"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
Finfinneetti yeroo Addababayiiii Masqalaatti ayyaana kabajnu, dhugaa dubbachuuf warri Afaan Oromootiin faarfachaa abboota dura dabarru fi sagantaa dhiyeessinu lakkoofsi keenya baay'ee baay'ee xiqqaadha. Uummatni Afaan Gaamootiin faarfachaa sagantaa dhiyeessan lakkoofsan nu caalu. Mee nutis bara kana waldaaleen afuurawaa gara garaa, warri waldaa xoofoo qabdan, faarfattoonni dhuunfaan tajaajiltan, hordoftoonni amantichaa warri taanee fi Afaan Oromootiin tajiijilaa tajajailamnu hundi bakka tokkotti baay'annee ija guunnee akka kabajnuuf waliin bakka tokko hiriiruudhaan yookaan ammoo wal duraa duuballee hiriiruudhaan haa kabajnu. Faarfattoonni Afaan Oromoo hangafoonnis sagantaa akkasii kana irratti hin mul'atan Finfinneetti. Kanaaf aarsaa guddaatu itti kaffalamee karaan kun saaqame akka kabajnu taasifame waan ta'eef, adaraa waliin tokkummaadhan guyyaa Daamotin ifu kana waliin haa dabarsinuun waamicha keenya.
Читать полностью…<<Mallattoo fannootiin hafuuronni hamaan hundi akka sodaatan ni argina dhalli namaa gidiraa seexanaa jalaa kan bahe sirna bilisa baasaa fannoon faannifamuu gooftaatiini. Kanaaf seexanni mallattoo fannoon ni sodaata kanaaf yoo amantiin raawwanne fannoon hafuura hamaa ni baasa ni fageessas.>>
Eebbifamoo abuun shinooda
@Ortodoksiidhugaa
@Ortodoksiidhugaa
“Ati laficha in ilaalta, waan hundumaa irraa hafaa in laattaaf, guddiftees isa in badhaafta; lagni ati kenniteef bishaan guutuu qaba, namootas midhaan in argachiifta; akkas gootee qopheessiteetta. Bo'oo lafichaa bishaan baay'ee in obaafta, bungulluu isaas in bulleessita; tiifuudhaan isa in laafifta, biqila isaas in barakachiifta. Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen in gonfita, gara ati adeemtuttis faanni kee cooma in rooba; lafti qoddiin coomee margi isaa in labbeessa'a, gaaronnis akka waan mudhii isaaniitti hidhataniitti, sagaleen gammachuu naannoo isaaniitti in dhaga'ama. Hoolonni bakkee isaa uffisaniiru, dachaa keessattis midhaan lafa dhokseera, hundumti isaaniis sagalee gammachuu dhageessisanii in faarfatu.”
— Far. 65:9-13
“ምድርን ጐበኘሃት አጠጣሃትም፥ ብልጥግናዋንም እጅግ አበዛህ፤ የእግዚአብሔርን ወንዝ ውኃን የተመላ ነው፤ ምግባቸውን አዘጋጀህ፥ እንዲሁ ታሰናዳለህና። ትልምዋን ታረካለህ፥ ቦይዋንም ታስተካክላለህ፤ በነጠብጣብ ታለሰልሳታለህ፥ ቡቃያዋንም ትባርካለህ። በቸርነትህ ዓመትን ታቀዳጃለህ፥ ምድረ በዳውም ስብን ይጠግባል። የምድረ በዳ ተራሮች ይረካሉ፥ ኮረብቶችም በደስታ ይታጠቃሉ። ማሰማርያዎች መንጎችን ለበሱ፥ ሸለቆችም በእህል ተሸፈኑ፤ በደስታ ይጮኻሉ ይዘምራሉም።”
— መዝሙር 65፥9-13
“Kunoo, amma ganni darbeera, bokkaan caameera, sokkeeras; daraaraan bakkee keessatti argameera, yeroon weedduus ga'eera, sagaleen gugees biyya keenya keessatti dhaga'ameera; mukti harbuu ija godhachuu jalqabeera, mukti wayniis daraaree urgaa'eera, yaa hiriyee ko, miidhagduu .”
