta'ee Laaptooppicha fudhata!
⏳ Guyyaan dorgommiin itti eegalu akka si hin dabarre, ammuma Telegram irratti ASBEKS banuun bakka 'Challenges' jedhu tuqii qophaa'i:
👉 /channel/Asbeksbot/start
Hiriyoota keetiifis qoodi!
chaanaala isaanii hordofi @asbeksplatform
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Sagantaa Galmee Qormaata Ba'iinsaa (Exit Exam) fi Qormaata Seensaa Digirii Lammaffaa (NGAT) Bara 2019 Ifoomse!
Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa (EAES) qormaata ba'iinsaa fi seensaa dhaabbilee barnoota olaanoo walakkaa waggaa bara 2019 A.L.I'tiif sagantaa galmee ifoomseera. Haaluma kanaan, galmeen qoramtota qormaata ba'iinsaa (Exit Exam) dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa Sadaasa 04 hanga 10, 2019 A.L.Itti kan gaggeeffamu yoo ta'u, galmeen qoramtota dhaabbilee dhuunfaa fi barattoota irra deebiin qoramanii immoo Sadaasa 11 hanga 17, 2019 A.L.Itti ni raawwatama. Dabalataanis, galmeen Qormaata Seensaa Barnoota Digirii Lammaffaa (NGAT) Sadaasa 10 hanga 30, 2019 A.L.Itti sirna galmee ofiin-of galmeessuu (Self-Registration System) fayyadamuun kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.
Tajaajilichi dhaabbileen barnoota olaanoo hojiiwwan qophii duraa xumuruun qoramtota isaanii gabatee yeroo kaa'ame keessatti akka galmeessisan hubachiiseera. Kaffaltiin galmee qormaata kanaas tariifaa kaffaltii haaraa Manni Maree Ministirootaa raggaasise irratti hundaa'uun kan raawwatamu ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa beeksiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA | @Abdii_Sabaa_University
Jimaati Bori😁 Waan qabdan nyaattanii fixxanii?😁
Dubbisaa
Sharariitonni 3,000 Ol Ta’an Kaalsii Xuraawaa Keessa Dhokfaman Buufata Xiyyaaraa Peeruutti To’ataman
Finfinnee, Sadaasa 12, 2026: Hojjettoonni gumurukaa fi to’attoonni bineensota bosonaa Peeruu, sharariitota gurguddoo (tarantulas) hedduu kaalsiiwwan fakkaattii maqaa qaban keessa dhokfamanii gara Jarmanii seeraan ala geeffamuuf turan Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa ‘Jorge Chávez’, Liimaa keessatti to’ataniiru.
Gabaasni kun lakkoofsi sharariitotaa 3,000 ol ta’an kun imaltoota sadii kan lammiilee Jarmanii lamaa fi lammii Poolaandii tokkoon daddabarfamuuf shakkaman yoo ta’u, haa ta’u malee lakkoofsi sirrii bineensotaa, eenyummaa imaltootaa akkasumas, haalli isaan ittiin qabaman maddoota walaba ta’aniin hin mirkanoofne.
Akka odeeffannoo dhiyaateetti, hojjettoonni gumurukaa shaanxaa imaltootaa gara Jarmanii imaluuf qophaa’an yeroo sakatta’an, kaalsiiwwan keessaa sochii shakkisiisaa arganii shaanxaa banan. Sana booda sharariitonni sadarkaa guddinaa adda addaa qaban keessa jiraachuu isaanii argan jedhame.
Kooraa Suu’aarez, ogeettii Tajaajila Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Biyyaalessaa Peeruu (SERFOR), sharariitonni argaman sanyiiwwan adda addaa ta’uu fi muraasni isaanii saayinsiidhaan guutummaatti kan hin ibsamne jedhamuun ibsite. Akkasumas, bineensonni kun naannolee Juunín, Looretoo, Kaajamarkaa, Kuuskoo fi La Libertad irraa kan funaanaman ta’uun isaanii himameera.
Gatiin sharariitota kanaa gabaa Awurooppaa irratti tokkoon tokkoon isaanii Yuuroo 500, jechuunis tilmaamaan doolaara Ameerikaa 560, ga’uu danda’a jedhameera. Tilmaamni kun gatii gabaa yaadame irratti kan hundaa’uu fi gatiin dhugaa fi waliigalaa isaanii hin mirkanoofne. Akka tilmaamaatti garuu Yuuroo miliyoona 1.5 ykn doolaara miliyoona 1.7 ol ta’uu danda’a jedhameera.
