ortodoksiidhugaa | Unsorted

Telegram-канал ortodoksiidhugaa - Ortoodoksii ishee dhugaa

8413

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Subscribe to a channel

Ortoodoksii ishee dhugaa

+ Biiftuu Iyyaasuun dhaabe

Biiftuun aangoo ofiishee qabdi. Aangoonshees halkaniif guyyaa akka uumtuuf utuu hin ta'in, akka uumamaaf ifa kennituufi dha. Sababnisaas, akkuma Kitaaba Seera Uumamaarraa arginu, halkaniif guyyaan utuma biiftuun hin uumaminuu turaniiruutii. Aangoo biiftuuf kenname kanarraatiis, hiika waa'ee aangoo, Waaqayyo nu barsiiseera. Aangoo (aboo) jechuun akka biiftuu ifa ta'uu, ifa kennuu danda'uudha malee, aangoo qabaniin bakka hojjetanitti dukkana walitti uumuu jechuu miti.

Qulqulloonni Biiftuu aangoo qabdu kanarratti kadhannaa isaaniin aangoo qabaatan heedduutu jiru. Isaan kana keessaa tokko Iyyaasuu dha. Iyyaasuun lola Gabaa'oonitti karaa shan qabu tureen utuu lolaa jiruu Biiftuun Lixuuf kaate. Waaqayyoonis kadhate, ". . Iyaasuun Waaqayyoo wajjin dubbatee utuu Israa'eloonni ilaalanii immoo, "Ati yaa biiftuu nana, Gabaa'oon gubbaa, atis yaa ji'a nana, dachaa Ayalon irra dhaabadhu!" jedhe. . . Iyyaasuunis hamma diinotasaa ijaa-baafatutti biiftuun gara guyyaa tokkoo dhaabatte; jiinis hin sochoone. Guyyaan Waaqayyo itti namaaf dhaga'e akkasii isa dura yookiis isa booddee hin turre.” Iya. 10:12,14

Akkuma sibiilli Museen lafa-onaatti fannise, Kattaanni dhahee bishaanni keessaa burqe. . . fakkeenya Kiristoosiin ta'e, Biiftuun Iyyaasuun dhaabes fakkeenya Kiristoos ture. Sababnisaas, Kiristoos gara Zaabilooniin dhaquu isaatiin, ''Saba dukkana keessa tureef ifa guddaatu ba'e'' jedhameera. Gooftaamtuu ammoo, "Ani ifa biyya lafaati'' jedheera. Inni akka Iyyaasuu kan dubbatee biiftuu dhaabus utuu hin ta'in, biiftuun ofiisheen beektee sa'aatii ja'aa hamma sagaliitti kan fannifamuusaaf dukkanoofte turte.

Iyyaasuun lola Gabaa'oonirratti qofaasaa biiftuu dhaabe; 'akka gaafasii Waaqayyo nama dhaga'ee hin beekus' jedhameef.

Akkuma Iyyaasuun biiftuu sana dhaabe; biiftuu dhugoominaa kan ta'e Kiristoosiin Iyyaasuu caalaa namoonni baay'ee dhaabaniiru.

Akkuma Iyyaasuun hamman injifadhutti biiftuun hin seenin jedhe; Gooftaan yommuu gara mana ajajaa dhibbaa mucaasaa fayyisuuf dhaqaa turetti, dubartiin isheen waggaa kudhalamaa jalqabee dhiigishee dhangala'u akka biiftuu Iyyaasuu utuunni manichatti hin seenin Gooftaa tuqxe. Biiftuun dhugoominaa Gooftaan kun manichatti isa lixuuf jedhu dhaabatee akkas jedhe, “Iyyasuus yeroodhuma sana humni fayyisu isa keessaa akka ba'e beekee, namoota gidduudhaa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.” Mar. 5:30

Jarri torbee du'aa-ka'uumsa Gooftaa abdii kutatanii gara Eemaawositti imalaa turanis, biiftuun Kiristoos isaan bira bu'ee utuma isaan duukaa deemee barumsa isaan garaa isaan raasuu isaan bira darbee akka biiftuu ishee lixuuf jettuu sokke, “Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, Iyyasuus akka waan darbee adeemuu fedheetti aggaame.” Luq. 24:28 Isaan garuu, biiftuu jireenya isaanii kana akkas jedhanii dhaabani, “Isaan garuu, "Nu bira turi, galgalaa'ee biiftuunis gad sokkiteetti" jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale.” Luq. 24:29

Biiftuun Iyyaasuun dhaabe haa sokkitu; ishee dhaabuu hin barbaannu, ati garuu yaa isa biiftuu jireenyaa kottu olseeni jedhanii jabeessanii isa kadhatani.