— Wed. 2:11-13
Barri kun bara nageenyaa, fayyinaa, badhaadhinaa fi qalbii jijjiirrannaa akka nuu ta'uuf heeyama
waaqayyo qulqulluu haa ta'u!!
Ayyaanna gaarii iddee jirtaanittii.
"Nyaanni dhokate kan si keessa jiru, Leemmati warqee sidha. Nyaanni kunnis,nyaata samiirraa bu'ee addunyaa hundumaaf jireenya kennudha."
Qulqulluu Efreem
ወርኀ ጳጉሜን
Ji'a Phaagumeen
Phaagumeen afaan tsir'iitiin Epagumene jedhamti.
Jiini kun guyyoota 5 of keessaa qabdi.
Waggoota 4tti takkaa garuu 6 taati.
Waggoota 600 keessattti takkaa ammoo 7 taati.
Argama ji'a kanaa baruu dhaaf barnoota akka mana amantaa keenyaatti jiru sirriitti ilaaluun barbaachisaa dha.
Guyyaan tokko sa'aatii 24 fi daqiiqaa 21fi sekoondii 0.4 dha.
Daqiiqaan 21 kun ji'a sadii keessatti guyyaa 1fi sa'aatii 7fi daqiiqaa 30 ta'a.
Guyyaan tokko inni ji'a sadii keessatti argame kun waggaatti guyyaa 4 ta'a.
Sa'aatiin 7fi daqiiqaan 30 inni ji'a 3 keessatti argamee ture sun ammoo waggaatti guyyaa 1fi sa'aatii 6 ta'a.
Kanaafuu guyyootni Phaagumeen shanan argamni isaanii akkaataa kanaanii jechuu dha.
Sa'aatiin 6 sun ammoo wagga 4tti guyyaa tokko waan ta'uuf Phaagumeen isheen guyyaa ja'affaa waggoota 4tti takkaa haala kanaan argamti.
Guyyaan Phaagumeen isheen guyyaa 7ffaa ammoo akkaataa armaan olitti ilaalleen guyyaa keessatti sekoondiin isheen 0.4 jennee turre sun
👉Waaggoota 10 keessatti daqiiqaa 24
👉Waaggoota 100 keessatti sa'aatii 4
👉Waaggoota 200 keessatti sa'aatii 8
👉Waaggoota 300 keessatti sa'aatii 12
👉Waaggoota 400 keessatti sa'aatii 16
👉Waaggoota 500 keessatti sa'aatii 20
👉Waaggoota 600 keessatti sa'aatii 24 sa'aatiin 24 ammoo guyyaa 1 dha.
Kanaafuu waggaa 600 kkeessatti takkaa Phaagumeen 7 kan taatu akkaataa kanaani dhaa jechuu dha.
Haata'u malee garuu Phaagumeen 7 kan isheen argamte sekoondii baay'ee xiqqoo ta'e (0.4)tu walitti qabamee waan ta'eef herreeguma isheetu hayyoota biratti beekama malee guyyoota keessatti galtee hin lakkaawwatu.
Garuu waggota 600 keessatti takkaa guyyaa kanatti urjiin dukkanaawaa ta'e tokkoo maqaan isaa "Aqed" jedhamu aduu waan golguufi halkan tokfkoof guyyaa toKko waluwmatti dukkana ta'ee oolee bula jedhamee ni amanama.
Kunis yeroo 13ffaadhaaf bara 2300 B.A. fuula duratti akkaataa herreegichaatiin ni ta'aa jechuu dha.
Yeroowwan hin darbaman jedhamanii turan hundumaa ajaa'iba guddaa dhaan keessa nu dabarsee kan yoonaan nu ga'e Waaqayyo galatni maqaa isaatiif haata'u!
Ameen!!!
.....╭✥✥✥✥✥✥✥✥✥╮
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
. Abba Niqoodimoos
...........30/12/2016 B.A
.......Tulluu jireenyaa irraa
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
.....╰✥✥✥✥✥✥✥✥✥╯
"Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhaabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhaabaattan, jireenya of keessaa hin qabdan."