Poolisiin Peeruu imaltoota sadan to’annaa jala oolchuun, daddabarsa seeraan alaa bineensota bosonaa fi yakka naannoo waliin walqabatu irratti qorannoo gaggeessaa jira. Shakkamtoota keessaa tokko qorataa sharariitotaa beekamaa ta’uu isaa gabaasni tokko kan agarsiisu yoo ta’u, kaayyoon bineensota kana fuudhanii deemuu galii maallaqa dhuunfaa kuufachuu, qorannoo irratti geggeessuuf fayyadamuu ykn daldala bineensota mana keessaa ta’uun isaa adda hin mirkanoofne.
Yeroo ammaa, sharariitonni to’ataman kun gara giddugala eegumsaa fi kunuunsa bineensotaa hayyama qabuutti dabarfamuuf qophaa’aa jiraachuun kan himame yoo ta’u, haalli isaanii dhumaa fi bakka itti geeffaman garuu ifatti hin ibsamne.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Facebook irraan dhimma kana hordofaa, share taassisaa. 👇https://web.facebook.com/share/p/1CeA5U4BcQ/
Читать полностью…
"Waadaa Galuu Biras Darbuun Gara Tarkaanfii Faayinaansii Saffisaatti Ce'uun Ni Barbaachisa" #Abiy_Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 11, 2026: Ministirri Muummee #Itoophiyaa Abiy Ahimad (Phd), Yaa’ii Hoggantoota COP31 Turkiin keessummeessaa jirtu irratti ergaa dabarsaniin, yeroo ammaa kana waadaa galame qofa irratti daanga'anii hafuu dhiisanii, gara tarkaanfii hatattamaa faayinaansii haala qilleensaa salphaatti dhaqqabamaa ta'etti ce'uun akka barbaachisu waamicha taasisaniiru.
Dabalataanis, sirna akeekkachiisa dursaa fi dandeettii dandamachuu hawaasa saaxilamoo ta’anii ijaaruu irratti xiyyeeffannoo akka socho'uun barbaachisu gaafataniiru.
"Itoophiyaan falaasama Ida'amuutiin qajeelfamtee, sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy) jalatti biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabdee jirti; akkasumas misooma anniisaa haaromfamuu fi misooma magaalaa itti fufiinsa qabu bal’inaan babal’isaa jirtiis" jedhaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Itoophiyaan pirezidaantummaa COP32 itti aanu yeroo fudhattu, ajandaawwan dursa kennamaniif kanneen biroo guutummaatti tarkaanfachiisuu akka itti fuftu fi addunyaa guutuu simachuuf qophii ta’uu ishee mirkaneessaniiru.
Walgahii kana cinattis, hoggantoota Baarbaadoos, Fiinlaand, Noorweey, Qaaxaar, Iraaq, Somaaliyaa fi Bootosiwaanaa waliin marii hidhata biyyoota lamaanii geggeessaniiru. Mariwwan kunneen tumsa misoomaa fi invastimantii, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, marichi bu’aa qabeessa ta’uun isaas ibsameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
🚨 ETHIOPIA, YOUR NEXT BUSINESS OPPORTUNITY IS HERE! 🇪🇹🔥
What if you could open your own online store, sell products, turn your knowledge into income, promote your services, and even earn by sharing products, all from ONE platform? 🤯
No need to build your own website. No need to be a professional developer. No need to own a big business.
Introducing FULBEK.COM 🚀
🇪🇹 An Ethiopian digital marketplace and creator platform built to help you BUY, SELL, CREATE, LEARN, and GROW!
And the best part? Getting started is FREE! 🎉
Here's what you can do with Fulbek 👇
🛒 1. BUY & SELL ANYWHERE IN ETHIOPIA
Have a smartphone, laptop, car, furniture, fashion item, or property to sell?
📸 Take photos.
📝 Add your product details.
💰 Set your price.
📍 Choose your location.
🚀 Submit your listing!
Your approved listing becomes discoverable to potential buyers.
✅ FREE product listings in every category!
✅ Search by product and location.
✅ Connect directly with sellers.
✅ Optional boosts to promote your products.
Your next customer could be just one click away!
🏪 2. CREATE YOUR OWN ONLINE STORE FOR FREE!
Imagine having your own digital shop with a personalized Fulbek link!
With your Fulbek store, you can:
✅ Display your products professionally.
✅ Share your store link on Telegram, TikTok, Facebook, and Instagram.
✅ Manage orders and customers.
✅ Track products and stock.