Ergan cubbuukoo himadhee gaabbii galee naaf iftee booda yooman akkas jedhee si faarfadha laata?
''Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis'' Far. 27:1

23/02/2017
Dn Tamirat Gmariam

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
⛪ Barnoota Amantaa
⛪ Walaloowwan Afuurawaa
⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Maqaa Abbaa kan Ilamaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen!!!
Onkoloolessa guyyaa 14 Eebbifamoon abbaan keenya Abbaa Aragaawwiin guyyaa itti afuuraan dhoksamnidha (gara samiitti ol fudhataman) .
Baga geessani, baga geenye!!!
Eebbifamoon abbaan keenya Abbaa Aragaawiin abbootii qulqulloota salgan biyyoota Roomaa fi Eshiyaarraa dhufan keessaa tokko yemmuu ta’an maqaan isaanii abbaan isaanii Yisihaaq mootii biyya Roomaa turani. Haatisaanii mootittii Idinaa jedhamti.
Abbaa Aragaawiin maqaan isaanii inni jalqabaa Zamiikaa’eel jedhama. Barumsa afuraa fi ogummaa barachaa turanitu dhumaratti addunyaa kana baqatanii kara Kawaala Iskinidiriyaa galani.
B.A. 480tti gara biyya keenya Itiyoophiyaa qulqulloota sagal ta’anii dhufani. Daandii isaanii irrattis jireenya kiristinnaa barsiisaa dhukkubsattoota fayyisaa, raajiwwan adda addaa raawwacha gara gaara Daamoo (Dabra Daamoo) ga’ani. Tajaajila kiristinnaa fi kawaalaa adda addaa babalisaa turanii umurii isaanii sagaltamii sagalitti (99tti) halkan walakkaa Waaqayyo isaanitti mul’atee mootummaa kee kan biyya lafaa dhiiftee waan natajaajilteef mootummaa koo ishee samii sin dhaalchisa jedhee Waaqayyo waadaa galeef.
Guyyuma kana Waaqayyoo abbaa kanaan dadhabbinaa gara boqonnaatti, gaddarraa gara gammachuutti, gidiraa biyya lafaarraa gara kabajaa fi ulfinaatti gammachuu guddaan sifudhachuuf gara kee dhufeera. Yaadannoo kee kan taasise; kadhannaa fi waadaa kee kan abdii taasifatu hundumaa Anis ergamoota samii duratti kabajaa fi sinboo olaanaa nan kennaaf; mana qulqullummaa kee keessa dhaabatee kan kadhate hundas dafeen kadhannaasaa nan dhaga’aaf.
Kanaan caalaattis yaadannoo kee kan taasisan, maqaa keetiin mana kiristaanaa koo kan ijaare hunda hamaa hundarraa nan eega; hamma dhaloota kudha shaniitti (15tti) sanyii sanyiisaa siifan fayyisa” jechuunWaaqayyo waadaa galeefii kabajaan gara samiiti ol ba’aniiru. Kunis Onkoloolessa 14 dha.
Arjummaan Waaqayyoo kadhannaa fi ararri haadha keenya dubroo Maariyaamiiwaadaan abbaa keenya abbaa Aragaawwii hunda keenyaa wajjiin haata’u. Waggaa dhufuunis nu haaga’u. Ameen!!!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Channalota akkami argachu barbaduu?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Channalota akkami argachu barbaduu?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Ilmi Waaqaa sirraa dhalatee nama ta'uusaatin, sababa keetinis gara Ariyaam Mootummaa Waaqayyootti kan dhiyaanne taane, maaqa keefi maaqa Ilma keef kan dhiyaanne taane."
Qulqulluu Yaareed

"በእንተ ተሠግዎቱ ለውልደ አምለክ እምኔኪ ወብኪ ቅሩባነ ኮነ እምድር ለማኀደር ውስተ አርያም ብኪ ወበስመ ወልድኪ ቅሩባነ ኮነ።"
ቅዱስ ያሬድ