Yohannis 6: 53
#Hagayya 24
Baga Guyyaa yaadannoo boqonnaa Duuka Bu'aa Haaraa kan Itoophiyaa abbaa keenya Qulqulluu Taklahaaymaanotiin isin gahe! Eebbi waadaa fi kadhannaa isaanii nu wajjin haa ta'u!
Ayyaana kanaan wal-qabatees Faarfannaa "Ulfinni Kee Kennaan Kee Jabaa" jedhu kan Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin faarfatame link gadiin seenuun #YouTube miidiyichaa irraa daawwachuu dandeessu!
🙏Ayyaana Gaarii🙏
"Eragamuchis deebisee. Ani fuula Waaqayyoo kanan dhaabadhu Gabri'eeliidha, akkan sitti himuufis, oduu gammachiisaa kanas akkan sitti himuuf ergameen ture.
Kunoo waan yeroosaatti raawwatamu JECHA KOO waan amantee hin fudhanneef, hamma kun raawwatutti duudaa taata; dubbachuus hin dandeessu jedgeen" Luq. 1:19-20
Guyyaa Dilbataa gaarii kan nagaa fi jaalalaa isiniif haata'u.Ameen!!!
(የሉቃስ ወንጌል ምዕ. 1)
19፤ መልአኩም መልሶ። እኔ በእግዚአብሔር ፊት የምቆመው ገብርኤል ነኝ፥ እንድናገርህም ይህችንም የምሥራች እንድሰብክልህ ተልኬ ነበር፤
20፤ እነሆም፥ በጊዜው የሚፈጸመውን ቃሌን ስላላመንህ፥ ይህ ነገር እስከሚሆን ቀን ድረስ ዲዳ ትሆናለህ መናገርም አትችልም አለው።
Taabor ifa uffatte...
Tulluu samiirafi taaboritti waaqamaan Iyyasuus mul'ate ifatti
Tulluun taabor ifa uffate waaqumaan gooftaa mul'ate. ×2
Akka biiftuudha
Fullii isaa ife
Uffanaan gooftaa
Nii calaqqisee
Muuseef Eliyaas
Yoo dubbatani
Taaboor guutame
Ifa guddanii
Armooniyem Taaboor
Gooftaan gammada
Ulfina isaatiif
Ilellee fidaan
Faarfaadhu Taaboor
Tulluu filamte
Uumaa baatterta
Atoo carroomte
Eliyaas dhufe
Bakka jirurra
Museen argame
Sifaana jira
Godoo ijaarrane
As jiraannu
Goofta gaaridha
Sirra adda baanu
Abban samiirra
Jecha dubbate
Icitii dinqii
Ifaan mul'ate
Isaat natti tola
Ilmikoo kana
Isa dhagahaa
Isatti amanaa
Yaiqoop yohaannis
Atis pheexiroosi
Kan isin file
Gooftaa Iyyasuusi
Humna isaa argitan
Taaborirratti
Icitii kana
Baatan addatti
Waggadhaan nugahi yaa waaq nudhagahii×2
Waggadha waggatti nudabarsi yaa goofta nudabarsi
Nagaaf jaalalani
Tokkumaa nuufkenni
Hamarra nu eegii
Diinarra nugolgi
Bara hamaa kana
Oduu wal waraana
Nagaan nuceesisii
Eebbaf nutaasiisii
Wagaadha waggatti
Harmooniyaatti
👉👉 Faaruu Buhee
......Harmooniyaatti......