✅ Sell physical and digital products.
✅ Accept supported online payments.
Your storefront is free to start, with up to five live digital products on the Standard plan. Applicable sales commissions apply.
📚 3. SELL DIGITAL PRODUCTS AND EARN FROM YOUR KNOWLEDGE!
Are you a student, writer, designer, developer, or content creator?
Your knowledge and creativity could become products!
Sell things like:
📖 E-books and study materials.
📑 PDFs and educational documents.
🎨 Design templates.
💻 Software and digital resources.
📊 Presentations and useful business files.
Upload your digital product, complete the required verification, and submit it for review.
Once approved, customers can purchase it securely and access their downloads after payment confirmation.
Create once. Make it available to customers again and again! 💸
🎓 4. FULBEK EDUCATION: LEARN OR BECOME AN INSTRUCTOR!
Do you have a skill worth teaching?
Turn your knowledge into a structured online course!
✅ Create video lessons.
✅ Organize your course.
✅ Sell course enrollment.
✅ Manage students and learning progress.
✅ Offer verifiable certificates on eligible courses.
Or explore courses from Ethiopian creators in Afaan Oromoo, Amharic, and English!
Your knowledge deserves an audience. Your skills deserve an opportunity. 🎯
📢 5. PROMOTE YOUR SERVICES AND INFLUENCE!
Are you a content creator, influencer, or digital service provider?
Fulbek offers a place to present your services with clearly defined packages, prices, and delivery conditions.
Brands and customers can discover approved offers and pay through Fulbek.
Build your professional presence and make your services easier to discover!
🗳 6. FULBEK VOTE: GIVE YOUR COMMUNITY A VOICE!
Planning a fan competition, creator award, or audience-supported campaign?
With Fulbek Vote Beta, organizers can create paid fan-voting campaigns with:
✅ Transparent voting information.
✅ Published vote prices.
✅ Verified payment processing.
✅ Results based on confirmed paid votes.
A new way for creators and communities to organize fan-support campaigns!
🤝 7. EARN WITH FULBEK!
You don't necessarily need your own product to participate.
Fulbek also offers earning opportunities through:
🔗 Sharing eligible products.
👥 Inviting creators.
📣 Helping sellers reach customers.
Earn rewards from qualifying sales under the program's rules and track your earnings in birr.
Your network could become an opportunity! 💰
🌍 8. JOIN THE FULBEK COMMUNITY!
@Fulbek is more than product listings.
Discover creators, follow their work, share updates, ask questions, and connect with people building something valuable.
One account. Multiple opportunities. Endless ideas. ✨
🔐 WHY FULBEK?
✅ Built for the Ethiopian market.
✅ Free physical product listings.
✅ Free starter storefront.
✅ Digital products and online courses.
✅ Reviewed listings and creator verification processes.
✅ Verified payment processing for supported purchases.
✅ One dashboard for your products, purchases, orders, and earnings.
✅ Local customer support.
🔥 STOP WAITING FOR THE PERFECT OPPORTUNITY. START BUILDING YOUR OWN!
Whether you're a student, shop owner, teacher, designer, developer, entrepreneur, or someone with something valuable to sell...
FULBEK WAS BUILT FOR PEOPLE LIKE YOU! 🇪🇹
🌐 Start today: https://fulbek.com
📲 Download Fulbek on Google Play:
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.fulbek.app
🤖 Telegram: @fulbekbot
🚀 FULBEK: EVERYTHING YOU SELL. ONE FULBEK.
❤️ Share this with a friend who has a business idea, a skill, or something to sell!
Walitti bu’iinsi Itoophiyaa keessatti mudate lammiilee miliyoona 1.7 qe’ee isaanii irraa buqqise: UNHCR
Finfinnee, Sadaasa 10, 2026: Akka ragaan haaraa Komishinii Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhimmoota Baqattootaa (UNHCR) baase agarsiisutti, walitti bu’iinsi Itoophiyaa keessatti yeroo garaagaraatti mudate tilmaamaan lammiilee miiliyoona 1.7 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqiseera.
Lakkoofsi kun waliigala namoota biyya keessatti buqqa’anii (IDPs) Itoophiyaa keessa jiran miliyoona 1.9 ta’an keessaa harka caalaa akka ta’e ragaan kun ni mul’isa.