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Hiikkaa Jechoota Kitaaba Qulqulluu.
1)Haalleeluyaa=Waaqayyoon Galateeffadhaa
2)Hizqi'eel=Waaqayyo jabina ni kenna
3)Musee =Kan bishaan(galaana) irraa argamee.
4)Milkiyaas=Naman ergadhu
5)Mikaa'eel =Kan akkaa waaqayyoo eenyu
6)Mikiyaas =kan akkaa uWaaqayyoo jiruu eenyu.
7)Maanuhee =Boqonnaa
8)Maatiyaas =bakkaa bu'aa
9)Ruhaamaa =Dhiifama
10)Raamaa =Ol ka'aa
11)Roobeel =Kunoo ilmi dhiiraa
12)Roobi'aam =Uummanni haa baay'atu
13)Samaariyaa =Gamoo eegduu
14)Solomon =Nageenyaa
15)Saaraa =Olaantuu

16) Saamu'eel =Waaqayyoo na dhagahe
17)Sinodosii =Yaa'ii
18) Seedeqiyaas =tola Waaqayyoo
19) Soosinnaa =Gugee
20) Soomsoon =Waaqayyoof isaa haaraa
21) Bartelemewoos = ilma talamewoos
22)Beeteliheem =Mana buddeenaa
23)Beetel =Mana waaqayyoo
24)Soofoniyaas =Waaqayyo dhokse
25) Qarmeloos =Iddoo firi qabu
26)Qaadees =Qulqulluu
27)Qeedar =Jabaa
28)Baabiloon =Walitti mammakamaa
29)Baarok =Eebbifamaa
30)Beezaa =Bakkaa buusa/Beenyaa
31)Teewufiloos =kan waaqayyoo jaalatu
32)Tomaas =Lakkuu
33)Hatersaataa =Kan biyyaa bulchu
34)Heenook =Haarawa
35)Naahom =Jajjabachuu

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

(Macaafa Faarfannaa 23 )
------------
1 Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!
2 Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa;
3 inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa.
4 Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.
5 Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi'eessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee irra in dhangala'a;
6 eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Luqaas 15 :11-32