Taabori Harmooniyaatti
Iyyesuus tulluu gubbaatti
Eeliyaas Musee samiitii
Musee ni kaase du'aatii(2)
@Ceesisa
Dacheen ejjeta milli isaati
Samiinis teessoo ulfina isaati
Hundumaa gochuu utuu danda’u
Dhufe dhalate galanni haa ta'u (2)
@Ceesisa
Kakuu saa eege inni mul'ate
Maariyaam durbeerra fooniin dhalate
Tulluu Taaboritti ifaan golgame
Waaqumma isaatiin itti argame(2)
@Ceesisa
Qaqawwisaanii lafti raafame
Ulfina isaatiif tulluun ni rome
Dumeessis dhufee dachee uwwise
Gooftummaa isaa itti mul’ise (2)
@Ceesisa
Warra achi turan bartoota keessaa
Taate mul'ate argan hunda isaa
Musee fi Eeliyaas ijaan arganii
Waan jedhan dhaban gammachuudhani(2)
@Ceesisa
Arjummaa isaatiin nutti haa mul'atu
Waaqummaa isaatiin hunda kan bitu
Nagaaf Jaalala hundaaf haa laatu
Mootummaa satti nu haa yaadatu(2)
==√||√==
👇👇F.Dn Jaalal Nagaasaa
╔═════════════╗
♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon ♨️
╚═════════════╝
●Gara dubbii keenya isa duraatti haa deebinu, raajii kan ta'e waa'ee #ulfaa'u_garaatti_baachuu dubroo maariyaam akkas jenne haa qorannu,
●Yaa dubroo, yeroo ibiddi waaqummaa gara kee keessa bule, fulli isaa abidda,uffanni isaa abidda,qoloon isas abiddahoo akkamitti si hin dubne
●Qaama xiqqoo osoo taatee jirtuu, golgi labooba abiddaa torba garaa kee keessaa gara kamittis qophaa'ee? Gara kamittis golgamee? Cinaacha lee bitaamoo cinaachakee mirgaatidha?
Abbaa Hiriyaaqos
Akkuma fixa(qariqara) qulqulluu taate, hundeen amantaasidha. Qajeeltuu kan taate amantaan abbootii keenyaa qulqullootaa sidha. Waaqayyoon kan deessefi durbummaadhaan kan jiraattu yaa qulqulleetti jecha Abbaa nuu deesse. Iyyesuus Kiristoos nu fayyisuuf dhufe.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
" Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera."
Qolosaayis 2: 14
" Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkootti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse. "
Efesoon 2: 16
"Namoota addunyaa kanarra jiraatan hundumaaf kan ibsitu ibsaan dhugaa , jaalala namaaf jettee gara addunyaa kanaatti kan dhufte. Uumamni hundumtuu dhufaatii keeti ni gammadu.Addaamiin dogogorarraa deebisteenii, Hewaaniinis hidhaa du'aa jalaa baasteenii , Afuura ittiin dhalannu nuuf kennite, Ergamoota wajjin si galateeffanna."
Qulqulluu Efreem
"በዚህ ዓለም ለሚኖሩ ሰዎች ሁሉ የምታበራ እውነተኛ ብረሃን ስለ ሰው ፍቅር ወደ ዓለም የመጣህ ፍጥረት ሁሉ በመምጣትህ ደስ አለው። አዳምን ከስሕተት አድነኸዋልና ሔዋንንም ከሞት ፃረኝነት ነፃ አድርገሀታልና የምንወለድበትን መንፈስ (ረቂቁን ልደት) ሰጠኸን ከመላእክት ጋርም አመሰገንህ ።
ቅዱስ ኤፍሬም
“ Ammas immoo, "Ati yaa gooftaa jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta,bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetii ti. Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa'u akka wayyaas isaa in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban" jedhe.”
— Ibr. 1:11-12
Akkan hinilaalleef
Ijakoo na jaamsi
Agartuukoo dhorkii
Bira na dabarsi
Akkan hindhageenyeef
Gurrakoo na duuchi
Akkan homaa hinseeneef
Miirakoo hadoochi
Miilakoo gabaabsi
Harkakoo naaffisi
Karaa cubbuun baateen
Bahuu na hanqisi
Bara dhufaa jiru
Isa haaraa kana
Nagaan na bobbaasi
Akkuma baranaa
Dhiifama abdii godhee
Akkan nama himmiine
Waan aduu gadiittis
Akkan of hiniine
Aariidhaan ofgubee
Dhibamaa akka hintaanee
Quufee buburraaqee
Akkan si harkaa hinbaane
Beela'ee rakkadhees
Akkan abdii hinkunne
Afuurakoon laafee
Akkan si harkaa hinkufne
Waanan si kadhadhu
Inni irra-jireessi
Hundumtuu haa fayyu
Haa wal'aanamusi
Biyya lafaa hundaaf
Nagaakee nuu buusi
Qaammee 04, 2016
Finfinnee
//
B𝙖𝙖𝙛𝙖𝙩𝙖 A𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 S𝙤𝙤𝙢𝙖𝙬𝙬𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙗𝙖𝙧𝙖 𝙖𝙧𝙖𝙖𝙧𝙖𝙖 2017.
Читать полностью…"manni kirstaanaa cuuphaadhaan kan tokko ta’an bakka madda faayinaa fi du’aa ka’uu isaanii qaama Kiristoosii"
Qul. Yoohannis afaan waarqee
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.”
— Isa. 9:6
“ሕፃን ተወልዶልናልና፥ ወንድ ልጅም ተሰጥቶናልና፤ አለቅነትም በጫንቃው ላይ ይሆናል፤ ስሙም ድንቅ መካር፥ ኃያል አምላክ፥ የዘላለም አባት፥ የሰላም አለቃ ተብሎ ይጠራል።”
— ኢሳይያስ 9፥6
"ተክለ ሃይማኖት"
TEKLE HAYMAANOOT jechuun BIQILTUU AMANTAA jechuu dha.
Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.
👉 Biqiltuun miidhaginaaf balbala ufii irra dhaabbatan ni jira,
Qulqullichi Tekle Haymaanootis miidhagina amantaa isaatiin biyya keenyaaf miidhagina guddaa nuuf ta'eera.
👉 Biqiltuun urgaa'a isaatiin nama booji'us ni jira,
Qulqullichi Tekle Haymaanootis urgaa'a wangeelaatiin baay'ee keenya Kiristoosiif booji'eera.
👉 Biqiltuun qorcha naamaaf ta'us ni jira,
Qulqullichi Tekle Haymaanootis
Kadhannaan isaa biyya keenyaaf qoricha nuuf ta'eera.
👉 Biqiltuun ol guddatee dagaagee gaaddisa namaaf ta'us ni jira,
Akkuma kanaa Qulqullichi Tekle Haymaanootis eebbaaf kadhannaa isaatiin gaaddisa guddaa nuuf ta'eera.
👉 Biqiltuun firii mi'aawaa naqatee soorata namaaf ta'us ni jira,
Qulqullicha Tekle Haymaanoot irraas firii eebbaa funaannannee nyaanneerra.
Fak.10፥6
Kanaafuu Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.
Baga Waaqayyo kabaja ayyaana yaadannoo boqonnaa Abbaa keenya Teklehaymaanootiin nagaan isin ga'e!
Eebbi isaa hunduma keenya irra oolee haabulu!
Ameen!
Ayyaana gaarii!!!
2️⃣
.....╭✥✥✥✥✥✥✥✥✥╮
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
. Abba Niqoodimoos
...........23/12/2016 B.A
.......Tulluu jireenyaa irraa
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
.....╰✥✥✥✥✥✥✥✥✥╯
#Walaloo
Walaloo afuurawaa mata duree "Dubbadhu" jedhu obboleettii keenya Boontuu Xurunaa tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti!
Har'a galgala (20-12-16) sa'atii 2:00 ALI YouTube Miidiyaa Sootiriyaa irratti nu eegaa!
Tajaajilichi kan hundaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!
Miidiyaa Sootiriyaa👇
➭YouTube►Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg" rel="nofollow">https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg
➭Telegram Channel►/channel/Soteriamedia
➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
"Sanyii dhiira malee waaqayyon kan deesse hojiin garaa dubroo akkam nama haa dinquu? Ergamichi yoseefitti mul'ate "Afuura qulqulluudhaan isheerra kan dhalatu utuu hin jijjiramiin nama kan ta'u jechaa waaqayyodha." jedhee dhugaa ba'eera. Maariyaam gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse."
Qulqulluu Efreem
✝Buhee jedhaa✝
Buhee jedhaa (2)
Kiristaanni hunduu ilil jedhaa
Gooftaan keenya
Umaan addunyaa
Inni nageenya
Garaa laafessaa
●Sagaleesaa nii dhageenya duumeessaa'e ifu keessaa(*2)
●Kunoo ifni buhee nuufisoo nuu ifee(2)
Yaa'iqoob yohaannis
Akkasumas pheexroos
Waaqayyoon argan
Museef Eeliyaas
Abbaanis jedhee
Ilmakoo dhagahaa
Jecha koo dhawoo
Kanan dhale
●●●
Dabra Taaboritti
Ifni mul'atee
Tulluu Qulqulluu
Kan gammachiise
Nagaa Nagaa
Tulluu Taaboriif
Ifni Waaqummaa
Sirratti Ifee
●●●
Itoophiyaanonni
seenaa qabeeyyi
Adaa isaani
Calaqqisiisan
Xomboora ibsanii
Akka abboota isaani
Icciitii waan qabuuf
Sin haa gammachiisuu
●●●
Barattoota isaatiif
Afuura ergee
Itoophiyaanonni
Kennaan ishee guute
Buhee jedhaa
Buhee jedhaa
Kiristaanni hundi
Ilil jedhaa
Waggaan Ayyaan Waggaa " dabaladha" Ayyaan Waggaa
Mana abbaa keenya
Eebbi waaqaa haa seenu
Dammiifi aannani
Itti nuuf haa roobu
Akkuma jirtaniin "Ameen"
Sin hin qoodiin
Kiristoos mirgasaa
Sin haa dhaabu
Dhaaltu mootummaasaa
Sin haa taasisuu
Taaboritti
👉👉 Faaruu Buhee
.........Taaboritti.......
Taaboritti ulfina guddaan Gooftaan mul'ate (2)
@Ceesisa
Museen ni du'e du'aa kaafame
Raajichi Eeliyaas samii ergame
Yaa’iqoob Pheexiros bartoota keessaa
Yohaannis wajjin argan humnasaa
@Ceesisa
Qaqawweessani dacheen raafamte
Humna waaqummaa irra buufate
Surraa Goofticha hunduu uffate
Akka biiftuudhaa ifee mul'ate
@Ceesisa
Pheexiros gammachuun Gooftaa kadhate
As jiraachuuni nuuf ta'a jedhee
Museef Eeliyaas ta'u hubatee
Wajjin jiraachuuf Gooftaa gaafate
@Ceesisa
Duumessa keessaan sagaleen dhufe
Kunoo ilmi koo innin jaalladhe
Jedhee dubbate Abbaan samiirraa
Nutis waan gaarii dhageenyee jirra
@Ceesisa
Guca qabannee kottaa in simanna
Taabor irratti baane jajanna
Hojiinsaa adda du'aa kan kaase
Warra jira wajjin tokko taasise
==√|√==
👇👇F.Dn Jaalal Nagaasaa
╔═════════════╗
♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon ♨️
╚═════════════╝
✝Tokko si'iifi
Tokko si'iifi tokkomoo Museefi×2
Eliyaasifis tokko nan ijaara bultoo kee×2
Armoon ni gammadee uumaisaa arguuni
Taaboor ni golgamee ifa guddadhani
Isaan ni ililchaan ulfina Maqaa isaaf
Gaamachuun faarfataan goofta guddadhaf
Pheexiroos Yoohaanisiif Yaa'iqoobinii
Gooftaan fuudhee deeme gara taaborinii
Ifni ulfinaa isaa isaaniif mul'ate
Calaqisee ifee akka urjii addate
Bartoota isatti hurri itti uwwisee
Haalli yeroo sana baay'ee isaan naasise
Ilmikoo innin jaaldhu isakanaadha
Duumesichaa keessa sagaleen Abbadha
Hurrin erga ifee ofbira ilaalanii
Kiristoos biraatii namoota dhabanii
Wa'een isaa raajiidha maal himamee dhuma
Galata galchuufit nu irra eggama
👇👇Follow
╔═════════════╗
♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon ♨️
╚═════════════╝
Subaaee (Kadhannaa Torboo)
een yeroo addatti kadhannaadhaaf kennamudha. kadhannaa guyyaa torbaan qoqqoodamee kadhatamu yoo ta
Subaau subaa
een tokko guyyaa 7 of keessaa qaba; subaaeen lama immoo guyyaa 14 of keessaa qaba. Kunis bakka kadhannaaf adda ba
etti ijasaan, gurrasaan, arrabasaan kan namni itti soomuu fi kadhatu, akkasumas sagadudha. Subaaeen bakka lamatti qoodama. Inni tokko nama irraa adda ba
uudhaan yeroo murtaaeef qofaatti kadhannaa, soomaa fi sagadaan Waaqayyotti dhiyaachuu (subaa
ee cufaa) yoo tau inni lammaffaa immoo namarraa osoo adda hin ba
in bakka murtaae tokko keessa turani kadhata waadaa, galatoo fi kadhata galgalaan Waaqayyoon tajaajiluu fi yeroo ofii hundumaa tajaajilaaf kennuudha (Subaa
ee banaa).