Dabalataan, balaawwan uumamaa namoota 173,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqisaniiru. Kunis waliigala Itoophiyaatti lakkoofsi namoota biyya keessatti buqqa’anii gara miiliyoona 1.9tti ol guddachuu ragaan UNHCR ni mul’isa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Dubartiin waggaa lamaaf abbaa manaa ishee duraaniitiin sireetti hidhamtee dararamaaturte lubbuun baraaramte
Finfinnee, Sadaasa 10, 2026: Biyya Ameerikaatti dubartiin tokko abbaa manaa ishee duraaniitiin waggaa lama guutuuf mana keessatti ugguramuun, sireetti hidhamteeturtee dararamaa turte erga hojjetaan suphaa (maintenance worker) sagalee iyya gargaarsaa ishee dhaga'ee dirmateefii booda lubbuun baraaramuu poolisiin beeksise.
Akka gabaasni miidiyaa Court TV irraa argame mul'isutti, gochi kun kan saaxilame yeroo hojjetaan suphaa tokko hojiidhaaf gara mana jireenyaa sanaa deemuutti sagalee nama gargaarsa kadhatuu dhaga'uun poolisiitti bilbilee yoo ta'u, poolisoonni battaluma sana bakkicha ga'ee yeroo mana sakatta'u, dubartiin kun sireetti hidhamtee haala suukanneessaa keessatti argamteetti.
Qorannoo jalqabaa poolisiin taasiseen, dubartiin kun waggaa lamaaf ala baatee akka hin beeknee fi abbaa manaa ishee duraaniitiin dirqiin mana keessatti ugguramtee akka turte mirkanaa'eera.
Shakkamaan gocha kana raawwatees to'annoo poolisii jala oole yoo ta'u, dubartiin miidhamte kun yeroo ammaa yaala fayyaa fi deeggarsa xiin-sammuu argachaa kan jirtu fi shakkamaan kunis yakka nama ugguruu, mirga namoomaa sarbuu fi miidhaa qaamaa raawwachuutiin mana murtiitti dhiyaachuuf qophaa'aa jiraachuu gabaasni arganne ni mul'isa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Maal isiniif qulqulleessinu? Karaa @Abdiisabaadm nu qunnamuun dhimmoota akka isiniif qulqullaa’an feetan eeruu nuuf kennaa.
Читать полностью…
"Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itoophiyaa Sirrii Dha!" #Ambaasaaddar_Aleeksaandar_Roondoos
Finfinnee, Sadaasa 9,2016: Gaanfa Afrikaatti, Ergamaa addaa Gamtaa Awurooppaa duraanii kan ta'an Ambaasaaddar Aleeksaandar Roondoos, miidiyaa 'Middle East Eye' irratti dhiyaachuun ibsa kennaniin, gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa mirga itti fayyadama bishaanii idil-addunyaa fi guddina dinagdeetiin yoo ilaalamu, gaaffii yeroo isaa eeggatee fi sirrii ta’uu isaa ibsan.
Akka ibsa Ambaasaaddarichaatti, haalli Itoophiyaan waggoota hedduudhaaf qaqqabummaa galaanaa irraa itti adda baatee turte sirrii akka hin taane eeruun, biyyattiin dhimma Galaana Diimaa irratti gaaffiiwwan kaastu, bu'uura seeraa fi seenaa kan qaban ta’uu cimsanii dubbataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
💻 Dorgommiin Laaptooppii ASBEKS dhiheenyatti ni jalqaba!
Yeroo galmeen banamu, dorgommichaaf galmaa’i. Liinkii kee hiriyoota keetiif qoodi, akka siif sagalee kennanis gaafadhu.
🏆 Namni sagalee caalaa argate laaptooppicha ni mo’ata!
Hiriyoota kee keessaa jalqaba eenyuun akka siif sagalee kennu gaafatta? Yoo laaptooppicha mo’atte hoo, maal ittiin hojjechuu jalqabda?
👉 ASBEKS bani
🎧 QORANNOO ADDAA SAGALEEDHAAN: Taatee Gaddisiisaa Yuunivarsiitii Ambootti Mudate Irratti Qaamoleen Itti Gaafatamummaa Qaban Maal Jedhan? Guutuu Haasaa Bilbilaa YouTube Keenya Irratti Dhaggeeffadhaa! 👇
Du'a gaddisiisaa barattuu muummee 'Midwifery' waggaa 4ffaa Masarat Abarraa mooraa Yuunivarsiitii Amboo keessatti mudateen walqabatee, odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasaa irratti naanna'u qulqulleessuuf gaazexeessituun Miidiyaa Abdii Sabaa kallattiin qaamolee sadii (3) bilbilaan dubbisteetti:
1️⃣ Gamtaa Barattootaa Yuunivarsiitii Amboo — Haala barattuun kun kutaa dhiqannaa (shower) keessatti itti argamte.