11 Gaaf tokko immoo Iyyasuus "Namni tokko ilmaan lama qaba ture.
12 Inni quxisuun abbaa isaatiin, 'Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u hirmaata koo naa kenni!' jennaan abbaan isaanii waan qabu hundumaa ilmaan isaa lamaaniif hire,
13 Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse.
14 Yeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e, kanaafis baay'ee rakkate.
15 Warra biyyasii keessaa gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan godhu dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge.
16 Baay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.
17 "Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a.
18 Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera;
19 si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu'" jedhaan.
20 Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates.
21 Ilmi isaa garuu, 'Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u' jedheen.
22 Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, 'Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa.
23 Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas.
24 Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames jedhe; hundumtinuus itti gammadan.
25 "Ilmi namichaa inni angafni lafa qotiisaa turee, deebi'ee manatti yommuu dhi'aate sagalee weedduutii fi kan sirbaa dhaga'e.
26 Yommus ijoollota keessaa isa tokko ofitti waamee, 'Maaltu argame?' jedhee, gaafate.
27 Gurbichi immoo deebisee, 'Obboleessa keetu deebi'ee gale; kanaafis nagaadhaa fi fayyaatti waan isa argateef, abbaan kee tuntunoo isa coomaa qalchiise' jedheen.
28 Kana irratti ilmi inni angafni aaree manatti galuu dide; abbaan isaa yommus gad itti ba'ee, ol haa galuufis guddisee isa kadhate.
29 Inni garuu deebisee abbaa isaatiin, 'Ilaa, ani waggoota kana hundumaa akka garbichaatti siif hojjechuuttan jira; takkaas abboommii kee didee hin beeku, ati immoo ilmoo reetii tokko illee hiriyoota koo wajjin akkan itti gammaduuf takkaa anaaf laattee hin beektu.
30 Amma garuu ilmi kee inni qabeenya kee hundumaa gaalamootaa wajjin fixe kun, deebi'ee dhufnaan tuntunoo coomaa isaa qalteefii?' jedhe.
31 Abbaan isaa immoo, 'Yaa ilma ko, ati yeroo hundumaa anaa wajjin as jirta, wanti ani qabu hundinuus kan keeti.
32 Amma garuu obboleessi kee kun du'ee kan ture deebi'ee waan jiraateef, badees kan ture waan argameef cidha godhachuunii fi gammaduun nuuf in ta'a' jedhee deebiseef" jedhe.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Baga geessani Baatiin (jiini) Tsigee eegale. Fulbaana 26 eegalee hammaa Sadaasa 5tti kan turu. Baatiin kun guyyaa guyyaa Dilbataa halkan guutuu godaansa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii fi hadhasaa haadhasaa giiftii keenya dubroo Maariyamii irra ga'e yaadachaa tajaajila Maahileetiidhaan tajaajilli bal'aan taasifamaa bula.
Warri Waaqayyo isaaniif eeyyamees Sooma eebbaa soomaa turu, dhumarrattis Sirna galatootiin (Sirna qiddaaseetiin xumurama.
Nutis itti haafayyadamnu!!!
Waaqayyo uumaan keenya nagaan nujalqabsiisee nagaan nu haaxumursiisu. Arjummaan Waaqayyoo araarsummaa fi waadaan haadha keenya dubroo Maariyaamii nu haagargaaru.Ameen!!!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Baga geessani; baga nagaa fi jaalalaan hundi keenyayyuu geenye!!! Fulbaana 21 Maariyaam Haadha hundaa.
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen
Fulbaana 21 guyyaa Maariyaam Haadha hundaa kan jedhamteef dhimmoota gurguddoo lamaafi.
1.Hayyoonni 318 gantuu Aariyoosiin balaaleffachuuf jecha Ebila 21 imala jalqabanii Fulbaana 21arjummaa fi gargaarsa Waaqayyootiin, araarsummaa dubroo Maariyaamiitiin Waaqayyoon ganee,doogimaa mana kiristaanaa balleessaa kan ture adda baasanii Aariyoosiin balaaleeffatanii(magananii) guyyaa itti manni kiristaanaa kabaja argattedha.
2.Gar-tokkeen Fannoo Gooftaa keenyaa inni karaa mirgaa biyya Misiraatii ykn Gibxii karaa Mootii Atsee Daawiiti isaan booda kara ilmasaa Atsee Yaa'iqoob gara Itiyooohiyaa dhufe naannefanuun guutuu biyyattii eega eebbisee boda Waaqayyo mullataan "Fannoo koo bakka ykn lafa fannoo ta'erra kaa'i " akkuma jedhamee itti himamee bakka uumamaan boca Fannoon uumame gaara ykn tulluu Gishan irraa guyyaa kana kaa'amuuf danda'eera. Fannoon Dabra Karbee Gishaniin kaa'ame Kun kan Gooftaan keenya irratti fannifamee foonsaa irratti kutamee, dhiigini Isaas kan irratti dhangala'edha.
Fannoon kunisa Gooftaan keenya fayyisaan addunyaa qulqulluu Foon isaa irratti murame, kabajamaan dhiignisaa kan irratti dhangala’e isa dhugaasanadha. Kanaafuu Fannoo kanaan biyyi keenyas, uummanni keenyas, nuti hundi keenya dhaloonni hundi kan ittiin eebbifamnudha.
Waggaa waggaan biyyoota adda addaarraa uummanni gara Gishan Maariyaamiitti kan imaluuf eebba Fannoo Gooftaa keenyaa argachuufidha.
Baga geessani, waggaa dhufuunis nagaan ittiin nu haa ga'u.
Arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan dubroo Maariyaamii, kadhannaan qulqullootaa hunda keenya wajjin haata'u. Ameen!!! LMA. Fulbaana 20 B.A.2017

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristooskan itti fannifame fannoosaaf nan sagada. Fannoonsaa humnaa keenya, humni keenya fannoosaatti kan nuu jabeessu fannoosaati, fannoonsaa furaa keenyadha. Fannoonsaa fayyisaa lubbuu keenyatti, warri Yihudotaa ni ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni faayyina, Fayyineerrasii!"
   KADHANNAA YEROO HUNDAA

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
⛪ Barnoota Amantaa
⛪ Walaloowwan Afuurawaa
⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

⛪ Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
⛪ Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
⛪ Barnoota Amantaa
⛪ Walaloowwan Afuurawaa
⛪ Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

       Join
       Join
       Join

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Hinaaffaa Hamtuu:
Hinaaffaa hamtuun kennaa nama biraa barbaadurraa dhufa. Namni tokko wanta isaaf kenname dhiisee,akka ebaluun ta’a jedhee yemmuu yaadu,sanaanis milkaa’u yoo dhabu gara hinaaffatti seena.Kennaan namaa uumamaan gara garaa, hundumtu ammo Waqaayyo biraayi.Garuu namni kamuu osoo hubatee ilaalee kennaa addaa qaba.Sana hubachuu dhabuurran gara hinaaffatti seena. Hiriyaan isaa ykn namni inni beeku tokko qabeenyan,beekumsaan,naatoodhaan,dubbiidhaan,jaalala namaatiin,ofta’uudhaan.fudhatamaan, fi kan kana fakkaaten yoo nama biratti hiriyaan isaa fudhatama argate itti fakkaate gara hin taanetti adeema.Wanta namni sun godhe godha,garuu akkas hin ta’uuf, akka namni sun dubbatutti dubbachuuf yaala garuu akkas hin ta’uuf,yookan wanta namni tokko dadhabbiidhan argatee milkaa’e argachu hawwa,garuu akkas hin ta’uuf.Kanarraan kan ka’e aaridhaan gara hinaaffatti seena. Bu’aan inaaffaa ammo baay’ee badduudha.Cubbuu hanga lubbuu dabarsuu gahutti nama hojjechiifti. Kanaaf namootatti inaaffaa gadhee hinaafurra of haa qusannu,of haa ilaallu. Kitaaba qulqulluu keessaa waa’ee hinaaffaa hamtuu caqasa muraasa isinii dhiyeessina.
“Lapheen of gadi qabdu fooniif jireenya,hinaaffan garuu lafee raammessiti” (Fakkeenya 14:30)
“Jaalalli akka du’aa kan cimtedha, hinaaffanis akka si’ool garaa jabeettidha”(Weedduu 8:6)
“Jaalalli ni obsa arjumma ni raawwata, Jaalalli hin hinaafu”(1qor 13:4)
“Hinaaffaa fi namarratti ka’uun bakka jirtutti, achitti jeequmsii fi hojiin hamaan hundi jirtiiti”(Yaq 3:16)
“Hojiin foonii kan beekkamedha innis sagaagalummaa…mormii, hinaaffaa..lola”(Gala 5:20)
Qorichi inaaffa inni guddaan of ilaaludha,wanta qabanitti gammaduudha,ijas namarraa buqqifachuudha,Waaqayyoon kadhachuudha.Waaqayyo inaaffaa hamtuurraa nu haa ooshu//

Suuran kun seenaa Daawit yemmuu xinnaa tureefi filatamuu isaa kan arge mootichi Saa’ol hinaaffadhaan Daawit waraanuf akka itti gamaa ture kan agarsiisudha seenan isaas Kitaaba Saamu’el tokoffaa boqonnaanna 17 irraa eegalee barreeffameera)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

💠 chanali ortodoksi 1k ol qabdu? bilisan beksifachu yoo barbadan nu dubisuu dandesu !

Nuu dubisuuf ➛ @Tamme10

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yisihak Tamiru:
Sinkisaara Fulbaana Afur (4).
1. Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Fulbaana afur (4) guyyaa kanatti Abbaa Qulqulluun hangafti Phaaphaasota Iskindiriyaa Abbaa Maqaars ni boqote Innis Abboota hangafoota phaaphasotaa keessatti lakkaawama
2. Abbaan kunis xiqqummaa isaatii jalqabee qabsuuratti kan qabame ta'e. Uffata monoksummaas uffachuuf fedhee gara kawaala Asqeexisitti ol bae. Achittis mana kiristaanaa Abbaa jalqabaa kan Abbaa Maqaars keessatti monoksummaa fudhate. Qabsuura guddaa monoksummaa keessa jirus ni qabsuure.
3. Innis yeroo hundumaa kitaabilee kan dubbisuuf hiika isaanii kan nama hubachiisu ta'ee hojii gaariidhaan yeroo ol ol jedhetti luba ta'ee muudame.
4. Hangafti Phaaphaasotaa isa dura ture AbbaaMikaa'el yeroo boqotetti Ephisqoophoosonni gara kawaala Asqeexis deeman.Isaanii wajjinis amantaan isaanii sirrii kan taate luboonni, beektonni hedduun turan. Monoksoota gurguddoo kawaala Asqeexis keessa jiraatan wajjin walga'ii taasisani muudama kabajamtuu kanaaf nana ta'u qorachaa guyyoota hedduuf taa'an
5. Kana boodas muudama kabajamtu kanaaf kan ta'uu fi warra kaan irra kan caalu Abbaa Maqaars kana argatanii hangafa Phaaphaasummaatti muuduuf hundumtuu mari tokkoon walii galan. Waa'ee hoji gaarii baay ee (tiruufat) ykn dabaata fi waa'ee qabsuuraa isaaf monoksoonni kawaala Asqeexis keessa jiraatan ragaa ta' aniruufi'oo
fudhataniis deemuudhaaf fedhii isaatiün ala qabanii hidhan. Inni garuu akkas jechaa ni iyyature "Ani muudama kabajamtuuu kanaaf nama hin taanedha Haati koo abbaa manaa lamatti heerumtee waan turteef" Akkas kan jedheefis akka isa đhiisaniifi đha malee haati isaa abbaa manaa tokko qofaa wajjin kan jiraatte, nama biraa kan hin beekne. Qulqulleettii akka taate namoonni hedduun waa'ee isheef ragaa waan ba'aniif sababa inni dubbate kana hin fudhanne.
6. Kana boodas gara Iskindiriyaatti fudhatanii hangafa Phaaphaasummaa ttii muudan. Kana boodas gara Misrii fudhatanii bakka Ma'aalqaatti kan argamu Mana Kiristaanaa Waaqa kan deesse Giifti keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam keessatti xalayaan muudama isaa afaan Yoonaanii, Misiri fi Arabaatiin dubbifamte.
7. Kana boodas ji'oota muudama isaatti hojii gaarummaa fi qabsuura baayise kan hojjetu ta'e. Yeroo hundumaa uummatas akka isaan Waaqayyoon sodaatan isaan barsiisa. Waa'ee fayyina lubbuu isaaniifis isaanitti dheekkama ture.
8. Jioota muudama isaatti mindaa isaaf kennamu mana kiristaanaaf ni kenna. Hiyyeessotaa fi rakkattootaafis ni kenna malee mana kiristaanaa iraa homaa tokko illee hin fudhanne.
9. Muudamaa isaatinis waggaa digdamii torba (27) jiraate. Waaqayyoonis tajaajilee
gammachiisee nagaafi jaalalaan boqote.
10. Galanni Waagayyoof haata' u! Nuunis kadhannaa Abbaa kanaatiin nu haa fayyisu bara baraan. Ameen!
Kristaanummaan Kristoosiin fakkaachuudha. "Ani Kristaana yoon jedhu: lamummaa koo, biyya koo, hojii koo, amala koo mara wal faana himachuu kooti. Qul/ Yohaannis Afaan Warqee

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“ስለዚህ፥ ወዳጆቼ ሆይ፥ ሁልጊዜ እንደ ታዘዛችሁ፥ በእናንተ ዘንድ በመኖሬ ብቻ ሳይሆን ይልቁን አሁን ስርቅ፥ በፍርሃትና በመንቀጥቀጥ የራሳችሁን መዳን ፈጽሙ፤”
  — ፊልጵስዩስ 2፥12

“Kanaafis yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru duwwaa utuu hin ta'in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa!”
  — Filp. 2:12

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Dn Guta Cheru Baga Waaqayyoo kanaan isin gahe.

Gaa'ila Abrahaamiif Saaraa isiniif haa ta'u
Horaa, Deebana.
Akkoo fi akaakilee argaa

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Channaloota barumsa Amantaa Ortoodoksii Afaan Oromoottiin itti baranuu.

በአፋን ኦሮሞ የኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ትምህርቶችን የመጽሐፍ ቅዱስ ጥናት እና ብሒላተ አበው  ወይም የአበውን ምክር ለመከታተል እነዚህ Channels  ይቀላቀሉ።

Ortoodoksii Ishee Dhugaa
(እውነተኛይቷ ኦርቶዶክስ )
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @Ortodoksiidhugaa 👈
👉 @Ortodoksiidhugaa 👈
️☝☝☝☝☝☝☝☝☝

/channel/+UE8OsP4gdv93PxwT

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

(Seera Keessa Deebii 13 )
------------
1 Raajiin yookiis namni abjuu abju'atu tokko isin gidduudhaa ka'ee milikkita yookiis dinqii yoo isinitti hime,

2 milikkinni yookiis dinqiin inni duraan isinitti hime fiixaan yoo ba'e, inni egaa, "Waaqayyolii kan biraa in waaqessina, in hojjennaafis" jedhee, warra isin dur hin beeknetti yoo isin geesse,

3 isin dubbii raajii sanaa yookiis namicha abjuu abju'atu sanaa hin dhaga'inaa! Waaqayyo gooftaan keessan akka isin garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis isa jaallattan beekuudhaaf qoree isin in ilaala.
 

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Lafti qonnaa sanyiin itti hin facaane sidha; firiin jireenyaa si keessaa ba'e. Saanduqni yooseef oolchateefi Warqee (Inquu) ulfaataa kan keessatti argate sidha, Kunis Qorichaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha, addunyaa kana keessattis Isa deesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.


...ዘር ያልተዘራባት እርሻ አንቺ ነሽ የሕይወት ፍሬ ከአንቺ ወጣ ዮሴፍ የዋጃትና የከበረ እንቁን ያገኘባት ሣጥን አንቺ ነሽ ይኽውም መድኃኒታችን ኢየሱስ ክርስቶስ ነው። በማሕጸንሽ አደረ በዚህ ዓለምም ወለድሽው። ቅድስት ሆይ ለምኝልን ።

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Uummata Oromoo biratti
➕MASQALA MOOTII AYYAANAA➕ jedhamee kan beekamu ayyaana fannoo Gooftaa keenyaa gaafa kabjnu wantootni seenaa isaa keessatti nuti barachuudhaa qabnu baay'ee dha.

Ayhudootni dhugaa fannoo Gooftaa irratti aduu caalaa calaqqisee muldhatee jiru dhoksuudhaaf kosii qe'ee isaanii keessaa haraniin irratti dhangalaasuu dhaan awwaalanii turan.
Mootittiin Illeeniin garuu gargaarsa Waaqayyootiin fannoo Gooftaa keenyaa kana lafa awwaalame irraa qochisiistee baaste.

Hojii gaarummaa ishee kanaatiinis seenaan bara baraan ishee yaadachaa jiraata.

Hardhas addunyaa keenya kana irratti dhugaan biyyaafis lammiidhaafis tolu namoota akka ayhudootaa kanaan jechoota balfa ta'aniin gaafa awwaalamu ni muldhata.

👉Nuti garuuu;
Akka ayhudootaa namoota balfa garaa garaatiin dhugaa awwaalan otoo hintaane
akka Illeenii namoota dhuugaa lafa awwaalamte irraa qotanii baasan ta'uun nurra jiraata.

Hunda caalaa ammoo oolmaawwan Gooftaan fannoo irratti nuuf oolee jiru dagachuun dhugaa kafananii awwaaluu ta'uu isaa baruun barbaachisaa dha.

Hardha addunyaan keenyi kun
fayyina fannoo irratti isheefii raawwatamee jiru gantee, dagattee dagachiisuu dhaafis jechoota balfa ta'aniin awwaaltee jirti.

Nuti garuu oolmaawwan fannoo irratti nuuf oolamanii jiran hunda tarreessinee ifatti baasuun nurra jiraata.

Oolmaa fannoo irratti nuuf oolameetiin;
➕Araara arganneerra,
2Qor.5፥19
➕Jaalala arganneerra,
Yoh.15፥13
➕Nageenya arganneerra,
Eefe.2፥16
➕Jireenya arganneerra,
Qola.2፥13
➕Fayyina arganneerra,
2Qor.1፥10-11
➕Birmadummaa arganneerra,
Gala.5፥1
➕Eebba arganneerra,
Eefe.1፥3
➕Ulfina arganneerra,
Rom.15፥7
➕Ifatti baaneerra.
Mat.4፥14-16

👉Madaa'uu keenya madaa'ee madaa cubbuu irraa nu fayyiseera.

👉Du'a keenya nuuf du'ee jireenya nuuf laateera.

👉Ufii dheebotee dheebuu nu baaseera.

👉Finyoo dhaan hidhamee hidhaa cubbuu irraa nu hiikeera.

👉Dhiiga isaa dhangalaasee dhangala'uu dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa nu qulqulleessara.

👉Fannoo jiidhaa baatee ba'aa cubbuu keenyaa nurraa furguggiseera.

➕Ayyaana fannoo gaafa kabjnu kanaaf kanneen kana fakkaatan hundumaa yaadachuun barbaachisaa dha.

Baga Waaqayyoo ifa fannoo isaatiin ittiin isin ga'e!

Ayyaana gaarii!

.....╭✥✥✥✥✥✥✥✥✥╮
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
. Abba Niqoodimoos
...........17/01/2017 B.A
.......Tulluu jireenyaa irraa
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
.....╰✥✥✥✥✥✥✥✥✥╯

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Galata Fannoo” (Qulqulluu Efreem isa Sooriyaa)
Yaa obbolootakoo, garbichichi abootteedhaan Gooftaa isaa Isa garboota bilisa baase kabaleem. Safuu Abbaa araaraa, , Isa garbichaasaa kan Isa miidheefillee dhiifama godhuuti. Gooftaan garbichicha abaaramaa sanaa ni gadde; garbichi kun Isaa kabaluusaatiin bilisummaa dhabehoo. Silaa garbichi bilisa ta`uu barbaada, ofiif kabalamas. Asitti immoo Isa hundumaa bilisa baasetu kabalame. Kanaaf, laftii fi samiin, warri as jiranii fi warri achi keessa jiraatanillee galata dhiyeessuuf ni xiqqaatu.
Jarri uffata mootii itti uffisanii Isa moosisan. Ergasiis Gooftaa isaaniitti qoosuudhaan of gammachiisuuf akka waan hordoftoota Isaa ta`aniitti isaaf sagadan. Gonfoo qoraattii mataa Isaa irraa kaawuu isaaniitiinis abaarsa Addaam fudhachuuf dhufuu Isaaf ragaa ta`an. Karaawwan isaan dubbii isaa soba gochuuf yaalan hundumtuu dhugaa Isaa lallabu.
Isaan mana qulqullummaa seenanii qodaa aarsaan keessa taa`u gadi baasan. Boqonnaa malee sababa ittiin isa himatanis coraa turan. Mallattoo mootii ta`uu Isaa agarsiiftu mormasaatti rarraasuuf qodaa aarsaa qulqulluun irra taa`u bananii waan achi keessa jiru hunda gadi diigan. Akka Inni du`u agarsiisuufis Isa uffisan. Inni garuu uffata kanaanis kabaja mootii gonfate. Daawitis akkasuma gonfamee turehoo.
Abbumti fedhe gonfoo kana gonfachuu hin danda’u, yoo nama du’aaf kaadhimame ta`e malee. Kanaafuu jedhen, “Akka seera keenyaatti Inni du`uutu malaaf.” Haata`u malee sababa ittiin Isa ajjeesisan mootummaa isaan bulchu amansiisuu waan hin dandeenyeef maaliif akka uffata kana itti uffisan ibsuu hin dandeenye. Shiraan Isa himatan malee. Mallattoo mootii itti kaa`anii mootii ofiin jedha jedhaniin, uffa lubaa itti uffisanii ani hangafa lubootaati ofiin jedha jedhaniin. Ofiif yakkamoota ta`anii osoo jiranii sobaan isa yakkan. Uffatattiin isaan isatti uffisan garuu nan bade jettee boosse.
Isa hundaa qabu qabani. Garbichis teessuma abbaa murtii irra taa`ee abbaa murtiitti murteesse. Mootiidha jedhee barreessee beekamtii mootummaa kenneef.
Qeesaar, inni warri himattoonni filatan, bakka jireenyaatii isaan buqqaase. Misirroon garuu nama qajeelaa isa nama bilisaan, bilisa jedhee murteessee sana jalaa ogummaasaa hin dhoksine. Innis diina seera isaanii ta`e. Dhiiga qulqulluu sana irraa harkasaa qulqulleeffate, qomoon Qaayel garuu sanyii isaanii keessa dhiiga qulqulluu sana awwaalan. Oftuulummaadhaan waliif kakatanillee, dhalootaa hamma dhalootatti cubbuun kun dheekkamsa guddaa mataa isaanii irratti akka fidu sodaataniiru.
Yemmuu itti iyyanii alangaadhaan garafan, akka Inni teessoo mootummaa qabatuu fi deebisee isaan garafuuf jiru hin beekan tureem.
Yaa Gooftaa, yaa isa warra alangaan garafan deebistee garafuu caalaa Ilma kee tokkochi akka isaaniif garafamuuf iddoo garbootakee isa buuftee jajamuun siif mala. Kanaaf, laftii fi samiin, warri as jiranii fi warri achi keessa jiraatanillee galata dhiyeessuuf ni xiqqaatu.

Читать полностью…
Subscribe to a channel