Subaaeen kan eegalame bara dhalli namaa cubbuudhaan kufe irraa eegaleeti. Yeroo jalqabaatiifis Addaamii fi Hewaaniin eegalame. Guyyaa abboommii Waaqayyoo cabsanii gannata keessaa ari
aman irraa kaasanii gaddaa fi booyicha guddaadhaan gara Waaqayyootti dhiyaachuu isaanii ilaalee Waaqayyo waadaa fayyinaa isaaniif laate. Addaamii fi Hewaanis waada kana abdii godhatanii jireenya abdii qabu eegalan. Raajonni dabaree isaanii eeggatanii subaaee kana itti fufan. Subaa
een kennaa nama irraa fudhatame namaaf deebisiifti; salphina gara ulfinaatti namaaf jijjiirti;xurii cubbuu nama irraa dhiqxi; abdii namarraa fagaate namatti dhiyeessiti.
Subaaeen: Ulee Addaamii fi Hewaan kufaatii keessaa ittiin ka
anii fi karaa isaan ulfina isaanii jalqabaatti ittiin deebianidha.
een: Kennaa Museen taabota waadaa fi seerota Waaqayyoo ittiin fudhatedha.
Subaa
Subaaeen: Fuullee ijaa raajonni ittiin dhalachuu Gooftaa arganidha.
een: Qalama raajaan Izraa kitaabilee kakuu moofaa (Waadaa Duraa) warra gubatanii fi badan deebisee ittiin barreessee fi xoofoo inni ittiin ibsaa ogummaa dhugee kabajamedha.
Subaa
Subaaeen: Meeshaa mo
ichaa Asteer uummata ishee ittiin oolfatte; Mardookiyoos dua oolee Haamaan boolla qotee keessatti ittiin awwaalamedha.
een: Ibsaa qulqulloonni icciitii samii ittiin ilaalanidha.
Subaa
Subaaeen: Kennaa Yohaannis cuuphaa Waaqasaa cuuphuudhaaf ittiin carroomedha.
een: Qormaata biyya lafaa akka ittiin moonuuf, mataa diina keenya seexanaa irra akka ittiin dhaabbannuuf kan Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nu barsiisedha (Mat 4)
Subaa
Subaaeen: Milkii Iyyaaqeemii fi Haannaan haadha ifa addunyaa qulqulleettii dubroo Maariyaamii ittiin argatanidha.
een: Kan duuka bu
Subaaoonnii ittiin dubree Maariyaamii argatanii gadda isaanii irraa ittiin jajjabaatanidha.
een: Kan hibboo keessa keenyaaf furmaata ittiin argannudha.
Subaa
Baga Sooma Filsataatiin isin ga`e! Sugnishee hunduma keenyarra haa bulu.
Ameen!
"Nutis gaa’illi Qulqulluu akka ta’e dhalachuunis xuraa'ina akka hin qabne ni dubbanna. Uumamni akka baayyatuuf Waaqayyoon Addaamii fi Hewaaniin uumeera. Lubbuu foon wajjin hin duunee fi hin tortorre foon keenyaan akka qabnu haa hubannu."
Amakiniyoo duuka bu'ootaa
Guyyaa kaleessa sirna gaa'ela keessan kan raawwattan obboleessa keenya Hinsarmuu fi haati warraakee Durbee Beteleheem baga gammaddan.
Gaa'ela eebbaa fi milkii isiniif haa ta'u. Horaa!