2️⃣ Kutaa Tajaajila Barattootaa (Student Service) — Taateen akkasii maaliif mooraa keessatti akka deddeebi'uu fi leenjii guyyaa tokko dura kennamee ture.
3️⃣ Ajajaa Poolisii Mooraa (Obbo Tasfaayee) — Qorannoo ashaaraa, reeffi qorannoof gara Finfinneetti ergamuu fi gaggeessaa gara Magaalaa Jalduutti taasifame.
🔴 Guutuu haasaa bilbilaa daqiiqaa 12 o amma chaanaalii YouTube Miidiyaa Abdii Sabaa irratti gadhiifameera!
👉 Ammuma liinkii kana tuquun dhaggeeffadhaa,
🎥 https://www.youtube.com/watch?v=gQXVhZUfjTI
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA | @Abdii_Sabaa_University
AMMEE: Beeniyaamin Neetaaniyaahuun Aangoo Dhabuuf Qarqara Ga'e! Pireezidaantiin Israa'el Hoogganaa Mormitootaa 'Gadi Eisenkot' Mootummaa Haaraa Akka Hundeessuuf Filatan!
Muummichi Ministiraa Israa'el Beeniyaamin Neetaaniyaahuun filannoo paarlaamaa biyyattii dhiyeenya gaggeeffameen caalmaa sagalee dhabuu isaa hordofuun, Pireezidaantiin Israa'el Yisaak Herzoog halkan edaa morkataa isaa fi ajajaa waraanaa duraanii kan ta'e Gaadii Ayizankoot mootummaa haaraa akka hundeessuuf carraa jalqabaa kennaniiruuf. Murteen Pireezidaant Herzoog kun Neetaaniyaahuu kan waggoota dheeraaf siyaasa Israa'el dhuunfatee ture aangoo irraa kaasuuf tarkaanfii isa guddaa fi murteessaa ta'uun ibsameera.
Filannoo paarlaamaa Israa'el (Knesset) Onkoloolessa 27, 2026 gaggeeffameen kan erga haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 booda yeroo jalqabaatiif adeemsifame — gamtaan paartii 'Likud' kan Neetaaniyaahuun hoogganamu teessoo 68 duraan qabu irraa gara teessoo 53tti gadi bu'uun kufaatii guddaa keessummeesseera. Paarlaamaa Israa'el teessoo 120 qabu keessatti mootummaa hundeessuuf yoo xiqqaate teessoo 61 kan barbaachisu yoo ta'u, marii Pireezidaant Herzoog torban kana paartilee waliin taasisaniin miseensonni paarlaamaa 67 Gaadii Ayizankoot muummicha ministiraa ta'uun mootummaa akka hundeessu deeggaraniiru. Gama biraatiin, Neetaaniyaahuun deeggarsa miseensota paarlaamaa 46 qofa argateera.
Neetaaniyaahuun kufaatii filannoo kana booda "filannoon hatameera, biyyoonni alaa gidduu seenaniiru" jechuun himannaa dhiyeessus, Koreen Filannoo Biyyaalessaa Israa'el fi Manni Murtii Olaanaan himannaa isaa ragaa hin qabu jechuun kufaa taasisaniiru. Neetaaniyaahuun murtee halkan edaa kana dura viidiyoo baaseen paartileen Arabootaa mootummaa keessatti akka hin hirmaanne akeekkachiisuun "mootummaan tokkummaa biyyaalessaa" akka hundaa'u gaafatus, paartiin 'Yashar' kan Gaadii Ayizankootiin hoogganamu waamicha isaa fudhachuu dideera.
Haaluma kanaan, Gaadii Ayizankoot boru (Dilbata) waajjira Pireezidaantiitti argamuun aangoo mootummaa hundeessuu kan fudhatu yoo ta'u, mootummaa gamtaa (coalition) ijaaruuf seeraan guyyoonni 28 (dabalata guyyoota 14 waliin) ni kennamuuf. Gamtaan Neetaaniyaahuu mormu kun paartilee Yihudootaa teessoo 48 qabanii fi paartilee Arabootaa teessoo 19 qaban of keessaa waan qabuuf, Ayizankoot paartilee ilaalcha adda addaa qaban kana walitti fidee mootummaa hundeessuu yoo danda'e, barri aangoo Beeniyaamin Neetaaniyaahuu xumura argata.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA